• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 3: Wangeela Bishaaniifi Hafuuraa

[3-6] Dhaqna Qabaa Hafuuraa Isa Dhugaa (Seera Ba’uu 12:43-49)

2021.05.01 107
(Seera Ba’uu 12:43-49)
“Waaqayyo yummus Museedhaa fi Aroniin seerri ayyaana faasikaa, akka kanatti fufee jiru ni ta’a; Ormi tokko illee isattii hin nyaatin! Namni horiidhaan garbummaatti bitame garuu erga dhaqna qabdanii haa nyaatu! Namni alagaan yookis namni horii dhaan qacaramee hojjetu tokko illee isattii hin nyaatin! Foon isaa mana tokko keessatti ni nyaatama; Foon isaa irraa tokko illee fuutanii mana keessaa gad hin ba’inaa. Lafee isaa tokkoo illee hin cabsinaa! Guutummaan waldaa Israa’el akkas haa godhu; Galaan isin bira jiraatu, Faasikaa Waaqayyoo gochuu yoo barbaade, dhiira kan ta’e hundinuu dhaqna haa qabamu; Kana booddees dhi’atee godhachuu ni danda’a. Innis akkuma warra biyyaa ni ta’a; inni dhaqna hin qabatin garuu tokko illee isaatti hin nyaatin. Warra biyyaa fi warra galaa ta’anii isin gidduu jiraataniif seerri tokkichuma haa ta’u.”
 
 
Bara Kakuu Moofaa keessatti wanti saba Israa’eliin Ijoollee Waaqayyoo gochisiise maalii?
Dhaqna qabamuu isaanii ti.
 
Dubbiin Waaqayyoo Macaafni Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraan nuyi warra amantii qabnuuf baayyee barbaachisa fi gati qabeessaa. Isaan kana keessaa dubbii tokko iyyuu jal’isuu hin dandeenyu.
Kutaan gararaa kanatti caqafame, namni ayyaan faasikaa eeguu hundinuu dhaqna qabaachuu akka qabu nutti dubbata. Kana maaliif akka Waaqayyo dubbatu itti yaadu qabna. Namni dhaqna hin qabanne tokko faasikaa eeguu hin danda’u.
Yesuusitti ni amanna yoo taane, waan Waaqayyo nutti dubbatu kana hubachuu qabna. Dhaqna qabaan qola irraa hafaa dhaqna namaa irraa baasuu dha. Waaqayyo maaliif Abrahamii fi sanyii isaa hundumaan dhaqna qabadhaa jedhee? Sababiin isaa qolli dhaqna namaa irraa ba’u sun cubbuun irraa ka’ee saba Waaqayyootti dabalamuu isaa agarsiisa.
Waaqayyo kanaaf akka Israa’el bara Kakuu Moofaa keessaa dhaqna akka qabataniif dubbate. Sabni Israa’el ijoollee Waaqayyoo ta’uuf dhaqa qabachuu qaba. Kun seera isaa isa qulqulluu isa Waaqummaan Waaqayyoo warra dhaqna qabaatti amanan hunda cubbuu isaaniitti qulleessuu dha. Haaluma kanaan bara Kakuu Moofaa keessattis Waaqayyo waaqa warra amantiidhaan cubbuu ofi irraa kutanii ti.
 
 
Ayyaana Faasikaa
 
Ayyaanni Faasikaa maalii?
Ayyaana sabni istraa’el biyya misirii ittiin ba’ee dha.
 
Saba Israa’el keessatti ayyaanni iddoo guddaa qabu Ayyaana Faasikaa ti. Ayyaanni kun yaadannoo sabni Israa’el bakka itti waggoota 400 f booji’amee ture biyya Misirii ba’e ayyaaneffachuu dha. Waaqayyoo laphee Fari’oon isa dhagaa ta’ee dinqii gurguddaa 10n dhabamsiiseera. Haala kanaan saba Israa’eliin baasee biyya Kanaanitti isaan geesse.
Sabni Israa’el dhiiga hoolaa qalamee fi dhaqna qabamuu isaaniitiin du’an rukutamuu angafootaa ooleera. Kanaafuu yaadannoof akka ta’utti akka isaan bara hundumaatti hoolaa faasikaa qopheessaniif Waaqayyo saba Israa’elitti dubbate.
 
 
Ayyaana Faasikaa Godhachuudhaaf Sabni Israa’el Maal Gochuu Qabaa?
 
Ayyaana Faasikaa Godhachuudhaaf Sabni Israa’el Maal Gochuu Qabaa?
Dhaqna Qabachuu qaba.
 
Ayyaana faasikichaa hafuuraan eeguudhaaf, laphee keenyaan dhaqna qabachuu nu barbaachisa. Sabni Israa’el iyyuu ayyaana Faasikaa godhachuudhaaf dhaqna qabachuu isaanii dirqama ture.
Seera ba’uu 12:43-49 akka armaan gadiitti barreefamee jira. “Waaqayyo yemmus Musee dhaaf Arooniin, ‘Seerri Ayyaana Faasikaa akka kanatti fufee jiru ni ta’a; Ormi tokko illee isattii hin nyaatin! Namni horiidhaan garbummaatti bitame garu, erga dhaqna qabdanii haa nyaatu; Namni alagaan yookis namni horii dhaan qacarame hojjetu tokko illee isattii hin nyaatin. Foonni isaa mana tokko keessatti ni nyaatama; foon isaa irraa tokko illee fuutanii mana keessaa gad hin baayina. Lafee isaa tokko illee hin cabsinaa. Guutummaan waldaa Israa’el akkasa haa godhu. Galaan isa bira jiraatu faasikaa Waaqayyoo godhachuu yoo barbaade, dhiira kan ta’e hundinuu dhaqna haa qabamu. Kana booddes dhihatee godhachuu ni danda’a; innis akkuma warra biyyaa ni ta’a; inni dhaqna hin qabatin garuu tokko illee isattii hin nyaatin. Warra biyyaa fi warra galaa ta’anii isin gidduu jiraataniif seerri tokkichuma haa ta’u’ jedheen.” Haaluma kanaan Israa’elonni ayyaana Faasikaa godhachuudhaaf dhaqna ni qabatu turan.
Ayyaana faasikaa godhachuu fi foon hoolaa faasikaa nyaachuu eenyu tu danda’aa? Warra dhaqna qabatan qofaa tu ayyaana faasikaa godhachuu danda’a.
Hoolaan faasikaa Yesuus Kiristoos isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee dha.
Egaa dhaqna qabaan bara Kakuu Moofaa fi dhaqna qabaan bara Kakuu Haaraa maalii? Dhaqna qabaan qola dhaqnaa irraa muruu dha. Yesuus Kiristoos yeroo gara biyya lafaa kana dhufe guyyaa saddeettaffaatti dhaqna qabateera. Waaqayyo namni ayyaana faasikaatti hirmaatu hundinuu dhaqna qabachuu akka qabaatu yemmuu dubbatu, warri dhaqna hin qabannee ayyaana faasikichaattii hin hirmaatan jechuu dha.
Kanaafuu, akka Waaqayyo abboometti namni hundinuu dhaqna qabachuu isa barbaachisa. Yesuusitti ni amanta yoo ta’e, hiikkaa dhaqna qabachuu Yesuusiin bara Kakuu Moofaa keessaa hubachuu qabda.
 
 
Sirna Dhqna Qabaa Waaqayyo Abraamiin Ajaje Maalii?
 
Abraamii fi Sanyiin isaa attamitti ijoollee Waaqayyoo ta’aa turanii?
Dhqana qabaadhaan.
 
Seera Uumamaa keessatti, Waaqayyo Abraamitti mul’atee isaa fi saba isaa hundumaa wajjin kakuu gale. Boqonnaa 15 keessatti, Sanyiin Abraam akka urjii bantii waaqaa akka baayyatuu fi biyya Kanaaniin dhaala godhee kennuuf dubbateera.
Boqonnaa 17 keessatti immoo, Abraamii fi Sanyiin isaa hundi Kakuu isaa wajjin galee, dhaqna yoo qabate, Waaqayyo akka Waaqa isaanii ta’uu fi isaaniis akka saba Isaa ta’an dubbate. Abraamii fi sanyii isaa wajjin kakuun Waaqayyoo jira. Yoo isaan Kakuu Waaqayyoo eeganii dhaqna qabatan, Waaqayyo akka waaqa isaanii ta’uu fi isaanis akka saba isa dhaga’aniif abdii kenneera.
Seera Uumamaa 17:7-8 keessatti Waaqayyo, “Ani siif Waaqayyo ta’ee, sii booddeedhaanis, sanyii keetiif Waaqayyoo ta’uufiif kakuu koo ofii koo fi si gidduutti dhaloota si booddee jiran sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu barabaraa godhee cimsee nan dhaaba. Biyyaa at galaa itti taate biyya Kanaan hundumaa siif si booddee dhaanis sanyii keetiif dhaala barbaraa godhee nan kenna; isaaniifis Waaqayyo nan ta’a” jedhe.
Dhaqna qabaan mallattoo Kakkuu Waaqayyoo Abraamii fi sanyii isaa hundumaa wajjin galee dha.
 
 
Dhaqna Qabaan Hafuuraa Maalii?
 
Dhaqna Qabaan Hafuuraa Maalii?
Cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan cubbuu laphee ofii irraa muruu dha.
 
Abraam sababa dubbii Waaqayyootti amaneef, Waaqayyo qajeelaa fi mucaa isaa isa godhe. Dhaqna qabaan mallattoo kakuu Waaqayyo fi Abraam gidduu ti.
“Ammas Kakuun koo inni anaa fi si gidduutti namoota kee gidduutti si booddee dhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta’u, isin keessaa dhiirri hundinuu dhaqna haa qabamu” (Seera Uumamaa 17:10).
Dhaqna qabaan dhaqna irraa hafa ofii irraa muruu dha. Karaa biraa moo cuuphamuu Yesuusitti amanudhaan cubbuu ofii gara Yesuusitti dabarsuu dha. Karaa Hafuuraa yeroo ilaallu, cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan cubbuu of irraa kutuu dha. Dhaqna qabaan bara Kakuu Haaraa keessatti cuuphamuu Yesuusiin cubbuuttii bilisa ba’uu dha.
Kanaafuu dhaqna qabaan bara Kakuu Moofaa keessaa cuuphamuu Yesuus bara Kakuu Haaraa ti. Haaluma kanaan dhaqna qabaan bara Kakuu Moofaa keessaa cuuphamuu Yesuus bara Kakuu Haaraa wajjin tokkoo dha.
Akkuma Sanyiin Abraam dhaqna qabaa fooniitiin saba Waaqayyoo ta’e, yeroo cubbuu keenyaattii qulloofnu ijoollee Waaqayyoo ni taana. Kana immoo Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa akka fuudhee yeroo amannee fudhannuu dha.
Cuuphamuun Yesuus cubbuu nama itti amanuu hundaa ni balleesse. Akkuma gogaan fooni xiqqoon dhaqna qabaadhaan irraa muramu, yeroo Yesuus laga Yordaanositti Yohannisiin cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda irraa kaaseera. Namni kanatti amanu hundii hafuuraan dhaqna qabaatee ijoollee Waaqayyoo ni ta’a.
 
 
Amantii Sobaa Isa Waaqayyoottii Nama Kutu
 
Israa’elota kan Waaqayyottii kutee maalii?
Dhaqna Qabachuu dhiisuu dha.
 
