(Maatewos 3:13-17)
“Yesuus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuufii Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu, ‘Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?’ jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!’ jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een kunoo bantiiwwan waaqaa hundinuu isaaf banaman. Achumaanis Hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uu isaa ni arge. Kunoo sagaleen immoo inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti ni raawwatama jedhe waaqa irraa ni dubbate.”
Cuuphaa Yohannis Cuuphaa
Qalbii diddiirrannaan maalii?
Qulqulluu ta’uudhaaf jireenya cubbuu irraa gara Yesuusiin amanachuu ti deebi’uu dha.
Namoonni hedduun maaliif akka Yesuus gara biyya lafaa dhufee Yohannis cuuphaan cuuphamee hin beekan. Kanaafuu amma akeeka cuuphamuu Yesuusii fi waa’ee Yohannis cuuphaa ni dubbanna.
Duraan dursa Yohannis cuuphaan akka Yesuusiin cuuphuuf maaltu akka isa geggeesse beekuu nu barbaachisa. Maatewos 3:1-12 irratti Yohannis cuuphaan akka sabni qalbii diddiirratee gara Waaqayyootti deebi’uuf akka cuuphee ni dubbata.
“Ani akka isin qalbii diddiirrattaniifan bishaaniin isin cuupha” (lakkoobsa 11), akkasumas “Sagaleen lafa onaa keessaa ni iyyaa: Gooftaadhaaf karaa tolchaa karaa inni irra adeemus tottolchaa” (lakkoobsa 3). Yohannis cuuphaan uffannaa Gaala irra hojjetame uffatee, iddoo onaa keessa iyyaa wangeela qalbii diddiirrannaa labsaa ture.
Inni, “qalbii diddiirradhaa, fayyisaan ilmaan namaa dhufeera, karaa tolchaafii, daandiin fayyinaa haa sir’atu. Waaqa tolfamaa waaqessuu dhiisaa, Gooftaa laphee keessanitti fudhadhaa” jedhee ni labsa ture.
Maali irraa deebi’aa jedhee? Waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi hojii hamaa irraa deebi’aa jedhe. Kanaafuu maal gochuu qabnaa? Qulqullaa’uudhaaf Yesuusitti cuuphamuu qabna. Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti, “Kottaa isninan cuuphaa. Cubbuu keessanittii qullaa’aa. Masihii fayyisaan gara biyya lafaa dhufeera. Iinni akka hoolaa aarsaa bara Kakuu Moofaatti cubbuu kee si irraa ni fuudha.”
Bara Kakuu Moofaa keessa, cubbuun harka irra kaawuudhaan gara horii aarsaa cubbuuf dhihatetti darba. Cubbuun waggaa keessatti sabni Israa’el hojjete waggaa-waggaatti guyyaa araaraa innis, ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti angafa lubaatiin gara reettii kanaaf qophaa’eetti ni darba. (Leewwota 16:29-31).
Haaluma kanaan cubbuun ilmaan namaa hundi cuuphamuu Yesuusiin gara isaatti darbe waan ta’eef inni cubbuu biyya lafaa altakkaa barabaraan irraa fuudheera. Kanaaf Yohannis cuuphaan namoonni Yesuusiin duukaa bu’anii akka cuuphamaniif isaan kakaase.
Cuuphaan Yohannis cuuphu namoonni gara Yesuusitti deebi’uudhaan akka isaan qalbii diddiirrataniif ture. Qalbi diddiirrannaa jechuun gara Masihiitti deebi’anii dhiifama cubbuu argachuu dha.
Sabni Israa’el dhufaatii Masiihiitiin cubbuu isaaniittii akka fayyan eegaa turan. Nuyis Yesuus isa waaqa irraa gad bu’ee waggaa 2000 dura gara biyya lafaa dhufu isaa tiin cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera. Garuu sabni Israa’el seera Waaqayyoo dhiisee, aarsaa dogoggoraa Waaqayyoof dhi’eessee Masiihii isaas ni hirraanfate.
Yohannis cuuphaan seera Masihii Waaqayyoo fi dhufaatii Yesuusiin barsiisaa ture.
Namoonni seera Waaqayyo dhiisanii waaqa tolfamaa waaqeffachaa turan hedduun gara qalbii diddiirrannaatti deebi’aniiru. Sirni aarsaa waan murteessaa sadi: horii jiraata, harka irra kaa’uu fi dhiiga. Sabni lafa irraa hundinuu Yesuusiitti amanuudhaan ni fayya.
“Yohannis garuu fariisotaa fi saduuqota keessaa namoonni baayyeen cuuphamuudhaaf gara isaa dhufu isaani yummuu arge, “isin ijoollee marraaa nana dheekkamsa isinitti bu’uu jedhu jalaa akka baqattaniif eenyutu isin yaadachiise? Ammas yaada garaa geeddrachuun ija gaarii haa godhatu. Abbaan keenya Abraamii jettanii kan galatan isinitti hin fakkaatiin” (Maatewos 3:7-9).
Fariisonni fi Saduuqonni gareen warra si’asaa kun saba Waaqayyoo keessa jirani iyyuu warra waaqa tolfamaa waaqessan, warra dubbii Waaqayyootti hin amanne turan. Isaan waaqa tolfamaa fi yaada ofii isaaniitti warra amanan turan.
Cuuphamuudhaaf gara Yohannisiin yeroo dhufan Yohannis, “Aarsaa jal’aa hin dhe’eessinaa, cubbuu irraa deebi’aa, Masiihii isaa gara cubbuu biyya lafaa irraa kaasuuf dhufetti amanaa. Garaa keessan guutuudhaan itti amanaa” isaaniin jedhaa ture.
Qalbii diddiirrachuu jechuun karaa jal’aa irraa deebi’uu jechuu dha. Qalbii diddiirrannaa dhugaa cubbuu fi amantii sobaa irraa deebi’anii Yesuusiin amanachuu dha. Cuuphamuu fi fannoo du’a isaatiitti amanuu dha.
Yohannis cuuphaan jara kana amansiisee gara Waaqayyootti isaan deebisuudhaaf, saba Israa’el warra seeraa fi sirna aarsaa balleessan kanatti sagalee isaa ol kaasee ni lallabe. Saba sana gara fayyisaa Yesuus Kiristoositti deebisuun itti gaafatama Yohannis cuuphaa ture.
Fayyinaa Karaa Cuuphamuu Yesuusiin Argamutti Ni Amantaa?
Yesuusiin duratti namni maal gochuu qabaa?
Isatti amananii cubbuu isaaniittii fayyuu dha.
Cuuphamuun Yesuus jalqabbii tajaajila uummata inni kennee dha. Cubbuun biyya lafaa hundinuu karaa cuuphamuu isaa gara isaatti darbe.
