• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 3: Wangeela Bishaaniifi Hafuuraa

[3-2] Cuuphamuu Yesuusii fi Araara Cubbuu (Maatewos 3:13-17)

2021.05.01 110
(Maatewos 3:13-17)
“Yesuus yemmus Yohaannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohaannis garuu “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhe jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman, achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, ‘inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isaatti in rawwatama’ jedhee waaqa irraa ni dubbate.”
 
 
Namni hanga ammaatti cubbuudhaan rakkatu jiraa?
 
Cubbuuf garba ta’uun keenya dhumeeraa?
Eeyyee.
 
Waaqayyo Gooftaan keenya hidhaa cubbuu nu irraa kuteera. Warri hanga ammaatti rakkina cubbuu jala jiran garboota cubbuu ti, garuu fayyisuu isaatiin, Gooftaan keenya cubbuu raawwatee balleesseera. Inni cubbuu keenya hunda isaa haxaa’eera. Namni hanga ammaatti cubbuudhaan rakkatu jira?
Qabsoon nuyi cubbuu wajjin qabnu akka raawwate hubachuu qabna. Lammaffaa cubbuudhaan waan rakkannu hin qabnu. Cuuphamuu fi du’a Yesuusiin garbummaa cubbuu jalaa baaneerra. Ergasii cubbuun keenya achumatti xumurameera. Wanta cubbuun gaafatu hunda Ilmi Waaqayyoo nuuf kaffaleera. Waaqayyo gatii cubbuu keenyaa karaa Yesuus nuuf kaffalee, barabaraan birmaduu nu baasera.
Namoonni hammam akka cubbuudhaan rakkatan ni beekta? Inni kun bara Addaamii fi hewwaan jalqabe. Dhalli namaa cubbuu Addaamii fi Hewwaan irraa dhaalaniin ni dhiphatu.
Haa ta’uu iyyuu malee, Waaqayyoo cubbamoota fayyisuudhaaf Uumama 3:15 irratti kakuu galeera. Kakuun kun karaa aarfamuu Yesuus Kiristoos bishaanii fi hafuuraan dhala namaa fayyisuu dha. Yeroo yeroon isaa ga’etti, Waaaqayyo fayyisaa keenya Yesuusiin, gidduu keenya akka jiraatuuf gara keenyatti erge.
Inni Yesuusiin dura Yohaannis cuuphaa akka ergus abdii kenneera. Maarqoos 1:1-8 akkana jedha, “kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyooti. Macaafni, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga” in jedha. Macaafa Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, “Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya, dhaga’aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa” kan jedhu caafamee jira. Yohaannis cuuphaan lafa onaa keessatti ergamee, “cuuphamaa, yaada garaa geeddarachuu keessan mullisaa, Waaqayyoo cubbuu keessan isiniif in balleessa” jedhee labse. Guutummaa kutaa biyya Yihudaa keessa mandaraa Yeruusaaleem keessa kan jiraatan hundinuu lafa Yohaannis cuuphaan jirutti ba’anii, cubbuu isaan himachaa, laga Yordaanositti of in cuphsiisu turan. Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha’ame uffatee, mudhii isaas teephaan hidhatee, hawwaannisaa fi damma moggaa nyaachaa jiraate. Innis, “Inni ana irra jabaatu ana booddeedhaan dhufaa jira, gadi gugguufee hidhaa kophee isaatiillee hiikuu dhaaf ani nama ta’u miti. Ani bishaaniin isin cuuphe, inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha” jedhee labse.”
 
 
Yohaannis Cuuphaa, Dhuga ba’aa fi dura adeemaa Wangeelaa
 
Yohaannis Cuuphaan eenyuu dha?
Angafa Lubaa fi bakka bu’aa dhala namaa ti
 
Cuuphaan afaan Giriikiitiin, ‘baptizo,’ jedhama akkana jechuunis ‘bishaan keessaa liccisuu’ innis ‘dhiqamuu, awwaalamuu, keessa ka’aamuu, itti dabarsuu’ jechuu dha. Yeroo Yesuus cuuphame, qajeelummaan Waaqayyoo iddoo ga’e, ‘Qajeelummaan’ afaan Giriikii tiin ‘dikaiosune’ jedhama akkana ‘jechaan qajeelaa’ karaa biraatiin immoo ‘waan ta’u,’ baayyee quubsaa, ‘kan itti ta’u,’ ‘haala gaarii’jechuu dha.
Yesuus fayyisaa qubsaa fi ga’aa akka ta’e mul’isuuf cuuphameera. Kanaafuu, warri cuuphamuu isaa fi fannifamuu Yesuusitti amanan ni fayyu.
Kakuu Haaraa keessatti, Yohaannis cuuphaan angafa lubaa bara Kakuu Moofaa ti. Kottaa mee wangela Maatewos 11:10-11 ni ilaalla. Innis, Yohaannis cuuphaan bara itti gala Kakuu Haaraatti akka angafa lubaatti bakka bu’aa ilmaan namaa ta’ee, cubbuu ilmaan namaa hunda gara Yesuusitti dabarsuudhaan, tajaajila lubummaa bara Kakuu Moofaa kenneera.
Yesuus ofiidhuma isaatiifiyyuu waa’ee Yohaannisiin dhugaa ba’eera. Maatewos 11:13-14 keessatti akkana jedha, “Raajonni hundinuu, seerris hamma bara Yohaannis cuuphaatti raajii dubbataniiru. Kana fudhachuus in barbaaddu yoo taatan, Yohaannis kun Eliyaas isa dhufuuf jiru sana.” Kanaafuu, Yohaannis cuuphaan, inni Yesuusiin cuuphe, sanyii angafa Lubaa Aaron isa dhumaati. Macaafni qulquuun Yohaannis akka sanyii Aaron bara Kakuu Moofaa keessaa akka ta’e ni dubbata (Luqaas 1:5, 1 Seenaa baraa 24:10).
Egaa Yohaannis maaliif qofaa isaa iddoo onaa keessa taa’ee, uccuu rifeensa gaaalaa irraa hojjetames maaliif uffataa ture? Akka angafa lubaatti akka yaadamuuf ture. Akka bakka bu’aa ilmaan namaaatti, Yohaannis cuuphaan nama gidduu jiraachuu hin qabu. Kanaafuu, inni waa’ee saba Israa’eliif boo’aa, “Isin Ijoollee mar’afaa qalbii diddiirradhaa” ittiin jedhe mallattoo qalbii diddiirraannaaf immoo cuuphamaa jechaa, gara Yesuus isa cubbuu isaanii irraa kaasetti isaan deebisuuf ture. Hunduma irra iyyuu, Yohaannis yeroo harka isaa mataa Yesuus irra kaa’e, cubbuu biyya lafaa hundumaa itti dabarseera.
 
 
Cuuphaa gosa Lamaan
 
Yohaannis cuuphaan maaliif namoota cuuphe?
Namoonni cubbuu isaanii irraa qalbii diddiirratanii cuuphamuu Yesuusitti akka amananiif
 
Yohaannis cuuphaan erga namoota cuuphee booda Yesuusiin immoo cuuphe. Inni jalqaba “cuuphaa qalbii diddiirrannaa,” isa namoota qalbii diiddirrannaaf gara Waaqayyootti waamu ture. Namoonni baayyeen sagalee Waaqayyoo karaa Yohaannisiin kan dhagaa’an, waaqa tolfamaa isaanii dhiisanii gara isaatti deebi’aniiru.
Cuuphaan inni lammaffaan cuuphamuu Yesuus, cuuphaa isa cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsee dha. Yohaannis cuuphaan Yesuus akka hojii qajeelummaa nuuf hojjetuuf isa cuupheera. Jecha biraatiin, Yesuus namoota hundumaa cubbuu isaaniittii fayyisuudhaaf Yohaannisiin cuuphame (Maatewos 3:15).
Yohaannis Yesuusiin cuuphuun isaa maaliif barbaachise? Cubbuu biyya lafaa balleessuudhaaf, namoonni isatti amanan hundinuu akka fayyaniif ture.
Yohaannis cuuphaan garbichi Waaqayyoo, inni ergami isaa karaa cuuphaa cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti dabarsuu fi namoonni hundinuu qalbii diddiirratanii cubbuun isaanii akka irraa dhiqamuuf wangeela fayyinaatti akka amananiif Yesuusiin dhugaa ba’uu ture. Kanaafuu, Yohaannis namattii addda ba’ee, iddoo onaa taa’utu irra ture. Bara Yohaannis cuuphaatti, sabni Isiraa’el hundinuu malaammaltummaan kan faalaman turan.
Kanaafuu, bara Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyoo akkanatti dubbateera, Miilkiyaas 4:5-6, “Kuno guyyaan koo inni guddadaanii fi inn sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura ani Eliyaas raajicha isiiniif nan erga. Ani dhufe lafa abaarsaan rukutee akkan hin balleessinetti, inni garaa abbotaa gara ijoollee isaaniitti; garaa ijoollees gara abb’oota isaaniitti in deebisa.”
Akka ilaalcha Waaqayyootti, sabni Israa’el Yaahiwwee kan waaqeffatan hundinuu yakkaan kan faalaman turan. Namni tokko iyyuu isa duratti qajeelaa hin turre. Geggeessitoonni amantii mana qulqullummaa; luboonni, abbootiin seeraa, barreessitoonni addumaan warra yakkaan faalaman turan. Sabni Israa’el fi luboonni akka seera Waaqayyo kenneetti aarsaa hin dhiheessan turan.
Luboonni aarsaa dhiigaa irra harka isaanii kaa’anii akka seera araaraatti geggeessuu dhiisanii turan. Luboonni bara raajii Miilkiyaas keessa turan hundi isaanii sirna aarsaa harka irra kaa’uu fi dhiiga horii aarsaaf dhihatuu akka dhiisan galmaa’eera.
Kanaafuu, Yohaannis cuuphaan isaanii wajjin turuu hin dandeenye. Inni iddoo onaa dhaqee iyyuutu irra ture. Inni, maal jedha ?
Maarqoos 1:2-3, sagalee raajicha Isaayaas akka itti fufee jiruutti waraabameera, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga” in jedha. Macaafa Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, “Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya, dhaga’aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa” kan jedhu caafamee jira.
Sagaleen iddoo onaa keessaa iyyuu akka namoonni cuuphaa qalbii diddiirratanii cuuphamaniif ture. Waa’ee ‘cuuphaa qalbii diddiirrannaa’ Maacaafni Qulqulluun maal jedha? Cuuphaa isa Yohaannis cuuphaan cuuphuuf iyyu, cuuphaa isa namoonni Yesuusitti amananii cubbuu isaaniittii akka fayyaniif gara isaatti isaaniin waamuu dha. Cuuphaan Yohaannis namoota gara fayyinaatti waamuu dha.
“Qalbii diddiirradhaatii cuuphamaa. Fayyisaan kee haaluma kanaan cubbuu kee ofitti fudhachuudhaaf cuuphameera” isa jedhuu dha. Yohaannis cuuphaan Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatitti akka fudhate namoonni hundinuu fayyanii gara Waaqayyootti akka deebi’aniif akka inni firdii fannoo baate hubachiisuudhaaf iyye.
“Ani bishaaniinan isin cuupha, Inni garuu, Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.” ‘Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha’ jechuun cubbuu kee hundumaa si irra ni miica jechaa dha. Cuuphuu jechaan ‘miiccuu’ jechaa dha. Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuun isa Ilmi Waaqayyoo cubbuu keenyatti nu fayyisuuf akka cuuphame nu agarsiisa.
Kanaafuu, cubbuu keenya irraa deebinee isatti amanauu qabna. Inni hoolaa isaa cubbuu biyya lafaa ballessee dha. Kun wangeela fayyinaa isa Yohaannis cuuphaan dhugaa ba’aa turee dha.
 
