• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 3: Wangeela Bishaaniifi Hafuuraa

[3-5] Hiikkaa Wange ela Lammaffaa Dhalachuu isa Jalqabaa (Yohannis 3:1-6)

(Yohannis 3:1-6)
“Fariisota keessaas namicha Niqoodimos jedhamu bulchaa Yihudootaa tokko tu ture; Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, ‘yaa barsiisaa, ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte akka taate nu beenna; nama Waaqni isa waliin jiru malee namni milikkita ati hojjettu kana hojjechuu danda’u tokko iyyuu hin jiru’ jedheen. Yesuusis deebisee, ‘ani dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’ u’ jedheen. Niqoodimoosis, ‘namni erga dulloomeen duubatti akkamitti dhalachuu danda’a? Dhalachuuf jedhee lammata garaa haadha isaa keessa seenuu danda’aa?’ jedhee gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebiseef, ‘ani dhuguman sitti hima; namni bisaanii fi Hafuura Qulqulluu irraa dhalachuu baannaan mootummaa Waaqayyootti galuu hindanda’u. Kan foon irraa dhalate inni foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu Hafuura’ jedhe.”
 
 
Bu’uura Macaafa Qulqulluutti Hiikkaan Lammaffaa Dhalchuu Maalii?
 
Biyya lafaa kana keessaa namoonni waa’ee dubbii Waaqayyoo callisanii akkasumattiin Yesuusitti amanuu qofaan lammaffaa ni dhalanna jedhanii ni yaadu. Haa ta’u iyyuu malee lammaffaa dhalachuun yaadaa fi hojii keenyaan akka ta’uu hin dandeenye cimseen hubachiisuu barbaada.
 
Lammaffaa dhalachuun jijjiirama miira namaa wajjin walitti dhufeenya qabaa?
Lakki. Walittidhufeenyi lammaffaa dhalachuu jijjiirama hafuuraa wajjini. Cubbamaan tokko cubbuu isaattii fayyuudhaaf lammaffaa dhalachuu isa barbaachisa.
 
Kiristaanonni hedduun kana hin hubatin jiru. Namoonni tokko-tokko sababa waldaa ijaaraniif ykn sababa horii guddaa waldaaf kennaniif ykn akka ergamoota Waaqayyootti hojjechuudhaan ykn utuu gaa’ela hin dhaabin hafuudhaan waan lammaffaa dhalatan isaanitti fakkaata.
Kun hundi isaa sirrii miti. Isaan kun warra humna ykn horii isaaniitiin waldaa ijaaranis miti. Akka ta’uttis karaa horiis ta’e karaa humna isaanii warra bu’aa buusanis miti. Hojiin isaanii kun mo’icha jireenyaa kan isaaniif kennu isaanitti fakkaata. Sababa aarsaa isaanii kanaaf Waaqayyo kan lammaffaa isaan dhalachiisu isaanitti fakkaata.
Qabxiin guddaan namoonni hedduun lammaffaa dhalachuu isaaniiti. Iddoo baayyees jiru. Waaqayyo guyyaa tokko akka lammaffaa isaan dhalachiisus ni abdatu. Nama eenyuun duras iddoo kadhaannaatti ni argamu. Haa ta’u iyyuu malee akkaataa Waaqayyo lammaffaa nama dhalachiisu waan hin beekneef carraa kana argachuu hin dandaa’an.
Waan hundumaa iyyuu qixa hojii isaaniitti ni yaadu, “Yoon waan kana gaarii godhee hojjedhe lammaffaa nan dhaladha,” jedhanii ni yaadu. Lammaffaa dhalachuudhaaf dhimmanii waan gaarii ni hojjetu, anis guyyaa tokko akka abaluuffaa lammaffaa nan dhaladha jedhanii ni yaadu. Wangeela Yohannis 3:8 dubbisanii eebba lammaffaa karaa inni dhufu hin beekamu jedhu.
Kanaafuu, akka gooftaan guyyaa tokko lammaffaa isaan dhalachiisu abdachaa cimanii hojjetu. Namoonni, “yoon akkaataa kanatti yaadee hojjedhe Yesuus guyyaa tokko lammaffaa na dhalachiisa jedhanii ni yaadu. Waa’ee lammaffaa dhalachuu waan tokko utuun hin beekin lammaffaa nan dhaladha. Ganama tokko hirribaa ka’een lammaffaa dhaladha.” Egaa abdiin isaaniis amantiin isaaniis attam gati dhabeessa!
Akkaataa kanatti lammaffaa dhalachuun hin dandaa’amu! Dhugaatii fi sijaaraa xuuxxaa dhiifne waldaa waan dhaqnuuf lammaffaa dhalanne jechuun hin dandaa’amu. Akkuma Yesuus jedhe mootummaa Waaqayyootti galuuf lammaffaa dhalachuu nu barbaachisa. Bishaanii fi Hafuurri lammaffaa dhalachuuf barbaachisoo dha.
Namni tokko bishaanii fi Hafuurattii utuu lammaffaa hin dhalatin Yesuusiin duratti qajeelummaa argachuuf jecha wanti inni godhu gatii hin qabu. Eenyu iyyuu kennaa kennuudhaan, arjummaadhaan ykn kadhannaadhaan lammaffaa dhalachuu hin danda’u. Nama lammaffaa dhalate Waaqayyo qofaatu beeka jedhee waan yaaduuf lammaffaa dhalachuu fi hin dhalanne isaa hin beeku.
Akkaataa kanatti yaaduun isaaf gammachuu dha, garuu lammaffaa dhalachuun wanta isa jalaa dhokatu miti. Garuu lammaffaa dhalachuun wanta namni of irratti baruu fi warri naannoo isaa jiranis beekuu danda’anii dha.
Fooniin yoo ta’uudhaa baate illee hafuuraan sirriitti beekuu dandeenya. Warri dhuguma lammaffaa dhalatan, sagalee Waaqayyoo, dubbii bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraan lammaffaa dhalatu. Garuu warri lammaffaa hin dhalatin akkuma Niqoodimos hubachuu hin danda’an.
Kanaafuu, karaa fayyisuu cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin sagalee dhugaa hubachuu qabna. Akkuma sagalee Waaqayyoo dhageenyee irraa barru, dhugaa isa keessa jiru arguu ni dandeenya. Kanaafuu, sammuu keenya banannee hubannoon hordofuun nu irraa ni eegama.
“Qilleensi gara fedhetti ni qilleensa’a qilleensa’uu isaa ni dhageessa, eessaa akka dhufe eessas akka dhaqu garuu hin beektu. Egaa hafuurattii kan dhalate hundinuu akkuma kana jedhee deebiseef” (Yohaannis 3:8).
Namni lammaffaa hin dhalanne kutaa kana yeroo dubbisu, “ahaa! edaa Yesuus yeroon lammaffaa itti dhaladhu akka an hin beekne dubbateera! Eenyu iyyuu hin beeku!” Egaa yaadni kun isa ni gammachiisa ta’a. Garuu kun dhugaa miti. Qilleensi eessaa dhufee gara kamitti akka qilleensa’u hin beeknu yoo taane iyyuu, Waaqayyo immoo waan hundumaa ni beeka.
Warruma lammaffaa dhalatan keessaa iyyuu, gara jalqabaatti waa’ee lammaffaa dhalachuu kan hin beekne ni jiraatu. Kun hubatamaa dha. Haa ta’u iyyuu malee, laphee nama akkanaa keessa wangeelli ni jiraata: innis sagalee fayyisuu cuuphaa fi dhiiga Yesuus dha.
Kun dhuga ba’umsa lammaffaa dhalachuu dha. Namni wangeela dhaga’ee sirriitti itti amanu, “ani Kiristoosiin qulqulluu nama cubbuu hin qabne ta’eera. Kanaafuu an fayyee, lammaffaa dhaladheera” ni jedha. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan qajeelaa ijoollee Waaqayyoo ta’a.
Namoonni tokko-tokko, “lammaffaa dhalatteettaa?” jedhamanii yeroo gaafataman, lakkii jedhanii ni deebisu. “Fayyiteettaa? jedhee yoo namni gaafate immoo, eeyyee fayyeera ni jedhu.” Egaa namni akkanaa yaada waliin mormu hin qabuu ree? Namni akkanaa lammaffaa dhalachuu jechuun fooniin lammaffaa dhalachuutti ni hiikkata.
Namoonni akkanaa lammaffaa dhalachuun geeddarama bu’uuraa (radical change) fida jedhanii gar-malee ni yaadu. Dhugaan isaa garuu bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu utuu hin hubatin hafuu isaanii ti.
Namoonni hedduun waa’ee lammaffaa dhalachuu hubannoo ga’aa hin qaban. Kun baayyee nama gaddisiisa. Warra fedhaan lallaban qofa osoo hin taane geggeessitoonni waldaa iyyuu dubbii wallaalchisaa akkanaa keessa bu’aniiru. Nuyi warri lammaffaa dhalanne waa’ee isaaniif baayyee gaddina.
Egaa nuyi iyyuu akkaataa kanatti ni gaddinaaf erga taanee Yesuus Waaqayyo inni waaqa irraa immoo attam haa gadduuf ree? Kottaa egaa wangeela lammaffaa dhalachuu cuuphaa fi dhiiga gooftaa keenyaa Yesuusitti ni amannaa.
Lammaffaa dhalachuu jechuu fi fayyuu jechuun garaagarummaa hin qabu. Garuu dhugaa kana kan hin beekne hedduu dha. Lammaffaa dhalachuu jechuun wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin cubbuu ofiittii dhiqamuu jechuu dha. Innis karaa amantii cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusiin qajeelaa ta’uu jechuu dha.
Utuu lammaffaa hin dhalatin dura namni cubbamaa dha, garuu erga lammaffaa dhalatee booda qulqulluu ta’a. Wangeela fayyinaatti amanuudhaan mucaa Waaqayyoo ni ta’a.
Lammaffaa dhalachuu jechuun uffannaa cuuphamuu Yesuusiin uffachuu fi Yesuusii wajjin fannoo irratti du’anii isaa wajjin du’aa ka’uu dha. Akkana jechuun cuuphamuu fi fannoo Yesuusitti amanuudhaan qajeelaa ta’uu dha.
Namni gadamessa haadha isaattii yeroo dhalatu cubbamaa ta’ee ni dhalata. Garuu wangeela dhugaa bishaanii fi hafuuraa dhaga’ee yeroo dhalatu nama qajeelaa ni ta’a.
Hafuuraan lammaffaa dhalachuun waan bakkeen mul’atuun garaagarummaa waan agarsiisu hin qabu. Lammaffaa dhalachuun kana fakkaata. Dhugaa kana kan beekan namoota yaroo dha, kuma kudhan keessaa namni tokko iyyuu hin argamu ta’a. Hiikkaa lammaffaa dhalachuu kana wajjin walii ni galtaa?
Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraan lammaffaa dhalatan kiristaanota warra lammaffaa dhalatan sirriitti gargar baasanii ni beeku.
 
 
QILLEENSA KAN TO’ATU YESUUS DHA
 
Warra fayyan eenyutu beekaa?
Warra lammaffaa dhalatan qofa dha.
 
