(Ibroota 7:1-28)
"Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture; gaaf tokko Abrahaam mootota tokko rukutee mo`atees utuu deebi`uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa eebbise. Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti. tokkoffaa "Mootii qajeelummaa ti" akkasumas Mootii Saalem, inni immoo, "Mootii nagaa" jechuu dha. Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta`ee in jiraata. Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji`e keessaa kudhan keessaa tokko erga isaaf kennee, Malkiisedeq kun guddaa attamii akka ture kanaan in argitu. Sanyii Lewwii ta`anii warri hojii lubummaa fudhatan, kudhan keessaa tokko saba isaanii irraa akka fuudhan, seeraan abboommii qabu; kudhan keessaa tokko sanas warra obboloota isaanii akkuma isaaniis sanyii Abrahaam turan irraa fuudhu jechuu dha. Namichi kun garuu sanyii isaanii keessaa utuu hin ta` in, Abrahaam isa abdiin kennameef irraa kudhan keessaa tokko fudbatee, isa eebbise.Inni xinnaan harka isa isa caaluutti akka eebbifamu, namni falmu hin jiru. Kudhan keessaa tokkoon inni kun namoota du`uuf jiraniin in fuudhama; inni sun garuu luba isa in jiraata jedhamee dhugaa ba`ameef sanaan fuudhame. Lewwiin inni sanyiin isaa kudban keessaa tokko fuudhu ofii isaatii iyyuu, yeroo sana karaa Abrahaam "Kudhan keessaa tokko baaseera" jechuun in danda`ama. Yeroo, Malkiisedeq Abrahaamitti adeeme, Lewwiin mudhii abaabilii isaa keessa ture.
Ammas karaa seera lubummaa Lewwiidhaaf kennamee sana fiixaan baafachuun utuu argameera ta`ee, inni akkuma lubummaa Aaronitti waamamee hafe, lubni biraa akkuma lubummaa Malkiisedeqitti kaafamuun maaliif barbaachise ree? Lubummaa Lewwii irratti sabni kun seera argate. Lubummaan sun yeroo geddaramu, seericha keessattis geddaramni giddiitti in barbaachisa. Inni amma, waa`ee isaatiif dubbatamu immoo, gosa kan biraa keessaa ture; gosa kana keessaa namni takkaa akka lubaatti iddoo aarsaatti hin hojjenne. Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhalate beekamaa dha; Museen waa`ee gosa kanaa yeroo dubbate immoo, waa`ee luba ta`uu isaanii homaa hin dubbanne.Lubni biraa inni akka Malkiisedeq gaafa ka`u immoo, inni dubbatame kun caalaadhumatti mul`ataa in ta`a. Lubni sun akka seeraa fi abboommii biyya lafaa kanaatti hidda lakkaa`uudhaan utuu hin ta`in, humna jireenya hin badneetiin luba ta`e. Waa`ee isaatiif caaffata qulqullaa`aa keessatti,
"Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti,
ati bara baraan luba in taata"
jedhamee dhugaa ba`ameeraaf.
Karaa tokko seerri inni duraa sun dadhabbii isaatiif, waa`ee utuu hin baasin hafuu isaatiifis diigameera. Seerichi, wanti tokko iyyuu fiixaan akka ba`u hin goone; karaa biraa immoo abdiin caalu inni nuyi ittiin Waaqayyotti dhi`aannu iddoo bu`eera. Kun kakaa malee hin taane; warri duraan luboota ta`an hojii isaanii yeroo fudhatan, Waaqayyo hin kakanne. Inni kun yeroo lubummaa fudhate garuu Waaqayyo in kakateef; waa`ee isaatiif caaffata qulqullaa`aa keessatti, "Gooftaan, `Ati bara baraan luba in taata` jedhee kakateera,
egaa inni yaada isaa hin geddaru" jedhamee caafameera.
Kanaanis Yesus walii gal tee isa caalu isa kakaadhaan dhaabate sana amanamaa godhe. Luboonni warri duraa sababii du`aniif hojii isaanii itti fufuu waan hin dandeenyeef, namoota baay`eetu luba ta`e. Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera. Kana irraa kan ka` es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi`aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda`a. Angafa lubootaa, isa qulqulluu, waan ittiin jedhan hin qabne, xurii hin qabne, isa cubbamoota irraa gargar ba`ee bantiiwwan waaqaa gararraattis ol jedhe akkasii qabaachuun nuuf in barbaachisa. Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi`eessuu isa hin barbaachifne; inni ofii isaa aarsaa godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi`eesse. Seerri namoota dadhaboo angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabsisa; sagaleen inni kakaadhaan dhaga`amee, seericha booddee dhufe garuu, ilma isa bara baraan mudaa malee ta`e hojicha irra in dhaaba."
Yesuus Tajaajila Lubummaa Waaqa irraa Kenne
Angafa lubaa Malkiisedeq moo Angafa lubaa isa karaa Aaroon lafa irraa tu caalaa?
Angafa Lubaa isa kan Malkiisedeq.
Bara Kakuu Moofaa keessa Malkiisedeq kan jedhamu angafa lubaa tu ture. Bara Abrhaam keessaa, Chedorlaomer fi mootiin isatti hidhame waaqa tolfmaa Sidoomii fi Gamooraa sirna aarsaa isaanii wajjin fudhatanii adeeman affeera. Abraaam garboota isaa warra mana isaa keessa jiran hunda hidhachiisee gara jara sana loluu dhaqe.
Achitti Chedorlaomer, mootii Elam fi mootii isa itti hidhate sana mo’ee, eessuma isaa Looxi fi qabeenyaa isaa fuudhee dhufe. Erga Abraam mo’ee galee booda, Malkiisedeq Mootiin Saalem fi Angafa luba isa guddichaa buddeenaa fi wayinii fudhee Abraamiin eebbise. Abraamis qabeenyaa isaa hundumaa keessaa kurnaffaa kenneef (Seera Uumamaa 14).
Macaafa Qulqulluu keessatti, guddummaan angafa lubaa Malkiisedeq fi toorri lubummaa isaa ibsameera. Angafi lubaa Malkiisedeq “angafa nagaa”, “mootii qajeelummaa”, abbaa fi haadha idda dhalootaas kan hin qabne dha. Inni jalqabas ta’ee dhuma kan hin qabne, akka ilma Waaqayyootti barabaraan luba ta’ee ni hafa.
Macaafni Qulqulluun waa’ee guddummaa Yesuus Kiristoos, isa toora angafa lubummaa Malkiisedeq lubummaa Yesuus bara Kakuu Haaraa walbira qabnee akkasumas lubummaa Aroon bara Kakuu Moofaa eeggannaan walbira qabne akka ilaallu nu hubachiisa.
Sanyiin Leewwii hojii lubummaa waan hojjetuuf kurnoo saba sana irraa akka argatu, yoo obboloota isaanii Abraam irraa ta’e iyyu kurnicha irraa fudhatu jechuu dha. Garuu yeroo Abraam angafa lubaa Malkiisedeq kurnoo kenne, leewwiinis toora abbaa isaatii jala ture.
Luboonni bara Kakuu Moofaa Yesuusiin ni caalu turanii? Macaafni Qulqulluu waa’ee kanaa ni dubbata. Yesuus luboota warra lafa irraa ni caalaa? Isa kamtu isa kamiin eebbifamuu qaba. Abbaan ergaa Ibrootaa barreesse waa’ee kanaa ibsee kaa’eera. “Inni xinnaan isa guddaatiin akka eebbifamu beekamaa dha.” Abraam angafa lubaa Malkiisedeqiin eebbifame.
Attamitti amantii keenyatti jiraachuu dandeenya? Seerrotaa aarsaa fi abbommota bara Kakuu Moofaa irratti hundoofna moo Yesuus Kiristoos isa aarsaa of godhee nu fayyise irratti hundoofna?
Akkaataa filannoo keenyaatti abaarsa yookaan eebba fudhanna. Akka dubbii Waaqayyoo isa bara Kakuu Moofaatti jiraanne guyyaa-guyyaatti aarsaa dhi’eessina moo Yesuus Kiristoos isa altakkaa barabaraan karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti nu fayyisetti amannaa? Lamaan keessa tokko filachuu qabna.
Bara Kakuu Moofaa keessa, sabni Israa’el sanyii Aaronii fi Leewwii barbaadu. Bara Kakuu Haaraa keessatti, Yesuusiin moo luboota toora Aaroniin barbaaddu jedhamnee utuu gaafatamnee, gaaffii tokko malee Yesuusiin akka jennu beekamaa dha. Dhugaa kana namoonni sirriitti yoo beekan iyyuu, namoota yaraa tuu amantiidhaan dhuukaa bu’ee jira.
Macaafni Qulqulluun deebii qabatamaa nuuf qaba. Yesuus Kiristoos inni qomoo addaa ta’e takka iddoo aarsaatti utuu hin hojjetin, lubummaa Waaqa irraa fudhateera. “Toorri lubummaa yeroo jijjiiramu, seerri aarsaas ni jijjiirama.”
Waaqayyo abboommii isaa saba Israa’eliif kennee seerrota keeyyatoota 613 tarreeffamaan Museetti kenneera. Museen seeraa fi abboommota kana saba Israa’eliin barsiiseera, isaanis immoo fudhataniiru.
Waaqayyo Kakuu isa duraa balleesse isa lammaffaa maaliif dhaabee?
Namoonni akkaataa kakuu isa jalqabaatti jiraachuu waan hin dandeenyeef.
Macaafa Qulqulluu keessatti, sabni Israa’el kakuu abboommota Waaqayyoo isa Macaafa seeraa: Seera Uumamaa, Seera Ba’uu, Seera Lewwootaa, Seera Lakkoobsaa, fi Seera Keessa Deebiitiin jiraatu. Waaqayyo tokkoon-tokkoon abboommii itti dubbateera, isaanis immoo, “Eeyyee” jedhanii shakkii tokko malee jiraachaa jiru.
Haa ta’uu iyyuu malee seera keessa deebii booda, Iyyaasuu dhaa eegalee isaan akka seera Waaqayyootti hin jiraanne. Abboota firdiitii eegalee hanga Mootota 1ffaa fi lammaffaatti geggesitoota isaanii gatii dhabsiiuutti ka’an, gara booddeetti immoo sirna aarsaa jijjiiranii gara dhiigamuutti dhufan.
Gara dhumaa Milkiyaas keessatti immoo, horii muda qabu isa Waaqayyo hin dhi’eessina jedhe aarsaa dhi’eessuutti ka’an. Lubootaan immoo, “kana dhiisaa.” Kottaa kana waliin fudhanna” jedhan. Qooda akkaataa sirna aarsaa Waaqayyootti dhi’eessuu, waliigalanii seericha jijjiiran.
Sabni Israa’el seera Waaqayyoo si’a tokko iyyuu hojii irra hin oolchine. Sirna aarsaa keessan araara argamus cal’isnaiiru. Kanaafu Waaqayyo akkaataa sirna aarsaa jijjiiruutuu isa irra jira. Ermiyaas keessatti Waaqayyo akkana jedha, “Ani mana Israa’el fi mana Yihudaa wajjin Kakuu Haaraa nan gala.”