Waaqayyo namni dhaqna hin qabanne hundinuu akka isattii cituu Abraamitti dubbateera. Egaa dhaqna qabaan maalii? Dhaqna Qabaan Hafuuraa maalii? Dhaqna qabaan foonii bu’aa dhaqnaa irraa xiqqoo irraa muruu yeroo ta’uu, dhaqna qabaan Hafuuraa immoo cuuphamuu Yesuusiin laphee ofiittii cubbuu hundumaa muruu dha.
Cuuphamuun Yesuus dhaqna qabaa hafuuraa ilmaan namaa hundumaa yeroo ta’u, inni cuuphamuu isaatin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhee gara ofii isaatiitti dabarseera. Kaayyoon cuuphamuu Yesuus dhaqna qabaa Hafuuraa ilmaan namaa hundumaaf argamsiisee cubbuu isaanii irraa fuudhee isaan fayyisuudhaafi.
Cubbuun ilmaan namaa hundi gara Yesuusitti darbeera. Waaqayyo waaqa Abraam ta’uu isaatiin, inni Waaqa Isiyaaq, Waaqa Yaaqoobii if Waaqa sanyii isaanii hundumaa ta’ee Kakuu Abraamii wajjin galeen akka isaan dhaqna qabatan godhe. Haala kanaan inni Waaqa Abraamiin ta’ee, Fayyisaa isa dhaqna qabaadhaan cubbuu isaanii hundumaattii isaan fayyisu ta’ee mul’ateera.
Dhaqna qabaan cubbuu nama irraa haqu isa kamii? Inni Kakuu Waaqayyo Abraamii wajjin gale yeroo ta’u kan cuuphamuu fi du’a Yesuusitti amanee lammaffaa dhalate hundaas ni haxaa’a. Inni akka kanatti akka nuyi ijoollee Waaqayyoo taanee isaaf akka hojjennu nu godheera. Inni Waaqa warra dhaqna qabatanii ti.
Waaqayyo Abraamitti dubbateera. “Dhaloota hundumaa keessatti, dhiira ta’ee mana kee keessatti kan dhalatu sanyii kee keessaa utuu hin ta’in kan isa ormaa irraa horiidhaan bitames dhalatee guyyaa saddetitti dhaqna haa qabamu. Inni mana kee keessaa dhalates, inni horii keetiin bitames dhaqna haa qabamu. Kakuun koo inni milikkinni isa foon keessan irratti mul’atu Kakuu barabaraa ni ta’a; Dhiirri tokko illee dhaqna kan hin qabamin, inni gogaa isaa foon isaa aguugee dhaqna hin qabatin kakuu koo waan cabseef saba isaa keessaa baasamee jireenyi isaa ni balleeffama” (Seera Uumamaa 17:12-14).
Eenyu iyyuu utuu dhaqna Hafuuraa hin qabatin kan gara Yesuus dhufu hundi iyyuu Waaqayyottii ni murama. Dhaqna Qabaa Hafuuraa jechuun Cuuphamuu Yesuus isa bara Kakuu Haaraa ti.
Namni Yesuusitti amanu hundinuu dhaqna Qabaa isa bara Kakuu Moofaa, cuuphamuu Yesuus isa bara Kakuu Moofaatiin kan bakka bu’etti amanee ijoollee Waaqayyoo ni ta’a. Nuyi warra Yesuusitti amanneef, dhaqna Qabaan bara Kaukuu Moofaa fi Cuuphamuun Yesuus bara Kakuu Haaraa hiikkaa tokko qabaatu.
Hiikkaa dhaqna Qabaa hin fudhanne yoo taane, yookaan immoo, dhaqna qabaa Hafuuraa isa akka nuyi lammaffaa dhalannu nu godhu hin fudhanne yoo taane, amantiin keenya akkasumaan ta’a. Waan Waaqayyoof amanamnee jirru nutti fakkaachuu danda’a, haa ta’u iyyuu malee akka nama mana isaa cirracha irratti ijaarratuu ti.
Waaqayyo warra isatti amanan akka isaan dhaqna qabatan jechuunis dhaqna qabaa Hafuuraa kan ta’e cuuphamuu Yesuus isa nama fayyisuu akka fudhatan barbaada. Dhaqna qabaan alaa eenyu iyyuu ijoollee Waaqayyoo hin ta’u. Yoo dhaqna hin qabaannu taane saba Isaatii folloquu keenya. Sababa kanaaf Waaqayyo namni kami iyyuu kan qacarames ta’ee keessummaan kan ayyaana Faasikaatti hirmaatu dursee nama dhaqna qabate ta’uu akka qabu dubbate.
Dhalootni jalqabaa kan ta’e sabni Israa’el iyyuu yoo dhaqna hin qabanne ta’e Waaqayyootti cituu isaa ti. Kakuun Waaqayyo saba Israa’elii wajjin gale warra Yesuusitti amanan hundaafis ni hojjeta.
Seera ba’uu boqonnaa 12 keessatti, sabni Israa’el warri faasikaa Nyaatanii fi dhugaatii dhangagaa’aa dhugan hundinuu, seeraa warra dhaqna qabatan ta’uu qaba. Foon faasikaa sana kan nyaatan warra dhaqna qabatan qofaa dha.
Yeroo sabni Israa’el hirbaata faasikaa itti nyaatuu fi dhiiga hoolichaa gobanii balbalaa irratti naqan, akkasumas yeroo dhaqna itti qabatan beekuu qabna.
Qajeelfama Waaqayyoo irratti hundaa’ee yoo namni tokko dhaqna hin qabatu ta’e saba isaattii ni cita, mirga ijoollee Waaqayyoo ta’uus ni dhaba. Kana jechuun dhaqna qabaa Hafuuratti amanuu dhiisuun badiitti nama ni geessa. Nama karaa cuuphamuu Yesuusiin dhaqna qabaa hafuuratti amanu qofaatu fayya jechuu dha.
“Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waam ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti” (1 Pheexiros 3:21). Cubbuun kee yeroo Yesuus laga Yordaanositti cuuphame gara isaatti akka darbe ni amantaa? Dhugaa kana hubattee itti ni amanta yoo ta’e cuuphaa fi dhiigni fannoo Yesuus cubbuu keettii si qulleessee qajeelaa si godha. Sababa cuuphamuu Yesuusiin osoo hin hubatin du’a fannoo isaa beekuun hirrina akka ta’e beekuun ni barbaachisa.
Karaa cuuphamuu Yesuusiin hafuuraan dhaqna utuu hin qabatin akkasumattiin fannoo Yesuusitti amantee jirta yoo taate araara Waaqayyottii cituun kee waan hafu miti. Sababiinsaa cubbuu keetii kan si qulleessuu amantii waan hin arganneef.
Fayyisuun Waaqayyoo cuuphamuu Yesuusiin eegalee fannoo isaatiin akka xumurame beekuu qabna. Kana gochuuf immoo cuuphamuun Yesuusii fi duutii fannoo isaatti amanuu qabna.
Amantii kanaan humna dukkanaattii hiikamne gara ifa ijoollee Waaqayyootti ceena. Amantiin kun warra lammaffaa dhaltee fi warra lammaffaa hin dhalatin gargar ittiin baasuufis nama gargaara.
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos akka isatti jiraanne nu irraa barbaada. Inni cubbuu biyya lafaa cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin irraa fuudheera. Kanaafuu mallattoo saba Waaqayyoo ta’uu fudhachuudhaaf cuuphamuu Yesuusitti amanuu qabna. Yoo kana gochuu dhiifne isattii muramuu keenya ta’a.
Fayyina jechuun kan biraa osoo hin taane, cuuphamuu Yesuus isa bara Kakuu Haaraa fi dhaqna qabaa isa bara Kakuu Moofaa ti malee. Fayyinni keenyaa amansiisaaf guutuu kan ta’u yeroo nuyi cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusitti amannuu dha.
Dhaqna qabaan bara Kakuu Moofaa cuuphaa Yesuusii wajjin kan walitti hidhamee dha. Isaayyaas 34:16 kutaan Macaafa Qulqulluu hundinuu akka inni walitti hidhamee jiru nu hubachhisa. “Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatti dubbisaa; wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru; Kanaa achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru, Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera. Hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera.”
Tokkoon-tokkoon jechootni Kakuu Moofaa isa kan Kakuu Haaraa wajjin walitti qabatee jira. Dubbiin Waaqayyoo kam iyyuu kan walitti hidhamee dha.
 
 
Gowwoonni Warri Dogoggora Amantii Qaban Attam ta’uu?
 
Amantoota biyya lafaa keessaa kan sii’olitti kan gad darbatamu eenyuu dhaa?
Warra hafuuraan dhaqna Hin qabatin jiran dha.
 
Bara ammaa kanattii kanneen dhiiga Hoolichaa Qofaatti amanan jiru. Isaaan, “Dhaqna Qabaa Jechuun Maal Jechuu Dhaa? Kun kana Yihuudoota bara Kakuu Moofaa ti. Bara Kakuu Haaraa keessatti dhaqna qabachuun nu hin barbaachisu.”
Kun illee dhugaa dha. Anis fooniin dhaqna Qabadhaa jechaa hin jiru. Ergamaan Phaawulos waa’ee dhaqna qabaa hafuuraa sirriitti dubbateera, innis dhaqna qabaa hafuuraa isa an amma dubbachaa jiruu dha.
Anis waa’ee dhaqna qabaa foonii dubbachaa hin jiru. Dhaqna qabaa foonii dubbii hafuuraaf waan dhimmaa nuuf baasu hin qabu, kan dhimma nuuf baasuuf cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan hafuuraan dhaqna qabannee fayyina barabaraa argachuu dha.
Lammaffaa dhalchuudhaaf hafuuraan dhaqna qabachuu qabna. Namni Yesuusiitti amanu hundinuu hafuuraan dhaqna qabachuu isa barbaachisa. Karaan ittiin cubbuuttii bilisoomanii qajeelaa ta’an karaa kan qofaa dha. Erga hafuuran dhaqna qabannee booda cubbuu keenyattii bilisa ni taana. Kanaaf iyyuu garaa keenyaan cuuphamuu Yesuusitti amannee cubbuu keenyattii qullaa’uu qabna.
Ergamaan Phaawulosis barbaachisummaa dhaqna qabaa hafuuraatti amaneera. “Dhaqna qabaan yaada garaa namaa, dhaqna-qabaa isa dhugaa dha” (Rooma 2:29). Cubbuuttii birmaduu ba’uuf tokkoon-tokkoon namaa hafuuraan dhaqna qabachuu isa barbaachisa.
Cubbuun kee erga si irraa fuudhamee gara Yesuus dhaqeera? Bara Kakuu Haaraa keessatti iyyuu namni Yesuusitti amanu hundinuu cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan hafuuraan dhaqna qabachuu isa barbaachisa.
Phaawulos ergawwan isaa keessatti sirriitti kaa’eera. Waaqayyoo ilmaan namaa cubbuu biyya lafaa hundattii isaan fayyisee saba isaa isaan godhateera. Sabni Israa’el dhaqna qabaachuudhaan akkuma saba isaatti dabalamu, bara Kakuu Haaraa keessatti immoo cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan hafuuraan dhaqna qabannee saba isaa taana.
Waaqayyoo akka nuyi cuuphamuu fi fannoo Yesuusitti amannu ilaalee saba isaatti nu dabala. Amantiin akkanaa hafuuraan akka nuyi dhaqna qabaannu godhee gara fayyinaatti nu geessa.
 
 
Fayyina Cubbamootaa Karaa Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus
 
Fayyinni karaa Kiristoosiin attamitti raawwatamaa?
Karaa cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuusiin raawwatama.
 
