• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 3: Wangeela Bishaaniifi Hafuuraa

[3-3] Yesuus Kiristoos Bishaan, Dhiigaa fi Hafuuraan Dhufe (1 Yohannis 5:1-12)

2021.05.01 132
(1 Yohannis 5:1-12)
“Yesuus kun Masiihicha ta’uu isaa namni amanu hundinuu mucaa Waaqayyooti; Isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii dhalates immoo in jaallata. Waaqayyoon yemmuu jaallannu, abboommii isaas yommuu goonuu Ijoollee Waaqayyoo jaallachuu keenya in hubanna. Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti. Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta’e hundinuu biyya lafaa mo’uuf ba’aa ulfaatoo itti hin taa’ani. Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu kunis amantii keenya Eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’a? Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo’uu danda’a. Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana. Innis Yesuus Kiristoos, inni bishaan duwwaadhaan miti; bishaan fi dhiigaan dhufe malee; Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa in ba’a; hafuurichi dhugaa dha. Dhuga baatuu sadiitu jira; Isaan kunis, hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha; sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u. Isa namoonni dhugaa ba’an kan fudhannu erga ta’e, inni Waaqayyo dhugaa ba’u immoo ni caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaa tiif dhugaa ba’e dha. Namni ilma Waaqayyootti amanu dhugaa kana of keessaa qaba. Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba’e waan amanuu dhiiseef Waaqayyoon sobduu gochuu isaati. Waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne, egaa dhugaan isaa isa kana. Jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama; Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, jireenyicha qaba, namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”
 
 
Yesuus maaliin dhufe?
Bishaan, dhiiga fi hafuuraan
 
Yesuus Bishaaniin dhufee? Eeyyee. Inni cuuphamuu isaatiin dhufe. Bishaanni fakkeenya inni Yohannisiin laga Yordaanositti cuuphame agarsiisa. Inni cuuphaa fayyinaa isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee dha.
Yesuus dhiigaan dhufee? Eeyyee. Inni foon namaa uffatee cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuu isaatiin gatii cubbuu kaffale. Yesuus dhiigaan dhufe.
Yesuus hafuuraan dhufee? Eeyyee. Yesuus Waaqayyo dha, garuu inni hafuuraan foon uffatee fayyisaa cubbamootaa ta’e dhufe.
Namoonni baayyeen Yesuus akka bishaan, dhiiga fi hafuuraan dhufe hin fudhatan. Namoonni muraasni qofti mootii moototaa isa dhugaa fi Waaqa waaqotaa ta’uu isaa amanu. Amma iyyuu namoonni baayyeen jooraa jiru; ‘Yesuus dhuguma ilma Waaqayyoo ti moo ilma namaa ti?’ Baayyeen beektoota baruma amantii dabalatee, tajaajiltoonni baayyeen Yesuus fayyisaa fi Waaqayyoon ta’uu isaa caalaa nama ta’uu isaatti hubatu.
Waaqayyo namni Yesuus mootii moototaa, Waaqa dhugaa fi fayyisaa ta’uu isaatti amanu akkainni isattii dhalatu dubbateera. Namni Waaqayyoon jaallatu Yesuusiinis ni jaallata, namni Waaqayyotti amanu Yesuusittis ni amana.
Namni lammaffaa hin dhalatin biyya lafaa mo’uu hin danda’u. Yohannis, ergamaan biyya lafaa kan mo’achuu danda’u kiristaanota dhugaa qofa akka ta’e dubbateera. Sababii warri amanamoon qofaan biyya lafaa mo’ataniifis sababii wangeela bishaani, dhiigaa fi hafuura irraa amantii qabaniifi. Biyya lafaa mo’achuun yaada ofii, dadhabbii fi inaaffaa namaa keessaa hin ba’u.
“Afaan namoonni yookiis afaan ergamootni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaa baadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh-kosh jedhuun ta’e. Raajjii dubbachuu dhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiruu hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti, amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaa baadhe garuu ani homaa miti. Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuu dhaafis, dhaqna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhaa baadhee garuu homaa waa’ee anaaf hin baasu” (1 Qorontos 13:1-3).
‘Jaalala’ jechuun iddoo kanatti Yesuus bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe jechuu dha. Macaafa qulqulluu keessatti, jechi ‘Jaalala’ jedhu ‘dhugaa jaallachuu’ jechuu dha (2 Tasaloniiqee 2:10). Dhugaan Jaalala Waaqayyoo karaa tokkicha ilma isaatii mul’ateera (1 Yohannis 4:9).
 
 
Warra bishaan, dhiigaa fi hafuuratti amanan tu biyya lafaa mo’achuu danda’a
 
Eenyutu biyya lafaa mo’achuu danda’a?
Warra bishaan, dhiigaa fi hafuuraatti Amanan tu biyya lafaa mo’a.
 
1Yohannis 5:5-6 keessatti akkana jedha, “eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’a? Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo’uu danda’a; inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana.”
Yaa kiristaanotaa, Seexanaa fi biyya lafaa kan mo’atu Yesuus Kiristoosii dha. Warra dubbii bishaanii, dhiigaa fi hafuuraatti amanan biyya lafaa mo’achuu danda’u; Yesuus attamitti biyya lafaa mo’ate? Karaa fayyisuu bishaan, dhiiga fi hafuuraa ti.
Macaafa qulqulluu keessatti, ‘bishaanni’ ‘cuuphamuu Yesuusiin’ agarsiisa (1 Pheexiros 3:21). Yesuus gara biyya lafaa fooniin dhufe. Inni cubbamoota biyya lafaa fayyisuudhaaf dhufe; inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo gubbaatti hojii hojjetee araara buuseera.
Dhiigni fannoo irratti dhangala’e Yesuus fooniin dhufuu isaa mirkaneessa. Inni bifa nama cubbamaatiin mul’ate cubbamoota fayyisuudhaaf jedhee bishaaniin cuuphame. Kanaafuu, bishaanii fi dhiigaan gara keenya dhufe. Jecha biraatiin,inni cubbuu biyya lafaa karaa cuuphaa isaa fi du’a dhiiga isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhe jechuu dha.
Seexanni attamitti biyya lafaa seerrata? Seexanni akka namni sagalee Waaqayyoo akka shakku gochuudhaan ija abboomamuu diduu laphee namaa keessatti facaasa. Seexanni akka namni dubbii Waaqayyoo didee garboota isaa nama godhachuuf yaalii godha.
Haa ta’u iyyuu malee, Yesuus gara biyya lafaa dhufee karaa bishaan cuuphaa isaatii fi dhangala’uu dhiiga fannoo isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera: Inni Seexana mo’ee cubbuu biyya lafaa hunda kaaseera.
Kun sababii Yesuus fayyisaa cubbamootaa ta’eef ta’e. Inni sababii bishaani fi hafuuraan dhufeef fayyisaa keenya ta’ef.
 
 
Yesuus Cuuphaa Fayyinaa Isaatiin Cubbuu Biyya Lafaa Irraa Fuudhe
 
Yesuus biyya lafaa mo’uun maal jechuu dha?
Akkana jechuun cubbuu biyya lafaa irraa kaasuu isaa agarsiisa.
 
Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf cuuphamee, gatii isaa baasuu dhaaf immoo waan du’eef, cubbuu keenya hundumaatti nu fayyiseera. Laga Yordaanositti Yohannis cuuphaa, bakka bu’aa ilmaan namaa kan ta’een waan cuuphameef, cubbuun biyya lafaa hundinuu gara isaatti darbeera. Yesuus gatii cubbuutiif lubbuu isaa fannoo irratti dabarsee kenneera. Du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin aangoon Seexanaa mo’ameera. Yesuus du’a isaatiin, gatii cubbuu keenyaa kaffale.
 
 
Yesuus cuuphaa bishaanii fi du’a fannootiin gara cubbamootaa dhufe
 
Attamitti inni aangoo Seexanaa mo’e?
Karaa Cuuphamuu isa, dhiigichaa fi hafuurichaa
 
Ergamaan Yohannis fayyinni bishaanumaan ta’a hin jenne, inni bishaanii fi dhiigaan jedhe. Kanaafuu, akkuma Yesuus cubbuu hundumaa barabaraan kaase, cubbamoonni isatti amanan hundinuu fayyina isaaf amanamoo ni ta’u.
Yesuus yeroo gara biyya lafaa kana dhufe, inni cubbuu keenya qofa balleesse miti, inni fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuudhaan gatii isaas kaffaleera. Inni Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa balleesse, fannoo irratti du’uu dhaan immoo gatii cubbuu kaffaleera. Seerri Waaqayyoo inni qajeelaan, “Beenyaan nama cubbuu hojietuu dua” (Roomaa 6:23) jedhu kanaan raawwatame.
Yesuus biyya lafaa mo’e jechuun maal jechuu dha? Amantiin biyya lafaa nama moosisu amantii fayyina wangeelaa isa bishaanii fi dhiigaan kennamuu dha. Inni bifa foon namaa tiin mullate, cuuphamuu fi du’a fannoo isaa tiin fayyina dhugaa ba’e.
Yesuus biyya lafaa mo’e jechuun Seexana mo’e jechuu dha. Barattoonni waldaa jalqabaa wareegama soodaachuu dhiisanii karaa mootummaa Roomaa ari’atama isaan irra ga’e dura dhaabbataniiru.
Kun firii amantii isaanii isa gooftaan bishaaniin dhufe (cubbuu keenya nu irraa kaasuuf cuuphame), fi dhiiga fannoo isaa (gatii cubbuu kaffaluuf du’e) ti.
Yesuus hafuuraan dhufeera (foon namaa uffate), cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin cubbuu keenya nu irraa kaasee nu fayyisee akka nuyi biyya lafaa mo’annu godheera.
 