Eermiyaas 31:31-34 akkana jedha. “Kunoo, barri ani itti namoota biyya Israa’elii fi biyya Yihudaafis Kakuu Haaraa galu ni dhufa. Innis sanyi Kakuu isa an abboota isaanii gargaaree biyya Gibxii yemmuun baase, isaaniif dhaabannaan, Utuma ani gooftaa isaanii ta’e jiruu, isaan immoo Kakuu koo cabsan sanaa miti, an Waaqayyo kana dubadheera, kakuun an bara sana Israa’eliif galuuf jiru kanatti fufee jira. Ani seera koo yaada isaanii keessa nan kaa’a, garaa isaanii keessattis nan caafa, an Waaqayyoo isaanii nan ta’a, isaanis saba koo ni ta’u, ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaanis deebi’ee isaanitti hin lakkaa’u. Isaan hundumti isaanii xinnaa dhaa hanga isa guddaatti, ana waan beekaniif si’achi namni tokko illee nama biyya isaatiin yookiin obboleessa isaatiin, ‘Waaqayyoon barri!’ jedhee, gorsuu hin barbaachisu” jedhe.
Waaqayyo Kakuu Haaraa akka dhaabu dubbate. Inni saba Israa’elii wajjin Kakuu galeera, haa ta’u iyyuu malee isaan kakuu galan sana hin eegne. Kanaafu sirna Kakuu sana jijjiiruuf murteesse.
Isaan Waaqayyo wajjin kakuu isaan galan, “Sii qofa Waaqeffannaa, dubbii kee fi abboommii kee hundas ni eegna.” Waaqayyo, “Ani duratti waaqota biraa hin qabaatinaa” yeroonni ittiin jedhu, isaan immoo, “sirrii dha, Waaqota biraa hin qabaannu. Waaqni keenya si qofaa dha. Wantoonni kan biraa waaqa nuuf hin ta’an” jedhanii Kakuu galaniiru. Garuu, kakuu isaanii eeguu hin dandeenye.
Seerronni abboommota kudhan qabatanii jiru. “Ana duratti Waaqota biraa hin qabaatiin. Bifa qirixamaa kan biraa tokko ofii keetiif hin godhatin. Maqaa Waaqayyo waaqa keettii akkasumaan hin waamin. Guyya sanbataa qulqulleessi. Abbaa fi Haadha kee ulfeessi. Hin ajjeesin. Hin ejjin. Hin atin. Hiriyaa kee irratti sobaan dhugaa hin ba’in; Hin hawwin; Mana hiriyaa keetii hin kajeelin” (Seera Ba’uu 20).
Seerronni kun kan isaan ittiin jiraatan keyyattoota 613 qoodamaniiru. “Ijoollee durbaa irratti maal akka hojjetamuu hin qabne, ijoollota dhiiraa irratti maal akka raawwatamuuf hin qabne, haadha buddeenaaf maal akka godhamuu qabu fi….”
Garuu nama hundumaa keesssaa, kan seericha eege tokko illee hin jiru. Kanaafuu, Waaqayyo karaa fayyinaa kan biraa isaaniif qopheesse.
Toorri lubummaa yoom jijjiirame? Erga Yesuus gara keenya dhufee jijjiirame. Yesuus toora lubummaa bara Kakuu Moofaa lubbota toora Aaron harkaa fuudheera. Karaa Leewwotaa sirna dhihaachaa tures diigeera. Inni qofaa isaa lubummaa waaqa irraa raawwateera.
Inni karaa sanyii Aaron osoo hin taane karaa sanyii Daawwit mootii ta’ee gara biyya lafaa dhufeera. Inni karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatii aarsaa of godhe.
Ofii isaa aarsaa of gochuudhaan, cubbuudhaaf furmaata kenne. Inni cuuphaa fi fannoo isaatiin cubbuu biyya lafaa axaa’eera. Inni lubuu isaa yeroo hundumaaf akka ta’utti aarsaa of godhee cubbuu balleesse.
Jijjiirama Toora Lubummaa Keessa Jijjiirama Seeraa Tu Jira
Seerri fayyinaa jijjirame isa kamii?
Yesuus altakkaa aarsaa of gochuu isaa.
Jaallatamoo obbolootaa seerri lubummaa bara Kakuu Moofaa bara Kakuu Haaraa keessatti jijjiirame. Bara Kakuu Moofaa keessa, angafi lubaa sanyiin Aaron, manni Leewwii cubbuu sabni Israa’el hojjetee darbe qofaaf aarsaa dhi’eessaa turan. Angafni lubaa iddoo qulqulluu qulqullootaatti seena. Inni dhiiga horii aarsaa ta’e sanaa fudhatee iddoo aarsaa dhaabbata. Angafaa lubaa qofaatuu golgaa mana qulqullummaa darbee iddoo qulqulluu-qullootaa seenuu danda’a ture.
Garuu erga Yesuus gara biyya lafaa dhufee, toorri lubummaa gara isaatti darbe. Yesuus lubummaa barabaraa fudhate. Inni ofii isaa aarsaa of godhee dhi’eessee nama itti amanuu hundumaa cubbuuttii hiikeera.
Bara Kakuu Moofaa keessa, angafni lubaa horii aarsaaf dhi’ate irra harka isaa kaa’ee saba Israa’eliif araara buusa. Inni harka irra kaa’ee, “Ani yakkeera” jedhee Waaqayyotti ni dubbata. Dhiiga horii qalame sana si’a torba iddoo aarsaatti ni facaasa.
Angafni lubaa Aaron sun yoo hirruu ta’e, namoonni kun ammam rakkina keessa bu’u. Aaron angafni lubaa, ilmi Leewwii iyyuu cubbamaa ture, kanaaf duraan dursee waa’ee cubbuu isaa fi cubbuu maatii isaatiif aarsaa sababa cubbuu dhi’eessuu qaba.
Eermiyaas 31 Gooftaan akkana jedha, “Ani seericha nan cabsa. Isin kakuu ani isini wajjin gale hin eegne waan ta’eef Kakuu Haaraan isnii wajjin gala. Kakuu isa isin eeguu hin dandeenye kana balleesseen Kakuu kan biraa isinii wajjin gala. Karaa abboomota kootii isin hin fayyisu, karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraan fayyina isiniif kenna.”
Waaqayyo Kakuu Haaraa nuuf kenneera. Yeroo yeroon isaa ga’etti fakkaattii namaa fudhatee gara biyya lafaa dhufe. Inni cuuphamuu isaatiin cubbuu ilmaan namaa hunda irraa kaaseera.
Seerri inni duraa sun seera Hafuuraatiin bakka bu’e. Utuu akka seera Waaqayyootti jiraatani, sabni Israa’el ni fayyu turan, garuu amma ni kufani. “Seerrii cubbuun maal akka ta’e barsiisa” (Roomaa 3:20).
Waaqayyo sabni Israa’el seerichaan cubbuu isaanii beekuu malee akka isaan ittiin fayyuu hin dandeenye akka isaan hubatan barbada. Inni wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin isaan fayyisa malee hojii isaanitiin hin turre. Waaqayyo jaalala fi ayyaana isaa isa dhuma hin qabneen wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin nu fayyisuudhaaf Kakuu Haaraa dhaabeera.
Utuu cuuphaa fi du’a fannoo Yesuus Kiristoosiin hin beekin, amanuun fayyidaa hin qabu. Namni kana godhu, rakkoo ulfaataa keessa of buusa.
Waaqayyo ilmaan namaa cubbuu isaaniittii fayyisuudhaaf Kakuu Haaraa akka qopheesse dubbateera. Kakuu kanaan wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannee fayyina qajeelummaa arganna malee hojii keenyaan miti.
Inni abdii kennee abdii kana immoo ofii isaatiin iddoo keenya bu’ee warra Yesuusitti amananiif raawwate. Inni waa’ee olaantummaa Yesuusiin ni dubbata. Lubummaan Yesuus lubummaa Aaron isa bara Kakuu Moofaa guddaa akka caalu dubbatameera.
Fayisuu wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuudhaan, adda taana. Waa’ee isaa itti yaadi. Lubni akka fedhe barsiisee dubbii olaanaa dubbatu attamitti Yesuusiin caalaa? Karaa kamiin iyyuu hin caalu. Salphaadhumatti abboommii Waaqayyoo eegnee osoo hin taane wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qofaan fayyina arganna. Sababa toorri lubummaa jijjiirameef seerri fayyinaas ni jijjiirama.
Caalmaa Jaalala Waaqayyoo
Jaalala Waaqayyoo moo Seera Waaqayyootu caalaa?
Jaalala Waaqayyoo ti.
Yeroo Yesuusitti amannu qofa fayyina araganna. Yeroo kanatti akkaata fayyisuu Yesuusii fi jaalala Waaqayyoo hubachuu dandeenya. Abboommii isaatti amanuu fi jaalala isaa isa guddaatti amanuun garaagarummaa attamii qabaa?
Warri waan hundumaan seera irratti hidhaman (the legalists) dubbii Waaqayyoo caalaa barsiisa hundii amantii waldaa isaanii fi muuxannoon ofii isaanii irratti hojjetu. Amantiin Hafuuraa fayyina Yesuus isa karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa raawwatama.
Bara ammaatti iyyuu, namoonni hedduun cubbuun uumamaa nuuf dhiifameera, cubbuu hojii immoo qalbii diddiirrannee itti qulloofna jedhu. Namoonni hedduun akkaataa seerrataa Hafuuraa isa bara Kakuu Moofaatti raawwachuu barbaadu. Isaan hanga ammaatti iyyuu olaantummaa fayyina isa karaa Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin eebbifamne bira hin geenye.
Bara Kakuu Moofaa keessa, Israa’elonni cubbuu isaaniitti fayyuudhaaf akka seera Waaqayyootti jiraachuutu irra ture. Haa ta’uu iyyuu malee hin dandeenye. Waaqayyoo hanqina keenya waan beekuuf seera eegnee akka fayyuu hin dandeenye waan beekuuf Kakuu seeraan fayyuu jijjiire. Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin akka fayyinu nutti dubbata. Inni, “cubbuu keessan hundumaattii isinan fayyisa” jedhe. Waaqayyo seera uumamaa keessatti dubbateera.
“Sanyiin dubartii irraa dhalatu mataa kee burqsa, atis koomee isaa ni hiddita” (Uumama 3:15). Erga Addaamii fi Ewwaan cubbuu hojjetanii kufani, baala mukaatiin qullaa cubbuu isaanii dhokafatan. Garuu Waaqayyoo gogaa itti uwwisee qullaa isaanii dhokse, kun immoo fakkeenya fayyinaa ti. Seerri uumama uffannaa fayyinaa gosa lamaa kaa’a. Isaanis, wayyaa baala mukaa irraa hojjetamee fi wayya gogaa irraa hojjetamee dha. Kamtu wayya jettee yaadaa? Wayyaan gogaa horii irraa hojetamu akka caalu beekamaa dha.
Baalli mukaa batalatti akka gogu beekamaa dha. Akkuma beekamu, baalli mukaa akka barru harkaatti toora-toora qaba. Wayya baala mukaa irraa walittiqabame uffachuu jechuun cubbuu ofii hojii gaarii keessa dhoksuu jechuu dha. Wayyaa baala mukaa irraa hojjetame uffannee yoo teenyee battaluma sanatti ciciramee dhuma. Yeroo mucummaa kootti xiyyee baala irraa hojjedheen xaphaaf ittiin dhukaasaa ture. Akka fedhe yoon eggannaa godhe iyyuu tatarsaa’anii badu. Haaluma kanaan qulqullummaan nama waan dhimma baasu miti.
