• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 4: Furmaata Cubbuu Guyyaa Guyyaa

[4-1] Wangeela Araara Irraa Hafaa (Yohaannis 13:1-17)

(Yohaannis 13:1-17)
“Ayyaana faasikaa dura Yesuus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon isaa akka ga’ee in beeke. Inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta’an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan agarsiise. Yeroo irbaataatti Seexanni akka Yihuudaan ilmi Simoon namni biyya Keriyoot Yesuusiin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa’ate. Yesuus immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe gara Waaqayyoos akka dhaqu in beeke; kanaafis irbata irraa ka’ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee kaa’ee erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqqate. Xuwwee miillaatti bishaan buusee miilla bartootaa dhiqee, erbicha mudhiitti suuqqate sanaanis qoorsuutti ka’e. Simoon Pheexiros biras geenyaan Pheexiros situ miilla koo dhiqaa ittiin jedhe? Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef, Pheexiroosis yoom iyyuu taanaan miilla koo hin dhiqxu jedheen. Kana irratti Yesuus ani yoon sii dhiquu dhaa baadhe na biraa qooda hinqabdu jedhee deebiseef, Simoon Pheexiros yommus yoos miilla koo duwwaa osoo hin ta’in harkas mataas naa dhiqi ittiin jedhe. Yesuus immoo, “kanaan dura, kan dhiqate miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee lammaaffaa isaaf hin barbaachisu. Inni guutummaatti qull’aa dha’ho, isin qullaa’oo dha. Garuu hunda keessan miti; innoo dabarsee isa kennuuf kan ture eenyu akka ta’e waan beekeef, hundumti keessan qullaa’oo miti.” jedheenYesuus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee iddoo isaatti erga deebi’ee booddee, “waanan isiniif godhee hubattuu ree? ‘Barsiisaa, gooftaas’ jettanii na waamtu, isin akkuma jettani, ani isa. Barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergaan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii-walii keessanii fi dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti, fakkeenya isiniif ta’eera. Dhuguma dhugaman isinitti hima, hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irraa hin caalu, kana erga beektanii akkuma kanatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha.”
 
 
Yesuus maaliif ayyaana faasikaa dura miilla Pheexirosiin dhiqe? Utuu miilla isaa hin dhiqin duraa, Yesuus akkana jedhe, “Yesuusimmoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu ni hubata jedhee deebiseef.” Pheexiros ergamoota Yesuus keessaa warra kaan ni caala ture. Inni Yesuus ilma Waaqayyoo akka ta’e amanee Yesuus Kiristoosiin akka ta’e dhugaa ba’eera. Yesuus miilla Pheexirosiin dhiquun isaa sababii ga’aa qabaachuutu irra jira. Yeroo Pheexiros amantiin isaa Yesuus Kiristoosiin akka ta’ dhugaa ba’e, Yesuus cubbuuttii akka nama fayyisuu dha.
 
Utuu gara fannoo hin dhaqin dura maaliif Yesuus miilla bartoota isaa dhiqe?
Fayyina guutummaa isaa akka isaan hubataniifi.
 
Inni maalif miilla Pheexirosiin dhiqe? Yesuus halkan sana keessa mullinatti Pheexiros si’a sadii akka isa ganuu fi itti fufees akka yakku ni beeka.
Utuu erga Yesuus ol ba’ee booda Pheexiros cubbuu laphee isaa keessaa qabaate, sila lammaffaa Yesuusitti hidhamuu hin danda’u ture. Garuu Yesuus dadhabbii bartoota isaatii waan beekuuf, cubbuun isaanii isaa fi isaan gidduu galuu isaa hin barbaanne. Kanaafuu, akka cubbuun isaanii dursee gara isaatti darbe isaaniin barsiise. Sababii inni miilla bartoota isaa dhiiqeef kanaaf ture. Yesuus utuu du’ee isaanittii gargar hin ba’in wangeela cuuphaa isaa fi guutummaa bara isaanii guutuu dhiifama cubbuu akka qaban isaan barsiiseera.
Yohaannis 13 fayyina guutuu Yesuus bartoota isaa tiif godhe agarsiisa. Yesuus utuu miilla isaanii dhiquu, ogummaa wangeela cuuphaa isaa isa namni hundinuu cubbuu isaaniittii ittiin qullaa’an isaanitti dubbateera.
“Ammaa eegaltanii seexanaan hin gowwoonfaminaa. Ani cuuphaa koo lagaa Yordaanosiin cubbuu keessan isin irraa fuudhee sababii isaaf immoo fannoo irratti firdii baadheera. Du’a ka’ees fayyina warra lammaffaa dhalatanii guutuu nan godha. Kanaaf cubbuu keessan isa gara fuula duraas cubbuu keessan isa dhaalaas akkan isin irraa fuudhe isin barsiisuu dhaafan utuun gara fannoo hin dhaqin miilla keessan dhiqaatti jira. Kun dhoksaa wangeela lammaffaa dhalachuu ti. Kana hunduma isaa amanuu qabna.”
Yesuus maaliif akka miilla bartoota isaa dhiqee fi maaliif akka inni, “Waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef” jedhe hubachuu qabna. Nuyi wangeela lammaffaa dhalachuu qofaa kanaan lammaffaa dhalachuu dandeenya.
 
 
Yohaannis 13:12 keessatti akkana jedhe
 
Irra daddarbaan maali?
Sababii hirrina keenyaaf cubbuu nuyi guyyaa guyyaatti hojjennuu dha.
 
Utuu fannoo irratti hin du’in dura, irbaata ayyaana faasikaa bartoota isaa wajjin nyaatee, wangeela dhiifamuu cubbuu miilla bartoota isaa dhiquudhaan barsiiseera.
“Yesuusi immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe gara Waaqayyoos akka dhaquini beeke. Kanaafis irbaata irraa ka’ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee ka’ee erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqqate. Xuwwee miillaatti bishaan buusee miilla barotaa dhiqee, erbicha mudhiitti suuqqate sanaanis qoorsuutti ka’e. Simoon Pheexiros biras geenyaan Pheexiros si tu miilla koo dhiqaa? Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseefi” (Yohaannis 13:3-7).
Inni wangeela cuuphaa isaatii fi wangeela araaraa cubbuu bartoota isaa barsiiseera.
Yeroo sanatti, Yesuusiif amanamummaa isaa agarsiisuuf jechaa, maaliif akka inni miilla isaa dhiquu barbaaduu gaafate. Erga maaliif akka inni miilla isaa dhiquu barbaaduu hubatee booda, akkaataa inni itti Yesuusiin fudhate ni jijjiirame. Yesuus waa’ee dhiifama cubbuu fi wangeela cuuphaa bishaanii isaa isa barsiisuu barbaade.
Sababii cubbuu foon isaatii isa gara fuula duraatiif akka inni deebi’ee gara isaa dhaquu hin dhiifneef baayyee itti yaade. Akka seexanni amantii isaanii hin qabneef Yesuus miilla bartootaa dhiqe. Gara booddeetti Pheexiros kana hubateera.
Amantii cuuphaa bishaan isaatiin eenyu iyyuu akka fayyuuf Yesuus karaa qopheesseera.
Yohaannis 13 keessatti, dubbii inni yeroo miilla isaanii dhiqe dubbate galmaa’ee jira. Dubbii kana warra lammmaffaa dhalatan qofaatu hubachuu danda’a.
Irbaata faasikaa booddee Yesuus miilla bartootaa dhiquun isaa, bara isaanii guutuutti akka inni cubbuu isaanii dhiiseef hubachiisuuf ture. Yesuus akkana jedha, “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu ni hubata jedhee deebiseefi.” Dubbiin Pheexirositti dubbate kun dhugaa jireenya baraabaraa qaba.
Cuuphaa Yesuusiin barree itti amannees dhiifama cubbuu keenyaa irra daddarba keenyattii bilisa ta’uu qabna. Laga Yordaanositti cuuphamuun Yesuus bakka harka irra ka’anii cubbuu itti dabarsuu bu’a. Dubbii Yesuus hunda isaatti amanuu qabna. Karaa cuuphaa kana cubbuu gara ofii isaatti fudhate, sababii kanaaf fannoo irratti firdii fudhate dhiifama cubbuu argamsiiseera. Yesuus cubbuu nama hundaa haquudhaaf cuuphameera.
 
 
Dhiifamni irra daddarba keenyaa Cuuphaa fi Dhiiga Yesuusiin guutuu ta’e
 
Kiyyoo Seexanni qajeelota dura kaa’u maali dha?
Seexanni akka qajeelonni cubbamoota ta’aniif yaalii godha.
 
Erga du’ee, du’aa ka’ee, gara Waaqayyootti ol ba’ee booda seexaannii fi lallabdoonni amantii sobaa bartoota akka dogoggorsuuf ka’aan Yesuus sirriitti ni beeka ture. Isa Pheexiros, “Ati Kiristoos, ilma Waaqayyoo waaqa jiraataa ti” jedhee dhugaa ba’e irraa hubachuu ni dandeenya. Garuu Yesuus ammas irra deebi’ee, dhiifama cubbuu Pheexirosiin qabsiise. Waa’ee kanaa irra deebi’ee Pheexirosin, bartoota hundumaa fi warra itti fufanii hojii isaaf ka’aan hundumaa ni hubachiisa. Wangeelichi wangeela cuuphamuu Yesuus isa cubbuu biyya lafaa irraa kaasee dha. “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubata jedhee deebiseefi.”
Yeroo bartoonni cubbuu godhan, seexanni isaaniin qoree, akkana jechaa firdii itti kenne, “Ilaali! Utuu cubbuu hojjechaatti jirtuu attamitti cubbuu hin qabu jetta? Ati amma hin fayyine. Ati cubbamaa salphaa dha.” Darbannaa kana to’achuudhaaf, karaa cuuphamuu isaatii cubbuun isaanii inni kanaan duraa, inni ammaa fi inni gara fuula duraa akka irraa ka’e isaanitti hubachiise.
“Akka ani cuuphame hin beektuu! Sababiinsaa immoo cubbuu bara jireenya keessan hundumaa cubbuu hojii fi cubuu dhalootaa isin irraa fuuchuudhaafan. Maaliif akka ani cuuphamee fi akkan fannoo irratti du’e hubattanittuu?” Yesuus miilla bartoota isaa dhiquun isaa karaa cuuphamuu isaa cubbuun isaanii hundi akka irraa kaa’ee fi sababii kanaafi immoo akka du’a fannoo baatu isaan hubachiisuudhaafi.
Egaa amma, amantii cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka fayyinee fi dhiifama cubbuu akka nuuf kenne hubachiisuu dhaafi. Yesuus nuuf cuuphamee nuuf du’e. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin fayyineerra. Namni wangeela araaraatti amanee dhugicha simate cubbuu hundumaattii ni fayya.
Warri lammaffaa dhalatan erga fayyanii booda maal gochuu qabuu? Guyyaa-guyyaatti akka cubbuu qabanitti of simachaa, fayyina wangeela cuuphaa fi dhiigaaYesuus, wangeela araara cubbuutti amanuu qabu. Warra lammaffaa dhalatan wangeela dhiifama cubbuutiin sammuun isaanii cuuphamuu qaba.
Sababa deebitee cubbuu hojjetteef, deebitee cubbamaa taata jechuu dhaa? Lakki. Yesuus akkanni cubbuu keenya nu irraa kaasee utuu beeknu attamitti deebinee cubbamaa taana? Cuuphaa fi dhiigni Yesuus cubbuu hunudumaaf furmaata. Namni wangeelli jalqabaa dhiifama cubbuu akka kennisiisu amanu utuu sadarkaan hin qoodamin lammaffaa dhalachuu ni danda’a.
 
 
Qajeelonni Deebi’anii Cubbamoota hin ta’ani
 
Qajeelonni attamitti deebi’anii cubbamaa ta’uu dhiisu?
Sababii Yesuus cubbuu bara isaanii guutuuf araara kenneef.
 
Wangeela dhiifama cubbuu, bishaan fi hafuuraatti yoo amante, sababii irradaddarba kee guyyaa-guyyaatiif akka cubbamaatti yoo of lakkoofte, egaa gara laga Yordaanos iddooitti Yesuus cuuphame dhaquutu si irra jira jechuu dha. Erga dhiifama cubbuu argattee booda yoo cubbamaa taate, Yesuus waan hundumaatiif deebi’ee cuuphamuu qaba jechuu dha. Wangeela dhiifama cubbuu cuuphamuu Yesuusitti amanuu qabda. Cuuphamuu isaatiin Yesuus cubbuu kee hunda akka inni si irraa kaase amanuu qabda. Yesuus Kiristoos fayyisaa irraa amantii hin sochoone qabaachuu qabna.
Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaatti amanachuu jechuun cuuphaa Yesuus isa cubbuu bara jireenya kee hunda si irraa kaasetti amante jechuu dha. Cuuphaa, fannoo, du’a fi du’a ka’uu isaatti dhuguma yoo amante, cubbuu attamii yoo qabaattee iyyuu si irra ni ka’a. Amantiidhaan bara kee guutuuf dhiifama cubbuu aragatteetta.
Sababii hirrina keenyaaf cubbuu nuyi gara fuula duraatti hojjennu iyyuu Yesuus nu irraa kaaseera. Kanaan qabattee immo waanan barbaadde nan hojjedha jettee ni yaadda ta’e siluma iyyuu hin amanne jechuu dha. Yesuus cuuphamuu isaatti xiyyeeffannoo kennuu waan barbaadeef, fakkeenya cuuphaa dhiifama cubbuu agarsiisuuf jecha miilla bartoota isaatii bishaaniin dhiqe. Yesuus Kiristoos abdii araara irraa hafaa bakkaan ga’uuf jechaa, cuuphamee, fannoo irratti du’ee, du’aa ka’ee gara waaqaatti immoo ol ba’eera. Sababii kanaaf ergamoonni isaa wangeela araara, cuuphamuu isaa fannoo fi du’aa ka’uu isaa hanga dhuma bara isaanitti lallabuu dandaa’aniru.
 