“Qilleensi gara fedhetti ni qilleensa’a qilleensa’uu isaa ni dhageessa,eessaa akka dhufe eessas akka dhaqu garuu hin beektu. Egaa hafuurattii kan dhalate hundinuu akkuma kana jedhee deebiseef.” Yesuus waa’ee warra lammaffaa hin dhalatinii dubbate. Warri lammaffaa dhalatan waa’ee lammaffaa dhalachuu ni beeku, garuu Niqoodimos kan hin beeku ture. Waaqayyo warra lammaffaa dhalatan ni beeka, warri lammaffaa dhalatanis kana ni beeku.
Akkuma gara qilleensi itti qilleensa’u hin beekne, warri lammaffaa hin dhalatin akka namni tokko lammaffaa itti dhalatu hin beeku.
Kana hubachuu ni dandeessaa? Qilleensa kana kan oofuu eenyuu dhaa? Qilleensa kana kan uume eenyuu dhaa? Waaqayyo dha. Waaqayyo isa waaqa irraa tu godha. Qilleensa, bubbee fi bishaan kan to’atu eenyuu dha? Wanta lubbuu qabu hundatti kan jireenya itti godhu eenyuu dhaa? Jecha biraatiin kan waan hundumaa uumee jiraachisu eenyuu dhaa? Yesuus Kiristoosiin malee kan biraa miti. Yesuus Kiristoos Waaqayyoo dha.
Waa’ee dubbii wangeela bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraa hin beeknu yoo taane waa’ee hafuuraa hubannee warra kaan barsiisuu hin dandeenyu. Sababii kanaaf Yesuus eenyu iyyuu bishaanii fi Hafuurattii dhalachuu yoo baate mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u jedhe nutti dubbate.
Wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa akka namni lammaffaa dhalatuuf aboo namaaf kennutti amanuu qabna. Hafuurri sammuu warra wangeela bishaanii fi Hafuuraa keessa taa’a.
Yesuus Kiristoos cubbuu ilmaan namaa irraa fuudhuuf cuuphamee gatii cubbuutiif fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaaseera. Inni fayyina lammaffaa dhalachuu laphee keenya keessa kaa’eera. Yeroo nuyi wangeela kanatti amanu, hafuurri sammuu keenya keessa seenuu eegala. Kun fayyina lammaffaa dhalachuu dha. Yesuus karaa cuuphaa fi dhiiga isaatii cubbuu keenya akka nu irraa kaasee yeroo amannu, dhugumaan lammaffaa ni dhalanna.
Seera Uumamaa 1:2 irratti, “Lafti bifa hin qabu, Onaas ture; Callabboo gadi fagoo irra dukkanatu ture. Hafuurri Waaqayyoos bishaan irra sosocho’aa ture.” Hafuurri Waaqayyoos bishaan irra sosocho’aa ture jedhamee barreeffamee jira. Hafuurri Waaqayyoo fuula lafaa ala adeemaa ture jechuu dha.
Akkana jechuun Hafuurri laphee nama cubbamaatti akka itti seenu hin qabu jechuu dha. Lapheen nama lammaffaa hin dhalannee dukkana cubbuun kan guutee dha. Sababa kanaaf Hafuurri Waaqayyoo laphee nama akkanaatti akka itti seenu hin qabu.
Waaqayyo laphee cubbamootaa ibsuudhaaf wangeela ifaa gara laphee cubbamootaatti ergee jira. Waaqayyo, “ifni haa ta’u” jennaan ifni ta’eera. Egaa akkaataa Waaqayyo jedhe qofaadhaan Hafuurri Waaqayyoo laphee namaatti ni gala.
Kanaafuu, laphee nama lammaffaa dhalatee, warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan keessa hafuurri Waaqayyoo ni buufata. Lammaffaa dhalachuu jechuunis kana. Dubbii fayyina bishaanii fi Hafuuraa waan dhaga’aniif garaan isaanii lammaffaa dhalateera.
Namni attamitti lammaffaa dhalataa? Yesuus waa’ee kanaa Niqoodemosiin, hubachiiseera, “Eenyu iyyuu bishaanii fi Hafuurattii dhalachuudhaa baannaan mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” jedhe. Niqoodimos immoo, “Attamitiin lammaffaa dhalannaa? Garaa haadha keenyaatti deebinee galla immoo?” Inni dubbicha kallatti fuula-fuulaan waan ilaaleef galuufii hin dandeenye.
Yesuus immoo akkana ittiin jedhe, “Ati barsiisa taatee waa’ee kanaa hin beekin jirtaa?” Namni bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu baannaan mootummaa Waaqayyoo ijaan arguu iyyuu hin danda’u ittiin jedhe. Hiikkaa lammaffaa dhalachuu sirriitti isa barsiise.
Namoonni Yesuusi irraa waan amantii qaban fakkaatanii lammaffaa kan hin dhalatin baayyee dha. Fakkeenya Niqoodimos.
Niqoodimos akkuma geggeesitoota waldaa bara kana geggeessaa hafuuraa saba Israa’eliin ture. Jecha si’asa bara ammaatiin miseensa Mana Maree jechuu dha. Karaa mana amantiis barsiisaa fi geggeessaa Yihudootaa ture. Inni Iskoolaarii guddaa ture.
Akka bara ammaatti manni barumsaa waan hin jirreef mana qulqulluummaa fi mana kadhataa keessatti namoonni ogeeyyii irraa ni baratu turan. Ogeeyyiin barsiisota kana akkaataa kanaatti namoota ni barsiisu turan. Akkuma bara ammaa kana barsiisonni sobaa hedduun turaniiru. Baayyeen isaanii ofuma isaaniitiiyyuu utuu lammaaffaa hin dhalatin ni barsiisu turan.
Bara ammaa kanattis geggeesitoon, bulchitoonni, barsiisonni fi lallaboonni jaarsolii fi diyaaqunoonni lammaffaa utuu hin dhalatin tajaajila kennaa jiran baayyee dha. Akkuma Niqoodimos, waa’ee dhugaa lammaffaa dhalachuu hin beekan. Baayyeen isaanii lammaffaa dhalachuudhaaf gara haadha keenyaatti deebi’uu qabna immoo jedhanii ni yaadu. Akka lammaffaa dhalachuu qaban ni beeku garuu akkaataa isaa tu hin galleef.
Sababii callisuu isaanitiif, akka nama qaro dhabessa harka isaatiin arba qaqqabee hubachuu barbaaduu, barumsi isaanii muuxannoo fi miira dhuunfaa isaanii irratti hundaa’a.
Lammaffaa dhalachuun hojii keenyaa wajjin wal hin argu. Lammaffaa dhalachuun, karaa dubbii bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraa ti. Wangeela Waaqayyootiin cubbamoota irraa gara qajeelota ti dabarra.
Eeyyee Yesuus dubbii kana dubbateera, “Waa’ee lafa irraa isinitti himnaan hin amantan erga ta’e, isa waaqa irraa attamitti amantu.” Rakkoon guddaan namoonni akkaata Yesuus kara cuuphamuu isaatii cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe waan beekanii hin amanneef. Rakkoon karaa amantii namoonni qaban maalii? Akka Yesuus karaa cuuphaa isaatii cubbuu nama irraa fuudhee, sababii kanaaf akka du’ee du’aa ka’uu waan beekanii amanuu dhiisaniif. Inni Yesuus waa’ee waaqa irraa yoon isinitti hime iyyuu hin hubattan jedhe isa kana.
Yesuus cubbuu keenya hundattii nu qulleessuuf jedhee Yohannis cuuphaan cuuphamee sababii kanaafis fannoo irratti du’ee, du’aa ka’ee cubbamoonni lammaffaa dhalatanii akka fayyaniif karaa jireenyaa saaqeera.
Kanaafuu Yesuus, Macaafa Kakuu Haaraa keessaa caqasuudhaan, “Ilma Namaa isa Waaqa irraa gadi bu’e malee homtinuu gara Waaqaatti oli hin bane Museen lafa Onaa irratti bofa sibiila diimaa mukla irratti akka ol fuudhe. Ilmi namaas immoo akkasuma muka irraatti ol fuudhamuun ni ta’a. Kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta’a” (Yohannis 3:13-15). Niqoodemosiif ibse. Akkuma Museen lafa onaa keessatti bofa mukatti fannise, biyyi lafaa akka fayyuuf ilmi namaas ni fannifama jedhe.
Yesuus maaliif, “Museen lafa onaa irratti bofa sibiila diimaa mukla irratti akka ol fuudhe, Ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun ni ta’a?” jedhe. Macaafa Kakuu Moofaa keessaa caqasuudhaan, ilmi namaa cuuphaa fi fannoo dhiiga isaatiin cubbuu biyya lafaa akka fayyisu dubbachuu isaa ti.
Yesuus ol fudhamee, fannoo irratti du’uudhaaf, Yohannis cuuphaan cuuphamee cubbuu ilmaan namaa gara ofii isaatti fudhachuu tu irra ture. Yesuus cubbuu waan hin qabaanneef dhimma fannoo irratti ol fudhatamuuf hin qabu ture. Fannoo irratti du’uudhaaf Yohannisiin cuuphamee cubbuu ilmaan namaa ofitti fudhateera.
Inni cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhatee dhiiga isaa dhangalaasuudhaan cubbamoota firdii oolcheera. Yeuus bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa nu dhalachiisuudhaan nu fayyise.
Kanaafuu warri Yesuus akka fayyisaa isaanii ta’e amanan uffannaa cuuphamuu Yesuusiin uffatanii isaa wajjin du’uu dhaan lammaffaa dhalataniiru. Gara booddeetti Niqoodimos kana hubateera.
 
 
Akkuma Bofti Fannifame
 
Yesuus maaliif fannifame?
Sababa cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti abarseef.
 