Fayyinni cubbamootaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa, cuuphaa fi dhiigni Yesuus jaalala Waaqayyo olaantummaadhaan dhugaa ni ba’a. Kun immoo jaalalli Waaqayyoo ammam akka seera Waaqayyoo caalu agarsiisa.
Warra Hanga Ammaatti Seera Jala Jiran
Warri seeraa maaliif hojii isaanitti uffannaa haaraa uwwisu?
Sababiin isaa akka hojiin isaanii qajeelummaa isaaniif hin laatne waan hin beekneef.
Warri baala arbuutiin uffannaa hojjetatan, warra seeraan ala jireenyi hin jiru jedhanii dha. Amantoonni dogogorfaman kun guyyaa-guyyaatti uffannaa isaanii jijjirrachuu tu irraa eegama. Sanbata guddaa yeroo hundumaa uffannaa haaraa uffatanii waldaa dhaqu. “Yaa Waaqayyo, torban darbe cubbuu hedduu hojjedheera. Garuuu akka ati fannoo keetiin na fayyifte nan beeka. Amma ati dhiiga fannoo keetiin cubbuu koo ana irraa dhiqi” jedhu. Yeroo kanatti uffannaa haaraa hodhisiifatu. “Hoo, Waaqayyoof haa galatu. Haleeluyaa!”
Haa ta’uu malee, manatti galanii immoo uffannaa biraa jijjiirratu. Kun egaa Maaliifii? Sababa inni duraa jalaa moofa’eefii. “Yaa Gooftaa, guyyoota sadan darban keessa si yakkaan ture. Adaraa naaf dhiisi” jedhanii kadhatu. Yeroo-yerootti uffannaa isaani jijjiirratu.
Jalqaba uffannicha yeroo dheeraaf uffataniiru ta’a, boodana immoo guyyaa-guyyaatti ni jijjiirratu. Sababa seericha eeganii itti jiraachuu hin dandeenyeef yeroo hundumaa ni ceephaa’amu. “Hoo, kun baayyee dhiphisaa dha. Yaa Gooftaa ani si gaddisiiseera.” Ammas immoo uffannaa qalbii diddiirrannaa kan biraa godhatu. “Yaa gooftaa, uffannaa baala arbuu uffachuun baayyee nama gaddisiisa.” Ammas uffannaa biraa barbaaddachuuf cimanii hojjetu.
Namni akkasii yeroo gooftaa waamu hundumaatti, cubbuu isaa himachuudhaafii. Iyyanii Waaqayyoon waammatu! Uffaannaa haaraas ni barbaadu. Egaa yeroo kana gochuu dadhabanitti maaltu haa ta’uu?
Waggaa tokko-yookaan waggaa lamatti tulluu gubbaatti b’anii soomanii ni kadhatu. Uffannaa gati jabeessa filatu. “Adaraa yaa gooftaa cubbuu koo na irraa miicci. Na haaressi. Ani sittan amana yaa Waaqayyo.” Kadhannaan immoo halkan caalaa bayyeessa jedhu. Kanaafuu guyyaa boqonnaa irraa turani yeroo dimimmisaa’uu, muka yaabbachuu, olqa dhagaatti galanii, Waaqayyotti iyyuutti ka’u. Gooftaa ani sittan amana. “♪Qalbii diddiirradheen lapee koo gaddaan guuta ♪” Sagalee ol fuudhanii iyyanii, “nan mana” ni jedhu. Akkana gochuu isaaniitiin abdii bara dheeraaf jiraachuu raawwachuu isaanii ti, garuu hin ta’uufi.
Kadhannaa tulluu gubbaa irraa erga deebi’anii maaltu isinitti dhagaa’amaa? Akkuma haaresituu qilleensaa yookaan akkuma bokkaa xiifuun abaaboo irratti roobu, lubbuun isaanii nagaa ayyaana Waaqayyootiin ni guuta. Kadhannaa tulluu gubbaa kadhachuu isaanitiinis warra kaan caalmaa uffannaa jijjiirranneera jedhu.
Haa ta’u iyyuu malee akkuma gara mana isaanii fi waldaa isaanitti galaniin, uffannaa isaanii jalaa cicciramee dhuma.
Hiriyoonni isaanii, “eessa turtee jedhanii” ni gaafatu.
“Yeroo xinnoof achi fagaadheen ture.”
“Waan uuqatte natti fakkaatta.”
“Eyyee, garuu kun waan biraa dha.”
Akka sooman immoo dubbachuu hin barbaadan, calluma jedhanii waldaa dhaqanii kadhachuu barbaadu. “Ani dubartii wajjin hin gubadhu. Hin sobu. Qabeenya hiriyaa kootii hin hawwu. Nama hundumaa nan jaalladha.”
Haa ta’u iyyuu malee akkuma dubartii bareedduu luka qabdu arganitti lapheen isaanii altakkaa jijjiiramee hawwa keessa galu. “Ilaalaa qamisii ishee attama gabaabbata, mimiidhagaa sarbaa isheetii ammaa-ammaa ilaaluun jaalladha. Qamisichi immoo ittuma gabaabbachaa adeema. Sarbaa akkanaa ammas utuun ilaale! Takka turee immoo, Hoo! Hoo, Gooftaa ammas nan yakke” jedhu.
Warri seeraa kun waan of kennan fakkaatu, garuu guyyaa guyyaatti uffannaa isaanii jijjiirratu. Warri seera warra baala arbuu walittiqabsiisanii uffatanii dha malee amantii sirrii ta’e hin qaban. Namoonni baayyeen of-kennanii akka seera Waaqayyootti jiraachuu barabaadu. Garaan isaanii kadhannaa tulluu gubbaa irratti waan hidhameef warra sirriitti of kennan fakkaatu.
Warri seeraa waldaa keessatti yeroo kadhatan waan namatti tolan fakkaatu. “Yaa qulqulluu abbaa Waaqa irraa!” Torban kana cubbuu hojjedheera. Adaraa naaf dhiisi…” Imimmaan isaanii dhangalaasanii boo’uudhaan akka namni isaan ilaalee duukaa bu’u godhu. Ani. “tulluu gubbaatti ol bay’een somee kadhadheera. Nama amanamaa fi qullaa’aatti of lakkaa’u.” Amantiin isaanii sababa seera qofa ta’eef utuu kadhannaa isaanii hin fixin lapheen isaanii of tuulummaan guutama.
Yeroo namoonni baala arbuu irraa uffatan haaraa yeroo hojjetatan, hanga ji’a lama-sadii turuu danda’u. Garuu yeroo kana booda uffannichi of tuulummaaisaanitiin yeroonni cicciramu kan biraa moo hojjetachuutti ka’u. Jireenyi warra seeraan fayyina jedhanii kana fakkaata. Utuu gargar hin kutin, uffannaa haaraa hojjetachaa adeemu.
Amantiin warra seeraa akka baala arbuu ti. Warri seeraa kun, “Torban darbee cubbuu gochaa turte, hin goonee ree? Egaa, qalbii diddiirradhu” jedhu.
Sagalee guddaadhaan akkana jechaa namatti dubbatu. “Qalbii diddiirradhaa! Kadhadhaa!”
Warri seeraa akka itti sagalee isaanii waan qulqulluu fakkeessanii dubbachuu itti beeku. “Yaa Gooftaa! Ani nan gadda. Akka seera keetti hin jiraanne. Seera kee hin eegne. Gooftaa naaf dhiisi, ammas al tokko naaf dhiisi” jedhu.
Akka fedhe yoo yaalii godhan iyyuu seeraan buluu hin dandaa’ani. Isaan seera Waaqayyoo qoraa jiraatu. Isaan Waaqayyoon duratti of tuultota.
Warra CHUDAL BAE Barbaadan
Waaqayyoo seera isaa maaliif gara bakkeetti qabee?
Sababiinisaa cubbuuttii fayyisuu waan hin dandeenyeefii.
Dargageessa maqaan isaa “Chudal Bae” Jedhamu tokkotu ture. Bara 1950 bara lola Kooriyaa keessa, loltuun warri Koomiyuniistii cimina amantii isaa ajjeesanii gara ofii isaanitti isa dabaluudhaaf akka inni mooraa isaanii keessa guyyaa sanbataa hojjetaniif isa dirqisiisan. Garuu dargeessi kun ajaja isaanii hin fudhanne. Yoo itti ciman iyyuu, innis inuma dide.
Dhuma irratti, loltoonni dargaggeessicha qabani mukatti hidhanii meeshaa itti alaammatani kamiin sii wayya. “Du’uu moo mooraa keenya keessaa hojjechuu?” filadhu ittiin jedhan.
Filannoof yeroo dirqisiifametti, “sanbataan hojjechuu irra du’uun filadha” jedhe.
“Kan barbaadde filatteetta, egaa nuyis tarkaanfii keenya fudhanna.” jedhan.
Isa booda dhukaasanii isa ajjeesan. Geggeesitoonni waldaa diyaaqunoota ajajanii akka nama qajeelaa amantii qabuutti kabajaan akka hawwaalamuu godhan.
Garuu amantiin akkanaa kun dogoggoraa dha. Mooraa isaanii keessa hojjetee wangeela utuu isaaniif dhugaa ba’ehoo? Maaliif akkanaa yaada isaa fooyyessuu dhiisee du’e? Waaqayyo guyyaa sanbataa yoo hojjechuu baatte jedhe abdii jireenyaa kenneefii? Lakki, akkana miti.
Hafuuraan geggeeffamu qabna. Hojii keenya osoo hin taane amantii keenya tu Waaqayyoon duratti barbaadama. Geggesitoonni waldaa nama akka Chudal Bae nama hundee amantii isaf cimee dhaabbatu ayyaaneeffachuu barbaadu. Kun immoo akkuma Fariisota bara Yesuus keessa turanii ti.
Warra seera akkaataa malee hordofan kan irraa waan barru hin qabnu. Waa’ee dubbii Hafuuraa beekuu qabna. Yesuus maaliif akka cuuphamee fannoo irratti du’ee xiinxallee yaadu qabna.
Gaafilee armaan olii kanaaf dursinee deebii kenninee, itti fufne immoo biyya lafatti wangeela labsinee akka isaan lammaffaa dhalataniif hojjenna. Hojii Hafuuraatiif dursa kennuu qabna.
Lallabaan, “akka dargaggeessicha Chudal Bae isa amantii isaatiif du’e sanaa ta’a”. Guyyaa sanbataa qulqulleessaa yoo isiniin jedhe, sanbata guddaa akka namni waldaa dhufu gochuu qofaa dha.
Amma moo seena biraa tokko ilaalla. Dubartii rakkina guddaadhaan sanbata waldaa dhaqaxu tokko tu jira. Abbiyuun ishee kiristaana waan hin taaneef waldaa irraa ishee ittisaa turan. Akka isheen sanbata guddaa hojjetu ni dirqisiisu. Akka isaan waa’ee hojiitiif guungummii hin kaafneef isheen halkan ji’aan hojii hunda ni hojjetti turte.
