• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 3: Wangeela Bishaaniifi Hafuuraa

[3-4] Cuuphamuun Yesuus Fakkeenya Fayyina Cubbamootaati (1 Pheexiros 3:20-22)

2021.05.01 114
(1 Pheexiros 3:20-22)
“Isaan hafuurota namoota warra dura bara Nohitti yeroo marakabi tolfame yommuu Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa turetti isaaf hin abboomamin hafanii dha. Markaba kanaan namoonni muraasni kana jechuun.lubbuun saddeetti bishaan keessaa oolan. Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaanee argachuudhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti.”
 
 
Karaa maalii qajeelaa taana?
Karaa ayyaana Waaqayyoo
 
Utuu nuyi lafa kana irratti hin dhalatin iyyuu Waaqayyo nu beeka ture. Inni akka nuyi cubbamoota taanee dhalanne, karaa cubbuun biyyi lafaa guutummaan isaa irraa ka’u karaa cuuphamuu isaatiin akka amantoonni fayyanis ni beeka. Inni amantoota hundumaa fayyisee saba isaa godhata.
Kun hundinuu firii ayyaana Waaqayyooti. Faarfannaa 8:4 irratti akkuma ibsame, “Ati akka isa yaaddttuuf Namni maali?”Cubbamoonni fayyina argatan addaan jaalala Waaqayyoo ni fudhatu. Isaan ijoollee Waaqayyoo ti.
Yeroo dhiigaa fi hafuura isaa qofaatti amanaa turre, utuu ijoollee Waaqayyoo hin ta’in dura, utuu qajeelota hin ta’in dura, utuu yaa abbaa yaa abbaa jennee isa waammachuudhaaf mirga hin argatin dura namoota attamii turre? Cubbamoota turre, cubbamoota tarree biyya lafaa yoo fayyaa taanee gara wagaa 70 ykn 80 qofa jiraachuudhaaf kan dhalanne ture.
Utuu cubbuu keenyattii hin qullaa’in, utuu cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti hin amanin dura, namoota jalloota warra badiisaaf qophaa’an turre.
Ergamaan Phaawulos waan amma ta’e kanaaf ayyaana isaa baayyee galateeffata. Akka amma jirru kanatti jiraachuun keenya sababii ayyaana isaa qofaaafi. Waa’ee ayyaana isaa kanaaf baayyifnee isaa ni galateeffanna. Uumaan gara biyya lafaa kana dhufee nu fayyisee, ijoollee isaa nu godhate. Ayyaana fayyisuu bishaan fi hafuura isaaf galanni haa ta’u.
Sababii inni ijoollee isaa, qajeelota nu godhateef maalifii? Sababa midhagoo taaneefii? Sababa namoota kanaaf ga’an taaneefii? moo sababa baayyee gaarii taanefii? Mee irratti yaadnee isaaf galata haa dhi’eessinu.
Sababa Waaqayyo nu uumeef saba isaa taanee mootummaa isaa keessa barabaraan akka jiraannuufi. Waaqayyo saba isaa nu godhatee barabaaraaf hayyama isaa Wajjin jiraachuu nuuf kenne. Kun sababa tokkicha Waaqayyo jireenya baraabaraatiin nu eebbisee dha. Saba isaa nu godhachuun isaa miidhagummaa keenya ykn immoo sababa argachuuf nama mallu taaneef ykn uumama warra kaan caalaa dhugaatti waan jiraanneef miti. Sababiin tokkichi Jaalala isaa qofa.
“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti” (1 Pheexiros 3:21). “namoonni muraasi, badiisa bishaanii oolan” (1 Pheexiros 3:20).
Namoonni muraasni magaalaa keessaa tokko, maatii keessaa lamatu fayyaa jira. Egaa nuyi warra kaan irra waan caallu qabnaa? Waan tokko iyuu. Kanaaf wanti adda nu godhu hin jiru, kan nuyi fayyinuuf sababa amantii nuyi bishaanii fi hafuuraa irraa qabnu qofa.
Dinqoota keessaa dinqii isa caalu arjummaa haalaan hin murtoofneen Waaqayyo akka nuyi yaa abbaa yaa abbaa jennee isaa waammannu godhe. Kana ganuu hin dandeenyu. Utuu cubbamoota taanee attamitti Waaqayyoon yaa abbaa-yaa abbaa jennee waamuu dandeenyaa?
Akka fayyine yeroo yaadnu, Waaqayyoo jaalala haalaan hin murtoofneen akka nu jaallate ilaalla. Isa galateeffachuu hin qabnuu ree? Utuu inni jaalala isaatiin nu hin fayyifne ta’ee, badiisa, abdii kutaannaatiin jireenyi keenya sii’oliin xumurama ture. Jaalala isaa fi eebba isaatiin ijoollee isaa warra ija isaa duratti ga’oo ta’an waan nu godhateef ammas-ammas irra deddeebinee isa haa galateeffaannu.
 
