(Yohaannis 8:1-12)
“Yesuus ergasii gara gaara ejersaatti ol ba’e. Ganama obboroonis deebi’ee gara mana qulqullummaa dhaqe, namoonni hundinuu gara isaa dhufanii; inni immoo taa’ee isaan barsiisuu jalqabe. Barsiisonni seeraa fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko ol galgalchanii, namoota gidduu dhaabachiisani. Yesuusiin immoo, ‘barsiisa dubartiin kun utuu ejjituu qabamte. Museen seera isaa keessatti, dubartoota akkasii dhagaa dhaan rukutamtee akka ajjeefamtu nu abboomeera. Egaa ati immoo maala jettaa?’ Isaan kanaan qabani isa adheessuu dhaaf akkas jedhanii isa qoran. Yesuus garuu, gadi jedhee, ‘quba isaatiin lafatti caafee. Isaan garuu ittuma deebi’anii waan isa gaafataniif, Yesuus ol jedhe isin keessaa namni cubbuu hin qabnee duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu isaaniin jedhe. Kana booddee ammas gadi jedhee lafattii caafe. Isaan kana dhagaa’anii jaarsolii dhaa hanga warra kaanittii tokko tokkoon ba’aanii adeeman. Yesuusiin qophaatti dhiisani. Dubartittiinis achuma dhaabbate hafte. Yommus Yesuus ol jedhe, “dubartii nana meereree isaan? Namoonnii illee firdii si irratti hin raawwannee?” Isheedhaan jedhe. Isheen immoo ‘tokkollee, Gooftaa koo’ jettee deebifteef; kana irratti Yesuus “egaa anis sitti hin faradu dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetiin!” isheedhaan jedhe. Yesuus ammas namoottatti dubbatee, “ani ifa biyya lafaati, namni ana duukaa bu’u ifa jireenyaa in qabaata malee dukkana keessa hin adeemu’” isaaniin jedhe.”
Yesuus ammam cubbuu bal’eessee?
Cubbuu biyya lafaa hundumaa
Yesuus fayyina barabaraa nuuf kenneera. Yesuusitti amanee kan fayyuu hin dandeenye hin jiru/tu. Inni hunduma keenya fayyiseera. Namni cubbuu isaatiif aadu yoo jiraate nama akkaataa Yesuus karaa cuuphamuu isaa fi fannifamuu isaatiin nu fayyise gar-malee hubate qofa.
Dhoksaa fayyinaatti amanuu qabna. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hunda gara ofii isaaitti fudhatee fannoo irratti du’uu isaatiin iddoo keenya firdii fudhateera.
Fayyina bishaanii fi hafuuraa; isa fayyina barabaraatti nu geessutti amanuu qabna. Jaalala isaa isa guddaa isa qajeelummaa nuuf kennee jirutti amanuu qabna. Wanta inni fay’ina keetiif laga Yordaanoosii fi Fannoo irratti siif hojjeteetti amanuu qabda.
Yesuus cubbuu keenya isa dhokataa hunda ni beeka. Namoonni tokko tokko waa’ee cubbuutiif hubannoo garmalee qabu. Cubbuun tokko tokko akka fayyuu hin dandeenyetti ni yaadu. Yesuus cubbuu hundumaa fayyiseera, wanta hunduma isaa wajjin.
Biyya lafaa kana keessatti cubbuun hafe tokko iyyuu hin jiru. Sababiinsaa inni cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’era, egaa kanaan booda cubbamaan tokko iyyuu hin jiru jechuu dha. Akka wangeelli cubbuu keettii si fayyse hubateetta? Cubbuu kee isa gara fuula duraa iyyu? Egaa itti amanii, fayyina argadhu, Waaqayyoofis ulfina kenni.
Dubartii Ishee Ejja Irratti Qabamte
Biyya lafaa Keessaa nama meeqatu ejjaa?
Nama hundumaa
Yohaannis 8 keessatti, seena dubartii ejja irratti qabamte tokkoo fi akka Yesuus itti ishee fayyise ilaalla. Ayyaana isheen argatte kana warra kaaniif hiruu ni jaallanna. Sadarkaa qabatamaa tokkotti ta’aa malee nama hundumaatu ejja yoo jenne dubbii sobaa hin ta’u. Tokkoon-tokkoon namaa ejjeera.
Yoo akkasitti hin yaaddu ta’e, sababii yeroo hundumaa raawwannuuf akka hin raawwanneetti waan mul’atuufii dha. Maaliifii? Sababiinsaa ejja baay’ee wajjin jiraachaatti waan jirruufi
Dubartiittii Yohaannis 8 keessaa kana yoo ilaalle, nu keessaa nama hin ejjine irratti ni xiyyeeffata. Namni hin ejjine immoo hin jiru, akkuma dubartittii ishee ejja irratti qabamte sana. Hundi keenya kana raawwanneerra, garuu akka hin goonetti of ilaalla.
Ni dogoggorte naan jetta? Lakki, hin dogoggorre. Gad fageessi ilaali. Namni fuula lafaa kana irra jiru hundinuu kana hojjeteera. Dubartii karaa irra adeemtu yommuu argu garaan isaa ni baqaqa, qaamaan ta’uu baatu illee bakka ishee arge maratti isheetti ni ejja.
Isaan akka kana godhan hin hubatani. Namoonni baay’een hanga gaafa du’aniitti akka ejjan hin hubatani. Warra yaadaan qabaman qofa miti, nuyi warri kanaan hin qabaminis nu ilaallata. Namni hundinu garaa isaani keessatti ni raawwatu, hojii isaanii keessattis. Kun egaa gartokkoo jireenya keenyaa miti ree?
Ni gaddita? Kun dhugaa miti. Nuyi waa’ee isaatiif of eeggatoo dha, sababiinsaa isaa gadda waan qabnuuf. Namoonnii bara si’anaa yeroo hundumaa ni ejju, garuu kana akka godhan hin beekani.
Namoonni lubbuu isaaniitiinis ni ejju. Nuyi warri Waaqayyo nu uume, hafuuraan akka ejjinu utuu hin hubatin hafna. Waaqota biraa waaqeffachuun hafuuraan ejjuu wajjin tokko. sababiinsaa Waaqayyo abbaa manaa lubbuu nama hundumaa waan ta’eef.
Dubartittiin hojii ejjaa irratti qabamte sun ilmaan namaa ti, akkuma keenya kana, isheen ayyaana Waaqayyoo fudhatteetti, akkuma nuyi fayyina arganne. Garuu oftuultonni fariisotaa akka ofii isaaniitii abbaa firdii ta’aaniitti quba itti qabanii dhagaa itti darbachuuf yaadani. Isaan akka waan ofii isaaniitii qulqulluu ta’anitti isheetti dheekamani itti faradan.
Amantoonni akka keenyaa, warri ofii isaaniitii kuusaa cubbuu akka ta’an amanan Waaqayyoon duratti warra kaan hin hadheessani. Galgalchii isaa ofii isaaniitii yeroo hundumaa akka ejjan ni beeku, ayyaana Waaqayyoo isa nama fayyisuus ni argatu. Warri cubbamoota fi ejjitoota akka ta’aan amanan ayyaan Waaqayyoo fudhachuudhaaf ga’oo ta’u.
Eenyutu Ayyaana Waaqayyoo fudhataa?
Eenyu tu Ayyaana Waaqayyoo fudhataa?
Warra faayidaa hin qabne
Warra cubbuu ejjaa hin hojjenne qulqulloota ofiin jedhan moo, warra faayidaa hin qabne cubbamoota ofii jedhantuu ayyaana Waaqayyoo fudhataa? Warra ayyaana isaa fudhatan jechuun warra ayyaana irraa hafaa fayyina isaatii fudhatanii dha. Warra of gargaaruu hin dandeenye, dadhabootaa fi rakkattootatu fudhata. Warri kun warra ayyaana isaa keessa jiraatani dha.