Waa’ee seena bofa sibiila diimaa Museen muka irratti fannisee ni yaadataa? Seenaan ana Seera Lakkoobsaa boqonnaa 21 keeassatti galmaa’ee jira. Sabni Israa’el erga biyya Misirii ba’anii booda mogoleen isaanii laafee Waaqayyoo fi Musee arrabsuutti ka’an.
Sababa kanaaf Waaqayyo bofa nama hidduu isaan gidduutti erge. Booftichis isaan iddiinaan warri kaan dhukkubsatanii warri kaan immoo madaa’aniiru.
Erga namoonni du’uutti ka’anii booda, geggeessaan isaanii Museen waa’ee isaaniif Waaqayyoon kadhachuutti ka’e. “Waaqayyo nu fayyisi.” Waaqayyo immoo Museedhaan, sibiila boorrajjii irraa bofa hojjedhuutii muka itti ol fuudhii fannisi ittiin jedhe. Namni gara isaa ilaaluu hundinuu ni fayya ittiin jedhe. Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje godhee, hojii Waaqayyoo uummata gidduutti labse.
Namni dubbii isaatti amanee gara bofa sibiila diima isa fannifame ilaalee hundi fayyeera. Haaluma kanaan, nuyis hojii Seexanaattii fayyuun nu irra jira. Sabni Israa’el Musee dhaggeeffatee, gara bofa sibiila dhiimaa isa fannifamee yeroo ilaaletti fayyina argateera.
Bofti mukatti fannifame kun namni hundinuu firdii jala jiraachuu isaa fi cubbuun ilmaan namaa cuuphamuu Yesuusiin irraa fuudhamuu isaa fi fannoo irratti du’uu isaatti namni amanuu akka fayyu agarsiisa. Yesuus firdii ilmaan namaa hunda gara ofii isaatti fudhateera. Akkaata kanatti firdii ilmaan namaa irraa kaaseera.
Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee nama isa qoramsa seexanaatiin burjaaja’e kana hundumaa fayyiseera. Cubbuu keenya hundumaattii nu fayyisuudhaaf jedhee cuuphamee fannoo irratti du’uu dhaan warra isatti amanan hunda fayyiseera.
Akkuma Sabni Israa’el bara Kakuu Moofaa keessaa gara boofa sibiila diimaa ilaalee namni akka Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee gara fannoo dhaqe amanuu hundi cubbuu isaattii ni fayya.
Yesuus cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin cubbuu keenya hunda irraa bilisa nu godheera. Warri isatti amanan hundi eebba fayyina baraabaraa argataniiru.
“Ilma namaa isa Waaqa irraa gadi bu’e malee homtinuu gara Waaqaatti oli hin bane” (Yohaannis 3:13-15). Yesuus gatii cubbuu keenyaa cuuphee fi fannoo isaatiin kaffalee balabala waaqaa nuuf baneera. “Yesuus deebisee, karichi, dhugaan jireenyis. Ana anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu” (Yohaannis 14:6).
Yesuus cuuphaa fi fannoo isaatiin balabala Waaqaa waan nuuf baneef, namni isatti amanu hundinuu jireenya ni argata. Yesuus gatii cubbuu keenya baaseera waan ta’eef namni dhugaa bishaanii, dhiigaa fi Hafuurichatti amanu hundi mootummaa Waaqayyootti ni gala.
Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin nu fayyiseera. Namni cuuphamuu, du’a fi akka Yesuus Waaqayyo ta’e amanu lammaffaa ni dhalata.
“Akkuma Museen lafa Onaa irratti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol fuudhe, Ilmi namaas immoo akkasuma muka irraatti ol fuudhamuun ni ta’a” (Yohaannis 3:13-15). Luqeen kun maal jedhaa? Yesuus maaliif fannifamee? Akkuma keenya sababa cubbuu hojjeteefii? Akkuma keenya dadhabaa waan ta’eefii? Akkuma keenya hirruu waan ta’eefii? Lakki, inni akka keenya miti.
Egaa, inni maaliif fannifame ree? Fannifamuun isaa gatii cubbuu keenya kaffalee nu fayyisuudhaaf. Inni cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf cuuphamee iddoo keenya nuuf fannifameera.
Kun dhugaa fayyinaa, bishaanii fi Hafuuratti lammaffaa dhalachuu dha. Akka Yesuus karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin cubbuu isaanii akka irraa fuudhe amanan jireenya haaraa qabu.
 
 
Hiikaa Bishaanii fi Hafuuraa
 
Bishaanii fi Hafuura jechuun maal jechuu dhaa?
Bishaan jechuun cuuphamuu Yesuusii fi Hafuura Waaqayyoon ta’uu isaa ti.
 
Yeroo cuuphaa Yesuusii fi dhiiga fannoo isaatti amannu, akka lammaffaa dhalannu Macaafni Qulqulluun nutti dubbata. Ijoollee Waaqayyoo ta’uun, lammaffaa dhalachuun, karaa dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee jiruu, wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuudhaan ta’a.
Bu’uura Macaafa Qulqulluutiin, “bishaan” jechuun cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa (1 Pheexiros 3:21), “Hafuura” inni jedhu Yesuus Waaqayyo akka ta’e agarsiisa. Kun dhugaa lammaffaa dhalachuu, isa Yesuus gara biyya lafaa dhufuudhaan karaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin ba’aan cubbuu keenyaa nu irraa ka’e agarsiisa.
Inni cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee du’a fannoo isaatiin gatii cubbuu keenya nuu kaffale. Cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin, warra isatti amanan hunda ni fayyisa.
Cuuphamuu fi dhiigni Yesuus fayyina cubbuu keenyaa tiif akka ta’e agarsiisa. Warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan qofaatu mootummaa Waaqayyoo argee itti gala. Yesuus karaa cuuphaa bishaanii isaa, dhiiga isaa fi Hafuuraan nu fayyise. Kanatti ni amantaa?
Yesuus angafa lubaa isa cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf Waaqa irraa gad bu’ee dha. Inni cuuphamuu fi fannoo isaatti warra amananiif fayyisaa ta’e.
Yesuus Wangeela Yohannis 10:7 irratti akkana jedhee, “Ani karra hoolotaa ti.” Yesuus balbala waaqaa ti. Kan balbala nuuf banu eenyuu dha. Inni Yesuus Kiristoosii dha.
Inni warra osoo dhugaa wangeela hin hubatin itti amanuu barbaadan irraa yaada isaa ni deebisa. Inni warra cuuphamuu, dhiigaa fi Hafuuratti hin amanne akka isaan lammaffaa dhalatan hin godhu. Inni warra dubbii Macaafaa isa caafamee jirutti hin amanne, warra qulqullummaa fi Waaqummaa isaatti hin amanne irraa yaada isaa ni galagalcha.
Dhugaa Waaqayyoo isa akka Yesuus fooniin gara biyya lafaa dhufee cuuphamee, sababa cubbuu keenyaaf du’a fannoo fudhate bakka keenya akka firdii fudhatetti hin amanne ni ciigga’a. Akkuma barreeffamee jiru, “gatiin cubbuu dhaa du’a.”
Garuu warri eebba cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusitti amanan mootummaa Waaqayyootti ni galu. Kun wangeela dhugaa lammaffaa dahalchuu dha. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalchuu jechuun wangeela waaqa irraa ti. Warra wangeela kanatti amanan qofaatuu lammaffaa dhalachuu danda’a. Warri wangeela bishaanii fi hafuuraa kanaan lammaffaa dhalatan cubbuuttii bilisa ni ta’u.
Bara ammaa kanatti akkuma Niqoodemos, namoonni hedduun utuu dhugaa wangeelaa hin hbatin kan hafan hedduu dha. Namoonni akka Niqoodimos kun namoota attamii ti! Inni garuu wangeelaa dhugaa Yesuus irraa baree yeroo inni fannifames reeffa isaa hawwalchise. Inni isa dura iyyuu Yesuusitti amaneera.
Bara amma kanatti dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa kan hin beekne baayyee dha. Itti dabalees, dhugaa wangeela kana dhaga’uuf carraa argatanii kan itti hin amannes hedduu dha. Kun nama gaddisiisuu dha.
Yesuus akka hundi keenya lammaffaa dhalannu godheera. Maalatu akka nuyi lammaffaa dhalannu godhaa? Bishaan, dhiigaa fi Hafuura. Yesuus yeroo cuuphame cubbuu keenya gara isaatti fudhate. Sababa kanaaf fannoo irratti du’ee hawwaalamee du’aa ka’eera.
Inni nama hundumaafuu eebba lammaffaa dhalachuu nuuf kenneera. Yesuus fayyisaa isa akka nuyi lammaffaa dhalannu hodhuu dha. Yeroo hundumaa akka Yesuusii wajjin taatuuf Waaqayyoon kadhadhu.
Yohannis 3:16 akkana jedha, “Waaqayyo akkasitti Tokkicha Ilma isaa amma kennuufitti Biyya lafaa Jaallate; kunimmoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabatuuf malee, haa baduuf miti.” Yesuusitti amanudhaan jireenya barabaraa ni arganna. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan jireenya barabaraa ni arganna. Dhugaa fayyisuu wangeelaatti yoo ni amnna taane, Yesuusiin akka fayyisaa fi Waaqayyo keenyaatti ni simanna jechuu dha.
Garuu dhugaa wangeela kanaatti hin amannu yoo taane, barabaraan sii’ol keessatti darbatamna. Sababii kanaaf Yesuus akkana jedhee Niqoodimositti dubbate, “Erga ani waa’ee isa lafa irraa isinitti dubbadhee hin amantan ta’e, isa waaqa irraa attamitti amantu ree?”
Waaqayyo maal nuuf hojjete? Karaa Yesuus fayyinee akka nuyi lammaffaa dhalannu godhe. Yesuus cubbuu, Seexnaa fi biyya lafaattii nu fayyiseera. Firdii cubbuuttii nu fayyisuuf jecha, karaa cuuphamuu isaatii cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee sababii isaaf fannoo du’aa baatee du’ee du’aa ka’eera.
Fayyina argame kanatti amanuuf amanuu dhiisuun filannoo keenya. Fayyinni lammaffaa dhalachuu cuuphaa fi dhiiga Yesuus irraa amantii qabaachuudhaan ta’a.
Waaqayyo eebba gosa lama akka nuuf kenne ni dubbatama. Tokko eebba waliigalaa, karaa uumamaa nama hundumaaf kennamuu dha. Kun eebba waliigalaa jedhama sababiin isaa nama hundumaaf waan kennameef ta’a.
Egaa eebbii addaa maal? Eebbi addaa immoo bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalachuu dhaan cubbuuttii fayyina argachuu dha.
 
 
EEBBA ADDAA
 
Eebbi addaa Waaqayyo kennu maal?
Kun eebba Waaqayyo lammaffaa dhalachuu karaa cuuphaa, fannifamuu fi du’aa ka’uu isaatiin nuuf kennuu dha.
 