 
Dadhabbii Namuummaa Pheexiros
 
Pheexiros maaliif Yesuusiin ganee?
Sababii dadhabaa tureefi
 
Akka macaafni jedhutti, xombooreen hojjettuun angafa lubaa tokko Pheexirositti addaan dhaqxee Yesuusiin duukaa bu’aa turuu isaaf isa adheessinaan, akkana jedhee si’a lama ganee, “Lakki, ani namicha kana hin beeku” jedhe. Yeroo sadaffaaf immoo of abaaree kakate.
“Yommus Pheexiros ala oobdii keessa ni taa’a ture, xombooreen tokko gara isaa dhuftee, ‘Attis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turtee’ jette. Inni garuu hunduma isaanii biratti ni ganne. Waan ati jettu kana ani hin beeku jedhe. Gara karra dallichaatti gad baanan xombooreen isheen tokko isa argitee warra achi dhaabbataniin namichii kun Yesuus nama Nazireetti sanaa wajjin ture. Inni garu ammas ganee nama kana ani hin beekuu jedhee kakate. Yeroo xinoo booddees warri achi dhaabbatan ol dhufanii Pheexiroosiin, ‘At dhuguma isaan keessaa tokkoo, akki haasaa keetii iyyuu si lafafaa jedhan.’ Yommus inni immoo, ‘namicha kana ani hin beeku’ jedhe of abaaruu, kakachuuttis ka’e. Achumaanis indaanqoon ni iyyite. Pheexiros yommus jecha Yesuus isa inni indaanqoon utuu hin iyyin at si’a sadii na ganta ittiin jedhe yaadate. Kanaaf inni gad ba’ee. Mararamee boo’e” (Maatewos 26:69-75).
Pheexiros dhugaatti Yesuusitti amanee amanamummaan isa duukkaa bu’e ture. Inni Yesuus fayyisaa fi ‘raajii’ isa dhufuuf jira sana akka ta’e amanee ture. Garuu Yeroo oobdii mana Pilaaxositti isa geessan fuula warra aboo qabani duratti waliitti dhufeenya isaa wajjin qabaata turee sana mul’isuu sodaatee, ganee isaan duratti isa gane.
Pheexiros akka Yesuusiin ganuuf jedhu hin beeku ture, garuu Yesuus ni beeka. Yesuus dadhabbii Pheexirosiin hunduma ni beeka ture. Kanaafuu, Yesuus miilla Pheexirosiin dhiqee, akka Yohaannis 13 keessatti barreeffametti wangeela fayyinaa sammuu Pheexirosiin keessa kaa’e, “Gara fuula duratti cubbuu ni hojjetta, garuu ani immoo cubuu kee gara fuula duraa iyyuu si irraa dhiqeera.”
Pheexiros yeroo jireenyii isaa rakkina irra bu’e, Yesuusiin garaa isaa guutuun hin ganne, garuu dadhabbii foon isaatuu kana isa godhe. Kanaafuu, bartoota isaa cubbuu isaanii gara fuula duraaatti fayyisuudhaaf, Yesuus dursee miilla isaanii dhiqe.
“Ani cubbuu keessan gara fuula duraa iyyuu irra darbeera. Cuuphaa kootiin cubbuu keessan hunda gara ofii kootti waanan fudhadheef, fayyisaa dhugaa ta’uu kootiif gara fannoo dhaquufan jedha. Ani Waaqayyo fi fayyisaa keessani. Karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo kootiin eegduu gaarii isiniif ta’e gatii cubbuu keessanii isiniifan kaffala. Ani eegduu fayyina keetii ti.”
Dhugaa kana laphee isaanii keessatti dhaabuudhaaf, Yesuus ayyaana Faasikaa booda miilla bartoota isaa dhiqe. Kun dhugaa wangeelaa ti.
Erguma lammaffaa dhalannee iyyuu foonni keenya dadhabaa waan ta’eef, deebinee ni yakkina. Garuu yakkuu hin qabnu turre, akkuma Pheexirosiin dhipinni mudannaan gane, altokkotokko cubbuun foon keenyaa nu dogoggorsa. Akkuma biyya lafaa kana keessa jiraannu foonni keenya cubbuu ni hojjeta, garuu Yesuus gatii isaa karaa cuuphaa, dhiigaa fi fannoo isaatii kaffaleera. Amma nuyi biyya lafaa kana irra jirrutti foonni keenya cubbuu ni hojjeta, garuu Yesuus cuuphaa fi dhiiga fannoo irratti dhangala’een guutummaa isaa irra darbeera.
Yesuus fayyisaa keenya akka ta’ee hin gannu, garuu yeroo fooniin jirannu kanatti, cubbuu fedha Waaqayyoon ala jiraachuun keenya ittuma fufa. Kun immoo sababa nama fooni taanee dhalanneef.
Amma bara jireenya keenyaa lafa irratti akka cubbuu hojjennu Yesuus ni beeka, kanaaf inni cuuphaa fi dhiiga isaatiin gatii cubbuu keenya kaffalee fayyisaa keenya ta’e. Cubbuu warra fayyisuu isaa fi du’aa ka’uu isaatti amananii hunda ni balleessa.
Sababii kanaaf wangeelonni arfan hundi isaa Yohaannisiin cuuphaamuu Yesuusiin eegalee jira. kaayyoon Yesuus fooniin biyya lafa irra tureef wangeela fayyinaa lammaffaa dhalachuu bakkaan ga’uu dhaafi.
 
Foon keenyaan hanga yoomiitti yakkina?
Hanga lafa kana irraa obbafannutti ni yakkina.
 
Pheexiros si’a tokko ykn si’a lamaa qofa osoo hin taane, utuu indaanqoonni hin iyyin si’a sadii gane, kun attam garaa isaa cabsa! Attamis qaana’a? Akka Yesuusiin hin ganneef fuula isaa duratti kakatee ture. Garuu sababa dadhabbii foon isaatiif isa jedhe dagatee yakke, attam gadadummaan itti dhagaa’ama yeroo dadhabbii isaatiif karaa guddaa kennee Yesuusiin si’a sadii ganu? Yeroo Yesuus garalaafina guddaadhaan deebi’ee isa ilaalu attam guddaa itti dhagaa’ama laata?
Yesuus kanas kan hundumaa dursee itti beeksiseera. Kanaafuu, inni akkana jedhe, “Akka ati ammas ammas cubbuu hojjetu ani beeka. Yoo cubbuun kee akka ati gara kootti hin deebine godhe iyyuu, ani yakka kee hunda cuuphaadhaan gara kootti fudheera. Yoo gochaan kee gara cubbamootaatti si deebise iyyuu, ani cubbuu kana cuuphaa kootiin gara ofii kootti fudhadhee firdii itti fudheera. Ani eegduu fi Waaqa siif ta’eera. Wangeela dhiifama cubbuutti amani. Yoo foon keetiin cubbuu goote iyyuu jaalalli ani siif qabu ittuma fufa. Irradaddarba kee hunda si irraa miicceera. Wangeelli dhiifamaa barabaraan dhimma baasa. Jaalalli ani siiif qabus kan baraabaraati.”
Yesuus Pheexirosii fi bartoota isaatiin akkan jedhe, “Kana irratti Yesuus ani yoon sii dhiquudhaa baadhe na biraa qooda hinqabdu.” Yohaannis 13 keessatti sababa inni kana dubbatuuf, bishaan fi hafuurattii lammaffaa dhalachuun namootaaf baayyee barbaachisaa waan ta’eef kana dubbate. Kanatti ni amantaa?
Lakkobsa 9 irratti, “Simoon Pheexiros yommus yoos milla koo duwwaa osoo hin ta’in harkas mataas naa dhiqi ittiin jedhe. ‘Yesuus immoo kanan dura, kan dhiqatte miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee lammaaffaa isaaf hin barbaachisu.’”
Yaa firootaa, ‘cubbuu foonii’ gara fuula duratti ni hojjettu moo hin hojjettan? Dhugumaan ni hojjetu. Garuu, Yesuus cubbuu isa gara fuula duraa, irra daddarba foonii hunda cuuphaa fi dhiigaa isaa tiin akka balleesse, dubbii dhugaa, wangeela araaraa, utuu gara fannoo hin dhaqin dura mulinatti dubbateera.
Dadhabbii foon keenyaan waan jiraannuuf, cubbuu dhaabuu hin dandeenyu. Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda haxaa’eera. Inni mataa keenya ykn dhaqna keenya qofa osoo hin taane miilla keenya innis, fakkeenya cubbuu keenya isa fuula duraas dhiqeera. Wangeela lammaffaa dhalannaa, cuuphaa Yesuusi dha.
Yesuus erga cuuphamee booda, Yohaannis cuuphaan akkana jedhee dhugaa ba’e, “Ilaa! hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohaannis 1:29) Yeroo cuuphaa isaa cubbuun biyya lafaa hundi gara Yesuusiti akka darbe amanuu qabna.
Yeroo biyya lafaa isa cubbuu dhaan guute kana keessa jiraannu, cubbuu gargaaruu /dhaabuu/ hin dandeenyu. Kun dhugaa mul’ataa dha. Yeroo dadhabaan foon keenyaa nu aguugee jiru hundaatti, Yesuus gatii cubbuu keenyaa fi cubbuu biyya lafaa hunda dhiiga fannoo isaatiin karaa dhiifama wangeelaa akka nu irraa axaa’ee sammuu keenya yaadachiisuu qabna. Keessa garaa keenyaatiin Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Kottaa egaa Yesuus fayyisaa fi Waaqayyo keenya akka ta’e dhugaa ni baanaa. Waaqayyo haa galateeffamu.
Eenyu iyyuu fooniin lafa irra kan jiru cubbuu dhaabuu hin danda’u. Ilmaan namootaa hanga bara jireenya isaanii lafa irraa fixaniitti cubbuu dhaabuu hin dandaa’an.
 
 
Yaada Hamaa Garaa Namaa Keessaa
 
Nama kan xureessu maali?
Cubbuu fi yaada hamaa addaaddaa
 
Yesuus Maatewos 15:19-20 keessatti akkana jedhe. ‘Wanti hamaan hundinuu yaada garaa namaa keessaa ba’a’oo, isaanis nama ajjeechaa, ejjummaa, halaalummaa, hanna, sobaan dhugaa da’uu, nama salphisuus. Isaan kanatu xuraa’aa nama godha malee, harkadhiqachuudhaan utuu  hin qulleessin nyaachuun xura’aa nama hin godhu” jedheen. Sababiinsaa cubbuu addaaddaa garaa namaa keessaatu isa/shee xureessa. Namni Yaada Hamaa Garaa Isaa Keessaa Beekuu Qaba
 
 
Namni Yaada Hamaa Garaa Isaa Keessaa Beekuu Qaba
 
Garaa nama keessa maaltu jira?
Cubbuu gosa kudha lama (Mark 7:21-23)
 
“Gosa cubbuu kudha lamaan kun garaa nama hundumaa keessa jiru. Ani isaan kana hundumaa of keessaa qaba. Gosa cubbuu kudha lamaan macaafa keessatti galmaa’an kun ana keessa jiru.” Utuu bishaanii fi hafuurattii lammaffaa hin dhalatin dura cubbuun dhaalaa akka nu keessa turan amanuu qabna. Guutummaan guutuutti Waaqayyoon duratti cubbamoota akka taanees amanuu qabna, garuu kana yeroo hundumaa hin goonu. Baayyeen keenya cubbuuf sababa keenyee, “Ani yaada akkanaa raawwadhee hin qabuun ture, ani yeroo sanaaf yaadni koo na badee ture ni jenna.”
Waa’ee dhala namaa Yesuus maal jedhe? Inni wanti garaa namaa keessaa ba’uu yaada isaa/shee xureessa jedhe. Inni namni yaada hamaa garaa isaa keessaa akka qabu dubbateera. Waa’ee kanaa maal yaadda? Ati hamaa dhaa? Namni hundinuu akka inni yaada hamaa qabu beektaa? Eeyyee yaadni nama hunumaan amaa dha.
Waggoota muraasa dura, kutaan monoksoota quddaam tokko se’uul keessaa akka tasaa barbadan’an. Haala kanaan warri firoota isaanii dhaban baayyee yeroo gaddani, warri kaan immoo akkaataa badii sana ilaalanii gammaduu dhaaf itti ni deemu turan.
Warri kaan akkanatti ni yaadu turan, meeqatu du’e? 200? Lakki. 300? Akkas ta’aa? Utuu, nama kumatu du’e ta’ee baayyee natti tola ture….” Garaan namaa akkana hamaa dha. Kana fudhachuu qabna. Warra du’aniif carraa gadheedha. Maatii isaanifis attam suukanneessaa ture. Warri kaan immoo kasaaraa horii gudda keessaa galaniiru.
Warri kaan immoo baayyee hin gaddine. “Utuu kana caalaa du’aniiru ta’ee baayyee gaarii ture. Kun nama attamiiti! Utuu hammi tilmaamame kun namoota irra ga’e maaltu ta’a ture? Badii kanaan namni kumni ni awwaalama, mitii? Ohoo, Eeyyee! Utuu akkana ta’ee baayyee namaa gammachiisa ture.” Namoonni muraasni akkaataa kanatti ni yaadu ta’a. Balaa konkolaataa ilaalchisees namoonni akkasitti ni yaadu ta’a. Warri balaa markaba xinnoo argan xiqqoo ni gadduu ta’a.
Yeroo tokko tokkoo hamoota attamii akka taane of ilaalla. Hmmina akkanaa kana guddifnee hin dubbannu ta’a. Arraba keenya qabannee gadda keenya mul’isuu dandeenya, garuu yaada garaa keenyaan immoo rakkina nama sanaatti ni gammanna. Hanga mormii keessan ta’ee jirutti, balaa gurguddaa, bakka namoonni kumaan lakkaa’aman itti dhuman arguu jaallanna. Kun akkaataa yaadni garaa namaa itti hojjetuu dha. Utuu lammaffaa hin dhalatin duraa baayyeen keenya akkana turre.
 