Yesuus Kiristoos bishaaniin cuuphamuu fi dhiiga fannoo isaatiin cubbamoota fayyiseera. Dhangala’uun dhiiga Yesuus firdii nu irraa kaasuuf yeroo ta’u, Cuuphamuun Yesuus immoo dhaqna qabaa hafuuraa isa cubbuun keenya hundi gara isaatti ittiin darbee dha.
Waldootiin kiristaanaa bara kana keessa jiran, ifa dhaqna qabaa hafuuraa agarsiisuu hin qaban. Dhaqna qabaan bara Kakuu Moofaa bara kanatti waan dhimma baasu yoo ta’uu dhaa baate iyyuu cuuphamuun Yesuus cal’samuu hin qabu.
Cuuphamuu Yesuusiin akka cubbuun kee si irraa ka’ee al baayyee dubbadheera. Kana amantee fudhatteettaa? Cuuphamuu Yesuusiin yoo cal’iste waa’ee wangeela lammaffaa dhalachuu beekuu hin dandeessu.
Cuuphamuu Yesuus dhaqna qabaa Hafuuraa kan ta’e attamitti callisnaa? Macaafa Qulqulluu ni dubbifna yoo taane, dhaqna qabaa fi dhiigni Yesuus baayyee akka inni walitti hidhamee jiru ilaalla. Kun egaa doksaa karaa cuuphamuu Yesuusiin dhaqna qabachuu dha.
Wangeelli Yohannis lallabe cuuphamuu fi dhiiga Yesuusii dha. 1 Yohannis 5:6 irratti akkana jedha, “Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuu fi dhufe isa kana, innis Yesuus Kiristoos. Inni bishaan duwwaa dhaan miti. Bishaanii fi dhiigaan dhufe malee.”
Innis Yesuus bishaan, dhiigaa fi Hafuuraan akka dhufee dubbata. Bishaan ykn dhiiga qofaan miti, inni bishaan, dhiigaa fi Hafuuraan dhufe jedha. Kun sadan, cuuphamuu Yesuus, dhangaluun dhiiga isaa fi du’aa ka’uu isaatti amanuun raga fayyina keenyaatti.
 
 
Macaafni Qulqulluun Maaliif Waa’ee Cuuphamuu fi Dhiiga Yesuus Dubbataa?
 
Sabni Israa’el dhiiga hoolaa faasikaa qofaan fayyanii?
Lakki. Utuu hoolaa faasikaa hin nyaatin dura dhaqna qabataniiru.
 
Kan akka nuyi lammaffaa bishaanii fi Hafuurattii dhalannu nu godhu cuuphaa fi dhiigni Yesuusii dha. Seera ba’uu 12 keessatti akkana jedha, “Xobboollaa faasikaa fudhadha, dhiigaa isaa micicila balabala manaatti facaasaa. Yeroon dhiiga sanaa argu dheekkamsi koo irra dabarsa.”
Egaa dhiiga hoolaa faasikaa beekuu qofaan fayyuu ni dandeenyaa? Yoo akkana ta’e waa’ee cuuphamuu Yesuus Macaafni Qulqulluun maaliif bal’isee dubbataa ree? Ergamaan Phaawulos akkana jedha, “Cuuphaadhaan isaa wajjin hawwaalamtanittu” (Qolosaayis 2:12). “Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamatan isa uffattaniittu” (Galaatiyaa 3:27). “…cuuphaan isa isin amma ittiin ooltanii dha” (1 Pheexiros 3:21).
Ergamoonni Pheexiros, Phaawulos akkasumas bartoonni warri kaanis waa’ee cuuphamuu Yesuusiin dubbataniiru. Isaanis laga Yordaanositti cuuphamuun Yesuus bishaanii fi hafuurattii lammaffaa nu dhalchiisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Dhugaa isaa yoon isinitti dubbadhe, gara waggoota 10 f utuun cuuphaa isaa hin beekin dhiiga isaa qofaattan amanaa ture. Garuu amantiin akkanaa cubbuu koo laphee koo irraa kaasu hin dandeenye. Garaa koo guutuun Yesuusitti amanaa ture, haa ta’uu iyyuu malee laphee koottii cubbuun hin qulqulloofne.
Waggaa 10 booddee, hiikaa dhaqna qabaa hafuuraa ergan argadheen lammaffaa dhaladhe. Ergasii kaaseen dhugaa wangeelaa hubadhe: Dhaqna qabaan bara Kakuu Haaraa cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa. Akka inni akkas ta’e amanee fudheera.
“Bara Kakuu Haaraa keessatti cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuun sirrii dha? Bu’uura Macaafa Qulqulluutiinis sirrii dhaa?” Ergan lammaffaa dhaladhee waa’ee kanaa guddaan dinqisiifadhe.
Cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti yoon amane iyyuu, ammas gaaffii biraa nan qaba. “Cubbuun koo hundi isaa Yeroo Yesuus cuuphame gara isaatti akka darbe amanuun sirrii dhaa yookaan du’a fannoo isaa qofaatiin nu fayyise jechuun sirrii dhaa? Yesuus Waaqayyo koo fi fayyisaa koo tii jedhanii amanuu qofti ga’a dhaa?” Kana yeroon seera ba’uu boqonnaa 12 dubbisu baayyeen itti yaada.
Namoonni baayyeen seera ba’uu boqonnaa 12 yeroo dubbisan akka Yesuus fannoo irratti du’ee fayyisaa nuuf ta’ee deebi’anii hin yaadan. Dhiigicha qofaatti amanuun ga’aa dha jedhan of amansiisuu barbaadu. Yesuus Kiristoos fayyisaa ta’uu isaa humnaan amanu malee cubbuuttii akka bilisa isaan godhu waan amanan hin qaban waan ta’eef nuyi cabbamoota jedhu. Yesuus Kiristoos fayyisaa dha waan ta’eef nuyi cubbuuttii osoo hin qulleeffamin fayyisa jedhu.
Amantiin akkanaa amantii dhugaa miti. Amantiin akkanaa lammaffaa nama hin dhalachiisu. Cuuphamuu Yesuusii fi du’a isaatti amanuu qofaatu lammaffaa nu dhalachiisa.
Seera Ba’uu boqonnaa 12 maal jedhaa? Macaafa Qulqulluu yeroon ilaalu, “Cuuphamuu Yesuusiin cal’isanii dhiiga fannoo isaa qofaatti amanuun rakkina qabaa?” Seera Ba’uu utuun dubbisee iyyuu hin fixin, fayyinni dhiiga fannoo isaa qofa utuu hin taane, cuuphamuu isaa fi fannoo isaatiin akka ta’en hubadhe. Macaafa Qulqulluu keessatti cuuphamuu Yesuusiitti amanuudhaan akka namni dhaqna qabatuu fi dhiiga fannoo isaatiin immoo akka firdii jalaa ba’u dubbata.
 
Kiristaanonni hedduun maaliif hanga ammaatti cubbamoota ta’anii jiraatuu?
Sababa cuuphamuu Yesuusitti hin amanneefi.
 
Seera ba’uu 12:47-49 namni tokko qalma faasikaa hin nyaatin akka dhaqna qabachuu qaban sirriitti ni kaa’a. Kanaaf kan Waaqayyo lakkoobsa 49 irratti, “Warra biyyaa fi warra galaa ta’anii isin gidduu ta’aniif seerri tokkumaa haa ta’u” jedhe.
Kanaafuu, namni dhaqna hin qabanne hundinuu qalma faasikaa nyaachuu hin danda’u. Kun dhugaa an hubadheedha. Fakkeenyuma kanaan yeroo Yesuusitti amannu cubbuun keenya yeroo inni laga Yordaanositti cuuphame gara isaatti akka darbe amanuu qabna.
Yesuus fannoo irratti du’uun isaa sababa cubbuu keenya yeroo cuuphame gara ofii isaatiitti darbeef akka ta’e yeroon yaadu, dhaqna qabaan hafuuraa gara dhiifama cubbuu fi yakka keenyaatti akka nu geessuun hubadha.
Yeroo sanatti, akka cubbuun koo sokke nan hubadha. Lapheen koos wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin akka qullaa’uun arga.
Fayyinni keenya karaa lama fiixaan ba’a: Innis dhaqna qabaa fi dhiiga hoolaa faasikaa bara Kakuu Moofaa fi cuuphamuu fi fannoo Yesuus bara Kakuu Haaraa ti. Dhaqna Qabaan bara Kakuu Moofaa fi cuuphamuun Yesuus bara Kakuu Haaraa hiikkaa tokko qaba.
Yesuus Kiristoos fannoo firdii kan fudhateef sababa cubbuu isaatii osoo hin taane, sababa cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatitti fudhateefi. Yohannis cuuphaan nama biyya lafaa bakka bu’ee cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti akka dabarse warri amanan cuuphamuu Yesuusii fi fannoo isaatiin akka fayyan ni amanu.
Cuuphamuun Yesuus Macaafa Qulqulluu keessatti irra deddeebi’amee yoo ibsame iyyuu namoonni baayyeen maaliif itti hin amanne? Sababa cuuphamuu isaatti hin amanneef cubbuu isaaniittii hin qullaa’an. Akka kanatti ofuma Yesuusitti amanne jedhu malee Waaqayyootti hin jiran. Isaan akkanaa karaa malee sababa Yesuusitti amananii jiraniif cubbuu isaanitiin gara sii’oliin dhaqu.
Utuu Yesuus irraa amantii qabanii attamitti gara sii’oliin dhaqu? Maaltus cubbamoota isaan godhee? Maaliifis badiisatti adeemaa jiruu? Sababa cubbuun isaanii karaa cuuphaa Yesuusiin gara isaatti akka darbee hin amanneefii. Baayyee nama gaddisiisa.
Nammoonni hedduun akkasumattiin dhiiga isaatti amannee ni fayyina jedhaanii waan yaadaniif amantiin isaanii guutuu hin ta’u. Maaliifii? Sababa cubbuun isaanii gara Yesuusitti akka darbe hin amanneef fayyuu hin danda’ani.
Cuuphamuu isaa fi dhiiga isaatti amanuutu cubbuu ofiittii nama fayyisa: Innis dhaqna qabaa Hafuuraa ti. Amantii akkanaa qofaatiin cubbuu keenyattii fayyuu dandeenya.
Ofii keenya gaafachuu qabana. “Dhangaluu dhiiga isaatii qofaa tu nu dhaqna qabaa Hafuuraatti yoo jenne, cubbuun keenya hundi nu irraa ka’uu ni danda’aa?” Gaaffii kanaa argachuudhaaf guddifnee itti yaadu qabna.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, namoonni dhaqna qabaa fi hirbaata faasikaatiin akkuma fayyina argachaa turan bara Kakuu Haaraa keessattis cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyina. Haala kanaatiin, firdii cubbuuttii fayyuu dandeenya. Warri amantii sirrii ta’e qabaatan ijoollee Waaqayyoo ta’anii dhaaltuu mootummaa isaa tii ta’u.
Namni tokko dhaqna qabaa fi dhiiga hoolaa faasikaa akkana jechaanis: Cuuphaa fi du’a fannoo Yesuusiin fayyina guutuu argata. Kun dhugaa Yesuus kaa’ee dha. Kun akkaataa bishaan, dhiigaa fi Hafuurattii lammaffaa dhalatanii dha.
 
 
Humni Fayyisuu Bishaanii fi Hafuuraa Macaafa Qulqulluu Keessatti Maalii Dhaa?
 
Cubbamaan tokko dhiiga Yesuus qofa fudhatee fayyuu ni danda’aa?
Lakki.
 