Yohaannis 3:16 irratti akka barreeffamee jirutti, “Waaqayyo akkasitti Tokkicha Ilma isaa amma kennuufitti, biyya lafaa Jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabatuuf malee, haa baduuf miti.” Kun eebaa addaa Waaqayyo kenne mul’isa: Yesuus Kiristoos cubbuu keenyattii nu qulleessuuf jedhee, cuuphamee fannoo baateera. Fayyinni Waaqayyo biyya lafaatiif kenne kun eebbaa fi mul’ata addaa ti.
Yesuus Kiristoos cubbuuttii nu fayyisee qajeelota nu gochuun isaa dubbii dhugaa fudhatamuun maluu dha. Dhugaa kanatti amanuudhaan eebba addaa Waaqayyo kenne fudhachuun ni dandaa’ama. Kana hundattii ni amantaa?
Akka fedhe amanamummaa qabaatee yoo jiraate iyyuu eebba addaa amantii keessaa argamu yoo amante malee ofumaa dhamaata.
Lammaffaa dhalachuun, cuuphamuu Yesuusii fi du’a isaa tiin akka ta’e yeroo hundumaa nan lallaba. Macaafni Qulqulluun lammaffaa dhalachuun “eebba addaa Waaqayyoo” akka ta’e cimsee ni dubbata. Wantoota Waaqayyo ilmaan namaatiif godhe keessaa fayyina cubbamootaa karaa cuuphaa fi fannoo Yesuusiin caalu hin jiru.
Cuuphaa fi fannoon Yesuus eebba addaa Waaqayyoo ti. Barsiisonni sobduun waa’ee kana waan tokko illee hin dubbatan. Barsiisonni sobaa kun uffannaa ergamootaa uffatanii hamilee kiristaanummaa fi namummaatiin warra adeemanii dha. Eeyye, kun dhugaa dha. Eebba addaa hin arganne taanaan, dinqii isaan hojjetan, dhukkubsataan fayyu hundi gatii hin qabu.
Eebba addaa Waaqayyoo tuu wangeela araaraa fida. Eebba addaa kanaan Waaqayyo lammaffaa nu dhalachiisa. Inni cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uu isaa tiin haaraa godhee nu dhalachiiseera. Inni ijoollee isaa warra cubbuuttii bilisa ba’an nu godheera.
Kanatti ni amantaa? —Eeyyee.— Dhuguma eebbifamteettaa? —Eeyyee.— Cuuphamuu fi dhiigni du’a fi du’aa ka’uun eebba Waaqayyo karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa nu kennuu dha. Kun eebba addaa ti. Karaa eebba addaa kana kan nu fayyise Waaqayyoof galanni haa ta’u.
Kiristaanonni bara kanaa eebba addaa Waaqayyo karaa wangeela cuuphaa, fannoo du’aa fi du’aa ka’uudhaan ilmaan namootaaf kenne wallaaluun isaanii baayyee nama gaddisiisa. Isaan jaamummaadhaan karaa barumsaa sirna hafuuraa fi hamilee gaaritiin eebba barbaadu. Isaan callistoota attamii ti!
Kiristaanummaan biyya lafaa keessa yeroo dheeraaf yoo ture iyyuu, barri haaromsa waldaa kiristaanaas gara jaarraa shanii ol yoo ta’e iyyuu, biyya Kooriyaas ta’e waldaan biyya addunyaa kanaa eebba addaa Waaqayyoo kana hin beekne hedduu dha.
Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo gara dhugaa kanaatti akka isaan fidu nan abdadha.
Namni cubbamaan lammaffaa dhalatee mootummaa Waaqayyootti akka galuuf wangeela bishaanii fi Hafuuraa dhaga’uu isaan barbaachisa. Garuu kiristaanonni hedduun yaalii cimaadhaan lammaffaa dhalchuu barbaadu.
Haa ta’u iyyuu malee, dhugaa lammaffaa dhalchuu osoo hin hubatin, yaalii isaan godhan gatii hin qabu. Mootummaa Waaqayyootti galuuf lammaffaa dhalchuu akka isaan barbaachisu baayyee dagatu.
Sababa ibiddi hafuuraa nu keessa jira waan ta’eef nuyi amanamoota ofiin jedhaniif lammaffaa waan dhalatan isaanitti fakkaata. Garuu yaada mataa ofiitiin lammaffaa dhalanneerra ofiin jechuun amantii dogoggoraa dha.
 
 
Dhalchuuttii Nu Geessu
 
Amantii fi of eeggannoon jiraachuun garaagarummaa maalii qabaa?
Amantiin waan Yesuus nu fayyisuuf hojjetetti amanuu yeroo ta’u of eeggannoon jiraachuun immoo yaadaa fi hojii ofii irratti hundaa’uu dha.
 
Ergaa Yohannis isa 1ffaa 5:4-8 irratti akkuma barreeffamee jiru, lammaffaa dhalachuun bishaan, dhiigaa fi Hafuuraan akka ta’e ifatti ni ibsa. Lammaffaa dhalachuu ni barbaanna yoo ta’e, dhugaa sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jiruun akka ta’e beekuun nu irra jira. Mul’ata arguun, afaan haaraatiin dubbachuun, muuxannoon sochiin Hafuuraa gara lammaffaa dhalchuutti nu hin geessu.
Yohannis boqonnaa 3 bishaanii fi Hafuurattii dhalachuudhaa baannaan mootummaa Waaqayyootti akka hin galle ni dubbata. Namni lammaffaa dhalachuu barbaadu sirriitti Yesuusitti amanuu tu isa irra jira. Jalqabatti namni baayyee of eeggannoodhaan cubbuu isaa hubatee waan Yesuusitti amanu fakkaata. Namni jalqaba yeroo Yesuusitti amanu, seera Waaqayyoo tiin cubbamaa dhibamaa akka ta’e ni hubata.
Yesuusitti yeroo amannu karaa nama baayyee of eeggatu (religious) nama ta’een ta’uu hin malu. Kiristaanummaan of eeggannoo amantiifi jireenyaa miti. Amantiin karaa jireenya barabaraa ittiin argatanii dha.
Namni of eeggadheen jireenyatti gala jedhee yaadu, guyyaa dhumaatti harka duwwaatti hafa. Lapheen nama akkanaa cubbuu fi dukkanaan kan guutee dha. Kun dhugaa mitii ree? Akkuma of tuultota warra Macaafa Qulqulluu keessaa harka duwwaatti hafuun nu irra hin jiru.
Kiristaanni hundinuu nama lammaffaa dhalate ta’uu barbaada. Haa ta’uu iyyuu malee, kiristaanummaan jireenya of eeggannoodhaan fayyina kan argatanitti warri yaadan jireenya baraabaraa malee hafu. Dhugaa lammaffaa dhalchuu beekuun nu irra jira.
Namni kiristaanummaan akka nama of eeggate fayyuutti itti amanu hundinuu badiisaa fi qophaa’aa jiru. Namni tokko Yesuusitti amanee lammaffaa hindhalanne yoo ta’e dogoggora keessa jira. Namni akkanaa sobduu waan ta’uuf, humna isaatiin Waaqayyoo fi nama duratti qullaa’aa ta’uu barbaada.
Kiristaanummaa akka amantii biyya lafaa (religion) tokkootti namni ilaalu, cubbamaa, oftuulaa, fi yakkamaa ta’ee hafa. Cubbuu keettii fayyuu yoo barbaadde, dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee jiru wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuutu irra jira.
 
 
Dhoksaa Fayyina Cuuphamuu Yesuus Keessa Jiru
 
Akka nuyi lammaffaa dhalannu kan godhu maalii?
Cuuphamuu, du’aa fannoo fi du’aa ka’uu Yesuusii dha.
 
Macaafni Qulqulluun namni lammaffaa dhalatu karaa dubbii Waaqayyoo isa hin jijjiiramnee akka ta’e ni dubbata. Ergamaan Pheexiros ergaa isaa isa tokkoffaa 3:21 akkana jedha. “Cuuphaan fakkeenya isa isin amma ittiin ooltanii dha.”
Macaafa Qulqulluu keessatti, cuuphaan Yesuus fakkeenya fayyina keenyaa ti. Namni Yesuustiitti amanu hundi waa’ee cuuphamuu isaatii osoo hin taane, waa’ee cuuphamuu Yesuusiin beekuu qaba. Cuuphaan Yesuus cubbamootaaf jireenya haaraa kenna. Yoo itti amante lammaffaa dhalattee eebba fayyina isaa ni argata.
Fayyina cuuphamuu Yesuus keessaa argamu yeroo hubannu fayyinee qajeelaa taanee jireenya baraabaraa argachuu dandeenya. Jecha biraatiin, fayyina dhugaa karaa sagalee Waaqayyoo argamutti yeroo amannu, barabaraan cubbuuttii ni fayyina.
Lammaffaa dhalachuu jechuun si’a lammaffaa dhalchuu jechuu dha. Namoonni Yesuusitti amanu akkuma amantii biyya lafaa tokkotti ni ilaalu, garuu yeroo amantii dhugaa irra ga’an lammaffaa dhalachuu ni danda’u. “Inni saba isaa cubbuu isaanittii isaan ni fayyisa” (Maatewos 1:21).
Wanta Yesuus ilmaan namootaaf godhetti yeroo amannu, cubbuuttii qulloofnee lammaffaa dhalachuudhaan saba mallatteeffame ni taana. Jalqabatti Yesuusitti amanuu akkuma amantii biyya lafaatti lakkoofnee jirra yoo taane illee, keessuma teenyee wangeela cuuphaa Yesuusii fi dhiiga isaa dhaga’uudhaan lammaffaa dhalachuu ni dandeenya.
Dhugaan lammaffaa nama dhalachiisu maali? Jalqabatti, cuuphamuu Yesuus yeroo ta’u, itti fufee immoo fannoo irratti dhiiga dhangala’e, inni dhumaa immoo du’aa ka’uu Yesuusii dha. Lammaffaa dhalachuu jechuun, Yesuus Kiristoos Waaqa dhugaa fi fayyisaa keenya akka ta’e amanuu dha. Bara kakuu moofaa keessa akkaata lammaffaa dhalachuu mee haa ilaallu.
 
 
Bara Kakuu Moofaa Keessa Gatii Cubbuuf Kaffalamu: Harka Irra Kaa’uu fi Aarsaa Dhiigaa
 