Cuuphamuun Yesuus hojii fayyisuu ilmaan namaa isa jalqabaa isa inni ittiin cubbuu biyya lafaa irraa gara ofii isaatti dabarsee dha. Waaqayyo warra cubbuun isaanii karaa cuuphamuu Yesuus akka irraa fuudhame amanan fayyisa.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee Yohannisiin cuuphamuuisaatiin mootummaan waaqa jalqabame. Akkuma wangeela Maatewos 3:15 irratti galmaa’e, Yeroo Yesuus cuuphamee akkuma aarsaa araara cubbuu Leewwota 1:1-5, 4:27-31 bara Kakuu Moofaa keessaatti bantiin waaqaa ni baname.
Dubbiin Kakuu Moofaa keessaa Kakuu Haaraa wajjin akkasumas dubbiin Kakuu Haaraa Kakuu Moofaa wajjin kan walitti hidhamee dha. “Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaattii dubbisaa! Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru” (Isaayyaas 34:16).
Kakuun Moofaas Ta’ee Kakuu Haaraan Waa’ee Araara Cubbuu Ilmaan Namaa Dubbata
Guyyaa-guyyaatti qalbii diddiirrachuu qabnaa?
Lakki. Qalbii diddiirrannaa inni dhugaa cubbamaa akka ta’an hubatanii fayyuudhaaf cuuphamuu fi fannoo Yesuusitti amanuu dha.
Bara Kakuu Moofaa keessa, cubbuun harka irra kaa’uudhaan gara horii aarsaaf dhihateetti darba. Horiin aarsaaf harki irra kaa’ame sun bakka nama sanaa du’a jechuu dha. Cubbuun waggaa tokkoof walitti kuufame sunis karaa harka irra kaa’uudhaan gara horii aarsaaf dhihateetti darba.
Bara Kakuu haaraa keessatti, Haaluma kanaan Yesuus gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaatiin cubbuu nama hundaa gara ofii isaatti dabarseera. Haala kanaan sagaleen Waaqayyoo inni bara Kakuu Moofaatti dubbatame sun fiixaan ba’e.
Yohannis cuuphaan inni Yesuusiin cuuphe Yesuusiin dura ji’a ja’a dursee ergame. Inni Yesuus akka cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu dhuga ba’e Yohannis 1:29. “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!”
Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti Yesuusiin cuuphee cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti dabarse. Gooftaan akka kanatti ilmaan namaaf araara buuse. Wanti nuyi gochuu qabnu itti amanuu qofa.
Cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbe. Ergamoonni Yesuus akkana “jedhan, Kanaaf akka cubbuun Keessan haaqamuufi akka barri haaromaa x gooftaa biraa dhufuuf cubbuu irraa gara Waaqaatti deebi’aa” (H. Ergamoota 3:19).
Isaan Yohannis maaliif akka Yesuusiin cuuphee fi maaliif akka inni namootaan duukaa bu’aa jedhe akka hubannu barbaadu. Inni, “Qalbii diddiirradhaa. Cuuphamaa, yaada garaa geeddaradha. Yaada garaa keessanii qulqulleeffadha” jechaa ture.
Masiihiin gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa dhiqeera. Cubbuun biyya lafaa hundinuu akka kanatti gara Yesuusitti darbeera. Kakuun Waaqayyoo cuuphamuu Yesuusiin raawwatama Maatewos 3:13-17 irratti kan galmaa’e akka armaan gadii ti.
“Yesuus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuufii Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu, ‘Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?’ jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, ‘Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!’ jedheen; Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een kunoo bantiiwwan waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis Hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uu isaa ni arge. Kunoo sagaleen immoo inni Kun ilma Koo isa jaallatamaa dha, gammachuun Koos isatti ni raawwatama jedhe waaqa irraa ni dubbate” (Maatewos 3:13-17).
Fayyisuu Waaqayyoo bakkaan ga’uuf, Yesuus cuuphamuudhaaf gara Yohannisiin dhufe. Yohannis garbicha Waaqayyoo isa amanamaa ture. Luqaas Yohannis sanyi Aaron angafa lubaa keessaan akka dhufe barreeseera. Waaqayyo Yohannisiin sanyi Aaron keessaa filate sababiinisaa, ilmaan nama bakka bu’ee akka inni Yesuus irra harka kaa’uu (cuuphee) cubbuu biyya lafaa itti dabarsuuf waan barbaadeefi.
Kanaafuu, Waaqayyo Yohannis mana angafa lubaa keessaa Yesuusiin ji’a 6 dursee akka dhalatu godhe. Kanaafuu Yohannis cuuphaan Yesuusiif karaatolchuudhaaf lafa onaa keessatti, “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa isin yaa warra hamtu gootee nana! Qalbii diddiirradha, qulla’aa! Masiihiin dhufuun isaa dhihateera. Isatti amanaa yookaan immoo firdii ibiddaatti darbatamtu jechaa ture. Cuuphamuu fi du’a fannoo isaatti amanaa. Qalbii diddiirradhaa Cuuphamaa ni fayyitu” ittiin jechaa ture.
Wangeelli fayyinaa H. Ergamootaa 3:19 irratti ibsameera. Yeroo Yohannis cuuphaan waa’ee cubbuu ilmaan namaaf iyyaa ture, namoonni baayyeen jijjiramaniiru.
Sababa Yohannis cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarseef, cubbuun dhala namaa hundinuu irraa haqameera. Yohannis akka Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee waan minyeeffatee dhugaa ba’eef, wangeela fayyinaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa wangeela cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuus irratti xiyyeeffatee dha.
Yohaannis Cuuphaan Maaliif akka Gara Yesuus Dhufuun Isa Irra Ture
Hiikkaan, “Nuuf ni ta’a”jedhu sun maalii?
① Baayyee sirrii ta’uu
② Baayyee itti ta’uu
③ Kana qofaan malee kan hin ta’u
Kanneen Yesuusitti amanuudhaan cubbuun isaanii irraa fuudhame, waan Maatewos dhugaa ba’een fayyina isaanii mirkanneeffachuu ni danda’u. Maatewos 3:15-16 irratti Yesuus gara Yohaannisiin dhaqee, “Na cuuphi” ittiin jedhe. Yohaannis deebiseefii, “anatuu siin cuuphama moo situ anaan cuuphama” ittiin jedhe.
Yohaannis Yesuus eenyu akka ta’e hubatee isa cuuphe. Yohaannis garbicha Waaqayyoo isa Yesuusiin cuuphee cubbuu biyya lafaa gara isaatti dabarsee dha. Yesuus kakuu Waaqayyo bara Kakuu Moofaa keessatti kenne raawwachuuf waan dhufeef, cubbuu ilmaan namaa gara ofii isaatti dabarsuudhaaf akka Yohaannis isa cuuphuuf isa abboome.
Maaliifii? Sababa Yesuus ilma Waaqayyo isa hundumaa danda’uu, uumaa fi fayyisaa ta’eefi. Inni cubbuu keenya hunda nu irraa kaasuudhaaf cuuphame. Kanaafuu Yesuus nama hundumaa fayyisuudhaaf cuuphame.