 
Ga’ee angafi lubaa guyyaa araaraa keessatti qabaatu
 
Karaa fayyinaa eenyutu qopheesse?
Yohaannis cuuphaa
 
Raajichi Isaayaas akkana jedhe dubbateera, “Garaa saba yeruusaaem kan rukutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyoo keessaa, adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef itti himaa” (Isaayaas 40:2).
Yesuus Kiristoos cubbuu keenya hunda utuu gargar hin baasin nu irraa kaaseera; cubbuu jalqabaa, cubbuu isa ammaa, isa gara fuula duraa hundinuu karaa cuuphaa isaa haqameera. Inni hunda keenya fayyiseera. Waa’ee fayyina keenya hunda beekuun nu irraa eegama.
Cubbuu keenya hundumaattii fayyuudhaaf, wangeela isa Yohaannis cuuphaan karaa cuuphamuu Yesuusiin cubbuu hundumaa itti dabarsetti amanuu qabna.
Garmalee hubachuu hin qabnu, “Waaqayyoo jaalala-jaalala jennee, yoo laphee keenya keessaa cubbuu qabaannee iyyuu, Yesuusitti amanuu dhaan mootummaa Waaqayyootti galla” jenne yaaduu hin qabnu.
Cubbuu keenya hundumaattii fayyuudhaaf, cuphamuu isaatti amanuu qabna, fannoo isaa fi isa Yohaannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarse hubachuu qabna. Yohaannis karaa bishaanii cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseera.
Waaqayyo hojii fayy’isuu biyya lafaa Yohaannisiin erguu dhaan jalqabe. Akkuma ergamaa Waaqayyootti Yohaannis cuuphaan akka bakka bu’aa mootiitti ergamee cubbuu biyya lafaa hunda karaa cuuphaa gara Yesuusitti dabarse. Inni tajaajila lubummaa dhala namaa hundumaaf kenneera.
Waaqayyo ergamaa isaa Yohaannis cuuphaa gara biyya lafaatti akka erge dubbateera. “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga in jedha.” Fuula kee dura jechuun Yesuusiin dura jechuu dha. Waaqayyo maaliif Yesuusiin dura Yohaannisiin erge? Cubbuu biyya lafaa karaa cuuphaa Yesuus ilma Waaqayyootti akkanni dabarsuuf. “Inni karaa keessan fuula keessan duratti isiniif qopheessa” kun ergaa kutaan kun jedhuu dha.
Akka nuyi fayyinee gara waaqaa dhaqnuuf karaa kan nuuf qopheesse eenyu dha? Yohaannis cuuphaa dha. “Isiniif” inni jedhuu Yesuusiin agarsiisa. Jechi, “Koo” jedhu waaqayyoon garsiisa. Kanaafuu, yeroo inni “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga in jedha” maal jechuu dhaa?
Akka nuyi gara waaqaa dhaqnuuf karaa kan nuuf qopheesse eenyu dha? Akka inni cubbuu keenya nu irraa dhiqee kaasee akka itti amannuuf Yohaannis cuuphaan cubbuu keenyaa hunda gara Yesuusitti dabarse. Hojiin isaa Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu itti dabarsuu dha.Yohaannis fi Yesuusii akka nuyi dhugaatti amannee fayyinu godhaniiru.
Faayyinni keenya maal irratti hundaa’a? Hojii qajeelummaa Yesuus ilmi Waaqayyoo hojjtefee fi ergamaan Waaqayyoo Yohaannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa akka inni isatti dabarse amanuu irratti hundaa’a. Hundi keenya wangeela fayyinaa beekuu qabna. Waaqayyo nama ilma isaa cuuphuu dursee erge; bakka bu’aa dhala namaa godhe. Kanaafuu inni akkaataa kanatti fayyina keenya guutuu godhe.
Waaqayyo Yohaannisiin garbicha isaa ergee ilma isaa cuuphsisuudhaan warra Yesuusitti amananiif karaa fayyinaa qopheesseera. Yohaannis kanaaf Yesuusiin cuuphe. Cuuphamuun fayyina keenya guutuu gochuuf cubbuu keenyaa itti dabarsee namni isatti amanu hundinu akka inni fayyuuf.
Cubbuu keenya inni gara fuula duraa iyyuu gara isaatti darbeera. Yohaannisii fi Yesuus karaa nuyi ittiin mootummaa Waaqayyootti gallu nuuf qopheessan. Waaqayyo dhoksaa fayyinaa karaa Yohaannis cuuphaa mul’iseera.
Namni fayyina argatee gara waaqaa akka dhaquuf Yohaannis dhala namaa bakka bu’ee Yesuusiin cuuphe. Inni karaa cuuphaa cubbuu hundumaa gara Yesuusitti dabarseera. Kun, gammachuu fayyina wangeelaa ti.
 
 
Yohaannis cuuphaan maaliif dhalatee?
 
Karaa eenyuu Yesuusitti amanna?
Karaa Yohaannis cuuphaa
 
Milkiyaas 3:1 irratti akkanatti barreeffameera, “Kunoo ani ergamaa koo isa karaa naaf qopheessu of dura nan erga.” Macaaf qulqulluu sirriitti dubbifachuu qabda. Waaqayyo maaliif ergamaa isaa Yesuusiin dura ergee? Yohaannis maaliif ji’a ja’a Yesuusiin dursee dhalate?
Maacaafni qulqulluun maal akka ta’e hubachuu nu barbaachisa. Kakuu Moofaan hojii angafa lubaa Aaroon maal akka ta’e, ni kaa’a. Aaroon obboleessa Musee isa angafaa ture. Waaqayyo isaa fi ijoollee isaa hundumaa hojii lubummaatiif dibeera. Leewwotni isaan jalatti hojjetu; meshaalee nyaataa qulqulleessanii ni dhiheessu turan, dhadhaa fi daakuu waliin ni maku; ijoolleen Aaroon immoo dunkaana qulqulla’aa keessatti aarsaa ni dhihessu turan.
Ijoolleen Aaaroon hojii hundumaa walqixa ni hiratu, garuu guyyaa araara waggaa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaa angafni lubaa aarsaa waggaa ni dhiheessa.
Luqaas 1:5 keessatti, seenaan hidda dhaloota Yohaannis barreeffamee jira. Akka ta’utti Yesuusiin hubachuudhaaf ergamaa cuuphaa sana sirriitti hubachuu qabna. Waa’ee Yesuus beekuudhaaf yaada keenya ni luuccessina, garuu waa’ee Yohaannis cuuphaa, isa Yesuusiin dura ergamee immoo ni callisina. Kana akka ati hubattuuf si gargaaruu nan jaalladha.
“Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilmaa Waaqayyooti. Macaafni, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessuu si dura nan erga” in jedha” (Maarqoos 1:1-2). Wangeelli olii Yohaannis cuuphaadhaan jalqaba.
Waa’ee Yohaannis cuuphaa guutummaatti yoo baranne, waa’ee fayyina wangeelaa Yesuus sirriitti nuuf ni gala. Kun fakkenya bakka bu’aa biyya adda addaatti ergine irraa haala biyya sanaa dhageenyuu ti. Yeroo nuyi waa’ee Yohaannis cuuphaa hubannu, fedha fayyisuu Waaqayyoo sirriitti beekuu dandeenya.
Amantoonni baayyeen bara ammaa kana keessa barbaachisummaa Yohaannis cuuphaa wallaaluun isaanii, attam yeellaasiisaa dha. Waaqayyo dadhabee ykn immoo waan godhu wallaalee Yohaannis cuuphaa erge miti. Wangeelonni arfan Kakuu Haaraa utuu waa’ee fayyinaa keessa hin galin waa’ee Yohaannis cuuphaa dubbatu.
Lallaboonni bara kanaas waa’ee isaa callisanii waa’ee Yesuusittti amananii fayyuu qofa ni dubbatu. Isaan egaa utuu hin beekin namoota cubbuu keessatti hambisanii gara sii’olitti ni ergu. Amantoonni hundinuu barbaachisummaa Yohaannis cuuphaa utuu hin beekin Yesuusitti ni amanu yoo ta’e, amantiin kiristaanaa akkuma amantii biyya lafaa ni ta’a. Utuu dhugaa hin beekin attamitti waa’ee cubbuu keettii fayyuu beekta? Kun hin dandaa’amu.
Wangeelaan fayyuun salphaas gabaabaas miti. Namoonni baayyeen fayyinni keenya fannoo Yesuus irratti hundaa’a jedhanii kan biraa in callisu. Haa ta’u iyyuu malee, waa’ee dhugaa isa cubbuun keenya Yesuusitti darbee utuu hin beekin, fannifamuu Kiristoos qofaatti ni amanta yoo ta’e, amantii cimaa attamii yoo qabaatte iyyuu amantiin akkanaa fayyina guutuudhaan sin ga’u.
Akkaataa Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee fi akkaataa dhalli namaa karaa fayyinaa baru hubachiisuuf Waaqayyo Yohaannisiin ergeera. Dhugaa barbaachiisaa fayyinaan nu ga’u yoo barre qofa waa’ee Yesuus ilma Waaaqayyo isa cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhate beekuu dandeenya.
Yohaannis cuuphaan waa’ee dhugaa fayyinaa nutti dubbata. Inni Yesuus Waaqayyo fi ifa akka ta’e dhugaa ba’uuf akka dhufe dubbateera. Inni ofii isaatii ifa osoo hin taane ifa akka dhugaa ba’uu dhufe dubbateera. Wangeela Yohaannis 1 keessattis karaa fayyinaa qopheessuudhaaf Yesuusiin akka cuuphu himeera.
Yoo dhuga ba’uumsa isa Yohaannis kenne hin qabnu taane, attamitti Yesuusitti amanna? Nuyi Yesuusiin hin argine, kanaafuu amantii fi aadaa addaaddaa keesaa baanee Yaahiween akka waaqa ta’e amanuu dandeenya?
Biyya lafaa kana keessatti amantii addaaddaa keesaa baanee attamitti Yesuusitti amanuu dandeenya? Attamitti Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaan nu fayyisutti amanuu dandeenya?
Yesuus fayyisaa keenya akka ta’e, duraandursinee dubbii fayyinaa Kakuu Moofaa keessaa ilaaluu qabna. Amantii sirrii ta’e qabaachuudhaaf beekumsa sirrii ta’e qabaachuu qabna. Beekumsa sirrii ta’een ala waa gochuu hin dandeenyu. Yesuusitti amannee fayyuudhaaf wangeela fayyinaa isa Yohaannis dhugaa ba’e fi ga’ee inni xabatee beekuu qabna. Yesuusitti fayyina guutuu qabaachuudhaaf, waa’ee dhugaa fayyinaa beekuun barbaachisaa dha.
Kanaafuu inni akkana jedhe, “Dhugicha in hubattu, dhugichis birmaduu isin baasa,” kanaaf dhugaa fayyinaa beekuu qabna.
 
 
Ragaa wangeela keessaa
 
Wangeelonni arfan qabxii maalii irraa jalqabu?
Waa’ee dhufaatii Yohaannis cuuphaa irraa ti
 
Kottaa waa’ee mirkanaa’insa fayyinaa Macaafa Qulqulluu keessaa ni ilaalla. Kottaa mee wanta wangeelonni arfan jedhan hin ukkamsinuu, Yohaannis eenyu akka ta’e, maaliif akka inni bakka bu’aa ilmaan namaa akka ta’e, ykn maaliif akka “angafa lubaa isa dhumaa,” jedhame fi karaa isaa attamittiin cubbuun gara Yesuusitti akka darbe fi cubbuu keenya hunda Yesuus gara ofii isaatti akka fudhatee fi hin fudhannee isaa ni ilaalla.
Wangeelonni arfan Yohaannis cuuphaan akka jalqaban beekuudhaaf xiyyeeffannoo itti kennuu qabna. Yohaannis 1:6 luqisii barbaachisoo wangeela keessa jira keessaa isa tokko dha. Inni eenyu cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti akka dabarse dubbata. “Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture maqaan isaas Yohaannis jedhama. Inni kun dhugaa ba’uu dhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa’ee ifichaa dhugaa ba’e; inni ofii isaa ificha hin turre, waa’ee ifichaa akka dhugaa ba’uuf ergamee malee” (Yohaannis 1:6-7).
Inni akkana jedha, ‘hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif,’ erga jedhee booda’ ificha akka dhugaa ba’uuf’ ni jedha. Ifichi Yesuus Kiristoosi. Akkana jechaanis, akka namni itti amanuuf, Yohaannis waa’ee Yesuus dhugaa ba’e jechaa dha. Ammas kottaa Maatewos 3 itti dhiheenyaan ni ilaallaa.
Maatewos 3:13-17 akkana jedha, “Yesuus yommus Yohaannis Cuuphaadhaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohaannis garuu “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman, achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, “inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isaatti in rawwatama” jedhee waaqa irraa in dubbate.”
 
Hidda dhalotaa Yohaannisiin qorachuun maaliif barbaachise?
Yohaannis angafa lubaa sanyii nama hundumaa akka ta’e macaafni qulqulluun waan dhugaa ba’uuf.
 