 
Amma kan Fakkeenya Fayyina Keenyaa agarsiisus jira, innis Cuuphaa, isa karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosi (1 Pheexiros 3:21)
 
Fakkeenyi Fayyinaa maalii?
Cuuphamuu Yesuus
 
1 Pheexiros 3:21 keessatti akkana jedha, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii dha;chuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaanee argachuu dhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti.” Ergamaan Pheexiros Yesuus Kiristoos fayyisaa akka ta’ee fi bishaanii fi dhiigaan akka dhufe dhugaa ba’eera.
Sababii kanaaf Yesuus isa bishaanii fi dhiigaan dhufetti amanuu qabna. Akkasumas cuuphamuun Yesuus fakkeenya fayyina keenyaa akka ta’e beekuu qabna. Ergamaan Pheexiros cuuphaan ‘bishaani,’ ‘dhiigni,’ fi ‘hafuurri’ fayyinaaf ‘qabxii olaanoo’ akka ta’an ibseera.
Barattoonni Yesuus karaa cuuphamuu Yesuus dhiiga fannootti amananiiru. Fannoo qofaatti amanuun amantii walakkaa dha. Amantiin guutuu hin taane immoo yerootti ni dadhaba. Haa ta’u iyyuu malee, amantiin warra wangeela bishaanii fi hafuuraan guyyaa guyyaatti jabaachaa bula.
Sagaleen warra dhiiga qofaatti amananii bara ammaa kana baballatee jira. Kun maaliif ta’a? Namoonni dubbii dhugaa fayyina wangeela bishaanii fi hafuuraa hin beekan waan ta’eef lammaffaa hin dhalatani.
Yeroo tokko keessa waldaan warra lixaa fakkiitti amanachuutti kufanii turani. Seexanni sooroma yeroodhaafii kana akka isaan ittiin fakkii addaaddaa hojjetaniif yaada isaanii qabe.
Fakkii amanachuu jechuun namni waraqata ykn muka irratti fakkii fannoo yoo kaase, amantii isaa/shee yoo dhugaa ba’e/te Seexanni ni baati jedhanii amanuu dha. Karaa Waaqeffannaa fakkii kanaa fi kan birootti dhimma ba’uudhaan Seexanni yaada namootaa fuudhee fannoo qofaa irra kaa’e. Seexanni, wanti cubbamoota fayyisu dhangala’uu dhiiga fannoo ti jedhee dhiiga qofa waan sodaatu itti fakkeessee
dhi’aateera
Haa ta’uu iyyuu malee, Pheexirosis ta’ee, bartoonni warri kaan dhugaa wangeela cuuphaa fi fannifamuu Yesuus barsiisaniiru. Garuu kiristaanonni bara kanaa kana dhugaa ni ba’uu? Lakki, isaan waa’ee fannoo qofa dhugaa ba’aa jiru.
Dubbii wangeela keessatti barreeffame fudhannee, fayyina hafuuraa, cuuphamuu fi fannoo Yesuus irraa amantii qabaachuu barbaachisa. Cuuphamuu Yesuusiin callisnee, fannoo qofaa irratti xiyyeeffannoo laanna yoo taane, fayyinni keenya guutuu hin ta’u.
 
 
‘Sagalee Dhuga Ba’umsa’ Fayyisuu Waaqayyo karaa bishaanii kennu
 
Akka Waaqayyo nu fayyisee ragaa maaliitu jira?
Bishaanicha, dhiigichaa fi hafuuricha
 
1Yohannis 5:8 keessatti, akkana jedhe, “Dhuga baatuu sadiitu jira.” Inni tokkoffaan Hafuuricha inni lammaffaan Bishaanicha, inni sadaffaan Dhiiga fannoo isaatii ti. Sadan isaanii kun tokko. Yesuus cubbuu keenya kana hundumaatti nu fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Karaa kana sadaniin isaanis, cuuphaa, dhiigaa fi hafuuraan fayyina nuuf raawwwate.
“Dhuga baatuu sadiitu jira.” Isaan sadan kun Waaqayyo akka nu fayyise mirkanessu. Mirkaneessituuwwan sadan kunis, Cuuphamuu Yesuus, Dhiiga isaa fi Hafuura. Wantoota kana sadan Yesuus lafa irratti nuuf raawwateera.
Sadan kana keessaa tokko hafeera utuu ta’ee, fayyinni hin mirkanaa’u ture. Dhuga baatuwwan sadan lafa kana irra jiran; Hafuuricha, Bishaanichaa, fi Dhiigicha.
Yesuus Kiristoos, inni fooniin gara biyya lafaa kana dhufe, Waaqayyoo dha, Hafuuraa fi Ilma jechuu dha. Inni hafuuraan foon uffatee gara keenyatti gad bu’ee, cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaaf bishaaniin cuuphame. Inni cubbuu hundumaa gara foon isaatiitti fudhate, dhangala’uu dhiiga fannoo isaatiin cubbuu keenyattii nu fayyiseera. Inni dhugumaan gatii cubbuu keenyaa baaseera. Kun egaa fayyina guutuu bishaanicha, dhiigichaa fi hafuurichaan kennamuu dha.
Kana sadan keessaa tokko fudhachuu diduun, isa diduu dha. Waaqayyo cubbuu keenya hundumaatti nu fayyisu fudhachuu diduu wajjin tokko. Bara ammaa kana keessa yoo wanta amantoonni garri caalaan jedhanitti ni gorra yoo ta’e, biyya lafaa kana irratti dhuga baatuu lama tu jira jennee fudhachuutti nu geessa: innis dhiigichaa fi hafuuricha.
Garuu ergamaan Yohannis dhuga baatuuwwan sadii akka turan caafeera: isaanis bishaaniin cuuphamuu Yesuus, dhangala’uu dhiiga fannoo isaa fi hafuuricha. Dhuga ba’umsi ergamaa Yohannis immoo baayyee ifaa dha.
Amantiin cubbamaa tokko fayyisuu danda’u amantii isa Hafuurichaa, Bishaanichaa fi Dhiigichaa irraa qabaatuu dha. Amantiin biyya lafaa mo’u amantii attamiitii? Amantii akkanaas eessaa arganna ree? Macaafa keessatti sirriitti jira. Yesuus isa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufetti amanuu dha. Egaa fayyina guutuu argachuudhaaf, isaan kanatti amanuu si barbaachisa.
 
Cuuphamuu Yesuusiin ala fayyisuun Waaqayyoo guutuu ni ta’aa?
Lakki
 
Bara dheeraa dura, utuun lammaffaa hin dhalatin, anis kiristaana dhiigaa fannoo fi hafuura qofaatti amanun ture. Ani akka inni hafuuraan gara biyya lafaa dhufee cubbuu koottii na fayyisuuf fannoo irratti du’e hubachaan ture. Kana lamaan qofa beekuun koo wangeela lallabuudhaaf hundee ga’aa dha jedheen yaada ture.
Ani ergamaa wangeelaa ta’e akkuma Yesuus biyya lafaa tiif du’e anis namoota hin fayyin jiraniif du’uudhaaf akeekkadheen ture. Wantoota bu’uura ta’an hundas sirreeffachuuf yaadeen ture.
Garuu sababan wantoota kana lamaan qofaatti amanee tureef, yeroo hundumaa laphee koo keessatti ambaan cubbuu jiraachaa ture. Sababii kanaaf, biyya lafaa hin mo’anne. Cubbuuttii bilisa hin baaneen ture. Yeroon dhiigaa fi hafuura qofaatti amanaa ture, laphee koo keessaa cubbuun ba’ee hin dhumne ture.
Amma yeroo sanaatti sababan laphee koo irraa cubbuu qabaachaa tureef, yoon Yesuus irraa amantii qabaadhe iyyuu, waa’ee bishaani, cuuphamuu Yesuusiin hin barren ture. Hanga ani cuuphaa bishaanii, dhiigaa fi hafuuratti hin amaninitti fayyinni koo guutuu hin taane ture.
Cubbuu foonii mo’achuu hin dandeenye sababiinsaa hiikkaa cuuphamuu Yesuusiin waan ani hin beekneef. Ammuma iyyuu namoonni baayyeen Yesuusitti ni amanu, garuu cubbuu foonii ni hojjetu. Laphee isaanii keessaa cubbuu waan qabaniif, jaalala isa Yesuus irraa jalqaba fudhatan milkoomina dhabsiisuuf yaalii godhu.
Dharraa jaalala isaanii isa jalqabaa sana haaressuu hin dandaa’ani sababiinsaa guutummaan guututti bishaaniin cubbuu isaaniitti waan hin qulqulloofneef. Isaan Yesuus cuuphamuu isaa tiin akka cubbuun isaanii hundi gara isaatti darbee hin hubatan waan ta’eef yoo kufan illee akkatti amantii isaanii haareffatan hin qabani.
Waa’ee kanaa hunda keessaniif hiruu nan jaalladha. Amantiidhaan Yesuusitti jiraannee, biyya lafaa mo’achuu ni dandeenya. Hir’uu ammamii yoo qabaannee, ammam cubbuu yoo qabaannes, Yesuus isa cubbuu keenya hundaattii nu fureetti amannee jirra taanaan, yeroo hundumaa mo’icha qabna.
Haa ta’u iyyuu malee, cuuphamuu Yesuusiin ala isatti amanna yoo taane, fayyinni keenya guutuu hin ta’u. Ergamaan Yohannis biyya lafaa mo’achuun Yesuus Kiristoos, isa bishaanii fi hafuuraa fi dhiigaan dhufetti amanuu qofaan akka danda’amu nutti dubbata.
Waaqayyo cuuphamuu fi dhiiga tokkicha ilma isaatiitti warra amanan fayyisuudhaaf ilma isaa erge. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hunda nu irraa kaase. Yesuus ilmi Waaqayyoo hafuuraan (foon namaa uffatee) gara keenya dhufe. Kanaaf gatii cubbuu keenyaa baasuuf jedhee dhiiga isaa fannoo irratti nuuf dhangalaase. Yesuus ilmaan namaa hunda ni fayyisa.
Amantiidhaan biyya lafaa akka moonuuf kan nu dandeesissu amantii dhugaa, bishaan, dhiigaa fi hafuuraa ti.
Utuu cuuphaan bishaanii fi dhiigni fannoo hin jiru ta’ee silaa fayyinni dhugaa hin jiraatu ture. Wantoota sadan kanaan ala, fayyina dhugaa qabaachuu hin dandeenyu. Fayyinni dhugaan bishaan, dhiigaa fi hafuuraan ala bira hin ga’amu. Kanaafuu, bishaanicha, diigichaa fi hafuurichatti amanuu qabna. Kanneen kanatti amani tii amantii dhugaa qabaadhu.
 