Bara Kakuu Moofaa keessa wangeelli lammaffaa dhalachuu maalii? Seera Leewota boqonnaa tokkoffaa laallee, waa’ee lammaffaa dhalachuu haa caqasnu.
Leewwoota 1:1-5, “Waaqayyo Musee waamee, dunkaana isa waaqayyo duratti itti wal ga’an keessaa isatti ni dubbate; Inni, “Namoota Israa’eliin, ‘Namni isaan keessaa ani waaqayyoof kennaa yummuun dhi’eessu karra saawwaa keessaa ykn karra Bushaayee keessaa haa dhi’eessu! jedhi! Kennaan isaa kun karra Saawwaa keessaa qalma gubatuuf kennama yoo ta’e, dibicha mudaa hin qabne haata’u! Ana Waaqayyo duratti fudhatamaa akka inni ta’uufitti Namich Balbala dunkaana itti wal ga’an sana Duratti haadhi’eessu. Inni harka isaa mataa horii qalma gubamuuf dhi’aate sana irra haa kaa’u, Araara isaaf buusuu dhaafis fuula koo durattifudha tama ni ta’aaf. Dibichichas fuula koo duratti haa gorra’u! ilmaan Aaron warri lubootni dhiigicha dhi’eessanii, iddoo aarsaa balbala dukkaana itti wal ga’an sanatti naannessanii haa facaasan.’”
Leewwota keessatti sabni Israa’el attamitti sirna aarsaa tiin lammaffaa dhalatanii Waaqayyo wajjin walitti hidhaman ilaalla. Dhugaa kana hubachuun nu irraa eegama. Egaa kottaa sagalee kana ni ilaalla.
Waaqayyo Musee waamee dunkaana itti walga’anii keessan itti dubbachaa ture. Innis waa’ee araara cubbuu isaanii ti. Sabni Israa’el yeroo cubbuu seera irra daddarbuu hojjetu, aarsaa horii muda hin qabnee Waaqayyo duratti dhi’eessuudhaan araara cubbuu argatu.
Horiin aarsaa dhihatu kun muda kan hin qabne fi kan Waaqayyoof adda ba’e ta’uu qabu. Akkaata qajeelfama Waaqayyo kennettis dhi’aachuu qabu. Akkaataan sirna aarsichaas akka armaan gaditti caqafameera.
Bara Kakuu Moofaa keessa namni tokko yoo cubbuu hojjete, Waaqayyoon duratti aarsaa dhi’eessuu qaba. Duraan dursa, horiin aarsaa sun muda kan hin qabne ta’uu qaba, achumaan cubbamaan sun cubbuu isaa itti dabarsuudhaaf harka isaa irraa kaa’uu qaba.
Erga qalamee booda, dhiigni horii sanaa mataa iddoo aarsaatti dhangala’uu qaba, inni irraa hafe immoo lafatti dhangalauu qaba. Kun sirna dunkaana eebba fayyinaa Waaqayyo kennuu dha.
Seeronni kun keeyyata 613 qabu, isaanis “kana godhi” ykan immoo “kana hin qodhin” kan jedhu haammatee jira. Waaqayyo seerotaa fi abboommiin isaa saba isaatiif kenne. Sabni Waaqayyoo seeraa fi abboommiin isaaniif kenname kun gaarii ta’uu isaa yoo amane iyyuu, sababa cubbuu gosa 12 isa Addaami irraa dhaalannii wajjin dhalataniif seericha eeguu hin dandeenye.
Kanaafuu, Waaqayyoon duratti mirga waan gaarii gochuu dhabaniru. Israa’elonni qajeelummaa isaanis ni dhaban. Cubbuu kana irraa of eeggachuu yoo yaalii godhani iyyuu, hojjechuu irraa kan hafe kan biraa waa gochuu hin dandaa’an. Carraan namaa cubbamaa ta’uu fi du’a ta’e.
Haa ta’u iyyuu malee, araara isaa isa dhuma hin qabneen, sirna aarsaatiin araara cubbuu kennuu fedheera. Inni aarsaa dunkaana qulqullaa’aa qopheessuudhaan akka sabni Israa’el cubbuu isaaniittii fayyan godheera. Jaalala isaa isa qajeelummaa isaa karaa sirna aarsaa kana dhi’eesseera. Inni karaa fayyinaa biyya lafaatiif kenneera.
Waaqayyo sirna aarsaa kaa’ee luboota warra geggeessanis itti ramadera. Gosa kudhalamaan saba Israa’el keessaa gosi Leewwii hojii aarsaatiif kan ramadamanii dha.
Musee fi Aroon mana Leewwii keessaa ti. Macaafni Qulqulluun seerotaa fi sirna araaraa dunkaana qulqullaa’aa fi sirna harka irra kaa’uu ni dubbata.
Kanaafuu, sirna aarsaa kana sirriitti yeroo hubannu lammaffaa ni dhalanna. Sababii kanaaf waa’ee sirna godoo qulqullaa’aa qorachuu qabna. Kun bara Kakuu Moofaa keessatti baayyee kan barbaadamuu dha. Gara Kakuu Haaraatti yeroo deebinu immoo, eebba lammaffaa dhalachuu karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa ni argina.
 
 
Araara Cubbuu Bara Kakuu Moofaa
 
Waaqayyo amaloota attamii qaba?
Haqaa fi Jaalal.
 
Waaqayyo Musee fi Aaroon obboleessa isaa mana Leewwii keessaa hojii qulqullaa’aa dunkaana itti walga’aniif waamee hojii itti kenne. Hojiin Aaron cubbuu saba Israa’eliin gara horii aarsaa sababa cubbuutiif dhihaateetti dabarsuu dha.
Leewwoota 1:2 keessatti Waaqayyoo akka armaan gadiitti dubbateera, “Waaqayyo Musee waamee, dunkaana isa waaqayyo duratti itti wal ga’an keessaa isatti ni dubbate; Inni, Namoota Israa’eliin, ‘Namni isaan keessaa ani waaqayyoof kennaa yummuun dhi’eessu karra saawwaa keessaa ykn karra bushaayee keessaa haa dhi’eessu! jedhi!’” Waaqayyo aarsaa addaa utuu inni kaa’uu arqina. Namni dhiifama cubbuu isaatii barbaadu sangaa ykn hoolaa ykn horii kan biraa aarsaa godhee dhi’eessuu qaba.
Waaqayyo Musee waamee, “dunkaana isa waaqayyo duratti itti wal ga’an keessaa isatti ni dubbate; Inni, Namoota Israa’eliin, Namni isaan keessaa ani waaqayyoof kennaa yummuun dhi’eessu karra saawwaa keessaa ykn karra Bushaayee keessaa haa dhi’eessu” (Leewwoota 1:1-3).
Aarsaan kun namoota cubbuu isaanitiin du’uu qaban ni oolcha. Israa’elonni, harka isaanii mataa horii qalmaaf dhihate irra kaa’uudhaan cubbuu isaanii itti dabarsanii birmaduu ta’u. Namni horii aarsaa dhi’eessu sun fedha isaa tiin dhi’eessuu tu irraa eegama. Lakkoobsi 4ffaan maal akka ta’e haa ilaallu.
“Inni harka isaa mataa horii qalma gubamuuf dhi’aate sana irra haa kaa’u, araara isaaf buusuu dhaafis fuula koo durattifudha tama ni ta’aaf.” Akkaataa kanatti aarsichi Waaqayyoon duratti fudhatama argata. Cubbamaan sun yeoo harka isaa horii aarsaaf dhihatu irra kaa’uu, cubbuun isaa gara horichaatti ni darba. Sababa kanaaf araara akka argatuuf Waaqayyoon duratti cubbamaan sun harka isaa mataa aarsichaa irraa kaa’uu qaba.
Horichis qalamee dhiigni isa iddoo aarsaatti facaafamee inni irraa hafe immoo lafatti gadi dhangala’uu qaba. Gatii cubbuu isaattii kaffalatee birmaduu ta’uuf akka seera Waaqayyootti aarsaa sababa cubbuu tiif dhihatu dhi’eessuu qabu.
Seera Lewwootaa 1:5 keessatti, “Ilmaan Aaron Warri lubootni dhiigicha dhi’eessanii, iddoo aarsaa balbala dunkaanaatti wal ga’an sanatti naannessanii haa facaasan” jedhamee barreeffamee jira. Dunkaana qulqulla’aa keessa kutaa iddoo aarsaa golee arfan isaa irraa gaanfa qabutu jira.
Cubbamaan sun harka isaa mataa horii aarsaaf dhihate irra kaa’ee, cubbuu isaa itti dabarsee erga gorra’ee booda dhiiga horii sana gaanfa arfan golee iddoo aarsaa irratti facaasa. Gaanfii sun, firdii cubbuu agarsiisa. Dhiigi achi irratti dhangaluu sun gatii firdii cubbuu tiif dhiigni gatii cubbuutiif akka kaffalame agarsiisa. Haala kanaan Waaqayyo yeroo iddoo dhiiga isanaa ilaaluutti cubbamaa sanaaf araara godha.
Haarsaan sababa cubbuutiif dhihatu maaliif dhiiguu qabaa? “Sababiin isaa gatiin cubbuu du’a waan ta’eef” (Roomaas 6:23) akkasumas, lubbuun foon keessa waan jiraataniif. Ergaa gara Ibrootaa keessattis, “Utuu dhiigni hin dhangalain dhiifamni cubbuu hin jiru” jedha (Ibroota 9:22). Dhiigni sababii cubbuutiif dhangalale kun seera Waaqayyoo cubbamaa irraa barbaadu, inni gatii cubbuu isa du’a ta’e raawwata jechuu dha.
Kallattii hundumaatiin, dhiigni dhangaluu kun cubbamaa irraa dhufee, araara cubbuu isaatiif kan dhihate ta’uu qaba. Lubni dhiiga sana fuudha gaanfa golee arfan iddoo aarsaa irratti facaasuun isaa gatiin cubbuu akka kafalame mirkaneessa.
Mul’ata 20:11-15 yoo dubbifattan, gaanfii sun Kitaaba Firdii agarsiisa. Kanaafuu, dhiiga gaanfa sana irratti facaasuun, dhiigicha Kitaaba Firdii irra kaa’amuu agarsiisa. Egaan harka irra kaa’uu fi gorra’amuun aarsaa sanaa gatiin firdii cubbuu kaffalamuu isaa agarsiisa.
 
 
Cubbuun Bakka Lamatti Galmaa’ee Jira
 
Cubbuun nama lafa irraa hundi bakka lamatti galmaa’ee jira. Inni tokkoffaan gabatee laphee isaanii irratti yeroo ta’u, inni kan biraa immoo kitaaba firdii Waaqayyo irratti.
Ermiyaas 17:1 akkana jedha, “Waaqayyo, Cubbuun saba Yihudaa bir’ii sibiilaatiin, arfii dhagaa almaazitiinis gabatee garaa isaanii fi gaafa iddowwan aarsaa isaanii irratti caqafameera.”
Lewwota 17:11 irratti akkana jedha, “Jireenyi foon qabeessaa dhiiga isaa keessa jira.” Dhiigni jireenya foon qabeessaa ti, kanaafuu gatiin cubbuu waan lubbuu qabuu dhigaan ta’uu qaba. Kanaafuu dhiiga gaanfa iddoo aarsaa irratti facaafamuu qaba. Akkaata seerichaatti, waanti hundinuu dhiigaan ni qulleeffama jechuun ni dandaa’ama, dhiigni utuu hin dhangalaafamin immoo dhiifamni cubbuu hin jiru (Ibroota 9:22).
“Namichi immoo qalma gubamuuf dhihaate kana gogaa irraa baasee, bu’aa-bu’aa isaatti haa kukkutu. Ilmaan Aaron warri foonicha bu’aa-bu’aa isaatti haa kukkutan, mataa isaa, morma isaa ibida qoraan itti namme irra tarree galachanii haa kaa’an. Mi’aa garaa isaa fi manyiwwan isaa garuu namichi bihshaaniin haa miiccu. Lubichi immoo guutummaa isaa iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu; kun ana Waaqayyoof qalma gubamu foolii garaa ciibsuu isa ibiddaan gubamee dhihatuu dha” (Lewwoota 1:6-9).
Achumaan luboonni aarsaa gubamu sana kukutanii ibidda iddoo aarsaatti naqu. Kana jechuun cubbamaan tokko gatii cubbuu isaatiif du’ee ergasii booddee gara firdii ibiddaa dhaqa jechuu dha. Aarsaan gubamu kun bakka firdii cubbamaa ta’ee dhihata.
Sirni aarsaa gubamu kun akka seera Waaqayyootti firdii qajeelaa dha. Waaqayyo akka seera isaa fi seera qajeelinaa fi seera jaalala araara isaa ilmaan namaa agarsiisa.
Sababa Waaqayyo qajeelaa ta’eef, cubbuu irratti firdii kennuu qaba. Garuu immoo sababa Waaqayyo saba isaa jaallatuuf, cubbuun isaanii gara horii aarsaaf dhihatuutti akka darbu godheera. Bara kakuu Haaraa keessatti Waaqayyo guutummaa jaalala isaa Yesuusiin mullisee innis yeroo dhufee cuuphamuu isaatiin bakka bakka aarsaa cubbuu ilmaan namaa ta’eera. Cuuphaa fi dhiigni Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda irraa kaaseera.
 
 
Guyyaa Araaraa Bara Kakuu Moofaa Keessaa
 
Aarsaan mudaa hin qabne bara Kakuu Moofaa keessaa eenyutti fakkeefamaa?
Yesuus Kiristoos.
 