“Nuuf ni ta’a” kan jedhu Yesuus Yohaannisiin cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa kaasuu isaa agarsiisa. Inni bakka keenya fannoo irratti nuuf du’e. Cuuphamuun Yesuus dhuga ba’umsa fayyina keenyaa ti. Akkuma kakuu Waaqayyo bara Kakuu Moofaa keessatti cubbuun harka irraa kaa’uudhaan gara hoolaa aarsaaf dhi’aateetti darbu Ilmi Waaqayyoo hoolaa ta’ee cubbuu ilmaan nama gara ofii isaatti fudhate.
Kanaafuu harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa fi Cuuphamuun Yesuus bara Kakuu Haaraa cubbuu gara hoolaa aarsaatti dabarsuudhaan warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amananiif jireenya barabaraa kennisiisa.
Cuuphamuun Yesuus Cubbuu Keenya Hunda Nu Irraa Dhiqeera
Attamitti Yesuusiin uffannaa?
Isatti cuuphamuudhaan.
Yeroo Yesuus cuuphamuudhaaf gara Yohaannis cuuphaa dhaqe, isa dhowuu barbaadee akkana jedhe, “Anatu siin cuuphama moo situ anaan cuuphaa” ittiin jedhe.
Yesuus garuu deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Amma naaf hayyami. Hayyami. Akkasumas, “Wangeela cuuphaa kanaan akka ani isaan oolchuuf, cubbuu ilmaan namaa hunda gara kootii dabarsuudhaaf cuuphuum qabda. Ani cubbuu isaanii ofitti fudheen bakka isaanii firdii baadhee warra wangeela kanatti amanan fayyisa. Namni anatti amanuu hundinuu akka fayyuuf cubbuu biyya lafaa hunda ana cuuphuudhaan gara kootti dabarsi. Kanaaf amma naaf hayyami” ittiin jedhe.
Yesuus Yohaannisiin cuuphamuun isaa akka seera fayyisuu Waaqayyootti ture. Cuuphamuu Yesuusiin cubbuun biyya lafaa sababa gara isaatti darbeef, namni isatti amanuu yoomi iyyuu fayyina qaba. Inni cubbuu keenya gara isaatti dabarsee sababii cubbuu keenyafis nuuf du’ee du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyoo abbaa waan jiruuf fayyinni keenya bakka kan ga’ee dha.
Kan cubbuu biyya lafaa hundumaattii nu fayyise Yesuusii dha. Yesuus cubbuu keenya gara ofii isaatti dabarsee gatii cubbuu keenyaa fannoo irratti akka kaffalee yeroo amannu fayyina guutuu arganna. Cuuphamuun Yesuus jalqaba fayyina wangeelaa ti.
Cuuphamuun Yesuus Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baayyee akkuma caqafame, Phaawulos ergaa isaa isa gara warra Galaatiyaa keessatti Kiristoositti cuuphamuudhaan akka ufaataaiiti isa uffate ni caqasa. Ergamaan Phaawulos fayyinni cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka ta’e ifatti barreesseera.
“Amma ana Ittisuu Dhiisi”
Shooraan Yohaannis cuuphaa maalii?
Shooraan isaa akka luba nama hundumaatti cubbuu ilmaan namaa hunda gara Yesuusitti dabarsuu dha.
Yesuus deebisee, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” jedheen. Waan qajeelaa hunda jechuun cuuphamuu isaatiin nama hundumaa irraa cubbuu fuudhee, laphee warra itti amanee cubbuu dhabeessa gochuu dha. “Achumaan isa ittisuu dhiise.” Yesuus laga Yordaansitti cuuphame.
Akkuma angafni Lubaa mataa reettii irra harka isaa kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin itti dabarsu, Yohaannis mataa Yesuus irra harka isaa kaa’ee cuuphuudhaan cubbuu biyya lafaa gara isaatti dabarse. Yohaannis cuuphaan angafa lubaa isa nama lafa irraa bakka bu’ee Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu biyya lafa gara isaatti dabarsee dha. “Yaa Waaqayyo, ani cubbuu biyya lafaa hunda gara ilma kee Yesuusitti nan dabarsa.” Haaluma kanaan cubbuun biyya lafaa hundi gara Yesuusitti darbe.
Yohaannis cuuphaan harka isaa mataa Yesuus irra kaa’ee, bishaan keessa isa liccisee, yeroo Yesuus cuuphamee bishaan keessaa ba’eetti harka isaa irraa fuudhe. Cuuphamuun Yesuus fayyina qajeelummaa ti. Kanaafuu warri cuuphamuu Yesuusitti amanan cubbuun isaanii irraa fuudhameera.
Bantiwwan Waaqaa Banamanii Sagaleen Achi Keesaa Dhagaa’ame
Bantiin Waaqaa yeroo kamii eegalee banamee?
Yeroo Yohaannis Cuuphaatii eegalee (Maatewos 11:12).
“Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een kunoo bantiwwan waaqaa hundinuu isaaf banaman; achumaanis Hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufee isa irra bu’uu isaa ni arge. Kunoo sagaleen immoo inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti ni raawwatama jedhe waaqa irraa ni dubbate” (Maatewos 3:16-17).
Yesuus cuuphamuu isaatiin yeroo cubbuu biyya lafaa gara isaatti fudhate, bantiwwan waaqaa isaaf banaman. Yeroo kanatti Kakuun Waaqayyoo bara dheeraaf saba lafa irraatiif galee laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin ni raawwataman.
Kanaafuu, Yesuus akka hoolaa Waaqayyootti cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe. Cubbuun hundinuu gara Yesuusitti darbuu isaatiin kakuun Waaqayyoo ni raawwatame.
Yohaannis 1:29, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” jedhee dhugaa ba’e. Sababa cubbuun hundinuu gara hoolaa Waaqayyoo isa ta’e Yesuusitti darbeef, waggaa 3 f cubbuu kanaa baatee dhuma irratti gara fannoo Golgootaa dhaqe. Erga cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhate booda akka namoonni isatti amananii dhiifama cubbuu argataniif itti dubbate.
Yohaannis 8:11 akkana jedha, dubartiitti ishee ejja irratti qabamteen, “Anis sitti hin faradu” dhaqi ittiin jedhe. Inni sababa isheedhaaf du’eef isheetti hin faradne. Kanaafuu inni nama hundumaatti fayyisaa cubbuu akka ta’e ofii isaa mul’ise.
Sababa inni ilmi Waaqayyoo, cubbuu keenya hunda nu irraa fuudheef cubbamoonni biyya lafaa hundinuu qullaa’uu danda’u. Yeroo inni cuuphamee bantiin waaqaa ni baname. Balballii mootummaan waaqaa banamanii namni cuuphaa Yesuusitti amanu hundinu tola itti gala.
Yesuus Cubbuu Biyya Lafaa Erga Ofiisaatti Fudhatee Boodaa Gara Fannoo Dhaqe
Yesuus attamitti mataa Seexanaa rukutee?
Firdii cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhatee du’ee du’aa ka’uu isaatiin.