 
Fayyinni dhugaa dhuga ba’umsa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan ala akka bira hin ga’amne nan dubbadha
 
Wantoonni sadan fayyinaaf dhugaa ba’an maalfayii?
Bishaan, dhiigaa fi Hafuura
 
Waa’ee gaaffii armaan olii namoonni akka kanatti ni yaadu ta’a. “Yesuus fayyisaa koo ti. Ani dhiiga fannootti amaneera, kitima ta’een du’uu barbaada. Yoon laphee koo keessaa cubbuu qabaadhe iyyuu Yesuusitti amaneen jira. Dhimmee qalbii diddiirradheen waan gaarii kan akka dhabeessaaf kennuu nan hojjedha. Ani jireenya koo fi qabeenya koo hunda siif kenneera. Siif jedhee fuudha iyyuu dhiiseera. Attamitti Waaqayyo na wallaala? Yesuus fannoo irratti anaaf du’eera. Qulqulluun Waaqayyo keenyaa nuuf du’uudhaaf gad bu’e. Ani sitti amaneera, siifis qulqullaa’era, hojii koo amanamummaan siif hojjechaan jira. Yoon ga’aa ta’uu dadhabee cubbuu laphee koo irraa qabaadheyuuYesuus sii’olitti na ergaa? Lakki, inni kana hin godhu.”
Namoonni akkaataa kanatti yaadan hedduutu jiru. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa kaasuuf akka cuuphame hin beekani. Kiristaanonni maqaaf jiran, warri Yesuusitti ni amanna jedhani garuu hanga ammaatti cubbuu qaban, eessa dhaquuf jedhu? Isaan sii’oliin dhaqu. Isaan kun amantoota salphoo dha.
Warri, waan isaanitti tolu yaadanii Waaqayyos akkasumattiin yaada jedhan, sii’olitti gadi bu’u. Akkasumas, Yesuus yeroo fannoo irratti du’e cubbuu keenya hunda waan nu irraa fuudheef, cubbuun biyya lafaa irra hin jiru jedhan jiru. Kun egaa waa’ee dhiigaa fi hafuuraa qofa yaaduu dha. Kun amantii guutuu fayyinaan nama ga’u miti.
Yesuus cuuphamuu isaa tiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee, fannoo irratti akka cinqaarse, akka nuuf du’e, guyyaa sadaffaattis akka du’aa nuuf ka’e amanuu qabna.
Amantii akkanaan ala, fayyina guutuu argachuun hin dandaa’amu. Yesuus Kiristoos cuuphameera, fannoo irrattis nuuf du’e, guyyaa sadaffaattis du’aa nuuf ka’eera. Yesuus gara biyya lafaa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe. Inni cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudheera.
Fayyina lafa irraa tiif wantoota gurguddaa sadiitu jiru: Hafuura, Bishaanii fi Dhiiga.
Tokkoffaan, Hafuurri Qulqulluun Yesuus Waaqayyo akka ta’ee fi foon namaa uffatee akka inni gadi bu’e dhugaa ba’a.
Inni lammaffaan, dhuga ba’umsa bishaaniiti. Bishaanichi isa Yesuus cubbuu keenya gara ofiisaatitti dabarsuudhaaf laga Yordaanositti Yohannis cuuphaan cuuphamee dha. Yeroo inni cuuphame cubbuu keenya hunda gara ofii isaatiitti dabarseera (Maatewos 3:15).
Dhuga ba’umsi sadaffaan ‘dhiiga’ isa Yesuus cubbuu keenyaaf itti gaafatama fudhatee dha. Yesuus fannoo irratti nuuf du’uudhaan firdii abbaan sababii cubbuu keenyaaf itti kenne baateera.
Waaqayyo abbaan mallattoo fayyinaatiif laphee warra cuuphaa fi dhiiga tokkicha ilma isaatti amananiitti hafuura isaa erga.
Warri lammaffaa dhalatan dubbii ittiin biyya lafaa mo’atan qabu. Warri fayyan Seexana, raajii sobduu, gufannaa, dhiibbaa biyya lafaa gargar hin cinne hunda ni mo’atu. Sababii nuyi humna amma kana ga’u qabaannuuf immoo sababii dhuga baatota sadii laphee keenya keessaa qabaannuufi: isaanis CuuphamuuYesuus, Dhiiga isaa fi Hafuura isaa ti. Egaa fayyina argachuu dhaaf isaa kanatti amantti si barbaachisa.
 
Biyya lafaa fi Seexana attamitti mo’anna?
Dhuga baatoota sadanitti amanuu dhaan
 
Hafuura, Bishaani fi, Dhiiga isaatti waan amannuuf Seexanaa fi biyya lafaa mo’achuu dandeenya. Warri cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan gowwoomsaa raajota sobduu ni mo’atu. Humni amantiidhaan biyya lafaa mo’u, bishaan, dhiigaa fi hafuura irratti hundaa’a. Kanatti ni amantaa?
Amantiin fayyinaanis ta’e lammaffaa dhalachuu fi biyya lafaa mo’uun kan nama ga’u amantii cuuphaa, dhiiga Yesuus ilma Waaqayyoo, fayyisaa keenya irraa argama. Amantii akkanaa laphee kee keessaa qabdaa?
Amantii Hafuuraa fi bishaanii laphee kee keessaa qabdaa? Cubbuun kee gara Yesuusitti akka darbe ni amantaa? Dhiiga fannoo laphee kee keessaa qabdaa?
Yoo amantii bishaan fi dhiiga Yesuus laphee kee irraa qabaatte biyya lafaa ni mo’atta. Yesuus fannoo irratti akka du’ee fi siif jedhee fannoo akka baatee yoo amante mo’icha ni argatta.
ErgamaanYohannis biyya lafaa mo’eera sababiinsaa meeshaalee sadan ittiin mo’an laphee keessaa qaba waan ta’ef. Akkasumas obboloota kiristaanota warra gufannaa fi sodaachifamuu jala dhaabbataniif dubbii fayyinaa ittiin ga’era. Inni, “Kun akkaataa atis biyya lafaa ittiin mo’attuu dha. Yesuus hafuura, bishaanii fi dhiigaan dhufee. Akkuma biyya lafaa mo’ate, warri amanamoon biyya lafaa ni mo’atu. Kun akkaataa tokkicha amanamtoonni biyya lafaa ittiin mo’atanii dha” jedhee dhugaa ba’e jechuu dha.
1Yohannis 5:8 keessatti akkana jedha, “Biyya lafaa irra dhuga baatuu sadii tu jira: Hafuuricha, Bishaanicha, Dhiigicha; sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.” Hanga ammaatti iyyuu namoonni waa’ee cuuphamuu Yesuus callisanii, waa’ee dhiiga fannoo fi hafuuraa qofa dhugaa ni ba’u. Yoo waa’ee ‘bishaanii’ ni dhiisu ta’e, amma iyyuu Seexanaan gowwoomfamaa jiru jechuu dha. Of gowwoomsuu irra qalbii diddiirrachuu qabu; ‘bishaan’ cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan lammaffaa dhalachuu qabu.
Amantii bishaanii fi hafuuraan ala eenyu iyyu biyya lafaa mo’uu hin danda’u. Ammas nan jedha, eenyuu iyyuu hindanda’u! Akka meeshaa humna qabeessaatti bishaanii fi dhiiga qabannee loluu qabna. Sagaleen isaa, ibsaa sagalee hafuuraa ti.
Amma iyyuu warri cuuphamuu Yesuus, isa cubbuu keenya nu irraa miicceetti hin amanne baay’ee dha. Kanneen akkanaa waan lamaan kana qofaatti amanan jiru. Kanaafuu yeroo Yesuus, ‘ka’ii tii ibsi,’ nuun jedhu, isaan raawwatanii ibsuu hin danda’an. Laphee isaanii keessa cubbuutu jira. Yoo Yesuusitti amanneerra jedhani iyyuu, dhumni isaanis sii’oliin ta’a.
 
