(Maatewos 7:21-23)
“Yesuus, Jaalala abbaa koo isa Waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa Waaqaatti gala malee, namni yaa, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu qofaan itti gala miti; guyyaa isaa dhumaa sanatti namoonni baayyeen, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjnneerra mitii?’ Anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, ‘matumaa ani isini hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettani, ija koo duraa, ‘badaa’ jedheen mul’intatti isaanitti hima’ jedhe.”
Isaan Keessaa Tokko Ana Ta’inna…
Namni, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa,’ jechuudhaan mootummaa waaqatti ni galaa?
Lakki. Akkasumas warra fedha abbaa raawwatan malee.
Yesuus Kiristoos, “Jaalala abbaa koo isa Waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa Waaqaatti gala malee, namni, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu qofaan itti gala miti” jedhe. Kirisrtaanonni baayyeen kuqisii kana sodaatanii fedhaa abbaa guutuudhaaf jabaatanii hojii gaarii hojjetu.
Kiristaanonni hedduun immoo mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf, Yesuusitti amanuu dha jedhu, garuu Maatewos 7:21 namni yaa, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu qofaan itti gala miti” jedha.
Egaa namoonni kutaa kana yeroo dubbifatan, “Isaan Keessaa Tokko Ana Ta’innaa” jedhu. Of amansiisuuf jedhanii moo, “lakkii, kana Yesuus warra hin amanneen jedha” jedhu. Yaadni kun sammuu isaanii keessa taa’ee isaan sodaachisa.
Kanaafuu luqisii isa “Jaalala abbaa koo isa Waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa Waaqaatti gala malee,” kan jedhutti hidhamuu barbaadu. Akka yaada isaanitti, “Jaalala abbaa raawwachuu” isa jedhutti hidhamuuf immoo kurnoo amanamummaan kaffaluu, halkan ka’anii kadhachuu, hojii gaarii hojjechuu, cubbuu irraa of eeguu fi kkf... tti guddaa jabaata. Kanneen akkanaa arguun baayyee nama gaddisiisa.
Namoonni Luqisii kana sababa sirriitti hin hubanneef ni dogoggoru. Kanaaf namoonni jaalala Waaqayyoo sirriitti akka hubataniif ibsee barreessuu nan jaalladha.
Duraan dursa, Jaallalli Waaqayyoo cubbuu ilmaan namaa karaa ilma isaa irraa fuuchuu dha.
Efesoon 1:5 akkana jedha, “Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf akka fedha isaa isa gaaritti yaadaan nuuf qabeera.”
Jecha biraatiin Waaqayyo wangeela dhugaatiin karaa Yesuus Kiristoos cubbuu keenya nu irraa dhiqee akka nuyi lammaffaa dhalannu gochuu dha. Cubbuu keenya gara ilma isaa Yesuusitti dabarsee akka nuyi lammaffaa dhalannu gochuu dha. Kun fedha Waaqayyoo ti.
“Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa!” Jechuu
Yeroo Yesuusiitti amannu wanti nuyi beekuu qabnu maalii?
Fedha Abbaa.
“Yesuus, Jaalala abbaa Koo isa Waaqa irraa Nama hojjetutu mootummaa Waaqaatti gala malee, namni , ‘ Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu qofaan itti gala miti” (Maatewos 7:21).
Fedha Waaqayyo abbaa akkaataa lamaan hubanna. Inni tokkoffaan cubbuu keenyattii fayyinee akka nuyi lammaffaa dhalannu dha. Inni lammaffaan akka amantichaatti hojjechuu dha.
Cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuun fedha isaa ti. Seexanni nama jalqabaa Addaamiin cubbuutti kuffisee jaalala Waaqayyoottii isa baase. Fedhi abbaa cubbuu ilmaan namaa irraa kaasuu dha. Fedhiin Waaqayyoo waa’ee kurnoo baasuu yookaan waa’ee rakkataa gargaaruu yookaan waa’ee kadhachuu osoo hin taane cubbuu isa barabaraan nama iyyoomsuttii nama fayyisuu dha. Akeekni isaa galaana cubbuuttii nama fayyisuu dha.
