• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 1: Cubbuu

[1-1] Dursinee Waa’ee Cubbuu Keenya Isa Ittii Fayyuu Qabnu Beekuu Nu Barbaachisa (Maarqoos 7:8-9, 20-23)

(Maarqoos 7:8-9)
Yesuus, “Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera muka abbootaatti qabamtan, Seera muka abbaa keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguudhaaf mala ba`eessa argattan” isaan jedhe.
 
(Marqoos 7:20-23)
“Yesus itti fufee, "Isa yaada garaa namaa keessaa ba`utu nama xureessa.  Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba`u; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa, ejjummaa, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummaa, dagattummaa. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba`anii xuraa`aa nama in godhu" jedhe.
 
 
Duraan dursa hiika cubbuu beekuu qabna.  Akkatti Waaqayyo cubbuu hiiku jira, akkatti  namoonni cubbuu hiikan jira. Jechi cubbuu jedhu, afaan Giriikii duriitiin, ‘hamartia’ yeroo jedhamu innis ‘mallattoo irra darbuu’ jechuu dha. Jecha biraatiin dogonggora tokko hojjechuu jechuu dha. Seera Waaqayyo kaa’eef ajajamuu diduun cubbuu dha. Kottaa jalqabatti namni waa’ee cubbuutiif ilaalacha inni qabu haa ilaallu.
 
Cubbuun maali’innii?
Ajaja Waaqayyoof Abboomamuu diduu dha.
 
Cubbuun maal akka ta’e yaada garaa keenyaatiin ni hubanna. Haa ta’uu iyyuu malee, yaadni garaa namaa akkaataa hawaasaa inni keessa jiruu, haala inni ittiin yaadu, haalowwan kennamani fi akkaata yaada garaa namaattii gargarummaa ni qabaata.
Kanaafuu, hiikkaan cubbuu akkaataa namaa-namaatti gargarummaa ni qabaata. Gochaan tokko isa tokko biratti cubbuutti kan lakkaa’aamu isa kaan biratti immoo akkas ta’uu dhiisuu danda’a. Sababii kanaaf Waaqayyo seerota keewwatoota 613 kan ittiin wanti tokko cubbuu fi cubbuu hin taanee isaa ittiin madaalamu kenneera.
 
 
Fakkiin gajjallaa kanaa cubbuu dhala namaa agarsiisa.
 
Seera Waaqayyoo Yaada garaa namaa, hamilee fi aadaa ummataa Seera biyyaa, seera sivilii
 
Yaada garaa keenyaatiin barmaatilee biyya irratti hundoofne cubbuudhaaf gulantaa baasuu hin dandeenyu.
Cubbuun yaada garaa keenyaa akkaataa Waaqayyo ittiin cubbuu ilaalu miti. Kanaafuu, yaada garaa keenyaa dhaggeeffachuun barbaachisaa miti, kanaa mannaa buu’ura seera Waaqayyootiin cubbuu madaaluu qabna.
Tokkoon tokkoon keenya akka mataa keenyaatti waa’ee cubbuuf yaada qabna. Warri kaan akka hir`ina isaaniitti lakkaa’atu, warrii kaan immoo akka amala gadi-dhiisiitti ni yaadu.
Fakkeenyaaf, Kooriyaa keessatti namootni hanga guyyaa du’a isaaniitti hawwaala maatii isaani marga itti uffisanii eeguuf itti gaafatama qabu. Haa ta’u iyyuu malee, Qomoo bara durii Paappu’aa, jedhamu akka hammaatti biyya Gu’iniyaa keessaa immoo maatiin waliin ta’anii bakka hawwaalichaatti ayyaaneffachuudhaan kabaju. (Utuu hin ayyaaneeffatin dura nyaata qalmaa bilcheeffachuu isaanii garuu hin beekamu). Haa ta’u iyyuu malee, raammoon reeffa sana akka hin nyaanneef akka isaan kana godhan ni yaadama. Barmaatilee kana irraa akkaataa namni itti cubbuu hiikkatu naannoo gara naannootti garaagarummaa akka inni qabu ilaalla.
Hojiin uummata tokko keessatti jaallatamaa ta’e isa kaan, biratti immoo hamaa ta’uu dandaa’a. Garuu, Macaafni Qulqulluun abboommii Waaqayyoof ajajamuu diduun cubbuu dha jedha. “‘Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera muka abbootaatti qabamtanittu. Seera muka abbaa keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguudhaaf mala ba’eessa argattan’
 
 
Madaallii Namni Kaa’u Waaqayyo duratti cubbuu dha
 
Cubbuun baay’ee ulfaatu isa kamii?
Dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuu dha.
 