 
Fayyinni Ulfina Qabeessi karaa Cuuphamuu Yesuusiin nuuf kenname
 
Namoonni bara Nohii maaliif badanii?
Sababa bishaanicha (cuuphaa Yesuusiitti) hin amannefi.
 
“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti.” Lubbuun saddeet qofti akka oolan ergaa Pheexiros keessatti barreefamee jira. Bara Nohi keesssa nama meeqatu ture jettee yaaddaa? Ammam akka isaan turan karaan ittiin beekan hin jiru garuu gara miiliyona tokkotti haa tilmaamnu. Egaa nama miiliyoona tokko keessaa namoonni saddeet maati inama tokkoo Nohi keessaa oolfamaniiru.
Herregni kun isuma bara ammaa wajjin tokko. Bara ammaa kana keessaa namoota biiliyona 6 ol kan ta’antu biya lafaa irra jiru. Bara Yesuus kana keessatti lubuu meeqatu amanee cubbuu isaatti fayye? Yoo magaalaa tokko qofa ilaalle, namoota baayyee xiqqoo ta’an tokko argina.
Magaalaa koo keessa, namoota 250,000 kan qabate keessaa namoota meeqatu fayye? Tarii namoota 200? Egaa herregni warra fayyanii meeqa ta’a? Kuma keessaa tokkoo gadi kan ta’aantu fayyina argate jechaa dha.
Warra Kaatoolikii dabalatee, kiristaanota miiliiyona kudha lama tu Kooriyaa keessa jira. Isaan kana keessaa meeqa tu lammaffaa dhalatee jira? Bara Nohi keessa namoota lafa irra turan keessaa namoonni 8 qofti akka fayyan yaadaan qabadhu. Egaa Yesuus warra cuuphamuu isaa, isa inni ittiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhetti, warra amanan akka inni lammaffaa dhalachiisuu beekuu fi amanuu qabna.
Akka Yesuus cuuphamuu isaa fi fannoo dhiiga isaatiin nu fayyisee warri beekan yaroo dha. Fakkii ‘du’aa ka’uu Yesuus’ fudhadhu. Namoota meeqatuu du’aa ka’ee isaa wajjin mul’ate? Yeruusaalem irraa gara Yesuus, isaa irreen isaa gudddaatti, kan gadi bu’an ni argita. Isaan kana keessaa beektonni barumsa amantii fi tajaajiltoonni meeqa ta’u?
Bara ammaa kana keessa beektonni barumsa afuuraa hedduutu biyya lafaa irra jiru, garuu kan cuuphamuu Yesuusii fi qabxii dhugaa fayyina sirriitti kan beekan baayyee yaroo dha. Beektonni ti’oloogii heedduun  sababii Yesuus cuuphameefi gadi ofdeebise, Caalaatti nuun dhala namaa fakkaachuudhaafi jedhu.
Garuu macaafa qulqulluu keessatti akkuma galmaa’ee jiru, ergamoonni, Peexirosii fi Yohannisiin dabalatee, cuuphamuun Yesuus cubbuu keenya gara isaatti dabarsuuf akka ta’e dhugoomsaniiru, nuyis isumatti amannee jirra.
Ergamoonni macaafa qulqulluu keessatti cubbuun keenya gara Yesuusitti akka darbe dhugaa ba’aniiru. Ayyaanni Waaqayyoo inni amantiidhaan nama fayyisu kun attam dinqii dha.
 
 
Waa’ee Cuuphaa Yesuusiif ‘Shakkiin’ hin jiru
 
Daanga dhabeessa jaalala Waaqayyoo eenyutu fudhata?
Nama cuuphaa fi diiga Yesuusiti amanutu fudhata
 