Waldaa dhaquun baayyee barbaachisa dha, haa ta’u iyyuu malee Sanbata waldaa dhaquu qofaan amanamummaa keenya beeksiisuu dandeenya? Amanamummaa bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalachuu dha. Namni amantii dhugaa kan qabaatu lammaffaa yeroo dhalatu qofaa dha.
Seera Waaqayyoo eegnee fayyuu ni dandeenyaa? Lakki. Egaa seera cal’isna jechuu koo miti, akka humna namaatti seericha hunda akka Waaqayyo nu irraa barbaaduutti itti jiraachuun nu rakkisa jechuu kooti malee.
Yaaqoob 2:10 akkana jedha, “Namni tokko seera keessaa warra kaan hundumaa eegee tokko yoo cabse, akka waan hunduma isaanii cabseetti yakki itti ni murama.” Kanaafuu, hunda dura wangeela bishaanii fi Hafuuraatti dhlachuu keenya mirkaneeffachuu qabna. Iddoo wangeelli dhugaa itti lallabamu immoo hordofanii dhaqu dha. Erga lammaffaa dhalattee booda amanamummaan jiraachuu ni dandeessa. Yeroo gooftichi si waamuus gammaddee fuula isaa dura jiraachuu dandeessa.
Waldaa sobaa dhaqxee akkasumaan yeroo kee fi qabeenya kee laattee waan hin taane ittiin hin hojjechiisin. Luboonni sobduun sii’ol irraa si eeguu hin dandaa’an. Dursa wangeela bishaanii fi Hafuuraa dhageenyee lammaffaa dhalachuu nu barbaachisa.
Yeroo Yesuus gara biyya lafaa dhufe mee haa yaadnu. Seera Waaqayyoo eegnee jireenyatti galla yoo taane, Yesuus gara biyya lafaa dhufu isa hin barbaachisu ture. Yeroo inni gara biyya lafaa dhufe toorri lubummaa ni jijjiirama. Warri seeraa waa’ee waan darbee qofaatti qabamu. Seera eegnee fayyina waan jedhaniif hanga ammaatti hin fayyine jechuu dha. Kun egaa amantii dhugaa ta’uu hin danda’u.
Yesuus jaalala isaatiin cubbuu biyya lafaa bishaaniin cuuphamuu, du’a fannoo fi Hafuuraan irraa qulleesse. Inni laga Yordaanositti cuuphamuu isaa fi du’a fi du’a ka’uu isaatiin fayyina nuuf raawwate.
Seerri inni jalqabaa dadhabaa fi gati dhabeessa waan ta’eef Waaqayyo kan biraa jijjiireera. “Ajajni duraa sun waan dad-habaa fi kan hin fayyanne tureef haqameera. Seerri sababii waanuma tokkollee qajeelaa hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiyaannu tokko dhufeera. Kunis kakuu malee hin taane; warri kaan immoo kakuu tokkomalee luboota ta’an” (Ibroota 7:19-20). Yesuus garuu kakuudhan gara biyya lafaa dhufee cuuphaa fi dhiiga isaatiin nu fayyise. Amantii isaanii eeggachuuf du’uun warra seeraa osoo hin taane wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuutu dhimma baasa.
Amantii ija qabu nu barbaachisa. Kamtu lubbuu keetiif dhimma baasaa? Waldaa warra seeraa keessa teessee utuu hiika dhugaa wangeelaa hin barin hafuu kee moo, waldaa dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa itti labsamu dhaqxee lammaffaa dhalachuu kee siif wayyaa? Waldaa isa kamii fi lallabaa isa kamtu lubbuu kee fayyadaa? Itti yaadiitii kan siif ta’u filadhu.
Waaqayyo karaa lallabaa isa wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsuu si fayyisa. Tokkoon-tokkoon nama itti gaafatma lubbuu isaatii fudhachuu qaba. Kiristaanni ogeessii lubuu isaa dubbii Waaqayyoo irratti dhaabbata.
Yesuus Kakuudhaan Luba Ta’e
Sanyiin Leewwii kakuudhaan luba ta’u turanii?
Lakki. Yesuus qofaatu Kakuudhaan luba ta’e.
Ibroota 7:20-21 akkana ni jedha, “Kunis kakuu malee hin taane; warri kaan immoo kakuu tokko malee luboota ta’an; Inni garuu yeroo Waaqayyo, ‘Gooftaan, ‘ati luba barabaraa ti’ jedhee kakateera; inni yaada isaa hin jijjiiru’ isaan jedhetti kakuudhaan luba ta’e” (Ibroota 7:19-20).
Faarfannaa 110:4 akkana jedha, “Waaqayyo, ‘Akkuma lubummaa Malkiisadeqitti, ati luba baraabaraa ti jedhee kakateera.’” Gooftaan kakuu gale. Inni Kakuu gale kana barreeffama macaafaatiin nutti mul’ise. “Ani toora lubummaa Malkiisadeqiin luba barabaraa nan ta’a. Malkiisadeq mootii qajeelinaa, mootii nagaa fi angafa lubaa barbaraa ti. Ani toora lubummaa Malkiisadeqiin angafa luba fayyina barabaraa nan ta’a” jechuu isaa ti.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee, kakuu isa caalu dhugoomseera (Ibroota 7:22). Qooda qalma sangootaa fi reettotaa inni ofii isaa aarsaa of godhee cuuphamee fannoo baatee cubbuu keenyattii nu qulleesseera.
Bara Kakuu Moofaa keessa, yeroo angafni lubaa du’u mucaan isaa waggaa 30 ffaa isaatti hojichatti darbee fuudha. Angafi lubaa sun yeroo dulloomu, ilmi isaa waggaa 30 yeroo fixu hojii kana gara isaatti dabarsa.
Sanyiin angafa lubaa baayyee dha. Kanaaf Daawwiti darbeedhaan akka isaan angafa lubaa ta’anitti seera qopheesse. Sanyiin Aaron luba ta’uuf akkuma dibaman, lubummaan tajaajiluuf mirgas dirqamas ni qabaatu; Luqaas akkana jedha, “Darabee kutaa Abiiyaa keessaa Lubni Zakaariyaas jedhamu fuula Waaqayyo duratti utuu tajaajila kennaa jiruu…” ergaan Waaqayyoo gara isaa dhufe ni dubbata.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee tajaajila lubummaa barabaraa kenne. Inni luba waan gaarii dhufuuf jiruu ti. Inni fayyina lammaffaa dhalachuu bishaanii Hafuuraa kenne.
Sanyiin Aaron dadhaboo fi hir’uu dha. Yeroo angafni lubaa du’u maaltu ta’aa? Ilmi isaa itti fufee hojii sana yoo fuudhe iyyuu, aarsaa isaan dhi’eessan fayyina ilmaan namaaf ga’aa hin turre. Karaa namaa amanuun guutuu nama hin godhu.
Bara Kakuu Haaraa keessa, Yesuus gara biyya lafaa dhufe. Aarsaa inni ofii isaa dhi’eesse jiraataa yeroo hundumaa waan ta’eef ammaa-amma waan dhi’eessu hin qabu. Inni cuuphaa isaatiin cubbuu keenya barabaraan nu irraa kaaseera. Inni aarsaa of gochuu isaatiin warra isatti amanan cubbuuttii raawwatee qulleesseera.
Amma inni mirga Waaqayyoo abbaa taa’ee dhugaa nuuf ba’aa jira. “Yaa abbaa, isaan amma iyyuu iddoo hin geenye, garuu anatti amananii jiru; Ani cubbuu isaanii barabaraan irraa fuudheera?” Yesuus fayyina angafa lubaa barabaraa ti.
Luboonni lafa irraa hir’uu dha. Yeroo isaan du’an ijoolleen isaanii itti darbanii hojicha fuudhu. Gooftaan keenya barabaraan jiraatu. Inni gara biyya lafaa dhufee fayyina bakkaan ga’eera.
“Bakka itti dhii-fama argatanitti sababii cub-buutiif lammata aarsaa tokkollee dhiyeessuun hin jiru” (Ibroota 10:18). Yesuus hanga dhumaatti amantii keenyaaf dhugaa ni ba’a. “Bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalataniittuu?”
“Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xuriihin qabne, kan cubbamtoota irraa adda ta’e, samii olittis kan kabajame v akkasii qabaachuun nu barbaachisa” (Ibroota 7:26). “Seerri sun namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muu-daatii; dubbiin kakuu kan seera duubaan dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa baruma baraan mudaa hin qabne sana muuda” (Ibroota 7:28).
Wanti nuyi beekuu qabnu Yesuus karaa muda hin qabneen cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin cubbuu keenya barabaraan nu irraa kaasuu isaa ti. Inni hojii keenyaan osoo hin taane bakka keenya firdii fudhatee fayyina keenya raawwateera.
Fayyina barabaraatiin cubbuu keenyattii akka nu fayyise ni amantaa? Yoo akka kanatti amanteef ni fayyita. Yoo akkaataa kanaatti hin hubanne taate waa’ee fayyinaa irra deebitee baruu si barbaachisa.
Amantiin dhugaa bu’uura caaffattoota qulqullaa’oon wangeela bishaanii fi Hafuuraa irratti hundaa’a. Yesuus Kiristoos cuuphaa fi fannoo isaatiin angafa luba barabaraa nuuf ta’e.
Amantii Keenya Sirriitti Hubanneerra
“Yesuusitti amanuu” jechuun maal jechuu dhaa?
Cuuphaa fi du’a fannoo isaatiitti amanuu jechuu dha.
Attamitti akka sirriitti Yesuusitti akka amanuu qabnu hubannee amantii keenya sirreeffachuu qabna. Attamitti sirriitti Yesuusitti amannaa? Wangeela bishaanii fi Hafuuraa, innis sababa Yesuus cuuphamee fi sababa inni fannoo du’a baate beekuu dhaan amantii sirrii qabaachuu dandeenya.
Amantii sirriin utuu yaada mataa keenyaa itti hin dabalin cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu dha. Kana ni amantaa? Garuu haalli amantii keetii maal fakkaataa? Hojii kee fi yaalii mataa keetii qabattee jirtaa?
Ergan Yesuusitti amane yeroo baayyee hin turre, garu waa’ee seeraaf waggaa 10 waldaa keessatti guddaan rakkadhe. Booddana jireenya akkanaa geggeffachuutti nan muduke. Waa’ee yeroo sanaa ofitti kaasuu iyyuu hin barbaadu. Amma haatii manaa koo anaa wajjin jirti. Waa’ee kanaaf attam akkan rakkachaa ture ni beekti.
Guyyaa sanbataa, “kottu mee waliin bashannana” jechuu nan jaalladha.
“Garuu haar’i immoo sanbata!”
Guyyaa sanbataatti uffannaa illee hin miicitu. Guyya sanbataa tokkoo paantiin koo ni cirame. Garuu hanga Dafinootti turuu qabda naan jette. Sanbata kana baayyee akka ulfeessuu qabnu nan hubadha. Garuu rakkoon isaa ni ulfaata. Sanbata akka abboommichaatti hin jiraannu sababiin isaa wanti nu rakkisu baayyee waan ta’ef. Guyyaa sanbataa amma iyyuu nan ulfeessa.