Akka fedha Waaqayyootti jiraachuu dadhabuun cubbuu guddaa dha. Dubbii isaa irraa amantii dhabuu wajjin tokko. Waaqayyo fariisota warra abboommii Waaqayyoo jibbanii akka amaleeffannaa mataaa isaaniitti jiraataa guddaa ceepha’eera. Kun cubbuu of tuulummaa akka ta’e isaanitti dubbatee jira.
“Ati Waaqayyo isa kamitti amante? Inni dhuguma na jajjee ol na qabaa jirta? Maqaa koo ni jajjata, dhuguma na ulfeessita?” siin jedha. Namoonni waan bakkeen mul’atu qofa ilaalanii dubbii isaa callisu. Cubbuun baay’ee ulfaatu dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu dha. Ati kana hubatteetta?
Dadhabbii keenya irraan kan ka’e hojiiwwan seeraan ala ni hojjenna ta’a. Haa ta’u iyyuu malee, inni kun cubbuu bu’uuura hin ta’u. Sababa hanqina keenyaaf balleessaa fi hirrini keenya cubbuu madaaluuf hundee hin ta’u, isaan kun dogoggora adeemsaa ti. Waaqayyo cubbuu fi hirrina namaa iddoo tokkotti hin ilaalu. Warri dubbii isaa tuffatan dogoggora kan hin qabne yoo isaanitti fakkaate iyyuu, cubbamoota gurguddoo jedhamu. Isaan kun Waaqayyoon duratti cubbamoota olaanoo jedhamu. Yesuus kanaaf fariisota guddisee dheekkamaa ture.
Macaafotni seeraa, seera uumamaatii eegalee hanga seera keessa deebiitti, aboommiiwwan hedduun, kana godhi sana hin godhin jedhu. Isaan kun dubbii Waaqayyoo, abboommii isaa ti. Hanga 100% eeguu hin dandeenyu ta’a, garuu akka abboommii isaatiitti ni simmanna. Haa ta’u iyyuu malee, jalqabumaa eegalee waan nuuf kenneef akka sagalee Waaqayyootti simachuu qabna.
“Sagalechi jalqaba waan hundumaa dura ture, Sagalehi Waaqayyo bira ture, Sagalehi ofii isaa Waaqayyo ture.” Sagalichi Ifni haa ta’uu, jedhe ifnis ni ta’e” jedha. Inni waan hundumaa uume. Ergasii booddee immoo seera isaaniif kaa’e.
“Sagalechis nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate, Sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” (Yohaannis 1:1, 14). Egaa, attamitti, Waaqayyo ofii isaa nutti agarsiise? Inni karaa abbommiiwwan isaatti ofiisaa nutti mul’iseera sababiinsaa Waaqayyo sagalee fi hafuura waan ta’eef. Kanaafuu, Macaafa Qulqulluun maal jenna? Egaa dubbii Waaqayyooti jenna.
Iddoo kanatti akkana jedhameera, “Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera namaatti qabamtanittu.” Seerotni kun abbmmoota keewwattoota 613 qabu. Kana godhi sana immoo hin godhiin, abbaa fi hadha kee ulfeessi…kkf jedha. Seera Leewwotaa keessatti, attamitti akka dhiirrii fi dubartiin hojjetan fi yeroo horiin boolla keessatti kuftu maal akka godhamuun malu kkf ni dubbata. Egaa keewwattoota akkanaa 613 tu seerota isaa keessa jiru.
Isaan sababa sagalee namaa hin taaneef, waa’ee isaanii irra deddeebinee itti yaaduu qabna. Abboommiiwwan isaa hunda yoo eeguu dadhabne iyyuu, simannee akka sagalee Waaqayyootti abboomamuufii qabna.
Sagalee Waaqayyoo keessa ergaan sirrii hin taane tokko jira? Fariisonni abboommii Waaqayyoo callisanii seera namootaatti ni qabamu turani. Dubbii abboota isaanii sagalee Waaqayyoo caalaatti ni kabajatu turani. Yeroo Yesuus lafa irra ture, kun wanta inni dhugaa ba’e ture, wanti baayyee garaa isa dhukkubsaa ture isa namoonni sagalee Waaqayyoo cal’isanii dha.
Waaqayyo seerota keewwata 613 nuuf kennun isaa cubbuu keenya ittiin nu hubachiisee dhugaa isaa nutti agarsiisee, qulqulluu Waaqayyo keenyaa akka ta’e nu hubachiisuufii. Nuyi hundumti keenya isa duratti cubbamoota waan taaneef, amantiidhaan Yesuus, isa Waaqayyo jaalala isaatiin nuuf ergetti jiraachuu qabna.
Namoonni dubbii isaa dhiisani fi itti hin amanne cubbamoota jedhamu. Warri sagalee isaa hin eegnes cubbamoota, garuu sagalee isaa callisuun immoo cubbuu bay’ee ulfaatuu dha. Dhumni warra cubbuu ulfaataa akkanaa hojjetanii sii’oliin dhaquu dha. Sagalee isaatti amanuu diduun isa duratti cubbuu hunduma irra caalaa ulfaatuu dha.
 