Warri akka cubbuu hin qabnetti of lakkaa’an fayyuu hin danda’aani. Ayyaana isa fayy’isu attamitti fudhatu osoo wantii fay’ifamu hin jiraatin.
Saduuqonnii fi Fariisonni dubartii ishee ejja irratti qabamte sana harkisanii fuula Yesuus dura dhaabanii gidduu isaanii dhaabanii akkana jedhanii isa gaafatani, “Barsiisaa, dubartittiin kun ejja irratti qabamte. Amma, maal jetta egaa?” Dubartittii kana maaliif fuula Yesuus duratti fidanii isa qoru?
Isaan ofii isaanitiis yeroo hedduu ejjaniiru, garuu isaan Kirisitoos keessaan itti farachiisanii asheeajjeesuuf, karaa biraa immoo isa in adheessu tura.
Yesuus yaada jaraas waa’ee dubartittiis ni beeka. Kanaafu akkana jedhe, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraandursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu.” Ergasi Saduuqonnii fi fariisonni, angafaa hanga quxusuutti ka’anii ni adeemani, Yesuusii fi dubartittiin walii wajjin hafani.
Warri ka’anii adeeman sun Saduuqotaa fi fariisota, geggeesitoota amantiiti. Isaan ofii isaanii qulqulluu of godhanii dubartittii ishee ejja irratti qabamte sanatti firdii kennan.
Yesuus jaalala isaa biyya lafaa kanatti labseera. Inni jaalala guddaa qaba. Inni warra beela’aan nyaachiseera, warra du’an du’aa kaaseera, mucaa haadha hiyyeessaa fayyiseera, Alaazaar nama Bitaaniyaa du’aa kaaseera, hiyyeesotaaf dinqii hedduu hojjeteera. Cubbamoota hundumaa fayyiseera.
Yesuus nu jaallata. Inni isa hundumaa danda’uu dha, fariisonnii fi Saduuqonni garuu akka inni diina isaanii ta’etti barsiisani. Sababii isaan dubartittii fuula isaa duratti dhi’eessanii isa qoraniif kanaaf ture.
Akkana jedhanii gaafatani, “Yaa barsiisaa, Museen dubartoota akkana akka nuyii dhagaa dhaan rukunnu nu barsiiseera. Ati immoo maal jettaa?” Isaan rukutaa nuun jedha jedhanii eegaa turani. Maaliif? Akka seera Waaqayyoo kanatti yoo nuyi firdii laanne, namni ejja raawwate hundinuu dhagaa dhaan rukutamuu qaba jechaa dha.
Utuu akkas ta’ee hundinuu dhagaadhaan rukutamee du’uu fi sii’olitti ergamuutu irra ture. Gatiin cubbuu du’a. Garuu Yesuus akkuma isaan yaadanitti dhagaadhaan rukutaa hin jenne. Kanaa mana, akkana jedhe, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu.”
Waaqayyo maaliif keewwataalee seeraa 613 nuuf kenne?
Cubbamoota akka taane akka ittiin hubannuufi
Seerrii dheekkamsa fida. Waaqayyo qulqulluu dha seerri isaas akkasuma. Seerri isaa inni qulqulla’aan kun keewwattoota 613 qaba. Sababii Waaqayyo seera isaa isa qulqull’aa 613 nuuf kenneef akka nuyi cubbamoota taane akka ittin barruuf akkasumas hir’uu ta’uu keenya akka ittiin hubannuufi. Kunis fayyuudhaaf ayyaana Waaqayyoo akka barbaaddannuuf ta’a. Kana hin beeknu yoo taane, kallattiidhaan akka barreeffametti hubanna yoo ta’e dhagaadhaan rukutamna, akkuma dubartitti ejja irratti qabamte sanaa.
Fariisonnii fi barsiisonni warri dhugaa seera keessa jiru hin hubanne kun dubartittiitti dhagaan akka itti darbatamuuf yaadanii turan, nuttis, akkuma kana ta’a. Garuu, eenyu namni cubbamaan akka isheetii dhagaa itti darbachuuf ija jabaatu? Yoo dhuma isheen gochaa kanaan qabamte iyyuu biyya lafaa kana keessaa dhagaa itti darbachuuf kan danda’uu hin jiru.
Dubartittiis ta’e nuyi hundumti keenya akka seeraatti ni adabamna yoo ta’e, nuyis dubartittiinis firdii ulfaataa fudhanna turre. Garuu Yesuus nu fayyisee, nuun cubbamoota firdii kana jalaa akka oolluuf seerrii akka barreeffamee jiruutti hunduma keenya irratti hojii irra ooluu ta’a. Eenutu hafa? Dhumni hunda keenyaa sii’oliin ta’a.
Barsiisotnii fi fariisonnii seerota akkuma isaan barreeffamanitti hubatanii turani. Seerri kun akkuma jiruutti itti hojjetama yoo ta’e, isaaniinis ni ajjeessa ture akkuma isaan nama biraatti muran. Egaa seerri kan kennameef akka namni cubbuu isaa ittiin hubatuuf ture, garuu isaan sababa gar malee hiikkataniif garmalees hojii irra oolchaniif diigamni isaanitti dhufa.
Fariisonnii bara kanaa, akkuma fariisotaa bara macaafotaa seera akkuma inni barreeffamee jirutti in hiikkatu. Isaan ayyaana, haqaa fi dhugaa Waaqayyoo beeku tu isaan irra ture. Fay’uu dhaaf gara Wangeelaatti deebi’uu qabu.
Farisoonni akkana jedhani “seerri keenya dubartii akkasii dhagaan akka rukunnu nu abbooma. Egaa ati immoo maal jetta?” Dhugaa isaanii qabatanii ija jabummaadhaan hin dubbatani. Isaan Yesuus kana irratti waa ni dubbata jedhanii hin yaadne. Harka isaanii ol kaafachuuf Yesuusiin eegani.
Yesuus Akkuma seerichaatti faradeera utuu ta’ee, silaa isaan dhagaadhaan in rukutu turan. Akka kaayyoo isaaniitti Yesuusinis dubartittiis dhagaadhaan dha’uudhaaf turan. Utuu Yesuus dubartittii hin rukutinaa jechuudhaa baatee silaa isaan immoo seera Waaqayyoo jal’ifte jedhanii isa immoo akka inni Waaqayyoon arr’abseetti dhagaadhaan dha’uudhaaf turan. Qocolloo guddaa ture.
Garuu Yesuus gadi jedhee quba isaatiin lafa irratti yeroo inni barreessu, maal jettaa jedhanii gaafachuu jalqaban, “Maal jettaa? Lafa irratti maal barreessita? Gaaffii keenyaaf deebii kenni malee. Maal jetta ree?” Quba Yesuusitti qabanii isa ni aarsu turan.
Achumaan Yesuus ijaajjee, isin keessaa kan cubbuu hin qabne dursee dhagaa itti haa darbatu. Gadi jedhees lafa irratti barreessuu itti fufe. Warri kana dhagaa’an haallii isaani amansiisee hangafaa hanga quxusuutti tokko tokkoon sokkani. Yesuus qofaa isaatti hafe, dubartittiinis fuula isaa dura dhaabbattee hafte.
“Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu”
Cubbuun eessatti galmaa’ee?
Gabatee Garaa keenyaa fi kitaabolee hojii irratti
Yesuus, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne duraandursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu” jedhee, lafa irratti barreessuu isaa itti fufe. Warra angafaa keessa lama ka’anii deemuutti ka’an. Jaarsoliin fariisotni, kan cubbuu baay’ee hojjete, dursee deemeera ta’a. Warri quxusuunis akkasuma. Kottaa mee Yesuus nu gidduu dhaabbatee jira jenna, nuyis immoo dubartittii naannofnee dhaabbannee jirra ofiin jenna. Yesuus, Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dhagaa itti haa darbatu” yoo nuun jedhe, maal jenna ture?
Yesuus lafa irratti maal barreessaa ture? Waaqayyo, inni nu uumee, cubbuu keenya bakka adda addaatti ni barreessa.
