• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 2: Seera

[2-1] Waan hundumaa akka seeraatti yoo hojjenne, nu fayyisuu ni danda’u? (Luuqaas 10:25-30)

(Luuqaas 10:25-30)
“Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka’ee, Yesuusiin, ‘Yaa barsiisaa, jireenya barabaraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?’ jedhee gaafate. Yesuus immoo deebisee, “seera keessatti maaltu caafamee jiraa? Namootaaf attamitti dubbifta?” jedhee isuma gaafate. Kana irratti namichi, “garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee Goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta’a” jedhee deebise. Yesuus immoo deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!” jedheen. Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa of gochuu barbaadee, “nama isa kam?” jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuus immoo deebiseefii, namni tokko Yerussaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeemani.’”
 
 
Rakkoo hunduma irra caalaa namni qabuu maali?
Dogoggora hin qabatamne keessa
 
Luqaas 10:28, “in jirraattaa kana raawwadhu.”
Namoonni dogoggora isaaniif hin hubatamne hedduutiin geggeeffamaa jiru. Kanaaf namni raawwatee gadadamaa dha. Beektota fakkaatu garuu salphaatti gowoomfamanii akka hamaa ta’an iyyuu utuu hin barin hafu. Akka of hin barre taanee dhalanneerra, garuu akka of barreetti hojjenna. Sababii namoonni ofii isaanii hin beekneef, macaafni qulqulluun yeroo hundumaa akka nuyi cubbamoota taane nutti dubbata.
Namoonni cubbuun isaanii akka jiru ni hasa’u. Akka namni waan gaarii gochuu hin dandeenyees ni fakkeessu, ofii isaaniitii immoo gaarii akka ta’aniitti of in lakkaa’u. Ar’aba isaaniitiin cubbamoota akka ta’an yoo dubbatam iyyuu, hojii gaarii qabaniin of jajanii of ni agarsiisuu jaal’atu.
Namni wanta hamaa isa keessa jirus ta’e waan gaarii isa keessa jiru hin hubatu.  Kanaaf nama ni gowwoomsu ofii isaanis ni gowwoomfamu. “Kottaa, guutummaan guutuutti hamaa ta’uu hin dandeenyu. Wanti gaariin tokko keessa keenya jira” jedhu.
Bu’uuruma kanaan, nama kan biraa ilaalanii akkana ofiin jedhu, “Abalu. akka inni waan sana hin hojjenne nan hawwan ture. Utuu inni wanta sana hin goone ta’ee silaa isaaf gaarii ture. Utuu akkaataa sanatti dubbatee silaa isaaf baa’yee gaarii ture. Akkaataa kanatti utuu wangeela lallabee silaa isaaf gaarii ture. Inni ana dura fayy’ina argateera, kanaafuu warra dhihoo fayyan caalaatti hojii gaarii hojjechuu qaba ture jedheen yaada. Ani dhihoon fayy’ina argadhe, garuu utuun baay’ee baradhee, isa caalaatti waan gaarii nan hojjedha” jedhanii yaadu.
Bakka rakkatan hundaatti garaa isaanii keessatti haaduu qaru. “Xinnoo obsi. Akka ani si hin fakkaanne in argita. Akka waan ana dura jirtuutti ni yaadda ta’a, obsi. Macaafa qulqulluu keessatti warri booddee isa duraa in ta’u jedhamee barreeffameera. Kun immoo ana irratti hojii irra oola. Obsi si agarsiisa” jedhu. Namoonni akkas jechuudhaan ofii isaanii in gowoomsu.
Namni tokko bakka nama biraa ta’ee, akkuma kanatti ni deebisa yoo ta’e ammayyuu itti faradaa jira jechuu dha. Iddoo lallabaa irra yommuu dhaabbatu, akkuma tasaa dadhabaa ta’uu isaa of in arga, sababii kennaa isaa gararraatti of ilaaleef. Namni waan gaarii gochuu ni dandaa’aa jedhamee yommuu gaafatamu, namoonni baay’een afaan isaaniitiin hin dandaa’amu jedhani ni deebisu. Garuu garaa isaanii keessatti immoo, akka waan dandeetti qabaniitti waan of lakkaa’aniif yaada of gowwoomsu keessa jiru. Hamma gaafa obbaafataniitti gaarii ta’uufis yaalii godhu.
Garaa isaanii keessatti ‘gaarummaan’ jiraatee waan gaarii sana immoo gochuu akka dandaa’aniitti of yaadu. Isaanumti iyyuu gaarii akka ta’aanitti of ni amanatu. Bara jabina amantii isaanii osoo gargar hin baasin, keessumatti tajaajila hojii Waaqayyoo keessatti fiixa ba’umsa warra agarsiisan gidduutti, “kana sana Gooftaafan hojjedha”jedhanii ni yaadu.
Jireenya keenya keessaa Gooftaa baafnee, dhuguma waan gaarii gochuu ni dandeenya? Nama keessa gaarummaan jiraa? Hojii gaarii hojjenne jiraachuu ni dandeenya? Dhalli namaa waan gaarii gochuuf dandeettii hin qabu. Ofii isaanitiin waan gaarii hojjechuuf yeroo yaalii godhan, cubbuu hojjetu. Erga isatti amananii booda Yesuusiin ala ofii dhuma isaaniitiin waan gaarii gochuuf yaalii godhu. Nu keessa kan jiru waan hamaa qofaa dha, kanaaf wanti nuyi shaakallu waan hamaa duwwaa dha. Ofii keenyaan (nuyi warri fayyine iyyuu), kan nuyi goonu cubbuu qofaa dha. Kun dhugaa namummaa foon keenyaati.
 