Yesuus akka nu fayyisu amanuun waan sirrii ta’ee dha. Dhaabbanni amantii kiristaanaa hundinuu waa’ee fayyina amansiifamanii ta’ aaniru, baayyeen isaanis waa’ee cuuphamuu Yesuusiin barsiisa hundee amantii tokkotti lakkaa’anii jiru. Garuu kun dhugaa miti. Gara kitaabilee kuma tokkoo ol an I dubbise keessaa, namni waa’ee fayyina cuuphaa fi dhiiga Yesuusii wajjin walqabsiisee barreesse hin argine.
Bara Nohi keessa namoota saddeet qofatu fayye. Bara ammaa kana keessa namni meeqa akka fayyu ani hin beeku, tarii baayyee hin ta’u. Namni fayyuu nama cuuphaa fi dhiiga Yesuus amanu qofaa dha. Yeroon waldoota addaaddaa do’adhu, namoonni wangeela dhugaa, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin lallaban baayyee xiqqoo dha.
Fayyisuu cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti hin amannu yoo taane, amma fedhe yoo waldaa hordofne iyyuu cubbuu keenyaan waan jirruuf fayyuu hin dandeenyu. Sagantaa waldaa amanamummaadhaan bara keenya hundumaatti ni ordofna ta’a, hamma ammaa iyyuu laphee keenya keessaa cubbuu qabna waan ta’ef, amma iyyuu cubbamoota taanee jirra jechuu dha.
Sagantaa waldaa waggaa 50 f hordofneerra yoo ta’e, garuu hanga ammaattiyyuu laphee keenya keessaa cubbuu qabna yoo ta’e, amantiin keenya waggaa 50 akkasumaani jechuu dha. Kanaa manna amantii dhugaa guyyaa tokkitti qabaachuu wayya. Namoota Yesuusitti amananii jiran keessaa, warra hiikkaa dhugaa cuuphaa fi dhiigaa Yesuusiitti amanan qofaatu mootummaa Waaqayyotti gala.
Amantiin dhugaa Yesuus ilmi Waaqayyoo gadi bu’ee nama ta’ee cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa akka irraa fuudhe amanuu dha. Kun amantii gara mootummaa Waaqayyootti nu geessuu dha. Yesuus ana fi siif jedhee fannoo irratti akka du’e amanuu qabna. Kunis Waaqayyoon galateeffachiisuu akka ta’e amanuu qabna.
Nuyi eenyuu dha? Nuyi ijoollee Waaqayyoo warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyinee dha. Kanaafuu attamitii Waaqayyoon hin galateeffannu ree! Yesuus waggaa 30ffaa isaatti cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaaf laga Yordaanositti cuuphame. Sababii cubbuu keenya ofiisaatti dabarseef fannoo irratti firdii fudhate.
Waa’ee kanaa Yeroo yaadnu, waan tokko iyyuu miti gad of deebifnee isa galateeffachuutu barbaachisa. Wanti Yesuus lafa kana irratti hojjete hundinuu fayyina keenyaaf kan ta’uu dha. Jalqabatti gara biyya lafaa dhufe. Ni cuuphame, ni fannifame, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyo abbaa taa’e.
Fayyisuun Waaqayyoo utuu eenyuun hin qoodin tokkoon tokkoon keenyaa tiifi. Fayyisuun Yesuus sii hunduma kee fi anafi. Jaalalaa fi eebba isaa hundaaf Waaqayoon ni galateeffanna.
Faarfannaan wangeelaa tokko akkana jedha. “♫Seenaan miidhagaa tokko jira. ♫Nama biyya lafaa hundumaa keessaa, ani nama jaalala isaa fi fayyina isaa qabuu dha. ♫Oho jaalalli isaa attam dinqii dha! ♫Jaalalli inni naaf qabu, jaalallii inni naaf qabu. Seenaan miidhagaa tokko jira. ♫ Nama biyya lafaa hundumaa keessaa, nuyi warra fayyinee, warra saba isaa taanee dha. Jaalala isaa uffannee jirra. ♫ Oho yaa jaalala Waaqayyoo, yaa ayyaana Waaqayyo. ♫Oho jaalalli isaa attam dinqii dha! Jaalalli inni naaf qabu. ♫”
Yesuus anaa fi siin fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe, fayyisuun cuuphaa isaas nu’umaafi. Wangeelli seenaa dhuma gaarii ta’e tokko miti; inni dhugaa isa jireenya keenya boolla keessaa fuudhee gara mootummaa isaatti kan geessuu dha. Amantiin walittidhufeenya nuyi Waaqayyo wajjin qabnu akka inni eegu sammuu keetti qabachuun barbaachisaa dha.
Inni nu fayyisuudhaaf biyya lafaa dhufe. Inni cuuphamee firdii fudhatee cubbuu keenya nu irraa fuudhe.
Waaqayyoon abbaa ofii jedhanii Waamuun attam eebba guddaa dha. Attamitti akka fayyisaatti Yesuusitti amannee cubbuu keenyattii fayyuu dandeenya? Sababii inni jaalala daangaa hin qabneen gara keenya dhufeefii dha.
 