 
Akka namoonni dhaga’anii, itti amananii fayyuu danda’anitti, wangeelli Cuuphaa fi Dhiigni Yesuus sirriitti hiikamee dhugaa ba’amuu qaba
 
Cuuphaa isaatti amanuun gosa seera amantii tii?
Lakki, gosa seera amantii miti. Inni dhugaa dha.
 
Akkaataan wangeela itti dhugaa baanu, ifaa ta’uu qaba. Yesuus afuuraan akka dhufe, cuuphaa (isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaase), fi dhiiga isaa (baasii gatii cubbuu hunda keenyaa), sirriitti kaa’uu qabna. Kana sadan isaatti amanuu qabna.
Yoo akkas ta’uudhaa baanne, wangeela lallabaa jirra osoo hin taane amantii salphaatti jirra jechuu dha. Amantoonni bara kana amantii kiristaanaa akkuma amantii kan biraatti ni ilaalu, garuu amantiin kiristaanaa akka amantii biyya lafaa miti. Inni amantii fayyinaa dhugaa barabaraa irratti hundaa’ee amantii waaqayyoon arguu danda’uu dha. Kanaafuu, inni amantii biyya lafaa miti.
Amantiin biyya lafaa namaan uumama, garuu amantiin kiristaanaa fayyisuu Waaqayyoo kan argamsiisuu dha. Garaagarummaan isaa kana. Dhugaa kana yoo callifte, amantii kiristaanummaa akkuma amantii kan biraatti lakkoofte jechuu dha, lallabi kees naamusa jireenya namaa calaqqisiisa.
Yesuus Kiristoos biyya lafaa kana irratti amantii biyya lafaa dhaabuuf miti. Inni amantii kiristaanummaa kan jedhamu tokko dhaabuuf hin dhufne. Kun amantii dha jettee maaliif fudhate. Hundumtuu tokko yoo ta’e, maaliif amantii sirna budaa/Buddhism) warra jedhamanitti hin amannu ree? Kana jechuu kootti akka nama dogoggoreetti na lakkooftaa?
Tokko-tokko Yesuus akka karaa amantii lafa irraa tokkotti ni ilaalla waan ta’eef akkana ni jedhu, “Garaagarummaan isaa maali inni? Waaqaa, Nirvaanaa, Paraadaayisi…. Hundi isaanii tokko, maqaa addaaddaa qabu malee. Dhumni hunda keenyaa tokko ta’a.”
Kiristaanota obbolootaa, dhugaa irratti dhaabachuu qabna. ‘Kaanee ibsuu’ qabna. Shakkii tokko malee wangeela labsuun nu irraa eegama.
Yeroo namoonni tokko tokko, “Kun karaa waaqaa qofa ta’uu hin danda’u” jedhan, ati immoo, “Eeyyee! Inni karaa waaqaa qofa. Yeroo Yesuus, isa bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe, amantu qofa gara waaqaa dhaqxa” jedhiitii deebii kenni. Yoo wangeela fayyinaa namootaan geesse, ifa kee ni guddifta, warri isa dhaga’anis lammaffaa dhalatanii mootummaa Waaqayyootti ni galu.
 
 
Amantii sirrii ta’e Qabaad`hu: Warri akka yaada isaaniitti Gooftaa Jaallatan fay’yisuu cuuphaa fi dhiiga isaa Hin Barre ni badu
 
Utuu Yesuus irraa amantii Qabna jedhanii kan badu/ddu eenyuu?
Warra cuuphaa Yesuusitti hin amannee dha
 
Yesuusitti araarameera jechaa akka fedha ofiitti Gooftaa jaallachuun amantii kiristaanaa akkuma amantii biyya lafaa gochuu ta’a.
Markabi tokko galaana nagaa isa jedhamu keessa buunaan namoonni muraasni lubbuun hafanii turte. Markaba isa warra rakkina akkanaa mudate baasu itti erginaan tabbii fi irraangadeen galaanaa ittisnaan akka itti gargaaran dhabame. Ergasii immoo heliikoopteriin funyoo gaditti ergeef. Namoota sana keessaa tokko, funyoo ofitti hidhuu irra funyicha qabatee keessaa nan ba’a yoo jedhe kun akka nama fedha isaa irra bu’ee Yesuusiin jaallatuuti. Garuu, “Nan amana. Na, fayyisi. Amaneera, kanaafuu nan fayya” jedhee yoo yaade iyyuu jireenyi namoota akkanaa fittee irra.
Warri dhugaa cuuphamuu fi dhiiga Yesuus keessa jiru hin hubanne, akka nama galaanicha keessaa ba’uudhaaf funyicha qabatuu/ttuu ti.
Akkuma ol ba’uutti ka’een, harki isaa laafee qabannoo sana gadi dhiisa. Inni humna isaatiin qabatee jira. Hanga dhumaatti harkaan funyoo sana qabatee adeemuu hin danda’u. Yeroo humni isaa dadhabu, qabannicha gad dhiisee galaanicha keessatti lafa dha’a.
Jaalala mata ofiitiin Yesuusiin jaallachuun kana fakkaata. Namoonni baayyeen Yesuus akka Waaqayyo ta’e akka inni hafuuraan dhufettis ni amanu, inni kun immoo gartokkoo dhaqna isa guddaa ti. Isaan akkanaa wangeela guutuuttis hin amanne, guutummaa wangeelaattis hin jiraanne.
Itti amanuu fi amanuuf yaalii gochuun tokko miti. Isaan hanga dhumaatti Yesuusitti amannee amma dhumaattis duukaa bu’aa jirra ni jedhu, garuu sababa laphee isaanii keessa cubbuun jiruuf guyyaa booddee ni gatamu. IsaanYesuus cuuphaa, dhiigaa fi hafuuraan akka dhufe utuu hin beekin amanan waan ta’eef. Akkuma inni du’e qofa amanan taanaan gara sii’oliin dhaqu.
Lubbuu kee funyoo wangeelaa dhugaa, wangeela bishaan ii fi hafuuraatiin hidhadhu. Yesuus yeroonni funyoo fayyinaa darbatu, warri wangeela bishaanii fi hafuuraatti of hidhan ni fayyu.
Eliikoopterii kana irraan oolchuudhaaf guddisaa sagaleetiin baayyee itti hiyyame, “Eeggannoon na dhaggeeffadhu. Yeroon funyoo kana gadi buusu, qoma kee jala, hirree keetti hidhadhu. Ergasii akkasumattiin turi. Funyochatti harka keetiin hin rarra’in. Mudhii keetti hidhadhuutii bashannanii taa’i. yeroo sana in ooltaa.”
Namichi inni jalqabaa akka qajeelfama sanatti funyichatti waan of hidheef lubbuu isaa ni oolfate. Garuu namichi inni lammaffaan akkana jedhe, “Hin rakkadhu. Ani nama cimaa dha. Ani kilabii fayyaa keessatti hojjechaan jira. Ilaa! Hirreen koo ammanni ga’u. Yeroo maayilii dheeraaf qabaachuu nan danda’a.” Achumaan funyicha qabatee itti ol ba’e.
Jalqabatti jarri lamaan qabachaa adeemani. Garuu garaagarummaan isaa qajeelfamicha dhageeffatee mudhii isaa funyoo sanatti hidhate hamma dhumaatti qabatee hafe. Walakaa ga’ee yoo of wallaale iyyuu qabate hafeera.
Inni jabina isaatiin of jajuu barbaade immoo qabannoo isaa gad dhiise sababiinsaa humni isaa ni dhume waan ta’eef. Inni qajeelfama sana waan hin dhaggeeffanneef ni du’e.
Fayyina guutuu argachuu dhaaf, fayyina cuuphaa bishaan isaa, isa nama amanu hunduma cubbuuttii fayyisutti, amanuun barbaachisaa dha. Nama garaa guutuudhaan dubbii Yesuus isa: “Yohannis cuuphaan cuuphamuu kootii fi dhiiga fannoo kootiin si fayyiseera” jedhutti amanuuf fayyinni qophaa’aa dha.
Warri dhiiga isaa qofaatti amanan akkana jedhu, “Hin yaadda’u, ani amaneera. Sababii dhiiga Yesuusiif jireenya koo isa dhumaatiif baayyee nan galateeffadha. Amma dhumaatti Yesuusiin duukaan bu’a, amantii ani dhiiga isaa irraa qabu cubbuu koottii furamee biyya lafaa mo’uufis na dandeessiseera.”
Haa ta’u iyyuu malee kun qofaan ga’aa miti. Warri Waaqayyo akka saba isaatiitti simatu warra dhuga baatuu sadanitti amananii dha; Innis Yesuus akka hafuuraan dhufe, cuuphamee cubbuu keenya nu irraa akka fuudhee fi dhangala’uu dhiiga fannoo isaatiin gatii cubbuu baasuuf akka du’ee fi guyyaa sadaffaatti warra du’an keessaa akka ka’e amanuu dha.
Warra dhuga baatota kana sadanitti amaniif hafuurri ni dhufaaf. “Eeyyee, ani fayyisaa keeti. Ani bishaanii fi dhiigaan si fayyiseera. Ani Waaqayyo keeti.”
Warra dhuga baatota kana sadanitti hin amanneef, Waaqayyo fayyina hin kennuufi. Kana keessaa tokko illee yoo hafe, Waaqayyo akkana jedha, “Lakkii, ati hin fayyine.” Bartoonni Yesuus kana sadanitti amananiiru. Yesuus cuuphamuun isaa fakkeenya fayyinaa akka ta’e, dhiigni isaas firdii akka agarsiisuu dubbateera.
 