Macaafni Qulqulluun, “yaa gooftaa, yaa gooftaa’ jechuu qofaan mootummaa Waaqayyootti galuun akka hin dandaa’amne dubbata. Akkana jechuun calluma jedhanii Yesuusitti amanuu qofa osoo hin taane akka jaalala abbaatti isatti amanuu barbaachisa jechuu dha. Abbaa keenya Addaamii fi haadha keenya Ewwaanittii dhalannee uumama keenyaan cubbamoota waan taaneef ofii keenyaan furmaata cubbuu argamsiisuu hin dandeenyu.
Jaalala Waaqayyoo
Jaalalli Waaqayyoo Maalii?
Cubbuu keenyattii nu qulleessee ijoollee isaa nu godhachuu dha.
Maatewos 3:15 akkana jedha, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi!” Yesuus gara biyya lafaa dhufee cubbuu keenyattii nu fayyisuun isaa jaalala Waaqayyoo bakkaan ga’uuf. Yeroo Yesuus Yohaannisiin cuuphame jaalalli Waaqayyoo iddoo ga’e.
Inni nu fayyisee ijoollee isaa nu godhachuu barbaada. Kana gochuuf immoo ilmi isaa cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera. Nama hundumaa ijoollee isaa godhachuun jaalala Waaqayyoo ti. Kanaaf ilma isaa gara saba lafaa irraa warra cubbuu Seexanaatiin faalamaniitti erge. Waaqayyo saba lafaa irraa ijoollee isaa godhachuuf ilma isaa aarsaa cubbuu godhee gara biyya lafaatti erge.
Yesuus cuuphamee fannoo irratti du’uun isa jaalala Waaqayyoo bakkaan ga’uu dhaafi. Cubbuun keenya yeroo Yesuus cuuphame akka garaa isaatti darbe sababa kanaafis iddoo keenya firdii cubbuu akka fudhate amanuun keenyas jaalala Waaqayyoo ti.
“Waaqayyo tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate” (Yohaannis 3:16). Waaqayyo saba isaa cubbuu isaaniittii fayyiseera. Kana raawwachuuf immoo, Yesuus jalqaba tajaajila uummataaf kennetti Yohaannis cuuphaan cuuphameera.
“Garuu deebisee, Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi. Kana irratti Yohaannis isa ittisuu dhiise” (Maatewos 3:15). Yesuus gara biyya lafaa dhufee cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhatee fannoo irratti du’ee du’aa ka’uun jaalala Waaqayyoo ti.
Kana sirriitti beekuu qabna. Namoonni hedduun Maatewos 7:21 dubbisanii isa tajaajiluun, hanga du’aatti iyyuu isaaf dhaabbachuu fi qabeenyaa keenya hundaan waldaa ijaarutu fedha Waaqayyoo ti jedhu.
Yaa obboloota kiristaanotaa, nuyi hundi keenya fedha Waaqayyoo hubannee isaaf hojjechuu qabna. Utuu fedha Waaqayyoo hin hubatin hojii waldaaf of kennuun rakkoo ulfaataa dha.
Namoonni waan waldaan barsiiftutti amananii jiraachuu irra kan caalu maaltu jira jedhu. Garuu ani iyyuu ti’ooloojii waldaa warra Kalviin keessattan baradhe haati ana guddiftes akka luba tokkootti cimsitee waa’ee amantii kan yaaddu turte. Waldaa ishee dhugaa jedhamtu kana keessattan baradhe jechuu koo ti.
Ergamaan Phaawulos sanyi warra Biniyaam irraa dhalate akka seeraattis Gamaaliyaa jalatti waan barateef akka fooniitti waan ittiin of jajan nan qaba ni jedha. Phaawulos utuu lammaffaa hin dhalatin dura, akka fedha isaatiitti warra Yesuusitti amanaan ari’achaa ture. Haa ta’u iyyuu malee karaa Damasqoo irra utuu adeemaa jiruu Yesuusiin quunname wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalate.
Ergaa Waaqayyoo Raawwachuuf Utuu Hin Fiigin Dura Fedha Isaa Beekuu Qabna
Yesuusiin amanuu dura wanti baraachisu maalii?
Fedha isaa beekuu.
Qulqullaa’uun keenya jaalala Waaqayyoo ti. “Waaqayyo halalummaa irraa fagaatanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa ni fedha” (1 Tasaloniiqee 4:3). Bishaanii fi Hafuuraan cubbuu keenyattii fayyinee amantiidhaan jiraachuun keenya jaalala Waaqayyoo ti.