Guyyaa hundumaa maal hojjenna, gaarii moo hamaa?
Hamaa
 
Kitaaba galataa keenya keessa, ‘maqaa Yesuusiin jajadha,’ kan jedhu faarfannaa akkana jedhu tokkotu jira, “♪Yesuusiin ala nuyi gadadamoo dha. Akka doonii batoo malee galaana ce’uu ti♪” jedha. Yesuusiin ala, wanti nuyi goonu cubbuu qofaa dha sababiinsaa nuyi uumama hamoota waan taaneef. Hojii qajeelummaa qabu hojjechuu kan dandeenyu erga fayyinee lammaffa dhalanne booddee dha.
Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hamaa isa ani hin jaallanne garuu nan hojjedha” (Romans 7:19). Namni Yesuusiin wajjin jira yoo ta’e, rakkoo hin qabu, garuu homaa ittii hin qabu/du yoo taate, Waaqayyoon duratti hojii gaarii hojjechuu barbaada/ddi ta’a. Haa ta’uu iyyuu malee, hammuma namni sun yaalii akkanaa godhu, ammuma sana waan hamaas hojjeta malee gaarii gochuu hin danda’u.
Mootichi Daawwti waa’ee  amala isaa wajjin dhalate akkana jedha ture. Yeroo biyyi isaa nagaa fi sooruma argate, galgala tokko, gamoo bashannanaatti ol in ba’e. Achi irra taa’ee dhaqna isa qoru tokko argee saal quunnamtiitti kufe. Yeroos  dhimma Gooftaa waan irraanfate fakkaata? Hamalli isa wajjin dhalate kun guddaa isa qore. Inni dhugumaan hamaa dha. Kanaaf Batshebbaa wajjin ejjee, Uriyaa abbaa manaa ishee immoo in ajjeesise, garuu kana hundumaa hojjetee hammina ofii isaatii hin argine. Sababii ija foonii isaatiin ilaaleef.
Guyyaa tokko raajichi Naataan gara isaa dhaqee, “Namoonni lama mandara tokko keessa turan. Isaan keessaa inni tokko sooressa, inni kaan immoo hiyyeessa. Inni sooressi hoolota bay’ee fi saawwan baay’ee qaba; inni hiyyeessi garuu ilmoo hoolaa guddifachuuf bitate tokko malee, homaa tokko iyyuu hin qabu; isheen harka isaatiin ilmaan isaa wajjin in guddatte, midhaan inni nyaatu irraa in nyaatti, qodaa inni keessaa dhugu keessas ni dhugdi turte; inni gudeeda isaa irratti ishee in baata, isheenis isa irra in rafti, inni akka intalaatti ishee in ilaala ture. Gaaf tokko keessummaan namicha sooressa sanatti in dhufe; namichi hoolaa fi saawwa baay’ee qabu keessaa tokko fuudhee, keessummaa isatti dhufe sanaaf nyaata qopheessuu mararsiifatee, iddoo isaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessaa sana fuudhee keessummichaaf nyaata in qopheesse” (2 Samuel 12:1-4) ittiin jedhe.
Daawwit, “Namni kana godhe dhugumaan du’utu ta’af!” jedhee deebise. Daawwit namicha sanatti aaree boba’ee akkana jedhe, namichi hoolaa fi saawwa baay’ee qabu sana keessaa tokko fuudhee, keessummaa isatti dhufee nyaata qopheessuuf in mararsiifate. Qooda isaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sana fuudhee keessummichaaf nyaata in qopheesse. Kanaf namichaaf du’atu malaaf!” jedhe. Naataan kana irratti, “Namni kana godhe si” ittiin jedhe. Yesuusiin duukaa buunee isaa wajjin hin deddeebinu yoo taane, warrumti lammaffaa dhalatani iyyuu waan hamaa akkana gochuu danda’u.
Namni hundinuu akkuma kana, warrumti amanamoo ta’an iyyuu. Yesuusiin ala yeroo hundumaa waan suukanneessaa fi hamaa hojjenna. Kanaaf Yesuus baayyina hammina nu keessaa utuu hin ilaalin waan nu fayyiseef yeroo hundumaa irra deddeebinee isa galateeffachuu qabna. “♪Fannoo dhiiga isaa jalattan boqochuu barbaada♪”jennee faarfannaa galataa isaaf haa dhi’eessinu. Lapheen keenya dhiiga fayyisuu Yesuus jalatti in boqota, garuu dhiiga isaa dhiifnee gara ofii keenyaatti yoo deebine, boqochuu hin dandeenyu.
 