Yesuus teessoo isaa isa Waaqa irraa dhiise gara biyya lafaatti gad bu’e. Yeroo gara biyya lafaa dhufettis waggaa 30 ffaa isatti Yohannis cuuphaadhaan cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhateera.
Yesuus fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuun isaa sababa cubbamoota biyya lafaa hundaatiifii. Yesuus bishaanii fi dhiigaan mul’atee fayyisaa biyya lafaa ta’ee dhufeera.
Dhiiga qofaan lammaffaa dhalachuu ni dandeenyaa? Lakkii. Cuubbuuttii fayyuun kan dandaa’amu cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin ta’a. Warra dhiiga isa qofaatti amanan gaaffii tokko dhi’eessuufii nan jalladha. Innis, “Cubbamaan tokko dhiigaa Yesuus qofaatti amanee qajeelaa ta’a moo, cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusiin qajeelaa ta’aa?”
Bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuudhaaf, Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti akka fudhatee fi sababii kanaafis fannoo irratti akka du’e amanuu barbaachisa. Akkaataa kanatti Yesuus akka nu fayyise yeroo amannu lammaffaa dhalanna.
Ammas gaaffii kan biraan isin gaafadha. Macaafa Qulqulluu keessatti amantiin attamitti hiikamee jira. Dhiiga Yesuusitti amanuu dhaa moo cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuu dhaa?
Yesuusitti amanuu jechuun akkana. Yesuus sababii yakka fi cubbuu namootaatiif firdii fudhateera. Inni sababii cubbuu keenyaatiif madaa’e, nuyis sababii inni kana nuuf godheef firdii hulfaataatti fayyine. Haa ta’u iyyuu malee kun amantii guutuu miti. Utuu dhugaa kana hin fudhatina dura waan tokko qulqulleeffachuu qabna. Yesuus maaliif fannoo irratti du’uuf dirqamee?
Macaafni Qulqulluun gatiin cubbuu du’a akka ta’e sirriitti ni ibsa. Yesuus cubbuu tokko iyyuu hin hojjenne. Inni Mariam utuu durba taatee jirtuu ishee irraa foon uffatee bifa namaatiin akka Ilma Waaqayyootti fayyisaa biyya lafaa ta’e mul’ateera. Yesuus utuu fannoo irratti hin du’iin sababii cuuphamuu qabuuf kanaaf ture. Inni cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti dabarseera. Utuu hin cuuphamne ta’ee silaa firdii du’aa hin fudhatu ture.
 
 
Sirna Aaarsaa Bara Kakuu Moofaa
 
Aaarsaa dhi’eessuudhaaf maaltu barbaachisaa?
① Horii muda hin qabne
② Harka irra kaa’uu
③ Dhiiga isaa
 
Kottaa mee dhugaa kana karaa dunkaana qulqullaa’aa bara Kakuu Moofaa haa ilaallu. Bara Kakuu Moofaa keessatti angafa lubaa horii aarsaaf dhi’ate irra harka isaa kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin yookaan cubbuu ofii isaatti itti dabarsa. Battaluma sanatti horiin sun qalamee dhiigni isaa iddoo aarasaatti dhangala’uu qaba. Kakuun Moofaa gaaddidduu Kakkuu Haaraa akkuma ta’e, Yesuus Kiristoos hoolaa faasikaa ta’ee akka abdachiifametti gara biyya lafaa dhufe.
Cubbuun keessan gara Yesuusitti yeroo attammii darbee? Gaaffii kana akka isin itti yaaddanii deebiftan nan barbaada. Bara Kakuu Moofaa keessa sabni Israa’el yeroo aarsaa dhi’eessu dursee harka irra kaa’ee cubbuu isaa gara horii isa aarsaa ta’etti dabarsa. Utuu horii sana hin gorrain harka irra kaa’uun murteessaa ture.
“Innis harka isaa mataa horii qalma gubamuuf dhi’atee sana irraa haa ka’uu” (Lewwoota 1:4). Akka seera Lewwootaa keessatti barreeffamee jiru kanaatti aarsaan qalamu harka irra kaa’uu ni gaafata. Mataa horii aarsaaf dhihatuu irra harka irra kaa’uudhaan, cubbuu isaanii gara horichaatti dabarsuudhaan, dhiiga isaa fi qalma isaa Waaqayyo duratti amantiidhaan dhi’eessanii cubbuu isaaniittii bilisa ta’u. Sabni Israa’elis amantii Bara Kakuu Moofaa keessa tureen fayyaniiru.
Yeroo horiin qalmi gubamu Waaqayyo duratti dhi’atu, cubbamaan sun cubbuu isaa itti dabarsuudhaaf harka isaa irra kaa’uu qaba. Achumaan horiin sun bakka cubbamaa sana ni qalama. Dhiigni sun horichaas golee arfaan gaanfa iddoo aarsaatti facaafamee inni irraa hafuu moo iddoo aarsaa jalatti ni dhangalaafama. Kun akkaataa cubbamoonni itti fayyaniidha.
Bara Kakuu Haaraa keessatti, cubbamaan bishaanii fi dhiiga Yesuusitti amanuudhaan fayyina argata. 1 Yohannis 5:1-10 cubbamaan tokko yeroo cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanu qofa akka fayyina argatu ni dubbata.
Kanaafuu cubbamaan tokko cuuphamuu fi dhiiga fannoo Yesuusitti yeroo amanuu fayyina guutuu argata. Cuuphaa fi dhiigni Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuudhaaf wantoota murteessoo dha.
Jaallatamoo kiristaanotaa dhiiga Yesuus qofaatti amanuudhaan fayyina argachuun ni dandaa’amaa? Laphee warri dhiiga Yesuus qofaatti amanan keessatti cubbuun ni hafa. Garuu guutummaa cubbuu keessaniittii fayyuudhaaf cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan hafuuraan dhaqna qabachuu fi du’a fannoo isaatti amanuu barbaachisa.
Garteen dhaabbata amantii hundinuu barsiisa ofii isaanii qabu. Haa ta’uu iyyuu malee amantii dogoggoraa isaanii yoo dhiisanii gara wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuratti deebi’an malee fayyuu hin dandaa’an. Waldaan warra Pirisbiteerii dooktirinii filannoo duraan dursaa (predestination) irratti xiyyeeffatu; Waldaan warra Meetoodistii gara laafummaa (humanism or arminianism) irratti xiyyeeffatu; waldaan warra cuuphaa ga’eeyyii irratti, waldaan warri holinesii qulqullina namaa irratti xiyyeeffatu; egaa hundi isaan iyyuu dhugaa fayyina irraa waan kaatan qabu.
Garuu dhugaan Macaafa Qulqulluu keessaa waa’ee lammaffaa dhalachuu maal jedhaa? Macaafni Qulqulluun dhugaan fayyinaa cuuphaa fi dhiiga Yesuus keessa akka jiru dubbata. Namni dubbii Waaqayyoo dhaga’ee Waaqayyoon duukaa bu’u barbaadu hundi bishaanii fi Hafuuratii lammaffaa akka dhalachuu qabu amanuutu isa irra jira.
 
 
Dhooksaan Cuuphamuu Yesuus Keessa Jiru Maalii?
 
Bara Kakuu Haaraa keessatti dhaqna qabaan Hafuuraa maalii?
Cuuphamuu Yesuusitti amanuu dha.
 
Cuuphamuun Yesuus dhaqna qabaa hafuura ti. Bara Kakuu Moofaa keessatti, namni dhaqna hin qabanne hundi akka saba isaa tii adda ba’u Waaqayyo dubbateera.
Bara Kakuu Haaraa keessatti dhaqna qabaan Hafuuraa cuuphamuu Yesuusitti amanuu akka ta’e beeknee itti amanuu qabna. Yesuus utuu tajaajila hin jalqabin dura mul’inaan uummata keessatti waan cuuphameef, cuuphamuu isaatti amanuudhaan hafuuraan dhaqna qabachuu ni dandeenya. Yesuus maaliif akka Yohannis cuuphaan cuuphame sirriitti itti yaaduu qabna.
“Yesuus yemmus Yohannis Cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu ‘siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?’ jedhe jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!’ jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise” (Maat 3:13-15).
Yesuus laga Yordaanos, “laga du’a” isa jedhamutti Yohannis cuuphaadhaan cuuphame. Yesuus bishaanicha keessa lixee Yohannis cuuphaan achitti mataa isaa irra harka kaa’ee isa ni cuuphe. Akkaataan cuuphaa akka Yesuus cuuphame bishaan keessa kaa’amuudhaani. Yesuus cubbuu keenya hunda gara isaatti dabarsuudhaaf akkuma bara Kakuu Moofaa horii aarsaaf dhi’ate irra harki kaa’amu inni immoo cuuphamuutu isa irra ture.
Warra Yesuusitti amananiif cuuphamuun isaa dhaqna qabaa Hafuuraa ti. “Wanta qajeelaa gochuun nu irraa eegama” (Matthew 3:15). Yesuus cubbuu keenya nu irraa waan fuudheef Waaqayyo fi fayyisaa keenya ta’uun ni malaaf.
Cuuphamuun Yesuus akka namni lammaffaa dhalatu godha. Innis dhoksaa cuuphaa bishaanii fi Hafuuraa ti.
Yesuus Kiristoos hojii isaa mul’inaan uummata keessatti eegaluu fi fayyina cubbamootaa hojjchuudhaaf wanti inni dursee godhe cuuphamuu isaa ti.
Yesuus akka Waaqayyo barbaadetti cuuphamee cubbuu ilmaan namaa gara ofii isaatiitti fudhate. “Ilaa hoolaa Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohannis 1:29).
Booddana immoo, akka hoolaa Waaqayyootti cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee gara fannoo dhaqe. Akkaataa kanaatti ilmaan namaa cubbuuttii fayyiseera.
Kanaafuu, warri cuuphamuu Yesuus isa dhaqna qabaa bara Kakuu Moofaa bakka bu’ee fi fannifamuu isaatti warri amanaan fayyina qabu. Yesuus Kiristoos cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbamoota hunda fayyiseera. Kun dhaqna qabaa isa dhugaa dha.
 
 
Fayyinni Dhiiga Qofaa dhaani? Lakkii, akkana miti
 
Yesuus gara biyya lafaa maaliin dhufee?
Bishaanii fi Dhiigaan dhufe.
 
1 Yohannis 5:4-8 akkana ni jedha, “Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta’e hundinuu biyya lafaa mo’uuf ba’a ulfaatoo itti hin ta’an. Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu kunis amantii keenya. Eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’a, Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanu duwwaa tu biyya lafaa mo’uu danda’a. Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana innis Yesuus Kiristoos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee, Hafuurri Qulqulluun kan dhugaa ni ba’a. Hafuurichi dhugaa dha. Dhuga baatuu Sadiitu jira: Isaan kunis, Hafuuricha, Bishaanicha, Dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.”
Jaallatamoo Kiristaanotaa, waa’ee fayyisuu isaatii maal dhugaa baataa? Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo isa bishaanii fi Hafuuraan dhufe male kan biraa hin jiru.
Humni ittiin biyya lafaa mo’atan maalii? Amantii bishaanii fi Hafuuraa irra kan darbe kan biraa hin jiru. Kan bishaanii fi Hafuraan dhufe Yesuus Kiristoosii dha. Hafuurri qulqulluun hafuuraan dhugaa ba’a.
Biyya lafaa kana irratti dhugaa baatota sadiitu jiru: Innis Bishaanicha, dhiigicha fi Hafuuricha. Sadanuus yaada tokkoon waliigalu. Yesuus gara biyya lafaa fooniin dhufee firdii badiisaa ilmaan namaa oolchuudhaaf fannoo baateera. Waaqayyoo uumaan fayyisaa keenya ta’uu isaaf ragaan wangeela bishaanii fi Hafuura ti.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee ilmaan namootaa fayyisuudhaaf ragaan cuuphamuu fi fannoo isaa ti. Haala kanaan warra isatti amanan fayyiseera. Kun wangeela jalqabaa isa ta’e wangeela bishaanii fi Hafuuraa ti.
 
 
Bishaanni Fi Dhiigni Fayyisuu Waaqayyoof Dhugaa Ba’uu isa Kamii?
 
Hiikkaa dhaqna qabaa bara Kakuu Moofaa wajjin kan deemu maalii dhaa?
Cuuphamuu Yesuus.
 