 
Yesuus altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu keenya nu irraa dhiqe
 
“Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin fidhuudhaaf jedhee yeroo hundumaaf akka ta’utti altokkicha cubbuu namoota bayyeetiif dhiphateera” (1 Pheexiros 3:18). Yesuus Kiristoos fayyina keenyaaf cuuphamee nuun jalloota, anaa fi siin fayyisuudhaaf, altokko fannoo irratti du’e.
 
Altakkaa yeroo hundumaaf fayyine moo irraa jalaani?
Altakkaa yeroo hundumaaf
 
Firdii jalaa nu baasuudhaaf jedhee altakkaa lafa kana irratti nuuf du’e. Kanaaf mootummaa Waaqayyootti gallee isa duratti barabaraan jiraachuu dandeenya; inni fooniin biyya lafaa kanatti gadi bu’e, cubbuu keenya hundumaa karaa Cuuphamuu, Du’a isaa fi Du’aa ka’uu isaatiin altakkaa barbaraaf akka ta’utti nu irraa kaaseera.
Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaa fi dhiigaa isaatiin guutummaa cubbuu keenyaattii akka nu fayyise ni amantaa? Wangeela cuuphaa isaa fi dhiiga isaatti hin amantu yoo ta’e, fayyuu hin dandeessu. Baayyee dadhaboota waan taaneef, Yesuus altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti akka inni guutummaa cubbuu keenyaa nu irraa kaase hin amannu yoo taane lammaffaa dhalachuu hin dandeenyu.
Inni cubbuu keenya nu irraa kaasuuf jedhee erga cuuphamee booda fannoo irratti iddoo keenya firdii fudhate. Inni fayyisuu cuuphaa fi dhiiga isaatiin altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu cubbamoota hundaa kaaseera.
Nuyi ilmaan namootaa yeroo cubbuu hojjennu hundumaatti qalbii diddiirrannee, kadhannee, yeroo hundumaas arjoomnee, waldaafis waan baayyee laannee fayyuu hin dandeenyu.
Kanaafuu fayyuu dhaaf cuuphaa fi fannoo Yesuusitti amanuun dirqama. Bishaanichaa fi dhiigichatti amanuu qabna. Waan gaarii hojjechuun dhiifama cubbuu argachuu wajjin wanta walitti dhufu hin qabu.
Harka qalleessaa fi uffaannaa gati jabeessa bituun lubaafis nyaata gaarii qopheessuun fayyinaan nama hin ga’u. Yesuus warra cuuphaa isaa dhiiga isaatti amanan qofa fayyisa. Akka Waaqayyo karaa ilma isaatii cuuphaa fi dhiiga isaatiin nu fayyisuu yoo amante barabaraan ni fayyita.
Namoonni tokkotokko Waaqayyo Macaafa Qulqulluu keessatti yoo akkana jedhe iyyuu, ilaalcha ni godha jedhani ni yaadu. Kun egaa dhimma isaaniiti nuyi garuu akka sagalee Isaa isa barreeffameetti amanuu qabna.
Ibroota 10:1-10 keessatti, inni altakkaa akka nu fayyisee barreeffameera. Warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan Waaqayyo altakkaa fayyisuun isaa dhugaa dha. Kanatti amanuu qabna. “♫Inni altakkaa du’ee, altakkaan hunda fayyise. Yaa obbolootaa, itti amanaatii fayyaa. Ba’aa keessan cuuphaa Yesuus jalatti dhiisaa.♫” Yesuus hirruu fi cubbuu keenya hundumaattii altakkaa cuuphamee takkaadhaan nu fayyise.
“Inni qajeelaanfoon uffatee qooda warra jallootaa ajjeefame” (1 Pheexiros 3:18) Yesuus  Waaqayyo isa cubbuu hin qabnee dha, inni cubbuus hin hojjenne. Inni nama hundumaa fayyisuudhaaf fooniin gara biyya lafaa dhufe. Innii cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaaf cuuphameera. Jallinaa fi cubbuu keenya hundumaattis nu fayyiseera.
Yeroo Yesuus cuuphame cubbuun nama hundumaa dhalotaa hanga du’aatti jiru hunda gara ofii isaatti fudhate, yeroo inni gara fannoo dhaqe immoo namni itti amanu hundinuu firdii jalaa ba’a. Inni cubbamootaaf cuuphamee iddoo isaanii firdii ulfaataa fudhateera.
Kun fayyina cuuphaa isaatiiti. Yesuus nuun cubbamoota barabaraan altakkaa nu fayyiseera. Nuyi tokkoon tokkoon keenya attam dadhabootaa! Yesuus cubbuu dhaloota keenyaa hanga du’a keenyaatti kan jiru nu irraa fuudhee iddoo keenya du’a firdii fudhate. NamniYesuusitti amanu hundinuu akka inni cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin altakkaa yeroo hundumaaf akka nu fayyise amanuu qabna.
Nuyi dadhaboota, garuu Yesuus akkas miti. Nuyi amanamoo miti, garuu Yesuus akka keenya miti. Waaqayyo altakkaa barabaraaf nu fayyiseera. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate; Kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya baraabaraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti” (Yohannis 3:16). Waaqayyo tokkicha ilma isaa nuuf kenneera. Inni ilm isaa kanatti cubbuu keenya akka darbuuf cuuphisee gatii cubbuu keenya isa fudhateef immoo firdii du’aan adabameera.  
Kun fayyina dinqisiisaa attamiiti! Kun jaalala dinqisiisaa attamiiti! Waa’ee jaalala fi fayyisuu isaatiif Waaqayyoon ni galateeffanna. Inni warra bishaanii fi dhiiga Yesuusitti amanan ni fayyisa: Cuuphamuu fi dhangala’uu dhiiga fannoo isaa fi Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa.
Namni Yesuusitti nan amana jedhu dhugaa cuuphaa isaa fi dhiiga isaatti amanuudhaan jireenya qajeelotaa barabaraan ni argata. Kana hundumaatti amanuu qabna.
Eenyutu nu fayyise? Waaqayyotu nu fayyisee immoo wanta inni uumee keessaa tokkotu nu fayyise? Yesuus, Waaqayyo, tu nu fayyise. Sababa isatti amanneef fayyine, kun egaa fayyisuu Waaqayyoo ti.
 