Tokkoffaa, cubbuu keenya laphee keenya irratti ni barreessa. “Cubbuun saba Yihudaa birrii sibiilaatiin arfii dhagaa Almaaziitiinis, gabatee garaa isaanii fi gaanfa iddoowwaan aarsaa isaanii irratti caafaameera” (Eermiyaas 17:1).
Waaqayyo karaa Yihudaa, fakkeenya keenya nutti dubbata. Cubbuun namootaa birrii sibiilaa fi arfii dhagaa almaaziitiin barreeffamee jira. Isaan gabatee garaa keenyaa irratti barreeffamanii jiru. Yesuus gadi jedhee lafa irratti barreessuun isaa namni hundinuu cubbamoota ta’uu isaanii agarsiisa.
Waaqayyo akka nuyi cubbuu hojjennu waan beekuuf gabatee garee keenyaa irratti barreessee jira. Jalqaba, cubbuu nuyi hojjenne, hojii keenya ni galmeessa, sababiinisaa nuyi hundumti keenya seera duratti dadhaboota. Cubbuun garaa keenya irratti barreeffamuun isaa, seericha ilaallee cubbamaa akka taane akka ittiin hubannuufi. Erga inni laphee fi yaada garaa keenyaa irratti barreessee, nuyi egaa isa duratti cubbamoota akka taane ni barra jechuu dha.
Lafa irratti barreessuu dhaaf Yesuus ammas gadi in jedhe. Caaffattoonni qulqullaahoonis cubbuun keenya fuula Waaqayyo duratti kitaaba irratti galmaa’ee jira jedha (Mul’ata 20:12). Kitaaba sana irratti cubbun tokkoon tokkoon namaa galmeeffamee jira. Gabatee laphee keenya irrattis barreeffameera. Cubbuun keenya Kitaaba hojii fi gabatee laphee keenyaa irratti barreeffamee jira jechuu dha.
Cubbuun gabatee garaa tokkoon tokkoon namaa, xinnaa fi guddaa irratti barreeffamee jira. Kanaaf Yesuus irratti waa dubbachuu hin dandeenye. Warri dubartittii rukutuuf ka’aanis fuula Waaqayyoo duratti dadhaboo dha.
Cubbuun keenya bakka lamatti barreeffame sun yoom haqamaa?
Yeroo nuyi fayyina bishaanii fi dhiiga Yesuus garaa keenya guutuu dhaan fudhannu.
Haa ta’uu iyyuu malee, yeroo fayyina isaa fudhannu, cubbuun galmee hojii namaa irra jiru haqamee galmee jireenyaa irratti ni barreeffama. Warri maqaan isaanii galmee jireenyaa irratti barreeffame gara waaqa dhaqu. Hojii gaarii isaan hojjetan, mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaatiif jedhanii wanti isaan godhan hundinu galmee jireenyaa irratti ni barreeffama. Waaqayyo duratti fudhatamoo dha. Warri cubbuu jalaa ba’aan jireenya baraabaraatti darbu.
Cubbuun keenya bakka lamatti waan barreeffamee jiruuf Waaqayyoon gowwoomsuu akka hin dandeenye yaadachuu qabna. Garaa keessatti namni cubbuu hin hojjenne namni hin ejjines hin jiru. Namni hundinuu cubbamaa fi hir’ataa dha.
Warri fayyisuu Yesuusiin hin fudhanne waa’ee cubbuu isaaniitiif aaduu irraan kan hafe waan tokko iyyuu gochuu hin dandaa’ani. Amantummaa hin qabani. Isaan sababii cubbuu isaniitiif namas Waaqayyonis in sodaatu. Garuu battaluma fay’ina wangeela bishaanii fi hafuuraa garaa isaaniitiin fudhatanitti cubbuun gabatee garaa isaanii fi galmeen hojii cubbuu namootaa irra jiru ni haqamaaf. Cubbuu isaanii hundaa jalaas ni ba’u.
Galmeen jireenyaa Waaqayyo bira jira. Namoonni wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanan maqaan isaani Galmee jireenyaa kanaa irratti caafamee jira waan ta’eef isaan mootummaa Waaqayyootti ni galu. Isaan jireenya barabaraatti kan galaniif sababa cubbuu tokko iyyuu hin qabaanneef miti sababii wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanani cubbuu jala ba’aniifi male. Kun egaa seera amantiiti (Roomaa 3:27).
Amantoonni, warri akka saduuqotaa fi fariisotaa cubbamoota turani akkuma dubartitti ishee ejja irratti qabamte sanati. Dhugaa dhumatti, cubbuu caalmaa ni qabaatu sababiinisaa isaan ofii isaanii qofa utuu hin ta’in warra kaaninis akka isaan cubbamoota ta’an hubachiisuu irraa waan dogoggorsaniif. Geggeesitoonni amantii sun mul’inumatti ni gowwoomsu turani. Karaa biraatiin isaan hattuu lubbuu namaa fi jireenya namaati. Yoo ofii isaaniitii hin fayyine ta’e iyyuu aboodhaan warra kaan barsiisuudhaaf ija ni jabaatu.
Akka seeraatti eenyu iyyuu cubbuu dhabuu hin danda’u. Garuu namni qajeelaa ni ta’a, sababa inni/isheen cubbuu hin qabaanneef osoo hin taane, sababa cubuuttii inni/isheen fayyiteef malee. Namni akkanaa galmee jireenya keessa jira. Egaa wanti barbaachisaan maqaan galmee jireenyaa irratti galmaa’uu fi hin galmoofnee isaati. Namni lafa irratti cubbuuttii adda ba’uu sababa hin dandeenyeef, galmee jireenyaa keessatti galmaa’uuf fayyina baraabaraa argachuu qaba.
Waaqa irratti fudhatamuun kee wangeela dhugaatti amanuu kee irratti hundaa’a. Ayyaana Waaqayyoo argachuun kees fayyina Yesuus kenne fudhachuu kee irratti hundaa’a. Dubartittii ishee ejjaan qabamte sana irratti maaltu ta’e? Isheen du’uufan jedha jettee jilba isaa irratti kuftee ija ishee cufatte ta’a. Yookaan immoo gaddaa fi bo’ichaan kadhate ta’a. Namoonni yeroo duuti itti dhufu ofii isaaiif amanamoo ta’u.
“Ohoo Yaa Waaqayyo, ani du’uun koo sirrii ta’a. Lubbuu koo harka keetti fudhdhu, gara laafinaanis na ilaali. Adaraa, gara laafinaanis na ilaali, Yesuus.” Fayyuudhaaf cimsitee kadhateetti ta’a. “Yaa Waaqayyo, yoo natti faradde, natti faradama, yoo ati immoo cubbuu hin qabdu naan jette, cubbuun koo naaf haqama. Kun egaa akka yaada keetiiti.” Egaa isheen kana jettee kadhatteetti ta’a. Waan hundumaa dhugaa baatee Yesuusiif dhiifteetti ta’a.
Dubartittiin ejja irratti qabamte Yesuus duratti dhiyaatte kun, “Ani yakka hin hojjenne, ejja kootiif naaf dhiisi” hin jenne. Kan isheen jette, “cubbuu koottii na maari. Cubbuu koo yoo fayyifte nan fayya. Yoo kana ta’uu baate garuu, sii’oliin dhaquu kooti. Fayyisuu Waaqayyoo nan barbaada. Akka inni araara isaatiin na ilaalus nan fedha.” Ija ishee cufattee, amanamummaan dhugaa baate.
Yesuus akkana jedhee ishee gaafate, “Meerre warri si hadheessan? Namni tokko illeefirdiisi irratti hin raawwannee?”isheenis, “Tokko illee, Yaa Gooftaa jette.”
Yesuusis akkana jedhe, “Anis sitti hin faradu.” Yesuus isheetti hin faradne sababiin isaa laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu ishee waan ofiisaatti fudhatee tureef. Kanaafuu, Yesuus, dubartittiin cubbuu isheetiif akka itti hin muramne godhe.