Seera Lewwoota 4:27 haa dubbifannu. “Saba biyya sanaa keessaa namni tokko utuu hin beekin Abboommota koo keessaa tokko irra iyyuu darbee, waan gochuun isaaf hin taane, Godhee yoo yakke, cubbuun inni Hojjete yummuu isatti beeksifamu Cubbuu isa Hojjete sanaaf, Reettii dhaltuu Mudaa hin qabne Haarsaa Haa dhi’eessu! Harka isaa Mataa Reettii aarsaa sababii cubbuutiif dhihaate sana irra haa kaa’u; aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu, kana iddoo itti qalmi gubamu qalamuutti haa gorra’u! Lubichi dhiiga Reettii sana irraa quba isaatiin fuudhee, Gaanfota iddoo aarsaa isa qalmi irratti gubamutti haa dibu! Dhiiga isa afe hundumaa immoo miilloo iddoo Aarsaa sana irratti haa dhangalaasu! Akkuma moorri aarsaa qalma araaraaf dhi’aate sanaa ba’etti, moora ishee haa baasu! Lubich aarsaa urgaa’aan fooliin isaa gara ciibsu godhee iddoo aarsaa irratti Ana Waaqayyoof gubee haa aarsu; akkasitti lubichi isaaf haa aarsu! Namichaafis Cubbuun isaa ni dhiifama” (Lewwoota 4:27-31).
Sanyiin Addaam Ijoolleen Israa’eelonni, sabni biyya lafaa hundinuu cubbamaa ta’anii dhalataniiru. Gosti cubbuu hundinuu laphee isaanii keessa guutee jira: yaada hamaa, ejja. Alalummaa, ajjeechaa, anna, hawwii fi gommummaa dha.
Cubbamaan tokko cubbuu isaattii araara argachuu yoo barbaade horii muda hin qabne dunkaana qulqullaa’aa biratti geessuu qaba. Cubbuu isaa itti dabarsuuf harka isaa irra kaa’ee cubbuu isaa itti dabarsee, erga qalee booda lubni dhiiga sana fuudhee iddoo aarsaatti facaassa. Lubichi sirna aarsaa kana geggeessuun isaa cubbamaan sun cubbuu isaattii akka fayyuufi.
Abboommii fi seera Waaqayyoon ala, namni cubbuu hojjechuu isaa iyyuu hin beeku. Karaa abboommii fi seera Waaqayyoo yeroo of ilaallu, cubbuu keenya hubanna. Firdiin akka cubbuu yaada keenyaatti osoo hin taanee akka seeraa fi abboommi Waaqayyootti faradama.
Sabni Israa’el kan yakka hojjetaniif sababa yakka hojjechuu jaalataniif osoo hin taane, sababa cubbuu hundumaan guutamanii dhalatniifi. Sababii dadhabbii isaatiif cubbuu namni hojjetu irra-daddarba jedhama. Cubbuun irra daddarbaa fi yakka hundumaa qaba.
Namni hundinuu hir’uu dha. Sabni Israa’el hundinuu hir’uu waan ta’aniif cubbuu hojjetaniiru. Irra-daddarbaa fi yakki ilmaan namaa hundi akka armaan gadiitti ni qoodama. Yaada hamaa yeroo of keessaa qabaannu, cubbuu jedhama, yeroo isa bakkaan geenyu immoo irra-daddarbaa jedhama. Cubbuun biyya lafaa hundinuus kana keessatti ni hammata.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, harka irra kaa’uudhaan cubbamaan cubbuu isaa gara horii aarsaaf dhihatuutti dabarsa. Yeroo sanaa eegalee, cubbamaan sun cubbuu isaatti birmaduu waan ta’uuf sababa cubbuu isaatiif duutii itti hin dhufu. Sirni aarsaa sun gaaddidduu firdii fi jaalal Waaqayyoo ti.
Sababa Waaqayyo biyyoo lafaattii nu uumeef, jalqabatti hawwaarattii uumamne. Gaanfa iddoo aarsaatti, dhiiga facaasuu fi dhiiga isa irraa hafee iddoo aarsaa jalatti dhangalaasuun gatiin cubbuu saba Israa’el akka kaffalamee fi gabatee laphee isaaniittii cubbuun akka qullaa’e agarsiisa.
“Lubich aarsaa urgaa’aan fooliin isaa garaa ciibsu godhee iddoo aarsaa irratti ana Waaqayyoof gubee haa aarsu.” Karaa biraa Macaafa Qulqulluu jechuun Hafuura Qulqulluu jechuu dha. Kanaafuu, cubbuu keenyaaf araara argachuudhaaf, akkaataa Waaqayyo kaa’etti hojjechuu qaba. Karaa Waaqayyo cubbuu keenyaaf araara kennus beekuu qabna.
Aarsaan sababa cubbuu tiif dhihatu, hoolaa, Reettii, dibicha akka ta’ee Waaqayyo saba Israa’el itti dubbateera. Bara Kakuu Moofaa keessatti horiin aarsaaf ta’u dursamee adda ba’eera. Dibichi horii qulqullaa’aa dha. Aarsaan sababa cubbuutiif dhihatu muda kan hin qabne ta’uunisaa Yesuus Kiristoos Hafuura Qulqulluun dhalatee cubbuu ilmaan namootaaf akka aarsa of godhe agarsiisa.
Sabni bara Kakuu Moofaa cubbuu isaaniif horii muda hin qabne dhiheessanii araara argachaa turan. Lubni aarsaa sababa cubbuuf kafalamu ni dhi’eessa. Kun egaa akkaata araara cubbuu bara Kakuu Moofaa ti.
 
 
Sirna Guyyaa Araaraa
 
Guyyaa Araaraatti Sabni Israa’el maaliif aarsaa dhi’eessuu?
Cubbuu dhaabuu waan hin dandeenyeefaarsaan guyyaa-guyyaatti dhihatu Waaqayyoon garaa ciibsuu waan dadhabeef.
 
Yeroo cubbuu godhan hundumaatti, aarsaa dhi’essuun yoo irraa eegame iyyuu kan gochuu hin danda’an turan. Suuta —suuta immoo, dagachuuttis ka’an. Cubbuu isaaniitiif aarsaa dhi’essuun hojjii dhuma hin qabne waan ta’eef, altakkaa aarsaa dhi’eessuun yaada isaanii keessa jira.
Yaalii hedduu yoo goone iyyuu, cubbuu keenyaaf aarsaa ga’aa dhi’eessuu hin dandeenye. Kanaafuu gatii cubbuu keenya hundaaf seera fayyinaa Waaqayyoo nuuf qoheessetti amanuu qabna.
Sababii dadhabbii keenyaatiif, akka seera Waaqayyootti jiraachuuf yaalii nuyi goonu, caalaatti hir’uu ta’uu keenya nu agarsiisa. Kanaafuu Waaqayyoo guyyaa araara Waggaa guyyaa cubbuun isaanii waggaa guutummaatti isaan irraa aqamu kaa’e (Lewwota 16:17-22).
Macaafa Lewwotaa keessatti akka armaan gadiitti barreefamee jira, “Kanatti fufee kan jiru, seerata barabaraa isiniif haa ta’u; Ji’a torbaffaatti, ji’icha keessaa guyyaa kurnaffaatti isin warri dhaloota biyyaa, warri galaan isini gidduu jiraatanis soomuudhaan, gadi-of deebisaaa, gaafas hojii tokko illee hin hojjetinaa. Guyyaa kanattis isin qulleessuudhaaf araarri isiniif ni buufama; Isin ana Waaqayyo duratti cubbuu keessan hundumaatti ni qullooftu. Kunis isiniif guyyaa sanabtaa isa itti aara galfattanii dha; Kanaafis gaafas soomuudhaan gad of deebisaa. Kunis seerrata barbaraa ti (Lewwota 16:29-31).
Kanaafuu sabni Israa’el waggaatti si’a tokko guyyaa araaratti guyyaa kurnaffaa, ji’a torbaffaatti yeroo angafni lubaa sirna araaraa geggeessuuf sammuun isaanii nagaa argata. Yeroo cubbuun isaanii irra dhiqamu, sammuun isaanii nagaa argata.
Ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti, Aaron angafni lubaa, bakka bu’an saba Israa’el, sina araara waggaa kana ni hojjeta. Yeroo sanatti luboonni warri kaan iddoo qulqullaa’aa kanatti hin seenan. Duraan dursee sirna aarsaa cubbuu ofii isaatii fi kan mana isaa tii dhi’eessee ergasii booddee immoo sirna aarsaa cubbuu kan saba Israa’elii fi kan mana isaattii ni dhi’eessa.
“Tajaajilaan sun akka kanatti aarsaa ni dhi’eessa. Ana booddee immoo Korbeeyyii Reettii sanaa lamaan fuudhee balbala dunkaana Walga’iitti ana Waaqayyoo dura haa dhaabu! Korbeeyyii sana lamaan irraatti mukti lama haa buufamu! Mukti inni tokko kan irra bu’e ana Waaqayyoof mukti inni kaan kan irra bu’e immoo gad dhiifamuudhaaf haa ta’u! inni korbeessa isa mukti inni ka nana waaqayyo irra bu’e sana fidee aarsaa sababii cubbutiif dhi’aatu haa godhu! Korbeessi inni akka gad dhiifamuuf mukti irra bu’e immoo ittiin araara buusuudhaaf ana waaqayyo duratti dhi’eeffamee, gara lafa onaatti gad haa dhiifamuu” (Lewwoota 16:7-10).
Sirna araara cubbuu kana ofii isaa fi mana isaatii erga hojjetee booda, Aaron, “Reettii lamaaniif carraa ni buusa.” Carraan tokko Gooftaadhaaf inni tokko immoo lafa onaatti gadi haa lakkifamuuf, Jalqaba Reettota warra lamaanii keessaa inni tokko Gooftaadhaaf dhi’ata. Iddoo kanatti angfni lubaa sun cubbuu saba Israa’eliin kan waggaa guutuu, gara reettichaatti dabarsuudhaaf harka isaa mataa reetichaa irra ni kaa’a.
Dhiigni sun fuudhamee iddoo qulqulluu qullootaa bakka teessoo araaraatti si’a torba ni facaafama. Waggaa sana keessaa cubbuun saba Israa’el hundinuu irraa fuudhama. Iddoo sabni Israa’el cubbuu isaatiin badu, Aaron angafni lubaa cubbuu isaanii fuudhee gara horii aarsaaf dhihateetti dabarsee firdii isaani oolcha jechuu dha. Inni reettii isa tokko achumatti Waaqayyoon duratti aarsaa dhi’eessa. Kun egaa saba Israa’el hundumaaf aarsaa kan ta’uu dha.
 