 
Ergamaan Phaawuloosii fi Pheexiros waa’ee cuuphaa fi Dhiiga Yesuus dhugaa ba’aniiru
 
Barattoonni Yesuus maal dhugaa ba’ani?
Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus
 
Ergamaan Phawuloos waa’ee cuuphamuu Yesuusiin dubbateera? Kottaa mee waa’ee cuuphamuu Yesuusiin si’a meeqa akka dubbate ni ilaalla. Roomaa 6:3 keessatti akkana jedhe, “Yookiis nuyi warri Kiristoos Yesuusittis dabalamuudhaaf cuuphamne, du’a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?” Ammas, “Akkuma du’a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne, akkasumas du’aa ka’uu isaattis isaa wajjin walitti in dabalamna.”
Akkasumas Galaatiyaa 3:27 keessattiis akkana jedheera, “Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu.” Ergamoonni Yesuus hundi isaanii ‘bishaaniin’ cuuphamuu Yesuusiin dhugaa ba’aniiru. “kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti” (1Pheexiros 3:21).
 
 
Fayyinni oolfamuu karaa Bishaani fi Dhiiga Yesuusiin Dhufe
 
Waaqayyo eenyuun qajeelota jedha?
Warra laphee isaanii keessaa cubbuu hin qabne
 
Fayyinni achii gadi tola kenname bishaaniin cuuphamuu Yesuus Kiristoosii fi dhiiga fannoo isaatiiti. Fayyina maalitiin kaanee ibsina? Attamitti? Dhugaa baatuwwan sadaniin.
“Ifni kee dhufeera; ulfinni Waaqayyoo siif ba’eera! Kanaafis ka’ii ibsi” (Isaayaas 60:1). Waaqayyo nuuf ibseera, kanaaf akka nuyi warra kaaniif ibsinuuf nutti dubba, Egaa ergama kana yeroo hundumaa hojii irra oolchuu qabna.
Wangeela humna keenya guutuudhaan lallabaa jirra. Haa ta’u iyyuu malee, hanga ammaatti namoonni baayyeen dhaga’aa hin jiran. Yesuusitti amani fayyina ni argatta. Qajeelaas ni taata. Cubbuun laphee kee keessatti hafee jira yoo ta’e, qajeela ta’uu hin dandeessu. Cubbuu biyya lafaas mo’achuu hin dandeessu.
Bishaan Yesuus /Chuuphamuu Yesuus tti amanuu baannaan cubbuu laphee kee keessaa ballessuu hin dandeessu. Dhiiga Yesuusitti amanuu baannaanis firdii irraa bilisa ta’u un hindandaa’amu. Yesuus akkanni hafuuraan dhufes amanuu baannaanis fayyuu hin dandeessu. Dhugaa baatota kana sadanitti amanuu baannaan fay’yina guutuu argachuu hin dandeessu.
Qajeelummaan hirruu hin qabu. Sababiinsaa hojii Gooftaa keessa hirruun waan hin jirreef. Namni eenyuu iyyuu cubbuun laphee koo irra jira jechaa, kara biraa immoo akka nama qajeelaatti yoo of lakkaa’e namni sun Yesuus keessa hin jiru/tu. Namoonni tokkotokko maqaa ‘qajeeluumma isa jedhamu’ sanatti rarra’anii fayyuudhaaf yaalii godhu. Kun keeyyata sagalee hin qabne barreessuu dha.
Nama cubbuu laphee keessaa qabu tokkoon Waaqayyo cubbuu hin qabu ittiin ni jedhaa? Inni kana hin godhu. Inni waanuma argu dubbata? Inni hundumaa danda’a garuu hin sobu. Namoonni qajeelummaan maal akka ta’e hin hubatin jiru. Al tokko tokko ‘qulqulluu’ jenna, yeroo inni qulqulluu ta’u. Iddoo ‘cubbuun’ jirutti immoo qulqulluu dha jechuu hin dandeenyu.
Utuu cubbuu laphee keessaa qabduu ani Yesuusiin qajeelaa dha ofiin jetta yoo ta’e kunis sirri imiti.
Yesuus yeroo inni qajeelaa dha nuun jedhu yeroo nuyi akka inni hafuuraan dhufe, bishaan (cuuphaa isaatiin akka inni cubbuu nu irraa fuudhe), fi dhiiga (akka inni fooniin dhufee nuuf du’e) amannuu dha.
Kiristaanota, obbolootaa, ‘Inni namootni qajeelummaa jedhan’ sun wangeela bishaanii fi dhiigaa wajjin waliitti hin dhufu. Qajeelummaa amala amantii namootni kaa’atan irratti hundaa’u sirna amantii namni uumee dha. Utuu cubbuun laphee kee keessa jiruu Waaqayyo qajeelaa dha siin jedhaa? Utuu cubbuun laphee isaa/shee keessa jiruu amantii attamii yoo qabaatte iyyuu Waaqayyo qajeelaa dha ittiin hin jedhu. Yesuus sobuu hin danda’u.
Hanga ammaatti namni tokko laphee isaa/shee keessa utuu cubbuun jiruu Waaqayyo qajeelaa dha ittiin ni jedha jettee yaaddee beektaa? Kun wanta Waaqayyo jedhu miti. Waaqayyo soba hin jaallatu. Utuu ati ‘hafuuraa’ fi ‘dhiiga’ qofaatti amantee jirtuu Waaqayyo qajeelaa dha ni jedha jettee ni yaaddaa? Raawwatee.
Waaqayyo akaakuu nama tokkoo qofaan qajeelaa dha jedha. Innis warra laphee isaanii keessaa cubbuu hin qabne dha. Inni warra dhuga baatuuwwan sadanitti amanan qofa simata: isaanis, Yesuus Waaqayyo, foon uffatee gara biyya lafaa akka dhufe, laga Yordaanositti akka cuuphame, cubbuu keenya haxaa’uuf fannoo irratti akka dhiiga isaa dhangalaase warra amananii dha.
Waaqayyo warra sagalee misiraachoo fayyinaa dhagaa’an qofaan qajeelaa dha jedha. Warri kun warra amantii sirrii ta’e qabaatanii dha. Isaan wanta gooftaan nuuf godhe hundumaatti warra amananii dha. Isaan Yesuus gara biyya lafaa dhufee cubbuu keenya nu irraa fuuchuuf akka cuuphame, iddoo keenya firdii fudhatee gara fannoo akka dhaqe, warra du’an keessaa akka ka’es ni amanu.
Wantoonni kun hundinuu jaalala Waaqayyoon hojjetaman. Yesuus waaqa irra gadi bu’ee akkana jedhe,
“Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti hundinuu gara koo kottaa, ani boqonnaan isiniif kennaa” (Maatewos 11:28). Inni cubbuu keenya waan nu irraa fuudheef akkana nuun jedha.
Yesuus warra dhiiga isaa qofaatti amanan hin simatu. Warri dhiiga isaa qofaatti amanan laphee isaanii keessatti cubbuun hafee jira. Warri gooftaan fayyaniiru jedhee mirkaneessu warra attamiiti?
Cuuphamuu Yesuus, dhiiga isaa fi Waaqayyo ta’uu isaa amanuun, fayyinaan nama ga’a. “Gara biyya lafaa dhufuun koo cubbuu kee si irraa fuuchuudhaaf Yohannis cuuphaan cuuphameera. Cubbuun biyya lafaa gara kootti akka darbee ani dhugaa ba’eera. Fannoo irratti gatii cubbuu keetii sii kaffaleera. Kanaafuu ani si fayyiseera.”
Warra dhugaa baatuuwwan sadanitti amananiin, Yesuus akkana jedha, “Eeyyee, isin fayyiteaniittu, isin. Ati qajeelaa fi ijoollee Waaqayyoo ti.” Atis, cuuphaa Yesuus, dhiiga isaa, fi hafuurichatti amantee jirta yoo ta’e ni fayyita. Warri dhiiga isaa fi hafuuricha qofaatti amanan laphee isaanii keessatti cubbuun ni hafa.
Mootummaa Waaqayyoo keesssa dhugaa tokko qofaatu jira. Isaan haqa, amanamummaa, jaalala, fi garraamummaa dha. Qaanqeen sobaa tokko keessa hin jiru. Sobni fi gowwoomsaan waaqa irra hin jiru.
 