Yohaannis Yesuusiin cuuphuun isaa cubbuu biyya lafaa keessaa balleessuuf akka ta’e ifaa dha. Cuuphaan Yesuus Yohaannis biraa fudhate fayyina keenyaaf ta’insa barbaachisaa dha. Dhugaa hundumaa gadi fageenyaan hubachuu fi itti amanuudhaaf waa’ee Yohaannis cuuphaa ittidhi’eenyaan qorachuun keenya barbaachisaa dha.
Luqaas 1:1-14 keessatti akkanatti barreeffamee jira, “Yaa ulfaataa fi jaallatamaa Tewofiloos waa’ee dubbii nu gidduutti raawwatamee kanaa namoonni baayyeen odeessuu yaalaniiru; Kanas immoo qopheessuun isaanii akka warra jalqabaa jalqabanii duukaa turani, ija isaaniitiin kan argan, dubbichaafis kan hojjetan nutti dabarsani tti; anis immoo dubbii jalqaba isaatii jalqabee, keessa galee qoraa waanan tureef tarreetti galchee siif caafuun gaarii fakkaatee anatti mullate; kana gochuun koos dubbiin sitti himame kun dhugaa dhaaf amanamaa ta’uu isaa akka hubattuuf. Bara Heroodis biyya bulchaa turetti balbala lubootaa kutata Abiiyaa keessaa lubni Zakkaariyaas jedhamu tokko ture, haati manaa isaas sanyi lubootaa keessaa maqaan ishees Elsaabee jedhama. Lachuun isaanii abboommii Gooftaa tiif seera isaa raawwachaa fuula Waaqayyo duratti jireenya qajeelaa jiraatan. Haa ta’uuiyyuu malee Elsaabee dhabduu waan turteef dhala hin godhanne; lachanuu immoo lafa guuraniirn turan. Darabeen balbalaa isaatii geenyaanis gaaf tokko Zakkaariyaas warra kaanii wajjiin fuula Waaqayyo duratti hojii lubummaa isaa hojjechuudhaaf dhihate. Akka amala hojii hirmaachuu isaanitti Zakkaariyaas aarsaa akka dhiheessuuf buufata mukaa tiin irra buunaan gara mana qulqullummaatti ol gale. Yeroo aarsaa ixaanaa kanattis sabni baayyeen ala in kadha turan. Yemmus ergamaan Waaaqayyoo iddoo itti ixaanni aarfamu gara mirgaa tiin dhaabbatee Zakkaariyaasitti mullate. Zakkaariyaas yemmuu isa arge na’ee sodaate. Ergamichi immoo itti dubbatee, yaa Zakkaariyaas Waaqayyo kadhannaa kee dhaga’era, Elsaabeeti haati manaa kee ilma siif in deessi, maqaa isaas Yohaannis jettee in moggaafta. Ati guddaa in gammadda; dhalachuun isaas namoota baayyeetiif gammachu ni ta’a.”
Iddoo kanatti, Luqaas, bartuun Yesuus, hidda dhaloota Yohaannisiin sirreessee kaa’eera. Luqaas nama Tewofiloos jedhamu, nama aadaa biraa keessatti dhalate, Gooftaa kan hin barre, tokko wangeela barsiisee ture.
Kanaafuu, waa’ee Yesuus, fayyisaa cubbamootaa, isa barsiisuudhaaf, Luqaas hidda dhaloota Yohaannis irraa ka’uu qaba. Sababiinsaa adda ba’ee gulantaa-gulantaan yoo barreeffame male, waa’ee fayyisuu Yesuusiin sirriitti beekuu hin dandeenyu. Kottaa gadifageenyaan ni ilaalla.
Luqaas 1:5-9 keessatti, “Bara Heroodis biyya Yihudaa bulchaa turetti, balbala Lubootaa, kutaa Abiiyaa keessaa Lubni Zakkaariyaas jedhamu tokko ture. Haati manaa isaas sanyii Lubootaa keessaa, maqaan ishees, Elsaabex jedhama. Lachuun isaani abboommii Gooftaatii fi seera isaa raawwachaa fuula Waaqayyoo duratti jireenya qajeelaa jiraatan. Haa ta’u iyyuu malee, Elsaabex dhabduu waan turteef, dhala hin godhanne, lachanuu immoo, lafa guuranii turani. Darbeen balala isaatii geenyaanis, gaaf tokko Zakkaariyaas warra kaanii wajjin fuula Waaqayyo duraatti hojii Lubummaa isaa hojjechuudhaaf dhihaate; akka amala hojii hirmaachuu isaaniitti Zakkaariyaas aarsaa akka dhi’eessuuf, buufata mukaatiin irra buunaan, gara mana qulqullummaatti ol gale.”
Iddoo kanatti, Zakkaariyaas akka amala lubummaatti utuu tajaajila kennaa jiruu wanti addaa isa mudate. Zakkaariyaas sanyii Aaron keessaa akka ta’e Luqaas dhugaa ba’ee ture. Egaa Zakkaariyaas garee warra kamii ta’a? Kun qabxii baayyee barbaachisaa dha.
Egaa kutaan kun akkana jedha, “Akka amala hirmaannaa hojii isaaniitti Zakkaariyaas aarsaa utuu dhi’eessuu.” Haala kana irraa, Luqaas akka inni Zakkaariyaasiin baree wangeela fayyinaa hubatee Zakkaariyaasii fi Elsaabexiin caqase ilaalla.
Yohaannis cuuphaan Zakkaariyaasii fi haadha manaa isaa Elsaabex, sanyii Aaron irraa dhalate. Egaa kottaa hidda Zakkaariyaas abbaa Yohaannis cuuphaa ilaalla.
 
 
Hidda dhaloota Yohaannis Cuuphaa
 
Yohaannis Cuuphaan hidda dhaloota eenyuu ti?
Aaroon, angafa Lubaa
 
Hidda dhaloota Yohaannis Cuuphaa hubachuudhaaf macaafa 1Seenaa Baraa 24:1-19 dubbisuu qabna.
“Sanyiin Aaron akka kanatti fufee jirutti hiramaniiru. Aaroon ilmaan afur qaba ture. Isaanis, Nadaab, Abiihuu, Eli’aazaarii fi Itaamaar. Naadabii fi Abiihuun garuu utuu ijoollee hin godhatin abbaa isaanii dura in du’an; Eli’aazaar fi Itaamaar immoo luboota ta’anii in hojjetan. Daawwiti yommus sanyi Aaron akka akka hojii isaanitti gargar in hire; kana gochuu dhaaf immoo qomoo, Eli’aazaar keessaa Zaadoq, qomoo Itaamaar keessaa immoo Ahiimelektu isa gargaare. Dhiironni mana mana abbaa isaanitti dura buutuu ta’anii waamaman; qomoo Itaamaar caalaa qomoo Ele’azaar keessaa kutata 16, qomoo Itaamaar keessa kutata 8 tu qixaa’e. Qomoo lachuu isaanii keessaa gurguddoon mana qulqullummaa keessa hojjetanii fi geggeesitoonni hojii hafuuraa waan jiraniif hunduma isaanii buufata mukaatiin waluma qixxeetti hojii isaanii irraa in dhaaban. Lafa mootichii fi gurguddoonnii biyyaa Zaadoq lubichii fi Ahiimelek Ilmi Abiyaataar dura buutonni leewotaa fi lubootaa jiranitti warri qomoo Ele’azaar fi Itaamaar keessaa mana mana abbaa isaanitti dura buutuu ta’ani waamaman; Darabee darabeedhaan buufata mukaa in fudhatan, Sheemaa’iyaan ilmi Nitaani’eel inni caafaan warra leewotaa immoo isa kana tarree galchee in caafe. Buufanni mukaa inni duraa Yehoyaariibiif, inni lammaffaan Yedaa’iyaaf inni sadaffaan Haarimiif, inni afuraffaan Se’oriimiif, inni shanaffaan Malkiiyaaf, inni ja’aaffaan Miyaaminiif, inni torbaffaan Haqooziif, inni Sadeettaffaan Abiiyaaf, inni salgaffaan Yeshu’aaf inni kurnaffaan shekaaniyaaf inni kudhatokkoffaan Eliyaashiibiif, inni kudhalammaffaan Yaaqimiif inni kudhasadaffaan Huphaadhaaf inni kudha arfafaan Yeshebi’abiif inni kudha shanaffaan Bilgaaf, inni kudha ja’aaffaan Imeriif, inni kudhatorbaffaan Heziiriif, inni kudha saddeettaffaan Haphizeziif, inni kudha salgaffaan Pheetaayaaf, inni diddamaaffaan Yihesqeliif, inni diddamii tokkoffan Yaakiniif inni diddamii lammaffaan Gaamuliif, inni diddamii sadaffaan Delaayaaf, inni diddamii arfaffaan Ma’aaziyaaf in ba’e. Jarreen kun akkuma Aaroon ababiliin isaanii abboommii Waaqayyo Gooftaa Israa’eeliin hojichaaf seera baasee turetti mana qulqullummaa keessaa hojjechuudhaaf akka akka tarree hojii isaanitti caafamaniiru.”
Lakkoofsa 10 irra deebinee haa dubbifannu. “Inni torbaffaan Haqoziif inni saddeettaffaan Abiiyaa.” Bara mootummaa Daawwitiin keessa, luboota hedduutu ture waan ta’ef sirna ittiin hojjetan isaaniif ni barbaachisa ture. Kanaafuu, Daawwit ijoollota Aaroniif carraa buusisee, darabee car’aa tiin aarsaan dhi’aachaa ture. (Akkuma ati beektu, Aaron angafa Musee ti. Waaqayyo Musee akka bakka bu’aa isaatti kaa’ee Aaroniin immoo akka Angafa lubaa dunkaana qulqullaa’aa tti saba Israa’eliin dura dhaabe).
Leewwoonni hundumti isaanii immoo luboota jalatti ni hojjetu, Aaroni fi ijoolleen isaa fi luboonni hundi isaanii Waaqayyo duratti aarsaa ni dhi’eessu. Utuu Daawwit carraa buusisuu hin jalqabsiisin dura, luboonni, warri sanyii Aaroon turan waa’ee darabee hojii ilaalchisee ni tabjaaja’u turan.
Kanaafuu, Daawwit gareedhaan sirni carraa akka bu’u ni godhe. Hidda Aaroon keessa garee 24 tu jira ture; garee Abiiyaa keessa immoo 8 tu ture. “Lubni maqaan isaa Zakaariyaas jedhamu tokko garee Abiiyaa keessaa” in jedha ture. Kanaafuu, Zakkaariyaas garee lubootaa warra Abiiyyaa jedhaman keessa ture jechuu dha; isaan egaa sanyii Aaronii fi Angafa lubaa ti.
Abbaan Yohaannis cuuphaa, Zakkaariyaas, luba garee warra Abiiyaa, ture. Akka isaan maatii isaanii keessaa walfuudhaa turan macaafni akka dubbatu ni beekna.
Kanaafuu, Yaaqoob intala eessuma karaa haadha isaatii fuudhe. Egaa hiddi dhalootaa kun akkaataa kanatti ibsuun buu’ura barbaachisaa dha. Innis “Lubni maqaan isaa Zakaariyaas jedhamu tokko garee Abiiyaa keessaa” jedha.
Kanaafuu, inni sanyii Aaron ta’uun isaa beekamaa dha. Eenyu? Zakkaariyaas, abbaan Yohaannis cuuphaa. Kun egaa fayyisuu Yesuusii fi tajaajila Yohaannis cuuphaa fi waa’ee cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbuu ilaalchisee, dhugaa mullifamuu qabuu dha.
 
 
Ijoollota Aaron qofaatu akka lubootaatti tajaajilu
 
Bara Kakuu Moofaa keessatti tajaajila angafa lubummaa eenyutu kenna ture?
Aaronii fi Ijoollee isaa warra itti fufanii kaa’aman
 
Egaa, macaafni iddoo kamitti Ijoolleen Aaron akka lubaatti akka tajaajiluu qaban ibsa? Mee haa ilaallu.
Seera Lakkoofsaa 20:22-29 keessatti akkana jedha, “Guutummaan waldaa Israa’el Qaadeshii ka’ee gara tulluu Hoor in dhaqe. Tulluu Hoor isa daanrii biyya Edoom jiru irratti Waaqayyo ammas Musee fi Araoniin, “Aaron gara saba isaatti in sassaabama, isin bishaan Mariibaa, biraatti diddanii abboommii koo irratti waan kaataniif inni biyya isa ani Israa’elootaaf kennetti hin galu! Ati, Aaroon fi Ilmaan isaa Eliazaariin geessiitii gara tulluu Hooritti ol baasi! Uffata Aaroon irraa baasiitii Ilma isaa Ele’azaaritti uffisi! Aaroon achitti in du’a gara saba isaattis in sasssaabama” jedhe. Museen akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe, isaan guutummaan Waldaa utuu isaan ilaaluu tulluu Hooritti ol in baa’an, Museen achitti Aaroon irraa uffata isaa baasee, Ele’azaar ilma Aaroonitti in uffise, Aaroon achitti bantii tullichaa irratti ni du’e, Musee fi Alaazaar immoo tullicha irraa gadi in bu’ani. Aaron akka du’e guutummaan Waldaa yommuu dhaga’e, Israa’eloonni hundinuu guyyaa soddoma in bo’aniif.”
Seera ba’uu keessatti, seerri Waaqayyoo akka kanatti galmaa’ee jira, Ijoo lleen Aaron, angafni lubaa, akka luba ta’anitti of haa ilaalan, ilmi dibames yeroo waggaa soddoma guutu, akkuma kanatti of haa ilaalu, akkuma abbaa isaaniitti.
Seera ba’uu 28:1-5 keessatti akkana jedha, “Ati namoota Israa’el keessaa Aaron obboleessa keef ilmaan isaa ofitti dhi’essi! Aaroon fi Ilmaan isaa, Naadaab, Abiiyuu, Ele’azaar, Itaamaaris luboota ta’aanii anaaf haa hojjetan! Aaroon obboleessa keetiif ulfinaa fi simboo akka ta’uufitti uffata qulqullaa’aa hojjedhuuf! Namoonni hafuura ogummaa na biraa argatanii harka tolina qaban, Aaroon hojii lubummaa isa kan kootiif addaan akka baafamutti uffata isaaf akka hojjetaniif itti himi! Uffanni isaan hojjetaniifis qomee akka gaachanaa, dirata fuula duraa, qoloo, kittaa kuulaan miidhegfame, marata mataa fi hidhata mudhiitti, isaan, Aaron obboleessi kee fi ilmaan isaa uffatanii, luboota ta’aanii akka anaaf hojjetaniif uffata qulqullaa’aa in hojjetuuf. Kanas warqee, boffee bifa waaqaa, dhiilgee fi Bildiimaa dhaafi quncee talbaa gaarii isaan walitti fo’ame irraa in hojjetu.”
Waaqayyo ifatti Aaroniin, obbolessa Musee hojii angafa lubummaatti muudeera. Hojiin lubummaa nama kamiifiyyuu banamaa hin turre. Museen Aarooniin akka hojii lubummaatiif dibu Waaqayyo abboomeera waan ta’eef akka uffata dhugaatti akka Isaaf ta’utti in godha. Sagalee Waaqayyoo hirraanfachuu hin qabnu.
Seera Ba’uu 29:1-9 keessattis akkana jedha, “Luboota ta’aanii anaaf akka hojjetanitti isaan qulleessuudhaaf akka kanatti fufee jiru godhi, tuntunoo tokkoo fi korbeeyyii hoola mudaa hin qabne lama fuudhi, daakuu qamadii isa ba’eessa irraa maxinoo, bixxillee dhadhaahaan sukkuumamame isa hin bukaa’iin, maxinoo haphii dhadhaan irra dibames tolchisiisi. Isa tolchisiifte sana gundoodhuma tokko irra kaa’ii tuntunichaafi korbeeyyii hoolaa sana lamaanii wajjin dhi’eessi! Aaroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana itti walgaa’aniitti fidiitii, bishaaniin dhaqna isaanii dhiqi! Uffata Lubootaa, Kittaa, qoloo, dirata fuula duraa, qomee akka gaachanaas Aaroonitti uffisi! Hidhata isaa isa hojii harka toleessaatiin dha’aameen itti hidhi! Marata mataa isaatti mari, maratichatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi. Dhadhaa ittiin dibdu fuudhi, mata isaa irratti dhangalaasii, isa dibi! Ilmaan isaas fidii Kittaa itti uffisi! Mudhii Aaroonii fi Ilmaan isaatti sabbata hidhi, maratas mataa isaaniitti mari! Akka kanatti luboota akka isaan ta’aan godhi! Lubummaan akka seera baraabaraatti kan isaanii haa ta’u!”
Marxoodhaan haa hidhaman, Aaronii fi ijoolleen isaa gonfoo haa kaa’atan…. Hojiin lubummaa seera barabaraa tiin kan isaanii haa ta’u. Kanaafuu Aaron fi ijoolleen isaa… ni dibamu. Waaqayyo Aaronii fi ijoollee isaa barabaraan hojii lubummaaf ni dibamu jedheera. Addumaan yeroo inni “seera barabaraa” tiin jedhu, Yesuus gara biyya lafaa erga dhufee booddee iyyuu itti fufa jechuu dha.
Zakkaariyaas sanyii angafa Lubaa akka ta’e Luqaas gadifageenyaan kaa’uu barbaadeera. Mana qulqullummaa Waaqayyo Gooftaa keessatti Zakkaariyaas itti gaafatumummaan utuu tajaajilaa jiruu, ergamaan waaqaa gara isaa dhaqee kadhannaan kee siif dhagaa’ameera; kanaaf haati manaa kee ilma siif in deessi jedhe.
Zakkaariyaas kanas sanas hin amanne, “Haati manaa koo dulloomteetti waan taateef attamitti ilma deessi?” Jedhee sababa inni hin amanneef Waaqayyo dubbii isaa dhugoomsuuf jecha yeroodhaaf isa ni duuche.
Yeroo keessatti, haatii manaa isaa ni ulfoofte yeroo muraasa booddee immoo durbeen Maariyaam ni ulfoofte. Ta’umsi kun lamaanuu hojii fayyisuu Waaqayyoo nuuf ibsu. Nama gatamaa biyya lafaa kana fayyisuudhaaf Waaqayyo Yohaannis ergamaa isaa fi tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erguu qaba ture.
Waaqayyo Yohaannis ilma isaa akka cuuphuu godhee cubbuu biyya lafaa itti dabarsiisuudhaan akka namni itti amanee fayyuuf qopheesseera.
 