Jaalatamoo firootaa, dhugaatti Yesuus Kiristoositti amanuu jechuun cuuphaa fi du’a fannoo isaatti amanuu jechuu dha. Amantiin dhugaa akka namummaa fi Waaqummaa Yesuusii fi wanta inni lafa irratti nuuf hojjetetti amanuu dha. Amantiin dhugaa waan Yesuus dubbatetti amanuu dha.
“Yesuusitti amanuu” jechuun maal jechuu dhaa? Akkana jechuun cuuphaa fi fannoo Yesuusitti amanuu jechuu dha. Kun baayyee salphaa dha. Wantii nuyi gochuu qabnu gara Macaafa Qulqulluutti deebinee itti amanuu dha. Akkaataa sirrii ta’een itti amanuu dha.
“Galatoomi Gooftaa. Kun hojii kootiin akka hin taane argeera. Seerrii cubbuun maala akka agarsiisa” (Roomaa 3:20). Amma hunda isaa hubadheera. Seerri abboommota Waaqayyoo isa gaarii waan ta’ef itti jiraachuuf yaalii gochuun qaba. Hanga ammaatti itti jiraachuuf yaalii godhee mudhukeera, garuu seera eegeen jiraadha jedhee yaaduu kootiif akka ani dogoggore hubadheera. Seericha eegee akka ani jiraachuu hin dandeenye hubadheera. Seeraan cubbuu fi irra-daddarba yaada garaa fi hojii kootii akka ani hubadhu beekeera. Seerri cubbuun maal akka ta’e akka ani ittin baruuf akka nuuf kenname hubadheera. Gooftaa, si haa galatu. Ani seericha gar-malee hubadheen gar-malee itti jiraachaan ture. Seericha irratti hundaa’ee wanti ani godhu hundi isaa of tuulummaadhaan ture. Qalbii nan diddiirradha. Yesuus cubbuu koo tiif cuuphamee akka naaf du’e nan bare. Itti ani amana!”
Ifaa fi dhugaadhaan amanuu qabna. Dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee jirutti amanuu qabna. Lammaffaa kan dhalannus yoo isatti amanne qofa dha.
Yesuusitti amanuun maalii? Wanta nuyi baroota keessatti hojjennuu dhaa? Amantiin keenya amantii nuyi waan tokko raawwannuufii dhaa? Namoonni waaqa tolfamaatti amanan waaqa isaanii babbarechatanii nama duratti ga’aa isa godhachuuf hojjetu. Amantiin biyya lafaa wanta namni tooraan irratti waa hojjetuu dha.
Amantiin maalii? Amantii jechuun Waaqayyotti of gatanii isa amanachuu dha. Yesuusiin amannee fayyisuu isaatiif isa galateeffanna. Kun amantii dhugaa dha. Amantii fi waaqni tolfamaa garaagarummaa kana qabaatu. Garaagarummaa lamaan isaanii gidduu jiru yeroo hubattu amantii kee sirritti gutummaan guutuutti ni habatta.
Beektonni ti’ooloojii warri lammaffaa hin dhalatin Yesuusitti amanaatii jireenya qullaa’ummaa jiraadhaa jedhu malee dhoksa fayyina lammaffaa dhalachuu hin barsiisani. Namni tokko of kennuu isaatiin amanamummaa argachuu ni danda’aa? Gaarii ta’uun keenya baheessa. Garuu warra seeraan of qulleessanii nama gaarii ta’uuf jiraatan immoo warra lammaffaa dhalatan tu caalaa nama of kennee qullaa’ee ta’ee jireenya dhugaa jiraataa?
Garuu isaan qabxilee cubbamootatti dubbatan qabu. Laphee cubbamootaa keessa cubbuu gosa 12 tu jiru. Attamitti qulqullina jiraatuu? Lapheen isaa waan gaarii ni yaada garuu danda’ee immoo hin hojjetu. Cubbamaan dubbiidhuma salphaa tiin yeroo waldaa ala jiraatu, gara cubbuutti geeffama.
Kanaafuu, seeraan akka jiraannuu fi wangeela bishaanii fi Hafuuraa Yesuus Kiristoos isa luba baraabaraa ta’etti amanuun akka fayyinu murteeffachuu qabna.
Yesuus angafa luba isa barbaraa akka ta’e amanuu qabna. Kottaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa fayyina namaaf kennu hubannee cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka fayyinu ni amanna.
Warri Lammaffaa Dhalatan Sodaa Dhuma Biyya Lafaa Hin Qaban
Warri lammaffaa dhalatan maaliif sodaa dhuma biyya lafaa hin qabanii?
Wangeellii bishaanii fi Hafuuraa cubuuttii waan isaan qulleesseefii.
Yeroo dhuguma lammaffaa dhalattu, sodaa dhumiinsa biyya lafaa hin qabaattu. Biyya Kooriyaa keessaa amantoonni hedduun Yesuus Onkoloolessa gaafa 28, 1992 dhufa jedhanii eegaa turan. Guyyaan sun attam nama sodaachisa jedhu. Garuu yaadni isaan jedhan hundi isaa kufaa ta’e. Warri dhugaatti of kennan hanga dhumaatti wangeela ni labsu. Biyyi lafaa yoom iyyuu haa dhumu nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsuu qabna.
Yeroo dhirsi misirroo dhufu, warri bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatan gammachuudhaan isa simatanii, “Hoo, dhuma irratti ni dhufte! Yoo foonni koo hirruu ta’e iyyuu jaalala keetiin ana fayyifteetta. Kanaaf ani hafuura koo irraa cubbuu hin qabu. Yaa Gooftaa galatoomii. At fayyisaa koo ti.”
Yesuus qajeelota hundaaf dhirsa misirroo ti. Dhirsi misirroo kadhimaa isaa waan jaallatuuf cidha geggeeffata. Kan biyya lafaa yeroo inni ta’u ni beekna garuu isa Waaqa irraa guyyaa inni murteesse kan nuyi hin beeknee dha. Dhirsi misirroo sun warra fayyanii wajjin cidha isaa raawwata. Kun akkaataa raawwii cidha Waaqa irraa ti.
Dhirsi misiirroo waa’ee misrroo hunda isaa ni beeka. Misirroon sun yoo hirruu qabaatan iyyuu sababa isaan wangeela dhugaan amantii dhugaa qabaataniif ol waaqa irratti isaan fudhata.
Gooftaan keenya akka lubummaa Aaronitti gara biyya lafaa hin dhufne. Inni aarsaa horii dhi’eessuudhaan hojii lubummaa isaa hin hojjenne. Leewwonni sanyiin Aaron kan hojii lubummaa hojjetan hedduu dha.
Aarsaan bara Kakuu Moofaa hundinuu Yesuusiin agarsiisuun isaa dhugaa dha. Yeroo wanti dhugaa dhufu gaaddidduun isaa immoo attam ta’a? Gaaddidduun sun ni bada.
Yeroo Yesuus gara biyya lafaa dhufe, aarsa isa kan gosa Aaroniin hin dhi’eessine. Inni cuuphaa fi fannoo isaatiin ofii isaa aarsaa of godhe. Inni fannoo irratti fayyina ilmaan namootaa raawwateera.
Warri cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananiif fayyinni dubbii hin qabatamne miti. Yesuus karaa ifa hin taaneen cubbuu nama irraa hin fuune. Inni karaa baayee ifa ta’een fuudhe. “Ani, karaa dha, dhugaa dha, jireenyas” (Yohannis 14:6) jedhe. Yesuus gara biyya lafa kanaa dhufee, cuuphaa, du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin nu fayyiseera.
Kakuun Moofaa Fakkeenya Yesuus
Kakuu kan biraa dhaabuun maaliif barbaachisee?
Sababa kakuu inni duraa kan dhimma hin baafne ta’eefii.
Kakuun Moofaa gaadidduu Kakuu Haaraa ti. Yesuus akka luboota bara Kakuu Moofaatti aarsaa yoo dhi’eessuu baate iyyuu, inni tajaajila isa kan isaanii caalu, isa waaqa irraa keenne. Namni biyya lafaa hundi cubbuun waan dhalateef utuudhuma seera hunda isaa eegee iyyuu seerichaan fayyuu hin danda’u. Kanaaf, Waaqayyoo kakuu kan biraa dhaabe.
Waaqayyoo abbaan tokkicha ilma isaa ergee akka nuyi cuuphaa, du’aa fi du’aa ka’uu isaatti amannuuf immoo nu gaafata. Kun kakuu Waaqayyoo isa lammaffaa dha. Kakuu inni lammaffaa kun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu nu barbaachisa.
Gooftaan akka nuyi hojii keenyaan fayyinu hin barbaadu. Fayyuudhaaf akka nuyi seericha eeguu qabnu nutti hin dubbatu. Inni akka nuyi ilma isaatti amannu nutti dubbata. Akka nuyi cuuphaa isaa, du’a isaa fi du’aa ka’uu isaatti amannu nutti dubbata. Nuyis tolee jechuu qabna.
Macaafa Qulqulluu keessatti, sabni Yihuda akka amanamummaan ture ni dubbata. Sababa kanaaf hanga Solomoonitti mootiin Israa’el Yihudaa keessaa ka’e. Erguma mootummaan saba Israa’el bakka lamatti qoodamee iyyuu, manni Yihudaa hanga badii bara 586 K.D. tti Israa’el irratti filamee hojjechaa ture. Kanaafuu sabni Yihudaa bakka Israa’eliin dhaabbatee jira. Sanyiin Leewwii luba tokko qofa qaba. Tokkoon-tokkoon qomoo saba Israa’el ga’ee qaba. Waaqayyoo mana Yihudaa keesaan Yesuus akka dhufu abdii kenne.
Kakuu isaa maaliif Yihudaa wajjin godhatee? Sabni Israa’el biyya lafaa bakka bu’anii jiru waan ta’eef Yihudaa wajjin kakuu galuu jechuun nama hundumaa wajjin kakuu galuu jechuu dha. Yesuus Kakuu Haaraa cuuphaa, fannoo du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin fiixa baaseera.
Cubbuun Qalbii Diddiirranaan Nama Irraa Hin Miiccamu
Cubbuun Qalbii diddiirrannaa nama irraa ni ka’aa?
Lakki.
Ermiyaas 17:1, cubbuun namaa bakka lamatti galmaa’ee akka jiru dubbata. “Cubbuun saba Yihudaa, birii sibiila tiin arfii dhagaa Almaaziitiinis gabatee garaa isaanii fi gaanfa iddowwan aarsaa isaanii irratti caqafameera.”
Cubbuun keenya laphee keenya keessatti barreeffamee jira. Cubbamaa ta’uu keenyas kanaan barra. Namni tokko utuu Yesuusitti hin amanin dura, akka cubbamaa ta’e iyyuu sirriitii hin beeku. Maaliifii? Sababiinsa karaa Waaqayyoo of keessatti waan hin beekneefii. Kanaafuu namni tokko erga Yesuuusiitti amanee booda Waaqayyoon duratti cubbamaa akka ta’e hubata.