Sababa cubbuun hundinuu mataa Yesuusitti darbeef, Yesuus fannoo irratti du’uu qaba ture. Inni fannoo irratti rakkina guddaa baate. Hanga dhiigni isa keessaa ba’uutti dhiphatee kadhateera. Bartoota isaa wajjin yeroo iddoo Geetesemaanee jedhamu dhaqe, Inni “Yoo fedha kee ta’e xoofooni dhiphinaa kun ana irra haa darbu” jedhee iyyee kadhate (Maatewos 26:39). “Ani cuuphamee cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii koootti fudheera, garuu du’uun koo na irrra haa darbu” jechuu isaa ti. Garu Waaqayyoo hin deebifne.
Guyyaa Araaraa bara Kakuu Moofaa keessa, cubbuun aarsaa qalameefii angafni lubaa dhiiga isaa fuudhee teessoo araara fuula duratti ni facaasa. Haaluma kanaan Waaqayoo tokkicha ilma isaa bakka keenya fannoo du’aa baachise.
Aarsaan firdii Waaqayyoo yeroo agarsiisu, aarsaan cubbuu immoo jireenya agarsiisa. Teessoo araaraa duratti dhiiga aarsaa si’a torba facaasuu jechuun, firdiin hundinuu akka irra darbe agarsiisuuf (Leewwota 16:1-22).
Xoofoon dhiphinaa sun akka irra darbuuf Yesuus kadhateera. Garuu Waaqayyoo abbaan hin hayyamne, Yesuusisi dhuma irratti akkana jedhe, “akka fedha kee malee akka fedha koo hin ta’in” (Maatewos 26:39) jedhee kadhate. Akkuma hubatetti Waaqayyoon kadhate. Kadhannaa isaa raawwatee gara abbaa isaa raawwachuutti adeeme.
Yesuus fedha isaa dhiisee fedha abbaa isaatiif ajajame. Maaliifii? Sababiinsaa utuu firdii kana didee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti hin fudhanne jechuu dha. Cuuphaa isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti waan fudhateef firdii du’aa fudhachuu qaba. “Gatiin cubbuu du’a, Yesuus Kiristoosiin jireenyi barabaraa garuu tola kennama” (Roomaa 6:23).
Waaqayyo kakuu ilmaan namaa fayyisuudhaaf karaa saba Israa’eliin gale cuuphaa fi du’a Yesuus Kiristoosiin raawwate. Yesuus abbaa isaatiif ajajamee bakka keenya firdii baate.
Innis raawwii sagalee raajii seera Uumamaa 3:15, “ani sii fi dubartittii, sanyii kee fi sanyii ishee gidduu diinummaa nan kaa’a, inni mataa kee ni rukuta, atis koomee isa ni iddita” isa jedhutu raawwatame. Waaqayyo akka Yesuusii sanyi dubartii irraa kan dhalatu ergee mataa Seexanaa isa du’a namatti fidee rukutee ilmaan namaa akka fayyisu Addaamiif kakuu gale.
Cuuphaa fi du’a fannoo Yesuusitti yeroo amannu, cubbuun keenya hundi nu irraa miiccamee firdii du’aa jalaa baana.
Dubbii amansiisaadhaan cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu qabna. Garaa kee guutuudhaan yoo amante ni fayyita.
CuuphamuunYesuus Jalqaba Wangeela Waaqa Irraa Ti
Yesuus utuu gara waaqaatti ol hin ba’in abboommi dhumaa inni kenne maalii?
Bartoonni isaa nama hundumaa maqaa Abbaatti Kan Ilma Isaa Kan Hafuura Qulqulluutti cuuphuudhaan bartoota isaa akka godhan abboome.
Cuuphaan Yesuus jalqaba wangeelaa ti, inni cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin cubbamoota hunda fayyise. Maatewos 28:19 yoo ilaalle, “Egaa dhaqa maqaa Abbaa tiif Ilmaatti kan Hafuuraa Qulqulluuttis nama hundumaa cuuphuudhaan bartoota koo isaan godha.” Yesuus Abbaan Ilmi Hafuurri Qulqulluun akka ilmaan namaa cubbuu isaaniittii fayyisee cuuphaa fi dhiiga isaatiin akka isaaniin qulqulleesse dhugaa ba’a.
Yesuus akka isaan nama hundumaa bartoota isaa gochuudhaaf waa’ee cuuphamuu Yesuus waa’ee fayyinaa isa cubbuu nama hundumaa irraa kaase akka barsiisaniif aboo isaaniif kenne.
Waggaa 2000 dura, Yesuus fooniin gara biyya lafaa dhufee Yohaannisiin cuuphame. Cuuphamuu Yesuusiin cubbuun biyya lafaa isa kan keenyaa dabalatee, gara isaatti darbeera.
Cubbuu hammamtu gara isaatti darbee? Waa’een cubbuu gara fuula duraa attam? Cubbuun inni gara fuula duraa iyyuu gara isaatti darbeera. Addaamii eegalee cubbuun ijoollee kan nama guddaa, dhaloota hundumaa inni isaan kanaan dura hojjetan, inni isaani amma hojjechaa jiranii fi gara fuula hojjetan, uumama lafaatii eegalee hanga badiisa lafaatti kan isaan hojjetan hundinuu gara Yesuusitti darbeera.
Attamitti cubbuun hin jiraatu? Attamitti cubbuu malee jiraannaa? Sababa Yesuus Kiristoos cubbuu keenya nu irraa fuudheef warri isatti amanan hundinuu cubbuuttii birmaduu ba’anii mootummaa Waaqayyootti galu.
“Dhugaatti kan jiraatu garuu, hojiin isaa inni akka jaalala Waaqayyootti hojjetame, gara ifi’ichaatti ni ba’a” (Yohaannis 3:21).
Yesuus cubbuu keenya hunda cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin balleesseera. Kanaafuu namni cuuphamuu fi du’a isaatti amanu fayyina dhugaa qaba. Kun amantii fayyinaa ti.
Cuuphaa fi dhiga Yesuusitti yeroo amannu ni fayyina. Yeroo Yesuusitti sirriitti amannu, qulqulluu moo cubbamaa taanaa? Qulqulloota taana. Nuyi namoonni hirruun cubbuu utuu hin qabaatiin jiraachuu ni dandeenya? Eeyyee cubbuu utuu hin qabaatiin jiraachuu ni dandeenya. Cuuphaa fi dhiigni Yesuus warra itti amanan gutuun guutuutti warra cubbuu hin qabne godha, amantii dhaan.
Cuuphamuu fi Maqaa Yesuusitti Cuuphamuu
Jalqabni wangeela waaqa irraa maalii?
Cuuphamuu Yesuus.
Namni hirruu waan ta’eef, Tajaajiltoonni warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyan amantii isaanii raggaasisuuf cuuphu. Warri lammaffaa dhalatan cuuphamuu Yesuusiin akka fayyan mirkaneeffachuudhaaf ni cuuphamu.
Tajajilaan harka isaa mataa nama lammaffaa dhalatee irra kaa’ee, namni kun hanga dhumaatti akka dhaabatuuf ni eebbisa. Achumaan maqaa abbaa, Ilmaa fi Hafuuraa Qulqulluutti isa cuupha.