‘Namni seera malee hojjetu eenyuu dhaa?’
Nama cuuphamuu Yesuusitti hin amannee dha
 
“Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayyeen, ‘Yaa Gooftaa yaa Gooftaa nuyi maqaa keetiin raajjii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjenneerra mitii?” (Maatewoos 7:22).
Jireenyi namoota akkanaa mootummaa Waaqayyoo keessatti hin fudhatamu. “Ani immoo yeroo sanatti, ‘matumaa ani isin hin beeku isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mul’inatti isanitti hima jedhe” (Maatewoos 7:23).
Namichi immoo, “Ani manneetii lama siif kenneera. Ani jireenya koo iyyuu siif kenneera. Ati na hin ilaallee? Anis amma lubbuun koo ana keessaa baatetti sin hin ganne. Ati na hin ilaallee immoo?”
Gooftaan immoo, “Kanaafuu, laphee kee keessa cubbuun jiraa?” jedhee gaafata.
Namichi immoo, “Eeyyee, Gooftaa. Xinnoo hojjedheera.” Gooftaan immoo, “Egaa, na irraa fagaadhu! Cubbamoonni as seenuu hin dandaa’ani” ittii jedha. Namichi akkasumaan, “Ani amantii kootiif du’eera!” ofiin jedha.
“Duutii namichaa maaliif ture?” Namichi onnee amantii isaatiif du’a malee isa Gooftaan isaaf hojjete amanee hin galateeffanne. Gooftaan, Cuuphamuu koo fi dhiiga koo barteettaa? Laphee kee keessatti akka ati mucaa koo taate dhugaa siif ba’eera? Ati cuuphamuu kootti hin amanne waan taateef ani mucaa kooti jedhe e laphee keessatti dhugaa siif hin baane ati amantii ofii keetiiti jabaattee dhuma duute. Ani yooman dhugaa siif ba’e? Isa kana ofuma keettiin ofiikeetti fidde. Fayyuuf illee yaalii baayyee gooteetta. Kana hubatteettaa? Amma egaa, cimsi of eeggadhu.
Yesuus akka nuyi kaanee ibsinu nutti dubbata. Namoonni maqaaf kiristaana ofiin jedhan, raajonni sobduun, warri fayyan akka isaan ka’aanii hin ibsineef danqaa jala ni kaa’u. Garuu anxaxii xiqqoon ibidda guddaa uumuu dandeessi. Namni tokko yoo dhugaa jabaatee dubbate biyyi lafaa ifuu ni danda’a.
Isaayyaas 60:1-2 akkana ni jedha, “Ifni kee dhufeera; ulfinni Waaqayyoo siif ba’eera! Kanaafis ka’ii ibsi Kunoo dukkanni lafatti iin uttis a, dukkanni limixiinis saba lafa irraa ni dhoksa siif garuu ifni Waaqayyoo in ba’a. Ulfinni isaas si irratti in argama.”
Waaqayyo akka nuyi kaanee ibsinuuf nutti dubbata, sababiinsaa dukkannii, jal’inni, wangeelli fakkeessaa biyya lafaa aguugee jira waan ta’eef. Warra Yesuusitti amanan qofaatu Isa jaallata. Warri hin fayyine Yesuusiin jaallachuu hin danda’ani. Attamitti jaallatu ree? Waa’ee jaalalaa dubbachuu danda’u garuu sababii dhugaa hunda hin fudhanneef isa jaallachuu hin dandaa’ani.
 
 
Waa’ee fayyina Cubbuuf  dhugabaatuuwwan sadiitu jiru
 
Garee keenya keessa dhuga ba’umsa fayyinaa maalitu jiraa?
Cuuphamuu Yesuus
 
“Lafa kana irra dhugaa baatuuwwan sadiitu jiru: Hafuuricha, bishaanica, dhiigicha; sadanus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.” Yesuus gara biyya gara lafaa dhufee bishaanii fi dhiigaan tajaajila kenne. Inni kana hojjetee nu fayyise.
“Isa namoonni dhugaa ba’an kan fudhannu erga taaanee, inni Waaqayyo dhugaa ba’u immoo in caala Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba’ee dha. Namni ilma Waaqayyootti amanu dhugaa kana of keessaa qaba; Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba’e waan amanuu dhiiseef Waaqayyoon sobduu gochuu isaati. Waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne, egaa dhugaan isaa isa kana; Jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama; Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, jireenyicha qaba, namni ilma Waaqayyoon hin qabaannee, jireenyicha hin qabu” (1 Yohannis 5:9-12).
Warri Lammaffaa dhalatan dhugaa ba’umsa dhugaa ni fudhatu. Akka nama qajeelaatti ni fudhatamna. Warri lammaffaa dhalatan, warri fayyan, waa’ee dhugaa fayyinaa yommuu dubbatan, namoonni falmuu hin danda’ani. Isaan ni fudhatu. Nuyi sirriitti ni amanna amantiin isaanis sirrii dha nun jedhu. Attamitti akka lammaffaa dhalanne yommuu itti dubbannu, wangeela dhugaa isa nuyi dhugaa baanu jala namni dhaabbachuu danda’u hin jiru. Isaan jarri kun dhugaa dha nuun jedhu. Dhuga ba’umsa akkanaa ni fudhanna.
Akkasumas ergaan kun akkana jedha, “Inni Waaqayyo dhugaa ba’uu immoo incaala.” Akkana jechaanis isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba’uu dha. Sirrii dhaa? Dhuga ba’umsi ilma isaatii maali? Dhuga ba’umsi fayyisuu Waaqayyoo, Yesuus hafuura, fayyina bishaanii fi dhiiga fannoo ti. Waaqayyo akkaataa kanatti akka fayyine dhugaa nuuf ba’e, warri akkaataa kanatti amananis fayyanii saba Waaqayyoo akka ta’an nutti dubbata.
“Namni ilma Waaqayyootti amanu dhugaa kana of keessaa qaba; Namni Waaqayyoon hin amanne garuu isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba’ee waan amanuu dhiiseef Waaqayyoon sobduu gochuu isaati.”
Ergaan kun gabaabaatti eenyu akka fayyu nutti dubbata. Namni ilma Waaqayyootti amanu dhuga ba’uumsa kana akka of keessaa qabu dubbata. Laphee kee keessaa dhuga ba’umsa qabdaa? Inni si keessas ana keessas jira. Yesuus nuuf jedhee gara biyya lafaa dhufe. (Maariyam durba irraa foon uffatee Hafuura Qulqulluu dhaan gara biyya lafaa dhufe.) Waggaa 30 ffaa isaatti, cubbuu keenya gara ofii isaatti dabarsuudhaaf jedhee cuuphame. Cubbuu keenya hundumaatiif fannoo irratti firdii fudhate. Guyya sadaffaatti du’aa ka’ee jireenya nuuf kenne. Yesuus akkaataa kanaan nu fayyiseera.
Utuu du’aa hin kaane ta’ee, maaltu ta’a ture? Utuu du’aa hin kaane ta’ee, attamitti awwaala keessa taa’ee dhugaa nuuf ba’a. Kanaaf inni fayyisaa dha. Kun amantii keenya.
Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin akka nu fayyise nutti ni dubbate. Anii fi ati immoo sababa itti amanneef fayyineera. Dhuga ba’umsi kun laphee kee fi koo keessa jira. Warri fayyan cuuphamuu Yesuusiin salphaatti hin ilaalan. Wanta inni ittiin nu fayyisu callisuun nuuf hin ta’u.
“Wanta qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf” (Maatewos 3:15). Yesuus cubbuu keenya gara ofii isaatiitti dabarsuudhaaf Yohannisiin laga Yordaanositti akka cuuphame ganuu hin dandeenyu. Warri fayyan ‘bishaan’ cuuphamuu Yesuusiin ganuu hin danda’an.
 
 
Utuu amanaa jiranii warri hin fayyine, warra hanga dhumaatti cuuphamuu Yesuusiin mormanii dha

Eenyutu Waaqayyoon sobduu godha?
Nama cuuphamuu Yesuusitti hin amannee dha
 
Namni Waaqayyoon hin amanne isa sobduu gochuu isaati.” Utuu ergamaan Yohannis amma jira ta’ee, nuun kiristaanota bara ammaa kanatti maal dubbata laata? Inni, “Yesuus yeroo cuuphame cubbuu keenya nu irraa fuudheera?” jedhe. Gabaabaa fi ifatti ergamaan Yohaannis akkana jedhe nu gaafata, Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya akka nu irraa fuudhe Yohannis cuuphaan dhugaa hin baanee? “Yeroo Yesuus naan cuuphame cubbuun kee gara mataa Yesuusitti hin darbine turee?” Inni egaa, Yesuus cubbuu hunda keenyaattii nu fayyisuuf jedhee akka cuuphame mulinatti dhugaa ba’eera (Yohannis 1:29, 1 Yohannis 5:4-8).
Warri Waaqayyotti hin amanne, jecha biraatiin, wanta kamittuu kan hin amanne, isa inni nu fayyisuudhaaf godhe sana, sobduu godhe jechaa dha. Yesuus yeroo cuuphame cubbuu keenya hundaa nu irraa fuudheera yeroo jennu, isaan akkana jedhu, “Ohoo, na ilaali! Cubbuu keenya nu irraa hin fuune ta’e! Cubbuu dhaalaa qofa nu irraa kaase, kanaafuu cubbuun hojii keenyaa har’aa boree hafee jira.”
Kanaafuu, cubbuu isaanii har’aa boree irraa fayyuudhaaf kadhannaa qalbii diddiirrannaa guyyaa hundumaa ni godhatu. Kun wanta nuyi amanuu qabnu dha. Atis akkuma kanatti amantee jirtaa? Warri Yesuus cuuphamuu isaatiin akkanni cubbuu keenya nu irraa kaase hin amanne Waaqayyoon sobduu gochuu isaanii ti.
 