Bishaanni cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa. Cuuphaa Yesuus jechuun dhaqna qabaa bara Kakuu Moofaa ti. Dhaqna qabaa bara Kakuu Moofaa wajjin kan deemu Cuuphamuu Yesuus bara Kakuu Haaraa ti. Cubuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbuu isaatiif ragaan Cuuphamuu Yesuusii dha.
Namni dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa kanatti amanu hundinuu Waaqayyoon, “at fayyisaa koo ti, at Gooftaa koo ti jechaa sammuu qulqullaa’aan isa duratti dhaabbachuu danda’a. Kanaafuu an cubbuuttii bilisa ta’eera. At Waaqayyoo koo fi fayyisaa koo ti.” Dhugaa kanatti amanuu qabna. Kana kan jechuu dandeenyu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti sababa amanneefi.
Jechi akka nuyi lammaffaa dhalannu godhu maalii? Cuuphamuu fi dhiiga Yesuus isa laphee keenya keessatti fayyina keenyaaf dhugaa ba’uu dha. Kun egaa wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraa ti.
Jaallatamoo kiristaanota, “Cubbamaan tokko dhiiga Yesuus qofaatti amanee fayyuu ni danda’aa?” Lakki. Fayyinni du’a fannoo isaa qofaan miti. Fannoo isaa qofaan osoo hin taane, bishaanii fi dhiiga Isaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan fayya. Macaafa Qulqulluu keessatti bishaanni cuuphamuu Yesuusiin akka ta’e ibsuu nan jaalladha.
1 Peexiroos 3:21-22 akkana jedha, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waam ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin Xurii dhaqnaa dhiqatan miti. Inni du’a ka’e sun, gara Waaqaatti ol ba’ee gara mirga Waaqayyoo jira. Ergamoonni Waaqayyoo warri aboo qabu jedhamanii sodataman humnoonnis harka isaa jala jiru”.
Ergamaan Pheexiros cuuphamuun Yesuus fakkeenya fayyina keenyaa fi cubbuuttii fayyuu keenyaaf ragaa akka ta’e ni dubbata. Cuuphamuun Yesuus hiika dhaqna qabaa bara Kakuu moofaa ti. Bara Kakuu Moofaa keessatti Sabni Israa’el dhaqna qabaadhaan dhaqna isaa irraa foon xiqqoo muree akkuma ijoollee Waaqayyootti dabalamaa ture, bara Kauu Haaraattis cuuphamuu Yesuusitti namni amanu cubbuu isaa ti fayyee ijoollee Waaqayyoo ni ta’a.
Kanaafuu, dhaqna qabaan bara Kakuu Moofaa fi Cuuphamuun Yesuus bara Kakuu Haaraa Raawwatee tokko. Cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan akka dhaqna qabattan amanaa jirtuu? Akkuma 1 Peexiros 3:21-22 irratti caqafamee jiru, cuuphaan fakkeenya fayyina keenyaa ti. Egaa dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee jiru kanaan ni qoccoltaa ree?
Nuyi namoonni biyya lafaa keessa jirru kun, attamitti cubbuuttii hiikamuu dandeenya? Yesuus cuuphamuu isaatiin qajeelummaa fayyinaa inni nuuf kenne qofaadhaan fayyina arganna. Maatewos 3:15, “Waan qajeelaa gochuun nuuf ni ta’a” jedha.
Sababa cubbuun keenya gara Yesuusitti darbee fi namni isatti amanuu hundi cubbuuttii bilisa ta’a. Cubbuun keenya cuuphamuu Yesuusiin gara isaatti akka darbe yeroo amannu fuula Waaqayyoon duratti qajeelaa ni taana. Yesuus Kiristoos cubbuu keenya nu irraa fuudhee fannoo irratti nuuf du’eera.
Jaallatomoo firootaa, wantoonni cubbuuttii nu fayyisan bishaanii fi dhiiga akka ta’e beekuu qabna. Waggota sadan lafa irra ture keessatti Yesuus nuuf cuuphamuu fi nuuf du’uu isaatiin hojii fayyina keenyaa raawwateera.
Yohannis 1:29 akkana jedha, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin cubbuu keenyaa nu irraa fuudhee, dhiifama cubbuu keenyaaf immoo fannoo irratti nuuf du’eera. Yesuus akka ilma Waaqayyootti, Kakuu Waaqayyo bara Kakuu Moofaa keessatti saba isaawajjin dhaqna qabaadhaan gale raawwachuudhaaf cuuphameera.
Namni wangeela cuuphaa Yesuusitti amanuu bishaanii fi Hafuuratti amanee lammaffaa dhalchuu isaa ti. Gooftaanis warra isatti amanan hundaaf fayyisaa dha. Waaqayyoof galanni haa ta’u, Yesuus akka abdii Waaqayyo kenneetti fayyina keenya nuuf raawwatee, cubbuu keenyattii nu qulleesseera. Haleeluyaa!
 
 
Xurii Dhaqnaattii Qullaa’uu Miti
 
Foonni yeroo keessatti qulqullaa’uu ni danda’aa?
Lakki. Foonni hanga gaafa du’uutti ittuma fufee cubbuu hojjeta.
 
1 Pheexiros 3:21 akkana jedha, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waam ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti” (1 Pheexiros 3:21).
Namni tokko Yesuus Kiristoos fayyisaa akka ta’e yeroo amanu, foon isaatti cubbuu gochuu dhiisa jechuu miti. Cubbuu hojjechuu dandeenya, haa ta’uu iyyuu malee cubbuu kana hunda Yesuus cuuphaa isaatiin gara ofii isaatti fudhatee fannoo irratti cubbuu gatii keenyaa akka kaffale amanuu qabna. Gochaa lamaan Yesuus fayyina keenyaaf hojjete amanuudhaan cubbuu keenyatti ni qulloofna.
Lammaffaa dhalachuu jechuun Yesuus Kiristoos fayyisaa akka ta’e garaa ofiitiin amanuu dha. Laphee keenyaanis dhiifama cubbuu bira ga’uu dandeenya. Cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti yeroo amannu, garaa keenyaan lammaffaa dhalanna, garuu foon keenyaan cubbuu fi irra daddarba gochuu dandeenya. Garuu cubbuun foon keenyaa hundinuu nu irraa ka’eera.
Cuuphamuun Yesuus nu warra amanneef ragaa fayyinaatti. Cuuphamuu Yesuus keessatti akka nama cubbuu hin qabnetti ilaalamna. Yeroo fayyisuu cuuphaa Yesuus, wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannu, laphee keenyaan lammaffaa dhalchuu dandeenya.
Kun amantii isaa Abraamiif qajeelummaa argamsiise isa Phaawulos dubbate isa fakkeenya fayyina keenyaa ta’ee dha.
Akkuma Abraam dubbii Waaqayyootti amanee qajeelaa ta’e, wangeela bishaanii fi Hafuuraatti yeroo amannu fayyina ni arganna.
Yohannis 1:12 akkana ni jedha, “Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne, isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.” Yesuus Kiristoos isa cuuphaa fi dhiiga isaatiin nu fayyisetti ni amantaa? Fayyina karaa Ilma Waaqayyoo wangeela bishaanii fi Hafuuraa argamutti amanuu qabana.
Namni dhiiga Yesuus qofaatti amanuudhaan fayyina bira ni ga’a? Lakki. Bihaanii fi dhiiga Yesuusiin fayyinni argama. Macaafa Qulqulluu keessatti akkuma barreeffamee jiru fayyinni dhiiga Yesuus qofaan ta’uu akka hin qabne ni dubbata. Fayyinni karaa cuuphaa fi dhiiga Yesuus akka ta’e ni dubbata.
Cuuphaan Yesuus dhaqna qabaa Hafuuraa bara Kakuu Moofaa ti. Inni fayyina isa cubbuu nu irraa kaasu dha. Yesuus biyya lafaatiif du’e jechuun inni cubbuu keenyaa fi cubbuu kee tiif du’e jechuu dha.
Wangeela dhiifama cubbuu wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuudhaan barabaraan cubbuuttii bilisa ni taana. Amantiidhaan cubbuu biyya lafaa hundaatii ni fayyina. Cuuphamuun Yesuusii fi dhiigni isaa cubbuu tii akka nu fayyisu yeroo amannu, cubbuun hundinuu laphee keenyattii dhiqama. Kana ni amantaa? Nan amana akka at wangeela kana dhageessee itti amantu. Itti amanitii jireenya barabaraa argadhu.
Ergamaan Phaawulos akkan jedha, “Dhaqna Qabaan yaada garaa namaa dhaqna qabaa isa dhugaa dha” (Roomaa 2:29). Yaada garaa keenyaan attamitti dhaqna qabannaa? Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaatiin akka inni cubbuu keenya nu irraa fuudhee fannoo irratti du’uudhaan firdii jalaa akka nu baasee du’aa ka’e yeroo amanu Hafuuraan dhaqna qabanna.
Ergamaan Phaawulos Dhaqna Qabaan yaada garaa namaa ti jedha. Dhaqna qabaa yaada garaa namaa jechuu dhaqna qabaa hafuuraa innis cuuphaa Yesuusitti amanuu dha. Yaada garaa keetiin dhaqna qabachuu yoo barbaadde cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu si barbaachisa. Akkaataa kana qofaan ijoollee Waaqayyoo ta’uu dandeessa.
 
 
Yohannis Cuuphaan Waaqayyo Biraa Ergamee?
 
Yohannis Cuuphaan Eenyuudhaa?
Yohannis Cuuphaan karaa hidda Aaron, angafa lubaa isa dhumaa fi bakka bu’aa nama hundumaa ti.
 
Egaan Yohannis cuuphaan inni Yesuusiin cuuphe eenyu akka ta’e beekuu qabna. Maatewos 11:11-14 akkana jedha, “Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irraa kan caalu takkaa hin kaane, garuu mootummaa Waaqaatti inni hunduma irra xinnaatu iyyuu isa irra ni caala. Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira. Warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa ni fudhatu. Raajonni hundinuu seerris hanga bara Yohannis cuuphaatti raajii dubbataniiru. Kana fudhachuus ni barbaaddu yoo taatan Yohannis kun Eliyaas isa dhufuuf jiru sana.”
Jaallatamoo Kiristaanotaa, nama dubartii irraa dhalate keessaa kan Yohannis cuuphaa irra caalu hin jiru. Dhalachuu Yohannis cuuphaatiin barri Kakuu Moofaa ni xumurame. Dhufaatii Yesuus Kiristoosiin Kakuun Waaqayoo ilmaan namaa wajjin gale ni raawwatama.
Kakuun Waaqayyoo attamitti bakka ga’ee? Yesuus Kiristoosii fi Yohannis cuuphaa dha. Yohannis cuuphaan cubbuu ilmaan namaa hunda gara Yesuusitti dabarse. Angafni Lubaa bara Kakuu Moofaa eenyuu dhaa? Sanyiin hidda Aaron eenyuu dha? Kun nama kan biraa osoo hin taane Yohannis cuuphaa akka ta’e Yesuus dubbateera. Yohannis cuuphaan bakka bu’aa ilmaan namaa, nama dubartii irraa dhalate keessaa nama hunduma irra caalu akka ta’e dhugaa ba’ameera.
Dhugaa kana irratti haa yaadnu. Musee, Abraam, Yaaqoob hundinuu dubartii irraa dhalatan. Haa ta’uu iyyuu malee namoota bara Kakuu Moofaa keessatti dhalatan keessaa kan caalu eenyuu dhaa? Yohannis cuuphaa dha.
Yohannis cuuphaan raajiin inni dhumaa bara Kakuu Moofaa fi sanyi hidda Aaron Yesuus Kiristoosiin, Hoolaa Waaqayyoo bara Kakuu Haaraa cuuphe. Cuuphaa kanaan cubbuu biyya lafaa hunda gara isaatti dabarseera. Inni garbicha Waaqayyoo ti. Inni Yesuus cuuphuudhaan garaa nama hundumaa dhaqna qabeera.
Cuuphaa Yesuusii fi du’a fannoo isa firdii nu oolchetti amanuudhaan ni fayyina. Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee firdii du’aa baateera. Gama keenyaan wanti nuyi gochuu qabnu itti amanuu qofaa dha. Yesuusitti amanuun ilmaan nama fedha Waaqayyoo ti.
Wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraa gara laphee keenyaatti fudhachuudhaan sanyii Abraam ijoollee Waaqayyoo ni taana. Namoonni baayyeen Yesuusitti amananii yoo jiraatan iyyuu   akkaataa malee waan amananiif karaa sirrii ta’e irra hin jiru.
Guyyichi ga’ee dukkannis sokkeera. Cuuphamuu Yesuusitti amani yeros inni jireenya kee keessa ni ta’a. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu keetiin eebba fayyina keessaa ba’u ni argatta.
Dhibatni Hafuuraa yeroo cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananii fayyina argatan qofa gara keenya akka dhufu hubachuu qabna. Baattuu ibsaa (waldaa) fi dhibata (Hafuura) akka abshaalotaa (Maatewos 25:4) qabaachuudhaaf cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuusitti amanuu qabna. Warri akkanaa warra hafuuraas qaban, waldaas dhaqanii dha.
 