Bu’uura cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin cuuphamna. Cuuphaan kun cubbuu n hundinuu gara Yesuusitti akka darbe mirkaneessa, namni cuuphame immoo isaa wajjin du’ee isaa wajjin du’aa ka’uuf.
Cuuphamuun akka cubbuun gara Yesuusitti darbee fi akka iddoo keenya firdii du’aa fudhatee, du’ee du’aa ka’ee mirkaneessuu dhaaf. Amantii ofii Abbaa, Ilma Hafuura Qulqulluu duratti mirkaneeffachuu dha. Akka bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatanis dhugaa ba’uu dha.
Warri Yesuusitti amananii hiikkaa cuuphaa fi fannoo isaa hubatan cubbuu biyya lafaattii ni fayyu. Kanaafuu isaan maqaa Abbaa, Ilma Hafuura Qulqulluutiin ni cuuphamu.
“Inni moofaan darbee, kunoo inni haaraa dhufeera” (2 Qorontos 5:17). Namummaan keenyaa inni moofaan darbee saba Waaqayyoo taanee lammaffaa dhalanneerra. Kana garaa keenya keessatti mirkaneeffachuudhaaf ni cuuphamna. Cuuphamuu Yesuusitti amanuu dhaan Kiristoositti cuuphamna.
Cuuphaa Fi Dhiiga Yesuusiin Erga Lammaffaa Dhalatanii Boodaa Jireenyi Namaa Maal Akka Fakkaatu
Warri lammaffaa dhalatan eenyuuf jiraatuu?
Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaatiif jiraachuudhaan biyya lafaatti wangeela lallabuu dha.
Erga fayyanii lammaffaa dhalatanii booda amantiidhaan dubbii Waaqayyootti jiraachuu barbaachisa. Dhageetii guyyaa-guyyaatti qalbii diddiirrachuutiin jireenya argachuun hin dandaa’amu. Kanaa mannaa Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hunda barabaraan akka nu irraa kaase mirkaneeffachuu qabna.
Yeroo Yesuus cuuphame cubbuun keenya gara Yesuusitti darbe. Yeroo cuuphamee cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhatee waggaa 3 baatee dhuma irratti gara du’a fannoo dhaqe.
Kanaafuu nuyi amantoonni dhageetiin osoo hin taane dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee jirutti amanuu qabna. Yoo kana hubachuu dhaa baanne, utuma fayyinee jiruu cubbuu keenyaaf dhiphanna.
Gar tokkoo cubbuu ilaaluu dhiifnee wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu nu barbaachisa. Warra fayyan akkaataa kanatti jireenya isaani geggeeffatu.
Yohaannis cuuphaan waa’ee Yesuus maal jedhee? “Ilaa, hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (John 1:29) jedhe. Yesuus cubbuu namni dhalootaan qabu, cubbuu isa kaleessaa, isa har’aa isa boriis biyya lafaa irraa fuudheera.
Cubbuu kana hunda nu irraa hin fuune moo? Cubbuun kun hundi isaa gara Yesuusitti hin darbinee? Cubbuun biyya lafaa cubbuu keenya isa kaleessaa, isa har’aa fi isa gara fuula duraa ni haammata. Wangeelli fayyinaa cuuphamuu Yesuus kana cimsee barsiisa.
Warri dhugaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatti amanan ni fayyu. Namni cuuphamuu Yesuusitti amanu hafuura isaa irraa cubbuu hin qabu.
Namoonni hedduun cubbuun isaanii cuuphamuu Yesuusiin akka irraa ka’e waan hin beekneef amma iyyuu cubbamoota ofiin jedhu. Isaan kun gowwoomsaa Seexanaa keessaa hin baane. Seexanni yaada foonii isaaniitti asaasee jira. “Ati guyyaa-guyyaatti cubbuu ni hojjeta. Kanaaf attamitti cubbuu dhabdaa?”
Namni cubbuu kan hin qabne ta’uuf Waaqayyootti amanuu isa barbaachisa. Seexanni immoo at amma iyyuu waan cubbuu hojjettuuf, ati cubbamaa dha ittiin jedha. Garuu namni cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanu cubbuu kan hin qabne ni ta’a.
Biyya lafaa kana irratti sababa hir’uu fi dadhaboota taanee jirruuf hojii keenyaan qullaa’ota ta’uu hin dandeenyu. Garuu amantii wangeela cuuphaa fi bishaanii tiin qullaa’uu ni dandeenya. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akkuma fayyineen qulloofnee cubbuu kan hin qabne taana.
“♫Ani fayyeera. Atis fayyiteetta. Nuyi fayyineerra ♫” Amantii akkanaa qabaachuun gammachuu dhuma hin qabne of keessaa qabaannee biyya lafaatti wangeela yoo labsine Hafuura Qulqulluutiin geggeefamaa jirra jechuu dha.
Nuyi amantoonni fooni keenyaan cubbuu ni goona, garuu cubbuu hin qabnu. Sababiinsaa cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga isaa of keessaa qabna waan ta’eef. Lapheen keenya cubbuun hin guutamu sababiinsaa Yesuus warra cubbuu hin qabne waan nu godheef.
“Kakuun ani yeroo sana bood-dee isaan waliin galu, isa kana jedha Gooftaan; ani seera kiyya garaa isaanii keessa nan kaa’a; qalbii isaanii irrattis nan bar-reessa” (Ibroota 10:16).
Garaan keenya cubbuuttii bilisa. Yesuus cuuphaa fi fannoo isaatiin fayyina nuuf kennee cubbuu keenyattii bilisa nu baaseera. Cubbuu irraa fayyuunis dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaa’ee dha.
Namni Cuuphaa Fi Dhiigaa Isaatti Amanuu Lammaffaa Deebi’ee Cubbamaa Hin Ta’u
Yoo cubbuu hojjenne cubbamaa ni taanaa?
Lakki, raawwannee lammaffaa Cubbamaa hin taanu.
Cuuphaa fi dhiiga isaatti hin amanne taanaan akka fedhe yoo kadhanne qalbii diddiirranne iyyuu cubbuun laphee keenyatti ba’u hin danda’u. Garuu yeroo wangeela dhugaatti amannu cubbuun keenya nu irra dhiqama.
“Hihii, maayinni ar’a attam gammaddee jirtaa?
“Saba ani cubbuu koottii birmaduu ba’eef.”
“Dhugumaa? Egaa amma akka barbaadde cubbuu hojjetta jedhee nan yaadaa ree?