 
Yesuus Gooftaa Fayyinaa ti
 
 
Kiristoos jechuun maal jechuu dhaa?
Luba, Mootii fi Raajii
 
Yesuus Kiristoos Waaqayyo dha. Yesuus jechuun fayyisaa, fi Kiristoos jechuun immoo ‘kan dibame’ jechuu dha. Akkuma bara Kakuu Moofaa keessa Saamu’el Saa’oliin dibe, mootonni ni dibamu turani, luboonnis ni dibamu, raajiinis ergama (mission) isaa bakkaan ga’uuf dibamuu qaba.
Yesuus gara biyya lafaa kana hojii sadiif dibamee dhufe: hojii Lubaa, hojii Mootii fi hojii Raajii tiifi. Akka luba isa oliitti, cubbuu ilmaan namaa hundumaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf cuuphameera.
Waaqayyoo abbaatiif abboomamaa, inni ofii isaa aarsaa godhee Waaqayyo duratti of dhi’eesse. “karichi, dhugaan,jireenyis,ana;anaan yoo ta’e malee,eenyu iyyuu gara.” Yesuus nama isatti amanuu hundumaa cuuphaadhaan cubbuu isaa irraa fuudhee fannifamuu isaatiin isa fayyisa.
“Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf,” (Leewoota 17:11). Nu amantoonni akka fayyinutti gatii cubbuu keenyaatiif dhiiga isaa Waaqayyoon duratti dhangalaasuudhaaf; Yesuus erga cuuphamee booda gara fannoo dhaqe.
Erga du’ee booda hafuurota warra lafa jalatti hidhamanii turanitti wangeela lallabe; guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e. Warri hin fayyin jiran mana adabaa cubbuutti hidhamanii jiru, Yesuus isaan kanaaf wangeela dhugaa, wangeelaa bishaanii fi dhiigaa ni lallaba. Waaqayyo nu fayyisuuf jedhee, wangeela bishaanii fi hafuuraa nuuf kenne. Kan isatti amanu hundinu lammaffaa ni dhalata.
 
 
Cuuphaa fi Dhiigni Yesuus Cubbamoota ni Fayyisa
 
Attamitti Waaqayyoon duratti yaada garaa qulqulluu qabaanna?
Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus irraa amantii qabaachuu dhaan
 