 
Yesuus Eenyuu fi Cuuphamee?
 
Yesuus maaliif cuuphamee?
Cubbuu ilmaan namaa hunda irraa fuuchuudhaafi.
 
“Yohannis garuu ‘siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?’ jedhe jabeessee isa ittise Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duraatti waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun waan ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi’ jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise” (Maatewos 3:13-15).
Yesuus cubbuu ilmaan namaa irraa dhiquudhaaf cuuphame. Yesuus Kiristoos fayyisaa fi ilma Waaqayyoo ti. Inni Waaqayyo isa nu uumee dha. Yesuus Kiristoos fedha Waaqayyoo abbaatiin gara biyya lafaa dhufee saba isaa nu godhate.
Raajonni bara Kakuu Moofaa waa’ee maalii dubbataa? Isaan waa’ee Yesuusiin dubbatu. Raajonni bara Kakuu Moofaa hundinuu waa’ee Yesuus gara biyya lafaa dhufee cubbuu biyya lafaa irraa fuudhuu dubbataniiru.
Akkua raajii duraandursee dubbatametti Yesuus gara biyya lafaa dhufee Adaamii eegalee hanga nama isa dhumaatti cubbuu ilmaan namoota hojjetan hunda irraa fuudheera.
Amma egaa fayyina karaa cuuphaa du’a Yesuusiin gara fudhachuu ni dandeessa. Kun dhugaa miti jette ni shakkitaa? Hanga ammaatti cubbuu keetiin jirtaa? “Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin waan qajeelaa nuuf hojjeteera.” Inni qajeelummaa hundumaa bakkaan ga’uuf cuuphameera.
Jechii “cuuphaa” jedhamu, “dhiqamuu” jechuu dha. Akka harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaatti Yesuus cuuphameera.
Cubbuun nama hundumaa mataa isaatti fudhachuudhaaf laga Yordaanositti cuuphameera. Bishaan Yordaanositti cuuphamuunisaa du’aa fi firdii cubbamootaa fudhachuun isaa agarsiisa. Bishaanni keessa kaa’umuun isaa du’a agarsiisa. Bishaan keessaa ol ba’uun isaa mallattoo du’aa ka’uu ti. Yesuus fannoo irratti du’ee hawwaalamee guyyaa sadaffaatti du’a ka’e.
Inni egaa fayyisaa fi Waaqayyo keenyaa dha. Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee cuuphamee, fannoo irratti du’ee, du’aa ka’uu dhaan gara mirga Waaqayyoo abbaa ta’uunisaa fayyina keenya sirriitti mirkanessa. Kanatti ni amantaa?
Cuuphamuun Yesuus dhaqna qabaa Hafuuraa bara Kakuu Haaraa ti. “Dhaqna qabaa yaada garaa ti.” Dhaqna qabaan Hafuuraa keenya yeroo nuyi cuuphamuu Yesuusitti amannu fiixa ba’umsa argata. Dhaqna qabaan hafuuraa akka Yesuus nuuf cuuphame yeroo garaa keenyaan amannee fudhannuu dha.
Laphee keetiin dhaqna qabatteettaa? Yaada garaa keetiin dhaqna qabatteetta yoo taate, cubbuun kee barabaraan si irraa fuudhameera. Yesuus sababii kanaaf qajeelummaa akka argannuuf cuuphamee fayyina keenya mirkanneesseera.
Jaalatamoo Kiristaanotaa, fayyina keessan laphee keessan keessatti mirkaneeffachuu qabdu. Fayyisuu Yesuusiin altakkaa yeroo fudhatu, altakkaa barabaraan cubbuu keettii ni qulloofta. “Garuu warra isa simataniif ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenneera” (Yohannis 1:12).
Yesuus gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaa attamitti ilaaltaa? Amma itti amanteettaa? Yesuus cubbuu ilmaan namaa irraa fuuchuudhaaf cuuphame. Innis dhaqna Qabaa Hafuuraa ti. Cuuphamuun Yesuus dhaqna qabaa hafuuraa keenya. Ergamaan Phaawulos sababii kanaaf laphee keenyaan akka dhaqna qabaannu dubbata. Yesuus cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin akka nu fayyise hubannee amanuu irraan kan hafe filannoo biraa hin qabnu. Sagalee Waaqayyoo tiif, “Eeyyee. Ameen jechuu” nu barbaachisa. Kun dhugaa mitii? Itti amanteettaa?
 
 
Dhugaa Kanaa Laphee Keetti Fudhatteettaa?
 
Utuu Yesuusiin hin waaqeffatin dura maal gochuu qabnaa?
Dhugaa Cuuphaa fi Dhiiga Yesuus laphee keenyatti fudhachuun qabna.
 
Erga Yesuus gara biyya lafaa dhufee gara waggoota kuma lamaa olii ta’ee jira. Bara ayyaanaa kana keessatti dhugaa fayyinaa cuuphamuu fi dhiiga Yesuusiin laphee keenyatti fudhachuu qabna. Kana malee waan biraa gochuu hin qabnu.
“Laphee ofiitiin dhaqna qabachuu barbaachisa.” Amantii laphee keenyaa tiin lammaffaa dhalchuu nu barbaachisa. Amantii qofaan fayyuu dandeenya. Sabni Israa’el bara Kakuu Moofaa keessatti dhaqna qabaa fi dhiiga hoolaa faasikaa michicila balabala mana isaanitti facaasanii fayyina argatan.
Warri cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan firdii guyyaa booddeef yaaddoo tokko illee hin qaban sababiin isaa Yesuus firdii isaanii waan fudhateef. Warri akkasumaan dubbii qabatamaan ala Yesuusitti amanan garuu garbummaa cubbuutiin waan jiraniif firdiitu isaan eeggata. Namoonni hedduun sababa gar malee amananiif cubbuu isaaniittii hin fayyin jiru.
Attamitti haala kana irra ga’anii? Maaliif hanga ammaatti cubbuu isaanittiin rakkachaa jiruu? Sababa dhugaa cuuphamuu Yesuusii fi du’a fannoo isaatti al takkaa waan hin amanneef. Isaan dhiiiga isaa qofaatti amanan male cuuphamuu isaatiin akka inni cubbuu isaanii isaan irraa kaasee waan hin amanneef.
Salphaa dhumaatti dhiiga isaatti amanuu qofaan fayyina aragachuun ni dandaa’amaa? Macaafni Qulqulluun akkanaatti nutti dubbataa? Waa’ee kanaa Macaafonni Kakuu moofaa fi Kakuu Haaraan maal jedhuu? Dhiiga qofaan osoo hin taane cuuphaa fi dhiga isaatiin akka fayyinni argamu dubbata (1 Yohannis 5:3-6).
Dhiiga Yesuus qofaatti amante moo? Yoo akkana ta’e warra cubbuu isaaniitiin jiranitti dabalamtee jirtaa jechuu dha. Amantii dogoggoraa irraa deebi’uun nu irraa eegama.
Warri sirriitti hin amanne cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananii gara fayyisuu Waaqayyootti deebi’uu tu irra jira. Cuuphamuu Yesuusiin cal’isuu isaaniif qalbii diddiirrachuu qabu. Fayyinni cuuphaa fi dhiiga Yesuus qofaan argama. Yesuus cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin akka nu fayyisee laphee keenyaan amanuu qabna. Jecha biraatiin wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofaan fayyinni jireenyaa argama jechuu dha.
Jaallatamoo Kiritsaanotaa, dhiiga Yesuus qofaatti amantee jirtaa moo? Yoo akkana ta’e, dhugumaan cubbuu keetiin akka jirtu beekuu qabda. Cubbuu keettii hin fayyine jechuu dha. Seera Waaqayyoo eegdee waan fayyitu yoo sitti fakkaate, dhageetti qofaa dha. Dubbiin Waaqayyoo akkana hin jedhu.
 
 
Ammas Baayyee Booddeetti Hin Hafne
 
Dhugaan maalittii birmaduu nama baasaa?
Seeraa cubbuu fi du’attii bilisa nama baasa.
 
Ammas baayyee booddeetti hin hafne. Cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amani, yeros dhaqna qabattee cubbuu keettii bilisa taata. Cubbuuttii birmaduu ba’uu jechuun immoo wangeela cuuphaa Yesuusii fi dhiiga isaatti amanuu jechuu dha.
Cubbuu keettii birmaduu ba’uuf cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanuu ni barbaaddaa? Si’a tokko yoo amante, fayyuu jechuun maal akka ta’e ni hubatta. Nagaas ni argata. Yoo akkas ta’e qofa qajeelummaa argata. Hojii ofii keetiin osoo hin taane, dubbii Waaqayyoo irraa amantii qabaachuudhaan malee. Namni du’a fannoo qofaatti amanee nan fayya jechaa jiru, kana dhiisee lamaan isaa cuuphaa fi du’a Yesuusitti akka inni amanuu cimsee nan hubachiisa.
Jaallatamoo Kiristaanotaa, cubbuu ofiittii guutummaatti fayyuudhaaf cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanuun murteessaa dha. Hafuura Qulqulluu Jechuun Waaqayyoo dha. Waaqayyo Yesuus Kiristoosiin foon namaa uffatee gara biyya lafaa dhufe.
Waaqayyo karaa raajota isaatii Yesuus fayyisaa isa cubbuuttii nama fayyisu akka jedhamu dubbateera. “Kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Amaanu’el jedhama, hiikaan isaas ‘Waaqayyoo nu wajjin jira’ jechuu dha” (Maatewos 1:23).
Waaqayyo cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Inni cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhee cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Kun egaa dhugaa fayyina bishaanii fi Hafuuraa ti. Dhugaa kana himuu nan jaalladha. Dhiiga qofaatti amanuudhaan waan fayyite sitti fakkaataa? Akkana miti. Cuuphaa fi dhiiga Yesuustu nama fayyisa.
Raajonni sobduu fi barsiisonni sobduun warri cuuphamuu Yesuusiin callisan hedduutu jiru. Yesuus akkan jedhe, “Dhugichas ni hubattu, dhugichis birmaduu isin ni baasa” (Yohannis 8:32).
Dhugaa beekuu qabna. Yesuus maaliif akka cuuphamuu isaa dubbate hubannee itti amanuu qabna. Waaqayyo bara Kakuu Moofaa keessa maaliif akka waa’ee dhaqna qabaa fi waa’ee hoolaa faasikaa dubbatee hubachuu qabna.
Dubbii Macaafaa gar tokkoo isaa qofa yoo hubanne dhugaa guutuu utuu hin hubatin hafna. Yesuus akkan jedhe, “Dhuguma dhugumaan siin jedha, eenyu iyyuu bishaanii fi hafuurattii yoo dhalachuudhaa baate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” (Yohannis 3:5).
 
 
Kiristoos Keessatti Cuuphamuu
 
Attamitti du’a Kiristoositt tokkummaa qabaannaa?
Karaa cuuphamuu isaatii cubbuu keenyaa gara isaatti akka darbe amanuudhaan.
 