“Cubbuu keetiif furmaata argamsiisuu akka hin dandenye beekuu qabda. Kun eenymmaa namaa ti. Garuu Yesuus cubbuu hundumaa cuuphaa isaatiin gara ofii isaatti fudhatee, firdii cubbuus fannoo irratti fudhateera. Sababa kanaaf wangeela lallabuuttan of kennee jira. Roomaa boqonnaa 6 kana ni dubbata. Sababa ani laphee koo keessaa cubbuu hin qabanneef, waan qajeelaa hojjechuu nan jaalladha. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amannee wangeela araaraa kana biyya lafaa tiin ga’uu qabna. Gooftaa Yesuus isa gooftaa jireenyaa ta’etti amannee utuu jirruu cubbamaa ta’uu hin dandeenyu. Cuuphaa fi dhiiga Yesuus isa fayyina barabaraa kennutti amanuu qabna. Ani galataan guutameera!
Eenyu Tu Hafuura Qulqulluu Fudhataa?
Yohaannis cuuphaan waa’ee Yesuus maal dhugaa ba’ee?
Yesuus cubbuu biyya lafaa isa kanaan duraa, isa bara ammaa fi isa gara fuulaa fi cubbuu dhaloota hunda akka balleesse dhugaa ba’e.
Warri cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan warra fayyanii dha. Egaa attamitti Hafuura Qulqulluu fudhatu? H. Ergamootaa 2:38-39 kanaaf deebii ni kenna. “Pheexiroosis akkana jedhee deebise; ‘Tokkoon tokkoon kees-san cubbuu irraa deebi’aa; dhii-fama; cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa hafuura Qulqulluus ni argattuu. Abdiin kunis isiniifi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqayyo Gooftaan kee-nya ufitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.’”
Maqaa Yesuusitti cuuphamuu jechuun isa Yesuus cuuphametti amanani fayyina argachuu dha. Yeroo sanatti Hafuura Qulqulluun Waaqayyo biraa nuuf kennama.
Yesuusiin cuuphamuu jechuun karaa biraa moo cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananii qulqullaa’uu dha. Yaada kana yeroo qabaannu, fayyinee qajeelota taana. Yeros Amantoonni dhiiga Kiristoosiin akka cabbii ni qullaa’u.
“Hafuura Qulqulluus ni fudhattu.” Cubbuun keenya gara Yesuus keessatti akka darbee cimsinee yoo amanne, garan keenya ni qullaa’a. Yeroo kanatti jireenya haaraa jalqabnee ijoollee Waaqayyoo ni taana.
“Dhugicha ni hubattu, dhugichis moo birmaduu isin baasa” (Yohaannis 8:32). Kanaafuu, firdii dhugaa Yesuus fannoo irratti waa’ee keenyaaf fudhate beekuu qabna. Dhugaan isaas Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbuu keenya nu irraa kaasu isaa ti. Fayyinnis yeroo nuyi dhugaa kanatti amannu nuuf kennama.
Cuuphamuun Yesuus Nu Fayyisa
Eenyutu Hafuura fudhataa?
Nama cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyee dhiifama cubbuu argatee dha.
Aarsaa bara Kakuu Moofaatiin araarri cubbuu ni bu’aa ture, innis cuuphamuu Yesuus bara Kakuu Haaraa agarsiisa. Cuuphamuun Yesuus raawwii raajii bara Kakuu Moofaa keessa dubbatame sirna aarsaa harka irraa kaa’uu ti. Innis harka irra kaa’uun bara Kakuu Moofaa cuuphamuu Yesuus bara Kakuu Haaraa ti.
Akkuma bara Kakuu Moofaa reettii lubbuun jiru harka irra kaa’uudhaan cubbuun saba Israa’el itti darbu cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbeera.
Fayyuudhaaf cuuphaa Yesuusitti amanuu qabnaa? Eeyyee. Amanuu qabna. Akka Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe amanuu qabna. Cuuphaa Yesuusitti hin amanne taanaan cubbuun keenya gara isaatti hin darbine jechuu dha. Fayyina keenya bakkaan ga’uudhaaf cuuphaa isaatti amanuu qabna. Yoo akkana ta’uu dhaa baate qajeelaa ta’uu hin dandeenyu.
Yesuus karaa baayyee qajeelaa ta’een cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera. Karaan kan biraa inni ittiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu hin jiru. Dhugaa kanatti amannee cubbuu biyya lafaattii qullaa’uu qabna.
Akkasumas dhiigni Yesuuus sababa firdii cubbuu keenyaaf akka ta’e amanuu qabna. Kanaafuu namni cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanu fayyina cubbuu qaba.
Mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf cuuphamuu Yesuusitti amanuu qabna. Kun karaa nuyi firdii cubbuu jalaa ittiin baanuu dha.
Cuuphamuun Yesuus bara Kakuu Haaraa, harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa wajjin wal sima. Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kan walitti qabsiisuu dha.
Bara Kakuu Haaraa keessa Yohaannis cuuphaan Kiristoosiin ji’a ja’a dursee dhufe. Cuphamuun Yesuus jalqaba Wangeela ti, “Kun jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo ti” (Maarkoos 1:1). Wangeelli bara Yesuus keessa eegalame cuuphamuu Yesuusiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera.
Fayyinni ilmaan namaa irraa jalaan walqabatee dhufe: dhalachuu Yesuus, Cuuphamuu isaa, du’ee, du’aa ka’uu isaa fi gara Waaqaatti ol ba’uu isaa ti. Tartiiba hojii gooftaan hojjete kanatti yeroo amannu fayyina ni arganna. Cuuphamuun Yesuus jalqaba wangeelaa yeroo ta’u duutii isaa immoo raawwii wangeelaa ti.
“Kun jalqaba wangeela Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoosii dha” (Maarqos 1:1). Hojii qajeelaa inni hojjete isaanis, Cuuphamuu, fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuu, du’aa ka’uu, gara Waaqaatti ol ba’uu fi lammaffaa deebi’ee dhufu isaa.
Yesuus fooniin gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaatiin cubbuu balleessuun isaa jalqaba wangeelaa ti. Wangeela kana keessaa tokko illee yoo hafe fayyinni guutuu hin ta’u.
Kanaafuu namni lammaffaa dhalachuu barbaadu cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu qaba. Garuu bara ammaa kana keessa namoonni hedduun cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti hin amaniin jiru. Cuuphamuu Yesuusiin sirna salphaatti lakkaa’u. Kun dogoggora yaada isa guddaa dha. Namni Yesuusitti amanu, cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuu qaba.
Cubbuun attamitti himachuu qofaan nama irraa ka’aa? Cubbuun keenya yeroo Yesuus cuuphame gara isaatti darbe. Karaan kan biraa inni ittiin cubbuu keenya nu irraa fuudhe hin jiru.
Mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu barbaachisa. Cuuphaa, dhiiga fannoo Yesuusii fi Hafuuraan ala fayyinni hin jiru. Akkuma Niqoodemos Yohaannis 3, namni lammaffaa dhalate mootummaa Waaqayyootti ni gala. Fayyinni dhugaan yeroo cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan qofa gara keenya dhufa.
Cuuphamuu Yesuusiin Ala Fayyuu Ni Dandedenyaa?
Yesuus attamitti fayyisaa keenya ta’ee?
Cuuphaa isaatiin cubbuu keenya hunda gara isaatti fudhachuudhaan.