 
Ajjeechaa Laphee Nama Hundumaa
 
Maaliif Cubbuu Hojjennaa?
Sababii Laphee keenya keessa yaadni hamaan jiruuf.
 
Ajjeechaan laphee nama hundumaa keessa akka jiru Waaqayyo ni dubbata. Garuu namoonni baayyeen akkana jechuudhaan ni ganu, “Attamitti akkana naan jechuu dandeessa! Yaada ajjeechaa laphee koo keessaa hin qabu. Attamitti nama akkasiitti na lakkoofta!” Ajjechaan laphee isaanii keessa akka jiru ni ganu. Isaan ajjechaa irraa akka adda ta’anitti ni yaadu.
“Walitti fufanii adeemsa isaaniitiin kan nama ajjeessan, warra garaa isaaniitiin nama ajjeessani dha! Isaan gartee addaati. Ani akka isaanii hin ta’u. Isaan kun hamoota! Warra nama ajjeessanii dha!” Warra ajjeessanitti immoo aarani akkana jedhani ni dubbatu, “Sanyii hamminaattii kan dhalatan jarreen akkanaa lafa irraa haxaa’amu qabu! Isaan akkanaatti du’iiitti faradamuu qaba!”
Yaadni warri nama ajjeessanii laphee warra yaadaan namatti aaranii keessa jiru, akkasumas, garaa warra nama ajjeessanii keessas ni jiraata. Garaa nama hundumaa keessa ajjechaan akka jiru Waaqayyo dubbateera. Sagalee Waaqayyoo fudhachuu qabna sababiinsaa yaada dhokataa sammuu namaa keessa jiru iyyuu waan arguuf. Kanaafuu, “Ani cubbamaa yaada ajjeechaa laphee keessaa qabu dha” jennee of simachuu qabna.
Eeyyee, Waaqayyoo garaa namaa keessa yaadni hamaan akka jiru, ajjeechaa dabalatee, Waaqayyo dubbateera. Sagalee Waaqayyoo haa fudhannu. Dhaloonni lafa irraa hammaataa waan deemuuf, meeshaaleen of eeggannoof kaa’aman meeshaalee ajjeechaa ta’aa adeemu. Kun firii ajjeechaa laphee keenya keessaa ti. Yaada aarii ykn yaada sodaatiin nama ajjeesuu dandeenya. Hunduma keenyatu nama ajjeessaa oola jechuu koos miti, garuu waa’ee isa kan keenyaa yaadu qabna jechuu kooti male.
Hundi keenya yaada hamaatiin dhalanne. Kaan dhugaa dhumaatti nama ajjeesanii fixaniiru, sababa dhalootaan addumaan ajjeessaa ta’anii dhalataniif miti, sababa hundi keenya ajjeesuu dandeenyuuf malee. Garaa keenya keessaa akka nuyii yaada ajjeechaa fi hammina qabnu Waaqayyo ni dubbata. Kun egaa dhugaa dha. Namni addaan gochaa kanaaf dhugaa qaba jedhamu hin jiru.
Kanaafuu, toora sirrii ta’e irra buunee adeemuudhaaf, sagalee Waaqayyo fudhachuu qabna. Yaada hamaa of keessaa waan qabnuuf biyya lafaa kana keessatti ni yakkina.
 
 
Ejja Laphee Keessaa
 
Waaqayyo garaa nama hundumaa keessa akka ejji jiru nutti dubbata. Yaada kanatti walii ni galtaa? Atis laphee kee keessa yaada ejjaa akka qabdu ni amantaa? Eeyyee, laphee nama hundumaa keessa yaadni ejjaa jira.
Sababii kanaaf ummata keenya keessatti ejjitoonnii fi sagaagiltoonni dagaagaa jiru. Kun tooftaa namni ittiin horii argatu keessaa isa caaluu dha. Hojiin kan biraa horii ittiin sochoosan dhabamuu isaatiif ni cufama, garuu hojiin hammina akkanaa kun laphee nama hunduma keessa waan jiruuf ni salphataaf.
 
 
Firiin cubbamootaa cubbuu dha
 
Lapheen namaa maalitti fakkeefama?
Muka firiinsaa cubbuu ta’e qofaatti fakkeeffama
 
Akkuma poomiin (Apple) ija poomii godhatu, akkuma fuduraan haadha isaa irraa argamu, akkuma iji mukaa hunda muka isaattii argamu, iji bunaas muka isaa irraa argamu, garaan keenyas gosa cubbuu 12 wajjin kan dhalanne, kan biraa osoo hin taanee iji jireenya keenya cubbamaa cufamaa dha.
Akkuma Yesuus jedhe wanta hamaan nama keesaa ba`ee isa/shee xureessa. Kanatti walii ni galtaa? Wanti nuyi gochuu qabnu sagalee Yesuusii wajjin waliigaluu dha, “Eeyyee, nuyi hamootaa, meeshaa cubbuu ti. Eeyyee, dhuguma Gooftaa.” Tole jennee, hamummaa keenya simachuu qabna. Waaqayyoon duratti waa’ee ofiikeenyaa dhugoomsuu tu nu irra jira.
Akkuma Yesuus Kiristoos fedha Waaqayyoof ajajamee, sagalee Waaqayyo fudhannee abboomamuu qabna. Karaa bishaanii fi hafuuraa cubbuu keenyattii fayyineerra. Kun arjummaa Waaqayyoo ti.
Biyyi koo yeroo mimmiidhagaa afuriin eebbifamee jira. Akkuma yeroon sun ga’uun mukeetiin ija kennu. Akkuma kanaan, cubbuun kudhalamaan laphee keenya keessa jiran yeroo dhaa gara yerootti ija godhatu. Har’a ajjeechaan laphee keenya keessatti yoo hundee godhate, bor immoo ejja ta’uu danda’a.
Guyyaa itti aanutti immoo, yaada hamaa, achumaan halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, yeroo yeroo dhaan ittuma fufa. Ji’an, toraniin, guyyaadhaan ittuma fufnee cubbuu hojjenna. Utuu cubbuu tokko hin hojjetin,  oolee hin bulu. Cubbuu hin hojjennu jennee ofii keenyaaf kakachaa oollaa, cubbuu gargaaruu hin dandeenyu sababiinisaa cubbuu dhaan waan dhalanneef.
Muki poomii ani ija godhachuu hin barbaadu jedhee diduu hin danda’u, ni danda’aa? “Ani ija godhachuu hin barbaadu.” Yaada isaatti ani ija godhachuu hin barbaadu ni jedha yoo ta’e iyyuu, ofiiisaatiin kana of irratti murteessuu hin danda’u. Ji’a arfaasaa keessa abaaboon ni daraara, poomiin immoo ganna keessa ija godhatee, birraa keessaa immoo ijisaa ni funaanama.
Wanti uumamaan qophaa’uu fi iji cubbuu haala walfakkaatuun ija godhata. Cubbamoonni ija cubbuu irraa kan darbe kan biraa godhachuu hin dandaa’ani.
 
 
‘Cuuphaa fi Fannoon Yesuus’ araara Cubbuu keenyaafi
 
Araara Yesuus jechuun maal jechuu dha?
Beenyaa cubbuu cuuphaa isaatiin (harka irra kaa’uu) fi dhangala’uu dhiiga fannoo isaa tii ti.
 
Kutaa macaafa qulqulluu keessaa iddoo cubbamoonni, ijoolleen hamootaa, Waaqayyo duratti araara fudhatanii jireenya gammachuu jiraatan haa ilaallu. Kun wangeela araaraa cubbuu ti.
“‘Saba biyya sanaa keesasa namni tokko utuu hin beekin, abboommota koo keessaa tokko irra iyyuu darbee waan gochuun isaaf hin taane, godhee yoo yakke, cubbuun inni hojjete yommuu isatti beeksifamu, cubbuu isa hojjete sanaaf reetti dhaltuu mudaa hinqabne aarsaa haa dhiheessu! Harka isaa mataa reettii aarsaa sababii cubbuutiif dhi’aate sanaa irra haa kaa’u, Aarsaa sababii cubbuu tiif dhi’aatu kana iddoo itti qalmi gubamu qalamutti haa gorra’u; lubichi dhiiga reettii sanaa irraa quba isaatiin fuudhee, gaanfota iddoo aarsaa isa qalmi irratti gubamutti haa dibu! Dhiiga isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa sana irratti haa dhangalaasu! Akkuma moorri aarsaa qalma araaraaf dhi’aate sanaa ba’etti moora ishee haa baasu! Lubichi aarsaa urgaa’an fooliin isaa garaa ciibsu godhee iddoo aarsaa irratti ana Waaqayyoof gubee haa aarsu! akkasitti lubichi isaaf haa aarsu! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama” (Lewwoota 4:27-31).
Bara Kakuu Moofaa keessa, attamitti namoonni araara cubbuu buusu? Jalqaba mataa horii aarsaaf dhi’aatuu irra harka isaanii kaa’anii cubbuu isaanii itti dabarsu.
Seera Leewwota keessatti akkanatti barreeffamee jira. Inni “Namoota Israa’eliin namni isin keessaa ana Waaqayyoof kennaa yommuu dhi’eessuu karra saawwaa keessaa yookiis karra bushaa’ee keessaa haa dhi’eessu! Jedhe! “kennaan isaa kun karra saawwaa keessaa qalma qubatuuf kennama yoo ta’e dibicha mudaa hin qabne haa ta’u! Ana Waaqayyo duratti fudhatama akka inni ta’uufitti namichi balbala dhunkaana itti walga’an sana duratti haa dhi’eessu. Inni harka isaa mataa horii qalma qubamuuf dhihate sana irra haa kaa’u; aaraara isaaf buusuudhaafis, fuula koo duratti fudhatamaa ni ta’aaf” (Lewwoota 1:2-4).
Namni tokko akka cubbuu hojjete erga baree booda, araara buusuudhaaf, aarsaa cubbuu dhiheessuu qaba. Cubbuu hojjetee sana gara horichaatti dabarsuudhaaf, harka isaa mataa aarsaa sanaa irraa kaa’uu qaba. Oobdii godoo qulqullaa’aa keessa, iddoo aarsaan gubamu itti dhihatu jira. Iddoon aarsaa sun akka saanduqaa, amma gabatee lallabaa kan ga’uu ta’ee golee isaa irra gorroo ni qabaata. Sabni Israa’el harka isaan horii aarsaaf dhihate irra kaa’anii ni gubuu, akkana jechaan aarsaa gubamuu dhihessuu jechaa dha.
Leewwota keessatti Waaqayyo akkana jedha, “Namichi balbala dunkaana itti walga’aanii sana duratti haa dhi’eessu.” Yeroo isaan harka isaanii mataa aarsichaa irra kaa’an cubbuun isaanii irraa ka’ee gara isaatti ni darba, achumaan cubbamaan sun morma horii sanaa gorra’ee dhiiga isaa fuudhee mataa iddoo aarsaatti in naqa.
Ergasii immoo, foonni aarsaa sun sirriitti miicamee, mi’ii garaa isaa keessaa ba’ee, xixinnaatee murmuramee, ibiddaan gubama. Foonnichi murmuramee gubamee araarri akka bu’uuf fuula Waaqayyoo duratti fooliinsaa ni aarfama. Kun akkaataa isaan cubbuu isaanii guyyaa-guyyaatti hojjetaniif araarri ittiin bu’uu dha.
Waaqayyo karaa araarri cubbuu isaanii waggaatti ittiin bu’uu immoo ni qopheesse. Inni kun araara isa guyyya-guyyaatti ittiin bu’uuttii adda. Isa kana irratti, angafaa lubaa qofaatu saba Israa’eliin bakka bu’ee harka isaa mataa tuntunoo aarsaaf dhi’aatee irra kaa’ee erga gorra’ee booda dhiigicha fuudhee karaa ba’aa teessoo araaraatti si’a torba facaasa. Akkasumas waggaa–waggaatti tuntunoo isa fayyaatti jiru irras fuula saba Israa’el duratti ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti harka isaa irra kaa’a (Leewwota 16:5-27).
 
Aarsaan bara Kakuu Moofaa maalitti fakkeefama?
Yesuus Kiristoos
 
Kottaa egaa akkaataa sirni aarsaa bara kakuu haaraa ittiin jijjiirame fi akkaata seerri Waaqayyoo barabaraan yaadatamu ilaallaa.
Yesuus maaliif fannoo irratti du’e? Lafa irratti yakka maalii hojjennaan Waaqayyo ilma isaa du’a fannootti dabarsee kenne? Fannoo irratti akkanni du’uuf eenyutu dirqisiise? Yeroo cubbamoonni biyya lafaa, akkana jechaan nuyi hundi keenya, cubbuutti kufne, Yesuus nu fayyisuu dhaaf gara keenya dhufe.
Yesuus Yohaannis cuuphaan laga Yordaanositti cuuphamee bakka ilmaan namaa hunda fannoo firdii fudhate. Akkaataa Yesuus ittiin cuuphamee fannoo irratti du’ee aarsaa ta’ee fi sababii cubbuu tiif aarsaan harki irraa kaa’amee bara Kakuu Moofaa keessatti dhi’achaa ture wajjin walfakkaata.
Sababii kun bara Kakuu Moofaa keessa akkas ta’eef kanaafi. Cubbamaan harka isaa mataa horii aarsaaf dhi’aatuu irraa kaa’ee akkana jechaa cubbuu isaa ni himata, “Yaa gooftaa, ani yakkeera. Ani ejjaa fi ajjeechaa raawwadheera.” Achumaan cubbuun isaa gara aarsichaatti darba.
Akkuma cubbamaan sun Waaqayyoon duratti morma isaa gorra’ee, Yesuusis ofii sababii cubbuu keenyaaf fannoo irratti aarsaa of godheera. Yesuus cuuphamee sababii cubbuu keenyaaf fannoo iratti aarsaa of godheera.
Yesuus dhuguma cubbuu keenyaaf du’e. Yeroo waa’ee kanaa yaadnu, aarsaan horii mudaa hin qabnee, sababii cubbuu namootaaf dhi’aachaa ture maalitti hiikama? Horiin sun waa’ee cubbuu ni beeku turani? Horiin waa’ee cubbuu hin beektu. Isaan mudaa kan hin qabne ta’uu qabu.
Akkuma horiin aarsaaf dhi’aatu sun mudaa kan hin qabne ture, Yesuusiis mudaa hin qabu. Inni Waaqayyo qulqulluu dha, Ilma Waaqayyooti, raawwatees cubbuu hin hojjenne. Kanaafuu, inni laga Yoradonsitti waggaa 30 ffaa isaatti cuuphamuu isaatiin cubbuun biyya lafaa gara Yesuusitti darbe.
Sababa cubbuu biyya lafaa gara ofiisaatiitti fudhateef, fannoo irratti du’e. Cubbuu biyya lafaa irraa dhiquun ergama isaa isa guddaa ture.
 