Macaafni Qulqulluun Dhoksaa fayyinaa ni dubbata. Inni dhiiga qofaatiin jedha? Lakki. Cuuphaa fi dhiiga isaatiin jedha. Ergamaan Phaawulos Roomaa boqonnaa 6 fi ergaa isa gara Efeesoon keessatti dubbateera.
Roomaa 6:3-8 mee haa dubbifannu. “Yookis nuyi warri Kiristoos Yesuusitti dhabalamuudhaaf cuuphamne, du’a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne ni wallaaltanii ree? Nuyi cuuphamuun du’a isaatti isatti dabalanne isaa wajjin hawwalamneerra. Kiristoos humna abbaa isa hulfina qabeessaan warra du’an keessaa akkuma kaafamee, nuyis immoo jireenya Haaraatti ni jiraanna. Akkuma du’a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne akkasuma du’aa ka’uu isaatiin isatti ni dabalamna. Nuyi deebinee garba cubbuu akka hin taanetti, dhaqni inni cubbuu hojjetu akka badduu baafamuuf namummaan keenya inni moofaan isa wajjin akka fannifame ni beekna. Namni yeroo du’uu humna cubbuu jalaa ni ba’a. Kiristoosii wajjin yoo duune, garuu Kiristoosii wajjin immoo akka jiraannu  ni amanna.”
Lakkobsa 5 haa ilaallu. Innis akkana jedha, “Akkuma du’a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne akkasuma du’aa ka’uu isaatiin isatti ni dabalamna.”
Duuti isaa du’a keenya sababiinisaa karaa cuuphaa isaatii cubbuun keenya gara isaatti waan darbeef. Kanaafuu cuuphaa fi duutii fannoo kan walitti hidhamee dha.
Amantii nuyi cuuphaa fi dhiiga isaa irraa qabnu isaa wajjin walitti nu hidha. “Gatiin cubbuu du’a” (Roomaa 6:23). Kanaafuu duuti fannoo Yesuus du’a keenya. Inni cubbuu keenya gara ofiiisaatti fudhachuudhaaf cuuphameera. Dhugaa kanatti amanuun Yesuus isa fayyisaa ta’ee wajjin walitti nama hidha.
 
 
Akka Toora Amantii Biyya Lafaatti Yesuusitti Amanuu Hin Qabnu
 
“Inni qajeelaa fi amanamaa dha” jechuun maal jechuu dhaa?
Akkana jechuun Yesuus nama isaatti amanu hunda cubbuu isaattii barabaraan ni qulleessa jechuu dha.
 
Namoonni baayyeen akkuma amantii biyya lafaatti Yesuusitti amanuudhaan gara waldaa dhaqanii bo’aa qalbii diddiirrannaa godhatu. Guyyaa-guyyaatti cubbuu isaanii himachaa deddeebi’u. “Yaa Yesuus akka ati fannoo irratti anaaf duute nan beeka. Eeyyee nan amanas jechaa ni kadhatu.
Isaan kutaa armaan gadii garmalee hubataniiru. “Nuyi cubbuu keenya yoo himanne, inni qajeelaa fi amanamaa waan ta’eef inni cubbuu keenyattii nu qulleessa” (1 Yohannis 1:9). Guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuudhaan akka fayyina argatan amanatu. Kutaan gararraakana guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuudhaan fayyitu jechuu miti. Kutichi kan inni jedhu hanga ammaatti akka hin fayyine yommuu dhugaa baanu Yesuus barabaraan nu fayyisa jechuu dha.
“Egaa amantiin dhaga’uu irraa ni dhufa, wanti dhaga’uun ta’u immoo dubbii Kiristoosiin beekama” (Roomaa 10:17). “Dhugicha ni hubattu, dhugichis birmaduu isin ni baasa” (Yohannis 8:32).
Jaallatamoo Kiristaanotaa, dhugichi ifaa dha. Yesuus cubbuu kee cuuphamuu isaatii si irraa kaasee akka fannoo baate hin amannee taanaan amantiin kee akkasumaan ta’a. Namni cubbuu isaattii guutummaatti fayyuu barbaadu, akka Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu kee si irraa fuudhee, sababii kanaaf firdii cubbuu akka baatee amanuu qaba. Jecha biraatiin cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuudhaan fayyina arganna jechuu dha.
“Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaa dhaan malee kan biraatiin tokko illee hin jiru. Maqaan kan biraa ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jala ilmaan namootaaf hin kenname” (H. Ergamootaa 4:12). Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin firdii barabaraattii nu fayyise. “Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta’a, afaan isaatiinis beeksisee ni fayya” (Roomaa 10:10). At qajeelaa dhaa moo cubbamaa dhaa?
Galaatiyaa 3:27 akkana jedha “Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtman Kiristoosiin akka uffataatti uffataniittu.” Kutaan kun Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya nu irraa fudhee gara fannoo akka dhaqee mul’isa. Inni guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira. Warra isatti amananiifis gooftaa jireenyaa ta’eera.
Yesuus utuu hin cuuphamne ta’e fannoon isaa akkasumaan ta’a ture. Amma garuu cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee fannoo isaatiin immoo firdii du’aa nu oolcha.
 
 
Mucaan Musee Iyyuu
 
Waaqayyo maaliif karaa Misirii ba’uu irratti Musee ajjeesuu barbaadee?
Sababa mucaa isaa dhaqna hin qabneefi.
 
Jaallatamoo saba Waaqayyoo, egaa amma Dhoksaa wangeela bishaanii fi dhiigaan cubbuu keessanittii fayyuu hubattanii jirtu. Eebba dubbii Waaqayyoo keessaa argamu fudhachuun baayyee gaarii dha.
Eebbi kun dhiiga Yesuus qofaadhaanii? Bara Kakuu Moofaa keessa sanyiin Abraam dhaqna qabaa fi hoolaa faasikaatiin eebba argachaa turan. Amma egaa cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuudhaan saba Waaqayyoo taanee jirra. Waaqayyo wanta Kakuu Moofaa keessatti hojjetama karaa Musee bakkeetti baaseera.
Waaqayyo saba Israa’eliin fayyisuudhaaf Museetti dubbatee biyya Misirii isaan baaseera. Museenis gorsa abbiyuu isaa Yetiroo fudhatee haadha manaa isaa fi mucaa isaa wajjin biyya Misiriin dhaqan. Yeroo inni maatii isaa fe’atee adeemetti Waaqayyo iddoo inni buufatetti isa quunname isa ajjeesuudhaaf ka’e.
Haa ta’uu iyyuu malee, Haatii manaa isaa sababii Waaqayyo isa ajjeesuu barbaadeef hubattee turte. Kanaafuu isheen mucaa isaanii isa dhaqna qabdee, Museedhaan, “ati dhugumaan abbaa manaa dhiiga kooti” jette. Yeroos Waaqayyo akka isaan karaa isaanii adeeman godhe.
Waaqayyo nama dhaqna hin qabanne hunda Musee iyyuu ajjeesuuf ture. Saba Israa’eliif dhaqna qabaan Kakuu Waaqayyoo ture. Waaqayyo nama dhaqna hin qabanne hunda eenyuun iyyuu ijoollee geggeesitoota saba isaatii iyyuu taanaan mootummaa isaa keessaa ni baasa. Museen saba Waaqayyottii cituu irra mucaa isaa dhaqna qabe.
Macaafni Qulqulluun Siifooraan mucaa ishee dhaqna qabdee gogaa foon ilma ishee murtee gudeeda Museetti buuftee Museedhaan, “ati dhugumaan abbaa mania dhiiga koo ti!” ittiin jette fedha Waaqayyoo waa’ee dhaqna qabaatiif qabus ni guutame (Ba’uu 4:26).
Namni dhaqna hin qabanne hundinuu Saba Israa’el keessaa ba’uu qaba ture. Warra dhaqna qabate qofaatuu hoolaa faasikaa Nyaatanii tajaajla Waaqayyo saba isaatiif kennu keessaa hirmaachuu danda’u.
Ergamaan Phaawulos Israa’el keessaa ture. Dhalatee guyyaa saddeettaffaa isaatti dhaqna qabate, barsiisaa olaanaa, Gamaalie’l jalatti baratee Yesuus maaliif akka laga Yordaanositti cuuphame fi du’a fannoo fudhate hubateera. Kanaafuu waa’ee cuuphamuu Yesuus ergaa isaa keessatti barreesseera.
Ergamaan Phaawulos fannoon Yesuus fayyina keenya xumuruuf akka ta’e barreesseera. Dhaqna qabaan Hafuuraa cuuphamuu isaa yeroo ta’u, duutii isaa immoo xumura fayyinaa ti. Cuuphaa isaatiin ala dhiiga isaa irratti xiyyeeffachuun fayyinaan nama hin ga’u.
Ergamaan Phaawulos kallatiidhaan waa’ee fannoo Yesuusiin ni dubbata. Kun maaliifi? Sababiinsaa duutii isaa raga fayyina keenyaa waan ta’efi. Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee hin duune immoo ta’e, fayyinni keenya bakka hin ga’u ture. Ergamaan Phaawulos sababii kanaaf waa’ee fannoo isaatti irra deddeebi’ee dubbata. Duutii Yesuus xumura fayyina keenyaa isa dhumaa ti.
Utuu dhugaan fayyina kanaa dhaloota kanaaf sirriitti barsiifameera ta’e silaa namoonni baayyeen cubbuu isaaniitti ni hiikamuu turan. Haa ta’uu iyyuu malee, dhugaan waggoota hedduudhaaf namoota jalaa dhokatee waan tureef, namoonni waa’ee hiikkaa cuuphamuu Yesuusiin utuu hin hubatin du’a isaa qofa fudhachaa turan.
Namoonni Yesuusitti amanneerra yoo jedhan iyyuu, dubbii Waaqayyoo irratti waan hin hundeeffamneef jireenya malee hafuun isaanii beekamaa dha. Waggaa 10 boodas cubbamoota, erguma waggaa 50 qajeelummaatti jiraatanii booda iyyuu.
 
 
Dhuga Ba’umsa Koo
 
Waaqayyo nama cubbamaatiin qajeelaa dha ni jedhaa?
Lakki. Inni qajeelaa dha. Qajeelota warri jedhaman warra Yesuus cubbuu isaanii irraa fuudhee birmaduu baasee dha.
 
