(Marqoos 7:20-23)
“Yesus itti fufee, "Isa yaada garaa namaa keessaa ba`utu nama xureessa. Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba`a; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa, ejjummaa, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummaa, dagattummaa. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba`anii xuraa`aa nama in godhu" jedhe.
Namoonni yaada hin qabatamne, manama keessa jiru
Sirriitti eenyutu fayya jettee yaadda?
Nama gutummaan guutuutticubbamaa akka ta’etti of-lakkaa’u.
Hunda dura, gaaffii tokkon si gaafachuu jaalladha. Attamitti ofii kee ilaalta? Gaarii immoo gadheetti ofii kee yaadda? Maalis ofitti fakkaatta?
Namootni hundinuu jireenya manamaa keessa jiru. Yookaan akka of yaadanitti gadhee hin ta’an ta’a, yookaan immoo akka gaariitti of yaadanis hin ta’an ta’a.
Egaa, eenyutu jireenya amantii fooyyaa’aa geggeeffata jettee yaadda? Nama ofiisaa gaariitti lakaa’uu dhaa moo? Nama ofiisaa gadheetti lakaa’uu dha?
Isa booddanaa ti, nama ofii isaa gadheetti lakkaa’u jechuu dha. Ammas gaaffii kan biraa sin gaafadha. Eenyutu fayya jettee yaadda? isa cubbuu baayyee hojjetu dhaa mo ? isa cubbuu muraasa hojjetu dha? Nama isa cubbuu lakkaa’amuu hin dandeenye qabutti ofii isaa yaadutu fayya, sababiinsaa akka nama cubbuu guddaa qabuutti waan of lakkaa’eef gara Gooftaa dhaquun isaaf ni salphata. Namni akkasii dubbii fayyinaa karaa Yesusiin qophaa’ef caalchisee ni hubata.
Dhugaadhumatti yoo of ilaalle, nuyi cubbuudhaan akka guutamnee jirru mirkanaa’aa dha. Dhalli namaa maal inni? Namni ‘sanyii hamtugootee’ dha. Isaayaas 59 keessatti, gosti jallinaa hundi yaada garaa namaa keessa akka jiru ni ibsa. Kanaafuu, namni tuullaa cubbuu ta’uun isaa ifaa dha. Haa ta’u iyyuu malee, dhala namaa akka tuullaa cubbuutti yoo ibsine, namoonni baayyeen ni mormu. Garuu, dhala namaa akka inni ‘hamtugootee’ ta’etti ibsuun hiikkaa sirrii ta’a. Amanamuummaadhaan ofii keenya yoo ilaalle, sirriidhumatti dhaloota hamaa ta’uun keenya nuu gala. Warri ofii isaanitiif amanamoo ta’an yaada kana irra ga’uun isaaniif barbaachiisaa dha.
Haa ta’u iyyuu malee, namoonni baayyeen tuullaa cubbuu akka ta’an kan hin fudhanne fakkaatu. Hedduun isaanii eenyummaa isaanii akka cubbamootaatti of hin fudhatani. Haa ta’u malee, nuyi hamtugootee waan taaneef, qarooma cubbuudhaan guute uumneerra. Kun dhugaa miti yoo ta’e, cubbuu gochuutti hin qaanofna turre. Amma garuu, baayyeen keenya yeroo cubbuu hojjennu hin qaanofnu.
Yaadni garaa keenyaa garuu ni beeka. Namni hundinuu, yaada garaa isaatti, “Kun qaanii dha” jedhee itti ni qabaata. Addaamii fi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda mukeetii keessa ofii isaanii dhoksani. Har’as, yakkamtoonni baayyeen hamaleeffannaaㅡ cubbuu dhala namaa keessa of dhoksu. Firdii Waaqayyoo jalaa ofdhoksuudhaaf yakkamtoota akka isaanii keessas ofdhoksu yaalu.
Namoonni yaada isaanii isa hin qabatamneen gowoomfamaniiru.Warra kaan caalaatti akka wanta jaallatamaniitti of lakkaa’u. Kanaaf, yeroo oduu gadhee tokko dhagaa’an, “Attamitti namni waan akkasii godha? Namni attamitti waan akkasii hojjeta? Mucaan attamitti waan akkasii warra isaa irratti hojjeta?” ni jedhu. Ofii isaaniitii waan akkasii akka waan hin hojjenneetti of amanu.