 
Waaqayyo Seera duratti Qajeelummaa Amantii nuuf kenne
 
Amantii moo seera duukaa bu’uutu dursa?
Amantii
 
Ergamaan Phaawulos Waaqayyo jalqabatti qajeelummaa amantii nuuf kenneera jedha. Innis Addaamii fi Hewwaaniif kenne, Qaa’yin, Abeel, Seet fi Nohi, Abraaham, Yisihaaq, itti fufees Yaaqoobii fi ijoollota isaa kudha lamaaniif kenne. Seera malee iyyuu, isaan karaa qajeelummaa amantii isa dubbii isaa keessaa argamuun Waaqayyo duratti qajeelota ta’aniiru. Isaan eebbifamanii karaa amantii dubbii isaatii boqonnaa argatan.
Sanyiin Yaaqoob biyya Misiriitti waggoota 400f sababii Yooseefiif garbummaa jala turan. Ergasii immoo Waaqayyo karaa Musee achii isaan baasee biyya Kanaanitti isaan geesse. Haa ta’u iyyuu malee, bara garbummaa waggoota 400 sana keessa qajeelummaa amantii ni hir’anfatani.
Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo dinqii isaatiin galaana diimaa keessa isaan ceesisee lafa onaa keessa isaan adeemsise. Yeroo isaan iddoo onaa (cubbuu) sana ga’anitti, Waaqayyo tulluu Siinaa irratti seera kenneef. Inni seerrota isa abboommii kurnanii fi keeyyata seera gad fageenyaan kan qabu 613 in kenneef. Innis akkana jedhe, “Ani Waaqayyo Waaqa keeti, Waaqayyo isa kan Abrahaam, Yisihaaq fiYaaqoobi. Museen gara tulluu Siinaatti ol haa ba’u,” S eericha fuuchuuf ol haa ba’u jechuu Isaa ti.Yeroo sanatti, Israa’eliif seera kenne.
Akka isaan cubbuu gargar baasanii ittiin hubataniif seera isaa isaaniif kenne ‘hubannoo cubbuu akka qabaataniif’ (Roomaa 3:20). Inni qajeelummaa fi qulqullummaa isaa ittiin mul’isuudhaaf wanta jibbuu fi jaallatu gargar baasee isaan hubachiisuu dhaaf ture.
Sabni Israa’el warri biyya Misiritti waggoota 400f garbooman hundinuu galaana diimaa ce’aniiru. Isaan Waaqa Abraahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaa’qoobiin sirriitti hin hubanne. Waan isatti hin amanneef isa beekuu dadhaban.
Waggoota 400f garbummaatti yeroo jiraatanitti, isaan qajeelummaa Waaqayyoo in irraanfatani. Yeroo sanatti, isaan geggeessaa hin qaban turani. Yaaqoobii fi Yooseef geggeesitoota isaanii turani, haa ta’u iyyuu malee erga isaan obbaafatanii sabni sun qajeelummaa amantii keessaa argamu dagachaa adeemani. Yooseefis ijoollee isaa Minaassee fi Efireemitti dabarsuu waan dadhabe fakkaata.
Kanaaf, isaan qajeelummaa isaa waan irraanfataniif irra deebi‘anii Waaqa isaanii barbaadanii isa quunnamuutu isaan irra ture. Kanaaf Waaqayyo dursee qajeelummaa amantiif isaaniif kenne, booda immoo erga isaan amantii irranfatanii booda akka inni seera kenneef hubachuu qabna. Gara ofii isaatti isaan deebisuudhaaf seera kenneef.
Saba israa’eliin fayyisee dhuunfaa isaa isaan godhachuudhaaaf, akka isaan dhaqna qabatan isaanitti hime.
Kaayyoon waamicha isaatii akka inni jiru akka isaan beekaniif akka inni seera isaaniif kenne akka hubataniif ture, lammaffaatti immoo, isaan waan hudnumaa dura cubbamoota akka ta’an akka isaan hubataniifi. Waaqayyo akka isaan gara isaa dhufanii kara sirna aarsaa inni isaaniif kenneen fayyanii akka isaan saba isaa ta’aaniif ture. Inni saba isaa isaan godhateera.
Sabni Israa’el sirna aarsaa karaa seeraa isaaniif kennameen Masihii isa dufuuf jirutti amanuudhaan fayyu. Haa ta’uu iyyuu malee sirnii aarsaa sunis yerootti dhi’eessuu dadhabameera. Yeroo kun ta’es ni ilaalla.
Luqaas 10:25 keessatti, ogeessi seeraa Yesuusiin qore tokko caqafameera. Innis warra fariisotaa keessaa ture. Fariisonni sun makaraarsioota (conservatives) warra seeraan Waaqayyotti jiraachuuf yaalii cimaa godhanii dha. Isaan biyya isaanii oolchuuf yaalii erga godhanii booda seera Waaqayyootti jiraachuu barbaadu. Egaa, isaan warra biyya isaaniif baay’ee inaafanii dha, mul’ata isaanii kanas bakkaan ga’achuudhaaf dhimmanii fincila in kaasu, hirkattummaa warra Roomaa jalaa ba’uudhaafis cimanii in yaadu.
 
Yesuus eenyuun quunnamuu barbaadaa?
Cubbamoota warra eegumsa hin qabne
 
Amantiin kana fakkaatu bara ammaa keessa iyyuu jira. Dhaadannii sochii uummataa kanneen ‘cunqurfamoota addunyaa oolchaa’ jedhu geggeessan jiru. Isaan Yesuus Iyyeeyyii fi cunqurfamoota fayyisuuf dhufe jedhanii amanu. Mana Barumsaa Dubbii Waaqayyoo (Seminrariitti) erga baratanii booda, hojii siyaasaa keessatti hirmaatanii, hawaasa keessaa ‘warra gataman’ oolchuuf sochii godhu.
Isaan warra, “Kottaa seera isa qulqullaa’aa fi araara qabeessaatti in jiraannaa…dubbii isaatiin seerichatti in jiraannaa jedhaniidha.” Haa ta’u iyyuu malee, hiikkaa seeraa sirriitti hin hubatanne. Qubee seeraatti jiraachuudhaaf yaalii godhu, mul’ata seera Waaqayyoo immoo hin hubatan.
Kanaaf, dhalachuu Kiristoos dura waggoota 400f raajiin, tajaajilaan Waaqayyoo hin jiru jechuu ni dandeenya. Sababii kanaaf, isaan akka beellada eegduu hin qabnee turan.
Isaan egaa dhuguma seeras geggeessaas hin qaban. Of tuultota geggeesitoota amantii bara sanaatiin Waaqayyo ofii isaa hin mul’ifne. Biyyichi bulchiinsa warra Roomaa jalatti bitamee ture. Kanaafuu, Yesuus Israa’eloota warra lafa onaa keessatti isa duukaa bu’aa turaniin ani garaa duwwaa gadi isaan hin dhiisu jedhe. Inni saba eegumsa hin qabne sanaaf garaan isaa in gadde, sababiinisaa yeroo sanatti rakkina akkasii kan qaban hedduu waan turaniifi.
Ogeeyyiin seeraa fi kanneen hojii isa fakkaatu irra turan warra mandaroota bulchan turani; fariisonni sun toora amala Yihudootaa irra warra adeeman turani. Isaan baay’ee of tuulu turani.
Barsiisichi seeraa sun Luqaas 10:25 keessatti “Jireenya barabaraatti galuuf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee Yesuusiin gaafate yaada isaatti Saba Israa’el keessaa namni amma koo ga’u hin jiru jedhee waan yaade fakkaata. Kanaaf barsiisaan seeraa sun (yeroo sana hin fayyine) Yesuusiin dura dhaabbatee, “Jireenya barabaraatti galuuf maal gochuutu a naaf ta’a?”  jedhee gaafate.
Barsiisaan seeraa sun calaqqee jireenya keenyaati. Inni Yesuusiin, “Jireenya barabaraatti galuuf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee gaafate Yesuus immoo deebiseefii, “seera keessatti maaltu caafamee jira? Attamitti dubbifta?” ittiin jedhe.
Kana irratti, “garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuu dhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis, Waaqayyo kee Goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta’a” jedhee deebiseef.
Innis,“Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraattaa kana raawwadhu”ittiin jedhee deebiseef. Yesuus “Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraattaa kana raawwadhu” ittiin jedhe.
Namichi dinsireen cubbuu sun waan gaarii gochuu kan hin dandeenye Yesuusiin dura dhaabbate. Gooftaanis “seera keessatti maaltu caafamee jira? Attamitti dubbifta?”  jdhee isa gaafate.
 