 
Saba Sanaaf
 
Aaron reettii isa lammafaa irra harka isaa ka’ee Waaqayyo duratti akkana ni jedha. “Yaa gooftaa, Sabni Israa’el ajjeeseera, ejjeera, ateera, waan hamaa awweera, gowwoomseera, waaqa tolfamaa waaqesseera. Guyyaa sanbataa hin qulqulleesine, akkasumaan maqaa kee waamaniiru, tokkoon-tokkoon isaaniii seeraa fi abboommota kee cabsaniiru.” Erga kana jedhee booda harka isaa irraa ni fuudha. Cubbuun saba Israa’el kan waggaa sanaa hundi gara horii isa aarsaa ta’ee dhihateetti ni darba.
Lewwoota 16:21 akkana ni jedha. “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sana irra kaa’ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksisee, mataa Korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jiruutti kennee lafa onaa keessatti gad-akka dhiisu ni godha.” Reettiin inni iddoo onaatti gad dhiifamu bara isaa guutuu cubbuu saba Israa’eliin baatee utuu jooruu ni du’a. Reettiin inni lubbuutti gad dhiifamu afaan Ibirootaan, “Azazel” akkana jechuun kan bakkeetti agarsiifamu jechuu dha. Aarsaan sababa cubbuutiif dhihatu Waaqayyoon duratti gad dhiifama jechuu dha.
Haala harka irra kaa’uu Aaroniin cubbuun saba Israa’el hundi gara reettii isa iddoo onaatti gad dhiifameetti ni darba. Yeroo kanatti cubbuun saba Israa’el ni dhiifamaaf. Angafni lubaa sun harka isaa mataa reettichaa irra kaa’ee yeroo inni iddoo onaatti akka inni gad dhiifamu godhu sabni Israa’el cubbuu isaattii hiikamuu isaa ni mirkaneffata. Sirni aarsaa bara Kakuu Moofaa gaaddidduu, “lammaffaa Dhalachuu” bara Kakuu Haaraa ti.
Bara Kakuu Moofaa keessatti harka irra kaa’uu fi dhiigni aarsaa horii saba cubbuu dhihatu wangeela fayyinaa ti. Bu’uurri isaa isa bara Kakuu Haaraa wajjin tokko.
 
 
Wangeela Fayyinaa Bara Kakuu Haaraa
 
Bara Kakuu Haaraa keessa cubbuun nama hundaa attamitti dhiifamaa?
Maatewos 1:21-25, “Isheen ilma ni deessi atsi maqaa isaa Yesuus jette ni mogaafta, inni ofii isaa saba isaa cubbuu isaaniittii ni fayyisa jedheen. Kun hundinuu inni Waaqayyo Gooftaan afaan Raajichaatiin dubbate akka raawwatuuf ta’e, Inni kunoo durbi ni deessi maqaa isaas ‘Amaanu’eel jedhanii ni moggaasu’; ‘Amaanu’eel’ jechuun Waaqayyo nuu wajjin jira jechuu dha. Yooseef irribaa dammaqee akkuma Ergamaan Gooftaa isa abboometti kaadhimaa isaa of biratti ni fudhate. Haata’u iyyuu malee, Inni amma isheen Ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo Yesuus jedhee ni moggaase.”
Yesuus maqaa Amaanu’eliin gara biyya lafaa dhufe ilmaan namaa fayyise. Kanaafuu inni Yesuusiin jedhameera. Yesuus cubbuu ilmaan namaa irraa fuuchuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Inni foon nama uffatee fayyisaa ilmaan namaa ta’ee mul’ate. Inni cubbuu keenyattii nu qulleessee fayyina keenya bakkaan ga’e.
 
 
Wangeela Lammaffaa Dhalachuu
 
Yesuus attamitti cubbuu keenya hundumaattii nu qulleessaa? Yesuus cuuphaa isaa tiin nu fayyise. Kottaa mee wangeela Maatewos 3:13 ni ilaalla.
“Yesuus yummus Yohaannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa gara Yordaanositti isa bira ni dhufe. Yohaannis garuu ‘siin cuuphamuun naaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?’ jedhee jabeesse isa ittise Yesuus immoo deebisee ‘Waaqayyo duratti waan qajeela ta’e hundumaa Raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi’ ittiin jennaan kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee akkuma ba’een kunoo bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] ni banaman; achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra buufachuu isaa ni arge. Kunoo sagaleen immoo ‘Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha. Gammachuun koos isatti ni raawwatama’ jedhee waaqa irraa dubbate” (Maatewos 3:13-17).
Bara Kakuu Moofaa keessa, yeroo Yesuus waggaa 30 ta’etti, laga Yordaanositti gara Yohannis cuuphaa dhufe. Inni Yohannisiin cuuphamuudhaan cubbuu keenya hunda nu irraa fuudhe. Inni kana gochuudhaan ilmaan namaaf Waaqayyoon duratti hojii qajeelaa hojjete.
 
 
Yesuus Laga Yordaanositti Maaliif Cuuphame
 
Wangeela keessa maaltu jira?
Qajeelummaa Waaqayyoo.
 
Kottaa mee yeroo angafni Lubaa inni waaqa irraa ilmaan namaa quunname, wanta inni hojjete ni ilaalla. Egaa cuuphamuun Yesuus cubbuu ilmaan namaa hundaaf araara argamsiisuudhaan akkan inni qajeelummaa Waaqayyoo fide ilaalla.
Yohaannis cuuphaan, inni Yesuusiin cuuphe, nama dubartii irraa dhalate keessaa nama guddaa akka ta’ee macaafni qulqulluun ni kaa’a. Yesuus jecha kana wangeela Maatewos 11:11 keessatti, dubbateera, “Dhuguman isiniin jedha, nama ta’ee dubartii irraa kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caalu akka hin kaane, garuu mootummaa Waaqayyootti namni inni hunduma irra xinnaatu iyyuu isa irra ni caala.” Akkuma guyyaa araaraa angafni lubaa harka isaa mataa horii isaa aarsa sababa cubbuutif dhihatee irra kaa’ee cubbuun saba Israa’el irraa ka’u, bara Kakuu Haaraatti immoo yeroo Yesuus Yohannis cuuphaadhaan cuuphame cubbuun biyya lafaa irraa ni ka’a.
Wangeelli lammaffaa dhalachuu guutumaa araara cubbuu ti. Kanaafuu wangeelli fayyina cuuphamuu Yesuus qajeelummaa waaqa irraa gad bu’e, nama biyya lafaa hundumaa fayyisee dha. Yesuus karaa sirriitti cubbuun biyya lafaa irraa fuudhamuun cuuphame.
Akkana jechuun Waaqayyo karaa sirrii ta’een cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera. Yesuus cubbuu ilmaan namaa hunda irraa fuuchuudhaaf cuuphameera. “Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra dhaabbatee gara amantiittis nama ni geessa” (Roomaa 1:17).
Qajeelummaan Waaqayyoo ilma isaa biyya lafaatti ergee akka inni cuuphamee cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhuu godhee du’a fannootti dabarsee kennuudhaan mul’ata.
Bara Kakuu Haaraa keessatti, qajeelummaan Waaqayyoo karaa cuuphaa fi du’a fannoo Yesuusiin mul’ate. Sababa Yesuus waggaa kuma lama dura laga Yordaanositti cuuphamee cubbuu biyya lafaa sababa irraa fuudheef amantiidhaan qajeelota taane. Fayyisuu Waaqayyoo laphee keenyatti amantiidhaan fuudhannee qajeelummaa arganna.
“Yesuus yummus Yohaannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa gara Yordaanositti isa bira ni dhufe. Yohaannis garuu ‘siin cuuphamuun naaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf garakoo dhuftaa?’ jedhee jabeesse isaa ittise Yesuus immoo deebisee ‘Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi’ jennaan, kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise; Yesuus cuuphamee akkuma ba’een kunoo bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] ni banaman; achumaanis Hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra buufachuu isaa ni arge. Kunoo sagaleen immoo ‘Inni kun ilma koo isa jaallatamaadha, gammachuun koos isatti ni raawwatama’ jedhee waaqa irraa dubbate” (Maatiwoos 3:13-17).
Kutaan kun cuuphamuu Yesuusiin qajeelummaan fayyisuu Waaqayyoo guutumaatti akka mul’ate agarsiisa. Waaqayyo, “Tokkichi ilmi isaa dhala namaaf akka cuuphame nutti dubbata.” Inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee ilmaan namaaf qajeelummaa fideera. Waaqayyo qulqulluu ilma isaa akkasumaan hin ergine.
Yesuus ilma Waaqayyoo fayyisaa biyya lafaa ti. Waaqayyo, “Isa an itti gammadu” jedhe. Yesuus abbaa isaa Waaqayyoof abbomamee cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuun isaa dhugaa qabatamaa dha.
Jechi cuuphaa jedhamu, “dhiqamuu, itti dabarsuu, hawwaalamuu” agarsiisa. Egaa cuuphamuu isaatiin cubbuun biyya lafaa gara isaatti darbeera waan ta’eef wangeela fayyina cubbuutti amanuu barbaachisa.
Sagaleen raajii fayyinaa bara Kakuu Moofaa keessaa bara Kakuu Haaraa keessatti cuuphamuu Yesuusiin guutuu ta’e. Kanaafuu raajiin bara Kakuu Moofaa keessatti dubbatame, bara Kakuu Haaraa keessatti karaa biraa argama. Akkuma bara Kakuu Moofaa keessa waggaatti si’a tokko araarri cubbuu geggeeffamu, cubbuun biyya lafaa cuuphamuu Yesuusiin irraa fuudhameera.
Lewwoota 16:29 fakkeenya Maatewos 3:15 ti. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuudhaaf cuuphame. Cuuphamuu isaaf galanni haa ta’u, warri dhiifama cubbuu inni kennuutti amanan fayyina baraabaraa qabu, cubbuun isaanii hundi gabatee garaa isaaniittii qullaa’eera.
Jireenya hafuuraa attamii yoo qabaatte iyyuu, cuuphamuu fi du’a Yesuusiin beektee itti amanuu baannaan cubbuu keettii qullaa’uu hin dandessu. Dubbii cuuphamuu Yesuus qofaatu cubbuu namaa irraa qulleessuu danda’a. Fayyinni dhugaa karaa cuuphamuu Yesuusiin cubbuu ofiittii qullaa’uu dha.
Amma maal gochuu qabdaa? Fayyina laphee keetti fudhatteettaa? Ykn hin fudhanne immoo? Kun sagalee namaa osoo hin taane sagalee Waaqayyoo ti. Yesuus fannoo irratti du’uun isaa sababa cuuphameef. Duuti Yesuus firii cuuphamuu isaatii akka ta’e hubatteettaa?
Roomaa 8:3-4, “sababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu dadhabe. Waaqayyo ilma ofii isaatii ergee cubbuu isa nama foonii keessa jirutti farade; Ilmi isaa kun Foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee; cubbuu balleessuu dhufe, wanti seerru nurraa gaafatu nuyi warra akka hafuuraatti malee akka fedha fooniitti hin jiraanne keessaatti akka raawwatamuuf Waaqayyo kana godhe.”
Namni sababa dadhabina foon isaa tiif, abboommii fi seera Waaqayyoo bakkaan ga’uu dadhabeef, Yesuus cubbuu isaanii irraa fuudhe. Kun dhugaa cuuphaa isaaniiti. Cuuphamuun Yesuus du’aaf isa qopheesse. Kun ogummaa Wangeela Jalqabaa ti.
Du’a fannoo Yesuus qofaatti amantee jirta yoo taate, fayyina cuuphamuu Yesuusiin hubattee fayyina guutuu argachuu si barbaachisa. Haala kana qofaan ijoollee Waaqayyoo ta’uu dandeessa.
 