 
Waaqayyo maaliif seera isaa akka nuuf kenne
 
Waaqayyo maaliif seera isaa nuuf keenne?
Cubbuu keenya ittiin hubannee akka ittiin adabamnuufi
 
Waaqayyo seera isaa nuuf keennuun isaa maaliffii? Cubbuu keenya ittiin hubannee gara isaatti akka ittiin deebinufi. Inni seerota keewwattoota 613 nuuf kennuun isaa cubbuu keenya hubannee karaa Yesuusiin akka fayyinuufi. Egaa Waaqayyo sababii kanaaf seera isaa nuuf kenne.
Roomaa 3:20 akkana jedha, “Seerri cubbuun maal akka ta’e nama hubachiisa.” Kanaafuu, Waaqayyo seera isaa nuuf kennuun isaa ittiin nu dirqisiisuuf miti.
Beekumsi nuyi seera keessaa argannu maali? Guutummaa seerichaaf abboomamuudhaaf dadhaboota akka taanee fi isa duratti cubbamoota akka taane nu barsiisa. Keewwattoota seera isaatii 613 irraa maal barra? Hir’ina keenyaa fi akka seerota kanaatti jiraachuuf dadhaboota ta’uu keenya ni barra. Nuyi, uumamni Waaqayyoo, dadhaboo fi akkasumas fuula isaa duratti guutummaan guutuutti cubbamoota ta’uu keenya ni hubanna. Akka seera isaa kanatti dhumni hunda keenya sii’oliin ta’uu isaa barra.
Yeroo nuyi cubbuu keenyaa fi akka seera isaatti jiraachuufis dadhabootaa akka taanee hubannu, maal goona? Nama guutuu ta’uudhaaf yaalii goona? Lakki. Akka cubbamoota taane hubachuu qabna, Yesuusitti amanuudhaan, karaa wangeela bishaanii fi hafuuraa fayyinee isa galateeffachuu qabna.
Seera isaa nuuf kennuun isaa akka nuyi cubbuu keenya simannee sababii eeguu dadhabnuufis adaba isaaf ta’u akka nuyi ittiin beeknuufi. Kanaafuu, utuu Yesuusitti hin amaniin firdii sii’ooliin ooluu akka hin dandeenye ni hubanna. Yesuus fayyisaa keenya akka ta’e yoo amanne ni fayyina. Waaqayyo sseera isaa nuuf kennuun isaa dadhabina keenya hubannee fayyisaa keenya Yesuusiin akka ittiin barbaaddannuuf.
Waaqayyo guutummaa guutuutti cubbamoota ta’uu keenya akka ittiin hubannuu fi cubbuu akkanaattiis akka fayyinuuf seera kenne. Inni seera isaa nuuf kennee tokkicha ilma isaa nuuf ergee nu fayyisuudhaaf karaa cuuphamuu isaa cubbuu keenya hunda gara ofii isaatti fudhate. Isatti amanuun nu fayyisa.
Nuyi cubbamoota abdii hin qabne, cubbuu keenyattii fayyuudhaaf Yesuusitti warra amanuu qabnu, ijoollee isaa taanee waan hundumaan ulfina isaaf jiraanna.
Karaa sagalee isaa waan hundumaa ni ilaalla, sababiinsaa wanti hundinuu isa biraa waan argamaniif. Akkasumas dhugaa fayyinaa karaa sagalee isaatii hubachuu qabna. Kun amantii sirrii fi dhugaa dha.
 