Seericha attamitti dubbifatte?
Nuyi namoota cubbamoota seera eeguu hin dandeenye dha.
 
“Seericha attamitti dubbifatte?”  ittiin jedhe. Yesuus Kutaa kana keessatti, namni tokkos, siinis anas dabalatee, attamittiin akka seera barre fi hubanne nu  gaafata.
Akkuma bara ammaatti namoonni baay’een godhan, barsiisaan seeraa sun Waaqayyo seera akka inni eeguuf akka inni kenneefitti hubateera. Kanaafuu akkana jedhee deebise, “garaa kee guutudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis, Waaqayyo kee Goofticha jaallachuutu siif ta’a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif i in ta’a” jedhe.
Seerichi dogoggora hin qabu. Inni seera muda hin qabne nuuf kenneera. Inni garaa keenyaan, humna fi Iireenya keenya guutuudhaan Goofticha akka jaallannu fi namas akka  mataa keenyaatti akka ofii keenyaatti akka jaallannu nutti dubbata. Garaa keenyaan, humnaa fi yaada keenya guutuudhaan Goofticha jaallachuun gaarii dha, garuu abboommiin qulqull’aa kun nu biratti danda’ee hin eegamu.
“Seericha attamitti dubbifatte?” akkana jechuun seerichi qajeelaa fi sirrii dha, garuu kana attamiitti hubbatta? Barsiisaan seeraa sun Waaqayyo akka inni seericha eeguuf akka isatti kennetti hubateera. Haa ta’uu iyyuu malee, Waaqayyo seera nuuf kennuun isaa hir’ina keenya akka ittin hubannnee jal’ina keenya akka arginuufi. “Cubbuu hojjetteetta. Utuu ani hin ajjeesin jedhuu ati mmoo ajjeefteetta. Maaliif anaaf hin abboomamne?” jedha seerichi.
Seerri garaa namaa keessatti cubbuu bakkeetti baasa. Fakkeenyaaf utuun karaa irra adeemaa jiruu, luxxee bishaataan lafaa arga. Waaqayyo seera isaatiin luxxee kana fuutee hin nyaatin naan jedha. “Yoo kana goote ani nan jibba jedha.”  Ati immoo, “eeyyee, yaa Waaqayyo. Lafichi kan abbaa abaluu ti, kanaafuu, fuuchuu hin qabu. Dhuguma yaa Waaqayyo” jettee dhugaa ni galachita, haa ta’u iyyuu malee fudhattee immoo ni nyaatta.
Battala sanatti akka hin fuune dhageenyee utuu jirruu, ilaalcha fudhu jedhutu nu keessa bula. Yeroo shiboo raaphisuu tokko gadi qabnu, inni immoo futta’ee ol jedha. Cubbuun namootaas kana fakkaata.
Waaqayyo akka nuyi waan hamaa hin hojjenne nutti dubbata. Waaqayyo gutuu fi qulqulluu waan ta’eef inni kana gochuu ni danda’a. Kara kan biraa immoo, ‘haala kamiin iyyuu’ cubbuu dhiisuu hin dandeenyu akkasuma ‘haala kamiin iyyuu’qulqulluus ta’uu hin dandeenyu. ‘Haala kamiin iyyuu’ waan gaaris garaa keessaa qabaachuus hin dandeenyu. Seerii Waaqayyoo jecha ‘haala kamiin iyyuu’ kan jedhu irratti kan hundaa’ee dha. Maaliif? Sababiinisaa garaan namaa hawwiidhaan waan guutee jiruufi. Hawwii keenyaaf furmaata gaarii fiduu hin dandeenyu. Ni ejjina sababiin isaa fedhiin ejjaa garaa keenya keessa waan jiruuf.
Macaafa qulqulluu of eeggannaan dubbisuu qabna. Yeroon jalqaba dubbisuuf yaalii godhe, sagalee Waaqayyoo akka seera barreeffameettan alanfadhan ture. Waa’ee Yesuus fannoo irratti naaf du’uu isaa yeroon dubbise imimmaanni koo dhaabbachuu in dide. Ana nama hamaa akkanaaf fannoo irratti  du’e. Isatti amanuu kootiif lapheen koo baay’ee na dhukkube. Egaa, ‘ergan isatti amanee akkuma dubbii isaatiittan amana’ jedheen yaade.
Seera ba’uu 20 yeroon dubbisu “Waaqota kan biraa na duratti hin qabaatin”  jedha. Akka abboommii kanaatti qalbii diddirrachaan kadhadhan ture. Waaqota biraa qaba moo hin qabu jedheen yaade, akkasumas yoon maqaa isaa akkasumaan waamu, ykn immoo isa duratti waaqota biraa yoon qabaadhes jedheen yaade. Yeroo kanatti abuduroo koo keessatti waaqota baay’eef akkan sagadaa turen yaadadhe. Kanaafuu, cubbuu waaqota biraa waaqeffachuu hojjedheera jechuu dha.
Kanaafuu kadhannaa qalbii diddiirrannaa kadhachaa, “Yaa Gooftaa ani waaqota biraa waaqeffadheera.” Kanaaf immoo itti adabamuun qaba. Adaraa cubbuu koo kana naaf dhiisi. Lammaffaa itti hin deebi’uu. Ergasii, cubbuu tokkoof  of eeggannoo waanan godhe natti fakkaate.
Ammas maqaa isaa akkasumaan waameera yoon ta’e jedheen yaade. Jalqaba yeroon amane keessa akkan xuuxaa ture nan yaadadhe. Hiriyoonni koo akkana naan jedhu turan, “xuuxuu keetiin Waaqayyotti qaani fidda? Attamitti kirstaaanni xuuxa?” nan jedhu.
Kun akkasumaan maqaa isaa waamuu wajjin tokko, miti? Kanaafuu, ammas nan kadhadhe, “Yaa Gooftaa, maqaa kee akkasumaan dha’eera. Kanaaf, adaraa naaf dhiisi. Xuuxuus nan dhiisa.” Achumaan xuuxuu dhiisuuf yaaliin gadhe, kanaaf ittuma caale nama ifaan ta’e, garuu waggaa tokkoof immoo nan dhaabe. Xuuxuu dhiisuun baay’ee ulfaataa dha, hin dandaa’amu. Dhuma irratti sirriidhumattan xuuxuudhaabe. Cubbuun kan biraas isa wajjin walmakatee jira jedheen yaade.
Inni itti fufu immoo “Guyyaa Sanbataa Qulqulleessi.” Kana jechuun immoo guyyaa sanbataatti waan tokko hin godhu jechaa dha; hojii kamiinis horii fudhachuus…. Kanaaf isas nan dhiise.
Abboommii inni itti fufu immoo “Abbaa kee fi haadha kee ulfeessi.” Ani yeroon karaa irra adeemu isaaniin hin kabajuun ture, yeroon itti dhiyaadhu laphee kootu na dhukkuba. “Yaa lubbuu koo, ani Waaqayyoon duratti yakkeera. Kanaaf, adaraa naaf dhiisi, Gooftaa” nan jedha. Akkana jechaan qalbii diddiirrachaa kadhadhe.
Yeroo sanaa eegalee warri koo waan sassaabamaniif wantan kabaju hin qabu jedheen yaade. Egaa maal gochuun qaba? “Yaa Gooftaa, ana nama cubbamaa kanaaf dhiisi jedheen kadhadha. Ati fannoo irratti anaaf duuteetta” naa dhiisi nan jedha. Attamin galateeffadhas!
Akkuma kanatti, tokkoon tokkoon cubbuu kootii keessan seene. Ammas seerri kan biraa immoo jira; hin ajeessin, hin ejjin, hin hawwin…kan jedhu. Hanga yeroo ani hubannoo argadheetti cubbuu koo tokko tokkoon lakkaa’een halkan irratti kadhachaa bula. Garuu egaa akkuma beektu, qalbii diddiirrachaa kadhachuun baay’ee kan nama gammachiisu miti. Kottaa egaa waa’ee isaa ni dubbannaa.
Waa’ee fannoo Yesuusiin yeroon yaadu, baa’yee ntti dhagaa’ama. Nuyi namoota sagalee isaa eeguu hin dandeenye kanaaf akka inni du’e nan hubadha. Jaalalaa fi gammachuu inni naaf kenne yaaduu irraa kan ka’e, halkan iyyeen kadhachaa bula.
Waggaa jalqabaa ani waldaa itti hordofaa ture baay’ee salphaa ture, garuu waggoota itti aanan lamaanitti boo’aa qalbii diddiirrachuun natti ulfaachaa dhufe, sababiin isaa waa’ee imimmaan yeroo dhaa gara yerootti na keessaa yaa’uus waanan yaaduutti ka’eef.
Yeroo imimmaan koo dhufuu didu, tulluutti ol ba’een guyyoota 3f soomaan kadhadha. Ergasii, imimmaanni koo deebi’ee in dhufa. Imimmaan kootiin jiidheen, gara namaatti deebi’een, waldaa keessatti nan boo’an ture.
Namoonni naannoo kootii akkana naan jedhu, “Kadhannaa kee tul’oota irratti kadhattuun baay’ee qulqulluu taateetta.” Garuu imimmaanni koo deebi’ee ni goge. Waggaan sadaffaa immoo baa’yee ulfaataa ta’e. Ammas dogoggoraan hiriyota koo fi kiristaanota akka kootii irratti hojjedheef ammas deebi’een boo’utti ka’e. Waggoota afur booddee imimmaanni koo deebi’ee in goge. Imimmaanni ija koo jala jira, garuu hin yaa’u ture.
Waggoota 5 booddee, boo’uu hin dandeenye, waa’een dadhabbii boo’icha kootii homaaiyyuu miti. Furriin funyaan kootii inuma yaa’a. Waggoota lamaan kana booddee, ofii dhuma kootii nan dadhabe, kanaan booda Waaqayyo gara Macaafa Qulqulluutti na deebise.
 