 
Yesuus Cuuphamee dhiiga fannoo irratti dhiigeen altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu keenya nu irraa kaaseera
 
Eenyutu Sobaa?
Nama cuuphamuu Yesuusitti hin amanne
 
Yesuus Cuuphaa isaatiin altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu keenya nu irraa kaaseera. Waaqayyo warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan fayyisa, warra hin amanne garuu bakkeetti ni dhiisa. Isaan sii’oliin dhaqu. Kanaafuu, akka fayyinuu fi isa irrattis akka hundoofne beekuu qabna. Inni cubbuu biyya lafaa hundumaatti nu fayyiseera. Inni warra amanan ni fayyisa warra hin amanne immoo itti farada.
Namoonni sababii dadhabbii isaaniitiif sii’oliin hin dhaqani, sababa hin amanneef malee. “Namni Waaqayyoon hin amanne isa sobduu gochuu isaati” (1 Yohannis 5:10). Warri cubbuun isaanii gara Yesuusitti akka darbe hin amanne, amma iyyuu cubbuun laphee isaanii irra jira. Isaan cubbuu hin qabnu jechuu hin dandaa’an.
Gaaf tokko, Daaqunii tokko argeen akkana ittiin jedhe, “Daaqunii, yeroo Yesuusitti amante cubbuun kee gara Yesuusitti darbeeraa?”
“Eeyyee, maarree.”
“Egaa, erga Yesuus dhufee cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, ‘Fiixaan ba’eera’ jedhe fudhattee fayyiteetta. Kun sirrii mitii?
“Eeyyee, ani fayyeera.”
“Egaa ati cubbuu irraa bilisa ta’uu qabda.”
“Eeyyee, anis akkasuma.”
“Yoo deebitee cubbuu hojjetee maaltu ta’a?”
“Nuyi nama fooniiti. Attamitti deebinee cubbuu gochuu dhiifna? Kanaafuu, guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrannee kadhachuu qabna malee” Jedhe.
Daaqunichi hanga ammaatti iyyuu cubbuu of keessaa qaba jechaa dha sababiinisaa guutummaa dhugaa fayyinaa bira waan hin geenyeef.
Namoonni akkanaa warra Waaqayyotti qoosanii isa sobduu godhanii dha. Yesuus, Waaqayyo, cubbuu biyya lafaa haquu hin danda’uu? Kun baayyee nama gaddisiisa. Yesuus cubbuu biyya lafaa hin haqu yoo ta’e, inni Waaqa fayyisu ta’uu ni danda’aa? Attamitti akka nuyi isatti amannuuf nutti dubbatta? Isa sobduu gochuu barbaaddaa? Kana akka ati hin goone cimseen si gorsa.
Macaafni Qulqulluun akka nuyi isatti hin qoosne nutti dubbata. Akkana jechaan akka isa sobduu hin goonee fi isa gowwoomsuuf akka yaalii hin goone jechaa dha. Inni akka keenya miti.
Ergamaan Yohannis waa’ee wangeela fayyinaa sirriitti nu barsiiseera. Namoonni baayyeen waan Waaqayyo ittiin nu fayyisu, Yesuus bishaaniin dhufuu isaa, dhiigaa fi hafuuratti, amanuu hin barbaadan.
Kiristaanota garee lamatu jiru: Warra akka Macaafa Qulqulluutti hin amanne, “Ani cubbamaa dha,” jedhanii dhugaa ba’anii fi Warra wantoota Waaqayyo isaaniif godhe hunda amananii, “Ani qajeelaa dha ofiin jedhan.” Garee warra kamtu sirrii dha jettee yaadda?
Warri wantoota Waaqayyo isaaniif godhe hundatti hin amananne, jecha biraatiin, warra dhuga ba’umsa, bishaan, dhiigichaa fi hafuurichatti hin amanne, sobaa jiru jechaa dha. Isaan amantii sobaa qabu. Warri hin amanne Waaqayyoon sobduu gochuu isaaniiti.
Isa sobduu gochuuf yaalii hin godhin. Yesuus laga Yordaanos dhufee (cuuphamuu isaatiin) qajeelummaa hundumaa ni raawwate (cubbuu biyya lafaa hundumaa irraa fuudheera).
 
 
Warri hin amanne Cuuphamuu fi Qulqullina Yesuusiin ni ganu
 
Seexannii fi Daabiloos maal ganu?
Cuuphamuu Yesuus
 
Namni ilma isaatti amanu dhuga ba’umsa of keessaa qaba. Warri lammaffaa dhalatan yeroo Yesuus cuuphame cubbuun isaa/shee gara Yesuusitti akka darbee fi bishaanichaa fi dhiigichaan akka fayyan ni amana/ti. Kirisaanonni lammaffaa dhalatan Yesuus Kiristoos Maariyaam durba irraa dhalachuudhaan gara biyya lafaa akka dhufe, laga Yordaanositti akka cuuphame, fannoo irratti akka du’ee, fi akka du’aa ka’e ni amanu.
Qajeelonni laphee isaanii keessaa dhuga ba’umsa qabu. Mirkanaa’insi fayyina keenyaa amantii nuyi Yesuus, isa bishaanii fi dhiigaan dhufe irraa qabnuu dha. Dhuga ba’umsi kun si keessa jira. Dhuga ba’umsa kana akka of keessaa qabaattuuf sin gorsa. Ani siin nan jedha. Mirkanaa’insi dhuga ba’umsa fayyinaa laphee keessa hin jiru yoo ta’e, fayyina keessa akka hin jirre beekuu qabda.
Ergamaan Yohannis akkana jedha, “Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, dhuga ba’umsa qaba” (1 Yohannis 5:10). Dhugaa ba’uu jechaan dhiigicha qofaatti amanuu dhaa? Ykn, bishaanichatti amananii, dhiigicha immoo dhiisuu dha? Waaqayyo duratti fudhatama argachuudhaaf sadanuu isaatti amanuu dha.
Kana booda ‘Yesuus ati fayyiteetta’ jedhee dhugaa siif ba’a. Yoo sadan keessaa lamaan isaatti amantee jirta ta’e dhuga ba’umsa laphee koo keessaa qaba jettee ni amantaa? Kun akka yaada keetiitti Yesuusitti amanuu dha. Inni kun dhuga ba’umsa ofii keetii ta’a.
Namoonni akkanaa baayyeetu jiru. Biyya lafaa keessaa namoonni sadan keessaa lamatti amanan hedduu dha. Isaan fayyineerra jedhanii kitaaba iyyuu irratti ni barreessu. Attam akkas bareechanii haasa’u! Baayyee gaariitti ni dhiheessu. Isaan ‘Warra Wangeelaa’ ofiin jedhu. Garuu akka ‘Warra Wangeelaa’ hin taane qofa osoo hin taane amantii ofii isaanii akka ta’es isaanitti ni dhagaa’ama. Isaan ‘bishaan’ itti hin amanan, garuu fayyina isaaniitiin of ni jaju! Dubbii tooraan kaa’uu ni danda’u ta’a, garuu dhuga ba’umsa Waaqayyoo sammuu isaanii keessaa hin qaban. Dubbiin isaanii yaada ofummaan toora galee dhihaatuu dha.
Warra fayyan attamitti hubatta? Warra dhuga ba’umsa dhufaatii Yesuus hafuuraan, bishaanii fi dhiigaan akka ta’e laphee isaanii keessaa qaban.
Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “Wangeelli nuyi isiniif lallabne humna hufuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan malee sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne” (1 Taselooniiqee 1:5). Yeroo namoonni dhiiga Yesuus qofaatti amanan Seexanni ni gammada. “Ohoo warra gowwaa, isin anaan gowwoomfamtaniittu, ha-haa!” Namoonni baayyeen yeroo dhiiga Yesuusiin galateeffatan Seexanii ni sokka jedhu. Seexanni fannoo ni sodaata jedhaniis ni yaadu. Garuu Seexanni of agarsiisaa qofa akka ta’e akka hubattu nan barbaada. Kanaan gowwoomfamuu hin qabnu.
Yeroo Seexanni nama tokkotti galu, namichi maraatee afaaniin oomachaa’uu danda’a. Seexanaaf hojjechuun nama hin rakkisu sababiinsaa humni nama akka hin hojjenne gochuu waan ta’ef. Seexannis sammuu nama sanaa xinnoo qabachuutu irra jira. Seexannii nama Waaqayyotti hin amanne gogongorsuuf carraa hedduu qaba. Seexanni nama tokko akka baala mukaatti raasuudhaan, waccisiisee afaaniin oomacheessuu ni danda’a.
Yeroo kun ta’u, amantoonni sagalee guddaadhaan “Maqaa Yesuusiin ba’i! ba’i!” jedhu. Namichi yeroo sammuu nagaatti deebi’uu dhiigni Yesuus Kiristoos isa fayyisu qaba jedhu. Egaa akkasumaan dhiiga isaatti amanuu osoo hin taane akka gatiin cubbuu isaati fannoo irratti kaffalame hubatee itti amanuu baannaan, do’ii Seexanaa ta’uu dandaa’a.
Seexanni warra Yesuus, isa cubbuu keenya cuuphaa isaatiin nu irraa miiccee, iddoo keenya fannoo irratti firdii baate, guyyaa sadaffaatti du’aa kan ka’etti amanan fagootti ni sodaata. Seexanni bakka dhuga ba’umsi cuuphamuu Yesuusii fi fayyinni jiru taa’uu hin danda’u.
Luboonni Kaatoliikii tajaajila seexana baasuu ni hojjetu. Kana fiilmii irratti argineerra. Filmii kana keessatti, ‘Mallattoo,’ lubichi fannoo mukaa qabee ni raasaa, garuu lubichi gaaf tokko ni du’a. Egaa, namni lammaffaa dhalatee akka kanatti hin mo’amu.
Warri lammaffaa dhalatan ija jabummaadhaan waa’ee dhiiga isaa fi cuuphamuu Yesuusiin ni dubbatu. Yeroo Seexanni isa/shee rakkisu akkana jedhee/tte gaafata/tti, “Akka Yesuus cubbuu hunda ana irraa kaase beektaa?” Seexannichi yeroo dhuma sana baqatee ni sokka. Seexanni naannoo ‘Warra lammaffaa dhalatanii’ dhaabbachuu hin jaallatu. ‘Warri lammaffaa dhalatan’ achi yoo taa’an, seexanni ba’ee ni fiiga. Warri Waaqayyotti hin amanne Waaqayyoon sobduu godhaniiru jedhameera. Isaan dhuga ba’umsa ilma Waaqayyoo, bishaanii fi dhiigatti hin amanan.
 