Namni utuu Yesuusitti amanee jiruu lapheen isaa cubbuu ta’ee jiru akka fedha Waaqayyootti hin jiraanne jechuu dha. Fedha isaa raawwachuun fayyina Yesuus keessaa argamuun qullaa’uu dha. Kan beekuun fedha Waaqayyoo raawwachuu dha.
Yeroo ani, “Utuu Yesuusitti amantee jirtuu cubbuu qabdaa?” jedhee si gaafadhu, deebiin kee immoo ‘Eeyyee’ yoo ta’e, ati hamma iyyuu fedha Waaqayyoo hin beekne jechuu dha. Amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin fayyinee cubbuu keenyatti qullaa’uun fedha Waaqayyoo ti.
Namni tokko ijoollee abboomamoo qaba ture. Gaaf tokko isa angafaa waamee, “yaa mucaa koo, mee mandaraa gamaa sana dhaqi” ittiin jedhe.
Utuu abbaan isaa sun dubbatee hin fixiin, “haa ta’u abbaa koo” ittiin jedhee sokke. Waan abbaan isaa isatti himuu barbaadee turee hin dhaggeeffanne. Dafee fiigee sokke.
Abbaan isaa isa waamee, “Yaa ilma koo akkana ajajamuun kee illee baayyee gaarii dha, garuu maal akkatti hojjetuu utuun sitti hin himin deemuu hin tolchine” ittiin jedhe.
Mucichi immoo, “haa ta’u abbaa koo. Siifan ajajama. Ana caalaa eenyutu siif ajajamaa” ittii n jedha.
Garuu bakka ergame sanaa harka isaa duwwaa dhufe. Waan abbaan isaa fedhu sababa hin dhageenyeef waan hojjetu hin qabu ture. Mucichi jaamummaa dhumaan ajajamee ture.
Yesuusiin hin beeknu taanaan isa fakkaachuus hin dandeenyu. Namoonni hedduun, kadhannaatti of ni kennu, dooktirinii ti’ooloojii ni hordofu, amanamummaan kurnoo ni kaffalu, ni soomu, halkan guutuus kadhachaa bulu… garuu kana hundumaa osoo fedha Waaqayyoo hin beekin hojjetu.
Cubbuu isaanitiin warri du’an balbala mootummaa Waaqaatti ni deebi’u. Waaqayyoof hojjechuu ni barbaadu garuu, fedha isaa hin hubanne.
Seeraan ala hojjechuu jechuun maal jechuu dhaa?
Yesuusitti amanaa cubbamaa dha ofiin jechuu fi wangeela bishaanii Hafuuraa simachuu dhiisuu.
“Guyyaa isaa dhumaa sanatti namoonni baayyeen, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjnneerra mitii?’ anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, ‘matumaa ani isini hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjetan, ija koo duraa, ‘badaa!’ jedheen mul’intatti isaanitti hima’ jedhe” (Maatewos 7:21-23).
Kanaafuu Waaqayyo hojii fi amantii nu irraa barbaadu qaba. Akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaase akka amannu barbaada. Baayyeen utuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekin maqaa isaatiin raajii dubbatu, hafuurota hamoota ni baasu, dinqii addaaddaas ni hojjetu.
Dinqii hojjechuu jechuun waldaa baayyee ijaaruu, qabeenya ofii gurguranii waldaa ijaaruu, jireenya ofii gooftaaf wareeguu dha.
Maqaa isaatiin raajii dubbachuu jechuun immoo geggeessaa ta’uu dha. Warri akkanaa kun warra akkuma Fariisota bara durii akka seeraatti jiraachuu isaaniitiif warra of jajanii Yesuusiin mormanii dha. Kun kiristaanota bara hundumaa irrattis ni hojjeta.
Hafuurota Hamoota baasuu jechuun hojii aangoo hojjechuu dha. Isaan warra baayyee amantii isaaniitiif dhimmanii hojjetan yoo ta’an iyyuu guyyaa booddeetti Yesuus ani isin hin beeku jedha. Inni utuu isa hin barin attamitti akka waa’ee isaa dubbatan isaan gaafata.