 
Laphee Dhala Nama Keessa Maaltu Jiraa?
 
Waaqayyo duratti maal gochuu qabnaa?
Cuubbuu keenya simannee fayyuu dhaaf Waaqayyotti amanuu qabna.
 
Amantiin dubbii isaa irraa eegala, nuyis karaa sagalee isaatii isatti amanuu dandeenya. Yoo akkana hin ta’u ta’e, dogoggora keessa buuna. Innis adeemsa karaa malee fi amantii dhugaa hin taane ta’a.
Fariisonnii fi Saduuqonnii bartoonni Yesuus harka xuriidhaan buddeena nyaachuu isaanii yommuu argan, akkaataa dubbii Waaqayyootti ilaalaniiru utuu ta’e silaa akkasitti isaaniin hin ceepha’aaman turan. Sagaleen kun kan inni nutti dubbatu wanti bakkee dhaa garaa namaatti galuu lubbuu namaa akka hin xurreessinee nu hubachiisa, sababiin isaa garaacha keessa darbee inni kaan booliidhaan ba’a, inni kaan immoo sirna qaama nama ijaarutti darba malee, laphee tuguu waan hin dandeenyeef.
Marqoos 7:20-23 irratti akkuma barreeffame, “Yesus itti fufee, ‘Isa yaada garaa namaa keessaa ba’utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama ni godhu” jedhe. Dubbiin kun namoonni cubbuudhaan waan dhalataniif cubbamoota ta’u jechuutti hiikama.
Kun maal jechuu akka ta’e hubatteetta? Cubbamoota taanee dhalanneerra, sababiin isaa nuyi hundumti keenya sanyii Addaam waan taaneef. Garuu dhugaa kana hubachuu  hin dandeenyu, sababiin isaa dubbii isaa hunda waan hin fudhanneef ykn waan itti hin amanneef. Egaa, keessi garaa namaa maali?
Kutaan olitti kenname kun, “Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii ni ba’a, isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattummaa” akka ta’e ni ibsa. Hamminni hundinuu garaa namootaa keessaa ba’aanii deebi’anii isaanuma ni xurreessu. Waaqayyo gara namootuma akkanaa kana fayyisuu jaallate.
Macaafa faarfannaa keessatti akkanatti galmaa’ee jira, “Ani gara bantiiwwan Waaqa keetii, warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji’aa fi urjoota, warra ati dhaabdee yeroon ilaaluu ati akka isa yaadattuuf namni maalii, ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maalii?” (Faarfannaa 8:3-4).
Waaqayyo ofii isaatiin maaliif nu do’ata? Inni sababa nu jaallatee nu uumee fi nuun cubbamoota gara laafummaan waan nu ilaaluuf. Cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaasee saba isaa nu godhateera. Mootichi Daawwit bara kakuu moofaa keessatti Waaqayyo fayyisaa cubbamootaa ta’uu isaa yeroo hubate, “Gooftaa keenyaa, biyya lafaa kana hundumaa irraa, waaqota irrattis maqaan kee attami gaarii dha!” jedheef faarfachuun isaa kanaafii.
Kakuu Haaraa keessattis, ergamaan Phaawulos kanuma irra deebi’ee jedheera. Nuyi uumamni, ijollee uumaa ta’uun keenya wanta baay’ee nama ajaa’ibsiisuu dha. Kun karaa jaalala inni nuuf qabu qofaan kan ta’ee dha. Kun jaalala Waaqayyoo ti.
Guutummaan guutuutti akka seera Waaqayyootti jiraachuudhaaf yaalii gochuun baayyee  rakkisaa akka ta’e hubachuu qabna. Kun yaadni of tuulummaa keenyaa cal’isuu keenya irraa kan madduu dha. Seera isaa eeguuf wal’aansoo yeroo goonu akka sanatti jiraachuufis cimsinee kadhachaa, kara biraa immoo jaalala isaa ala jiraachuun sirrii hin ta’u. Of beeknee seera duratti cubbamoota akka taanee hubannee kan fayyisu wangeela bishaanii fi dhiiga isaatti amannee fayyuun keenya fedha Waaqayyooti.