Akkas jedhe “Egaa Anis Sitti hin Faradu” jedhe.
Yesuusiin isheetti faradateeraa?
Lakki
Dubartittiin fayyina Yesuus keessaa argamuun eebbifamteetti. Cubbuu ishee hundumaattii fayyiteetti. Yesuus Gooftaan keenya cubbuu keenya hundumaattii akka nu fayyisee fi qajeelota akka nu godhe nutti dubbata.
Kana wangeela keessaan nutti dubbata. Inni gatii cubbuu keenyaa isa yeroo laga Yordaanositti cuuphamee ofii isaatti fudhatee kaffaluuf jedhee gara fannoo dhaqeera. Inni cubbuu keenya ofii isaatti fudhachuudhaaf jedhe akka cuuphamee fi fannoo irratti akka iddoo keenya firdii baate warra amanan ifatti akka fayisuu dubbateera. Hundumti keenya dubbii Yesuus biyya lafaatiin ga’uuf barreeffamaan in barbaanna. Egaa, fay’ina kanaan ebba guddaa arganna.
“Waaqayyo, duratti ani gatii hinqabu. Gaarummaa tokko iyyuu of keessaa hin qabu. Wantan sitti agrsiisuu hin qabu, cubbuu koo irraan kan hafe. Garuu Yesuus Gooftaa fayyina kootii akka ta’e nan amana. Inni yeroo cuuphame cubbuu koo gara ofii isaatiitti fudhatee fannoo irratti cubbuu koo akka cinqarse nan amana. Cuuphamuu fi fannifamuu isaatiin cubbuu koo ana irraa fuudheera. Ani sitti nan amana, yaa Gooftaa.”
Kun akkaataa ati ittiin fayyituu dha. Yesuus ‘nutti hin faradu.’ Inni ijoollee Waaqayyoo akka taanuuf mirga nuuf kenneera: Warra fay’ina wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanan, cubbuu isaanii irraa fuudhee qajeelummaan ni gonfa.
Yaa firootaa! Dubartittiin fayyiteetti. Dubartittiin ejja irratti qabamte kana Yesuus eebba fayyinaa ishee gonfeera. Nuyis akkuma kana eebbifamuu in dandeenya. Kan cubbuu isaa beekee araara Waaqayyoo kadhatu, wangeela bishaanii fi hafuuraatti kan amanu Yesuus biraa eebba fay’inaa ni argata/tti. Warri Waaqayyoon duratti cubbuu isaani amanan fayyuu danda’u, garuu warri cubbuu isaanii hin hubanne eebba fayyinaa argachuu hin dandaa’ani.
Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’eera (Yohaannis 1:29). Biyya lafaa kana irra cubbamaan Yesuusitti amanu hundinu fayyina ni argata. Yesuus akkana jedhe, “Anis sitti hin faradu.” Sababii inni isheetti hin faradiin hafeef sababii yeroo Yesuus cuuphame cubbuun ishee hundinuu isaatti waan darbeefi. Inni cubbuu keenya hundumaa ofii isaatti fudhate, firdii isaas baateera.
Yesuus Duratti Fayyuu Qabna
Kamtu caala, jaalala Waaqayyoo moo firdii isaa?
Jaalala Waaqayyoo
Fariisota dhagaa baatanii fi geggeesitoonni amantii bara kana seera gara malee hiikkatu. Seerichi hin ejjin akka jedhu waan amananiif, namni ejju dhagaa dhaan ni rukutama. Isaan ofii isaaniitii akka waan hin ejjineetti of lakka’aa ija hinqaanofneen ishee ni ilaalu turani. Isaan hin oolfanis hin fayyanis. Fariisonni fi Saduuqonni rinciccoota biyya lafaa kanaati. Isaan warra waamicha Yesuus isaaniif godhe didanii dha. Isaan kun isa Yesuus, “ani isinitti hin faradu” jedhes hin dhageenye.
Sagalee gammachiisaa kan dubartittii ishee ejja irratti qabamte qofaatu dhaga’e. Isa duratti yoo amanamoo taate, akkuma ishee eebbifamuu ni dandeessa. “Yaa Waaqayyo, ani hin dandeenye garuu bara koo guutuu ejjeera. Sababan ani yeroo baay’ee kana raawwadhuuf akka inni cubbuu ta’e iyyuu beekuu hin dandeenye. Guyyaa guyyaatti cubbuu akkanaa baayyeen hojjedha.”
Seericha fudhannee cubbamaa duuti maluuf akka taanee hubannee amanamummaadhaan Waaqayyoon akkana jechuu qabna, “Yaa Waaqayyo, kun eenyu akkan ta’e mul’isa. Adaraa na fayyisi,” yeroo jennu Waaqayyo fayyisuu isaatiin nu eebbisa.
Jaalalli Yesuus, wangeellii bishaani fi hafuuraa firdii jala nu baasa. “Anis sitti hin faradu.” Inni nutti hin faradne. Inni akkana jedha, “Ati fayyiteetta.” Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Waaqa gara laafessaati. Cubbuu biyya lafaa hundumaattii inni nu fayyiseera.
Waaqayyo keenya Waaqa haqaa fi Waaqa jaalalaa ti. Jaalalli isaa inni karaa bishaanii fi hafuuraa mul’ate hunduma irra in caala.
Jaalalli isaa Haqa isaa in Caala
Inni maaliif nu fayyisee?
Sababii Jaalallii isaa Haqa isaa irra caaluuf.
Haqummaa isaa raawwachuudhaaf Waaqayyo firdii isaa utuu dirqisiisee, silaa cubbamoota hundumaatti faradee gara sii’olitti erga ture. Sababii jaalalli Yesuus, inni firdii jalaa nu oolche baay’ee guddaa ta’eef, Waaqayyo tokkicha ilma isaa Yesuusiin, biyya lafaatti ergeera. Yesuus cubbuu keenya hundumaa gara ofii isaatiitti fudhate, sababii kanaaf immoo iddoo keenya firdii b aate. Amma egaa, namni Yesuus fayyisaa lubbuu isaatii akka ta’e amanu hundinuu, ijoollee isaa fi qajeeloa ta’u. Sababii jaalalli isaa haqa isaa guutuu ta’eef, inni hunda keenya fayyiseera.
Waaqayyo akka haqa isaa qofaatti waan hin murreef isa galateeffachuu qabna. Yesuus yeroo tokko barreessitoota seeraa, fariisotaa fi bartoota isaaniin, “Ani gara laafinan barbaada malee aarsaa miti’. Kun maalitti akka hiikamu dhaqaa tii baraa: ‘Anoo warra gara qajeelota waamuu hin dhufne warra cubbamootan waamu dhufe malee’” jedhee isaanitti dubbate (Maatewos 9:13). Namoonni sa’a ykn reettii guyyaa guyyaatti Waaqayyoof aarsaa dhi’eessaa, “Yaa Waaqayyo, cubbuu koo har’aa borii naaf dhiisi” jechaa ni kadhatu. Waaqayyo aarsaa keenya osoo hin taanee amantii yaada garaa keenyaa amantii fay’isuu bishaanii fi hafuuraa nuyi qabnu barbaada. Inni akka nuyi oolluu fi fayyinu barbaada. Inni jaalala isaa nuuf kennee amantii keenya fudhachuu ni barbaada. Kana hundumaa arguu ni dandeessa? Yesuus fayyina guutuu nuuf kennuu barbaada.
Yesuus cubbuu ni j ibba, garuu inni dhala namaa warra akka fakkeenya isaatti uumamaniif, jaalala gubaa qaba. Inni utuu biyyi lafaa hin uumamin dura iyyuu akka nuyi ijoollee isaa taanuuf murteesseera, karaa cuuphaa fi dhiiga isaatii cubbuu keenya nu irraa kaaseera. Waaqayyo dhuma irratti akka fayyinnuuf Yesuusiin nu golgee ijoollee isaa nu godhee nu uumeera. Kun jaalala inni nuun uumama isaaf qabu agarsiisa.