Dhuga ba’umsi ilmi Waaqayyoo maali dha?
Chuuphamuu isaa, Dhiiga isaa fi Hafuura
 
Dhuga ba’umsi ilmi Waaqayyoo maali dha? Isa inni Cuuphaa Dhiigaa fi Hafuuraan dhufee cubbuu keenya nu irraa kaasee dha. Inni cubbuu biyya lafaa hundumaa gara ofii isaatiitti fudhatee gara fannoo dhaqe. Kun egaa fayyina Cuuphaa, Dhiigaa fi Hafuuraa mitii ree?
Namoonni Waaqayyoon duratti soba dubbatu sababiin isaa wangeela fayyina dhugaa Cuuphaa, Dhiigaa fi Hafuuraatti waan hin amanneef. Wangeelonni kan biraa hundinuu soba. Amantiin isaanii soba; wangeela sobaa isaaniis ofumaa babal’isaa jiru.
Garaa 1 Yohannisitti 5 tti haa deebinu. Lakk 11ffaan akkana jedha, “Waaqayyo jireenya barabaraa nuuf kenne, egaa dhugaan isaa isa kana; Jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama.” Kan inni nutti dubbatus Waaqayyo jireenya barabaraa akka nuuf kenne, jireenyi kunis abbaa fudhatu keessa jira. Jireenyi kunis isa ilma isaa keessa akka jiruu dha.
Warri jireenya barabaraa fudhatani warra cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga isaatti amananii jireenya barabaraa argatanii dha. Warri fayyan jireenya barabaraa argatanii barabaraan jiraatu. Jireenya barabaraa fudhatteettaa?
Lakkobsa 12 irratti, “Namni ilma Waaqayyoo qabaatu, jireenyicha qaba, namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.” Jecha biraatiin, wanta ilmichi lafa irratti hojjetetti, cuuphamuu isaa, fannoo isaa fi du’aa ka’uu isaatti amanuu dha. Kana sadan keessaa kan tokko biraa hambise, jireenyas fayyinas hin qabu.
Ergamaan Yohannis amantii namootni lafa irraa qaban wantoota Gooftaaf dhugaa ba’an: Bishaanicha, Dhiigichaa fi Hafuuricha irratti hundaa’uun gargar baasuun akka dandaa’amu dubbateera. Wantoonni kun sadan akka dubbiin fayyinaa garaa isaanii keessa jiruu fi hin jirree gargar ni baasa. Inni warra fayyan amantii isaan Bishaanicha, Dhiigichaa fi Hafuuricha irra qabaniin gargar baasuu ni dandeessu jedhe.
 
 
Warri lammaffaa hin dhalanne Hoolaa fi Reettii dandaa’anii gargar hin baasani
 
Warra fayyanii fi warra hin fayyine eenyutu gargaar baasaa?
Warra lammaffaa dhalatan
 
Ergamaan Yohannis qajeelota warra fayyan sirriitti gargar baaseera. Ergamaan Phaawulosis akkasuma. Hojjettoonni Waaqayyoo attamitti Hoolotaa fi Reettota gargar baasuu danda’uu? Hojjettoota dhugaa fi fakkeessitoota attamitti gargar baasuu danda’u. Warri cuuphaa isaa fi dhiiga isaatti amananii fayyan akka isaan kana hubataniif aangoon ni kennamaaf.
Lubas ta’ee, lallaboonni, manguddoonni warra fayyan gargar hin baasan taanaan, hoolaa fi reettii gargar hin baasan taanaan lammaffaa hin dhalanne jechauu dha waan ta’ef jireenya barabaraa of keessaa hin qaban. Garuu warri dhuguma lammaffaa dhalatan sirriitti garaagarummaa isaa ni argu. Warri jireenya hin qabne garaagarummaa isaa arguus fudhachuus hin dandaa’an.
Bakka dukkanaatti halluu dandeenyee gargar hin baafnu yoo ta’e iyyuu, magariisi magariisummaa, adiinis adiidhuma. Garuu yoo junuunfatte, garaagarummaa isaa arguus fudhachuus hin dandeessu.
Garuu ija isaanii banatanii yoo ilaalan garaagaruummaa xiqqoo haalluu sanaa hubachuu ni danda’u. Isa kamtu akka magarsiisa ta’ee fi isa kamtu akka adii ta’e gargar ni baasu. Garaagarummaan warra fayyanii fi hin fayyinees kanaa wajjin walfakkaata.
Wangeela fayyinaa, wangeela bishaanii, dhiigaa fi hafuuraa lallabuu qabna. Kaanee ibsuu qabna. Yeroo nuyi namoota of biratti walitti qabne amantii dhugaa ittiin ga’uuf jennu, sagalee namaa dubbachuu hin qabnu. Macaafa qulqulluu keessatti, 1 Yohannis 5, ibsa isaa kaa’eera. Akka walii hin wallaalletti tartiibaan ibsuu qabna.
Dubbii nuyi lallabnu dubbii bishaanii, dhiigaa fi hafuuraa, ibsaa fayyinaati. Waa’ee ‘cuuphamuu Yesuus’ nama hubachiisuudhaaf, sirriitti ibsuu qabna. Waa’ee‘Dhiiga Yesuus’ nama hubachiisuudhaaf, sirriitti ibsuu qabna. Namni tokko illee waa’ee dhugaa kanaa utuu hin beekin akka hin hafnetti. Sirrith ibsuu qabna.
Warri lammaffaa dhalatan ka’aanii hin ibsan yoo ta’e, namoonni baayyeen fayyina dhabanii ni du’u kun immoo Waaqayyoon hin gammachiisu. Inni hojjettoota dhibaa’oo nuun jedha. Kanaafuu, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuus labsuu qabna.
Sababa ani irra deddeebi’ee ibsuuf waa’ee cuuphamuu Yesuus beekuun keenya fayyina keenyaaf baayyee barbaachisaa waan ta’eefi. Yeroo mucooliitti dubbannu, hanga isaan sirritti hubatanitti irra deddeebinee hubachiisuu qabna.
Namoota hin baranneef ibsuuf yoo yaalii goone, qubeetiin ni jalqabna ta’a. Qubee kanaan akkaataa inni itti jecha barreeffatu irraa jalaan hubachiisuu qabna. Yeroo inni qubee walitti fidee jechoota uumuuf yaalii godhu, fakkeenyaaf ‘adaba,’ jechoota kana hiikkaa isaa ibsuufii qabna. Wangeela dhugaa kana namootaan ga’uudhaaf, akkaataa kanatti sirriitti ittiin ga’uu keenyaaf mirkanaa’insa arganna.
Cuuphamuu Yesuusiin sirriitti ibsuu qabna. Inni gara biyya lafaa kana bishaan, dhiigaa fi hafuuraan dhufe. Akka ati Yesuus fayyisaa keetti amantee fayyituuf kadhannaa kooti.
Fayy’inni bishaanii fi Hafuuraa burqaa amantii cuuphamuu Yesuus, Dhiiga Fannoo isaa fi Yesuus Waaqayyo fi fayyisaa keenya akka ta’e irraa argama.