 
Seerri Cubbuu ittiin Beekuu dhaaf Kenname
 
Waa’ee seeraa maal hubachuu qabnaa?
Seeraa eeguu hin dandeenyu.
 
Roomaa 3:20, irratti akkana jedha, “Seerri cubbuun maal akka ta’e nama hubachiisa.” Jalqabatti, luqisii kana ergaadhuma salphaa  Paawulos dubbatuttan lakkaa’e darbeen dubbiiwwan natti tolan fudhachuun yaalii godhan ture. Garuu erga imimmaanni koo ana irraa qooree, jireenya amantii kootii itti fufuu hin dandeenye.
Kanaafuu, cubbuun koo ittuma fufe, anis cubbuu laphee koo keessatti nan arga waanan ta’eef seera eeganii jiraachuun akka hin dandaa’amne gara hubachuuttan dhufe. Baachuus hin dandeenye, seerichas dhiisuu hin dandeenye, sababiinsaa seeronni kun akka abboomamnuuf kenname jedhee waanan fudhadheef. Gara dhumaatti, akkuma warra macaafota keessatti caqafamanii, ofii koo irratti abbaa seeraan ta’e. Jireenyi amantii kootii itti fufuun bay’ee ulfaataa ta’e.
Yeroon waa’ee seeraa dubbifadhu hundumaatti, akkan cubbuu hedduu qabu nan arga, kanaaf laphee koo keessatti abboommii kurnan kana keessaa tokko yeroon cabsu akkan cubbuu hojjedhen hubachuutti ka’e. Garaa ofii keessatti yakkuunis cubbuu hojjechuu dha, kanaaf ani garraamummaadhaan amanataa seeraan ta’e.
Yeroon seera eegu, nan gammada. Garuu yeroon seericha cabsu, yakkamaa, sodaataa fi gadadammaatu natti dhagaa’ama. Dhuma irratti, gadadamaa ta’een hafa. Utuun jalqabaa kaasee waa’ee itti fayyadama seera kanaa baradheera ta’ee, silaa attaman karaa slaphaa irraa adeeman ture!  Waa’ee seeraaf hiikkaa biraatu jira. Inni agarsiiftuu cubbuu kee tii ti; horii, faallaa saalaa, fi wanta ija namaatti bareedu in jaallatta? Wanti ati Waaqayyoon caala mararsiifattu jira. Wantoota biyya lafaa duukaa ni luuccofta. Seerri akka ati eegduuf siif hin kennamne, inni hammina laphee keetiin akka ati cubbamaa taate akka ittiin hubattuuf siif kenname.
Utuu namni kan biraa dhugaa kana na barsiiseera ta’ee, silaa waggoota kurnan kanaaf hin dhiphadhun ture. Utuun dhugaa kana hin hubatin dura waggoota kudhaniif seera jalattan bulaa ture.
Abboommiin Sadaffaa “Guyyaa sanbataa yaadadhu akka isa qulqulleesituuf” jedha. Kana jechuun guyyaa sanbataatti akka nuyi waan tokko iyyuu hin hojjenne dha. Guyyaa sanbataa akka nuyi karaa fagoo hin deemne nu barsiisa. Iddoo dhaquun naaf ta’uu fi iddoon ulfina qabeessi iddoo itti lallabuu dhaquuttan baradhe. Hunduma irra iyyuu, seera lallabuufan ture. Kun immoo wantan lallabu hojii irras oolchuun qaba jedhee yaaduu kooti. Kun baay’ee waan na rakkisaa tureef dhaabuufan ture.
Iddoo kanatti akka galmaa’e, “Seericha attamitti dubbifta?” Gaaffii kana sababan hin hubanneef waggoota 10f rakkina keessan gale. Abbaan seeraa sun  garmalee hubateera. Inni seericha cimsee yoo eege Waaqayyo biraa akka eebba argati hubate.
Garuu Yeuus akkana ittiin jedhe, “Seericha attamitti dubbifta?” Namichi akka seera amantii isaatti deebii kenne. Innis namichaan akkana jedhe, “Eeyyee, sirriitti deebifte; akkuma barreeffametti fudhattee jirta. Yaalii kee itti fufi. Yoo hojii irra oolchite in jiraatta, garuu yoo ta’uu dhaa baate in duuta. Beenyaan cubbuu du’a. Yoo kana gochuu baatte in duuta.” (Faallaan jireenyaa du’a, akkana miti?).
Garuu abbaan seeraa sun ammuma iyyuu sirriitti hin hubanne. Abbaan seerichaa akkuma tokkoon tokkoon keenyaa, akkuma kee fi akkuma koo ti. Barumsa amantii ani waggaa 10f baradheera. Waan hundumaa yaaleera, waan hundumaas dubbisee waan hundumaas godheera: sooma, manaamaa yaada hin qabatamne (illusion) keessa galeera, afaan haaraan dubbadheera…. Waa gochuuf jecha macaafa qulqulluu Waggoota 10f dubbiseera. Garuu kana hundumaa godhee, hafuuraan jaamaan ture. Abboommii inni itti fufu immoo “Abbaa kee fi haadha kee ulfeessi.” Ani yeroon karaa irra adeemu isaaniin hin kabajuun ture, yeroon itti dhiyaadhu laphee kootu na dhukkuba. “Yaa gaarummaa koo, ani Waaqayyoon duratti yakkeera. Kanaaf, adaraa naaf dhiisi, Goofta.” Akkana jechaan qalbii diddiirrachaa kadhadhe.
Yeroo sanaa kaasee warri koo waan sassaabamaniif wantan kabaju hin qabu. Egaa maal gochuun qaba? “Yaa Gooftaa, ana nama cubbamaa kanaaf dhiisi jedheen kadhadhe. Ati fannoo irratti anaaf duuteetta.” Attamin galateeffadhan tures!
Sababii cubbamaan tokko nama kan biraa kan ija isaa/ishee banuuf barbaaduuuf nan dhimma,  namni sunis Gooftaa keenya Yesuusi dha. Egaa, namni tokko, “Ahaa! Seera eeguu hin dandeenyu. Amma fedhe iyyuu eeguuf yaalii yoo goone, utuu dhuma yaalii cimaa goonu duuna. Garuu Yesuus hafuuraa fi bishaaniin nu fayy’isuuf dhufeera! Haleeluyyaa!” Bishaanii fi hafuurri nu fayy’isa. Innis ayyaanaa fi kennaa Waaqayyoo ti. Kanaafuu Waaqayyoon in galateeffanna.
Ani carraa gaariin argadhe seera abdii hin qabne kana jalaa ba’uu kootiif, garuu namoonni baay’een bara isaanii guutuu akkasumaan utuu ti’oloogii qoratanii utuu dhugaa bira hin ga’in obbaafatu. Namooni bara- baraan dhaloota hanga dhaloolaatti ni amanu,  garuu utuu lammaffaa hin dhalatin hafu.
Cubbamaa ta’uu keenya kan raawwannu seerri ittiin jiraachuuf akka nutti hin kennamne yeroo hubannu qofa, yeros Yesuus dura dhaabbanne wangeela bishaanii fi hafuuraa ni dhageeffanna. Yeroo Yesuusiin quunnamnu, firdii fi dheekkamsa jalaa ni baana. Nuyi cubbamoota dadhabsiisoo dha, garuu sababa inni wangeela bishaanii fi hafuuraan nu fayy’iseef qajeelota in taana.
Yesuus seera eegnee jiraachuu hin dandeenye nutti dubbateera. Kana barsiisaa seeraa sanatti dubbateera, garuu inni kana hin hubanne. Kanaaf akka inni hubatuuf Yesuus seenaa itti hime.
 