Waaqayyo akka seera isaatiitti yoo ni farada ta’e, nuyi, cubbamoonni ni duuna turre. Inni garuu karaa cuuphamuu isaa fi fannifamuu isaa firdii nu irraa kaaseera. Kana ni amanta? Kottaa Kakuu Moofaa keessatti kana ni mirkaneeffanna.
Aaroon harka isaa tuuntunnoo aarsa irraa kaa’a
Eenyutu bakka bu’ee Mataa korbeessaa irra harka kaa’a?
Angafa lubaa
Bara Kakuu Moofaa keessa dhiifamni cubbuu karaa sirnoota haarsaa yoo ta’u, bara Kakuu Haaraatti immoo karaa cuuphamuu du’a fannoo Yesuusiin darba. Bara Kakuu Moofaatti angafni Lubaa harka mataa korbeessa mudaa hin qabnee fayyaatti jiruu irra kaa’ee irra daddarbaa fi cubbuu saba Israa’el kan waggaa altakkaa itti dabarsa.
“Harka isaa lamaan mataa korbeessa fayyaatti jiru sana irraa kaa’ee yakka, irra daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisuu in godha” (Leewota 16:21).
Bara Kakuu Moofaa keessatti cubbuun akkaataa kanaatti dhiifama ture. Cubbuu har’aa boriittii fayyuudhaaf, korbeessa ykn reettii mudaa hin qabne iddoo aarsaa dunkaanaatti ni dhiheessa. Harka isaa mataa horii aarsaaf dhiyaate sanaa irra kaa’ee, cubbuu isaa itti dabarsa. Achumaan gorra’aamee dhiigni isaa immoo mataa iddoo aarsaatti dibama.
Golee arfan iddoo aarsaa sana irraa gaanfatu jiru. Gaanfi arfan kun macaafa hojii namaa isa Mul’ata 20:12 keessatti ni fakkeeffama. Dhiigni iddoo sana irraa hafe immoo lafatti gadi dhangalaa’a. Lafti laphee namaa bakka bu’a, sababiinisa biyyoo awwaaraa irraa sababa dhalateef. Cubbuu isaanii har’aa boreettii bifa kanaan fayyuu ni danda’u.
Haa ta’u iyyuu malee cubbuu har’aa boreetiif guyyaa-guyyaatti aarsaa dhi’eessuun hin barbaachisu, Waaqayyo cubbuu har’aa boreef waggaatti si’a tokko akka dhiyaatu hayyameera. Guyyaan araaraa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti waggaa-waggaan geggeeffama. Guyyaan araaraa waggaa dhiifama cubbuu itti geggeeffamutti angafni lubaa, bakka bu’aan saba Israa’el hunda, reettota lama irra harka isaa kaa’ee cubbuu itti dabarsee Waaqayyo duratti dhi’eessee sirna araara Israa’elootaa ni raawwaata.
“Harka isaa lamaan mataa korbeessa fayyaatti jiru sana irra kaa’ee yakka irra daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisuu in godha.”
Waaqayyo Aaroniin, Angafa lubootaa saba israa’el, bakka bu’aa saba Israa’eel godhee kaa’eera. Akkuma tokkoon tokkoon namaa harka isaa mataa horii aarsaaf dhihaatuu irra kaa’uu, angafni luba Aaroon dhiifama cubbuu saba Israa’el kan waggaa altakkaa akka dhiifamuuf harka isaa mataa korbeessa fayyaatti jiru sana irra in kaa’a.
Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu saba Israa’eliin ni hima, “Yaa Waaqayyo, ijoolleen kee sabni Israa’el cubbuu hojjeteera. Waaqota tolfamaa waaqeffanneerra, keeyyata seera keetii hunda caabsineerra, maqaa kee akkasumaan dhoofneerra, waaqota ofii keenyaa tolfannee si caalaatti jaallanneerra. Guyyaa sanbata hin qulqulleessine, abbaa fi haadha keenya hin ulfeesine, ajjeefnneerra, ejjineerra, hanneerra…. Waan namaa hawwinee lola kaafneerra.”
Inni cubbuu isaanii hunda tarreessee ni dubbata. “Yaa Waaqayyo, Sabni kee Israa’elis ta’e ani seera kee hin eegne. Cubbuu kana hundumaattii fayyuudhaaf ani harka koo mataa tuuntunoo kanaa irra kaa’ee cubbuu isaanii itti nan dabarsa.” Angafni lubaa sun mataa aarsichaa irra harka isaa kaa’ee, cubbuu hundumaa itti dabarsa. Dibuu, ykn harka irra kaa’uu jechuun ‘itti dabarsuu’ jechaa dha (Leewota 1:1-4, 16:20-21).
Bara Kakuu Moofaa keessatti araarri attamittiin ta’aa ture?
Haarsaa sababii cubbuu tiif dhiatu irraa harka kaa’uu dhaan
Cubbuun saba Israa’el dabarsaan akka irraa ka’uuf Waaqayyo sirna aarsaa kenneera. Cubbamaan sun iddoo cubbuu isaatii horii muda hin qabne dhi’eeffatee bakka nama sanaa horiin sun ni qalama. Fay’inni nama dhuunfaa akkaataa kanaan ta’a.
Haa ta’u iyyuu malee, Guyyaa Araaraatti, aarsaan cubbuuf dhiyaatu qalamee dhiigni isaa immoo iddoo qulqulluu qulqullootaa teessoo araaraa irratti si’a torba faca’a. Cubbuun saba Israa’el kan waggaa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti altakkaa ni dhiifama.
Angafni lubaa iddoo qulqulluu qulqullootaatti aarsaa dhi’eessuudhaaf ni seena, garuu sabni bakkeetti walitti qabamee sagalee bilbila warqee kanaaf qophaa’anii ni dhaggeeffata. Yeroo dhiigi sun si’a torba teessoo aarsaa irratti faca’u bilbilli warqee sun ni bilbilama. Yeroo sanatti sabni Israa’el akka cubbuun isaanii haqame hubatee gammachuu isaa ni dhageessisa. Sagaleen bilbila warqee sun gammachuu fayy’ina wangeelaa bara Kakuu Haaraa agarsiisa.
Yesuus namoota yaraa filatee isaaniin qofa fayyisa kan jedhu yaada dhugaa miti. Yesuus battala chuuphametti cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhateera. Inni altakkaa yeroo dhumaatiif akka ta’utti nu fayyseera. Cubbuuttii fayyuun har’aa boree ta’a miti, cubbuun keenya altakkaa, barabaraaf haqameera.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, dhiifamni cubbuu karaa aarsaa kennamaa ture. Aaroon fuula namoota hundumaa duratti tuntunnoo irra harka isaa kaa’ee cubbuu sabni sun waggaa sana keessa hojjete tartiibaan ni dubbata. Saba Israa’el hundumaa duratti cubbuu isaanii itti ni dabarsa. Tuntunnoo aarsaaf dhiyaate sana irra erga angafni lubaa harka isaa irra kaa’ee booda cubbuun saba sanaa eessa dhaqa? Cubbuun sun hundi gara tuntunoo sanaatti darba.
Tutunoon sun ‘nama ta’uun’ oofamee gara iddoo onaatti ni geeffama. Iddoon onaa sun iddoo bishaanii fi margii hin jirre dha. Tuuntunichi iddoo onaa sana keessa utuu jooruu akka cubbamaatti jooree dhuma irratti ni du’a. Dhuma irratti tuuntunoon sun sababii cubbuu saba Israa’eliif ni du’a.
Kun egaa jaalala Waaqayyoo, jaalala fayyinaa ti. Jaalalli kun dhiifamni cubbuu waggaa akka kennamuuf sababa ta’eera. Nuyi garuu bara Kakuu Haaraa keessa jirra. Yesuus gara biyya lafaa dhufuun isaa har’a waggaa 2000 ta’eera. Inni abdii isa bara Kakuu Moofaa keessatti kennamee raawwachuudhaaf dhufe. Inni dhufee cubbuu keenya hundumaattii nu fayyiseera.