Akka Yesuus gara biyya lafaa dhufe, tajaajila inni kenne, cuuphaa isaatiin cubbuu keenya akka nu irraa kaase, qulqullina isaa, Mariyaam durba irraa akka dhalate, fannoo irratti akka du’e yoo daganne kiristaanummaan keenya akkuma amantii biyya lafaa kan akka warra Buddhists “cubbuu koo naaf dhiisi” jennee guyyaa hundumaa faarfachuu qofa ta’a.
Cuuphaa Yesuusiin dagachuu jechuun cubbuun keenya gara isaatti akka darbe dagachuu jechuu dha. Yoo akkana ta’e, amantiin keenya gatii kan hin qabne, warra akka idaan isaanii irraa bu’e hin beekne, taana. Inni kun sobduu nu godha. Namni idaa qabu tokko utuu idaan irra jiru idaa koo kaffaladheera yoo jedhe sobduu ta’a.
Yesuus cuuphaa isaatiin nu qulqulleessee ijoollee Waaqayyoo nu godhateera. Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda karaa Yohaannisiin gara ofii isaatti dabarsee amantoota qulleesseera. Yeroo kana barree amannu, lapheen keenya barabaraa ni qullaa’a.
Ayyaana keetiif galatoomi. Luqaas 2:14 akkana ni jedha, “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti!” Amantiin nuyi cuuphaa fi dhiiga Yesuus irraa qabnu fayyina guutuu nuuf kennee ijoollee Waaqayyoo nu taasisa. Namni cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amane fayyina qaba.
Hojii Yesuus keessaa kan gatamu hin jiru. Kaan ergamaan Phaawulos fannoo isaa qofa waan jedheef jedhanii fannoo isaa qofaatti amannee fayyina jedhu. Haa ta’u iyyuu malee cuuphamuun Yesuus fannoo isaa keessatti haammatamee jira.
Rooma boqonnaa 6 keessatti, Phaawulos Kiristoos Yesuus keessatti akka cuuphame ni argina. Akkasumas Galatiyaa 2:20 keessatti akkana ni jedha, “Egaa si’achi Kiristoos isa ana keessaa tu jiraata malee, ana tu jiraata miti, jireenya ani amma fooniin jiraadhu moo, ilma Waaqayyoo isa na jaallatee, ofii isaas isa dabarsee isa anaaf kennetti manuu dhaan nan jiraadha.”
Galatiyaa 3:27-29, “Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan, Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu. Karaa Kirisoos Yesuus isin hundumti keessan tokko, Yihudi yookis Giriikii, garba yookis birmaduu, dhiira yookis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru. Egaa kan Kiristoos erga taatanii, yoos isin sanyii Abraam, waan Waaqayyo abdachiises ni argattu.”
Kiristoositti cuuphamuu jechuun wanti inni lafa irratti hojjete hundumaatti amanuu jechuu dha. Cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuu jechuun akka Yesuus waggaa 2000 dura cubbuu keenya nu irraa kaase amanuu jechuu dha. Wanti fayyina keenyaaf ta’u kan biraa hin jiru.
Yeroo Cuuphaa Fi Dhiiga Isaatti Amannu Waaqayyo Nu Fayyisa
Dhiifama cubbuu kadhachuudhaan cubbuu keenyaattii ni fayyinaa?
Lakki. Dhiifama cubbuu argachuu kan dandeenyu yeroo cubbuun keenya gara Yesuusitti akka darbee amannuu dha.
“Namni garaa isaatiin amane qajeelumma argataatii; afaan isaatiinis dhugaa ba’ee fayya” (Rooma 10:10).
“Warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan, Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu” (Galaatiyaa 3:27). Amantiin keenya gara Kiristoositti cuuphamuu gara Kiristoosiin uffachuutti nama geessee ijollee Waaqayyoo nama godha. Yeroo Yesuus gara biyya lafaa dhufee cuuphame, cubbuun keenya gara isaatti darbe.
Amantiin keenya akka nuyi Yesuusitti hidhamnu nu godha. Yeroo inni du’etti nuyis ni duune jechuu dha. Yeroo inni du’aa ka’e nuyis du’aa kaane jechuu dha. Sababa cuuphaa, du’ee du’a ka’uu fi dhufaatii isaa isa lammaffaatti amannee jirruuf mootummaa Waaqayyootti galla.
Yeroo namoonni dhiiga isaa qofaatti amanan, cubbuu garaa isaaniitiin rakkatu malee waan biraa gochuu hin dandaa’an. Kun maaliifii? Kun sababa cuuphaa Yesuus isa cubbuu isaanii irraa fuudhee adii akka cabbii isaan godhe waan hin simmanneef.
Cuuphaa Yesuus isa cubbuu keettii si fayyise simatteettaa? Adaraa itti amani. Cuuphaa fi dhiiga isaatti hin amanne taanaan amantiin kee akkasumaan. Utuu cuuphamuu Yesuusitti hin amaniin, cubbuun kee si irraa hin fuudhamu.
Warri fannoo isaa qofaatti amanan, “Yesuus fayyisaa koo isa fannoo irratti anaaf du’ee dha. Inni du’aa ka’ee guyyaa 40 lafa irra erga turee booda gara Wa aqaaiit ol ba’ee gara mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira. Lammaffaa deebi’ee waan dhufuuf isa nan arga ammasitti immoo nan kadhadha. Hoo, Yesuus jaallatamaa koo” ni jedhu.
Dhiifama cubbuu kadhachaa akka irraa birmaduu ba’an yoo abdatani iyyuu yaadni garaa isaanii cubbuuttii hin birmadoofne. “Ani Yesuusitti amaneera garuu ani nama cubbamaa dha. Yesuusiin nan jaalladha garuu immoo cubbuu of keessaa nan qaba. ‘Ani fayyina koo hin mirkanneeffanne waan ta’eef, Yaa Yesuus kottu hin jedhu.’ Ergan ani qalbii diddiirradhee kadhannaattis cimee booda akka inni dhufu nan abdadha. Humna koo guutuudhaan isa nan amanadha.”
Yesuusiin akka kanatti ni gaafata yoo ta’ee, “Maaliif akka hir’uu ta’e ni beekta?” Sababa sirriitti itti hin amanneefii.
Warri akkanaa kun “Ani nama qajeelaa miti sababiinsaa guyyaa-guyyaatti cubbuu nan hojjedha. Kanaaf yeroo cubbamoota waamtu Adaraa na waami.”
Egaa rakkinni isaanii, Waaqayyo uumaa fi qajeelaan nama cubbamaa akka ijoollee isaatti akka hin fudhanne hin beekani.
Dirsi misirroo rakkoo cubbuutiif furmaata kenneera, garuu misirroon kan hin beekne sii’olitti galti. Sababa foon keenyaan cubbuu hojjetaa ooluuf, cubbamaa dha yoo ofiin jennee, amantii qabna ofiin jechuu hin dandeenyu. Dhugaa dubbii Waaqayyoo irraa ni mixiqna yoo taane, cubbuun nu keessatti ni baayyata.