Ani waggaa 20 ffaa koottanYesuusitti amane. Isa dura sababan seera Waaqayyoo hin beekneef akka an isa yakkiis hin hubannee ture. Hanga yeroo sanatti sababan Waaqayyoon hin beekneef akka fedha mataa koottan jiraachaa ture.
Achumaan nan dhukkubsadhe. Baayyee sababa na dhukkubeef nan du’a jedheen yaade. Yesuus cubbamoota akka kootiif akka du’e waan an dhaga’eef du’a koo dura isatti amanuun murteeffadhe. Nan amanes. Gara jalqabaatti baayyee gammadeen galateeffadhe.
Garuu yaadichi takka turee na dadhabsiisuutti ka’e. Waggoota yaraa booddee cubbuu hedduu hojjechuuttan ka’e. Yoomi iyyuu cubbamaa ta’een argama ture. Waggoota 10 booda, ammas cubbamaa isa gadhee ta’uu koo nan bare. Waggaa 10 f Yesuusitti amanee, cubbamaa ta’uun koo homaa hin jijjiiramne. Ani amanaa fi cubbamaan ture.
Yoon, “Boo’ichi nan fayyisu! Fuulli koo imimmaaniin yoo dhiqame iyyuu, soda koo ana irraa hin fageessine, cubbuu koos ana irraa hin dhiqne!” “Boo’ichi nan fayyisu” Yeroon cubbuu hojjedhu hundumaatti nan boo’aan ture.
“Yaa Waaqayyoo cubbuu tokkittii kana naaf dhiisi. Tokkitti kana anaaf dhiisi lammaffaa itti hin deebi’u.” Yeroon cubbuu hojjedhu guyyoota sadiifi immoo soomeen kadhadhu. Kutaa xiqqoo keessatti of hidheen guyyoota sadiif soomee kadhadha. Sammuun koo baayyee waan natti ulfaateef, dhiifama argachuudhaaf gara Waaqayyootti nan boo’a. Ergasii booda waan naa fooyya’e natti fakkaatee Waaqayyo duratti yaada qullaa’aadhaan nan dhi’adha.
“Ammas, Cubbuu koo of irraa nan dhiqe. Haleeluyaa!” Ergasii booda yeroo yaraaf gammadeen nan jiraadha. Garuu ammas yeroon cubbuu hojjedhu gaddi koo anatti deebi’a. Haala kadhaannaan fooyyeffachuu ittuman fufe. Jalqabatti amanuu kootiif baayyeen gammade, garuu ammuman amantiidhaan ture cubbamaa ta’uu koon of arga malee qullaa’uummaa koo hin arguu ture.
Waggoota kudhan booda, isa yeroon amanee caalaan cubbamaa ta’e. “Maaliifan ifatti Yesuusitti amanaa? Hanga dulluma koo waggaa 80 eeguu irra dafanii amanuun attam salphata. Ani akka Yesuus cubbuu koo ana irraa kaasee birmaduu na baase yeroon amane sammuun koo nagaa na argatee guyyaa-guyyaattis cubbuu kootiif dhiphachuu irraa nan boqodhe.” Ani akka fedha Waaqayyootti akkan jiraadhun baradhe garuu hin dandaa’amu. Sammuu koo garas akka an deemu natti dhaga’ama.
Waaqayyoon irra deddeebi’ee akkan barbaaduun baradhe. Sababa kanaaf ti’ooloojii yeroo dheeraaf yoon baradhe iyyuu keessi koo qul’aa gin ture. Kitaabilee waa’ee amantii dubbisu utuun hin jalqabin dura, siree ho’aa irra ciisee akka nama hin rafnee, akka qulqulluu Daamiin nama jedhamuu ta’uun barbaadaa ture. Gammadee jiraachuu caalaa hiyyeeyyii gargaaruutti of wareegeen ture.
Waa’ee namicha isa qulqulluu jedhee sana baayyeen dubbiseen akka isaa ta’uu barbaade. Akka nama gadaamitti galeettan jiraachuu barbaade. Hafata nama quqquuqu irra jilbeenfachaan ture. Nama fooyyee qabuu ta’uuf simintoo irra jilbeenfadhee saa’atii dheeraaf kadhachuuttan of kenne.
Woggoota kudhan booda, dhaabbachuu hin dandeenye. Kanaafuu Waaqayyoon nan kadhadhe. “Waaqayyoo Gooftaa, adaraa na fayyisi. Garaa koo guutuudhaan sin amana dha. Namni lubbuu kootti billaa yoo kaa’ee iyyuu akka an sin dhiifne bareera. Garuu utuun akkana si amanaa jiruu maaliif keessi koo duwwaa ta’aa? Maaliifan akkana duwwaa ta’aa? Maaliifan nama baayyee yakkamaa ta’aa? Waa’ee cubbuu dursee waan an bare hin qabu ture. Waggaa hedduuf utuun si amanee jiruu maaliif akkan nama gadhee ta’aa jiru hin beeku. Rakkinni koo maalii?”
Ergasii itti yaaduuttan ka’e. Cubbuu koottii utuun hin fayyin akka an Waaqayyootti amanuun bare. Yeroo sanatti dhugaa kana hin hubanne waan an ta’eef gara rakkinaatti akka inni na oofe nan bare.
Utuun cubbuu koottii hin qullaa’iin attamittan waa’ee fayyisuu Waaqayyoo namatti dubbadhaa? Attamittan akka namni Yesuusitti amanuuf dhugaa ba’aa? Irra deddeebi’ee nan kadhadha. “Yaa jaallatamaa Waaqayyoo, Seeminaarii irraa dhi’hootti eebbifameen luba ta’ee tajaajila kenna. An amma iyyuu cubbuu kootiinan jira erga ta’e, attamittan waa’ee cubbuuttii fayyuu warra kaanitti dubadhaa? Ofii kootis cubbamaa ta’ee, ergoota Phaawulosiin yeroon dubbisu namni Hafuura Waaqayyoo hin qabne ijoollee Waaqayyoo jedhamu akka hin dandeenyen dubbise. Akka fedhe yoon barbaade iyyuu akka hafuurri ana keessa hin jirre hubadheera. Akka waan dura ana keessa turee deebi’ee ana keessaa badeetti natti dhagaa’ama. Maaltu ta’ee? Yaa Waaqayyo natti dubbadhu” jedhe.
Rakkinni koo akkaataa salphaatti Yesuusitti amanee utuun hin fayyin fayyeera ofiin jedhee yaaduu koo ti. Kana irratti baayyeen dhiphadhe.
Waaqayyo warra isa barbaadanitti akka mul’atu dubbateera. Dhuma irratti dhugaa isaatiin anatti dubbate. Erguman Yesuusitti akkaataa salphaatiin amanee waggoota 10 kan ta’uuf cubbamaan ture, Haa ta’uu iyyuu malee yeroon Dhoksaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin hubadhe, hiikkaa dhaqna qabaa bara Kakuu Moofaa fi dhaqna qabaa Hafuuraa bara Kakuu Haaraan hubachuu yeroon eegale, dhoksaa cuuphamuu Yesuus keessa jiru ergan hubachuutti ka’ee booda dhiphinni cubbuu kootii ni dhaabbate. Lubbuun koo akka cabbii ni addaatte.
Siifis yeroon jira. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti yoo amante atis cubbuu malee ni taata. Hirruu yoo ofitti fakkaatte iyyuu qajeelaa dha. Dhugaa kana hubattee warra kaanitti yeroo himtu, isaanis akkuma keetti fayyanii Waaqayyoon galatefatanii iyyanii, “Haleeluyaa.”
Obboleesotaa fi obbolettota warra fayyaniin baga gammadan nan jedha. Yesuus isa cubbuu keenyattii nu fayyisee baayyee nan galateeffadha. Haleeluyaa! Cubbuu keenya hundumaattii fayyineera.
Gammachuu qabnu kana dubbanne fixuu hin dandeenyu. Kottaa walii-wajjin ni faarfanna. “♪Uumama hundumaatti sababa hin himneef maqaan isaa dhokateera. Inni akka dhagaa gati jabeessa mana ijaartuun gattee ta’e, maqaan isaaa garuu laphee koo keessatti maqaa gati jabeessa ♪”
 
 
Cuuphaa Fi Dhiigni Yesuus Cubbuuttii Nama Fayyisuudhaaf Ga’aa Dha
 
Laphee keenyattii kan cubbuu haqu maalii?
Cuuphamuu Yesuusii dha.
 
Yesuus Kiristoos karaa cuuphaa fi dhiiga isaatii cubbuu keenya hundumaa nu irraa fuudhe. Inni hafuuraan dhaqna nu qabachiisee saba isaa nu godhate. Inni Waaqa lammaffaa nama dhalachiisu dha.
Cubbuudhaaf yeroo hundumaa firdiitu jira. Yesuus kanaaf cuuphamee bakka keenya firdii baate nu fayyise. Inni dhiiga isaatiin nu fayyisee du’aa ka’uu isaatiin mirkaneesseera. Yesuusiin kan du’aa kaase Waaqayyoo abbaa dha.
Jireenyi Yesuus jireenya keenya waan ta’eef akka ijoollee Waaqayyootti ni deddeebina. Yesuus cuuphamee cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhatee iddoo keenya firdii fannoo baachuun isaa raga fayyina keenyaa ti.
Jaallatamoo amantoota, cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin of keessaa qabduu? Ammas isinan gaafadha. Fayyinni keenya karaa dhiiga isaa qofaa? Lakki. Karaa cuuphaa fi dhiiga isaa ti.
 
 
Barsiisaan Sobaa Eenyuu Dhaa?
 
Barsiisaan sobaa eenyuu dhaa?
Nama cuuphamuu Yesuusitti amanuu didee ofitti faradu dha.
 
Jaallatamoo Kiristaanotaa, amantii keessan yeroo dhugaa baatan hundaatti akka cubbamaa taate dhugaa ni baataa? Utuu Yesuusitti amantee jirtuu cubbamaa yoo taate ati egaa barsiisaa sobaa taatee jirta. Barsiisonni sobaa dhugaa Waaqayyootti hin amanan. Tiitoo 3:10 akkana ni jedha, “Nama barsiisichaan mormee akka yaada isaatti, cabsatu immoo al tokko al lamas erga gorsitee booddee dhiisi.”
Namni ofii isaatti faradu akkana jedha, “Jaallatamaa Waaqayyoo! Ani cubbamaa dha. Sitti nan amana, garuu an yoomi iyyuu cubbamaa dha. Namni waan fedhe yoo jedhe iyyuu, ani cubbamaa dha.”
Waaqayyo immoo akkan jedha, “At amma ammaattiyyuu cubbuu keettii fayyitee mucaa koo hin taane? Yoo akkas taate ati sobduu waan taateef firdiitu si eeggata.”
Cuuphamuu Yesuusiin garaa keetti osoo hin fudhatin, amante yoo taate, akka cubbamaatti ofiikeetti faradaa jirtas yoo taate, ati Waaqayyoon duratti sobduu dha.
 
 
Amanaan Dhugaa Eenyuu Dhaa?
 
Waa’ee fayyinaa Waaqayyo maal dhugaa ba’aa?
Bishaanich, Dhiigichaa fi Bishaanicha.
 
Warri cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga isaatti amanan warra cubbuun isaanii irraa dhiqamee saba Waaqayyoo ta’anii dha. Utuu Yesuusitti amantee jirtuu attamitti jal’aa taataa? Jalloonni mootummaa Waaqayyootti hin galan.
Warri Yesuusitti amananii qajeelota ta’an laphee isaanii keessaa dhuga ba’umsa qabu. Dhuga ba’umsichis cuuphaa fi dhiiga Yesuusii dha. Kun hojii fayyinaa gooftaan Yesuus biyya lafaatiif hojjetee dha.
Kanaafuu, namni cuuphamuu Yesuus isa inni cubbuu biyya lafaa ittiin irraa fuudhetti hin amanne eenyu iyyuu saba isaattii ni cita.
Amantiitti obbolootaa fi obboleettota kan taatan hundumtuu fayyina cubbamootaa kan argamsiisu cuuphaa Yesuusii fi dhiiga isaatti amantaniittu?
Namni hojii Yesuusitti amanuu innis bishaan (cuuphaa Yesuus), dhiiga (fannoo Yesuus) Hafuura, Waaqummaa isaatti amanu cubbuu isaattii raawwatee ni fayya. Kun ogummaa wangeela bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraa ti.
Yesuus karaa cuuphaa isaatii cubbuu hundumaa qulqulleessee nama itti amanuu hunda fayyiseera. Egaa isatti yoo amante karaa kamiin iyyuu cubbamaa hin taatu.
Yesuus du’aa nu kaaseera. Inni lubbuu seexanaan gowwoonfamee cubbuutti kufe hunda fayyiseera. Yesuus lubbuu bade hunda ni barbaada. Waaqayyo karaa Yesuusiin bishaan, dhiigaa fi Hafuuraan hojjeta. Inni nu waameera waan ta’eef amma ayyaana isaatiin fayyineerra.
Kanatti ni amantaa? Egaa fayyinni dhiigaan qofa osoo hin taane cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka ta’e sitti himaan jira. Warri fannoo qofaatti amananii cuuphamuu isaatti hin amanin jiran akka cubbuu isaaniitiin jiran beekuu qabu.
Dhiiga fannoo qofaatti amannee waan fayyinu nutti faakaachaa ture. Amma garuu kun qofaan ga’a akka hin taane hubanneerra. Yesuus Kiristoos isa bihaan, dhiiga fi Hafuuraan dhufetti amanuudhaan lammaffaa dhalanneerra.
Cubbamaan kam iyyuu cuuphamuu fi Dhiiga Yesuusitti amanuudhaan fayyina ni argata (1 Yohannis 5:5-10). Waaqayyoof galanni haa ta’u. Haleeluyaa!