Yesuus Kiristoos fayyisaa keenya, 1 Pheexiros 3:21 irratti akkanatti dhugaa ba’ameera, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltaniiti, cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos; (yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti amantanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti).” Yesuus cuuphamuun isaa fayyina cubbamoota tiifi.
Yesuus kana hunda gochuu isaatiin cubbuu cubbamootaa cuuphaa isaatiin irraa kaase. Cuuphaa Yesuusitti ni amantaa? Karaa cuuphaa isaatii yaadni garaa keenyaa akka qulqullaa’e ni amantaa? Garaan keenya cubbuutti qullaa’eera, garuu foonni keenya amma iyyuu cubbuu hojjeta.
Lammaffaa dhalachuu jechuun namni sun lammaffaa cubbuu hin hojjetu jechuu miti. Nuyi, warri lammaffaa dhalanne iyyuu, cubbuu ni hojjenna, garuu sababii cuuphaa isaa irraa amantii qabnuuf garuu yaadni garaa keenyaa qulqulluu ta’ee hafa. Kanaafuu, kutaan armaan olii akkana jedha, “Yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti amantanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti” (1 Pheexiros 3:21).
Erga Yesuus cubbuu koo ana irraa kaasee, erga Waaqayyo firdii koo naaf fudhatee, attamittan isatti amanuu dadhaba? Erga Yesuus, Waaqayyo, cuuphaa fi dhiiga isaatiin na fayyisee, attamittan isatti amanuu dadhaba? Waaqayyoon duratti fayyineerra waan ta’eef yaadni garaa keenyaa qulqulluu dha. Kanaafuu, erga Yesuus nu fayyisee, Waaqayyoon duratti cubbuu qabna hin jennu, Waaqayyos nu hin fayyifne hin jennu.
Erga lammaffaa dhalannee booda yaadni garaa keenya cubbuu dhaga’uutti cimaa ta’a, yeroo nuyi dogoggora hojjennu nutti dubbata. Yaadni garaa keenyaa xinnoo yoo rakkate, yoo humna cuuphamuu Yesuusiin xiinxalle malee, raawwannee cubbuuttii bilisa ta’uu hin dandeenyu. Akkaataa kana qofaatti yaadni garaa keenyaa qulqulluu ta’a.
Yeroo yaadni garaa keenyaa nu rakkisu, akkana jechaan dogoggorri tokko nu keessa jira jechaa dha. Bishaanni cuuphamuu Yesuus, xurii cubbu ni qulleessa. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa miiccee, yaada garaa keenyaa qulqulleesseera. Yeroo nuyi kana amannu, yaadni garaa keenyaa akkuma jirutti ni qullaa’a. Attamitti yaadni garaa keenyaa qulqullaa’a? Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus irraa amantii qabaachuu dhaan. Namni eenyu iyyuu dhalachuu isaatii eegalee, yaada hamaa fi xurii ni qabaata, garuu cubbuun keenya karaa cuuphaa gara Yesuusitti akka darbee fudhanneerra taanaan, ambaa xurii cubbuu kana of irraa kaasuu ni dandeenya.
Kun amantii warra lammaffaa dhalataniiti. Kun ibsa yaada waan tokkoo ati yaada keetiin fudhattuu miti. Yaadni garaa keetii qullaa’aa dha? Sababii ati hojii gaarii qabduuf qullaa’aa ta’e moo sababii cubbuun kee gara Yesuustti darbee atis amante fudhateefi? Karaa amantii kana qofaa yaadni garaa keetii sirriitti qullaa’uu danda’a.
Dubbiin jireenya qabuu fi dubbiin jireenya hinqabne gargari. Attamitti yaadni garaa nama hundumaa qullaa’aa ta’uu danda’a? Karaan tokkichi ittiin qajeelaa ta’anii yaadni garaa namaa qullaa’u fayyina guutuu Yesuus kennutti amanuu dhaan qofa.
Yeroo cuuphaa isaatti amannee qulloofnu, yaadni xurii foonii nu irraa murama jechuu miti. Kanaaf, inni dhufee, cuuphamee, fannoo irratti du’ee, warra du’an keessaa ka’ee, amma mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira.
Yeroo yeroon ga’uutti ammas gara biyya lafaa kana deebi’ee ni dhufa. “Warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf mullachuuf jira” (Ibroota 9:28). Akka inni dhufee nu warra isa eeggachaatti jiru, warra cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuudhaan cubbudhabeessa taanee gara ofii isaatti akka fudhatu ni amanna.
 