Namoonni cubbuu yaada garaa isaaniitiin maaliif dhiph atu?
Sababiinsaa cuuphaa Yesuus isa cubbuu isaanii isaan irraa kaase waan hin simanneef.
Dirsi misirroo cubbuu biyya lafaa irraa kaaseera. Iddoo kamitti? Laga Yordaaanos, bakka itti cuuphametti. Warri kanatti hin amanne ammayyuu jalloota. Misirroo warra xuraahoo dha.
Dirsi misirroo, misirroo isaatiin, “Utuu naaf hin kadhimamin attamitti na jaallattaa? Utuu dirsa misirroo anaan hin jedhin cubbuu keettii qullaa’uu qabda.”
Cuuphaa Yesuusiin ala fayyuu ni dandeenya? Lakki! Nuyi fakkeenya Waaqayyootti uumamneerra waan ta’ee yaadni garaa keenyaa qajeelummaa Waaqayyoo barbaada. Yaadni garaa keenyaa cubbuuttii hin qulloofne yoo ta’e garuu kana yaadu hin dandeenyu. Yeroo cuuphaa fi fannoo Yesuusitti amannu qofa cubbuu keenyaattii bilisoomna.
Utuu cubbuu qabnuus cubbuu hin qabnu yoo jenne yaadni garaa keenyaa qullaa’uu hin danda’u. Waaqayyos akkaataa kanaan nu hin simatu. Waaqayyo hin sobu waan ta’eef.
Waaqayyo akka Museen saba Waaqayyoo sirriitti lakkaa’ee gati cubbuu isaanii akka kaffalu godheera. Warri sooriyyii shekelii walakkaa ol hin kaffalan, iyyeessis akkuma kana shekelii walakkaa gadi baasuu hin danda’an. Hundumtuu gatii araarsa cubbuu walqixa kaffalu.
Kanaafuu gatii cubbuu keenyaa isaa nuuf kaffale Yesuusitti osoo hin amaniin attamitti nami qullaa’uu danda’aa? Namni akkanaa cubbuu qaba.
Yeroo dhiiga Yesuus qofaatti amannu, cubbuun yaada garaa keenya keessatti waan hafuuf cubbuu himachuu nu barbaachisa. Garuu yeroo cuuphaa fi dhiiga isaatti amanu, akka cubbuu hin qabne ni hubanna. Fayyinni fi jireenyi barabaraa kan keenya.
Hafuura Qulqulluu Ar’absuu
Kan firdii sii’olitti namatti farachiisu maalii dhaa?
Hafuura Qulqulluu yakkuu jechuun karaa biraa cuuphaa Yesuusiitti amanuu dhiisuu dha.
Roomaa 1:17, “Wan-geela keessatti qajeelummaan Waaqayyoo amantii irraa gara amantiittis mullifameeratii.” Kunis akkuma, Namni qajeelaan aman-tiidhaan jiraataa jedhamee bar-reeffameedha. Qajeelummaan Waaqayyoo wangeela keessatti ni mul’ata. Yesuus Kiristoos cuuphaa fi dhiiga isaatin cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera. Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu biyya lafaa balleesseera.
Amanuu jechuun fayyina yeroo ta’u, amanuu dhiisuun immoo firdii sii’ol. Abbaan Yesuusiin ilma isaa gara biyya lafaatti ergee biyya lafaaf araara buuse. Kanaafuu, namni isatti amanu jireenya barbaraa qaba.
Cubbuun guddaan biyya lafaa kana keessa jiru cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanuu dhiisuu dha. Amanuu dhiisuun cubbuu firdiitti nama geessuu dha. Kun cubbuu baayyee dhibaa dha. Namni cubbuu kana hojjechaatti jiru irraa deebi’ee cuuphamuu Yesuusitti amanuu qaba. Yoo kun ta’uu dhaa baate, dhiphina barabaraa fidu.
Dhuga ba’umsa wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin fayyiteettaa? Dhuga ba’umsa Yohaannisiin akka Yohaannis 1:29 irra jiruutti fudhatteettaa? “Dhuga ba’umsa Yohaannis cuuphaan kenne, Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” kan jedhutti amantee jirtaa? Akkasumas Ibroota 10:18, “Bakka dhiifamni cubbuu jirutti, aarsaan sababa cubbuuf dhihatus hin jiru” kan jedhutti amanteettaa?
Waaqayyo warra cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananiif dhugaa ni ba’a. Waaqayyo warra akkanaa ijoollee isaa isaan taasifata. Warri cuuphaa fi dhiiga isaatti amanan jaalala Waaqayyoon fayyani qajeelota ta’u.
Warri Waaqayyo erge dubbii Waaqayyoo dubbatu, garuu warri biyya lafaa kan biyya lafaa dubbatu. Biyya lafaa kana keessatti kan dubbii Waaqayyoo barsiisan hedduu dha, garuu warri ergama Waaqayyoo qaban warra wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananii dha.
Garuu warri yaada ofii isaanii barsiisan dhageettii isaanii irratti hundaa’u. Isaan, “Cubbuu keenya uumamaattii fayyineerra, garuu tokkon-tokkoon namaa cubbuu hojii isaattii guyyaa-guyyatti qalbii diddiirrachuu qaba” jedhu. Suuta-suutaa qulloofna jedhu.
Garuu namni yaada ofii isaatiin qullaa’uu ni danda’aa? Hojii fi humna keenyaan qullaa’uu ni dandeenyaa? Sababa Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiiseef immoo sababa yaalii guddaa goonuuf fayyinaa?
Amantiin dhugaa nama qulleessa. Cilaatti yeroo hedduu miiccinee qulqulluudha jechuu ni dandeenya? Gogaa gurraachaan adii jechuu dandeenyaa? Meeshaan kami iyyuu xurii cubbuu kaasuu hin danda’u. Cuuphamuu fi du’a Yesuusiin moo du’a Yesuus qofaatti amantee qullooftaa?
Amantiin dhugaa cuuphaa fi dhiiga Yesuus keessaan dhufa. Fayyinni hojii keenyaan hin dhufu. Cuuphaa fi dhiiga Yesuus tu nu qulleessa.
Waaqayyo abbaan ilmaan namaa hunda Ilma isaa Yesuusiitti yeroo kennu inni moo nama isatti amanuu hundumaatiif jireenya barbaraa kenna. Yesuusitti amanuu jechuun cuuphaa fi du’a fannoo isaatti amanuu jechuu dha. Warri inni jireenya barbaraa kenneef moo ijoollee Waaqayyoo jedhamu. Warri inni fayyise gara mirga Waaqayyoo abbaa taa’u.
Cuuphaa isaatti amanuu jechuun Hafuuratti amanuu jechuu dha. Dhugaan isaa lammaffaa nama dhalachiisa. Cuuphaa isaa fannoo isaatti amanne jireenya arganna.
Amantii qabaadhu. Cuuphaa fi dhiiga isaatti amanuu jechuun fayyina qabaachuu dha. Amantii dhugaa qabaadhuutii jireenya barabaraa fudhadha.