 
Jalqaba Wangeela Araara Cubbuu
 
Yesuus maaliif laga Yordaanositti Yohaannisiin cuuphamee?
Qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf
 
Maatewos boqonnaa 13 keessatti akkanatti barreeffame, “Yesuus cuuphame bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo bantiin waaqa hundinuu isaaf banaman. Achumaanis afuurri Waaqayyoo akka gugeetti gadi dhufe isa irra bu’uusaa in arge. Kunoo sagaleen immoo, ‘inni kun ilma koo isaa jaallatamaa dha, gammachuun koos isaatti ni rawwatama’ jedhe waaqa irra in dubbate’” (Maatewos 3:13-15).
Yesuus waggaa 30ffaa isaatti maaliif akka cuuphame beekuu fi hubachuu qabna. Adaba cubbuuf araara buusee qajeelummaa Waaqayyoo raawwachuudhaaf ture. Namoota cubbuu isaaniittii isaan fayyisuudhaaf, Yesuus Kiristoos, inni mudaa hin qabne sun, Yohaannis cuuphaan cuuphame.
Inni cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, ilmaan namaa hundumaaf araara buuse. Cubbuu keenyatti fayyuudhaaf dhugaa kanaa beekne itti amanuu qabna. Fayyisuu isaatti amannee fayyuun ga’ee keenya.
Cuuphaan Yesuus maayinni? Harka irra kaa’iinsa bara Kakuu Moofaa wajjin tokko. Bara Kakuu Moofaa keessatti, harka irra kaa’iinsa angafa lubaatiin cubbuun gara horii isaa aarsaa ta’ee dhi’aatuutti darba. Akkuma kana bara Kakuu Haaraa keessatti, Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa ofitti fudhatee aarsaa of gochuuf Yohaannis cuuphaan cuuphame.
Yohaannis cuuphaan nama biyya lafaa hundumaa irra kan caaluu, Waaqayyoon kan dibame bakka bu’aa ilmaan nama hundaa ture. Akka bakka bu’aa ilamaan namaa, angafa lubaa nama hundumaatti, Yesuus irra harka isaa kaa’uudhaan cubbuu ilmaan nama hundumaa gara Yesuusitti dabarse. ‘Cuuphaa’ n itti darbuu, awwaalamu fi dhiqamuu agarsiisa.
Yesuus maaliif gara biyya lafaa kana dhufee Yohaannis cuuphaan cuuphame ni beektaa? Hiikkaa cuuphamuu isaatii bartee, Yesuusitti ni amantaa? Cuuphamuun Yesuus cubbuu keenya hunda, cubbuu nuyi qabnu, cubbuu dhalli namaa yaada fi hojiidhaan raawwate hunda gara ofii isaatiitti fudhadhuuf. Yohaannis cuuphaan, Yesuusiin cuuphuudhaan wangeela araaraa cubbuu bu’uura haaraa tiin jalqabe.
Maatewos 3:13-17 keessatti, sagaleen “achumaan,” jedhu sun yeroo Yesuus itti cuuphamee, cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti akka darbe agarsiisa.
“Achumaan,” Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate, waggaa sadii booda, fannoo irratti du’e, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e. Cubbuu biyya lafaa irraa dhiquuf, altakka yeroo hundumaaf akka ta’utti ni cuuphame, fannoo irrattii dhiifama baraabaraa altakkaa ni buuse, barabaraan akka ta’uttis altakaa du’aa ka’e. Namni Waaqayyoon duratti cubbuu isaatti fayyuu barbaadu, inni cubbuu biyya lafaa hunda altakka barabaraan irraa fuudheera.
Yesuus maaliif cuuphamuun irra ture? Maaliif oobdii Philaaxoos kessatti gonfoo qoraattii mataatti diratee akka tarree jallootaatti itti faradame? Fannoo irratti dhiigee du’uun isaa maaliifi? Sababiiwwan armaan olii kun hundi isaa, sababii cubbuu biyya lafaa, cubbuu koo fi cubbuu kee gaafa cuuphame of irratti fudhateefi. Sababii cubbuu keenya hundaa tiif fannoo irratti du’e.
Sagalee fayyinaa Waaqayyo nuuf kennetti amanuudhaan fayyinee isa galateeffachuu qabna. Cuuphamuu, fannifamuu isaa du’aa ka’uu isaan malee fayyinni hin jiru.
Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf yeroo cuuphame, cubbuu keenya hunda gara ofii isaatti fudhate warra isatti amaneef fayyinni jira. Namoonni tokkotokko inni cubbuu dhaalaa qofa ofitti fudhate, akkana mitii? jedhu; garuu isaan akkanaa kun dogoggora qabu.
Yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa akka inni irraa fuudhe macaafa qulqulluu keessatti galmaa’ee jira. Cubbuun keenya hundi isaa, cubbuu dhaalaa dabalatee nu irraa ka’eera. Maatewos 3:15 irratti akkana jedha, “Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi!” Qajeelummaa hundumaa raawwachuu jechaan, cubbuu hundumaa irraa fuuchuu jechaa dha.
Cubbuu bara jireenya keenyaa hunda immoo nu irraa fuudheera? Eeyyee. Leewota keessaa kan kana mirkaneessuu haa ilaallu. Inni waa’ee guyyaa araaraa fi aarsaa angafa lubaa ni dubbata.
 
 
Aarsaa Araara Waggaa Saba Israa’el Hundaaf
 
Aarsaa dhiifama cubbuu lafa irraa kanaan sabni Israa’el altakkaa barabaraaf qulqullaa’uu ni danda’u turani?
Lakki
 
“Aaroonis tuntunicha isa aarsaa sababii cubbuu isaatiif dhi’aatu sana dhi’eesse; Ofii isaa tiifis maatii isaatiifis aarara haa buusu. Kana booddee immoo Korbeeyyii reetiti sana lamaan fuudhee balbala dunkaana walgaii’itti ana Waaqayyo duraa haa dhaabu; Korbeeyyii sana lamaan irratti mukti lama haa buufamu. Mukti inni tokko kan irra bu’e ana Waaqayyoof mukti inni kan irra bu’ee immoo gad dhiifamuu dhaaf haa ta’u. Inni korbeessa isa mukti inni kan ana Waaqayyoof irra bu’e sana fidee aarsaa sababii cubbuu tiif dhi’aatu haa godhu. Korbeessi inni akka gad dhiifamuuf mukti irra bu’e, immoo ittiin araara buusuu dhaaf ana Waaqayyo duratti dhi’eeffamee gara lafa onaatti gad haa dhiifamu” (Lewwoota 16:6-10). Egaa Aaron, korbeessa reettii lama fuudhee oobdii mooraa dunkaanaa lafa namni itti walga’utti fuula Waaqayyoo duratti araara cubbuu saba Israa’el kan waggaa tiif ni dhi’eessa.
“Kana booddee immoo Korbeeyyii reetti sana lamaan fuudhee balbala dunkaana walga’itti ana Waaqayyo dura haa dhaabu.”
Araara seera qabeessa buusuuf horii aarsaa dhiifama cubbuu dhi’eessanii harka irra kaa’uudhaan, cubbuun cubbamaa sun akka itti darbu ni godhama. Garuu cubbuu guutummaa saba Israa’eliin gara horii aarsaa araaraatti dabarsuudhaaf, angafni lubaa waggaatti si’a tokko guyyaa kurnaffaa ji’a torbaffaatti harka isaa irra kaa’a.
Seera Lewwoota 16:29-31, keessatti akkanatti galmaa’ee jira, “Ji’a forbaffaatti, ji’icha keessaa guyyaa kurnaffaatti isin warri dhaloota biyyaa warri galaan isin gidduu jiraatanis soomuudhaan gad of deebisaa gaafas hojii tokko illee hin hojjetina. Guyyaa kanattis isin qulleessuudhaaf araarrii isiniif ni buufama; Isin ana Waaqayyo duratti cubbuu keessan hundumaatti ni qullooftu. Kunis isiniifis guyyaa sanbataa isa aara galfattanii dha; Kanaafis gaafas soomuu dhaan gad of deebisa. Kunis seerrata baraabaraati” (Lewwoota 16:29-31).
Bara Kakuu Moofaa keessatti, sabni Israa’el mataa horii aarsaaf dhi’aatee irra harka isaanii kaa’anii, cubbuu isaanii fuula Waaqayyoo duratti “Yaa Waaqayyo, ani cubbuu akkas-akkasii hojjedheera. Kanaaf adaraa naaf dhiisi” jedhanii himachuudhaan cuubuu isaani itti ni dabarsu. Horiin aarsaa sun cubbuu nama sanaa mataa isaatti baadhatee ni du’a jechaa dha. Achumaan morma horii sanaa muranii dhiiga isaa lubatti kennanii, mana isaaniitti ni deebi’u, yeroo sanaa eegalee yakka isaatti akka bilisa ta’e ni mirkaneeffata. Egaa horiin aarsaa sun bakka cubbamaa sana du’a jechaa dha. Bara Kakuu Moofaa keessatti, aarsaan sababa cubbuu tiif dhi’aatu reettii, hoolaa, dibicha ykn sangaa ta’uu danda’a, isaan kana warra Waaqayyo addaan baasee dha.
Waaqayyo, araara isaa isa dhuma hin qabneen, bakka inni/isheen du’u/tu akka horiin sun du’uuf hayyame.
Haala kanaan bara Kakuu Moofaa keessatti, namoonni adaba cubbuuttii karaa aarsaa dhiifama cubbuu araara argatu. Irra daddarbaan nama sana harka irra kaa’uudhaan gara aarsichaatti ni darba, dhiigni horiiichaa immoo gatii cudbuu isaaniif lubatti kenname innii immoo iddoo aarsaatti ni geessa.
Haa ta’uu iyyuu malee guyyaa-guyyaatti araara cubbuu buusuun hin dandaa’amu. Sababii kanaaf, gatiin cubbuu wagaatti si’a tokko karaa angafa lubaa saba Israa’el hundumaaf guyyaa kurnaffaa ji’a torbaffaatti ni geggeeffama.
Guyyaa araaraatti hinkoon (role) angafa lubaa maalii? Jalqabatti, angafni lubaa cubbuu saba sanaa, “Yaa Gooftaa, sabni Israa’el cubbuu ajjeechaa, ejja, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, Waaqayyoon arrabsuu… hojjeteera” jechaa harka isaa mata aarsichaa irra ni kaa’a.
Achumaan, morma aarsaa sanaa muree, dhiigichas ilaalee mana qulqullummaa keessaa teessoo araaraa irratti si’a torba ni facaasa. (Lakkoofsi torba wanti sun guutuu ta’uu isaa agarsiisa).
Saba bakka bu’ee cubbuu saba Israa’eliin gara mataa horii aarsaaf dhi’aateetti ni dabarsa, aarsaan sunis mul’inatti ni dhi’aata.
Sababii Waaqayyo qajeelaa ta’eef, nama hundumaa cubbuutti fayyisuudhaaf, bakka saba sanaa akka horiin du’uu hayyame. Waaqayyo dhugumaan waaqa araaraa waan ta’eef, namoonni bakka isaanii akka isaan aarsaa horii dhi’eessan hayyameef. Angafni lubaa, waggaatti si’a tokko ji’a torbaffaa, guyyaa kurnaffaatti dhiiga horii aarsaa sana fuudhee karaa ba’a teessoo araaraa tti facaasee saba sanaaf araara ni buusa
 
Akka bara Kakuu Haaraatti hoolaan aarsaa eenyuu dha?
Yesuus isa mudaa hin qabne sana
 
Angafi lubaa guyyaa araaraa waggaatti reettii lama dhi’essuu qaba. Inni tokko isa gatiin itti baafamu, akkana jechuun ‘isa beenyaaf ta’u’ jechuu dha. Kakuu haaraa keessatti beenyaan ilmaan namaa Yesuus Kiristoosi dha. “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isaatti kan amanu hundinuu jireenya baraabaraa haa qabatuuf malee haa baduuf miti” (Yohaannis 3:16).
Waaqayyo akka aarsaa hoolaatti ilma isaa nuuf kenne. Akka aarsaa hoolaa nama hundumaaf kennameetti, inni fayyisaa fi Masiihii ta’uu isaa mul’isuuf Yohaannis cuuphaan cuuphame. ‘Yesuus’ jechuun ‘fayyisaa,’ ‘Kiristoos’ jechuun immo kan dibame jechuu dha.
Bara Kakuu Moofaa keessatti akkuma guyyaa araaraatti dhiiga horiitiin, beenyaan cubbuu namootaa kaffalamu, Yesuus Kiristoos gara waggaa 2000 dura gara biyya lafaa dhufee, cuuphamee fannoo irratti sababii cubbuuf dhiiga isaa dhangalaasee, cubbuu keenya hundaaf araara buuse.
Waa’ee kanaa lewwoota keessaa haa dubbifannu. “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa Fayyaatti jiru sana irra kaa’ee, yakka, irradaddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jiruutti kennee Lafa onaa keessatti gad akka dhiisu in godha; Namichi sun korbeessicha lafa onaa keessatti gad in dhiisa; Korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti ingeessa” (Lewwoota 16:21-22).
Akkuma seera Lewwoota 1 keessatti barreeffame, cubbuun Israa’elotaa gara reettii isa harka irra kaa’ametti ni darba. ‘Irradaddarbaa isaanii hunda’ inni jedhu sun, cubbuu yaadaa fi gochaadhaan raawwatan hunda ilallata. ‘Irra-daddarbaa isaanii hundi’ gara mataa horii aarsaa cubbuuf dhi’aatee harki irra kaa’ametti ni darba.
 