Jireenya amantii irraa akka namni kufu kan godhu maali?
Cubbuu dha
 
“Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman” (Luqaas 10:30). Yesuus fakkeenya kana itti dubbachuun isaa rakkina hiikkaa seeraa inni qabu keessaa isa baasuudhaaf, akkuma namichi saamtotaan rukutamee afaan du’aa irra jiru sana.
Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti gadi bu’e. Yerikoon fakkeenya biyya hin amanneeti, Yerusaalem immoo fakkeenya magaalaa hafuuraa, magaalaa amantii, of jajuu seeraatiinis kan qabamanii dha. Seenaan kun yoo nuyi akkuma amantii biyya lafaa tokkootti Kiristoositti amanne, akka nuyi barbadoofnu nutti dubbata.
“Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeemani.” Yerusaalem magaalaa guddaa fi sabni bal’aan keessa jiraatuu dha. Angafoonni lubootaa, gurumuun lubootaa, leewwootni fi gurguddoonni geggeesitoota amantii achi keessa jiru. Namoonni seera beekan hedduutu keessa jiru. Achitti seeratti jiraachuudhaaf yaalii guddaatu ture, garuu dhuma irratti kufaatii ta’ee Yeriikoo dhaaf ta’ani. Biyya lafaa (Yeriikoo) tti in kufani, saamtota fageessus hin dandeenye.
Namichichi Yeriikoo ka’ee gara Yerruussaalem utuu dhaquu saamtuu afaan bu’ee uffannaan isaa samame. “Uffannaan isaa saamamuun” isaa qajeelummaa isaa dhabuu agarsiisa. Seera eeganii jiraachuun, seeratti jiraachuun nuuf hin dandaa’amu. Ergamaan Phaawulos gara warra Roomaa 7:19-20 keessatti akkana jedha, “Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hama isa ani hin jaallanne garuu nan hojjedha. Ammas waanan hin jaallanne yoon godhe, egaa si’achi cubbuu isa ana keessa jirutu na hojjechiisa malee, anatu isa hojjeta miti.”
Utuun sagalee isaa eegee keessa jiraadhee nan gammadan ture. Garuu garaa namaa keessaa yaada hamaa, ejja, halalummaa, ajjechaa, hanna, hawwii, jal’ina, gowwoomsaa, albaadhummaa, hammina ijaa, Waaqayyoon arrabsuu, koormaa, gowwummaa (Mark 7:21-23) tu jira.
Sababiin isaan kun nu keessaa ammaa-ammaa ba’aniif, waan gochuu hin barbaanne in hojjenna, waan gochuun nu irra jiru immoo hin hojjennu waan ta’eefi. Hammina kana immoo ittuma fufnee hojjenna. Wanti Seexanni godhu cubbuu akka hojjennuuf hamilee xiqqoo nuuf kennuu dha.
 
 
Cubbuun   Garaa Nama Hundumaa Keessa Jiru
 
Seera eegnee jiraachuu in dandeenyaa?
Lakki
 
Marqoos 7 akkana jedha, “Alaa kan namatti galu hundinuu danda’ee xuraa’aa nama hin godhu; wanti yaada garaa keessaa ba’uu garuu xuraa’aa nama godha.”
Yesuus kan inni nutti dubbatu garaa namaa keessaa yaada hamaa, ejja, halalummaa, ajjeechaa, hanna, hawwii, jal’ina, gowwoomsaa, albaadhumaa, hammina ijaa, Waaqayyoon arrabsuu, koormaa, gowwummaa tu jira jedha.
Garaa keenya keessa ajjeechaa tu jira. Namni hin ajjeesin hin jiru. Hadholiin ijoollee isaaniitti in dheekkamu, “Lakki. Kana hin godhin. Kana akka ati hin goone sitti dubbadheera, si haa bal’eessu. Akka ati kana hin goone irra deddeebi’ee sitti dubbadheera. Lammaffaa yoo kana goote sin ajjeessa. Ani sitti himeera lammaffaa kana hin godhin.” Kun egaa ajjechaa dha. Yaada keetiin dubbii arraba keetiin ijoollee kee ajjeefteetta ta’a.
Ijoolleen keenya jiraachuu qabu sababiin isaa Waaqayyo akka isaan jiraatan barbaada waan ta’eef; garuu yoo nuyi haarii keenya isaan irratti gad dhiifnu, isaanin ajjeeenya. Yeroo tokko-tokko of rakkifna. “Oho yaa Waaqayyo koo! Maaliifan kana godhe laata?” Erga ijoollee keenya rukunnee booda hammina keenya ilaallee kana gochuu keenyaaf maraatuu ka’uu keenya jennee of yaadna. Kana wanti nuyi goonuuf wanta kan biraa miti sababii ajjeechaan laphee keenya keessa jiraatuufii dha malee.
Kanaafuu, ‘waan ani hin jaallannen hojjedha’ jechuun sababa hamaa taaneef waan hamaa hojjenna jechuu dha. Egaa Seexanni salphaatti cubbuudhaan nu qoruuf carraa argata.