Gooftichi yeroo sana, “Matumaa ani isini hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettan, ija koo duraa, ‘badaa!’ jedheen mul’intatti isaanitti hima” ittiin jedhe. Yeroo sanatti namoonni hedduun, “Yaa gooftaa nan amana. Ati fayyisaa koo ti nan amana” jedhanii ni iyyu. Isaan nuyi si jaallanna yoo jedhan iyyuu cubbuun garaa isaanii Yesuusittii isaan follosseera. Warra seera hafuuraan ala jiraatan dogoggora amantii isaaniitiif fayyuu dadhan kana gooftaan ija koo duraa badaa ittiin jedha.
Guyyaa sanatti warri lammaffaa hin dhalanne kun gooftaa duratti ni boo’u. “Maali gooftaa raajii dubadheera, waldoota hedduu ijaareera, ergamoota wangeelaa 50 maqaa keetiin biyya lafaatti ergeera” mitii maaloo ana hin balleessin jedhu.
Garuu Yesuus, “Ani isin hin beeku, Ana irraa fagaadhaa, isin warri hamaa gootan” ittiin jedha.
“Maal jechuu keetii? Akka ani maqaa keetiin raajii dubbachaa ture hin hirraanfattee? Waggaa hedduutiif waldaa keessa hojjedheera… warri kaanis akka isaan sitti amananiif baayyee hojjedheera. Attamitti ana wallaalta egaa?”
Inni immoo deebiseefii, “Ani raawwadhee isin hin beeku. Ofumaa sin beeka jettu malee isin hojii kootti amantani hin fayyine, ija koo duraa badaa” ittiin jedha.
Isatti amanaa cubbuun qaba ofiin jechuun yookaan akka seera fayyisuu Waaqayyotti isatti amanuu dhiisuun seeraan ala jiraachuu dha. Fedha Waaqayyoon wallaaluun seeraan ala. Utuu isa hin barin yookaan utuu lammaffaa hin dhalatin isaaf hojjechuun seeraan ala. Utuu abboommii isaa hin eegin isa duuka bu’uun seeraan ala. Seeraan ala jiraachuun immoo cubbuu dha.
Fedha Waaqayyoo Akka Macaafa Qulqulluutti
Ijoolleen Waaqayyoo eenyu fayii?
Qajeelota warra cubbuu hin qabne.
Wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraatti amanuun fedha Waaqayyoo ti. Wangeelli dhugaan lammaffaa dhalachuu keenya ijaara. Akka ijoollee Waaqayyootti wangeelaaf jiraachuun fedha isaa ti. Fedha Waaqayyoo beekuu qabna, garuu namoonni hedduun lammaffaa dhalachuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekan.
Yeroon namoota hedduu maaliif akka isaan Yesuusitti amanan gaafadhu, cubbuuttii fayyuudhaaf jedhan naaf deebisu.
“Egaa erga amantanii laphee keessan keessaa cubbuu qabduu moo?”
Isaanis, “eeyyee qabna” naan jedhu.
“Fayyiteetta moo hin fayyin moo?”
Isaanis “Eeyyee fayyineerra” jedhu.
“Namni cubbuu isaatiin mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’aa?”
“Lakki, hin danda’u.”
“Yoos mootummaa Waaqayyootti galta moo sii’olitti galtaa ree?”
Mootummaa Waaqayyootti gala jedhu, garuu ni danda’uu? Lakkii, warri akkanaa sii’oliin dhaqu.
Akka yaada isaaniitti akka fedhetti iyyuu haa ta’u, cubbuus laphee keenya irraa utuu qabaannu iyyuu Yesuusitti amannaan mootummaa Waaqayyootti ni gala jedhanii yaadu. Garuu Waaqayyo cubbamoota mootummaa isaatti hin galchu, fayyisee itti galacha malee.
Fedhiin Waaqayyoo kun maalii? Macaafni Qulqulluun fedhi Waaqayyoo cuuphaa fi du’a Yesuusitti amanuu namaa akka ta’e ni dubbata.
Warri eebba Waaqayyootiin bishaanii fi Hafuuratti dhalatan ijoollee isaa ta’u. Ijoollee isaa ta’uun eebba guddaa dha. Ijoolleen isaa qajeelota.
Waaqayyo qajeelota yeroo nuun jedhu cubbuuttii nu fayyisee moo cubbuu keenyaa wajjin qajeelota nu godhe? Waaqayyo hin sobu. Kanaaf iyyuu fuula Waaqayyoo duratti ati qajeelaa yookaan jal’aa taata. Yeroo kanatti akka qajeelaatti fudhatamuu hin dandaa’an. Kanaafuu inni guyyaa booddeetti warra wangeela bishaanii fi Hafuuratiin lammaffaa dhalatan qofa fayyisa.