Jaallatamoo Obbolootaa, mataa ofii sirriitti beekuun baayyee rakkisaa dha. Dhugaadhumatti ofii keenya beekuudhaaf, dursinee dhiifama cubbuu fudhachuu qabna. Beekumsa waa’ee amala namummaa keenyaa argachuun yeroo baayyee nu gaafata, baayyeen keenya hanga gaafa du’a keenyaatti of hin beekin hafna.
Ofii kee bari
Warri ofii isaanii hin beekne attamitti jiraatu?
Isaan of tuulummaadhaan cubbuu isaanii dhokfatanii jiraatu.
Yeroo tokko tokko namoonni ofii isaanii dhugaatti hin beekne nu mudatu. Sookireet “Ofii kee bari” jedha. Garuu, baayyeen keenya wanta laphee keenya keessa jiru hin beeknu: Ajjeeftuu, hattuu, hawwituu, hamoo, gowwoomsitoota, albaadheyyoota, warra foon namaa nyaatan….
Namni ofii isaa hin beekne summii bofaatu arraba isaa/ishee irra jira garuu gaarummaa isaa immoo ni dubbatu. Sababiin isaa namni sun akka cubbamaa/cubbamtuu ta’ee dhalachuu isaa/shee waan hin beekneefi.
Biyya lafaa kana irra kan eenyummaa uumama isaanii hin beekne hedduu tu jiru. Isaan gowwoomsaa ofii isaaniitiin of ukkaamsanii jireenya isaanii of jalaa ni ni ukkaamsu. Isaan kun sababa gowwoomsaa-mataa isaaniif jireenyi isaanii sii’ol keessatti akka darbachaa jiranis hin hubatani.
Namoonni bara isaanii lafa irraatti cubbuu dhangalaasaa jiraatu
Maaliif isaan gara sii’oliin dhaquu?
Sababiinisaa ofii isaanii waan hin beekneefi
Kottaa Maarqoos 7:21-23 in ilaallaa. “Isa yaada garaa namaa keessaa ba’utu nama xureessa yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba’a isaan immoo halalummaa, hanna, nama ajjeechaa, ejjummaa, sassata, hammina, haxxummaa, gad dhiissi, weennoo, nama salphisuu, of-tuulummmaa, dagattumma. Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba’aanii xuraa’aa nama in godhu jedhe.” Namni garaa haadha isaa keessatti erga guddachuu jalqabee eegalee garaan isaa yaada hamaatiin kan guutamee ta’a.
Kottaa mee garaan namaa akka birciqqoo urataa dhangala’aa xurii yaasuutti in yaadnaa. Namni sun yeroo adeemu, fuula duraa fi booddee isaa maaltu ta’aa? Dhangala’an xurii (cubbuu) sun iddoo inni dhaquu hundumaa waliin ni ga’a. Yeroo namni sun deemuu hunda, cubbuun irra deddeebi’ee iddoo hundumaa waliin ga’a.
Nuyi, warri tuullaa cubbuu taane jireenya keenya akkuma kanatti jiraachifachaa jirra jechuudha. Bakka adeemnu hundaatti cubbuu coccobsina. Bara jireenya keenya hundaatti cubbuu hojjenna sababiinsaa tuullaa cubbuu waan taaneef.
Rakkoon isaa nuyi tuullaa cubbuu akka taane waan hin hubanneef, yookaan immoo jecha biraatiin, sanyii cubbuu waan taaneef. Nuyi tuullaa cubbuu taanee waan dhalanneef laphee keenya keessaa yeroo hundumaa cubbuu qabna.
Nuyi tuullaa cubbuu guutee irra dhangala’uutti in fakkeeffamna. Namni garuu, dhugumaan cubbuu dhaalaa akka qabu hin amanu. Isaan akka namni biraa gara cubbuutti isaan oofeetti yaadu malee, ofii isaaniitii akka waan nama gadhee ta’aniitti hin hubatan.
Akka maadaalliitti kan isaan kaa’atan nama qulqulluu cubbuu hin hojjenne of gochuu dha. Yeroo cubbuu hojjetan hundumaatti baayyisanii ni boo’u, akka wanta isaan cubbuu kana keessaa hin qabneettis ofitti ni dubbatu. Erga ofii keenya ni qulqulleeffanna ta’e, fayyisaa maaliif barbaadna ree? Nuti raawwannee ofii keenya qulleessuu hin dandeenyu. Egaa kanaafuu cubbuu hojjechuu itti haa fufnuu ree? Lakki, Irra deddeebinee cubbuuttii of gulleessuuf akka dubbii Waaqayyootti dhaabbachuu qabna.