 
Seera Waaqayyootiin Hubannoo dhugaa waa’ee cubbuu keenyaa argachuu qabna Waaqayyo maaliif seera
 
Waaqayyo maaliif seera nuuf kenne?
Akka nuyi beekumsa waa’ee seeraa aragannuuf
 
Seerri Waaqayyoo abboommota 613 qaba. Yeroo waa’ee isaa yaadnu, wanta inni hin godhin jedhu ni goona, wanta inni godhaa jedhu immoo hin goonu.
Kanaafuu, nuyi cubbamoota. Macaafa Qulqulluu keessatti akkuma barreefame Waaqayyo akka nuyi cubbuu keenya ittiin barruuf jedhee abboommota nuuf kenne (Rooma 3:20). Akkana jechuun seera abboommota isaa nuun cubbamoota ittiin barsiisuudhaaf nuuf kenne jechuu dha. Sababii nuyi ittii jiraachuu dandeenyuuf osoo hin taanee, akka nuyi cubbuu keenya ittiin hubannuuf nuuf kenne.
Inni abboommota kana akka nuyi eegnee ittiin jiraannuuf miti. Sareen akka dhala namaatti ni jiraata jettee eeguu hin dandeessu. Bifa walfakkaatuun nuyi seera Waaqayyootti jiraachuu hin dandeenyu.
Nuyi maasii cubbuu waan taaneef Waaqayyo seera isaa nuuf kenne, garuu si’a baayyee dhugaa isaa hin hubannu. “Waaqayyo abboommota kanaan akka nuyi firii godhachuu hin barbaanne, utuu hin jaallatin ija hamaa akka godhannu” inni ni beeka. Akka nuyi hin ajjeefne nutti dubbata garuu nuyi immoo garaa keenyaan ajjeessaa oolla, yeroo tokko-tokko immoo fooniinis kan ajjeessan ni jiru.
Haa ta’uu iyyuu malee seera keessatti akka hin ajjeefne barreeffamee waan jiruuf nama ajjeesuun akka yakka ta’e in  beekina, “Ahaa, ani dogoggoreera. Ani cubbamaa dha sababiin isaa wanta ani gochuu hin qabne waan ani hojjedheef. Ani cubbuu hojjedheera.”
Saba Israa’eliin cubbuu isaattii fayyisuu dhaaf bara kakuu moofaa keessatti Waaqayyoo Aaroon akka aarsaa dhiifama cubbuu dhi’eessuu godhee saba hundumaafis waggaatti si’a tokko araara ni buusa.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, guyyaa araaraatti Waaqayyo duratti aarsaa gosa lamatu dhi’aata. Inni tokko Waaqayyoof aarsaa ta’ee kan gorraa’amu fi inni tokko immoo harki irra kaa’amee cubbuu saba Israa’eliin fudhatee gara lafa onaatti kan gad dhiifamu dha. Reettichi nama ta’een utuu lafa onaatti hin geeffamin dura angafi lubaa harka isaa irra kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin irratti himuudhaan cubbuu isaanii itti dabarsa. “Yaa gooftaa, namoonni kun ajjeessaniiru, ejjaniiru, hataniiru, waaqa tolfamaa waaqeeffataniiru…. Nuyi si duratti cubbuu hojjenneerra” ni jedha.
Biyyi Paalastaayin lafa onaa baayyee qaba. Reettiin lafa onaa sanatti ergamee achuma keessa utuu jooru, ni du’a. Yeroo inni iddoo onaa sanatti ergamu sabni Israa’el hanga inni deemee fagaatee ija isaanii duraa dhokatuutti ni ilaala, akka cubbuun isaanii duukkaa sokkettis ni amanu. Sabichi yeroo sana eegalee sammuu nagaa ni qabaata; reettichis, sababii cubbuu saba sanaaf lafa onaa keessatti utuu jooruu dhuma irratti ni du’a.
Haaluma kanaan, hoolaan Waaqayyoo Yesuus Kiristoos cubbuu keenya hundumaaf araara buuseera. Cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaaseera.
Yesuus Waaqayyoo fi fayyisaa keenya. Inni ilma Waaqayyoo isa cubbuu nama hundumaa fayyisuuf dhufee dha. Inni uumaa waan ta’eef akka bifa isaatti nu uume; cuubbuuttii nu fayyisuuf gara biyya lafaa dhufe.
Cubbuu keenya guyyaa-guyyaa qofa utuu hin taanee, cubbuun keenya inni gara fuula duraa, cubbuun yaada keenyaafi foon keenyaa hundi gara Yesuusitti darbeera. Kanaafuu inni guutummaa qajeelummaa Waaqayyoo bakkaan ga’uudhaaf biyya lafaaf araara cubbuu buusuudhaaf Yohaannisiin cuuphamuutu irra ture.
Utuu Yesuus hin fannifamin waggaa sadii fuula dura, yeroo tajaajila uummataa itti jalqabe, lagaa Yordaanositti Yohaannis cuuphaadhaan yeroo cuuphamee, cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudheera. Araara cubbuu karaa cuuphaa isaatiin, fayyina ilmaan namaa hundumaaf argamsiiseera.
Laga Yordaanos keessatti, akkuma inni dhufeen keessa dhaabbateen, bishaanni qoma isaa bira yeroonni ga’e, Yohaannis cuuphaan bishaan keessa isa liccisee ni cuuphe. Cuuphaan kun, harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa, isa cubbuun ittiin darbuu wajjin tokko.
Bishaan keessa liccifamuun mallattoo du’aa yeroo ta’uu bishaan keessaa ba’uun immoo, du’aa ka’uu agarsiisa. Yohaannis cuuphaan cuuphamuu Yesuus ergama (mission) isaa sadan akka inni bakkaan ga’e agarsiisa: cubbuu irraa fuuchuu, du’aa fi du’aa ka’uu dha.
Dubbii fayyinaa cubbuu yoo dhageenye qofa fayyuu dandeenya. Waaqayyo kakuu fayyisuu bara Kakuu Moofaa saba isaatiif gale raawwachuudhaaf ilma isaatiin biyya lafaa fayyisuuf murteesse. Akkaataa kanatti Yesuus cubbuu keenya baadhatee gara fannoo dhaqe.
 
Erga Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee booda hojiin nuuf hafee immoo maali?
Wanti nuuf hafe isatti amanuu dha.
 
Yohaannis 1:29 irratti akkanatti barreeffamee jira, “Borumtaa Yohaannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee, ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Yohaannis cuuphaan akkana jedhee dhugaa isaa ba’e, “Ilaa! Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Yeroo inni cuuphame cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti darbeera. Itti amani! Atis, araara cubbuu kanaan ni eebbifamta. Sagalee Waaqayyootti amanuu qabna.
Yaada keenyaa fi morgoggummaa keenya of irraa fageessinee, sagalee Waaqayyoo isa barreeffametti amanuu qabna. Dhuga isa Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhetti amanuun barbaachisaa dha.
Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaase jechuu fi firdii cubbuuf araara buusee qajeelummaa Waaqayyoo nuuf raawwate jechuun hiikkaa tokko qaba. Harka irra kaa’uu fi cuuphaanis hiikkaa tokko qaba.
Yeroo ‘hunda,’ ‘waan hunduma,’ ykn ‘waliigala’ jennes hiikaan isaanii tokkicha. Bara Kakuu Moofaa keessatti jechi ‘harka irra kaa’uu’ jedhu fi Kakuu Haaraa keessatti immoo ‘cuuphaa’ jedhame hiikkaan isaa tokkuma.
Kun salphaa dhumatti Yesuus cuuphamee nuuf fannifamee firdii cubbuuf araara nuuf buusee jechuu dha. Wangeela jalqabaa kanatti amannaan fayyina argatta.
Yeroo macaafni qulqulluun inni ‘cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera’ jedhu (Yohaannis 1:29), cubbuu biyya lafaa jechuun maal jechuu dha? Akkana jechaan cubbuu namni ittiin dhalate, yaada hamaa, hanna, halalummaa, hawwii, hammina, waaqayyoon arrabsuu, of tuulummaa, gowwummaa isa sammuu namaa keessa guutee dha. Irradaddarbaa fi yakka fooni fi yaada garaan hojjetamu hundas ni hammata.
“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a, kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenya Wajjin tola kenname garuu jireenya baraabaraati” (Roomaa 6:23). “Dhiiga utuu hin dhangala’iin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru” (Ibroota 9:22). Cubbuu dhaaf kaffaltiin jira jechaa dha. Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa hunda fayyisuudhaaf, lubbuu isaa beenyaa cubbuu godhee, altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti dhi’eesseera.
Kanaafuu cubbuu keenya hundattii bilisa ba’uu dhaaf, wanti nuyi gochuu qabnu, wangeela jalqabaa¾cuupamuu  Yesuus, Dhiiga isaa fi Waaqummaa isaatti amanuu nu barbaachisa.
 
 
Cubbuu isa boriif Araara Buusuu
 
Kanaan booda cubbuu qabaannuuf aarsaa dhi’eessuu qabnaa?
Lammmaffaa hin jiru
 
Cubbuun borii, inni bor boodaa fi cubbuu nuyi hanga du’a keenya lafa irraatti qabaannu hundi akkuma cubbbuun har’aa, isa kalessaa fi bara duraa ‘cubbuu biyya lafaa’ cubbuu biyya lafaa isa gooftaan kaase keessatti hammatame jira. Cubbuun namni tokko gaafa dhalatee eegalee hanga du’a isaatiitti qabaatu hundi ‘cubbuu biyya lafaa’ keessa kan jiru yeroo ta’u, cubbuun biyya lafaa hundi cuuphaadhaan gara Yesuusiitti darbeera. Bara keenya lafa irratti cubbuu nuyi hojjennu hundi gara gooftaatti darbeera.
Fayyuudhaaf wangeela jalqabaa sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jirutti amanuudhaan dhugaaf abboomamuu qabna. Fayyuudhaaf yaada keenya of irraa fageessuu qabna. Akkana jettee ni gaafatta ta’a, “Cubbuu isa hanga ammaatti hin hojjetamne attamitti ofitti fudhataa?” Egaa anis, gaaffii tokkoon si gaafadha, “Yeroo dhuma cubbuu hojjennu Yesuus gad nuuf bu’uu qabaa?”
Wangeela lammaffaa dhalachuu keessa, seerri araara cubbuu jira. “Dhiia utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru” (Ibroota 9:22). Bara Kakuu Moofaa keessatti namni tokko cubbuuttii yeroo fayyuu barbaaddu, harka irra kaa’uudhaan cubbuu isaa gara horii aarsaaf dhi’aatetti dabarsee, horiin sun cubbicha baatee ni du’u.
Karuma kanaan, ilmi Waaayyoo ilmaan namootaa fayyisuudhaaf gara biyya lafaatti gadi bu’e. Inni cubbuu keenya hunda nu irraa fuuchuudhaaf cuuphamee, sababii isaatiif fannoo irratti du’ee, achi irratti “fiixaan ba’eera” jedhe. Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara mirga Waaaqayyo abbaa ni taa’e. Akka kanatti inni barabaraan fayyisaa keenya ta’e.
Guutummaan guutuutti gatii cubbuu keenyaa baasuudhaaf, barsiisa amantummaa isa fayyinaaf guyyaa-guyyaatti kadhannaa qalbii diddiirrannaan jiraachuu qabeenya dhaabbataa godhannee jiruu sana of irraa haquu qabna. Beenyaan cubbuu ilmaan namootaa akka kaffalamuuf, altakkaa yeroo hundumaa kan ta’uu aarsaan seera qabeessi dhihachuu qaba. Waaqayyo waaqa irra taa’ee cubbuu biyya lafaa hunda cuuphaadhaan gara ilma isaatti dabarsinaan ilmi isaa kun gatii cubbuuf fannifame. Du’aa ka’uu isaatiinnis fayyinni keenya guutuu ta’e.
“Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra kaa’e ,muddama keenyas in baate; Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame… nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabam; madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame.” Isaayyaas 53 keessatti, cubbuu fi yakki biyya lafaa hundi, kan nama hundumaa gara Yesuusitti darbeera ni jedha.
Kakuu Haaraa keessatti, Efesoon 1:4 irratti akkana ni jedha, “Inni uumamuu biyya lafaa duraa iyyuu nu fo’ateera.” Inni karaa isaa uumama biyya lafa dura nu fo’ate jedha. Utuu biyyi lafaa iyyuu hin uumamin dura iyyuu saba isaa, Kiristoos keessatti qajeelota akka taanuuf nu fo’ateera. Kanaan dura waan meeqa barreerra iyyuu yoo taane, sagalee Waaqayyootti amannee abboomamuudhaan, dubbii bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraatti amanuu qabna.
Waaqayyo ilmi isaa, Yesuus Kiristoos, cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, ilmaan namaa hundumaaf araara buuseera. Ibroota 10 keessatti akka itti fufee jirutti galmaa’ee jira, “Seerichi garuu g addidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa malee bifa dhugaa isa isaan ittiin mul’tan miti; inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhiheeffaman sanaa, warra dhihaatan fiixaan kan ba’aan gochuu matumaa hin dandeenye” (Ibroota 10:1).
Aarsaan yeroo dhaa gara yerootti wagga-waggaan dhi’aachaa ture sun dhiifama cubbuu fiixaan baasuu hin dandeenye jedha. Seerri waan gaarii dhufuuf jiruuf gaaddidduu ture malee bifa isa dhugaa hin turre. Akkuma aarsaan waggaa cubbuu kan waggaa tokkoo irraa fuuchaa ture, Yesuus Kiristoos, Masiihiin immoo altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti cubbuu biyya lafaa karaa cuuphaa ofitti fudhatee fannoo irratti du’uu isaatiin fiixaan baase.
Kanaafuu, Ibroota 10 keessatti, “Itti dabalees immoo ‘Kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera’ jedheera, kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuu dhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala Waaqayyoo santti, dhaqni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti, al tokkichaa aarsaa ta’ee dhi’eeffamu dhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra. Lubni guyyaa guyyaan dhaabbatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi’ee in dhi’eessa. Kiristoos garuu, altokko aarsaa dhi’eessee, barabaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e. Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa amma godhamanitti in eeggata. Al tokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman, yeroo hundumaaf akka fiixaan ba’an godheera. Hafuurri qulqulluunis immoo waa’ee kanaa dhugaa nuuf ba’a, Inni duraan dursee, guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ‘Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa, jedhuu dha’ jedha gooftichi,’ jedhee dhugaa ba’eef. Itti dabalees, ‘Waaqayyo, ‘Ani cubbuu isaanii, jal’ina isaaniis deebi’ee hin yaadadhu’ jedheera jedhe. Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu in hafa” (Ibroota 10:9-18).
Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaattii karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatii akka nu fayyisee amanuu nu barbaachisa.
 