Attamitti ijoollee Waaqayyoo taanaa?
Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu dhaan.
Waaaqayyo cubbuu biyya lafaa gara ilma isaatti dabarse firdii du’aaf dabarsee kenne. Waaqayyo soba hin dubbatu. Inni, “gatiin cubbuu du’a” jedha (Roomaa 6:23). Yeroo ilmi isaa du’e guyyaan sa’aatii 3 f dukkanaa’e.
“Gara sa’aatii salgaffaatti, Yesuus sagalee guddaadhaan Elii-Elii lama sabaktaanii jedhee waammate, kunis ‘Waaqayyo koo-Waaqayyo koo-maaliif na dhiiftee? Jechuutti ni hiikamaa’” (Maatewos 27:46).
Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti dabarsee warra itti amanan fayyise. Yeroo cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe sababa isaaf akka du’uus ni beeka ture. Kanaafuu sababa laga Yordaanositti cubbuu biyya lafaa ofitti fudhateef fannoo baateef guyyaanis dukkanaa’e.
“Amma isa simataniif immoo ijoollee akka Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne, isaanis warra maqaa isaatti amananii dha” (Yohaannis 1:12).
Ati ijoollee Waaqayyoo ti? Nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraa waan fudhanneef warra lammaffaa dhalannee dha. Warri bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatan qajeelota. Kanaafuu nuyi hundi keenya qajeelota.
“Waaqayyo gara keenya erga ta’ee, eenyutu nu irratti ka’a jenna ree?” (Roomaa 8:31) Namni qajeelaan ani qajeelaa dha yeroo ofiin jedhu, warri kaan immoo itti faraduuf yaalii godhu. Kanaafuu ergamaan Phaawulos akkan jedha, “Warra Waaqayyo fo’ate eenyutu adheessa ree? Erga Waaqayyoo akka waan balleessaa hin qabnetti isaan lakkaa’ee kan adheessu hin jiru” (Roomaa 8:33). Waaqayyo karaa Yesuusiin cubbuu keenya nu irraa kaasee qulqulloota nu godha. Akkaata kanatti ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabeeyyii nu godha.
Warri bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalatan ijoollee Waaqayyoo ta’u. Isaan isaa wajjin barabaraan ni jiraatu. Isaan uumama biyya lafaa kanaa osoo hin taane ijoollee Waaqayyoo warra waaqa irraa ti.
Isaan egaa ijoollee Waaqayyoo ta’an waan ta’aniif, kan isaaanitti faradu, kan Waaqayyoottii gargar isaan baasu hin jiru.
Yesuusitti sirriitti amanuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraa beekuu nu barbaachisa. Macaafa Qulqulluu beekuu qabna. Fedha Waaqayyoo hubachuudhaaf murteessaan dubbii Waaqayyoo ti.
Cubbamoonni Wangeela Bishaanii Fi Hafuuraatiin Lammaffaa Dhalachuun Fedha Waaqayyoo ti
Waaqayyo maaliif ilmi isaa foon nama cubbamaa uffatee akka dhufu godhe?
Cubbuun biyya lafaa gara isaatti akka darbuuf.
Fedhi Waaqayyoo nuuf qabu fayyinee akka nuyi ijoollee Waaqayyoo taanuu dha. “Waaqayyo halalummaa irraa fagaatanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa ni fedha” (1 Tasaloniiqee 4:3).
Fedhi Waaqayyoo ilma isaa gara biyya lafaattii ergee cubbuu isaanii ofiitti fudhatee akka nuyi ittiin fayyinuu dha. Kun seera Hafuuraa isa akka nuyi lammaffaa dhalannu godhuu dha. Kun cubbuuttii birmaduu nu baasa.
Nuyi fayyineerra. Amma egaa fedha Waaqayyoo hubatteettaa? Hundi keenya fayyuun fedha Waaqayyoo ti. Biyya lafaa wajjin walii galuu mannaa, dubbii isaa irra dhaabbannee isa Waaqeffachuu qabna.
Akkasumas warri lammaffaa dhalatanii fayyina argatan biyya lafaatti wangeela labsaa waldaa keessa jiraachuun isaanii fedha Waaqayyoo ti.