Akkuma birciqqoon yoo guutu dhagalaasu namni cubbuudhaan waan guutameef gara itti adeemuu hundumaatti dhangala’aa adeema. Kanaafuu, bakkee isaa irraa axaa’uun waan fayyadu hin qabu. Bakkee isaa hojii gaarii agarsiifnee si’a meeqa yoo miiccine iyyuu, faayidaa hin qabu, hanga birciqqoon sun cubbuu dhaan guutee jirutti.
Nuyi cubbuu dhaan guutamnee waan dhalanneef lapheen keenya duwwaa ta’uu hin danda’u; rakkinni isaa hammam akka nuyi ittiin kufne miti. Kanaafuu, bara jireenya keenya hundumaattuu cubbuutti jirra jechuu dha.
Namni tokko tuullaa cubbuu ta’uu isaa hin hubatu yoo ta’e, cubbamaa/tuu akka ta’an dhokfachuu ittuma fufu. Cubbuun laphee namaa keessa ni taa’a, bakkee isaa dhiquu dhaan nama irraa hin sokku. Cubbuu tokkotti yeroo buunu, huccuudhaan ni axoofna ammas yemmuu nu mudatu, haxooftuudhaan…fooxaa ni axoofna, itti fufnees waan kana fakkaatuun of irraa qulleessina. Abdiidhaan cubbuu haxaa’uu keenya yeroo itti fufnu ni qulqullaa’aa, garuu ammas irra deddeebi’ee ni guuta.
Kun amma yoomiitti itti fufa jettee yaadda? Amma gaafa du’a nama sanaatti ittuma fufa. Amma gaafa guyyaa du’a isaaniitti namoonni cubbuu isaaniittii hiikamuu hin danda’ani. Sababii nuyi fayyuudhaaf Yesuusitti amannuuf kanaafi. Fayyuudhaaf immoo jalqaba ofii keenya beekuu qabna.
Jaalala Yesuusiin kan guddisee fudhachuu danda’u eenyuu dhaa?
Cubbamoota warra dogoggora hedduu akka qaban amananii dha.
Kottaa nama lama birciqqoo lama xuriin kan guutamee jiruutti fakkeessinee ilaalla. Birciqqoon lamaanuu cubbuu dhaan kan guutamanii dha. Inni tokko ofii isaa ilaalee, “Ani nama cubbamaa akka kanaati” jedhe. Achuma dhaabee, nama isa garagaaru barbaaddachuu dhaqe.
Garuu namichi inni kan biraa akka dhuguma hamaa ta’etti ofii isaa hin yaadne. Tuullaa cubbuu laphee isaa keessatti arguu hin dandeenye, kanaafuu akka cubbamaa ta’e hin yaadne. Gar tokkoon irraa axaa’ee, gara kaanis axaa’ee….ariitiidhaan gara isa kaaniitti… utaale.
Namoonni baayyeen jireenya isaanii of eeggannoon qabaatanii jiru, hanga dandaa’ametti cubbuu xiqqeessuudhaan akka inni irra hin dhangalaane ni godhu. Garuu ammuma iyyuu cubbuun laphee isaanii keessa waan jiraatuuf, wanti gaarii ta’u maalii? Of eeggannoon gara Waaqayyootti nama hin dhi’eessu. “Of eeggachuun” ittii hiikamuuf yaaluun caalaatti iyyuu karaa sii’ol irra bu’uu dha.
Yaa michootaa, “Of eeggachuun” cubbuuttii hiikamuu yaaluu gara sii’olitti kan nama geessuu dha. Barumsa kana laphee keenyatti fudhachuu qabna. Namoonni yeroo of eeggatan, cubbuun isaanii badaa irra yaa’ee hin dhangala’u ta’a, garuu isaan ammuma iyyuu cubbamootuma.
Garaa namaa keessa maaltu jira? Cubbuu? Rakkoo naamusaa? Eeyyee! Yaada hama? Eeyyee! Hannatu caalaa? Eeyyee! Oftuullummaa dha? Eeyyee!
Egaa gargaaruu hin dandeenyu, garuu tuullaa cubbuu akka taane, addumaan cubbuu fi jal’ina mataa keenyaatu utuu itti hin yaadin akkanan godha jennee hin yaadin balleesssaa keenya akka ta’e amanuu dha.