 
Sakatta’insa Qorannoo Amantii
 
Chuuphamuu Yesuusiin ala fayyuu ni dandeenyaa?
Lakki
 
Utuu hin beeksifamin sakatta’insa qorannoo waldaa keenya Da’ejii’on keessatti geggeessine.
Paark lubni, waldaa Da’ejii’on cuuphamu Yesuusiin caqasuun malee cubbuun biyya lafaa keessa hin jiru jedhee abbaa manaa fi haadha mana tokkotti dubbate. Abbaan mana sun yeroo waldaa biraa dhaqu hirribatu isa qaba ture sababiinsaa yeroo luboonni kan biraa lallaba waa’ee fayyina karaa cuuphamuu Yesuusiin argamu dhiisan guyyaa guyyaatti gara qalbii diddiirrannaatti deebi’uuf gara dirqisiifamuutti waan dhufaniif.
Garuu waldaa keenya Da’ejoon keessatti, ija isaa lamaan banatee dhaggeeffachuutti ka’e sababiinisaa cubbuun isaa hundi gara Yesuusitti akka darbe waan dhaggeeffateef. Haatii manaa isaa sun wajjin waldaa dhaqna jettee isa amansiisuun baayyee salphaa ture.
Gaaftokko immoo waldaa keessa utuu taa’uu Roomaa 8:1 utuu dubbifamuu ni dhaga’e. “Egaa amma firdiin,warra kristos yesuusiti qabamanii jiraatanitti faradamu tokkoillee hin jiru.” Akkuma sanaan hubatee, ‘Ahaa, Namni Yesuusitti amane cubbuu kan hin qabne ta’e. Ergan Yesuusitti amanee kaasee, anis cubbuu hin qabuun ture’ jedhe.
Akkuma sanaan obboleessa haadha manaa isaatii fi hiriyoota isaa hundumaa tokko-tokkoon bilbilaan waamee akkana ittiin jedhe, “Laphee kee keessaa cubbuu qabdaa? Egaa amantiin kee sirrii miti.” Iddoo kanatti lubni Paark kufaatii irra jira. Abbaan manaa sun waa’ee cuuphamuu Yesuusiin homaa hin dhageenye ture garuu kutichuma irratti hundaa’ee akka cubbuu hin qabnetti of jabeesse.
Akkuma sanaan maatii sana gidduutti walfalmiin ni dhalate. Haati manaa amantii ofiisheetti caalchiftee ni jabaate garuu cubbuun laphee ishee keessa immoo jira, abbaan manaa immoo ani ergan amantii sirriitti dhufee cubbuu hin qabu jedhe. Abbaan manaa sun dhihoo waldaa dhaqee garu dafee akka waan cubbuu blisa ta’etti of ilaalee jira. Haati manaa sun immoo lamaan isaanii iyyuu akka cubbuu qaban yaada isheetti mirkaneeffatteetti. Waa’ee isaa waliinfalmuu jalqabani. Abbaan manaa sun ani cubbuu hin qabu jedhee yaada isaa jabeeffate sababiinsaa, “Firdiin warra kiristoos yesuusitti qabamanii jiraatantti faraamu tokko illee hin jiru” kan jedhu irratti yaadni isaa waan jabaateef. Haati manaa sun garuu lakki ani cubbuu attamittan dhaba jettee falmite.
Achumaan guyyaa tokko, baayyee rifattee Luba Paarkiin quunnamuudhaaf murteeffattee isa inni cubbuun kee gara Yesuusitti darbeera jedhe maal jechuu isaa akka ta’e gaafachuu barbaadde.
Gaaf tokko waaqeffannaa galgalaa booda, abbaa manaa ishee gara manaatti ergitee ofii immoo gara booddeetti haftee akkana jettee lubicha gaafatte. “Akka ati waan tokko nutti dubbachuuf yaalii goote bareera, garuu wanti barbaachisaan tokko dhokatee jira. Adaraa mee natti himi.” Lubichis waa’ee bishaanii fi hafuurattii dhalachuu itti dubbate.
Isheenis achumaan inni Roomaa keessatti “Firdiin warra kiristoos yesuusitti qabamanii jiraatantti faraamu tokko illee hin jiru” kan jedhu hiikkaan isaa maal akka ta’e ni hubbatte. Takkaa dhumaan amantee fayyite. Yoo xiqqaate akka cubbuun keenya karaa cuuphamuu Yesuusiin gara isaatti akka darbee fi sababii kanaaf firdiin warra Kiristoos keessa jiran irra akka hin jirre hubatteetti. Sagalee isa barreeffame hubachuu jalqabde. Gara dhumaatti bantuun fayyina cuuphamuu Yesuus akka ta’e bira geesse.
Abbaan manaa ishee sun manatti hin galle bakkee dhaabbatee ishee eegaa ture. Inni dhuga ba’uumsa ishee isa isheen akka cuubbuu isheettii qulloofte dubbatte dhaga’ee, “Haa ta’u, amma fayyiteettaa?” jedhee gaafate.
Garuu erga wanta lubni sun isheedhaan jedhu dhaggeeffatee booda immoo akka joonja’uu ta’e. Kanaan dura inni waa’ee cuuphamuu Yesuusiin hin dhageenye ture. Inni cuuphamuu Yesuusiin ala cubbuun isaa akka irra fuudhamee bilisa ta’etti hubatees ture. Ammas manatti waliinfalmuutti ka’ani.
Yeroo ammaa kanatti haalli faallaa ta’eera. Haati mana abbaa manaa ishee sanaan cubbuuttii bilisa moo miti jettee isa ni qabde. Utuu cuuphamuu Yesuusitti hin amanin attamittiin cubbuuttii bilisa baate jettee isa gaafatte. Akka inni sammuu isaatiin itti dhi’aatee yaaduuf cimsitee isa hubachiifte. Erga yaada garaa isaa gadi fageenyaan sakatta’ee booda, akka cubbuun garaa isaa keessatti hafee jiru ni hubate.
Ergasii gara Luba Paarkiin dhaqee akka cubbuun garaa isaa keessatti hafee ture dhugaa itti ba’e. Akkana jedhees ni gaafate, “Yeroo harka isaanii mataa tuntunoo aarsaa irra kaa’an, utuu hin gorra’in dura moo, erga gorra’anii booddee dha?” Inni waa’ee wangeela bishaanii fi hafuuraa hin dhageenye ture waan ta’eef baayyee bitaacha’e.
Kun egaa qabxii qorannoo hafuuraa geggeeffame sanaa ti. Cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti akka darbuuf Yesuus cuuphamuutu irra ture. Ergasii booddee fannoo irratti du’uu qaba sababii gatiin cubbuu du’a ta’eef.
“Yeroo harka isaanii mataa tuntunoo aarsaa irra kaa’an, utuu hin gorra’ani dura moo, erga gorra’anii booddee dha?” Waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu fi waa’ee cuuphamuu Yesuus irratti waan joonja’eef gaaffii kana gaafte. Ergasii lubni Paark waa’ee fayyisuu cuuphaa Yesuus gad fageenyaan ni ibseefi.
Guyyaa sanatti, abbaan manaa sun yeroo jalqabaatiif waa’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraa dhaga’ee fayye. Inni gaafuma tokkotti wangeelicha dhaga’ee fayye.
Waa’een qorannoo waa’ee cuuphamuu Yesuus lallabuu dhiisuun ti. Cubbuu hin qabnu ofiin jechuu dandeenya, garuu cuuphamuu Yesuusiin ala yaada garaa keetii keessa cubbuun ni jiraata. Namoonni Yesuus fannoo isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaaseera ni jedhu, garuu warra cuuphamuu isaa fi du’a fannoo isaatti amanan qofaatuu barabaraan qulqulluu ta’ee fuula Waaaqayyo duratti hafa.
Fayyinni guutuun amantii cuuphamuu Yesuusiin ala akka hin taanee Lubni Paark abbaa manaa fi haadha manaa kana sirriitti mirkaneeffachiiseera.
 