Waa’ee mataa keenyaa sirriitti hubachuuf irra deeddeeinee Mark 7:20-23 irratti kan barreeffamee jiru haa ilaallu,   “Yesus itti fufee, ‘Isa yaada garaa namaa keessaa ba’utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeessuu, ejja, sassata, hammina, haxxummaa, gadi dhiisii, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama in godhu”jedha.
Yesuus wanta yaada nama keessaa ba’u, cubbuutu  nama  xuressa jedha. Kanaafuu nyaata Waaqayyo nuuf kennee kamiin iyyuu yoo nyaanne hafuura keenya hin xureessu. Uumamni hundinuu qullaa’aa dha, garuu wanta keessa namaatii ba’u, namaa, in xureessa. Nuyi sanyii Addaam irraa kan dhalannee dha. Kanaafuu, nuyi maaliin dhalanne? Gosa cubbuu kudha lamaan kanaan dhalanne. Kun sirrii miti? Kun sirrii dha.
Egaa, utuu cubbuu hin godhin jiraachuu ni dandeenya? Nuyi cubbuudhaan waan dhalanneef yeroo hundumaa cubbuu ni goona. Sababii seera isaa beeknuuf cubbuudhaa alaa jiraachuu ni dandeenya? Abboommii isaa eegnee jiraachuu ni dandeenya? Raawwannee hin dandeenyu.
Ammuma seeraan jiraachuudhaaf yaalii goonu, rakkinnii  cimaan nutti dhufa. Yaada keenya isa darbe isa moofaa akka dhaabnee fi hir’ina keenya hubachuu qabna. Kanaafuu, yaada gadi deebi’aadhaan, isa nu fayyisu, cuuphamuu fi dhiiga isaa simachuu qabna.
Keewwattooleen seeraa 613 n hundi isaanii gaarii fi qajeeloo dha. Garuu namoonni yeroo garaa haadha isaanii keessaa turan iyyuu cubbamoota. Seerri Waaaqayyoo gaarii akka ta’e huabannee, garuu immoo nuyi cubbamoota ofii keenyaan qajeelota of gochuu kan hin dandeenye taanee akka dhalannes yeroo hubannu, araara jaalala Waaqayyoo isa karaa Yesuus wangeela bishaanii, dhiigaa fi hafuuraa akka nu barbaachisu hubanna. Hir’ina keenya- isa ofii keenyaan qajeelota of gochuu hin dandeenye fi sababii cubbuu keenyaaf sii’oliin akka dhaqnu yeroo hubannu-waan tokkollee gochuu dhiifne fayyisuu Yesuus irratti hirkanna jechuu dha.
Yoo akkas goone ooluu ni dandeenya. Ofii keenyaan Waaqayyo duratti sirrii fi gaarii of gochuu akka hin dandeenye haa beeknu. Kanaafuu, Waaqayyo duratti cubbamoota sii’oliif kaa’aman akka taanee amannee, “Yaa Waaqayyo, cubbuu koottii na fayyisi araara keetiinis na ilaali” jennee gara laafummaa isa kadhachuu dandenya. Yeros, Waaqayyo sagalee isaatiin nu quunnama. Haala kanaan, fayyuu dandeenya.
Kottaa kadhannaa Daawwitiin ni ilaalla. “Ati dubbii dubbatteen qajeelaa, firdii faraddeenis qullaa’aa ta’uun kee in beekama” (Faarfannaa 51:4).
Daawwiti cubbamaa hammaataa isa sii’olitti gadi darbatamu akka ta’e ni beeka ture, garuu Waaqayyoon, “Yaa Gooftaa, yoo ati cubbamaa dha jettee na waamte, ani cubbamaa ta’a. Yoo ati qajeelaa dha naan jette, ani qajeelaa ta’a. Yoo ati na fayyifte, nan fayya; yoo ati immoo sii’olitti na ergite, dhumni koo isuma ta’a” jedhe.
Kun amantii sirrii ta’ee fi karaa ittiin fayyanii dha. Egaa akka kanatti of yaaduu qabna, fayyisuu Yesuusitti amanuuf abdii qabna yoo ta’e kan ni goona.
 