Yeroo dargaggummaa keenyaatti ifa nuu ta’uu dhiisuu danda’a. Garuu yeroo dulloomaa deemnu maal fakkata? Yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, Kolleejjii, fi kkf dhaqnu wanti nuyi laphee keenya keessaa qabnu cubbuu ta’uu isaa gara hubachuutti dhufna. Kun dhugaa miti? Dhugaan yoo dubbanne, jireenya cubbuu keenyaa dhoksuu hin dandeenyu. Sirrii dha? Gargaaruu osoo hin taanee akka inni guutee irra hin dhangalaane qofa ittisna ta’a. Egaa ni gaddina, “Sana gochuu hin qabnu” jenna. Haa ta’uu iyyuu malee, akka jijjiiruu hin dandeenye ni argina. Kun maaliif ta’a? Sababiinsaa hundumti keenya tuullaa cubbuu taanee waan dhalanneefi.
Of eeggachuudhaan qulqulloota ta’uu hin dandeenyu. Wanti nuyi beekuu qabnu fayyuudhaaf tuullaa cubbuu taanee akka dhalanne amanuu dha. Cubbamoota warra fayyina karaa Yesuus fudhatan qofaatu fayya.
Warri, “Ani hir’uu baayyee hin qabu ykn immoo baayyee hin yakkine,” jedhanii yaadan Yesuus cubbuu isaanii akka irraa fuudhee hin amanan waan ta’eef warri akkanaa sii’oliif kan qophaa’anii dha. Hundumti keenya tuullaa cubbuu akka of keessaa qabnu beekuun barbaachisaa dha, sababiinsaa isumaan waan dhalanneefi.
Namni tokko, “Ani cubbuu baayyee hin hojjenne, ishee kana qofaattii yoon fayyuu danda’e” jedhee yoo yaade, isaan booda cubbuutii bilisa ni ta’a? Kun hundee ta’uu hin danda’u.
Kan fayyuu danda’u nama akka tuullaa cubbuutti of simate/tte dha. Warra dhugumaan Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa kaasee du’aa isaatiin gatii cubbuu fannoo irratti akka kaffaleetti kan amane/amantee dha.
Yoo fayyines yoo hin fayyine ta’es, yaada qabatamaa hin taane keenya keessa galuun keenya hin oolu. Nuyi tuullaa cubbuu ti. Kun eenyummaa keenya mullisa. Kan fayyuu dandeenyu yeroo nuyi Yesuus cubbuu keenya akka inni nu irraa kaasee amannu qofaa dha.
Waaqayyo warra ‘Cubbuu xiqqoo’ akka qabanitti of yaadan hin fayyifne
Eenyu inni Gooftaa Goowwoomsuu?
Warra guyyaa-guyyaatti dhiifama cubbuu fedhanii dha
Waaqayyo warra ‘cubbuu xiqqoo’ qofa qabna ofiin jedhan hin fayyisu. Waaqayyo warra, “Ani cubbuu xiqqoo qofaan qaba’ ofiin jedhan hin millatu. Kan inni araara itti agarsiisu, warra “Waaqayyo, ani tuullaa cubbuu dha. Ani gara sii’oliin dhaqaan jira. Adaraa na fayyisi” ittiin jedhan fayyisa. Cubbamoota warra, “Waaqayyoon, kanan fayyuu yoo ati nafayyifte qofaa dha. Kanaan booda qalbii diddiirrannaaf kadhachuu hin danda’uu sababiin isaa ani akkan of gargaaruu hin dandeenye bareera, kanaan danda’u cubbuu koo itti fufuu qofaa dha. Kanaaf adaraa na fayyisi” jedhan qofaatu fayyina bira ga’a.
Waaqayyo warra gutummaan guutuutti isa irratti of gatan fayyyisa. Ani ofii kootiiyyuu guyyaa guyyaatti kadhannaa qalbii diddiirrannaa godhachuuf yaalii godheera, haa ta’u iyyuu malee kadhannaan qalbii diddiirrannaa cubbuu koo irraa bilisa na gochuu hin dandeenye. Kanaafuu, Waaqayyoon dura jilbeeffadheen, “Waaqayyo, adaraa gara laafinaan na ilaali cubbuu koo hundumaattii na fayyisi” jedheen kadhadhe. Warri akka kanatti Waaqayyoon kadhatan in fayyu. Isaan gara fayyisuu Waaqayyoo fi gara amantii Yohaannis cuuphaan cuuphamu Yesuusiin in dhufu. Isaan kun in fayyu.