 
Qophii Waaqayyoo!
 
Hojii fayyisuu isaaf Waaqayyo Yesuusiin dura eenyuun ergee?
Yohaannis cuuphaa
 
Yesuus Kiristoos, Maariyaam durba irraa kan dhalate, fayyisaa biyya lafaa ti. Maariyaam Yoseef nama sanyii Yihudiif kaadhimamtee turte. Akkuma Yohaannis cuuphaan karaa mana Aaron angafa lubaa irraa dhufe, Yesuus kakuu turee raawwachuudhaaf karaa hidda Yihudaa dhufe.
Waaqayyo lamaan isaanii, Yohaannis dursee Yesuus immoo itti fufee akka dhalatu godhe. Dhalachuun Yohaannis cubbuu biyya gara isaatti dabarsuuf ture. Kakuu Waaqayyoo isa bara Kakuu Moofaa kenname bakkaan ga’uuf; fayyina wangeela Yesuus sirriitti namootatti dabarsuuf sanyiin angafa lubaa kan araara buusuu ni barbaachisa.
Seera ba’uu keessatti, Waaqayyo seera isaa fi abboommiiwwan isaa kenneera; seerri Waaqayyoo, sirni aarsaa dunkaana keessaa, akkaataan uffannaa lubootaa, ibsa waa’ee aarsaa fi akkaataa itti fufiinsa lubootaa kaa’eera. Waaqayyo Aaronii fi ijoollee isaa barabaraan luba akka ta’aanii hojjetaniif dibeera.
Kanaafuu, sanyiin Aaron hundi aarsaa dhiheessuu qabu angafni lubaas isaan keessaa qofa ba’uu qaba. Kun maaliif akka ta’e beekta?
Sanyii Aaron keessaa, luba maqaan isaa Zakkaariyaas haati manaa isaa immoo Elsaabe jedhamtu tokko ni file. Inni akkana jedhe, “Ilaa, ergamaa koo fuula kee dura nan erga”  jedha. Yeroo Waaqayyo Zakkaariyaas akka ilma godhatu itti dubbate, maqaan isaas Yohaannis akka jedhamu dubbateera, garuu Zakkaariyaas kana waan amanuu dadhabeef akka Waaqayyo dubbateetti hanga mucaan sun dhalatee moggaafamutti arrabni isaa hin dubbanne.
Dhuguma iyyuu mucaan isaaf dhalateera. Akka amala saba Israa’elitti mucaan karaa abbaa ykn firoota isaatii moggaafama.
“Elsaabeeti yeroon da’umsa ishee geenyaan, ilama deesse. Olloonni ishee firoonn ishee araara guddaa Gooftaan isheedhaaf buuse yommuu dhagaa’an ishee wajjin gammadan. Guyyaa saddeettaffaa isaatti mucicha dhaqna qabuudhaaf warri dhufan akka maqaa abbaa isaatti Zakkaariyaas jedhani moggasuuf turan. Haatii isaa Elsaabe garuu waa’uu maqaan isaa Yohaannis haa jedhamu malee jettee didde, isaan immoo firoota kee keessaa maqaa kanaan tokko illee hin waamamne jedhan Rakkannaanis mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu abbaa isaa milikitaan gaafatan. Zakkaariyaasiis waan irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee, maqaa isaa Yohaannis jedhama jedhe caafnaan hundumti isaanii raajeeffatan. Achumaan Zakaariyaas arrabni isaa hiikamnaan dubbachuu danda’e. Hundumaa duras Waaqayyoon galateeffachuu jalqabe. olloonni isaaniis hundinuu in na’aani. Dubbiin kun baddaa Yihudaa hundumaatti dhagaa’ame, bal’aattis dubbatame. Warri kana dhaga’ani hundinuu immoo dubbicha garaatti qabatanii.” Mucaan kun maal ta’inna laata? Dhugumaa harki Waaaqayyoo hanga ammaatti isaa wajjin ture jechaa turan” (Luqaas 1:57-66).
Hanga mucichi dhalatetti Zakkaariyaas hin dubbanne ture. Yeroon mucaa itti moggaasan geenyaan firoonni isaa Zakkaariyaas jedhamee haa waamamu jedhan. Garuu haatii isaa Yohaannis jedhama malee jette. Firoonii isaa garuu namni maqaa kanaan nu keessaa waamame hin jiru waan ta’eef maqaa abbaa isaatiin itti haa fufu jedhan.
Yeroo Elsaabex waa’ee moggaasa maqichaa ittuma cimte, firoonni isaa dhaqanii Zakkaariyaasiin maal akka inni jedhee waamuu barbaadu gaafatan. Zakkaariyaas hanga yeroo sanaatti hin dubbanne waan ta’eef, wanta irratti barreessan gaafannaan yommuu itti fidan isa irratti ‘Yohaannis’ jedhee barreesse. Waa’ee moggaasa mucichaa haala addaa waan arganiif firoonni hundinuu ni raajeeffatani.
Akkuma moggaaseen, afaanni Zakkaariyaas ni baname. Yeroo kanatti Waaqayyoon galateeffatee, Hafuura Qulqulluun guutamee raajiis dubbate.
Egaa, Luqaas dhaloota Yohaannis cuuphaa mana Zakkaariyaas keessaa akka kanatti dubbateera. “Lubni maqaan isaa Zakaariyaas jedhamu tokko garee Abiiyaa keessaa” in jedha. Qophii addaatiin, Waaqayyo Yohaannis cuuphaan sanyii Aaron keessaa dhalate bakka bu’aa ilmaan namaa godhe.
Karaa Yohaannis cuuphaa fi Yesuus Kiristoos, Waaqayyo fayyina biyya lafaa bakkaan ga’e. Hojii fayyinaa karaa Yohaannis cuuphaa fi Yesuus Kiristoos ta’etti amanuudhaan cubbuu keenyattii ni fayyina.
 
 
Cuuphamuu Yesuus
 
Yesuus maaliif Yohaannisiin cuuphamee?
Cubbuu biyya lafaa balleessuudhaaf
 
Yohaannis cuuphaan Yesuus Ilma Waaqayyoo akka ta’eef cubbuu keenya hunda akka balleesse dhugaa ba’eera. Waa’ee fayyisuu Waaqayyoo Yohaannis cuuphaan garbichi Waaqayyoo dhugaa ba’eera. Akkana jechuun Waaqayyo ofii isaatii fayyisaa akka ta’e nutti hin dubbanne jechuu miti. Waaqayyo waldaa keessatti karaa garboota isaa fi karaa saba isaa warra fayyanii ni dubbata.
Waaqayyo akkanatti dubbateera, “Garaa saba yeruusaaem kan rukutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyoo keessaa, adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef itti himaa; Margichii Ni coollaga, daraarichis in harca’a, dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu, bara baraan dhaabbatee in hafa” (Isaayyaas 40:2, 8).
Waaqayyo utuu Kiristoos hin dhalatin waggaa dhibba torba dura, “kanaan booda cubbamoota hin jedhamtu. Cubbuu kee hundaaf araarrii ta’eera; lollis dhaabbateera.” Kanafuu, sagaleen guddaa fayyina wangee laa gara keenyatti ni iyya. Kun egaa wangeela qophaa’aa isa nuyi jennu dha.
Hojii Yohaannis cuuphaa yeroo fi cubbuun keenya gara Yesuusitti akka darbee hubannu, cubbuu keenyattii bilsoomuu dandeenya.
Wangeelonni arfan hundi isaanii waa’ee Yohaannis cuuphaa ni dubbatu, Milkiyaas, raajiin dhumaa bara Kakuu Moofaa, Yohaannis tajaajilaa Waaqayyoo isa qophaa’aa akka fa’e dhugaa ba’eera. Kakuu Haaraan dhalachuu Yohaannis cuuphaa fi karaa isaa cubbuu gara Yesuusitti akka darbee dhugaa ni ba’a.
Egaa maaliif Yohaannis cuuphaa jedhame? Sababi inni Yesuusiin cuupheefi. Cuuphaa jechaan maal jechaa dhaa? ‘itti dabarsu, awwaalamuu, dhiqamuu’ jechaa dhaa, karaa biraan harka irra kaa’uu Kakuu Moofaa bakka bu’a.
Bara kakuu moofaa keessatti, namni tokko yoo yakke, harka isaa mataa horii aarsaaf dhi’aatuu irra kaa’ee yakka isaa itti dabarsee horiin sun cubbuu nama sanaa fudhatee ni du’a. Harka irra kaa’uu jechaanis, ‘itti dabarsuu jechaa’ dha. Kanaafuu, harka irra kaa’uu fi cuuphaan hiikkaa tokko qabu.
Chuuphaa Yesuus jechaan maal jechuu dha? Cuuphamuun Yesuus karaa cubbuun keenya ittiin nu irraa haqamu dha. Waaqayyo karaa ‘harka irraa kaa’uu’ tiin cubbuun gara aarsaatti ittiin darbu qopheesseera. Bara Kakuu Moofaa keessatti, yakkamaan tokko harka isaa mataa horii aarsaaf dhi’aafu irra kaa’ee cubbuu isaa itti dabarsa. Ergasii booddee, mormi ni cita, lubni immoo dhiiga isaa fuudhee mataa iddoo aarsaan gubamu itti dhi’aatu irra kaa’a. Kun akkaataa cubbuun har’aa bortee ittiin araarfamuu dha.
Egaa, araara waggaa immoo attamitti godhatu?
Isa kana ilaalchisee, Aaron angafni lubaa nama hundumaatiif aarsaa ni dhi’eessa. Sababiinisaa Yohaannis cuuphaan mana Aaron irraa waan dhalateef, angafa lubaa ta’uun isaa ni malaaf, Waaqayyos akkaataa abdii fayyisuu isaatti akka inni angafa lubaa ta’uuf duraan dursee qopheesseera.
Yohaannis cuuphaan bakka bu’aa dhala namaa fi angafa lubaa isa dhumaa ti, sababiinsaa akkuma Kiristoos dhalateen Kakuun Moofaa waan xumurameef. Bara Kakuu Haaraa keessatti akkuma Yohaannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti dabarse, bara Kakuu Moofaatti immoo Aaroni aarsaa araaraa godhe miti? Akkuma angafa Lubaa bara Kakuu Moofaa, Yohaannis cuuphaan bakka bu’aan dhala namaa Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu biyya lafaa hunda itti dabarseera.
Yohaannis akka wangeelli bishaanii fi hafuuraa nu fayyisu amanuudhaan cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseera. Yesuus cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee hoolaa ta’e, akka Waaqayyo dursee akeeketti hojii fayyisuu raawwachuu dhaaf kana nuu raawwate. Yohaannis raajii isa dhumaa fi angafa lubaa isa dhumaa akka ta’e Yesuus dubbateera, inni cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseera.
Yesuus maaliif kana hin hojjenne? Inni maaliif Yohaannis cuuphaa barbaade? Yohaannis cuuphaan Yesuusiin ji’a ja’a dursee dhalachuun isaa sababii qaba; inni seera Kakuu Moofaa akka raawwatamuufi, abdii isaa fiixaan baasuu dhaafi.
Yesuus Maariyaam durba irraa dhalate, Yohaannis cuuphaan immoo dubartii dulloomtuu fi dhabduu maqaan ishee Elsaabeti jedhamtu irraa dhalate.
Kun egaa hojii Waaqayyoo ti, inni cubbamoota hundumaa fayyisuudhaaf karoorseera. Lolaa fi gidiraa cubbuuttii bara baraan nu fayyisuuf, garbicha isaa Yohaannisii fi Ilma isaa Yesuusiin erge. Yohaannis cuuphaan akka bakka bu’aa ilmaan namaa fi angafa lubaatti ergame.
 