 
Fayyinni lammaffaa  dhalachuu Bishaanii fi Hafuuraa Garaa fi Sammuu keenyaatti Qirixameera
 
Sababa kanaan booda cubbuu hin hojjenneef qajeelota taanee?
Lakki. Sababa Yesuus cubbuu keenya nu irraa fuudhe fi sababa itti amanneef qajeelota taane.
 
Guutummaa fayyisuu isaatti ni amantaa? —Eeyyee.— Amantii dhaan sagalee Waaqayyoo isa Yesuus nu fayyisuuf jedhee cuuphamee fi fannoo irratti dhiigetti ni amantaa? Lammaffaa dhalachuudhaaf dubbii isaa irraa amantii qabaachuu qabna. Yesuus Kiristoos wangeela araaraatiin cubbuu kee fi cubbuu biyya lafaa hunda akka inni si irraa kaasee yeroo amantu ni fayyita.
Seera Waaqayyoo eeguudhaan qulqulluu ta’uu hin dandeenyu, garuu hojii Yesuus Kiristoositti amanuudhaan guutuu ni taana. Cuuphaa laga Yordaanosiin akka inni cubbuu keenya hunda nu irraa kaase sababii isaaf immoo fannoo irratti firdii du’aa akka baate yeroo fudhannu amantiin keenya guutuu ta’a. Wangeelatti garaa keenya guutuudhaan amanuudhaan cubbuu keenyatti fayyinee qajeelota taana. Kanatti ni amantaa?
Cuuphaa, fannoo fi du’aa ka’uun Yesuus araara cubbuu ilmaan namootaa jaalala Waaqayyoo haalaan hin murtoofne agarsiisa. Waaqayyo nu jaallata innis qajeelumma isaa ti, nuunis immoo qajeelota nu godhe. Cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya waan ofiitti itti dabarseef nuyi qajeelota taane.
Cubbuu keenya hundumaattii nu fayyisuudhaaf, inni tokkicha ilma isaa erge, Yesuus gara biyya lafaa dhufe. Inni cuuphaa isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhee, fannoo irratti firdii du’aa ni baate. Inni karaa cuuphaa, bishaan ii fi dhiiga isaa, jaalala Waaqayyootiin, qajeelota ijoollee isaatii nu godhate.
Ibroota 10:16 keessatti akkanatti barreeffame, “Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa.”
“yaada keenyaa fi garaa keenyaan Waaqayyoon duratti cubbamoota moo qajeelota? Sagalee Waaqayyoottii amantii yoo qabaanne, qajeelota taana. Yesuus Kiristoos cubbuu keenya mataa ofii isaatiitti baatee sababii isaafis firdii fannoo fudhate. Yesuus fayyisaa keenya. Sababa guyyaa hundumaa yakkinuuf, attamitti qajeelota taana jettee yaaddee? nuyi sirriidhumatti cubbamoota” ni jetta ta’a. Dubbii Waaqayyootti yoo amanne, akkuma Yesuus abbaa isaa dhaga’ee, nuyis dubbii isa dhaga’uudhaan qajeelota ni taana.
Akkuman jalqabatti dubbadhe utuu lammaffaa hin dhalatin dura garaa keenya keessaa cubbuu ni qabaanna. Wangeela araaraa laphee keenya keessatti erga argine booda, cubbuu keenya hundumaatti nuyi fayyineerra. Utuu wangeelicha hin barin dura cubamoota turre. Garuu yeroo, wangeela fayyinaatti amannee kaafnee qajeelota ijoollee Waaqayyooti. Inni ergamaan Phaawulos qajeelummaa amantii dubbatus isa kana. Amantiin wangeela araaraa kun qajeelota nu godheera.
Ergamaan Phaawulosis, Abrahaam, warri isaan duraa hundi isaani iyyuu amantiidhaan malee hojiidhaan qajeelota hin taane, caalaa dhumatti iyyuu, dubbii Waaqayyootti amanuudhaan eebbaa dhiifama cubbuu argataniiru.
Ibroota 10:18 irratti akkana ni jedha, “Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu ni hafa”. Akkuma barreeffamee jiru akka nuyii cubbuu keenyaaf hin duuneef Waaqayyo nu fayyiseera. Kanatti ni amantaa? —Ameen.—
“Filiphisiiyus 2 keessatti, Yaada garaa isa Kiristoos Yesuus qabaachaa ture qabaadha, inni bifa Waaqayyummaatiin utuu jiruu, ulfina Waaqayyummaa isaa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, wanta tokkotti hin gallee of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame; inni gad of deebisee, amma du’atti, amma fannifamee du’uutti iyyuu abboomamaa ta’e; kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kunis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesuusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe, arrabni hundinus, ulfina Waaqayyo abbaa tiif, Yesuus Kiristoos gooftaa akka ta’e beeksiisuuf jiru” (Filiphisiiyus 2:5-11).
Yesuus Kiristoos inni ulfinni Waaqayyoo isa irraa calaqqisu, Waaqayyo akkuma jirutti waan isaan mul’atuuf (Ibroota 1:3), inni ulfina kan biraa waan barbaadu hin qabu. Faallaa isaa, bifa garbummaa ni fudhate; fakkaatti nama ta’e argame. Inni gad of deebisee, amma du’aatti, amma fannifamee du’uutti iyyuu abboomamaa ta’e.
Kanaafuu, nuyi Yesuusiin ni galateeffanna, “Inni Waaqayyo, fayyisaa fi mootii keenya.” Sababii nuyi Waaqayyoo fi Yesuusiin galateeffannuuf Yesuus amma dhumaatti fedha abbaa waan eegeef. Utuu inni hin abboomamne ta’ee silaa amma isa galateeffachuu hin dandeenyu ture. Garuu sababa inni fedha abbaa isaa hunda amma du’aatti iyyuu eegeef, uumamni hundinu barabaraan isa ni galateeffatu.
Yesuus Kiristoos hoolaan Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa kaasuu ta’e, akkuma barreeffamee jiru cuuphamuu isaatiin ofii isaatti dabarse. Waggoota 2000 darban dura, cubbuu hundumaa biyya lafaa irraa kaaseera. Ani fi ati erga dhalannee biyya lafaa kana keessaatti cubbuu nuyi hojjennee hundinuu cubbuu biyya lafaa keessatti hammatamee jira.
 
Bor yoo yakkine cubbamoota taanaa?
Lakki, Yesuus Kiristoos cubbuu keenya isa darbe isa ammaa fi gara fuula duraa nu irraa kaaseera.
 
Cubbuu dhalootaa fi hojii utuu gargar hin baasin erga gaafa dhalanneetii cubbuu qabna mitii? —Eeyyee, Qabna.—
Yesuus dhalachuu keenyaa eegalee amma gaafa obbafannuutti akka yakkinu beeka waan ta’eef inni dursee cubbuu keenya hunda nu irraa kaase. Amma arguu ni dandeessaa? Yoo amma waggaa 70 jiraanne cubbuun keenya hanga konkolaata daampii dhibbaa ol caalaa ulfaata. Yesuus Kiristoos garuu hunda kana altakkaa cuuphamuu isaatiin gara ofii isaatiitti fudhate fannoo irratti gatii isaa kaffaleera.
Yesuus cubbuu dhaaloo qofa utuu nu irraa kaase ta’ee, hundi keenya gara sii’ol dhaqna turre. Ammuma iyyuu akka inni cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee tti hin amannu yoo taane, akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa hin kaafnetti lakkaa’uu keenya.
Biyya lafaa kana keessatti ammam cubbuu hojjenna? Cubbuu nuyi hojjenne hundinuu isa guutummaa biyya lafaa keessa jira.
Yeroo Yesuus Yohaannis akka isa cuuphuuf itti dubbate, hiikkaan isaa kana jechuu dha. Waaqayyoo garbicha isaa Yohaannisiin dursa ergee akka inni Yesuusiin cuuphu godhe. Yesuus ofii isaatii akka cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf dhufe dubbateera. Yohaannis, bakka bu’aa ilmaan namaa jalatti mataa isaa gadi qabee yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate.
Cubbuu nuyi waggaa 20 hanga 30, 30 eegalee hanga 40, kkf hojjenne hundi isaa cubbuun ijoollummaa keenyaas cubbuu biyya lafaa isa Yesuus yeroo cuuphame ofii isaatti fudhate keessatti hammatamera.
Cubbuun biyya lafaa irratti hafeera kan jedhu eenyu dhaa? Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa hunda kaaseera, kana garaa keenya guutuudhaan utuu hin shakkin yoo itti amanne: Cuuphamuu fi dhangaluu fannoo dhiiga Yesuusitti yoo amanne fayyinni keenya guutuu ta’a.
Namoonni baayyeen, jireenya dhiphinaa keessa ni jiraatu, akka waan jireenyi isaanii baayyee barbaachisaa ta’eetti, ni dubbatu. Garuu kan isaan caalatti seenaa gaarii qaban iyyuu jiru. Namooni jireenya isaanii dhiphisaa jiru. Anis utuun lammaffaa hin dhalatin dura jireenya akkanaa jiraachaan ture. Egaa wangeela fayyinaa cubbuu, wangeela cuuphaa fi dhiigaa isaatii kana, attam hubattee hin fudhattu ree?
 
 
Fayyinni Cubbamootaa Fiixaan ba’eera.
 
Yesuus maaliif milla Pheexirosiin dhiqe?
Sababiinsaa akka Pheexiros amantii cimaa qabaatuuf karaa cuuphaamuu isaatii cubbuun isaa hundi akka irraa ka’e akka hubatuuf.
 
Yohaannis 19 mee haa dubbifnu. “Yesuus fannoo isaa ofi baatee gara iddoo “lafee mataa” yookiis afaan Ibraayiisxitti “Golgootaa” jedhamutti ba’e, achitti isa fannisan. Namoota kan biraa lama garasiif garanaan ‘Yesuusiinis gidduutti fannisan. Philaaxoos yommus waan beeksisui tokkoo caafee, mataa fannoo isaatiitti maxxanse; caaffatichis: “Yesuus nama biyya Naaziret, Mooticha Yihudotaa kan jedhu ture. Iddoon itti Yesuus fannifame mandarichatti dhihoo waan tureef, caaffata beeksiisaa sana Yihudota keessaa baayyeetu dubbise; inni afaan Ibraayiisxiitti, afaan warra Roomaatti, afaan warra Giriikittis caafamee ture” (Yohaannis 19:17-20).
Yaa jaalatamoo obbolootaa, Yesuus Kiristoos cubbuu biyyaa lafaa hunda mataa isaatti fudhatee, oobdii mana Philaaxoos keessatti firdii du’aa fudhate. Egaa diraamaa isaa waliin haa ilaalu.
Lakkoofsa 28 eegalee, “Yesuus amma wanti hundinuu fiixaan ba’uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, “nan dheebodhe” jedhe. Qodaa daadhiin wayinii dhangagaa’aan keessa guute tokko achi ni dhaabbata ture. Daadhii dhangagaa’aa sanas, waan akka cumaa buqqee hadhaa’aa isa bishaan dhaqnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisoohitti kaa’anii afaan Yesuusitti qaban. Yesuus daadhii dhangagaa’aa sanas erga afaaniin qabee booddee, “fiixaan ba’eera” jedhe. Mataa isaa jallisee hafuura isaa kenne” (Yohaannis 19:28-30).
Yesuus “Fiixaan ba’eera” jedhee fannoo irratti du’e. Guyyaa sadii booda, du’aa ka’ee gara waaqaatti ol ba’e.
Yohaannisiin cuuphamuunii fi fannoo irratti du’uun Yesuus baayyee kan walitti hidhamee dha, lachuun isaanii iyyuu walittii gargar ba’anii hiikkaa hin qabani. Wangeela araaraa isaatiin waan nu fayyiseef waaqayyoof galanni haa ta’u.
Foonni namaa yeroo hundumaa fedha foonii barbaada, kanaaf foon keenyaan yeroo hundumaa cubbuu hojjenna. Yesuus Kiristoos cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbuu fooinittii nu fayyise. Inni wangeela isaatiin, cubbuu foon keenyaattii nu fayyiseera.
Yesuus isa Beeteliheemitti dhalatee laga Yordaanositti cuuphame, fannoo irratti du’ee, guuyya sadaffaatti du’aa ka’etti nama amanetu yeroo isaatti mootummaa Waaqayyootti gala. Nuyi isa ni galateeffanna, barabaraan maqaa isaas ni ulfeessina.
Wangeela Yohaannis gara dhumaa irratti, Yesuus erga du’aa ka’ee Galiilaaa dhaqe. Inni Pheexirosiin akkana jedhe, “Simoon, yaa ilma Yohaannis, isa warri kun na jaallatan caala na jallataa ree?” jedhee gaafannaan, “Eeyyee, gooftaa akkan si jaalladhu at iyyuu in beekta.” Yesuus immoo deebisee, “Hoolota koo eegi” ittiin jedhe.
Pheexiros waan hundumaa, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuus, dhiifama cubbuu, hubateera. Wangeela bishaanii fi dhiigaa isa furmaata cubbuu argamsiise, Yesuus maaliif akka miilla isaa dhiquufiin isaa araaraa fi amantii isaa jabeessuuf akka ta’e hubateera.
Yohaannis 21:15 ammas haa dubbifannu. Erga afaan bule baafatanii booddee Yesuus Simoon Pheexirosiin, “Simoon ilma Yohaannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?” jedhe; inni immoo, “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atu ni beekta” jedheen. Yesuus deebisee, “Ilmoolee koo tiksi” jedhe. Hoolota isaa Pheexirositti adaraa kennate sababiinsaa inni bartuu isaa waan tureef akkasumas inni qajeelaa fi garbicha Waaqayyoo isa guutuu waan tureef.
Cubbuu guyyaa-guyyaatiin, Pheexiros yoo yakke iyyuu, Yesuus waa’ee dhiifama cubbuu itti hin dubbanne sababiinsaa, innii fi barattoonni warri kaanis, cubbuu dhaabuu hin danda’an waan ta’eef. Garuu Yesuus wangeela isa cubbuu isaanii irraa haxaa’uu, cuuphaa fi dhiiga isaatiin araara cubbuu baraabaraa akka isaan argatan hubachiiseera.
 