Waaqayyo warra akka tuullaa cubbuu, gartee hamtuu gooteetti ofii isaanii tilmaaman fayyisa. Warra, “Ani cubbuu xiqqoo kana hojjedheera. Adaraa ishee kana naaf dhiisi,” jedhan amma iyyuu cubbamoota, Waaqayyoos isaan hin fayyisu. Waaqayyo warra guutummaan guutuutti akka tuullaa cubbuutti ofii isaanii simatan fayyisa.
Isaayaas 59:1-2, akkan jedha, “Kunoo harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga’uu hin dadhabne. Yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessanii tiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise.”
Egaa sababii akka tuullaa cubbuutti dhalanneef, Waaqayyo jaalalaan nu ilaaluu hin dhiifne. Sababii harki isaa gabaabbateef miti, gurri isaa sababa itti ulfaateef mite, yookaan immoo gaaffii dhiifama cubbuu keenya waan dhaga’uu dadhabeef miti.
Waaqayyo, “Yakka keessantu anattii gargar isin baase; cubbuun keessanis fuula koo isin jalaa dhokse, kanaaf hin dhaga’u” jedha. Sababiin isaa cubbuu baayyee laphee keenya keessa qabna, teessoo Waaqayyoo seenuu hin dandeenyu, yoo hammam banamaa ta’e iyyuu.
Nuyi, warri tuullaa cubbuu taane, akkuma cubbuu hojjenneen dhiifama yommuu gaafannu, Waaqayyo irra deddeebi’ee ilma isaa ajjeesuu qaba jechuu dha. Waaqayyo kana gochuu hin qabu. Inni, “Guyyaa hundumaa cubbuu kee baadhattee hin rakkatin. Ani cubbuu kee hundumaattii si fayyisuudhaaf ilma koo sii ergeera. Wanti ati gochuu qabdu akkaataa inni ittiin cubbuu kee si irraa kaase hubattee dhugichatti immoo amanuu dha. Innis, fayyuudhaaf wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuu dha. Yaa uumama koo, jaalalli olaanaa ani siif kenne isa kana” jedha.
Wanti inni nutti dubbatu kana. “Ilma kootti amanii dhiifama cubbuu ni argatta. Ani, Waaqni kee, cubbuu kee fi irra-daddarbaa kee hundaattii si fayyisuudhaaf ilma koo sii ergeera. Ilma kootti amaniitii fayyi” jedha.
Warri tuullaa cubbuu ta’uu isaanii dagatan cubbuu xiqqoo hundumaaf dhiifama kadhachaa adeemu. Ba’aa ulfaataa cubbuu isaanii utuu hin hubatin dursanii adeemanii akkana jedhanii kadhatu, “Adaraa kee cubbuu xiqqoo kana anaaf dhiisi. lammaffaa hin hojjedhuutii” jedhu.
Kadhannaa akkanaatiin isa gowwoomsuu yaalu. Cubbuu altokko qofa hojjenna miti, amma gaafa du’a keenyaatti ni hojjenna. Kanaafuu, bara jireenya keenyaa hundumaatti dhiifama cubbuu kadhachuu qabna sababiinisaa cubbuu dhaabuu hin dandeenyu hanga gaafa du’a keenyaatti foonni keenya harkaa seeraa jalatti waan hojjetuuf.
Cubbuu xiqqoo dhaaf dhiifama argachuun rakkoo cubbuutiif furmaata hin argachiisu sababiin isaa guyyaa guyyaan cubbuu lakkaa’amee hin dhumne waan hojjennuuf. Kanaafuu, karaa nuyi cubbuuttii bilisa ta’uu dandeenyu cubbuu keenya hunda gara Yesuusitti dabarsuudhaan.
Umamni namaa maayinnii?