 
Nama Guddaa Dubartii irraa Dhalate
 
Biyya lafaa kana irraa namni guddaan eenyu dha?
Yohaannis Cuuphaa
 
Maatewos 11:7-14 haa ilaallu, “Warri ergaman kunis erga deebi’anii Yesuus waa’ee Yohaannis cuuphaa namootatti dubbachuu jalqabee. Maal arguu Yohaannis bira gara lafa onaa dhaqxani? Jajjaba qilleensi raasuu? Yookiis maal ilaaluudhaaf baatani? Nama uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffatee? Warri uffata miidhagaa dhaa fi dhaqnatti tolu uffatan mana moototaa jiru. Egaa maaliif baatani; Raajii ilaaluu dhaafii? Eeyyee, isiniinan jedha, raajii irra iyyuu kan caalu dha. Caaffatni qulqullaa’aan waa’ee isa kanaatiif, Ilaa ergamaa koo karaa kee akka siif qopheessuuf si dura nan erga jedhee dubbateera. Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa Yohaannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane, garuu mootummaa waaqatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala. Yeroo Yohaannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee hanga ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira, warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa in fudhatu. Raajonni hundinuu seerris, hanga bara Yohaannis cuuphaatti raajii dubbataniiru. Kana fudhachuu in barbaaddu yoo taatan Yohaannis kun Eliyaas isa dhufuuf jiru sana. Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu.”
Namoonni gara Yohaannis isa lafa onaa keessaa “Qalbii diddiirradhaa, “isin ijoolleen mar’ataa” jedhee iyyu barbaacha dhaqani. Yesuusis akkana jedhe, “Maal arguu Yohaannisiin bira gara lafa onaa dhaqxani? Nama uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffatee? W arri uffata miidhagaa dhaaf dhaqnatti toluu uffatan mana moototaa jiru.”
Yesuus ofii dhumaa isaatii guddina Yohaannisiin dhugaa ba’eera. “Maal arguu gara lafa onaa dhaqxani? Nama hamaa uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee garaa isaa irraa iyyuu dhaa? Inni uffata rifeensa Gaalaa irraa hojjetame uffachuu qaba. Maal arguu baatani? Nama uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffate dha? Warri uffata miidhagaa fi dhaqnatti toluu uffatan mana moototaa jiru. Garuu inni mootota irra ni caala jedhe.” “Dhugumaan warri uffata miidhagaa fi dhaqnatti tolu uffatan mana moototaa jiru. Egaa maaliif baatani. Raajii ilaaluu dhaafi? Eeyyee, isiniin nan jedha, raajii irra iyyuu kan caalu dha.”
Bara durii keessa, raajonni mootota caalaatti ni ilaalamu. Yohaannis cuuphaan raajiis mootiis ni caala. Inni raajota warra bara Kakuu Moofaa hunda ni caala. Dhuguma Yohaannis angafa lubaa fi bakka bu’aani dhala namaa, Aaron angafa Lubaa isa jalqabaa caalaa iyyuu baayyee barbaachisaa dha. Yohaannis cuuphaan nama akkasii akka ta’e Yesuus ofii isaatii dhugaa ba’eera.
Bakka bu’aan ilmaan namaa eenyuu dha? Kiristoosiin malee namni guddaan biyya lafaa kanaa eenyuu dha? Yohaannis cuuphaa dha. “Eeyyee, isiniin nan jedha, raajii irra iyyuu kan caalu dha. Kanaatiif ‘ilaa ergamaa koo karaa kee akka siif qopheessuuf si dura nan erga jedhee dubbateera.’”
Yohaannis cuuphaan cubbuu wajjin qocoluun raawwateera jedhe. “Ilaa, Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa balleessu!” Akka Yesuus cubbuu biyya lafaa balleessu kan dhugaa ba’e Yohaannis cuuphaa dha.
Maatewos 11:11 keessatti akkas jedha, “Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa Yohaannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane.” Dubartii irraa kan dhalate keessaa kan caaluu eenyuu dha?
Dubartii irraa kan dhalate jechuun maal jechuu dha? Nama lafa irraa keessaa jechuu dha. Addamii fi hewwaniin ala namoonni hundinuu dubartii irraa dhalatani. Eyyee, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa, kan Yohaannisiin caalu hin kaane. Kanaafuu, inni angafa lubaa fi bakka bu’aa dhala nama hundumaati. Yohaannis cuuphaan angafa lubaa, raajii fi bakka bu’aa dhala nama hundumaa ture.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, Aaronii fi ijoolleen isaa barabaraan akka lubaatti akka hojjetaniif Waaqayyo isaan dibeera. Karaa Aaronii fi ijoollee isaa cubbuun hundinuu ni qullaa’u. Kun akkuma Waaqayyo ajajee dha.
Lewwoonni kan biraa gara lubummaatti ija jabummaadhaan ni tarkaanfatu yoo ta’e du’atu itti dhufa. Hojiin isaanii ibidda iddoo aarsaaf qoraan bu’uu, horii irraa gogaa baasuu, cooma adda baasuu, xeerii qulqulleessuu, mi’a garaa bakkeetti baasuu dha. Of tuulummaadhaan hojii lubummaa hojjechuuf yaalii ni godhu yoo ta’e, akkuma sanaan ni du’u turan. Kun seera Waaqayyoo ti. Toora kana irra darbuun hin dandaa’ani.
Biyya lafaa kana irratti kan Yohaannisiin caalu hin kaane. Namoota hundumaa irra ni caala ture.“Yeroo Yohaannis cuuphaan barsiisuu jalqabe ka’ee hanga ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira, warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa in fudhatu.”
Fayyinni ilmaan namaa yeroo Yohaannis Yesuusiin cuuphee raawwatameera waan ta’ef namni Yesuusitti amanu hundinuu mootummaa Waaqayyootti galee amantiidhaan qajeelaa ta’a.
Kottaa abbaan Yohaannis cuuphaa waa’ee maalii akkanni dhugaa ba’ee haa ilaallu.
 
 
Dhugaa Ba’umsa Zakkaariyaas, Abbaa Yohaannis
 
Zakkaariyaas waa’ee ilma isaa Yohaannis maal dubbatee?
Yohaannis Gooftaaf karaan akka qophaa’uf beekumsa waa’ee fayyina saba isaa ni kenna jedhe.
 
Luqaas 1:67-80 akka armaan gadiitti ni ilaalla. “Zakkaariyaas abbaan mucichaa hafuura qulqulluudhaan guutamee raajii dubbate, Waaqayyo Gooftaan Israa’el kan galateeffamuu dha, Saba isaa furuudhaaf dhufe ; fayyisaa, aango qabeessas nuuf kaasee; Lataa Garbicha isaa Daawwiti keessaa afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa akka ture, bara duriitii jalqabee, harka diinota keenyaa akka nu oolchu, qabaa warra nu jibban hundumaa keessaas akka nu baasu, abboota keenyaafis araara akka godhuuf kakuu isaa isa qulqullaa’aa akka yaadatuuf; abbaa keenya Abrahaamiif isa dhaabe nuuf kennuu dhaaf kakuu dhaan akka jabeesse, harka diinota keenyaa nu oolchuu dhaaf nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuu dhaaf Qulqullummaa fi tolatti fuula isaa dura jiraachuudhaaf bara jireenya keenya hundumaatti. Ati immoo yaa mucaa nana, raajii aabbaa in jedhamta, karaa isaa qopheessuudhaaf fuula Gooftaa dura in adeemta, beekumsa fayyinaa saba Waaqayyoof kennuudhaaf dhiifamuu cubbuu isaaniis argachiisuudhaaf Waaqayyo keenya araara isaa isa oo’aan guuteen, barrii fayyinaa nuuf bariisisa; Warra dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessatti argamanitti mullachuudhaaf miilla keenyas daandii nagaa irra geggeessuudhaaf jedhe. Mucichi guddachaa, hubachaas in adeema ture, hamma guyyaa mul’inatti hojii isaa saba Israa’el keessatti jalqabeettis lafa onaa keessa in jiraata ture.”
Zakkaariyaas raajii lama dubbate. Inni tokkoffaan mootummaan saba  hundinuu ni dhufu jedhe. Lakk 68 hanga 73 tti immoo Waaqayyo sabni kakuu isaa akka hin irraanfanne, akkuma Abrahaamiif galetti, Yesuus Maariyaam durba irraa dhalatee, saba isaa harka diinota isaanii jalaa oolchuuf akka dhufe dubbate.
Lakkoobsa 74 irraa eegalee, “Harka diinota keenyaa nu oolchuudhaaf nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuudhaaf.” Kun Waaqayyo abdii Abrahamii fi saba isaatiif gale yaadchiisuuf, “Sodaa malee akka isaaf hojjennu” jedhee raajii dubbate.
Lakkoobsa 76 irraa eegalee immoo waa’ee ilma isaatii dubbate. “Ati immoo yaa mucaa nana, raajii aabbaa in jedhamta, karaa isaa qopheessuudhaaf fuula Gooftaa dura in adeemtuu, beekumsa fayyinaa saba Waaqayyoof kennuudhaaf dhiifama cubbuu isaaniis argachiisuudhaaf Waaqayyo keenya araara isaa isa oo’aan guuteen barii fayyinaa nuuf bariisisa; Warra dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessatti argamanitti mullachuudhaaf miilla keenyas daandii nagaa irra geggeessuudhaaf jedhe.”
Iddoo kanatti akkana jedhe, “dhiifama cubbuu tiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennuudhaaf.” Beekumsi waa’ee fayyinaa kun eenyuun kenname jedhe? Yohaannis cuupha. Kana hunda hubatteetta? Yohaannis cuuphaan karaa sagalee Waaqayyoo, Yesuus ilma Waaqayyoo is cubbuu biyya lafaa balleessu akka ta’e barsiiseera.
Maarqoos 1 ni ilaalla. “Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyooti. Macaafni, “Ilaa ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga” in jedha. Macaafa Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, “Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya, dhaga’aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemuus qajeelchaa” kan jedhu caafamee jira. Yohaannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee, “cuuphamaa, yaada garaa geeddarachuu keessan mullisaa, Waaqayyo cubbuu keessan isiniif in balleessa” jedhee labse. Guutummaa kutaa biyyaa Yihudaa keessa mandaraa Yeruussaaleem keessa kan jiraatanis hundinuu lafa Yohaannis cuuphaan jirutti ba’anii, cubbuu isaan himachaa, laga Yordaanositti of in cuubsisu turan” (Maarqos 1:1-5).
Sabani Israa’el kana yeroo Yohaannis irraa dhaga’anitti, waaqolii tolfamaa ormootaa waaqeeffachuu irraa deebi’anii Yohaannisiin cuuphaman. Garuu, Yohaannis dhugaa ni ba’a ture, “Akka isin gara Waaqayyotti deebitaniif ani bishaaniinan isin cuupha. Garuu ilmi namaa dhufee, anaan in cuuphama, cubbuun keessan hundi gara isaatti ni darba jedhe. Egaa yoo cuuphamuu isaatti ni amantuu ta’e, akkuma amma anaan cuuphamtan, cubbuun keessan hundi gara isaatti ni darba, akkuma harka irra kaa’insa bara Kakuu Moofaatti.” Inni Yohaannis dhugaa ba’es kana.
Yesuus laga Yordaanositti cuuphame jechuun laga du’atti cuuphame jechuu dha. Iddoo awwaalaatti akkana jennee ni faarfanna, “♪Jaalala baraabaraan, walargina galaana bareeddu bukkeetti; walargina galaana bareeddu bukkeetti. ♪” Yeroo duunu laga Yordaanosiin ceena. Lagi Yordaanos laga du’aati. Yesuus laga du’aatti cuuphame, sababii cubbuu biyya lafaa hunduma achitti geesseef, “gatiin cubbuu du’a.”
 