Kottaa namni hin dubbanne tokko godoo keessa waggoota 10f, fuula isaa keenyan manaatti galagalchee akka Monoksee beekamaa biyya Koriyaa, Sungchol ta’e jenna. Yeroo inni fuula isaa keenyan manatti galgalchee taa’u gaarii dha, garuu namni kan biraa tokko nyaata fideefii boolii isaa immoo ni fuudha.
Yeoo kanatti inni nama kan biraa wajjin quunnamtii uumeera jechuu dha. Yoo dhiira ta’eef wanta rakkoo uumu hin qabu, garuu kottaa mee dubartii bareedduuti jenna. Yoo akkuma carraa arge ta’e, hammi inni ishee wajjin taa’e hundi akkasumaan ta’a. Ani, “Ejjuu hin qabu; garuu laphee keessaa yaada ejja nan qaba, garuu of keessaa baasee gatuun qaba. Haree baasuun qaba. Lakki! Yaada koo irraa haa fagaadhu!” nan  jedha.
Garuu murtiin yaada garaa kun akkuma ishee argeen laphee isaa keessaa in bada. Erga dubartittiin sokkitee, laphee isaa keessa ni ilaala. Inni waggoota 10f monoksummaan ture sun gatii ni dhaba, hundii isaa akkasumaan  ta’uu isaa ti.
Seexanni qajeelummaa nama salphaatti ni qora. Seexanni wanti inni dhiibbaa xiqoo isa/shee irratti uumuu dha. Namichia cubbuu wajjin utuu wallansoo qabu utuu hin fay’in hafee cubbuu isa caalu keessa bu’a. Dilbata hundumaa namichi kurnoo amanamummaan ni kenna ta’a, guyyoota 40f ni sooma ta’a, guyyoota 100 ol kadhannaa kanamaa hirmaateera ta’a…garuu seexanii gaarummaa mul’atu kanaan isa/shee qoree ni gowwoomsa.
“Kaampaanii kana keessatti taayitaa olaanaan sii kenna, garuu ati kiristaana waan taateef guyyaa sanbataa hin hojjettu, hojjechuu ni dandeessaa? Iddoon isaa baay’ee olaanaa dha. Sanbata 3 utuu waldaa hin dhaqin hojjettee ji’a keessaa gaaf tokko dhaquu ni dandeessa. Ulfina akkanaa kanatti gammaddee kaffaltii guddaas ni argatta. Attam waa’een kee?” Yeroo kanatti, 100 keessaa 100 kanaan argamuu danda’u ittiin jedha.
Yoo kun hin hojjetu ta’e immoo, namoota hawwii dubartii qaban karaa biraan gowwoomsee ejja keessa buusa. Dubartii bareedduu fidee fuula isaa dura kaa’ee irratti kuffisuu dhaan Waaqayyoon salphaatti irranfachiisa. Kun karaa qajeelummaan namaa ittiin mucucaatuu dha.
Seera eegnee jiraachuuf yaalii ni goona, garuu dhuma irratti firiin isaa madaa cubbuu, waraansa, hiyyumma hafuuraa qofaa ta’a; qajeelummaa irraa salphaatti kufna. “Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gadi bu’uu, warra saamtuu afaan bu’e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchani, du’aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.”
Kana jechaan fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan Yerusaalem keessa utuu jiraachuu barbaannuu, dadhabbii keenyaan yeroodhaa gara yerootti utuu guffannuu dhuma irratti badiisaaf saaxilamuu keenya agarsiisa.
Kadhannaa qalbii diddiirrannaadhaan Waaqayyoon dura turuu dandeenya ta’a. “Yaa Gooftaa, ani yakkeera. Adaraa naaf dhiisi; lammaffaa gochuu hin qabu. Kun isa dhumaa akka ta’e nan abdachiisa. Ishee tokkoo kana akka ati naaf dhiiftuuf cimseen si kadhadha” jenna ta’a.
Garuu inni hin dhumu. Biyya lafaa kana keessatti namni cubbuu malee jiraachuu hin danda’u. Yeroo tokko lama ittisuuf yaalii yoo godhani iyyuu cubbuu of irraa kutuun hin dandaa’amu. Kanaafuu gargaaruu hin dandeenyu, cubbuun keenya ittuma fufa. “Yaa Gooftaa, adaraa naaf dhiisi” jenna. Kun yommuu itti fufu, waldaa keessaa nama  baasanii, jireenya amantii ala nama godhu. Waaqayyo irraas si kutu sababii cubbuu isaaniitiif dhuma irratti sii’oliin jireenya xumuru.
Gara Yeriikootti adeemuu jechuun biyya lafaatti kufuu jechuu dha; biyya lafaatti dhihaatanii Yerusalem irraa fagaachu jechuu dha. Jalaqabatti Yerussalem dhihoo ture, akkuma cubbuun irra deddeebi’amee hojjetamu akkuma kana qalbii diddiirranaanis utuu godhamuu, Yerikoo keessatti of argina; utuu biyya lafaa walakkaatti kufnee jirruu of argina. Dhumni isaa badiisa akka ta’a.
 