Tokko-tokko amananii waggaa 10 ffaa isaaniitti cubbamaa akka ta’an hubatu. “Hoo, Waaqayyoo! Ani cubbamaa dha! Akka ani fayye baradheen ture, garuu ani cubbuu kootiinaan jira.” Cubbuu isaa beekuun kun gaafa ofii isaa hubatee dha. Waggaa kudhaniif gammadee, dingata gaaf tokko dhugaa ni arga. Maaliif akka ta’ee ni beektaa? Kana kan hubachuu danda’eef karaa seera Waaqayyoo cubbuu isaa fi irra-daddarbaa isaa waan hubateefii. Waggaa 10f utuu lammaffaa hin dhalatin tura jechuu dha.
Sababa laphee isaa irra cubbuun hin fuudhamneef, Waaqayyoon duratti cubbamaa ta’a. Tokko-tokko waggaa 5 waldaa keessa taa’anii kan hubachuutti dhufu, kaan immoo waggaa 10 taa’anii hubatu. Kaan waggaa 30 ffaa kaan immoo 50 ffaa isaaniitti kan hubachuutti dhufu, kaan immoo hanga dhumaatti iyyuu utuu hin hubatin obbaafatu. “Yaa abbaa, utuun abboommii kee hin hubatin dura fuula kee duratti nama gaariin of se’aa ture. Seericha waan an sirriitti eegaa turen of se’ee, amma garuu akka an si duratti nama cubbamaa ta’e hubadheera.” Akkuma Phaawulos jedhe, “Iddoo seerri hin jirretti ani jiraachaan ture, yeroo abbommichi dhufetti garuu cubbuun ni bayyaannate” (Roomaa 7:9). Kiristoositti yoon amane iyyuu ani cubbuu kootiinan jira.
Akka namni dubbii Waaqayyootti hin jiraanne kan godhu cubbuu isaa ti. Cubbuun laphee namaa irratti barreeffamee jira. Waaqayyo achitti sababa galmeesseef, yeroo namni mataa isaa gadi qabaatee kadhachuu eegaluu ni mul’ata. “Ajaa’yiba! Kun cubbuu isin hojjettanii dha.”
“Garuu ani torban 2 dura sii dhiiseera. Maaliif akka tasaa of agarsiiftaa? Maaliifis baddaa?”
“Hoo, nama hamaa hin ta’in! Ani laphee kee keessatti isa barreesseera. Waan fedhe yoo yaadee iyyuu ati cubbamaa dha.”
“Lakkii! Lakkii!”
Kanaafuu, cubbuu isa waggaa lama dura hojjete ni himata. “Adaraa naaf dhiisi yaa Gooftaa. Ani cubbuun hojjedheen hedduu rakkachaan jira. Ani cubbuu koo irraa deebi’eera, garuu inni amma iyyuu anaa wajjin jira. An cubbuu hojjedheera, adaraa naaf dhiisi.”
Garuu cubbuun kun himachuudhaan nama irraa ni badaa? Cubbuun laphee namaa keessatti waan barreeffameef wangeela bishaanii fi Hafuuraan alaa irraa hin ka’u. Karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofa cubbuun nama irraa ka’a. Fayyinni Wangeela dhugaatiin qofa argama.
Ani Fayyisaan Siif Ta’a
Kakuu Haaraa attamitti simannaa?
Garaa keenyaan amannee biyya lafaatti immoo labsuu qabna.
Gooftaan keenya kakuu haaraa nuu wajjin gale. “Ani fayyisaa keen siif ta’a. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin cubbuu biyya lafaa hundumaattii bilisa si godha. Warra anatti amanan nan eebbisa.”
Kakuu Haaraa kanaan Waaqayyootti ni amantaa? Fayyina karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa argamuu fi dhugaa Kakuu isaatti amannaan jireenya barabaraa ni argata.
Dookteerri tokko sirriitti nu hin sakkattaanee taanaan itti hin amannu. Dookteerri gaariin tokko sakkatta’ee qoricha ajaja. Sakkatainsa godheen qorichoota hedduu keessaa kan dhukkubichaaf ta’u itti fayyadama. Dhukubi sun erga baramee moo qorichi dhukuba sana fayyisu baayyee ta’uu danda. Garuu Sakkatainsa dogoggoraan qorichi ajajamuuf dhukubsataa sana ittumaa miidha.
Haaluma kanaan yeroo Yesuusitti amannu, dubbii Waaqayyoo irratti hundoofnee hafuura keenya qoruu qabna. Sagalee Waaqayyootiin yeroo hafuura keenya qorru, hafuura nu keessa jiru sirriitti beekuu dandeenya. Dookteeriin hafuuraa dogoggora tokko malee waa’ee keenya nutti ni hima. Amantoonni isaa hundinuu lammaffaa ni dhalatu.
“Akka ani fayye hin beeku” yoo jette, egaa hin fayyine jechuu dha. Lubni tokko bartuu Yesuus isa dhugaa yoo ta’e, rakkina namoonni waa’ee cubbuutiif qaban ni hiikaaf. Rakkina amantii isaanii hiikuuf hafuura dhugaatiin isaan geggeessa. Haala amantoonni irra jiranis sirriitti arguu ni danda’a.
Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Inni gara biyya lafaa dhufee cuuphamee fannoo irratti du’e. Egaa yeroo nama hundumaaf araara buuse kan kee qofaatti irra darbee? Wangeellii bishaanii fi Hafuuraa cubbuu kee hunda si irraa kaaseera.
Wangeelli akka dimaamitii ti. Dimaamitiin tulluu gamoo gurguddaa ni diiga. Hojiin Yesuusis kana fakkaata. Cubbuu namoota warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amananii ni balleessa. Kottaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa akka Macaafa Qulqulluu keessatti barrreeffame jirutti haa fudhannu.
Wangeela Harka Irra Kaa’uu Bara Kakuu Moofaa
Akeekni Harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa maalii?
Akeekni isaa gara horii aarsaaf dhihateetti cubbuu dabarsuu dha.
Kottaa wangeela fayyinaa Seera Leewwotaa 1:3-4 keessatti ni ilaalla. “Kennaan isaa kun karra saawwaa keessaa qalma gubatuuf kennama yoo ta’e dibicha muda hin qabne haa ta’u. Ana Waaqayyo duratti fudhatama akka inni ta’uufitti namichi balbala dunkaana itti walga’anii sana duratti haa dhi’eessu. Inni harka isaa mataa horii qalma gubamuuf dhi’ate sana irra haa kaa’u! Araara isaaf buusuudhaafis fuula koo duratti fudhatamaa ni ta’af.”
Kutaan kun kan nutti dubbatu, horiin aarsaa kun balbala dunkaana qulqullaa’aa duratti akka dhihaachuu qabuu fi cubbamaan sun akka harka isaa irra kaa’uu qabuu fi horiin kan muda hin qabne akka qabu nutti dubbata.
Bara Kakuu Moofaa keessatti cubbamaan horii aarsaaf dhiheeffatu irra harka isaa kaa’ee araara akka buufatuu dha. Horii aarsaa kana akkuma gorra’een lubni dhiiga isaa keessaa yaraa isaa fuudhee gaanfa iddoo aarsaa irratti dhangalaasa. Dhiiga isa irraa hafe immoo iddoo aarsaa jalatti yeroo inni dhangalaasu cubbamaa sanaaf araarri bu’a.
Cubbuu isa kan waggaa immoo Leewwota 16:6-10 irratti kan barreeffame, “Aaronis tuntunicha isa aarsaa sababii cubbuu isaatiif dhi’atu sana dhi’eessee, ofii isaatiif maatiisaatiifis araara haa buusu! Kana booddee immoo, Korbeeyyii reettii sana lamaan fuudhee balbala dunkaana walga’iitti ana Waaqayyo dura haa dhaabu. Korbeeyyii sana lamaan irratti mukti lama haa buufamu! Mukti inni tokko, kan irra bu’e ana Waaqayyoof, mukti inni kaan kan irra bu’e immoo gad dhiifamuudhaaf haa ta’u! Inni korbeessa mukti inni kan ana Waaqayyoo irra bu’e sana fidee aarsaa sababii cubbuutiif dhihatu haa godhu! Korbeessi inni akka gad dhiifamuuf mukti irra bu’e moo ittiin araara buusuudhaaf ana Waaqayyo duratti dhi’eeffamee, gara lafa onaatti gadi haa dhiifamu.” Akkuma macaafa keessatti ibsamee jiru, iddoo onaatti gad lakkisuu jechuun harka irra kaa’uu jechuu dha.
Leewwota 16:29-30 yoo ilaalle, “Kanatti fufee kan jiru kun seerrata barabaraa isiniif haa ta’u! Ji’a torbaffaatti ji’icha keessaa guyyaa kurnaffaatti isin warri dhaloota biyyaa warri galaan isin gidduu jiratanis soomuudhaan gadi of deebisaa, gaafas hojii tokko illees hin hojjetina; Guyyaa kanattis isin qulleessuudhaaf araarri isiniif ni buufama; isin ana Waaqayyoo duratti cubbuu keessani hundumaattii ni qullooftu.”
Guyyaan kun guyyaa Israa’elonni araara itti baafatanii dha. Kun immoo attamitti ta’aa? Dursa Angafni Lubaa Aaroon iddoo aarsaa sanaatti argamuu qaba. Saba israa’eliin kan bakka bu’uu eenyuu dhaa? Aaron. Waaqayyoo Aaroonii fi ijoollee isaa kaa’e.
Aaron cubbuu isaa fi cubbuu maatii isaatiif aarsaa adaba cubbuutiif ni dhieessa. sangaa qalee aarsaa dhi’eessee dhiiga isaa teessoo araaraa jalatti ni dhangalaasa. Sababiinsa duraandursee araara ofii isaa fi maatii isaatiif buusuu qaba.
Araara buusuu jechuun cubbamaan cubbuu isaatiif horii dhi’eeffatee cubbuu isaa itti dabarsee horiin bakka nama sana akka du’u gochuu jechuu dha. Cubbamaan sun du’uu kan qabu yeroo ta’u horiin iddoo nama sanaa dhihatu ni du’a jechuu dha.
Cubbuun isaa fi cubbuun maatii isaatii yeroo irraa fuudhamu, reettii lama fudhatee isa tokko Waaqayyoof aarsaa dhi’eessee isa tokko immoo utuu sabni Waaqayyoo ilaaluu iddoo onaatti gadi lakkisa.
Reettiin inni tokko aarsaa cubbuutiif dhihata. Aaron mataa horii aarsaaf dhihatee irra harka isaa kaa’ee, “Yaa Waaqayyoo, sabni kee abboommi kee kurnanii fi keeyyata seerrotaa 613 cabseera. Israa’elonni cubbamoota ta’aniiru. Ani amma egaa harka koo mataa reettii kanaa irra kaa’ee cubbuu keenya hunda gara isaatti nan dabarsa” jedha.
Reetticha gorra’ee dhiiga sana fudhatee iddoo qulqulluu-qulqullootaa ni seena. Dhiigicha keessaa muraasa isaa fuullee teessoo araaraa duratti si’a torba ni facaasa.
Iddoo Qulqulluu qullootaa keessa gabatee kakuu tu jira. Qadaaddiin gabatee kakuu sun teessoo araaraa jedhama, keessa gabatee sanaa immoo gabatee kakuu lama, maannaa okkotee warqee tokkoo fi ulee Aaroon tu jira.