 
Cuuphaa isa cubbuu keenya dabarse
 
Kakuu Haaraa keessatti fakkiin harka irra kaa’uu maali?
Cuuphamuu Yesuus
 
Maat 3:13-17 akka kanatti ni dubbifna, “Yesuus yemmus Yohaannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohaannis garuu “siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhufta?” jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqaa hundinuu isaaf banaman, achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufe isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, ‘inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti ni rawwatama’ jedhee waaqa irraa in dubbate.”
Yesuus Yohaannis cuuphaan cuuphamuuf laga Yordaanositti gara isaa dhufe. Inni “Na cuuphi” jedhee Yohaannisiin abboome. Yohaannis deebisee, “Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?”jedhe. Haala kanaan lamaan isaanii jechuunis Yohaanis angafti luboota lafa kanaafi Yesuus lubni baraabaraa walargani.
Akkuma Ibroota keessatti heerame, Yesuus angafa lubaa kan baraabaraa ti, toora Malkaiisedeg irratti. KunYesuus seenaa namoota lafa irraa akka hin qabaanne agarsiisa. Inni sanyii Aaron ykn nama lafa irraa kamiin iyyuu miti. Inni ilma Waaqayyoo, uumaa keenya. Inni isa waan ta’ef, sanyii dhaloota namaa hin qabu. Yesuus ulfina waaqa irraa achi kaa’ee dhala namaa fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe.
Waaqa irraa gadi bu’uun isaa cubbamoota hunda gowwoomsaa Seexanaa irraa fayyisuudhaafi. Inni Yohaannis cuuphaa biratti cuuphamuudhaan cubbuu biyya lafaa hunda gara gatiittii isaatti dabarse. “Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!’ jedheen. Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise”
“Amma ana ittisuu dhiisi.” Naaf hayyami! jedhe, Yesuus bakka bu’aa ilmaan namaa ajajee cuuphamuudhaafis mataa jala qabate. Bara Kakuu Moofaa keessatti, yeroo aarsaan Waaqayyoof dhihaatu, yakkamaa ykn angafni lubaa horii aarsaaf dhi’aate harka irra kaa’ee cubbuu nama sanaa itti ni dabarsa. ‘Harka irra kaa’uu jechuun’ immoo ‘itti dabarsuu’jechuudha.
Yohaannis cuuphaan Yesuusiin ni cuuphe. Inni kun akkuma harka mataa namaa irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa ti. ‘Itti dabasruu’ jechaan, ‘awwaalamuu, ‘dhiqamuu,’ fi ‘aarfamuu’ wajjin hiikkaa tokko qabu. Kakuun Moofaa gaadduuidduu yeroo ta’uu, Kakuu Haaraan immoo isa dhugaa isaa ti.
Bara Kakuu Moofaa keessa yakkamaan yeroo harka isaa mataa hoolaa irra kaa’u, cubbuun isaa sun gara hoolaa sanaatti ni darba, hoolichis ni du’a. Hoolaan sun yemmuu du’u ni awwaalame jechuu dha. Cubbuun nama harka isaa irra kaa’ee sun gara mataa horii aarsaaf dhi’aateetti ni darba, horiin sun egaa sababii cubbuu nama sanaa fudhateefii ni du’a. Cubbuun erga horii sanatti darbe, namni horii sana aarsaa dhi’eeffate sun cubbuuttii bilisa ni ta’a? Eeyyee, egaa.
Kottaa akka fakkeenyaatti erdeen kun cubbuu haa ta’u, makirofooniin kun immoo hoolaa haa ta’u jenna. Yeroon hoolicha irra harka koo kaa’u, cubbuun koo gara hoolichaatti ni darba. Waaqayyos akkana akka  ta’u godheera. “Harka kee irra kaa’i.” Bara Kakuu Moofaa keessa cubbuuttii fayyuuf, mataa horii aarsaa irra harka ofii kaa’uun dirqama. Yeroo sana aeeggalee namni sun cubbuutti bilisa ta’a. Haaluma kanaan cuuphamuun Yesuus cubbuu biyya lafaa ni miicca, ni awwaala, gara ofii isaatiitti ni dabarsa. Hiikkaan isaa inni dhugaan egaa kana fakkaata.
 
Qajeelummaa hunda raawwachuu jechaan maal jechaa dhaa?
Cubbuu gara Yesuusitti dabarsanii qulqullaa’uu jechaa dhaa?
 
Kanaafuu, cubbuu keenya gara ofiiisaatiitti fudhachuudhaaf jedhee Yesuus yeroo cuuphame, cubbuun keenya dhuguma isatti darbeeraa? Cubbuun nama hundumaa gara isaatti darbeera; namoonni hundinuus fayyaniiru. Kun akkuma isa bara Kakuu Moofaa harka irra kaa’uu dhaan cubbuu gara horiitti darbuu ti. Yesuus yemmus Yohaannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe, “Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen (Maatewos 3:15).
Achumaan, Yohaannis Yesuusiin ni cuuphe. Innis waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf ni ta’a jedhee Yohaannisitti dubbate. “Qajeelummaa hundumaa” jechaan ‘kan ta’u fi kan ga’u’ jechaa dha. ‘Waan ta’uuf’ inni jedhu sun, jecha biraatiin cuuphamuu Yesuusiin qajeelummaa hundumaatu ta’a jechaa dha. Akkana jechaan egaa cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsuuf Yohaannis Yesuusiin cuuphuun fi Yesuusis Yohaannisiin cuuphamuun isaa sirrii dha jechaa dha.
Waaqayyo amantii nuyi cuuphaamuu fi fannifamuu Yesuus irraa qabnuun fayyina nuuf kenna. “Sababii cubbuutiif namni hundinuu firdii cubbuu fi Seexanaan ni rakkata. Kanaafuu namoonni kun fayyanii mootummaa Waaqayyootti akka galaniif  ati akka bakka bu’aa dhala namaa fi akka sanyii Aaronitti nama hundumaatiif na cuuphuu qabda. Ani siin cuuphamuun qaba. Akka kanatti, dubbiin fayyinaa ni raawwatama” jechuu isaati.
Yohaannis “Hubadheera,” jedhee deebise.
Kanaafuu, Yohaannis Yesuusiin ni cuuphe. Harka isaa mataa Yesuus irra kaa’ee, cubbuu biyya lafaa hundumaa gara isaatti ni dabarse. Kanaafuu, Yesuus fayyisaa cubbuu keenya qulqulleessuu ta’e. Amma egaa, cuuphamuu isaatti amanuun nu fayyisa. Kana ni amantaa?
Erga Yordaanositti harka bakka bu’aa ilmaan namaatiin cuuphamee booda, Yesuus waggaa sadii fi walakkaadhaaf cubbuu biyya lafaa dhaqna isaa irratti baatee tajaajila uummataa yeroo jalqabaaf kenne.
Inni dubartittii ishee ejja irratti qabamteen, “Anis sitti hin faradu” jedhe. Inni cubbuu ishee dhaqna isaatti baatee waan jiruuf sababii kanaafis fannoo irratti waan du’uuf jedhuuf itti faraduu hin dandeenye. Iddoo Geetesemaanee jedhamutti, yeroo kadhatu, xoofoon kun akka irraa ka’uuf si’a sadi kadhatee, deebi’ee immoo, “Akka fedha koo qofa miti, akka fedha kees malee,” jedhee kadhateera.
 
 
“Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!”
 
Yesuus cubbuu biyya lafaa hammam balleesse?
Cubbuu biyya lafaa hunda
 
Yohaannis 1:29 akkas jedha, “Borumtaa isaa Yohaannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!’” Yohaannis cuuphaan Yesuusiin cuuphee borumtaa isaa Yesuus gara isaa yerooinni dhufe namootaan akkana jedhe, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!’” Kun dhuga ba’umsa isaa ture.
Ilmi Waaqayyoo gara biyya lafaa dhufee cubbuu isaa hundumaa irraa ni fuudhe; Yohaannis ammas akka kanatti dhugaa ni ba’e. Yohaannis 1:35-36, “Borumtaa isaa immoo Yohaannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin ni dhaabbata ture. Yohaannis utuu Yesuus achiin darbuu ilaalee, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo’ jedhe.”
Hoolaa Waaqayyoo inni jedhu kun Yesuus isa dhugaa aarsaa Kakuu Moofaa keessaatti caqafame cubbuu saba Israa’eliif kan du’ee dha. Anaa fi siif ilmi Waaqayyoo, uumaan keenyaa, cubbuu keenya, cubbuu uumama hundaa, cubbuu dhalootaa fi irra daddabarbaa hirrina keenyaa nu irraa fuuchuudhaaf gara biyya lafaatti gadi bu’e. Cuuphamuu isaa fi du’a fannoo isaatiin nu fayyiseera.
Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee, fayyina guutuu warra isatti amananiif kenne. Kana ni hubatta? “Hoolich Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” jedhe Yohaannis.
Cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhachuun isaa, dhalachuun isaa waggaa 2000 yeroo ta’u, dhalatee waggaa 30 ti. Bara Goofaan dhalatetti barri haaraa lakka’amuu eegale.  Baroota Kiristoosiin duraa D.K.D. jedhame waamama; egaa Yesuus erga cubbuu keenya nu irraa kaasee wagaaoota 2000 ta’eera.
Yohaannis D.K.B.waggaa 30 tti Yesuusiin cuuphe. Borumtaa isaa immoo, ‘Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” “Ilaa!” jedhee namootatti dubbate, akka isaan itti amananiif. Yesuus hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhuu fi nama hundumaa fayyisuuf akka dhufe dhugaa ba’e.
Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee wallaansoo cubbuu nu irraa dhaabe. Sababii cubbuu keenya inni nu irraa kaaseef egaa amma nuyi qulqulloota taanee jirra; Yesuus akka cubbuu keenya, cubbuu kee fi cubbuu koo, nu irraa kaase Yohaannis dhugaa ba’eera. “Inni (Yohaannis) dhugaa ba’uu dhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa’ee ifichaa dhugaa ba’e” (Yohaannis 1:7).
Utuu Yohaannis dhugaa hin baane ta’ee, attamitti Yesuus akka cubbuu keenya nu irraa kaase beekuu dandeenya? Akka inni nuuf du’e macaafni qulqulluun yeroo hedduu yoo nutti dubbate iyyuu, Yohaannis akkaata nuuf galutti akka inni cubbuu keenya nu irraa kaase dhugaa nuuf ba’eera.
 
Cubbuun biyya lafaa hammam baayyata?
Cubbuu dhala namaa jalqabaa hanga dhuma biyya lafaatti
 
Namoonni baayyeen erga Yesuus du’e booda dhugaa ba’aan, Yohaannis garuu utuudhuma Yesuus fooniin lafa irra jiruu ifatti dhugaa ba’eera. Bartoonni Yesuusis fayyisuu isaa dhugaa ba’aniiru. Isaan, Yesuus akka cubbuu keenya nu irraa kaase dhugaa ba’aniiru; akka inni fayyisaa keenya ta’etti.
Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera. Yaa jaallatamuu dubbistoota kitaaba kaaa, isin waggaa 100 tokko illee hin fixne ta’a, fixxaniittuu? Yesuus wagga 30 ffaa isaatti cubbuu biyya lafaa balleesse. Fakkii armaan gaaii ilaali.
 
f53703bc-e432-4224-b86c-e6d84bcfb357
 
 
Cubbuu biyya lafaa hunda
 
Kottaa namoonni jalqabaa waggoota 4000 KD akka uumamanitti ni yaadama. Dhalachuun Yesuus immoo waggaa 2000 caalaa jira. Biyyi lafaa ammam akka turu hin beeknu, garuu dhumni isaa dhi’aateera. Inni garuu akkana jedha, “Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaa isa dhumaatis jedhe” (Mul’ata 22:13).
Egaa, barri kun bara dhumaati. Barri ammaa kun gara 2008 ti. Yesuus bara 30 tti cubbuu nu irraa fuudhe, waggaa sadii booddee immoo fannoo irratti du’e.
“Ilaa! Hoolicraa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.” Inni cubbuu biyya lafaa, cubbuu kee fi cubbuu koo nu irraa kaaseera. Erga Yesuus dhalatee akkuma waggaa 2000 fixne, erga cubbuun keenya erga nu irraa ka’es waggoota 2000 fixneerra jechaa dha. Hanga ammaatti iyyuu cubbuu ni hojjenna, garuu Yesuus Hoolaan Waaqayyoo cubbuu biyya lafaa nu irraa kaaseera.
Erga dhalanne kaafnee cubbuu ni hojjenna. Battala dhalannee eegallee cubbuu hojjennerra moo hin hojjenne? —Hojjenneerra.— Kottaa adeemsa isaa guutummaatti ni ilaalla. Dhalannee hanga waggaa 10ffaa keenyatti cubbuu hojjeneerra moo hin hojjenne? —Hojjenneerra.— Cubbuun kun Yesuusitti darbeera moo hin darbine? Darbaniiru. Yoo akkas ta’uu dhaa baatee attamitti fayyisaa keenya ta’a ree? Cubbuun hundinuu gara Yesuusitti darbaniiru.
Waggaa 11 hanga 20, cubbuu hojjenneerra moo hin hojjenne? Yaadaanis hojiinis cubbuu hojjenneerra…. Kanatti baayyee gaarii dha. Akka cubbuu hin hojjenne baranneerra, garuu uumama keenyaan cubbamoota.
Cubbuun keenya hundi gara Yesuusitti akka darbe Waaqayyo nutti dubbateera. Cubbamoota attamii akka taane inni waan beekuuf dursee cubbuu keenya nu irraa kaase.
Biyya lafaa kana irra ammam jiraanna? Mee waggaa 70 haa jennu. Cubbuu waggaa 70 yoo tilmaamne ammam ulfaata ata’a? Hanga konkolaataa toonii 8 ulfaata yoo ta’e, gara konkolaataa 100 oliitu nu irratti fe’ama jechaa dha.
Bara jireenya keenya hundaatti cubbuu ammam akka hojjennu tilmaamuuf yaalii godhi. Isaan kun cubbuu biyya lafaa ti moo miti? Isaan qaama cubbuu biyya lafaa ti. Dhalachuu keenyaa kaafne hanga umurii 10, 10 hanga 20, 20 hanga 30... hanga duunutti iyyuu, cubbuun keenya cubbuu biyya lafaatti shalagama, isaan kun hundinuu cuuphaadhaan gara Yesuusitti darbaniiru.Galata Isaa.
 