 
Cubbuu Keenya Sirriitti Beekuu Qabna
 
Nuyi hundi keenya sanyii Addaam waan taaneef, laphee keenya keessa hawwii cubbuutu guutee jira. Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo maal nutti dubbata? Inni akka nuyi hin ejjine nutti dubbata yoo yaadni ejjaa laphee keenya keessa jiraate iyyuu. Yaadni ajjechaa laphee keenya keessa jira, haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo maal nutti dubbata? Inni akka nuyi hin ajjeefne nutti dubbata. Nuyi warra keenya ni rakkifna, haa ta’u iyyuu malee, inni akka nuyi isaaniin ulfeessinu nutti dubbata. Sagaleen isaa gaarii fi qajeelaa akka ta’e hubachuu qabna, garuu laphee keenya keessa cubbuun guutee jira.
Kun sirrii dha moo sirrii miti? Sirrii dha. Kanaafuu, Waaqayyo duratti maal gochuu qabna? Nuyi kuusaa cubbamootaa fi abdi dhabeeyyii akka taane amanuu qabna. Kaleessa cubbuu hin hojjenne waan taaneef qajeelaa turre jennee ni yaadna yoo taane sirri hin taanu. Altakkaa cubbamoota taanee dhalanneerra. Waan gaarii meeqa iyyuu yoo hojjenne cubbuu jalaa ba’uu hin dandeenyu. Sababii kanaaf hojii Gooftaan nuuf hojjeeen malee fayyina argachuu hin dandeenyu.
Sababii hojiiwwan cubbuu kan akka: Alalummaa, ajjeechaa, hanna, ejjaa kkf…goonu qofaaf osoo hin taane  cubbamoota taanee waan dhallanneefi. Cubbuu gosa kudha lamaa fudhanne dhalannee ija Waaqayyoo duratti cubbamoota taanee waan dhalanneef, yaalii keenyaan gaarii ta’uu hin dandeenyu. Yoo akkas of goona ta’e akkasumaan gaariitti of fakkeessuu dha.
Yaada cubbuutiin dhalanneerra, cubbuu mul’ataa hin hojjenne yoo taane iyyuu attamitti qajeelaa ta’uu dandeenya? Ofii keenyaan Waaqayyoon duratti qajeelaa of gochuu hin dandeenyu. Qajeelota yoo ofiin jenne, kun of tuulummaa dha. Yesuus Farisotaa fi Saduuqotaan, “of tuultota Fariisotaa fi Saduuqotaa” jedhe. Dhalli namootaa cubbamoota ta’anii dhalataniiru waan ta’eef bara isaanii guutuu Waaqayyo duratti cubbamoota.
Eenyu iyyuu ani nama hin lollee ykn nama  hin rukkunne ykn limmoo tokk o iyyuu eenyuun duraa hin hanne waanan ta’eef cubbuu hin qabu jedhee kan yaadu ni soba/di sababiin isaa namni kamiyyuu cubbamaa ta’ee waan dhalateef. Namni akkas jedhu sobaa, cubbamaa fi of-tuulaa dha. Kun akkaataa Waaqayyo ittiin isa/ishee ilaaluu dha.
Tokkoon tokkoon namaa dhalachuu isaatii eegalee cubbamaa dha. Cubbuu mul’ataa tokko iyyuu hin goonee yoo ta’e illee, carraan kee sii’oliin ta’a. Seerotaa fi abboommiiwwan yoo eegdee iyyuu, ati cubbamaa sii’oliin dhaqaa jirtuu dha.
Egaa, carraa akkasii nu eeggatu kanaaf maal gochuu qabna? Araaraa Waaqayyoo kadhachaa cubbuu keenyattii fayyuuf isatti hirkachuu qabna. Yoo isatti hin amannu ta’e, gara sii’oliin dhaquu keenya. Carraan nuti qabnu kanuma.
Warra dubbii Waaqayyoo fudhatan qofaatu akka cubbamoota ta’an amanu. Isaan kun amantiidhaan qajeelota akka ta’anis ni keeku. Kanaafuu, dubbii isaa cal’isanii itti amanuu dhiisuun cubbuu ulfaataa akka ta’e ni beeku. Warri sagalee isa fudhatan, yoo duraan cubbamoota ta’ani iyyuu amma qajeelota ta’u. Isaan warra dubbii isaattii lammaffaa dhalatani fi warra hunduma irra caalaa eebbifamanii dha.
 