 
Gooftaa, Akka ani Si Jaalladhu atuu Beekta
 
Yeroo namni tokko cubbuu hojjete deebi’ee cubbamaa ta’aa?
Lakki. Yesuus Yordaanositti cubbuu kee isa gara fuula duraas waan si irraa fuudheef.
 
Kottaa mee dubbii Gooftaan Pheexirosiin, “Simoon ilma Yohaannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree? “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atu ni beekta” jedheen” jedhu irratti ni yaadna. Deebii inni kennee dhugaa dha, inni amantii wangeela araaraa irratti kan hundaa’ee dha.
Utuu Yesuus Pheexirosii fi bartoota isaa warra kaaniinis wangeela araaraa miilla isaanii dhiquudhaan hin barsiifne ta’e silaa karaa dhugaa ta’e irra jaalala mul’suu hin dandaa’an turan.
Yesuus itti dhi’aatee, “Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?” Yeroonni gaafate utuu lammaffaa hin dhalanne ta’ee, “ani nama cubbamaadha. Nama warra kaan caalaa si jaallachuu hin dandeenye dha. Adaraa naa dhiisi” jedha ture. Pheexirosiis Yesuusiin baqatee ni dhokata ture.
Deebii Pheexiros irratti mee haa yaadnu. Inni wangeela dhiifamaa, wangeela cuuphaa fi dhangala’uu dhiiga isa nama hundumaa fayyiseen kan guutamee dha.
Kanaaf, Pheexiros akkana jedhee ni deebisee, “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atuu ni beekta” jedheen. Deebiin isaa kun, amantii inni karaa wangeela araaraa Yesuus irraa argatee dha. Pheexiros wangeela dhugaa isa Yesuus cubbuu biyya lafaa irra fuudhe wangeela dhiifamaatti amaneera. Kun cubbuu isa gara fuula duraa isa namoonni sababii hir’inaa fi gadadummaa foon isaaniitiif hojjetan hunda ni qabata.
Pheexiros wangeela dhiifama cubbuutti cimsee amaneera, shakkii tokko malees Yesuus hoolaa Waaqayyoo akka ta’es hubateera. Fayyisuun Yesuus kara Wangeela dhiifamaa gara isaa waan dhaqeef cubbuu guyyaa-guyyaattiis akka furama qabu hubateera. Cubbuu biyya lafaa kamittii iyyuu karaa wangeela araaraa akka  fayyinni jiru amaneera.
Ati akka Pheexirosii? Wangeela cuuphaa fi dhiiga isaatiin akka inni cubbbuu kee si irraa kaase amantee isa jaallachuu fi amanachuu ni dandeessaa? Attamitti isa jaallachuus amanachuus dhiifta? Sababiin hin jiru.
Utuu Yesuus cubbuu keenya isa kanaan duraa fi isa ammaa qofa nu irraa kaasee, isa gara fuula duraa immoo nu irratti dhiise ta’ee, sila akka amma isa galateeffannu kanatti dandeenyee isa hin galateeffannu ture. Akkasumas sii’oliin dhaquun keenyaas kan shakkisiisu miti. Kanaafuu, wangeela dhiifama cubbuu tti amanuu qabna.
Yeroo hundumaa foonni cubbuuf banamaa dha waan ta’eef nuyi yeroo hundumaa cubbuu ni hojjenna. Kanaafuu, wangeela araara irraa hafaa karaa wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka araara arganne dhugaa ba’uu qabna.
Wangeela araara irraa hafaa, cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti hin amanne taanaan, sababa cubbuu guyyaa-guyyaatiif namni fayyu tokko iyyuu hin jiru. Namni cubbuu bara jireenya isaati hunda irraa qalbii diddiirrachaa qajeelaa ta’ee fayyu tokko illee hin jiru.
Yoo akkas ta’e, gara biyya lafaatti of deebifnee jechuu dha, Yesuusiinis jaallannee itti dhi’aachuu hin dandeenyu. Yesuusitti amannee fayyinee bara keenya guutuuttis isa duukaa bu’uu hin dandeenyu.
Yesuus wangeela araaraa nuuf ergee warra isatti amanan fayyiseera. Inni fayyisaa guutuu isa yakka keenya nu irraa dhiqee akka nuyi isa jaalannu godheera.
Nuyi amantoonni cubbuudhaan jiraachuu irra wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amannee, dhiifama baraabaraa argachuu qabna. Amantoonni hundinuu karaa wangeela araaraa barabaraan Yesuusiif qabamanii barabaraan isa jaallachuu ni danda’u.
Yaa jaallatamoo! Utuu Yesuus cubbuu tokko illee booddee keetti hambiseera ta’ee, isatti amanuus wangeela araaraafis dhuga baatuu ta’uu hin dandeessu. Isaaf hojjechuus hin dandeessu turte.
Garuu, wangeela araaraatti yoo amante, cubbuu kee hundumaattii fayyuu ni dandeessa. Dubbii sagalee Yesuus keessatti galmaa’e, wangeela araaraa dhugaa yoo hubattee itti amante cubbuu kee hundumaattii fayyu ni dandeessa.
 
 
“Isa warri kun na jaallatan caalaa na jaallattaa ree?”
 
Eenyuun caalaatti akka nuyi Yesuusiin jaallannu kan nu godhu maali?
Jaalala isaa isa karaa cuuphamuu isaaiti cubbuu keenya, isa gara fuula duraa iyyuu nu irraa kaasee dha
 
Waaqayyo hoolota isaa garboottan isaa, warra guutumma araaraa wangeelaatti amananitti kennate. Yesuus, “Simoon ilma Yohaannis, Isa warri Kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?” jedhee si’a sadii Pheexirosiin gaafate; innis, immoo, “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atuu ni beekta” jedhee gaaffii isaa sadanuufuu deebii kenne. Kun egaa deebii amantii dhiifama wangeela araaraa irraa madde malee fedhii miira isaatii miti.
Nama tokko yeroo jaallannu, fedha keenya irratti hundoofne nama sana jaallanne yoo ta’e yeroo nuyi dadhabnu jaalalichis ni dadhaba. Garuu jaalallichi jabina jaalala Waaqayyoo irratti hundaa’e yoo ta’e, amma baraabaraatti jiraata. Jaalala Waaqayyoo, jechuunis, dhiifama irraa hafaa, fayyisuu cuuphaa bishaanii fi hafuuraa Yesuus irratti hundaa’a.
Amantiin dhiifama cubbuu keenyaa jaalalaa fi tajaajila gooftaaf laannuuf bu’uura ta’uu qaba. Fedhii keenyaan isa jaallanne yoo taane, jaalalli keenya bor ni guufata, xumurri isaa of jibbuudhaan ta’a. Haa ta’uu iyyuu malee Yesuus cubbuu keenya: cubbuu dhaalaa, cubbuu hojii isa har’a fi isa borii akkasumas, cubbuu bara jireenya keenyaa hunda nu irraa kaaseera. Inni nama tokko iyyuu fayyinaa ala hin hambifne.
Kun hundi dhugaa dha. Amantii fi jaalalli keenya fedhaa fi murtii keenya irratti hundaa’e yoo ta’e, silaa amantii keenyaan ni kufna turre. Garuu sababa amantii fi jaalalli keenya araara wangeela Yesuus irratti hundaa’eef qajeelota, ijoollee Waaqayyoo taanee jirra. Wangeela bishaanii fi hafuuraatti waan amannee jirruuf, nuyi cubbuu hin qabnu.
Sababii amantiin keenya gaarummaa nuyi qabnu irratti osoo hin taanee jaalala Waaaqayyoo fi seera fayyina dhiifama cubbuu irratt’ waan hundaa’eef, amma fedhe iyyuu dadhaboo yoo taane, qajeelota jedhamna. Mootummaa Waaqayyoo tti gallee barabaraan isa galateeffanna. Kana ni amantaa?
1 Yohaannis 4:10 akkana jedha, “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaa cubbuu keenyaaf furee haa ta’uuf erge.” Yesuus bishaan fi hafuuraa fi dhiigaan nu fayyise waan ta’eef, amantii wangeela araaraa qabaachuu qabna.
Utuu Waaaqayyo wangeela furee cubbuutiin nu hin fayyifne ta’ee, akka fedhe yoo amannes fayyuu hin dandeenyu turre. Garuu Yesuus cubbuu hojii fi foon keerryaa hunda nu irraa kaaseera.
Qajeelaa ta’uu dhaaf fayyinni keenya karaa amantii bishaan, dhiigaa fi araara wangeelaa mirkanaa’uu qaba. Wangeelli araara cubbuu biyya lafaa hundi cuuphaa fi dhiiga Yesuus keessatti ammatamee jira. Fureen wangeelaa dhugaa amantii, bu’uura fayyina dhugaa, bantuu mootummaa Waaqayyoo ti.
 
 
Amantiin fedha keenyaa attamitti akka haqamu
 
Amantiin dhugaa eessaa dhufa?
Jaalala Waaqayyoo cubbuu keenya hunda nu irraa kaase irratti hundaa’a.
 
Amantii fi jaalalli fedha keenya irraa dhalate dhugaas amantiis miti. Biyya lafaa kana irraa namoonni jalqaba fedha gaariitiin Yesuusiitti amanani dhuma irratti amanticha irra kufanii cubbuu isaaniitiin kan aadani hafan hedduu dha.
Garuu Yesuus cubbuu keenya hunda akka nu irraa kaasee hubachuu qabna: irradaddarba qofa miti, cubbuu cal’isuu keenya hunda male.
Yohaannis 13 keessatti, fayyisuun isaa attamitti barabaraan fiixa ba’u bartoota isaa barsiisuuf jecha, utuu gara fannootti hin deemin dura walitti isaan qabe. Yeroo isaani wajjin irbaata faasikaa nyaate, dhugaa irraa hafaa fayyisuu isaa garaa isaanii keessatti qirixuuf jecha miilla isaanii dhiqe. Egaa wangeela fayyinaa kana, isa Yesuus yeroo miilla bartoota isaa dhiqe barsiise beeknee itti amanuu qabna.
Jalqaba irratti Pheexiros akka Yesuus miilla isaa hin dhiqneef didee ture. “Si tu miilla koo dhiqaa!” Kun egaa amantii miira isa irraa dhalatee dha. Garuu Yesuus, “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef.”
Amma garuu, wangeela bishaanii fi hafuuraatiin dubbii macaafa qulqulluu keessaa wantoota yaada keenya garas ta’e hiikkachuu ni dandeenya. Innis dubbii dhugaa, wangeela bishaanii fi hafuuraa, dhiifama cubbuu, isa namni itti amanee qajeelummaa ittiin argatu/ttu dha.
Pheexiros akkuma isaa utuu Yesuusiin hin quunnamin hojjechaa turetti warra kaanii wajjin qurxummii qabuu dhaqe. Yesuus isaan dura bu’ee achi keessaa isaan baase. Yesuus ciree isaaniif qopheessee yeroo nyaatu, dubbii Yesuus itti dubbachaa ture hubachuutti ka’e. “Yesuus immoo waan ani hojjechaa jiru amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhee deebiseef.” Amma egaa maaliif akka Yesuus miilla isaa dhiqeef ni hubate.
“Yesuus cubbuu koo hundumaa na irraa dhiqeera. Dadhabbii koo irraan kan ka’ee cubbuun hojjedhee fi gara fuula duraatti wanti ani hojjedhu hundas na irraa kaaseera.” Pheexiros amantii isa yaada isaa fi murtoo isaatti dhalate sana dhaabee amantii isaa karaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin dhiifama cubbuu argate irratti jabaatee ni dhaabbate.
Erga ciree nyaatanii booda Yesuus, “isaan kun kan isaan na jaallatan caalaatti na jaallattaa ree?” jedhe. Yeroo kanatti Pheexiros amantii isa jaalala Yesuus irraa burqu irratti hundaa’uu dhaan akkana jedhe. “Eeyyee gooftaa, akkan si jaalladhuu atu ni beekta.” Yeroo kanatti wanta Yesuus, “Amma hin beektu gara booddeetti garuu ni hubata jedhe” sana hubateera. Amantii isaa isa dhugaa amantii bishaan fi dhiigaa, wangeela araara cubbuu, dhugaa ba’uu ni danda’e.
 