Hunda Keenya Fayyisuu Dhaaf
YESUUS jechaan maal jechaa dha?
Fayyisaa isa saba isaa cubbuu isaanittii isaan fayyisuu dha
Kottaa (Maatewos 1:20-21) ni dubbifannaa. “Utuu Yooseef kana yaadaa jiruu, kunoo ergamaan Gooftaa abjuutti itti mul’atee “Yaa Yooseef ilma Daawwit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee of biratti fudhachuu hin sodaatiin; Isheen ilma in deessi, atis maqaa isaa ‘Yesuus’ jettee in mooggaafta. Inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniitti isaan in fayyisa” (Maatewos 1:20-21).
Waaqayyo abbaan keenya Maariyaam durba irraa foon uffachiisee ilma isaa gara biyya lafaatti ergee cubbuu keenya hunda nu irraa kaase. Inni ergamaa isaa Maariyaamitti ergee akkana jedhee itti dubbate, “Ati in ulfooftaa, ilmas in deessa, maqaa isaa ‘Yesuus’ jettee in mooggaafta.” Ilmi Waaqayyoo karaa Maariyaamiin dhufu kun fayyisaa biyya lafaa ta’a jechaa dha. Yesuus Kiristoos jechaan kan saba isaa cubbuu isaaniitti isaan fayyisu, jecha biraa tiin, fayyisaa jechaa dha.
Egaa Yesuus attamitti cubbuu keenya hundumaattii nu fayy’isa? Yesuus laga Yordaanositti yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhateera. Yeroo Yohaannis cuuphaan isa cuuphe, cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti darbeera. Kottaa Maatewos 3:13-17 ni dubbifanna.
“Yesuus yommus Yohaannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohaannis garu, “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaan keessaa akkuma ba’een kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isa in arge. Kunoo, sagaleen immoo, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.”
Yesuus gara Yohaannis chuuphaa dhaquun isaa cubbuu keenya hundumaattii nu fayy’isuu dhaafi. Inni bishaan keessa lixee mataa isaa Yohaannis jala qabate. “Yohaannis, egaa amma ana cuuphi. Waan qajeelaa raawwachuun nuuf ta’a. Ani cubbuu biyya lafaa gara ofii koottii fudhee, cubbamoota hundumaa oolchuufaan dhufe, cuuphaadhaan cubbuu isaanii hunda haqeen bal’eessa. Amma ana cuuphi! Hayyami!”
Kanaafuu, waan qajeelaa gochuun ni ta’a. Yesuus laga Yordaanositti yeroo Yohaannis cuuphaan cuuphame, qajeelummaan Waaqayyoo inni nuun cubbamoota fayy’isu ni raawwatame.
Egaa haala karaan cubbuu keenyattii nu fayyseera. Cubbuun kees hundi gara Yesuusitti darbeera. Kana ni hubattaa?
Cuuphamuu fi hafuura Yesuusitti amanii fayyina fudhadhu.
Attamitti qajeelummaan hundi isaa raawwatame?
Karaa cuuphamuu Yesuus
Waaqayyo cubbuu biyya lafa hunda karaa harka irra kaa’uu fi aarsaa sababii cubbuutiif dhiyaatuun akka balleessu abdii kennee ture. Garuu tokkoon tokkoon namaa dhuunfaadhaan harka irraa kaa’uun waan hin dandaa’amneef, Waaqayyo Aarooniin hangafa lubaa godhee akka aarsaa dhiheessuuf adda baase. Inni cubbuu saba Israa’el hunda altakkaa gara tuntunnoo aarsaaf dhiyaateetti ni dabarsa. Kun angoo fi ogummaa fayyisuu Waaqayyoo ti. Waaqayyo ogeessa dinqisiisaa dha.
Cubbuu biyya lafaa hunda fayyisuudhaaf Waaqayyo Ilma isaa gara biyya lafaatti ergeera. Akkanatti, aarsaan cubbuu dhiyaateera jechaa dha. Egaa namni cubbuu biyya lafaa mataa Yesuus irra kaa’ee cubbuu itti dabarsuu ni barbaachisa. Namni kun Yohaannis Cuuphaa dha. Waaqayyo Kiristoosiin dura bakka bu’aa ilmaan namaa akka erge macaafni qulqulluun ni ibsa.
Yohaannis cuuphaan dhala namaa hundumaaf angafa lubaa ture. Akkuma Maatewos 11:11 keessatti barreeffame, “Dhuguman isiniin jedha nama ta’e lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohaannis cuuphaa irra kan caaluu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hunduma irra xinnaatu isa irra in caala.” Inni tokkicha bakka bu’aa ilmaan namootaa ti. Kanaafuu, inni Yohaannis cuuphaa bakka bu’aa ilmaan namoofaa godhee akka inni Yesuusiin cuuphee cubbuu biyya lafaa itti dabarsuuf ergeera.
Bara kana keessa namoota biliyoona torbatti shallagamantu biyya lafaa irra jira yoo ta’e cubbuu isaanii itti dabarfachuudhaaf harka isaanii mataa Yesuus irra ni kaa’uu yoo ta’e, mataan isaa attam ta’a laata? Namni biilyooniin torba harka isaanii mataa Yesuus irra ni kaa’u yoo ta’e, ilaalcha miidhagaa hin ta’u. Namoonni dhimmamoon mataa isaa yoo gad qaban rifeensi mataa isaatii ni luqqa’a ture. Kanaafuu, Waaqayyo ogummaa isaatiin, Yohaannisiin bakka bu’aa ilmaan namootaa godhee isa kaa’uudhaan cubbuu biyya lafa hunda altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti gara Yesuusitti karaa cuuphamuu isaa itti dabarse.
Maatewos 3:13 akkana jedha, “Yesuus yommus Yohaannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe.” Kun yeroo Yesuus waggaa 30 fixetti ta’e. Yesuus dhalatee gaafa guyyaa 8 immoo dhaqna qabate, ergasii hanga inni waggaa 30 fixetti waa’een isaa wanti galmaa’ee baayyeen hin jiru.
Yesuus hanga waggaa 30 tti turuun isaa Kakuu Mooffaatti hanga angafa lubaa seera qabeessa ta’u eeguu dhaafi. Seera keessa deebii keessatti, angafa lubummaan tajaajila kennuun waggaa 30 booddee akka ta’u Museen dubbateera. Yesuus angafa luba waaqa irraa ti. Kanatti ni amantaa?
Maatewos 3:13-14 akkana jedha, “Yesuus yommus Yohaannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohaannis garuu, anatuu siin cuuphamuun immoo situu nan cuuphama jedheen.” Bakka bu’aan dhala namaa eenyuu dha? Yohaannis cuuphaa dha. Egaa bakka bu’aan waaqa irraa immoo eenyuun ta’a? Yesuus Kiristoosii dha. Bakka buutonni ni quunnamu. Egaa inni caaluu eenyuun ta’a? Eeyee dhugaadhumatti, bakka bu’aa isa oliitu caala.
Kanaafuu Yohaannis cuuphaan, ija jabeessa guddaa waan tureef geggeessitoota amantii yeroo sanaatiin, “Isin ijoollee marrataa nana! Cuuphama!” jechuudhaan fuula Yesuus duratti gadi of deebise. “Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” ittiin jedhe.
Qabxii kana irratti, Yesuus akkana jedhe, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi.” Yesuus qajeelummaa Waaqayyoo raawwachuudhaaf gara biyya lafaa dhufee Yohaannis cuuphaan cuuphame.
“Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaan keessaa akkuma ba’een kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis hafuurrii Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isa ni arge. Kunoo, sagaleen immoo, “Inni kun ilma koo jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.
Yeroo inni cuuphame kanatu ta’e. Cubbuun biyya lafaa waan haqameef bantiin waaqaa ni baname.
“Yeroo Yohaannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee, hamma hammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira” (Matthew 11:12).