Cubbuu hojjechuun keenya sababa barbanneef osoo hin taane sababa dadhabina foon keenyaa tiifi. Garuu cubbuu kana Yesuus nu irraa kaaseera. Karaa Yohaannis cuuphaa Waaqayyo cubbuu biyya lafaa gara Yesuusitti dabarse. Waaqayyo ilma isaa kaayyoo kanaaf ergee Yohaannis cuuphaan akka cuuphamu godhe. Kanatti amanuu keenyaan fayyina bira ni geenya. Kun fedha Waaqayyoo ti.
Yesuus Isa Waaqayyo Ergetti Amanuun Keenya Jaalala Waaqayyoo Ti
Yesuus maaliif fakkeenya nama cubbamaatiin gara biyya lafaa dhufee?
Cubbuu ilmaan namaa gara ofii isaatti fudhachuudhaaf.
Macaafni Qulqulluun fedhi Waaqayyoo isa inni ergetti amanuu akka ta’e sirreessee ni kaa’a. “Isaan immoo, egaa hojii Waaqayyoof akka dammaqnuuf, maal gochuutuu nuuf ta’a jedhanii isa gaafatan, Yesuus deebisee, isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo ni hojjettu jedheen, kana irratti isaanis arginee akka sitti amanuuf milikitaa maalii nu agarsiiftaa? Maalis hojjetta ree? Macaafni buddeena akka nyaataniif waaqa irraa isaaniif kenne akkuma jedhu, abaabiliin keenya lafa onaatti nyaata ‘maannaa’ jedhamu nyaataniiru jedhaniin” (Yohaannis 6:28-31).
Namoonni Yesuusiin Museen waaqa irraa buddeena gad arcaasuun milikkita kanne, agarree Waaqayyotti amanna ittiin jedhan (Yohaannis 6:32-39). Namoonni Yesuusiin, “egaa hojii Waaqayyoof akka dammaqnuuf, maal gochuutuu nuuf ta’a” jedhanii gaafatan.
Yesuusis hojiin Waaqayyoo isa inni erge Yesuusitti amanuu akka ta’e itti dubbate. Hojii Waaqayyootti ni amanna yoo taane, hojii Yesuusiitti amanuu qabna. Fedhiin Waaqayyoo wangeela labsu keenya qofa osoo hin taane, wangeelaatti jiraachuu keenya.
Waaqayyo kan inni abboome, “Egaa dhaqaa, maqaa Abbaa tiif Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan saba hundumaa bartoota koo godha, waan an isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa, kunoo ani immoo hanga dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira isaaniin jedhe” (Maatewos 28:19-20).
Yesuus maqaa Abbaatiifi Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttis akka cuuphamnu nutti dubbateera. Wanti inni Waaqayyoof hojjete cuuphamuu isaa keessatti haammatameera. Yeroo kana hubannu, Waaqayyootti amannee wanta Yesuus biyya lafaa kana keessatti hojjete fi wanta Hafuurri dhugaa ba’u arguu dandeenya.
Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuuraa akka labsuuf gara biyya lafaattii ergame. Kanaafuu sagalee Waaqayyoo fi Yesuus isa inni ergetti amanuu keenyaan fayyina ni arganna.
Hojii Waaqayyoo Hojjechuudhaaf
Kaayyoon jireenya keenyaa maalii?
Wangeela biyya lafaatti bal’isuudhaan fedha Waaqayyoo raawwachuu.
Fedha Waaqayyoof hojjechuu yoo barbaanne dursinee cuuphaa fi fannoo Yesuusiin amanuu qabna. Isa Waaqayyo ergetti amanuun keenya fedha Waaqayyoo ti. Yesuusitti amanuudhaaf duraandursinee akka inni bishaanii fi dhiigaan nu fayyise beekuu dha.
Jaalalli Waaqayyoo yeroo nuyi Yesuusitti amannee wangeela isa labsinu nu keessatti raawwatama. Akkaata kanaan hojii Waaqayyoo hojjenna. Inni nama bishaanii fi Hafuuraan lammaffaa dhalate qofaatuu mootummaa Waaqayyootti gala jedhee nutti dubbateera.