 
Fayyisaa Dhala Namaa, Yesuus Kiristoos
 
Yesuus cubbuu ammam balleesse?
Cubbuu maatii keenyaa fi ijoollee keenyaa hanga dhumiinsa biyya lafaa tti
 
Yesuus cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee akka foon uffate nutti dubbata. Garuu inni ofiisaa cuuphuu hin qabu waan ta’ef Waaqayyo dursee ergamaa isaa ilmaan namaa bakka buusee akka Yesuusiin cuuphuuf ergeera. Akkuma barreeffame, “Maqaan isaa, “Gorsaa, dinqii waaqayyo-jabaa, in jedhama. Ofii isaatiin, ogummaasaatiin, mariyaa isaatiin bakka bu’aa dhala namaa dursee ni erge, Yesuus, ilmi Waaqayyoo ofii isaatiin, cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf nama foonii ta’eera. Fayyina dinqisiisaa kanaaf ragaan bu’uuraa jira?
Dinqii dhaa, mitii? Kanaafuu, Yohaannisiin cuuphamuu isaatiin, cubbuu dhala namaa hundumaa fannifamuu isaatiin altakkaa fureera. Inni hunda keenya fayyiseera. Waa’ee isaa itti yaadi. Cubbuu kee umurii 20 hanga 30, 30 hanga 40, 40 hanga 60, hanga 70, hanga 100, fi kan ijollee keetii ilaali. Cubbuu kana hundumaa Gooftaan kaaseera moo hin kaafne? Inni kaaseera. Inni Yesuus Kiristoos, fayyisaa ilmaan namaa ti.
Sababii Yohaannis cuuphaan cubbuu keenya hunda gara Yesuusitti dabarsee fi sababii Waaqayyo akkas akka ta’u akeekeef, isatti amanuudhaan fayyina guutuu arganna. Ani fi ati cuubbamoota? Cubbuun keenya hundi gara Yesuusitti darbeera moo hin darbine? —Cubbuun keenya gara Yesuusitti waan darbeef erga isatti amanne cubbamoota miti.—
Namni cubbuun biyya lafaatti hafeera jedhee ija jabummaan dubbatu jira? Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda kaaseera. Inni akka nuyi cubbuu hojjennu ni beeka, kanaafuu cubbuu keenya isa gara fuula duraas ofitti fudhate. Yaroon keenya waggaa 50 hin guutin jira, yaroon keenyas walakkaa bara keenyaa hin geggeessin jirra, garuu muraasni keenya immoo anaanis dabalatee, barabaaraan utuu jiraannnee jennee ni yaadna.
Baayyeen keenya  jireenya goolamaa keessa jirra. Akkaataa jireenya keenyaa maal fakkaata?. Walakkaan jireenya ilbiisa ji’a caamsaa ammami? Gara sa’aatii 12 ti.
“Wayyoo kaa! Ani nama bishaan yaa’u daakaa natti dhufuun arge! Ani du’atti rukutameera, akkuma ati beektu ani waan akkasi bara jireenya koo hundumaatti hin argine.” Sa’atii  12 qofaan jiraadhe. Walakkaan jireenya isaa immoo darbeera.
Galgala sa’aatii 7 ykn 8 keessa, abjuu keessa  jireenya isaa arge, yeroo xinnoo booddee ni du’a. Billaachi tokkotokko sa’atii 20 jiraatu, Muraasni immoo 21, tokkotokkoo immoo hanga dulluma isaaniitti sa’atii 24 ni jiraatu. Muuxannoo jireenya isaanii haasa’uu ni danda’u, garuu nutti maal fakkaata? Waggaa 70 ykn 80 jiraannee kanaan booda “nama kolfaa na hin godhin” ni jenna. Muuxannoon isaanii ija keenya duratti gatii hin qabu.
Fakkeenya kana kottaa walitti dhufeenya Waaqayyo wajjin qabnu wajjin wal ni fudhachiifna. Waaqayyo barabaraan jiraata. Inni kan barabaraati. Inni jalqabaa fi xumura biyya lafaa kaa’eera. Inni barbaraan yeroo garasitti ni jiraata. Inni jireenya ofii qabuun nu ilaala.
Inni bar tokko keessa, cubbuu biyya lafaa hunda ofitti fudhatee, fannoo irratti du’uudhaan, “fiixaan ba’eera” jedhe. Guyyaa sadaffaatti du’aa erga ka’ee booda gara waaqaatti ol ba’eera. Inni barabaraan ni jiraata. Inni tokkoon tokkoon keenya asii gad ilaalaatti jira.
Namni tokko akkana jechuu ni danda’a, “Oho, jaallatama, ani baayyee yakkeera. Yoo umuriin koo 20 qofa ta’e iyyuu, ani yakka baayyee godheera.” “Ani waggaa 30f jiraadheera, cubbuu baayyees godheera. Innis baayyee dha. Attamittan cubbuu malee jiraachuu danda’a?”
Garuu Gooftaan keenya jireenya isaatiin akkana jedha, “Na hin kolfisiisin. Cubbuu kee isa hanga amma qofattiin si fayyise miti, cubbuu abboota kee isa yeroo ati hin dhalatin, cubbuu ijoolllee kee warra si’achi, kan warra erga ati duutee dhalatanii iyyuu fayyiseera.” Inni safara jireenya bara keessaatti ni dubbata. Kana in amanta ree? Itti amaniiti fayyina siif qophaa’ee fudhadhu. Mootummaa Waaqayyootti gali.
Yaada keetti of hin hidhin, sagalee Waaqayyootti amani. “Waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf ni ta’a” isa jedhu hubadhu. Hoolaan Waaqayyoo inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe qajeelummaa nuuf hojjeteera. Yesuus cubbuu biyya lafaa hundumaa irraa fuudheera. Ayyaana guddaa inni siifa kenne galataan amantiidhaan fudhadhu itti jiraadhu.
 
Yesuus fannoo irratti utuu hafuura hin baafatin dura maal jedhe?
“Fiixaan ba’eera.”
 
Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa hundumaa karaa cuuphamuu isaatiin waan irraa fuudheef dhaadacha mana murtii Philaaxos Peenxeenichaatiin duuti fannoo itti faradameera.
“Yesuus fannoo isaa ofiin baatee gara iddoo lafee mataa yookiis afaan Ibraaiyisxiitti ‘golgootaa jedhamutti ba’e; achitti isa fannisan, namoota kan biraa lama garasii fi garanaan Yesuusiin gidduutti fannisan. Philaaxos yemmus waan ittiin beeksiu tokko caafee mataa fannoo isaatiitti maxxanse. Caaffatichis YESUUS NAMA BIYYA NAAZIRET MOOTICHA YIHUDOTAA kan jedhu ture. Iddoon itti Yesuus fannifame, mandarichatti dhihoo waan tureef caaftata beeksiisaa sana Yihudota keessaa baayyeetu dubbise; inni afaan Ibraayisxiitii afaan warra Roomaatti afaan warra Giriikittis caafamee ture” (Yohaannis 19:17-20).
“Erga inni fannoo irratti du’ee booda kottaa waan ta’ee ni ilaallaa. “Yesuus amma wanti hundinuu fiixaan ba’uu isaa beekee dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf “nan dheebodhe” jedhe. Qodaan daadhiin wayinii dhangagga’aan keessa guute tokko achi in dhaabbata ture. Daadhii dhangaggaa’aa sanas wanta akka cumaa buqqee hadhaa’aa isa bishaan dhaqnatti xuuxu tokkotti guutanii. Hanxaxii hisoophiitti ka’aanii afaan Yesuusitti qaban. Yesuus dhaadhii dhangaggaa’aa sana erga afaaniin qabee booddee fiixaaan ba’eera jedhee; mataa isaas jallisee hafuura isaa kenne” (Yohaannis 19:28-30).
Dadhii dangaggaa’aa sana erga fudhatee booda, Sagalee isaa ol fudhatee, “fiixaaan ba’eera” jedheee mataa isaas jal’isee du’e. Inni dhuguma ni du’e. Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara waaqaatti ol ba’e.
Kottaa Ibiroota 10:1-9 ni ilaalla. “Seerichi garuu gaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sana malee bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’tan miti. Inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhiheeffaman sanaa, warra dhihaatan fiixaan kan ba’aan gochuu matumaa hin dandeenye. Warri Waaqayyoof sagadan yeroo hundumaaf akka ta’utti, altokkicha dhuguma cubbuu isaaniitti utuu qulleeffaniiru ta’ee, cubbuun isaanii yaada garaa isaaniitti waan hin dhagaa’amneef aarsaa dhi’eessuun in hafa ture mitiiree? Amma garuu, aarsaa waggaa waggaatti dhihataniin namoonni cubbuu isaanii in yaadatu. Dhiigni korommii fi re’ootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin danda’u. Kanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yommuu dhufe “ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu dhaqna abboomamuu anaaf qopheessitteetta. Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii cubbuutiif dhihatutti, hin gammadne, kanaaf ani immoo, ‘Macaafa maramu keessatti waa’ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuu dhaaf dhufeera’ nan jedhe” jedhe dubbate. Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhi’aatanii iyyuu kana gararraatti, ati aarsaa, kennaas, kennaa qalmaa isaa qubamuu, aarsaa sababii cubbuu tiif dhi’aatuttis hin gammanne” jechuu isaa argineerra. Itti dabalees immoo, “kunoo ani jaalala kee raawwachuu dhaaf dhufeera.” Kanaafis, aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf isa duraa iddoo dhaa fuudhe.”
 
 
Fayyina Baraabaraa
 
Erga Yesuusitti amantee booda cubbuu har’har’aa boree si mudatu attamitti hiikkataa?
Yesuus Kiristoos yeroo cuuphame cubbuu hundumaa akka irraa fuudhee mirkaneeffachuu dhaan
 
Seerri, jecha biraatiin, sirni aarsaa, gaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiru sanaa ti. Aarsaan bara Kakuu Moofaa, kan hoolaa, reettii sun isa Yesuus aarsaa ta’ee cubbuu keenya nu irraa kaasuu isaa agarsiisa.
Namoonni bara Kakuu Moofaa hundi, Daawwit, Abrhaam, fi kan biroon hundi, sirni aarsaa sun maal akka ta’e baraniiru. Innis Masiihii, Kiristoosiin mul’isuu yoo ta’u, (Kiristoos jecha ais, mootiin dibame) gara fuula duraatti akka dhufee cubbuu isaanii hundumaatti akka isaan hiiku hubataniiru. Isaan amantii isaaniitiin fayyaniiru.
Seerri sun gaaddidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiruu ture. Sababii cubbuu isaaniitiif guyyaa guyyaa fi waggaa waggaa tiin aarsaa dhi’eessuun akka inni fayyina guutuu hin taanee ni beeku turan. Kanaafuu, guutu fi jiraataa barabaraa kan ta’e, ilmi Waaqayyoo gara biyya lafaa dhufuutu irra ture.
Yesuus akkuma macaafa keessatti barreeffame, fedha abbaa isaatii guutuuf gara biyya lafaa akka dhufuu qabu dub bateera. “Achumaan ani nan jedhe, ilaa ani fedha kee raawachuuf dhufeera, Yaa Waaqayyo.’ Inni isa guyyaa duraa in balleesse, guyyaa isa lammaffaa bakka buusuudhaaf.”  Jeha. Cubbuu keenya irraa fayyineerra sababiin isaa akkuma bara Kakuu Moofaa keessatti barreeffame, inni cubbuu keenya waan balleessee fi nuyis waan itti amannee jirruuf.
Ibiroota 10:10 haa dubbifannu. “Dhaqni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’utti, altokkicha aarsaa ta’e.” Dhiiga Yesuus Kiristoosii  n yeroo hundumaaf akka ta’utti alkkaa qulleeffamneerra. Qulleeffamneerra moo hin qulleeffamne? —Qulleeffamneerra.—
Kun maal jechaa dhaa? Waaqayyo abbaan ilma isaa biyya lafaatti ergee cubbuu keenya hundumaa karaa cuuphaa isatti dabarse. Sababii kanaaf altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti firdii fannoo itti kenne. Inni akkasitti hunda keenya dhiphina cubbuu jalaa nu baaseera. Kun fedha Waaqayyoo ture.
Cubbuuttii nu furuudhaaf, Yesuus aarsaa baraabaraa godhe altakkaa kan yeroo hundumaaf ta’u ofii isaa dhi’esse. Kanaan nuyi qulqulloofneerra sababiinisaa, Yesuus ofii isaa nuuf qulqulleessee nuuf du’era waan ta’ef nutti hin faradamu.
Aarsaan bara Kakuu Moofaa guyyaa guyyaatti ni dhihata sababiinisaa cubbuun har’aa bortee aarsaa ofii isaatii waan barbaaduuf.
 