 
Fakkeenya Fayyinaa: Cuuphamuu Yesuus
 
Fakkeenyi fayyinaa Mayli innii?
Cuuphamuu Yesuus
 
“Cuuphaan fakkeenya nuyi ammaa ittiin fayyinee dha.” Yesuus cubbuu keenya nu irraa miiccee yaada garaa keenyaa akka cabbiitti adeesseera. Cuuphamuu isaatiin Yesuus cubbuu hundumaas kara kanaa gara ofii isaatiitti waan fudhateef cubbuu keenya hundumaattii nu qulleesseera. Inni cuuphaa isaa fi fannoo isaatiin nu fayyiseera. Kanaafuu, uumanni hundinuu isaaf jilbeenfachuu qabu.
Yesuusitti amanuun nama fayyisa. Yesuusitti amanuudhaan ijoollee Waaaqayyoo taanee gara waaqatti ol ni baana. Yesuusitti amanuudhaan qajeelota ni taana. Nuyi ulfaatoo luboota mana isaatiiti. Waaqayyoon abbaa keenyaa jennee waammachuu ni dandeenya. Biyya lafaa kana irraa ni jiraanna, garuu nuyi mootota.
Waaqayyo dhugumaan nuun warra fayyina bishaan fi hafuuratti amannee ni fayyisaa? Cuuphamuu Yesuusiin ala fayyinni keenya guutuu hin ta’u. Amantiin dhugaa Yesuus Waaqayyo ta’uu isa dhugaa ba’a, wangeela cuuphamuu isaatti, fannifamuu isaa fi hafuurichatti ni amana. Amantiin dhuga qabeessii kana qofaa dha.
Cubbuun keenya yeroo Yesuus cuuphamee nu irraa fuudhame, gatii cubbuu immoo fannoo irratti kaffale. Yesuus bishaanii fi hafuuraan nu fayyise. Eeyye! Ni amannaa!