 
Warri Hojii Isaaniitiin Fayyuuf Yaalii Godhan Amma Iyyuu Cubbamoota
 
Erguma Yesuusitti amananii booda iyyuu kan cubbamoota ta’an eenyu fayii?
Warra hojii dhaan fayyuuf yaalii godhanii dha
 
Kottaa Galaatiyaa 3:10 fi 11 ni dubbifnaa. “Warri waan seerri isaan irraa barbaadu hojjechuuisaanii abdatan, abaarsa jala jiru, caaffanni qulqulla’aan: ‘namni wanta macaafa seerichaa keessatti barreeffame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraannee abaaramaa dha!’ in jedha. Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee akka hin lakka’aamne mul’ataa dha, ‘namni amantii dhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee jireenya dhugaa ni argata.’”
Akkas jedhameera, “…namni wanta macaafa seerichaa keessatti barreeffame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraannee abaarmaa dha.” Yesuusitti nan amana jedhanii, hojii dhaan qajeelota ta’uuf warri yaalii godhanis abaaramoo dha. Warri hojii isaaniitiin qajeelota ta’uuf yaalii godhan eessa jiru? Isaan kun abaarsa Waaqayyoo jala jiru.
Waaqayyo maaliif seera nuuf kenne? Inni akka nuyi cubbuu keenya ittiin hubannuuf seera nuuf kenneerra (Roomaa 3:20). Akkasumas inni guutummaan guutuutti cubbamoota sii’oliif qophaa’an akka taanes beekuu keenya ni fedha.
Cuuphamuu Yesuus, ilma Waaqayyootti, amaniitii bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhaladhu. Achumaan, cubbuu keettii ni fayyita, qajeelaas ni taata, jireenya barabaraas ni argatta, gara waaqaas ni dhaqaxa. Laphee kee keessaa amantii qabaadhu.
 
 
Cubbuu of Tuulummaa Biyya Lafaa Keessaa
 
Biyya lafaa keessaatti Cubbuu of tuulummaa isa kamii?
Seera jalatti jiraachuu
 
Nuyi amantiidhaan eebba isaa keessatti warra qababnnee dha. Waaqayyo warra dubbii isaatti amanan fayyisa.
Har’a, amantoota keessaa, warri seera eeganii jiraachuuf yaalii godhan jiru. Seera eeganii jiraachuuf inni isaan yaalii godhan bayeessa, garuu attamitti danda’aama?
Warrii seera eegnee jiraanna jedhanii yaalan gowwoota akka ta’an hubachuu qabna. Ammuma nuyi yaallu, rakkinni nutti dhufa. “Amantiin dhaga’uu irraa dhufa, kan dhagaa’amus dubbii Waaqayyoo dha.” Kanaafuu fayyuu dhaaf of tuulummaa keenya kutuu qabna.
 
 
Fayyuu dhaaf eenyummaa mataa keenyaa keenyaa dhaabuu qabna
 
Fayyuu dhaaf maal gochuu qabna?
Sadarkaa mataa keenyaa keenyaa dhaabuu qabna.
 