Tuullaa cubbuu
Macaafni qulqulluun cubbuu ilmaan namaa gadi fageenyaan ni ibsa: “Harka keessan dhiigaan barruu keessanis yakkaan xureessitaniittu; afaan keessaniin soba in dubbattu, arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageesiftu. Namni firdii qajeelaadhaan adeemu, namni dhugaa dhaan faradus tokkoillee hin jiru. Isin dubbii waa’ee hin baafne in amanattu, sobas in dubbatu; hammina garaa keessa in kaa’attu; jal’inas garaa keessan keessatti in baadhattu. Isin akka nama hanqaaquu mar’ataa cabsee ilmoo ishee yaasuu ti, akka nama fo’aa sariitii fo’uu tis; namni utuu hin beekiin hanqaaquu sana yoo nyaate in du’a. Hanqaaquu isa cabu keessaa immoo ilmoo bofaatu ba’a. Fo’aan sarriitti isin fo’attan uffata hin ta’u, isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan; hojiin keessan nama rakkisuu duwwaa dha, harka keessaniin waan hamaa in hojjettu. Isin ja’lina hojjechuutti in fiigdu, dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuuttis in ariifattu; yaadni keessan jal’aa dha, gara itti adeemtanittis hojiin keessan diiguu fi balleessuu duwwaa dha; lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan, daandii keessan irras firdii qajeelaan hin jiru; karaa jallaa irra in adeemtu, namni yaada keessan duukaa bu’us nagaa hin qabu” (Isaayaas 59:3-8).
Yaadni namaa jal’inaan kan faalamee bara jireenya isaani guutuu cubbuutti jiraachuu dha. Wanti isaan godhan hundinuu hamaa dha. Akkasumas arrabni isaanii ‘soba ni dubbata.’ Wantoonni afaan keenya keessaa ba’an hundinuu soba. Yakka namni hojjetu yakka seexannii hojjetu wajjin wal fakkaata.
“Seexanni yeroo soba haasa’u, qabeenya ofii isaatii irraa fuudhee haasa’a” (Yohannis 8:44). Warrii lammaffaa hin dhalanne akkana jechuu jaallatu, “Ani dhugaan sitti dubbachaa jira…. Ani haqan sitti dubbataa jira. Wanti ani dubbachaa jiru dhugaa dha….” Haa ta’u iyyuu malee, wanti warra kaan dubbatan hundinuu dhugaa miti jedhu. Akkanatti barreeffameera. “Seexanni yeroo soba haasa’u, qabeenya ofii isaatii irraa fuudhee haasa’a.”
Namoonni amantii isaanii dubbii Seexanaa irra waan kaa’ataniif soba dubbatu. Namni hammina ulfaa’ee jal’ina dhala. Hanqaaquu bofaa ni hanqaaqa, fo’aa sariitiis ni fo’a. Waaqayyo akkana jedha, “Kan hanqaaquu ofii isaa nyaatu ni du’a, isa cabe keessaa immoo darabiitu ba’a.” Hanqaaquu darabiitu laphee keessan keessa jira jedha. Hanqaaquu bofaa! Laphee keessan keessa hamminatu jira. Sababii nuyi wangeela bishaani fi dhiigaan faayyinuuf kanaafi.
Waa’ee Waaqayyoo dubbachuu yeroon jalqabu, namootni tokko, “Adaraa kee waa’ee Waaqayyoo natti hin haasa’in. Yeroon waan tokko hojjechuudhaaf yaalu, cubbuun ana irraa dhangala’a. Akka lolaatti ni yaa’a. Iddoo hundumaatti utuun cubbuu of irraa hin dhangalaasin tarkaanfiis hin fudhadhu. Homaa waa gochuu hin danda’u. Ani cubbuudhaan kanan guutamee dha. Ani nama abdii hin qabnee dha. Kanafuu waa’ee qulqulluu Waaqayyoo natti hin haasa’in” jedhu.
Egaa namichi kun ofii isaatii akka tuullaa cubbuu ta’e amaneera, garuu Waaqayyo wangeela jaalalaatiin akka raawwatee fayyise hin barre. Kanaaf warra akka tuullaa cubbuu ta’an of beekanii gara Gooftaa dhufan qofaatu fayya.
Kun dhugaa dha. Tokkoon-tokkoon namaa bakka itti adeemu hundumaatti cubbuu dhangalaasaa adeema/adeemti. Cubbuun bakka hundumaatti irra ba’ee dhangala’a, sababiinsa namni tuullaa cubbuu waan ta’ef. Wanta akkasii kanatti karaa nuyi ittiin fayyinu karaa humna Waaqayyoo duwwaa dha. Kun egaa dinqii dha mitii? Yeroo gaddanitti, yeroo gammadanittis kan cubbuun isaanii irra guutee dhangala’u ykn haala mijataa keessa jiraatan iyyuu karaa Gooftaa Yesuus Kiristoos qofa fayyu. Yesuus nu fayyisuudhaaf dhufe waan dhufe.
Inni cubbuu keenya hundumaa nu irraa haxaa’eera. Kanaaf akka tuullaa cubbuu taate amaniitii fayyi.