Uleen Aaron du’aa ka’uu agarsiisa, gabateen Kakuu lamaan immoo haqa agarsiisa, maannaan okkotee warqee tokko immoo sagalee Waaqayyoo agarsiisa.
Gabateen Kakuu qadaaddii qaba. Dhiignu si’a torba teessoo araaraa duratti facaafama. Dhiiga reettii sana iddoo aarsaa irratti akkuma facaaseen bilbilli uffannaa isaatti jiru sagalee kenna.
Seera Leewwotaa 16:14-15 akkana jedha, “Dhiiga tuntunichaa irraas fuudhee fuula duraan karaa gara ba’a biiftuu teessoo araaraa sanatti quba isaatiin haa facaasu! Akkasumas karaa fuula duraa teessoo araaraatti dhiigicha quba isaatiin si’a torba haa facaasu. Inni kana booddee korbeessicha aarsaa sababii cubbuu sabaatiif dhi’aatu sanas gorra’ee dhiiga isaa fuudhee iddoo isa golgaa keessatti lixee akkuma dhiiga tuntunichaa sana godhe haa godhu! Teessoo araaraa sana irratti teessicha fuula durattis haa facaasu.”
Yeroo dhiignii reettii sun faca’u hundumaatti bilbillii uffannaa Aaron irra jiru ni bilbilama, bilbilamuu isaas sabni Israa’el ni dhag’u. Araarrii cubbuu isaanii karaa angafa Lubaa waan bu’uuf bibillii uffannaa isaa irraa dhaga’amuu sun dhiifamni cubbuu akka ta’e agarsiisa. Bilbilichi eebba saba Waaqayyoo ti.
Yeroo bilbilli sun si’a torba bilbilamu, “Amma egaa boqodheera. Cubbuu koo waggaa guutuuf yaadda’aan ture, amma garuu akkanni ana irraa ka’e natti dhagaa’ameera. Akka cubbuuttii bilisa ta’aniis ni hubatu. Sagaleen bilbila yeroo sanaa sagalee lammaffaa dhalachuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa ti.
Wangeela fayyinaa bishaanii fi Hafuuraa dhageenyee yeroo itti amannu fi dhugaa baanu, wangeela dhugaa keessa jirra jechuu dha. Yeroo bilbillii sun naqa torba bilbilamu, cubbuun waggaa guutuu saba Israa’eel irraa haqama. Cubbuun isaanii fuula Waaqayyoo duraa ni haqama.
Angafni lubaa sun reettii isa tokko Waaqayyoof dhi’eessee isa tokko immoo yeroonni fuula saba Israa’eliin duratti fidee harka isaa yeroonni irra kaa’u ni argama. Utuu sabni sun ilaaluu angafni lubaa mataa reettii isa tokko irra harka isaa ni kaa’a.
Seera Leewwotaa 16:21-22 akkana jedha, “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sana irraa kaa’ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksisee, mataa korbeessicha irra erga kaa’ee booddee korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jirutti kennee, lafa onaa keessatti gadi akka dhiisu ni godha; namichi sun korbeessicha lafa onaa keessatti gadi ni dhiisa. Korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti ni geessa.”
Angafni lubaa Aaroon harka isaa mataa reettii isaa iddoo onaatti gadi-dhiifamu irra kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin kan waggaa guutuu Waaqayyoo duratti cubbuu isaanii hima. “Yaa Waaqayyoo, Israa’el si yakkeera. Abboommii kee fi seerrata keeyyataa 613 n irratti kaaneerra. Egaa harka koo mataa reettii kana irraa kaa’ee cubbuu keenya kan waggaa itti nan dabarsa.”
Akka Eermiyaas 17:1 tti, cubbuun bakka lammatti galmaa’ee jira. Tokko Macaafa Hojii inni kaani immoo gabatee garaa namaa irratti barreeffame.
Araarri yeroo bu’uu Macaafa Hojii fi gabatee garaa namaa irraa cubbuun ni haqama. Guyyaa araaraatti, reettiin inni tokko cubbuu keenya isa Macaafa irratti barreeffame yeroo irra haxaa’uu reetiin inni tokkoo moo cubbuu gabatee garaa keenya irratti isa barreefame haqa.
Sirna aarsaa bara Kakuu Moofaa keessan Waaqayyo saba Israa’elitti maal agarsiisaa?
Karaa baayyee ifa ta’een Yesuus fayyisaan gara biyya lafaa dhufee cubbuu isaanii akka irraa kaasu agarsiisa.
Mataa reettii sana irra harka kaa’uudhaan, Angafni lubaa cubbuu isaanii gara aarsaattii akka dabarse agarsiisa. Yeroo cubbuun sun gara mataa reetichaatti darbu, namni kanaaf kaa’ee fuudhee gara iddoo onaatti ni geessa.
Biyyi Paalastiin lafaa onaa hedduu qaba. Namni reettii sana fuudhee iddoo onaatti geessuuf kaa’amee fuudhee iddoo onaatti bakka bishaanii fi margi hin jirretti ni geessa. Hanga reettiin sun iddoo onaa keessa ga’utti sabni sun ni ilaala.
Ergasii walii-walii isaanitiin, “Reettichi iddoo koo naaf du’eera. Gatiin cubbuu du’a, garuu reettichi iddoo koo naaf du’eerea. Galatoomi. Du’un isaa akka an jiraadhuufii.” Reetichi iddoo onaa fagootti ni geeffamaan sabni Israa’eliis cubbuu isaattii ni hiikama.
Cubbuun garaa keetii horii isaa aarsaaf dhihateetti dabarsu ni qulloofta. Kun salphaa dha. Dhugaan nama hin rakkisu.
Reettichii hanga sabni Israa’el arguu dadhabutti harkifamee bakka lafa onaa keessatti deema. Namni reetticha geessu sun gadi lakkisee qofaa isaa deebi’ee gala. Akkana jechuun cubbuun saba Israa’el hundinuu irraa ni ka’a jechuu dha. Reettichii cubbuu saba Israa’eliin baataa iddoo lafaa onaa bakka bishaanii fi margi hin jirre keessa utuu jooruu du’a malee lammaffaa gara horiitti hin deebi’u.
Gatiin cubbuu du’a, qajeelummaan Waaqayyoo inuma raawwatama. Waaqayyo sabni Israa’el akka jiraatuuf reettiin akka jooree du’u godhe. Cubbuun saba Israa’el kan waggaa irraa fuudhamee isaan qulqulloota ta’u.
Bara Kakuu Moofaa keessa cubbuun guyyaa-guyyaa fi kan waggaa haala kana fakkaatuun araarri ta’ee, nuyi immoo altakkaa cubbuu keenyattii qulloofna. Waaqayyo Masiihi erga altakkaa cubbuu bara jireenya keenyaa hundattii nu fayyisuu fi kakuu nuu wajjin gale. Kakuun kun karaa cuuphaa Yesuusiin ni raawwatama.
Kakuu Moofaa Keessaan Wangeela Bishaanii fi Hafuuraattii Lammaffaa Dhalachuu
Yesuus maaliif cuuphamee?
Cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee qajeelummaa bakkaan ga’uu dhaaf. Cuuphamuun Yesuus harka i rra kaa’uu bara Kakuu Moofaa wajjin tokko.
Kottaa Maatewos 3:13-15 ni ilaalla. “Yesuus yemmus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu, ‘Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?’ jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!’ jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise.”
Yesuus laga Yordaanositti Yohannisiin cuuphamee qajeelummaa bakkaan ga’e. Inni Yohannisiin cuuphame. Yohannis nama dubartii irraa dhalate keessaa isa hundumaa caalu dha.
Maatewos 11:11-12 akkana jedha, “Dhuguman isiniin jedha, nama ta’e lafa irratti kan dhalate keessaa Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane. Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee amma-ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira.”
Waaqayyo Yohannisiin bakka bu’aa ilmaan namaa godhee fo’atee Kiristoosiin ji’a ja’a dursee akka dhalatu godhe. Inni sanyii Aaroon fi bakka bu’aa nama lafa irraa hundaa ti.
Yohannis cuuphaan yeroo gara Yesuusiin dhaqe akkana ittiin jedhe, “Anatu siin cuuphama moo situu anaan cuuphamaa?”
Yesuus moo deebiseefii, “Amma ana ittisuu dhiisi, waan qajeela hunda raawwachuun nuuf ni ta’a” ittiin jedhe. Akeekni isaa ilmaan nama hundaa cubbuuttii furee ijoollee Waaqayyoo isaan gochuu dha. Yesuus Yohannisiin, “Wangeela lammaffaa dhalachuu fiixa baasuu qabna. Kanaaf na cuuphi” ittiin jedhe.
Yohannis Yesuusiin ni cuuphe. Cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuudhaaf Yesuus cuuphamuutu irra ture. Haala sirrii ta’een waan cuuphameef, nuyis akkaataa ga’aa ta’een cubbuu keenyattii bilsoomeerra. Yeroo Yesuus cuuphamee cubbuun keenya hundi gara isaatti ni darbe.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee waggaa 30 ffaa isaatti cuuphame. Kun jalqaba tajajila inni kennee dha. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa kaasuudhaan warra itti amanan hunda barabaraan qulleesseera.
Yesuus baayyee haala sirrii ta’een cuuphamee cubbuu keenya hundumaattii nu fayyiseera. Qajeelummaa hunda raawwachuun “nuuf ni ta’a” jedhe.
Waaqayyo, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti ni raawwatama jedhe waaqa irraa ni dubbate” (Maatewos 3:17). Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhatee fannoo irratti dhiiguudhaan, fedha Abbaa isaa Raawwatee, “Akka fedha koo miti; akka fedha kee malee” (Maatewos 26:39) jedhe. Fedhiin Abbaa cubbuu biyya lafaattii nama fayyisuu dha.
Yesuus, Ilmi ajajamaan, Abbaa isaaf abbomamee Yohannis cuuphaan cuuphame.
Yohaannis 1:29 akkana jedha, “Bormutaa isaa utuu Yesuus isaan biraann darbu argee, ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jedhe. Yesuus cubbuu biyya irraa fuudhee fannoo Golgootaa irratti dhiige.
Ati cubbuu qabda immoo cubbuu hin qabdu? Cubbamaa dha moo qajeelaa dhaa? Dhugaan isaa Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo irratti du’uu isaa ti.
Cubbuun ilmaan namaa yoom gara Yesuusitti darbee?
Yeroo Yesuus laga Yordaanositti Yohannisiin cuuphame darbe.
Akkuma biyya lafaatti dhalannee, waggaa 1 hanga 10 tti iyyuu cubbuu hojjenneerra. Yesuus cubbuu kana hunda gara ofii isaattii dabarseera. Waggaa 10 hanga 20 ttis cubbuu hojjenneerra. Yaada garaa keenyaa fi hojii keenyaan kan cubbuu hojjenne hunda gara ofii isaatti fudhateera.
Waggaa 21 hanga 45 ttis cubbuu hojjenneerra. Yesuus cubbuu kanas nu irraa kaaseera. Inni cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhatee gara fannoo dhaqe. Dhalannee hanga gaafa duunuutti cubbuu ni hojjenna. Garuu cubbuu kana hundumaa gara ofii isaatti fudhateera.
“Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Cubbuu nama jalqabaa Addaamii eegalee hanga gaafa nama isa lafa irratti dhalatuutti gooftaan kaaseera. Inni cubbuu warra dhiifamuufiin maluu qofaatti adda hin baafne.
Inni namoota muraasa nu gidduu dhaa filee fayyisuuf yaalii hin goone. Inni fooniin gara biyya lafaa dhufee, cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhatee du’a fannoo nuuf du’e. Inni iddoo keenya firdii hunda fudhatee barabaraan cubbuu biyya lafaa irraa kaaseera.
Kaayyoo fayyisuu isaa keessaa kan ala ta’e hin jiru. “Cubbuun biyya lafaa hundinuu” cubbuu keenya dabalatee. Yesuus nu irraa fuudheera.
Cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbuu biyya lafaa dhiqeera. Inni cuuphamuu isaatiin gara ofii isaatti sababii kanaaf immoo firdii baate. Utuu Yesuus fannoo irratti hin du’in dura, “Fiixaan ba’eera” (John 19:30) jedhe, akkana jechuunis cubbuun biyya lafaa irraa ka’eera jechuu dha.
Yesuus fannoo irratti maaliif du’ee? Sababa dhiigni foon keesssa jiruuf, dhiigni immoo araara cubbuu waan buusuufi (Leewwota 17:11). Yesuus maaliif cuuphamee? Sababa cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti dabarsuu barbaadeef.
“Yesuus amma wanti hundinuu fiixaan ba’uu isaa beekee, dubbii Macaafaa fiixaan baasuudhaaf, ‘nan dheebodhe!’ jedhe” (Yohannis 19:28). Yesuua kakuun bara Kakuu Moofaa hundi isaa cuuphaa laga Yordaanosii fi fannoo Golgootaa irratti akka raawwatamee mirkaneesseera.
Yesuus fayyinni karaa isaa akka xumurame argee, “fiixaan ba’eera” jedhe. Inni fannoo irratti du’e. Inni cubbuu keenyattii nu qulleessee, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara bantii Waaqaatti ol ba’ee gara mirga Waaqayyoo abbaa iddoo amma jirutti ol ba’e.
Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalachuu jechuun Yesuus cuuphamuu isaa fi du’a isaatiin cubbuu keenyatti akka nu fayyise labsu jechuu dha. Itti amanii dhiifama barabaraa ni argata.
Guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuudhaan dhiifama cubbuu argamsiisuun hin dandaa’amu. Dhiifamni altakkaa karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa kennama. “Isaan kanaaf dhiifamni erga argame immoo aarsaan sababa cubbuutiif lammaffa dhihatu hin jiru” (Ibroota 10:18).
Amma wanti nuyi gochuu qabnu fayyisuu wangeela cuuphaa fi fannoo Yesuusitti amanuu dha. Itti amani ni fayyita.
Roomaa 5:1-2 akkana jedha, “Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna. Karaa isaa ayyaana isaa isa ammaa minyeeffachaa jirru kanatti amantiin dhihaachuu arganneera, Abdii ulfina Waaqayyoo irraa hirmaachuu keenyas gammachuudhaan in himanna.”
Karaa wangeela eebbifamaa lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraatiin malee karaan ittiin qajeelummaa argatan kan biraa hin jiru.
Akeeka Seera Waaqayyoo
Seeraan qullaa’uu ni dandeenyaa?
Lakki, hin dandeenyu. Seerrii cubbuu keenya akka hubannu qofaaf nu gargaara.
Ibroota 10:9 akkana ni jedha, “Itti ida’ees, ‘ani kunoo fedhii kee raawwa-chuuf dhufeera’ jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa buqqise.” Seeraan qajeelummaa argachuu hin dandeenyu. Seerri cubbamaa nu godha. Waaqayyoo seeraaf ajajmnee akka nuyi qajeelummaa argannuuf nuuf hin laatne.
Roomaa 3:20 akkana jedha, “Seerri cubbuu keenya nutti agarsiisa.” Abraam kakuu fuudhee erga waggaa 430 turee booda Waaqayyo seera isaa Museetti kenne. Seerichaan akka isaan cubbuun maal akka ta’e akka baraniif kenname. Utuu seerri hin kenname ta’ee silaa cubbuun maal akka ta’e utuu hin beekamin hafa. Waaqayyo hubannoo cubbuu nuuf kennuuf jecha seera isaa kenne.
Kanaaf, akeekni seera Waaqayyoo akka nuyi isa duratti cubbamaa taanee ittiin hubachiisuudhaafi. Hubannoo kanaan gara wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraatti deebi’uu qabna. Kaayyoon seera Waaqayyoos isa kana.
Gooftaan Akeeka Waaqayyoo Raawwachuudhaaf Dhufe
Waaqayyoon duratti maal gochuu qabnaa?
Fayyisuu Waaqayyo karaa Yesuusiin Kennutti amanuu dha.
“Kunoo ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera. Kananis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf isa duraa iddoodhaa fuudhe” (Ibroota 10:9). Sababa seeraan qullaa’uu hin dandeenyeef, Waaqayyo seeraan nu hin qulleessine, karaa ilma isaatii fayyina guutuu nuuf kenne malee. Waaqayyo jaalalaa fi qajeelummaa isaatiin nu fayyise.
“Fedhii sanaanis nu karaa aarsaa dhaqna Yesuus Kiristoosi isa yeroo tokko bara-baraaf dhiyeeffameetiin qulqulleef-famneerra. Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila y isaa raawwata; aarsaa isa matumaa cubbuu nama irraa dhiquu hin danda’ame sanas ammumaa amma dhiyeessa. Kiristoos garuu eegii sababii cubbuutiif jedhee aarsaa tokkicha barabaraaf dhiyeessee booddee mirga Waaqaa taa’e” (Ibroota 10:10-12).
Gara mirga Waaqayyo abbaa taa’uun isaa hojii fayyinaa isaa raawwachuu isaa agarsiisa. Lammaffaa aarsaa of hin godhu jechuu dha.
Amma egaa cubbuun ilmaan namaa hundi dhiqamee warra isatti amananiif fayyina bakkaan ga’e. Inni warra wangeela bishaanii fi Hafuuraan fayyan ni mallatteessa.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee cubbuu keenya nu irraa kaasee, fayyina keenya raawwateera. Hojiin gooftaa waan raawwatameef inni gara mirga Waaqayyo abbaa taa’e.
Yesuus Gooftaan cubbuuttii barabaraan akka nu fayyisee beekuu qabna. Inni cuuphaa fi dhiiga isaatiin guutuu nu godheera.
Warri Waaqayyotti Diina Ta’an
Diinonni Waaqayyoo eenyuu dhaa?
Warra Yesuusitti amanaa cubbuutti hin qulloofne ofiin jedhan dha
Ibroota 10:12-13 akkana jedha, “Kiristoos garuu, altokko aarsaa dhi’eessee barabaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e, achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa amma godhamanitti ni eeggata. Aarsaa altakaatiin barbaraan qulqullina fide.” Isaan gaafa duunu carraa keenya beekna jedhu.
Diinonni kun, “Yaa Waaqayyo cubbuu koo naaf dhiisi” jedhu. Seexanoonni fi duuka buutonni isaa wangeela bishaanii Hafuuratti amanuu dhiisanii guyyaa-guyyaatti dhiifama cubbuu kadhatu.
Gooftaan amma itti hin faradu. Guyyaa booddee yeroo lammaffaa deebi’ee dhufu, firdii barabaraa itti kenna malee. Hanga dhumaatti isaan obese isaan ni eega.
Yesuus cubbuu keenya hunda nu irraa fuudhee sababa isaaf nuuf immoo fannoo du’aa fudhate. Warra fayyise gara ofii isaatti fudhachuudhaaf lammaffaa deebi’ee ni dhufa. “Hoo yaa Gooftaa dafii kottu.” Warra cubbuuttii qullaa’an gara ofii isaatti fudhatee barabaraan isaanii wajjin ni jiraata.
Warri cubbuu isaaniitiin jiran yeroo gooftaan lammaffaa deebi’ee dhufu firdii isa dhuma argatu. Guyyaa isa dhumaatti firdii fudhatanii gara sii’oliin dhaqu. Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin fudhanne hundi firdii kanatu isaan eeggata.
Warri dhugaa kanatti hin amanne hundinuu diina Waaqayyoo ti. Sababa kanaaf dhugaa kanaaf loluu qabna. Kanaafu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu nu barbaachisa.
Wangeela Bishaanii fi Hafuuraatti Amanuu Qabna
Idaa (cubbuu gatii) keenyaa guutummaatti kaffaluuf araarri nuyi ammaa buusuu qabnu jiraa?
Lakki, raawwatee akkana miti.
Ibroota 10:15-16 akkana jedha, “Hafuurri Qulqulluunis immoo, waa’ee kanaa dhugaa nuuf ba’a, inni duraan dursee guyyoonni sun yeroo ga’an Kakuu ani isaaniif kakadhu seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isaan nan caafa isa jedhu dha.”
Inni cubbuu keenyaa hunda nu irraa kaasee akkana jedhe, “Kun kakuu ani isaanii wajjin galuu dha.” Kakuun maayinnii? “Ani seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isaan nan caafa” kan jedhuu dha. Akka seera isaatiitti seericha eeguuf yaalii yoo goone iyyuu, seericha nu fayyisuu hin dandeenye.
Booddana Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin akka nu fayyisee gara beekuutti dhufne. Namni Cuuphaa fi Dhiiga isaatti amanu hundinuu fayyina ni argata.
Yesuus gooftaa fayyinaa ti. “Fayyinni nama dhibii tokko irraallee hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan Samii gaditti namootaaf kenname dhibiin tokkoyyuu hin jiruuttii” (H. Ergamootaa 4:12). Yesuus gara biyya lafaa dhufee fayyisaa keenya nuuf ta’e. Hojii keenyaan fayyuu sababa hin dandeenyeef, Yesuus nu fayyisee seera jaalalaatiin akka nu fayyise gabatee garaa keenyaa irratti barreesseera.
“Itti dabalees Waaqayyo, ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu jedheera. Isaan kanaaf, dhiifamuun erga argamee immoo aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu ni hafa” (Ibroota 10:17-18).
Egaa ammaa hojii cubbuu keenyaa hin yaadatu. Inni cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera, nuyi Amantoonni hundinuu wanti kan biraa kan nuuf dhiifamu hin jiru. Gatiin cubbuu keenyaa kaffalameera, wanti biraa hafe hin jiru. Namni tajaajila Yesuus kennetti amanuudhaan fayyina argata.
Wanti nuyi goonu wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu dha. “Dhugichi ni hubattu, innis birmaduu isin ni baasa” (Yohannis 8:32). Fayyisuu Yesuusitti amanuu qabna. Fayyina argachuun hafuura baafannaa caalaatti namatti salphata. Wanti nuyi goonu akkuma inni jirutti itti amanuu dha. Fayyinni sagalee Waaqayyoot iin ta’a.
Yesuus fayyisaan keenya (karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin) akka nu fayyise amanuu qabna. Yaada keenya ganne fayyisuu Yesuusitti amanuu nu barbaachisa. Namni hundinuu akka fayyee jireenya barabaraa akka argatuuf kadhannaa koo ti.