Namni attamitti fay ya? Yeroo namni sun cubbamaa ta’uu isaa mirkanneeffatu/ttu dha. Namoota baayyeen sababii akkaataa amantii isaanii fi yaalii hojiitiin fayyuu of keessaa hin baafneef kan hanga ammaatti hin fayyiin jiran.
Warri seera jalatti of hidhaniin abaaramoo jedha. Erga Yesuusitti amananii booda seera eeguudhaan irraa-jalaan warri qajeelota taana jedhanii amananis abaramoo dha. Isaan Waaqayyotti amananii jiru, karaa biraa immoo fayyuu dhaaf seericha bakkaan ga’uu qabna jedhanii yaadu.
Yaa firootaa, hojii keenyaan qajeelaa ta’uu ni dandeenya? Dubbii Yesuusitti amanuu qofaan qajeelota taana; akkaaataa kana qofaanis fayyina. Cuuphamuu Yesuusitti amantii qabaachuu, dhiiga isaa fi sadan tokkummaatti amanuu dhaan fayyina.
Waaqayyo karaa qajeelummaa ittiin argannu irra nu buusuudhaaf seera amantii nuuf qopheesse. Fayy’inni bishaanii fi hafuuraa hojii namootaa irra hin dhaabbatu, inni amantii dubbii Waaqayyoo irratti hundaa’a. Waaqayyo karaa amantii nu fayyise, inni immoo akeeka Waaqayyo karaa fay’ina guutuu ittiin nuuf qopheessee dha.
Warri akkasumaan Yesuusitti amanan maaliif hin fayyani? Sababiin isaa dubbii fay’ina bishaanii fi hafuuraa waan hin fudhanneefi. Garuu, nuyi warri akka isaaniitti guutuu hin taane, karaa amantii sagalee Waaqayyoo fay’ina ni arganna.
Namoonni lama dhagaa daakuu lama irratti ni hojjetu yoo ta’e, inni tokko erga fudhatamee booddee iyyuu inni booddeetti hafe ni hojjeta. Inni booddeetti hafe isa hanga ammaatti hin fayyin jiru ni oggana. Inni tokko fudhatamee inni kaan immoo maaliif booddeetti hafaa?
Sababiin isaa inni tokko sagalee Waaqayyoo dhaga’ee itti amaneera, inni kan immoo seera eegee ittiin fayyuudhaaf utuu ittiin hojjetuu dhuma irratti sii’olitti gadi bu’a. Namni kun gara Waaqayyootti daa’imaa ture, Waaqayyo garuu akka darabiin miilla isaatti ol ba’aa jirtuutti lakkaa’ee isa/ishee naasise. Namni yaalii seera eeguudhaan Waaqayyoon quunnamuuf itti ni daa’ima yoo ta’e, gara sii’olitti gadi bu’uun isaa/shee waan oolu miti.
Sababii kanaafi kan nuyi amantii bishaanii fi hafuuraatiin fayyuu qabnuuf.
“Warri waan seerrii isaan irraa barbaadu hojjechuu isaanii abdatan, abaarsa jala jiru, caaffanni qulqullaa’aan ‘Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafameo hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne abarmaa dha!’ in jedha,’” “Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuu dhaan Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee akka hin lakk’aamne mul’ataa dha, ‘namni amantii dhaan fuula Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee jireenya dhugaa ni argata’” (Galatiyaa 3:10-11, Roomaa 1:17).
Dubbii Waaqayyootti amanuu dhiisuun isa duratti cubbuu dha. Itti dabalees, akkuma qulqul’ina jireenya nama tokkoottis sagalee Waaqayyoo call’isuun cubbuu dha. Nuyi dhalli namaas seera isaa dandeenyee hin eegnu, sababiinsaa cubbuudhaan waan dhalanneef bara jirannu hundumaatti cubbamaa taanee jiraanna. Iddoo kanatti cubbuu xiqqoo hojjenna yoo ta’e iddoo biraattis akkasuma hojjenna, bakka itti adeemnu hundaattis akkasuma goona. Nama foonii waan taaneef cubbuudhaaf furmaata akka hin qabne  hubachuu qabna.
Dhalli namaa akka xaa’oo keeshaa ciramaa tokko keessa jiruuti. Yeroo baachuuf yaal’u, karaa nuyi itti adeemnu hundaatti ni arca’a. Nuyi egaa nama akka kanaati. Iddoo adeemnu hundumaatti cubbuu arcaasaa adeemna. Fakkii isaa kaasuu ni dandeessa?
Amma iyyuu qulqulluu akka taatetti of fakkeessaa jirta? Yoo sirriitti ofii kee barte, yaalii waa’ee hin baafnee akkanaa dhaabdee cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanta.
Warri hanga ammaatti lammaffaa hin dhalatin jiran yaada isaanii dhiisanii Waaqayyo duratti cubbamoota gadadamoo akka ta’an amanuu qabu. Yoo kana godhan sagalee isaa hubatanii karaa inni lammaffaa isaan dhalachiisee fayyinaan isaan ga’u bira ga’uu ni danda’u.