Kottaa cubbuun keenya cuuphamuu Yesuusiin akka nu irraa haqame hubannee, fedha Waaqayyootiin mootummaa Waaqayyoo qabannee, isa babal’isuufis hanga du’a keenyaatti wangeela isaa haa labsinu.
Yaa jaallatamoo kiristaanotaa! Warri wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanan warra fedha Waaqayyoo raawwatanii dha. Isa Waaqayyo ergetti amanuun hojii Waaqayyoo hojjechuu dha. Cubbuun keenya gara isa inni ergee Yesuus fayyisaatti akka darbe amanuun hojii Waaqayyoo ti.
Yesuus cuuphamuu fi fannoo isaatiin cubbuu ilmaan nama hunda haqee jira. Inni lammaffaan immo inni Waaqayyo erge Yesuus fayyisaan cubbuu keenya akka nu irraa fuudhe amanuudhaan wangeela biyya lafaatti labsuu dha.
Hamma egaa nuyi warri lammaffaa dhalanne biyya lafaatti wangeela labsu akka qabnu beekamaa dha.
Fedha Waaqayyoon ala warri Yesuusitti amanaa jiraan eessa dhaquuf jiruu?
Sii’oliin dhaquuf jiru.
“Guyyaa isaa dhumaa sanatti namoonni baayyeen, ‘yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajiii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjnneerra mitii?’ anaan jedhu Ani immoo yeroo sanatti, ‘matumaa ani isini hin beeku. Isin yaa warra hamaa hojjettani, ija koo duraa, ‘badaa!’ jedheen mul’intatti isaanitti hima’ jedhe” (Maatewos 7:21-23).
Kutaan kun eenyu akka Waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee fi eenyu akka jal’aa ta’e dubbata.
Warra ‘yaa gooftaa-yaa gooftaa’ jedhan keessaa namoota hedduu tuu lammaffaa hin dhalanne. Isaan kun sababa garaan isaanii cubbuutti hin birmadoofneef firdiitti galu. Kanaafuu, ‘yaa gooftaa-yaa gooftaa’ kanneen jedhan keessaa walakkaan isaanii guyyaa booddee gadda keessa bu’u.
Isaan ‘yaa gooftaa-yaa gooftaa’ jennee yoo kadhanne, yaadni garaa keenya ni qullaa’aa jedhu, haa ta’u iyyuu malee cubbuutti qullaaa’uu hin dandaa’an. Tulluu gubbaatti ba’anii akka waan Waaqayyoon fagoo dha waamanitti iyyanii kadhatu. Yeroo amantiin keenya hirruu ta’u, ‘yaa gooftaa-yaa gooftaa’ jennee jalqabna.
Waldaa warra lammaffaa hin dhalannee keessa namoonni baayyee iyyanii ni kadhatu, hanga iddoon lallaba cabuttis ni lallabu.
Macaafni Qulqulluun ‘yaa gooftaa-yaa gooftaa’ jechuu qofaa n mootummaa Waaqayyootti galuun akka hin dandaa’amne ni dubbata. Warra wangeela bishaanii fi Hafuuraan amantii qaban qofaatuu fedha Waaqayyoo hojjechuu danda’u.
Macaafni Qulqulluun utuu garaa keenya irraa cubbuu qabnu maqaa Waaqayyoo waamuun seeraan ala akka ta’e ni caqasa. Kadhannaa tulluu gubbaa hirmaattee beekta? Diyaaqunoonni dubartootaa iyyanii maqaa isaa waammatu, garuu sababa wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa hin dhalanneef Yesuusiin quunnamuun hin dandaa’an. Akka yaada isaaniitti akka sii’oliin hin dhaqneef jedhanii maqaa isaa ammaa-amma waammatu.
Kottaa mee luba ergamaa wangeelaa ta’e tokko guyyaa booddeetti ni gatame haa jennu. Namni warra isaatiin yoo jibamee karaa biraa jiraachuu ni danda’a ta’a, garuu Waaqayyoon yoo gatamee firdii fudhata malee waan tokko iyyuu gochuu hin danda’u.
Kun nu irraa haa fagaatu. Kanaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amani. Lammaffaa dhalannee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti jiraachuun keenya jaalala Waaqayyoo ti.
Nuyi kiristaanonni wangeela bishaanii fi Hafuuratti amannee dhugaa wangeelaatiin jabaachuu qabna.
Akkaataa kanaan qofaa fayyina guutuu argachuu dandeenya.