Raajii fi seerri hanga Yohaannis cuuphaatti dubbatamaniiru. “Yeroo Yohaannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee, hamma ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira.” Namni cuuphamuu Yesuusitti amanuu gaaffi tokko malee mootummaa Waaqayyootti ni gala.
“Anis sitti hin faradu”
Maaliif Fannoo irratti Yesuustti faradame?
Sababii inni cubbuu keenya hunda gara ofii isaatiitti fudhateefi.
Yesuus Yohaannisiin cuuphamee cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate. Booddana immoo, dubartittii ishee ejja irratti qabamteen, “Anis sitti hin faradu” ittiin jedhe. Inni dubartittiitti hin faranne sababiinsaa, inni yeroo laga Yordaanositti cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda ofii isaatti waan fudhateef, dubartittiin cubbuu jalaa ba’uu dandeesse.
Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’eera. Sababii ‘gatiin cubbuu du’a’ ta’eef Yesuus fannoo irratti dhiphachuun isaa hammam akka nama sodaachisu ilaaluu dandeenya. Gaara ejersaa irratti akka firdiin kun irraa ka’uuf Yesuus si’a sadii kadhateera. Yesuus foon namaa uffatee nama foonii fi dhiigaa waan ta’eef dhiphinni kun akka namaatti akka isa sodaachise hubachuu qabna. Firdii kana raawwachuudhaaf Yesuus diiguu qaba ture.
Akkuma aarsaan cubbuu bara Kakuu Moofaa dhiiguu qabu, innis fannoo irratti aarsaa ta’ee dhiiga isaa dhangalaase. Inni cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa balleessee, fayyina keenyaaf immoo lubbuu isaa fannoo irratti dabarsee kenne. Inni Waaqayyoon duratti akka firdii fudhachuu qabu ni beeka ture.
Yesuus garaa isaa keessaa cubbuu hin qabu ture, garuu battala inni cuuphametti cubbuun biyya lafaa hundinuu gara isaatti waan darbeef Waaqayyo ilma isaatti faraduu qaba ture. Kanaafuu, gochaan jalqabaa haqummaa Waaqayyoo yeroo agarsiisuu, inni lammaffaa immoo fayyina keenyaaf jaalala isaa nu gonfuu isaa ti. Yesuus sababii kanaaf fannoo irratti firdii fudhate.
“Anis sitti hin faradu, ykn sitti hin muru.” Cubbuun keenya kan utuu itti yaadnees ta’e utuu itti hin yaadiin hojjenne, utuu beeknuu ykn utuu hin beekinis hojjenne hundii isaa Waaqayyoon firdii argachuu qaba.
Haa ta’u iyyuu malee Waaqayyo nutti hin faradne. Waaqayyo Yesuus isa cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhatetti mure. Waaqayyo sababii garalaafinaa fi jaalala isaatiif cubbamootatti hin faradne. Cuuphamuu fi fannoon dhiiga isaatii fayyina jaalala isaatii agarsiisa. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanuu hundinuu jireenya baraabaraa haa qabaatuuf, malee haa baduuf miti” (Yohaannis 3:16).
Kun akkaataa nuyi itti jaalala isaa barree dha. Yesuus dubartittii ishee cubbuu ejjaa irratti qabamte sanatti hin faradne.
Dubartittiin hojii ejjaa irratti waan qabamteef cubbamtuu akka taatee of beekti. Isheen cubbuu yaadaa qofa miti, foon isheettis baatteetti. Haala kamiin iyyuu cubbuu ishee ganuu hin dandeessu. Haa ta’uu iyyuu malee, Yesuus akka cubbuu ishee irraa haqe waan amanteef, fayyiteetti. Fayyisuu Yesuusitti yoo amanne, ni fayyina. Itti amani! Gaarummaa keetiif ta’a.
Hunda caalaa kan eebbifamuu eenyuu dha?
Warra cubbuu hin qabne
Nama hundumaatuu cubbuu hojjete. Namoonni hundinuu ejjaniiru. Garuu namoonni hundinuu cubbuu isaaniitiif itti hin faradamne. Nuyi hundumti keenya yakkineerra, garuu warri fayyisuu Yesuusitti amanan laphee isaanii keessaa cubbuu hin qabani. Fayyina Yesuus kennetti warri amanan hundumaa irra caalaa gammachuu qabu. Warri cubbuu isaanii hundumaattii fayyan hunduma irra caalaa warra eebbifamanii dha. Jecha biraatiin, isaan qajeelummaa Yesuusiin gonfamaniiru jechaa dha.
Waaqayyo waa’ee gammachuu kanaa Roomaa 4:7 irratti dubbateera; “Warri seera irra daddarbuun isaanii dhiifameef, warri cubbuun isaanii akka deebi’ee hin argamne godhameef haa gammadan.” Hamma guyyaa obbafannaa keenyaatti cubbuu irraa bilisa hin taanu. Nuyi Waaqayyoon duratti yakkamoo fi hirruu dha. Erguma seera isaa barree booddee iyyuu cubbuu ni hojjenna. Nuyi baayyee dadhaboota.
Garuu Waaqayyo cuuphamuu fi dhangala’uu dhiiga tokkicha ilma isaan waan nu fayyiseef, kanaan booda akka nuyi cubbamoota hin taanee fi isa duratti qajeelota akka taane nutti dubbata. Inni akka nuyi ijoollee isaa taane nutti dubbata.
Wangeelli bishaanii fi hafuuraa wangeela fayyina baraabaraa ti. Kanatti ni amanta? Warra itti amanani, qajeelota, warra fayyanii fi ijoollee isaa ta’u. Biyya lafaa kana keessatti hunduma irra caalaa kan gammachuu qabu eenyuu dha? Warra amanani fi warra wangeela dhugaatiin oolfamani dha. Ati oolfamteettaa?
Yesuus cubbuu kee si irratti hambiseera? Lakki, inni cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaaseera. Itti amani. Itti amaniitii cubbuu kee hundumaa irraa boqodhu. Yohaannis 1:29 haa dubbifnu.
Akkuma waan harataa dhaan harameetti
Yesuus Cubbuu hammamii Balleesse?
Cubbuu biyya lafaa hunda
“Borumtaa Yohaannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu arge, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!’” (Yohaannis 1:29).
“Ilaa! Hoolicha Waaqayyo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!”
Yohaannis cuuphaan laga Yordaanositti cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarse. Borumtaa isaa immoo, Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhuuf akka dhufe dhugaa ba’e. Inni cubbuu biyya lafaa hunda gatiittii isaatti fudhate.
Cubbuu biyya lafaa kan dhalli namaa hojjete hundi, uumamaa hanga dhuma baraatti altakkaa gara Yesuusitti darbeera. Waggoota 2000 fuula dura, cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhatee nu fayyiseera. Akka hoolaa Waaqayyootti, cubbuu hundumaa ofii isaatti fudhatee firdii keenya nuuf baate.
Cubbuu namni hojjete hundi gara Yesuusitti darbeera. Inni hoolaa isa cubbuu biyya lafaa balleessu ta’e.
Inni akka nama cubbuu biyya lafaa hunda fayyisuutti, gad of deebisee gara biyya lafaa dhufe. Dhadhaboota, yakkamoota, callistoota fi guutuu waan hin taaneef cubbuu ni hojjenna. Jecha biraatiin, abbaa keenya Addaam irraa cubbuu waan dhaalleef ni yakkina. Yakki kun hundi battala Yesuus laga Yordaanositti cuuphame haramee gara mataa isaatti darbe. Fannoo irratti du’uu isaatiin xumura irraan ga’eera. Erga du’ee booda ni awwaalame, Waaqayyoo garuu guyyaa Sadaffaatti du’a isa kaase.
Akka fayyisaa cubbamootaatti, mo’ichaan, abbaa firdii ta’ee, amma inni gara mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira. Ammaa-ammaa nu fayyisuu hin barbaachisu. Wanti nuyi gochuu qabnu fayyuudhaaf isumatti amanuu dha. Warra amanan jireenya barabaraatu isaan eeggata; warra hin amanne garuu badiisatu eeggata. Filannoon biraa hin jiru.