 
Wangeela Jalqabaa
 
Wangeelli Jalqabaa maayinnil?
Wangeela bishaanii fi Hafuuraa ti.
 
Wangeelli Jalqabaa Wangeela fayyina cubbuu ti. Innis Wangeela cuuphamuu Yesuusii fi du’aa fi d u’aa ka’uu isa Waaqayyo nutti mul’isee dha. Yesuus laga Yordaanositti yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda irraa waan kaaseef warri isatti amanan hundinuu fayyina barabaraa ni argatu. Amantii Waaqayyo nuuf kenneef galanni haa ta’u cubbuun keenya inni gara fuula duraa iyyuu nu irraa ka’eera.
Egaa, namni cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga fannoo isaatti amanan baraaraan cubbuu biyya lafaattii fayyaniiru. Kanatti ni amantaa? Deebiin kee, “Eeyyee” yoo ta’e, egaa ati nama qajeelummaa argatee dha.
Mee wanta cuuphamuu Yesuusiin booda ta’e walitti qabnee haa ilaallu. Yohannis 1:29 irratti, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” ni jedha.
Yohannis cuuphaan Yesuus hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu akka ta’e dhugaa ni ba’a. Yohannis cuuphaan yeroo Yesuusiin cuuphe cubbuu biyya lafaa itti dabarsuuf akka ta’e ni beekama. Sababa Yohannis Yesuusiin cuupheef, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jedhee dhugaa ba’eera. Yesuus cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuun isa wangeela Lammaffaa Dhalachuu ti.
 
f53703bc-e432-4224-b86c-e6d84bcfb357
 
Cubbuu biyya lafaa hundaa
 
“Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohannis 1:29). Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhe.
Cubbuu ati guyyaa dhalattee eegalee hanga guyyaa kurnaffaatti hojjete, cubbuu biyya lafaa keessatti haammatameera. Cubbuun kun gara Yesuusitti akka darbe amanteettaa? —Eeyyee, nan amana.— Waggaa 11ffaa keetti hanga waggaa 20ffaa keetti cubbuu ati hojjete’oo? Cubbuun inni kunis gara Yesuusitti akka darbee amanteettaa? —Eeyyee, nan amana.—
Cubbuu ati gara fuula duraatti hojjechuuf jirtu, cubbuu biyya lafaa keessatti haammatamee jiraa? —Eeyyee-cubbuu biyya lafaa keessatti haammatamaniiru.— Erga akkas ta’e, gara Yesuusitti dabarfamaniiruu? —Eeyyee, dabarfaniiru.— Cubbuun kee hundinuu yeroo Yesuus cuuphame gara isaatti akka darbe ni amantaa? —Eeyyee, nan amana.— Cubbuun biyya lafaa hundinuu yeroo Yesuus cuuphame gara isaatti akka darbe amanteettaa? —Eeyyee, nan amana.—
Cubbuu biyya lafaattii fayyuu ni barbaaddaa? Yoo ni feeta ta’e, Wangeela cuuphamuu Yesuus fi du’a fannoo isaatti amani, ni fayyita. Al takkaa barabaraaf amantee al takka barabaraaf fayyina argata. Kana ni amantaa? Kun fayyina dhugaa Lammaffaa Dhalachuu ti. Cuuphamuu fi du’ii fannoo Yesuus Wangeela isa jalqabaa ti. Wangeelli kun eebba Waaqayyo cubbamoota biyya lafaa fayyisuuf kennee dha.
Fayyina Lammaffaa Dhalachuu karaa Wangeela cuuphaa fi du’a Yesuusitti amanuunii fi jaalala isaa ilaaluun amantii dhugaa qabaachuu fi Lammaffaa Dhalachuu dha. Mallattoon Lammaffaa Dhalachuu bishaanii fi dhiiga Yesuusii dha. Wanti at gochuu qabdu, dhugaa wangeelaa isa barreeffametti amanuu qofaa dha.
 
 
Amala Amantii, Hamileefi Amantii Dhugaa
 
Garaa nama Lammffaa dhalatee keessa dhuga ba’umsa attamitu jiraa?
Akka Yesuus cuuphaa fi dhiigaa isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe.
 
Amallii amantii (RELIGION) n akka yaada ofiitti Yesuusitti amananii qulqulluu sagalee Waaqayyoo immoo callisuu dha. Haa ta’uu iyyuu malee, cubbuu ofiittii fayyuun yaada mataa ofiittii adda. Amantii jechuun dubbii Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraatti amananii yaada ofii ganuu dha. Akkuma inni barreeffamee jirutti amanuu dha: Cuuphaa fi du’a fannoo Yesuus. Namni kan fayyu ogummaa Wangeela Jalqabaatti yeroo amannuu dha.
Utuu cuuphamuu Yesuusitti hin amaniin cubbuun nama tokkoo gara Yesuusitti hin darbu, akkasumsa utuu du’a fannoo Yesuusitti hin amaniin dhiifama cubbuu argachuunis hin jiru. Cubbuun keenya utuu Yesuus gara fannoo hin dhaqin gara isaatti darbe. Cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuusitti yeroo amannu, lammaffaa dhalannee cubbuu biyya lafaattii birmaduu baana.
Amantiin dhugaa Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaatti akka nu qulleesse amanuu dha; inni akka Yesuus sababii cubbuu keenya tiif firdii fannoo baate amanuu dha. Fayyina tola Waaqayyootti amanuu nu barbaachisa. Waaqayyo jaalala isaa tiin karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatii nu fayyise. Wangeela kanatti yeroo amannu, cubbuu keenya hundaatti qulloofnee, qajeelummaa argannee firdii Waaqayyoo jalaa baana.
“Yaa gooftaa, nan amana. Ani nama fayyinni ta’uuf miti, garuu cuuphamuu, fannoo fi du’aa ka’uu Yesuusitti nan amana.” Eebba Wangeela Lammaffaa Dhalachuu Waaqayyo nuuf kenneef isa galateeffachuu qabna. Wangeela Lammaffaa Dhalachuu duraanitti amanuun amantii dhugaa dha.
Dhugaan Lammaffaa Dhalachuu kana fakkaata; “egaa amantiin dhaga’uu irraa ni dhufa, waanti dhaga’uun ta’u immoo dubbii Kiristoosiin ni beekamas” (Roomaa 10:17). “Dhugichatti yoo amantan, dhugichi immoo birmaduu isin baasa” (John 8:32). Akka inni bishaaniin cuuphame, dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe, hafuurri qulqulluun akka dhugaa ba’uu itti amanuun nu irra jira (1 Yohannis 5:6).
“Dhugichi birmaduu isin baasa.” Kun Wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa Yesuus dubbatee dha. Ati cubbuuttii birmaduu baateettaa? Warra of eeggannoo (religious) deemuu dhaa immoo warra amantii (faith) deemnuu dhaa? Yesuus warra amantii Wangeela Bishaanii fi Hafuuraa qaban barbaada.
Wangeela bishaanii fi dhiiga fannoo Yesuusitti yoo amante, cubbuu garaa keetiittii bilisa ni taata. Garuu Yesuusitti amanuu akka warra of eeggannoo mataa ofii tiin deemanii (religious) yoo lakkooftee jirta taate, amantii guutuu isa irraa waan hin qabaanneef ati amma iyyuu cubbamaa taatee jirta. Warra of eeggannoo mataa isaanitiin deeman (religious people) kadhannaa qalbii diddiirrannaa tiin waan fayyina isaaniitti bakkaan ga’atan isaanitti fakkaata.
Haala kanaan cubbuu isaanittii raawwatanii fayyuu hin danda’an. Bara isaanii guutuu, yoo qalbii diddiirratan iyyuu, amantii guutuu cuuphaa fi du’a Yesuusiin bakka bu’ee fayyina guutuu isaaniif kennuu hin danda’u. Egaa kottaa Wangeela Yesuus Kiristoos isa barabaraan cubbuu keenyattii nu fayyisu cuuphaa fi du’a isaatti haa amannu.
Guyyaa guyyaatti qalbii diddiirrannaan fayyinaan nama hin ga’u. Kiristaanni hundinuu, wangeela lammaffaa dhalchuutti amanee dhiifama cubbuu argachuu qaba.
Cubbuu keenya hundumaa irraa qalbii diddiirrachuu hin dandeenyu. Qalbii diddiirrannaa waliin makaa gara fayyinaatti nama hin geessu. Qalbii diddiirrannaa sobaa gar tokkee waan ta’eef gara Waaqayyootti nama geessuu hin danda’u. Kun wanta Waaqayyo nama irraa eeguu miti.
Qalbii diddiirrannaa dhugaa maalii? Inni gara Waaqayyootti deebi’uu dha. Wangeela gara cuuphaa, du’aa ka’uu Yesuusitti nama geessuu dha. Gara fayyisuu Waaqayyoo fi gara Macaafa Qulqulluu isa barreeffamee jiruutti deebi’uu dha. Wangeelli nama fayyisu, wangeela cuuphaa Yesuus, fannoo isaa fi du’aa ka’uu isaatti yeroo amannu jireenya barabaraa arganna.
Kun ogummaa lammaffaa dhalachuu wangeelaa ti; innis cuuphamuu fi dhiiga Yesuusiitti amanuu fi wangeela isa mootummaa Waaqayyootti lammaffaa dhalachuu nama galchuu dha.
Yesuus bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu akka qabnu yeroo nutti dubbatu, cuuphamuu fi fannoo isaa tiin lammaffaa dhalchuu akka qabnu nutti dubbata. Haala kanaan mootummaa Waaqayyootti ni galla. Sagalee kanatti amanuu qabna. Kan dhiifama cubbuu tiif dhuga ba’uu wanti lama cuuphamuu fi dhiiga Yesuus isa lammaffaa nama dhalachiisu dha.
Egaa, amma wangeela lammaffaa dhalachuu fi dhiifama cubuutti ni amantaa? Cuuphamuu fi dhiiga Yesuus irraa amantii qabaachuudhaan cubbuu biyya lafaattii bilisa taana. Wangeela kanatti amanuudhaanis lammaffaa ni dhalanna. Macaafni Qulqulluun akka Yesuus cubbuu biyya lafaattii nama fayyisu waan nutti dubbatuuf itti amannee maaliif lammaffaa hin dhalannu?
Warri dhuga baatuwwan lamaan kan ta’an cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanan dhuguma warra lammaffaa dhalatnii dha. Namni ilma Waaqayyoo of keessaa qabu dhugaa kanatti ni amana (1 Yohannis 5:3-10). Yesuusiin amanuu jechuun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu jechuu dha.
Akkuma ajajaan Naamaan laga Yordaanositti si’a torba dhiqatee fayyee, (2 Mootota 5), Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin warra isatti amanan barabaraan fayyiseera.
Sababa Yesuus nu jaallatuuf, cubbuu biyya lafaa hundattii qulloofnee, wangeela dhiifama cubbuutiin jireenya barabaraa arganneerra. Kottaa egaa wangeela lammaffaa dhalchuutti amannee, jireenya barabaraatti haa gallu.