Eenyutu fayy’uu danda’a?
Warra qajeelummaa ofii isaanii dhaaban
 
Karaa Yeriikoo kana irratti namni isatti dhufe kun eenyuu dhaa? Saamtota. Nama waan tokko iyyuu hin beekne akka seeraatti kan hinjiraanne akkuma saree gatamaa kan karaa irra adeemu dha. Inni/isheen dhugdee, iddoo hundumaatti irribi kan qabu fi iddoo hundumaatti kan fincaa’uu dha. Sareen sun boris akkasuma ka’e ni dhuga. Sareen bakkee jooru boolii isaa deebi’ee soorata. Namni sun kanaaf saree jedhame. Inni/isheen akka itti dhugdu hin beektu, qalbii diddiirrannaas hin beekani, waanuma baran irra deddeebi’anii hojjetu.
Kun akkuma namicha karaa Yeriikoo irratti saamtota afaan bu’e ti. Inni booddeetti hafeera, ni madaa’e akkasumas afaan du’a irra ture. Kana jechaan laphee isaa keessa cubbuu qofa tu jira. Egaa nama jechuun kanuma.
Namoonni utuma Yesuusitti amanani Yerusaalem keessatti seeratti jiraachuuf yaalii godhu, sabni amantii kun, utuu isaan hin beekin cubbuun laphee isaanii keessatti hafa. Inni isaan amantii keenyaaf ni goona jedhan hundi isaa madaa cubbuu ta’a. Warri cubbuu garaa isaanii keessaa qaban dhumni isaanii sii’oliin ta’a. Kana ni beeku, garuu fala isaa hin beekani. Ani magaala amantii kana fakkaatu keessan jira, ati kana hin qabdu? Namaan jedhu. Eeyyee. Iddoo sanatti hundi keenya tokko ture.
Barsiisaan seeraa sun seera Waaqayyoo garmalee waan hubataa tureef jireenyi isaa hundi wallaansoo duwwaa ture, madaa’aa, dhumni isaas sii’oliin ta’e. Inni nu keessaa isa tokko, sii fi ana.
Yesuus qofaatu nu fayyisa. Beektota yeroo hundumaa waan godhaniin of jajan naannoo keenyaa baay’ee qabna. Isaan waan seera Waaqayyoo sirriitti eegan of ni fakkeessu garuu ofii isaaniitiif  iyyuu amanamoo miti. Kallattiin waa hin dubbatani, waan alaan mul’atuun immoo amanamoo of gochuuf ni gaggalagalu.
Isaan kana keessaa kaan karaa Yerikoo irra turani, namichi saamtuu afaan bu’e sun afaan du’aa irratti hafe sun isaan keessaa tokko. Akkaitti waan salphaatiin Waaqayyo duratti cabnu beekuu qabna.
Isa duratti dhugaa ba’uu qabna, “Yaa Gooftaa, yoo ati nan fayyiftu ta’e ani sii’oliin dhaquu kooti. Adaraa na fayyisi. Lafa barbaaddetti na erguu ni dandeessa, cabbiinis haa ta’uu bubbee qilleensaatti, yoo ani wangeela dhugaa sana qofa dhaga’eefi. Yoo qofaatti na dhiifte, sii’oliin dhaquu koo ti. Akka ati na fay’iftuuf siin kadhadha.”
Warri akka sii’oliin dhaqaa jiran beekanii yaalii of isaanitiin isa qajeelummaa barbaadan dhaabanii, Gooftaatti qabamani jiraatan, isaan fayyuu ni danda’u. Yaalii mataa keenyaan fay’uu hin dandeenyu.
Nuyi hundi keenya akkuma namicha isa saamtoota afaan bu’e sanaa akka taane beekuu qabna.