Yesuus hunduma keenya fayyiseera. Ati biyya lafaa kana irraa warra hunduma irra caalaa kan gammaddee dha. Garuu fuula duraatti cubbuu ni hojjeta sababii murtaa’ina keetiif, inni garuu cubbuu kana hundumaattis si oolcheera.
Cubbuun laphee kee keessatti hafeeraa? —Lakki.—
Yesuus hunduma isaa kaaseeraa? —Eeyye! Inni godheera.—
Namni hundinuu tokko. Eenyu iyyuu ollaa isaa caalaa qulqull’aa/tuu miti. Garuu sababii namoonni baay’een of tuultoota ta’aniif, akka waan cubbamoota hin taaneetti ofii isaanii in lakkaa’u, yeroo barbaadamutti immoo isaanis cubbamootuma. Biyyi lafaa kun mana itti cubbuun oomishamuu dha.
Dubartoonni yeroo mana isaaniitii ba’an, halluu hidhii in dibatu, fuula isaanii dibata addaddda itti godhatu, rifeensa mataa isaanii ni hojjetatu, uffannaa isaaniis ni bareechatu, kophee koomee ol kaa’aa ni kaa’atuu…. Dhiironnis refeensa mataa isaanii ni sirreeffatu, shimashii qulqulluus ni uffatu, karabaataa ammayyaa ni kaa’atu kophee isaani ni qulqulleeffatu.
Waan bakkeen mullatuun giiftota fakkaatanii yoo adeeman iyyuu, waan keessan mullatuun garuu raawwatanii qullaa dha.
Horiin nu gammachiisuu ni dandaa’aa? Fayyaa qabaachuunis namaaf gammachuu ni kenna? Lakki. Fayyina baraabaraa qofaatuu nama gammachisee dhugaa namaaf kenna. Waan bakkeen mullatuun namni hamma fedhe iyyuu haa gammadu, laphee isaa keessatti cubbuun hafeera taanaan namni sun gadadamaa/mtuu dha. Namni akkanaa yeroo hundumaa soda firdii jala ni jiraata.
Namni fayyina argate akka leencaa ija jabeessa, ta’a. Cubbuun laphee isaa/shee keessa hin jiru. “Yaa Waaqayyo si haa galatu, cubbamoota akka kootii fayyifteetta. Ati cubbuu koo hundumaa ana irraa haqxeetta. Ani illee gama kootiin jaalala kee fudhachuudhaaf kanan malu hin turre, garuu waan na fayyifteef siin galateeffadha. Ani cubbuu koottii barbaraan fayyeera. Waaqayyoof galanni haa ta’u!”
Namni fayyee gammaduun isaa qajeelaa dha. Namni fayyina eebba isaatii argatee inni dhuguma gammachuun isaa guddaa dha.
Sababii Yesuus, ‘cubbuu biyya lafaa kan balleessu hoolaa Waaqayyoo ta’eef’ cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera, kanaafuu nuyi cubbuu hin qabnu. Waa’een fayyina keenyaa fannoo irratti ‘raawwatameera’ jedhe. Cubbuun kee fi cubbuun koo hundi, cubbuu biyya lafaa hunda dabalatee, kan hunda keenyaa haqameera. Garuu nama isatti amanu qofaatu kennaa kana fudhata.
Jaalala Waaqayyoo iin
Utuu Yesuus keessa jirruu garaa keenya keessaa cubbuu ni qabaannaa?
Lakki, hin qabnu.
Jaallatamoo firootaa, dubartittiin ejja irratti qabamtee sun sagalee Yesuusitti amantee fayyite. Seenaan ishee macaafa qulqulluu keessatti ni galmaa’ee sababiinsaa isheen fayyina baraabaraa waan argatteef. Haa ta’u iyyuu malee, of tuultonnii Fariisotaa fi Saduuqotaa Yesuus irraa ni baqatani.
Yesuusitti yoo amantee, jireenya Waaqatuu si eeggata, garuu Yesuusiin yoo dhiifte, sii’oliin dhaqxa. Hojii qajeelummaa isaatti yoo amante, inni akkuma Waaqaa ti, garuu sagalee isaatti hin amantu yoo taate, inni akkuma sii’oli. Fayyinni yaalii namoota dhuunfaa osoo hin taane, fayyisuu Yesuusii dha.
Ibroota 10 akkanatti ni dubbifanna. “Seerichi garuu gaaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’atan miti; inni karaa haarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hincitin dhi’eeffaman sana; warra dhi’aatan fiixaan kan ba’an gochuu matumaa hin dandeenye. Warri Waaqayyoof sagadan yeroo hundumaaf akka ta’utti, al tokkicha dhuguma cubbuu isaaniittii utuu qulleeffamaniiru ta’ee, cubbuun isaanii yaada garaa isaaniitti waan hin dhagaa’amneef aarsaa dhi’eessuun in hafa ture miti ree? Hamma garuu aarsaa waggaa waggaatti dhi’aataniin namootni cubbuu isaanii ni yaadatu. Dhiigni korrommii fi re’hotaa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandaa’ani; kanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yommuu dhufe, “Ati, aarsaa kennaas hin jaallanne, garuu dhaqna abboomamuu anaaf qopheessiteetta. Ati kennaa qalma isa gubamuu ti. aarsaa sababii cubbuutiif dhi’atuttis hin gammadne; kanaaf ani immoo, ‘Macaafa maramu keessatti waa’ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuu dhaaf dhufeera’ naan jedhe jedhee dubbate.” Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhiyaatanii iyyuu, kana garaarraatti, “ati aarsaa, kennaas kannaa qalmaa isa gubamuu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi’aatus hin jaallanne, ittis hin gammanne” jechuu isaa argineerra. Itti dabalees immoo, “Kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera” jedheera, kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuu dhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhiigni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti, al tokkichaa aarsaa ta’ee dhi’eeffamu dhaan nuyii Waaqayyoof qulqulleeffamneerra” (Ibroota 10:1-10).
Akka “Jaalala Waaqayyootii” Yesuus cubbuu keenyaaf jedhee lubbuu isaa aarsaa godhe, iddoo keenya itti muramee du’ee du’aa nuuf ka’eera.
Kanaafuu nuyi qulqulloorra. ‘Qulqulleeffamneerra, jedha (Ibroota 10:10)’ akka sirna seer lugaatti akka raawwii yeroo guutuutti galmaa’eera. Akkana jechuun fayyinni keenya yoom iyyuu guutuu dha jechuu dha, irra deebi’amee hin caqafamu jechuu dha. Kan dhugaadhaan Isatti amanu qulleeffameera jechuu dha.
“Lubni guyyaa guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu al tokko aarsaa dhi’eessee, barabaraan gara mirga Waaqayyo taa’e; achi taa’ee, diinonni isaa ejjeta miila isaa hamma godhamanitti in eeggata. Altokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’aan godheera” (Ibroota 10:11-14).
Barabaraan qulqulloofneerra. Yoo bor cubbuu hojjete, deebitee cubbamaa ni taata? Yesuus cubbuu isa kanas si irraa hin kaafne moo? Inni kana godheera. Inni cubbuu kee gara fuula duraas sii balleesseera.
Hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kanaa dhugaa nuuf ba’a; Inni duraan dursee, “Guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isaan nan caafa, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi’’ jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, “Waaqayyo, ‘ani cubbuu isaanii, jali’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera’’ jedhe; Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuu tiif dhi’aatu ni hafa” (Ibiroota 10:15-18).
Gaaleen, ‘Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee’ jedhu sun inni cubbuu biyya lafaa hunda kaffaluu isaa agarsiisa. Yesuus fayyisaa keenya, fayyisaa kee fi fayyisaa koo ti. Yesuusitti amanuun nu fayyiseera. Fayyisuun Yesuus, ayyaana isaa isa dhumaa fi badhaasa Waaqayyoo ti. Ati fi ani warri cubbuuttii fayyine, hunduma irra caalaa kan eebbifamnee dha!