 
Hiikkaa Hafuuraa Yesuus Miilla Pheexiros Dhiqee
 
Cubbuu nuyi irraa qalbii diddiirrannee kadhachuu qabnu kan biraa jiraa?
Lakki
 
Yohaannis 13 seenaa Yesuus miilla Pheexirosiin dhiqe ilaalla. Yesuus miilla Pheexirosiin dhiquun isaa inni gara fuula duraatti iyyuu cubbuu akka hojjetuu fi cubbuu isaa gara fuula duraattis qulqullaa’ee jiru agarsiisa. Pheexiros akka deebi’ee yakku Yesuus waan beekuuf bishaan harkeetti naqatee miilla isaa dhiqe.
Pheexiros diduuf yaalii goonaan Yesuus akkana jedhe deebiseef, “Waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu; gara booddeetti garuu in hubatta.” Dubbiin kun ‘Kanaan booda iyyuu akka inni deebi’ee yakku agarsiisa. Erga ani cubbuu keettii si qulleessee booddee iyyu na gantee cubbu ni hojjetta. Ergan ol ba’ee booddee iyyuu cubbu ni hojjetta. Kanaafuu, ani miilla keen siin dhiqa akka Seexanni si hin qorreef kanaaf isaa cubbuu kee isa gara fuula duraa iyyuu  irraa kaasuun qaba jechuu isaati.
Akka nuyi guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrannuuf inni miilla Pheexiroosiin dhiqe sitti fakkaata? Waa’uu. Fayyuu dhaaf guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrachuu qabna yoo ta’e, Yesuus cubbuu keenya barabaraaf akka ta’utti nu irraa hin fuunee jechaa dha.
Garuu Yesuus barabaraan akka nu qulleesse nutti dubbateera. Guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrachuu qabna yoo ta’e, gara Kakuu Moofaatti booddee deebine jechaa dha. Egaa eenyu qajeelaa haa ta’u? Eenyu guutuun guutuutti haa fayyu? Yoo dhuma Waaqayyotti amanne iyyuu, eenyutu cubbuu malee jiraachuu danda’a?
Qalbii diddiirrannaatiin eenyutu qullaa’uu danda’a? Guyyaa guyyaatti utuu walirraa hin kutin cubbuu ni hojjenna, tokkoon tokkoon cubbuu hojjennuuf attamitti qalbii diddiirrannee fixuu dandeenya? Kanaafuu attamitti akkas itti ulfaannee, waa’ee fayyina keenyaaf isa rakkifna? Cubbuu keenya ganaamaa fi guyyaa irraanfannee, akkasumas isa bor galgalaas waan daganne fakkaanna. Cubbuu keenya hundumaafuu waan qalbii diddiirrannee fixuu hin dandeenyu.
Kanaafuu, Yesuus altakkaa cuuphamee altakkaa fannoo irratti du’ee barbaraaf akka ta’utti nu qulleesseera. Kana hubachuu ni dandeessa? Cubbuu keenyattii barabaraan altakkaa fayyineerra. Kanaafuu guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrachuudhaan fayyinni hin argamu.
Yesuus cubbuu keenya akka nu irraa kaase amanuu dhaan fayyina.
“Lubni guyyaa guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu, altakkaa aarsaa dhi’eessee, barabaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e. Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa amma godhamanitti in eeggata. Al tokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman, yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’an godheera: Hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kanaa dhugaa nuuf ba’a, Inni duraan dursee, guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi,” jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, ‘Waaqayyo, ‘Ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera jedhe; Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhihatu ni hafa” (Ibroota 10:11-18).
Kun maal jechaa dha, “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo,” kan jedhu lakk. 18ffaan maal jechuu dha? Kana jechaan cubbuu jechaa dha, cubbuun kam iyyuu utuu gargar hin qoodamin, barabaraan haqameera. Waaqayyo hunduma isaa haqee dhiifama nuuf godheera. Kanatti ni amantaa ree? “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii     cubbuutiif dhi’atu ni hafa.”
Kottaa wantoota hanga ammaatti dubbanne ni xumurra. Yohaannis cuuphaa n utuu harka isaa mataa Yesuus irra hin keenye ta’e, karaa biraatiin, utuu isa hin cuuphne ta’e, ni fayyina turre? Lakkisaa, raawwatee hin ta’u! Booddee isaa haa ilaallu. Utuu Yesuus Yohaannis cuuphaa akka bakka bu’aa ilmaan namaatti hin filanne ta ’e, cubbuu keenya nu irraa fuudhee gara isaatti hin dabarsine ta’e, cubbuu keenya irraa ni miiccamna turre? Lakki.
Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha. Gaarii dhas. Haa ta’u iyyuu malee, fayyisaa keenya miti, cubbuu keenyas nu irraa kaasuu hin danda’u. Utuu fayyisuu ni danda’a ta’e, cubbuu keenya qabatamaatti nu irraa kaasuu tu irra ture. Yesuus, Waaqayyo, maaliif foon uffatee gara biyya lafaa dhufe? Inni cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf dhufe. Yesuus cubbuu garaa keenyaa hunda ni beeka waan ta’eef fooniin dhufee cubbuu keenya ofitti fudhatee aarsaa barabaraa nuuf hin taane utuu ta’ee, duutni isaa hiika hin godhatu ture.
Utuu Yesuus hin cuuphamne ta’ee, amma ammaatti cubbuun keenya ni jiraata. Utuu cubbuu keenya gara isaatti hin fudhatin fannifame ta’ee, duutni isaa hiikkaa dhaba ture, wanta nuuf godhu hin qabu ture. Waan hiikkaa hin qabne ta’a ture.
Kanaafuu waggaa 30ffaa isaatti tajaajila isaa mul’inaan kennuu yeroo eegalee, cuuphamuudhaaf gara Yohaannis cuuphaa laga Yordaanosiin dhaqe. Tajaajila ummataa mul’inaan waggaa 30ffaa isaatti jalqabee waggaa 33ffaa isaatti raawwateera. Waggaa 30ffaa isaatti cuuphamuudhaaf gara Yohaannis cuuphaa dhaqe. “Amma naa hayyami, namoonni fayyanii qajeelummaa akka argataniif kana gochuun nu irraa ni eegama. Akkana gochuun keenya nuuf waan qajeelaa dha. Amma, ana cuuphi.” Eeyyee, Yesuus Kiristoos fayyina nama hundumaatiif cuuphameera.
Erga Yesuus cuuphamee cubbuu keenya hunda isaa nu irraa fuudhee, erga cubbuun keenya hundi harka irra kaa’uu Yohaannis cuuphaan gara isaatti darbee booda iji Waaqayyo abbaa gara fannoo Yesuusitti ni darbe. Yesuus tokkicha ilma Waaqayyoo ta’ee iyyuu, Waaqayyo ilma isaa kana aarsaa gochuu tu irra ture.
Waaqayyo jaalala utuu ta’ee jiruu, ilma isaa du’atti dabarsee kennuu qaba ture. Kanaafuu, yeroo inni fannoo gubbaa ture saa’atii sadiif dukkanni lafa irra uwwise. Yesuus utuu hin du’iin duraa akkana jedhee iyye, “Elo’ii, Elo’ii lama sabaktaanii?” hiikkaan isaas, “Waaqayyo koo Waaqayyo koo maaliif na dhiifte?” jechaa dha. Yesuus cubbuu keenya gatiittii isaatti fudhatee iddoo keenya firdii ulfaataa nuuf baatee nu fayyise. Kanaafuu, inni hunda keenya fayyise. Cuuphamuu Yesuusiin ala, duutii isaa hiikkaa hin argatu jechaa dha.
 
Ati nama qajeelaa immoo nama cubbamaa dhaa?
Nama qajeelaa garaa isaa keessaa cubbuu hin qabnee dha
 
Yesuus utuu cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya ofii isaatti hin fudhatin du’e ta’e, duuti isaa fayyina bakkaan hin ga’u ture. Gutummaan guutuutti nu fayyisuu dhaaf, Yesuus Yohaannis, bakka bu’aa ilmaan namaatiin cuuphamee, dhalli namootaa hundi akka fayyaniif fannoo irratti firdii baate.
Kanaafuu, du’a Yohaannis cuuphaatii eegalee hanga ammaatti, mootummaan Waaqayyoo umnaan dhiibamaa jira. Sababiinisaa Yohaannis cuuphaan cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarsee araarri waan nuuf ta’ef. Ani fi ati har’a Waaqayyoon abbaa keenya waammachaa ija jabummaadhaan mootummaa Waaqayyootti ni galla.
Ibroota 10:18 keessatti akkana ni jedha, “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu in hafa.” Amma iyyuu ati cubbamaa dhaa? Utuu Yesuus idaa kee sii kaffalee jiruu amma iyyuu idaan kaffala jirtaa?
Nama dhugaatii baayyinaan dhugee idaa hedduu ofii isaa irratti fide tokkotu jira. Akka carraa gaaftokko ilmi isaa idaa kana hunda ni kaffaleef. Abbaan isaa sun egaa iddoo liqiitiin dhugee hundumaa irraa bilisa ba’eera jechaa dha.
Kun egaa wanta Yesuus nuuf hojjete dha. Inni idaa keenya isa fuulduratti qabnus nuuf kaffale. Cubbuu keenya isa bara keenyaa qofa miti, cubbuu biyya lafaa hundumaatiif malee. Cubbuun biyya lafaa hundi yeroo cuuphametti gara ofii isaatiitti fudhateera. Kanaafuu, ati amma iyyuu cubbamaa dha? Lakki, ati cubbamaa miti.
Wangeela fayyinaa kana jalqabaa kaafnee utuu beeknee, Yesuusitti amanuun attam salphaa ture. Egaa akkuma kanatti, namoonni baayyeen sagalee haaraa kana ni raajeffatu.
Garuu kun wanta haaraas miti. Jireenya namaa jalqabaatii eegalee kan turee dha. Garuu nutu dura hin barre. Wangeelli bishaanii fi hafuuraa kun caaffattoota keessatti galmaa’ee itti hojjetamaas jira. Inni yeroo hundumaa achuma jira. Utuu ani fi ati hin dhalatin iyyuu jira. Erga biyyi lafaa uumamee jalqabee inni achuma jira.
 
 
Wangeela fayyina baraabaraa
 
Waaqayyoon duratti maal gochuu qabna?
Wangeela fayyina baraabaraatti amanuu qabna.
 
Yesuus Kiristoos inni cubbuu keenya hundumaa nu irraa dhiqe, utuu ani fi ati hin dhalatin kana hunda nuuf godheera. Inni hunda isaa iyyuu nu irraa kaaseera. Hanga ammaatti ati cubbamaa dha? —Lakki.— Egaa cubbuu ati bor hojjettu kun maal fakkaata? Isaan kun cubbuu biyya lafaa keessatti hojjetamanitti haammatamanii jiru.
Cubbuu fuula duraa of irraa haa buufnu. Cubbuu nuyi hanga ammaatti goone cubbuu biyya lafaatti godameera, akkas miti? Gara Yesuusitti darbaniiru moo hin darbine? Eeyyee, darbaniiru.
Cubbun borii gara Yesuusitti darbeera? Eeyyee, utuu gargar hin baafamin darbaniiru. Tokkoon isaa iyyuu gara booddeetti hin hafne. Cubbuun keenya hundi gara Yesuusiitti akka darbee fi gatiin isaas altakkaa akka itti kaffalame garaa keenya guutuudhaan akka itti amannu wangeelli nutti dubbata.
‘Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyooti’ (Maarqos 1:1). Wangeelli oduu gammachiisaa waaqa irraa ti. Inni akkana jedhee nu gaafata, “Ani cubbuu kee hunda si irraa fuudheera. Ani fayyisaa keeti. Anatti ni amanta?” Namoota lakkoobsa hin qabne keessaa, namoota yartuu qofatu, “Eeyyee, nan amana. Akka ati natti dubbatteetti nan amana. Kana hubachuun baayyee gaarii dha.” jedhanii deebii kennu. Namoonni akka kanatti amanan akkuma Abrhaam qajeelota ta’u.
Garuu warri kaan akkana jedhu, “Itti amanuu hin danda’u. Kun baayyee wanta haaraa fi keessummaa dha.”
Egaa, inni ni gaafata, “Mee natti himi, cubbuu kee si irraa fuudheera moo hin fuune?”
Inni immoo deebisee, “Cubbuu koo guyyaa guyyaa utuu hin taane, cubbuu uumamaa koo qofa akka ati nu irraa kaafte baradheera” jedha.
“Akka ani siif hojjedhetti osoo hin taane akka namootni si barsiisanitti amanuuf akka ati dammaqaa taate hubadheera. Kanaafuu, ati gara sii’oliin deemta, sababiinsaa kan biraa wanti ani sitti dubbadhu hin jiru waan ta’ef.”
Fayyina guutummaa isaatiitti amanuun arganna. Warri ani amma iyyuu cubbuun qaba jedhanii yaadan gara sii’oliin dhaquun isaanii dirqama ta’a. Sababiinsaa waan Gooftaan isaaniif hojjete waan hin fudhanneef. Kanaa manna akka filannoo isaaniitti deddeebi’aa jiru waan ta’eef.
Wangeelli fayyinaa dhugaa ba’uu Yohaannis cuuphaatiin jalqaba. Yesuus Yohaannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya waan nu irraa fuudheef, yeroo isatti amannu ni qulqulloofna.
Ergamaan Phaawoloos ergaa isaa keessatti waa’ee cuuphaa baayyee dubbateera. Galaatiyaa 3:27 keessatti, “Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan, Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu.” Kiristoositti jechuunis cuuphamuu isaatti amanuu dhaan isa wajjin tokko ta’uu jechuu dha. Yeroo Yesuus cuuphame, Yohaannis cubbuu keenya hunda isaa gara isaatti dabarseera waan ta’ef inni nu irraa dhiqameera.
1 Pheexiros 3:21 keessatti akkana in jedha, “Kunis fakkenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltannii ti; Cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuu dhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee waan ittiin xurii dhaqnaa ittiin dhiqatan miti.”
Warri dhuga ba’umsa Yohaannis cuuphaatti amanan, cuuphamuu fi fannifamuun Yesuus ayyaana fayyinaa oli ni kennaaf.
Cuuphamuu Yesuus akka fakkeenya fayyinaatti garaa kee keessatti fudhadhu, fayyina ni argatta.