 
Ergasii, Garbicha Waaqayyoo isa Dhugaa ta’e
 
Attamitti tajaajilaa Waaqayyoo isa dhugaa ta’uu dandeessa?
Araara baraabaraa inni cubbuu keetiif buusetti amanuu dhaan
 
Muuxannoo kanaan booda, Pheexirosii fi baraattoonni warri kaanis, amma gaafa obbafataniitti wangeela dhugaa lallabaa turan. Phaawulos inni garajabinaan amantoota ari’achaa ture iyyuu bara rakkina mootummaa warra Roomaa keessatti iyyuu wangeela dhugaa ba’eera.
Barattoota Yesuus kudhalamaan keessaa, Yihudaan gooftaa gurguree booddee immoo ofii isaa fannise. Ergamaan Phaawulos iddoo isaa bu’e. Bakka isaa baratoonni Maatiyaasiin of keessaa filatanii turani, garuu Waaqayyo kan inni file Phaawulosiin ture kanaaf inni wangeela araara cubbuu barattoota warra kaani wajjin biyya lafaatti lallabaa ture.
Barattooni Yesuus hundi isaanii wareegamaan du’ani. Isaan du’aan yoo sodaachifaman iyyuu, sodaatanii wangeela lallabuu hin dhaabne.
Isaan akkanatti lallabaniiru ta’uu danda’a: “Yesuus Kiristoos cubbuu foon kee hundumaa cuuphaa fi dhiigaa isaatiin dhiifama argamsiiseera. Yesuus cuuphamuu isaa laga Yordaanosiin cubbuu kee hunda si irraa fuudhee, fannoo irratti gatii isaa firdii du’aa fudhateera. Wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amani ni fayyitaa.”
Wangeela isa jalqabaa dhagaa’anii itti amanuun dhuguma nama ni fayyisa. Inni humna amantii wangeela cuuphaa fi dhiigaa Yesuus fi hafuuricha.
Barattoonni wangeela bishaanii fi Hafuuraa, “Yesuus Waaqayyoo fi Fayyisaa dha” jechaa lallaban. Wangeela bishaan fi hafuuraaf dhugaa ba’uu qabu waan ta’eef, anis har’a kana dhaga’uu danda’ee cubbuutti fayyeera. Sababa jalalli Waaqayyo dhuma hin qabneef, Yesuus isa kana waan raawwateef nuyi immoo duuka buutuu isaa ta’uu dandeenye.
Kana ni amantaa? Yesuus waan nu jaallatuuf wangeela bishaan fi hafuuraa nuuf kenne, dhiifama cubbuu argannee qajeelota taaneerra. Wangeela dhiifama cubbuu dhugaatti lallabuudhaaf, Yesuus miilla bartoota isaa dhiqe.
Yesuus miilla bartoota isaa dhiquun isaa karaa cuuphamuu isaa cubbuu nuyi bara keenya keessatti hojjenne hunda gara isaatti fudhatee sababii isaaf fannoo irratti akka dhiige barsiisuuf. Jaalala isaa fi wangeela dhiifama cubbuu inni nuuf kenneef Yesuusiin ni galateeffanna.
Yesuus miilla bartoota isaa dhiquu isaa tiif waan lama nu barsiisa. Jalqaba isa, “Amma hin beektu gara booddeetti garuu in hubatta jedhe” isa jedhe sana wangeela dhiifama cubbuu, cuuphaa fi dhiiga isaa tiin cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqe isaan barsiisuuf ture.
Barsiisi lammaffaa Yesuus gad of deebisee, cubbamoota fayyisee, qajeelota akka godhe, nuyis warri lammaffaa dhalanne, wangeela dhiifama cubbuu akka lallabuu qabnu nu hubachiisuu dha. Nuyi warri jalqaba dhufne warra lammaffaa dhufan tajaajiluun nu irraa eegama.
Sababii lammaffaan gooftaan miilla bartoota isaa guyyaa faasikaa dhiqeef immoo akka isaan qulqullaa’anii waldaa keessa jiran agarsiisuudhaaf.
Barataan barsiisaa isaa ol ta’uu hin danda’u. Kanaafuu, akkuma waan Yesuusiin tajaajilaa jirruutti wangeela biyya lafaatti lallabna. Warri jalqaba amanan warra isaan booddeetiin gara waldaa dhufan tajaajiluu qabu. Yesuus kana nu barsiisuuf jecha miilla isaani dhiqe. Akkasumas, miilla Pheexirosiin dhiquun isaa fayyisaa guutuu ta’uu isaa agarsiisee akka nuyi lammaffaa seexanaan hin dogoggorree gochuu dha.
Wangeela dhiifama cubbuu, wangeela bishaan fi hafuuraatti amantee fayyuu ni dandeessa. Yesuus cuuphaa, fannoo fi du’aa ka’uu isaatiin cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqe. Warra wangeela isaatti amanan qofaatu fayyina baraabaraa kana argachuu dada’a.
 
 
Wangeela Isa Cubbuu Nuyi Guyyaa-guyyaatti Hojjennu nu irraa Dhiqutti Amani
 
Wangeela dhiifama cubbuu labsu, wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuu dhaan gowwoomsaa seexanaa of irra kutuu dandeenya. Asaasa seexanaa gurra isaaniitti kan dhaggeeffatan in gowwoofamu. Namni biyya lafaa hundi cubbuu dhaabuu waan hin dandeenyeef attamitti cubbuu malee jiraachuu danda’u? Namni hundinuu cubbamaa dha.
Haa ta’u malee nuyi deebii isaa beekna. “Akka Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatti fudhate utuu beekinuu attamitti cubbamaa immoo taana? Yesuus gatii cubbuu keenya hunda nuuf baaseera, kanaafuu kan nuuf hafee maaltu jira?”
Wangeela bishaan fi dhiigaatti hin amannu yoo taane, dubbiin seexanaa dhugaa fakkaata. Garuu gama keenyaan wangeela of keessa qabna yoo taane, dubbii dhugaa Waaqayyo irraa amantii hinsochoone ni qabaanna.
Wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi dhiigaatti amanuu qabna. Amantiin dhugaa wangeela cuuphaa, dhiiga fannnoo isaa fi du’aa ka’uu isaatti amanuu dha.
Fakkii godoo qulqullaa’aa agartee beektaa? Inni dunkaana xiqqoo dha. Dunkaanichii kutaa lamatti hirama, inni bakke eirraan jiru iddoo qulqullaa’aa, inni keessaan jiru immoo iddoo baayyee qulqullaa’aa, iddoo teessoon araaraa, taa’uu dha.
Bakkeen dunkaana sanaa waliigalatti utubdoota 60 yeroo qabaatu, iddoon baayyee qulqullaa’aa immoo gabatee 48 qaba. Sagalee Waaqayyoo sirriitti beekuudhaaf fakkii dunkaana sanaa sammuu keessaa qabachuun keenya barbaachisaa dha.
 
 
Balballi oobdii dunkaana Qalqullaa’aa sun maali irraa hojjetamaa ture?
 
Balballi oobdii dunkaana Qalqullaa’aa sun maali irraa hojjetamaa ture?
Balballi oobdii golgaa bifa waaqaa, dhiilgee, Bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa irraa hojjetama.
 
Balballi oobdii dunkaana qalqullaa’aa Seera Ba’uu 27:16 irratti akkanatti ibsamee jira, “Karra oobdichatti dheerinni isaa dhundhuma digdama kan ta’uu golgaa uffata quncee talbaa fo’amaadhaan dha’amee, namni ogeessi immoo fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa qabuun irratti hodhe tolchi. Utuubdoonni isaa afur, miiloon isaas afur haa ta’an.” Wantoonnii dunkaanni kun irraa hojjetamu, fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa dha. Isaan kun haalluu adaaddaatiin sirriitti fo’amuu qabu.
Museen akka namni yeroo keessa seenu hin rakkannetti balbalichi, fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa, sirriitti akka hojjetamu abboomeera. Balbalichi fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaan fi uffata quncee talbaa kun utubdoota afuri irratti sirriitti hidhamani hojjetamu.
Wantoonni arfan kun akeeka Waaqayyoo warra tokkicha ilma isaatti amanan karaa cuuphaa, dhiiga Yesuusii fi inni Waaqayyoon ta’uu isaatti warra amanan fayyisuu dha.
Tokkoon-tokkoon meeshaaleen godoo qulqullaa’aa (dunkaanaa) kun irraa hojjetaman hiikkaa addaa fi sagalee Waaqayyoo fi akeeka inni karaa Yesuus ilmaan namaa ittiin fayyisu agarsiisa.
Mee amma, balballi oobdii dunkaana qalqullaa’aa waan meeqa irraa hojjetamu turan? Meeshaalee gosa addaaddaa afur; bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa irraa ti. Wangeela lammaffaa dhalachuu keessatti, isaan kun amantii keenya nuuf jabeessuuf warra baayyee barbaachisanii dha. Utuu baayyee hin barbaachisan ta’e, silaa akka kana gad fageenyaan hin galmaa’an turan.
Meeshaaleen balbala oobdii dunkaana qalqullaa’aa irraa hojjetaman hundi, wantoota fayyina keenyaaf barbaachisoo ta’an agarsiisu. Waaqayyo kanaaf Museetti mul’isee akka inni sirriitti ittiin hojjetuufis cimsee itti dubbate.
 
 
Haalluun Bifa Waaqaa, Dhiilgee, Bildiimaa fi Fo’aan qunceetalbaa Wangeela Waaqayyoo keessatti hiikkaa maalii qabu?
 
Meeshaaleen Dunkaana Ijaaruuf fayyadaman maalitti fakkeeffamu?
Fayyina karaa cuuphaa fi Dhiiga Yesuus
 
Golgaan iddoo qulqullaa’aa fi iddoo baayyee qulqullaa’aa gargar qoodu boffee quncee talbaa gaarii bifa waaqaa dhiilgee, bildiimaa irraa kan hojjetamee dha. Uffannaan angafa lubaa iddoo qulqulluu qulqullotaa keessa galee waggaatti si’a tokko aarsaa dhi’eessuuf galus isuma kan golgaa sanaa irraa hojjetama.
Fo’aan bifa waaqaa sun cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa. Pheexiros 3:21, “Cuuphaan fakkeenya isa isin amma ittiin ooltanii dha” jedha. Pheexiros, Yesuus cuuphaa isaa tiin cubuu biyya lafaa hunda irraa kaasuun isaa fakkeenya araara fayyinaa akka ta’e luqisii gabaabaa kanaan mirkaneesseera. Cubuun keenya hundi karaa cuuphaa isatti darbeera. Kanaafuu, fo’aan bifa waaqaa, cuuphamuun Yesuus, fayyina keenyaaf dubbii bayyee barbaachisaa dha.
Fo’aan bifa bildiimaa fakkeenya dhiiga Yesuusiin agarsiisa, fo’aan bifa dhiilgee immoo Waaqummaa isaa—Yesuus mootii fi Waaqayyo ta’uu isaa agarsiisa. Fo’aan bifa sadanii kun amantii nuyi Yesuus irraa qabnuu fi fayyisuu isaa hubachuuf baayyee barbaachisoo dha.
Uffannaa miidhagaan angafi lubaa uffatu ‘efod’ kan jedhamu, sun bifa waaqaa tiin hojjetama. Angafi lubaa sun marata mata, isa boca warqee qulqulluu tiin qirixame sun, ‘QULQULLINNI WAAQAYYOOF’ kan jedhu agarsiisa. Aguuggiin fo’aa bifaa waaqaa tiin marata mataatti maxxanfama.
 
 
Dhugaa Fo’aan Bifa Waaqa Inni Bakka Bu’uu
 
Fo’aan Bifa Waaqa fakkeenya maalii agarsiisa?
Cuuphamuu Yesuusiin
 
Hiikkaa fo’aa bifa waaqa kana macaafa qulqulluu keessa barbaadeera. Waa’ee bifa waaqaa macaafni qulqulluun maal jedha? Fo’aa bifa waaqaa, bifa Waaqaa, Dhiilgee, Bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa keessatti hubachuu qabna.
Bifti waaqaa ‘bishaanicha,’ innis, cuuphamuu Yesuusiin bakka bu’a. Yesuus Kiristoos cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhachuuf jedhee Yohaannis cuuphaan cuuphame (Maatewos 3:15).
Cuuphamuu isaatiin utuu Yesuus cubbuu keenya nu irraa hin kaafne ta’ee, Waaqayyoon duratti hin qulqulloofnu turre. Kanaaf, Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee Yohaannis cuuphaan laga Yordaanositti cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuutu irra ture.
Sababa balballi oobdii dunkaana Qulqullaa’aa bfta waaqaa ta’eef, cuuphamuu Yesuusiin ala qulqullaa’uu waan hin dandeenyeef.
Fo’aan bifa bildiimaa du’a dhiiga Yesuusiin agarsiisa. Bifni dhiilgee, Sadarkaa Waaqaummaa Yesuusiin, “Warra mootota ta’ani irratti inni mootii ta’e, warra gooftota taa’an irratti gooftaa” akka ta’e agarsiisa (1 Xiimotewos 6:15).
Dhugaan fo’aan bifa bildiimaa fakkeenya Yesuus biyya lafaatiif du’ee fannoo irratti dhiigee agarsiisa. Yesuus fooniin dhufuun isaa cuuphaadhaan cubbuu ilmaan namaa hunda gara ofiisaatiittti fudhatee, gatii cubbuu tiif fannoo irratti ofii isaa aarsaa godhee dhi’eesseera. Cuuphaa fi dhiigni Yesuus dhuga awangeela dhiifama cubbuu isaa karaa fo’aa garaagaraa dunkaana qulqullaa’aa bara Kakuu Moofaa agarsiisa.
Utubaan isaa muka laaftoo irraa soofamee kan hojjetame, miiloon isaa sibiila boorrajjii irraa hojjetamee warqeen irra kan dibamee dha.
Namni hundinuu cubbuu isaatiif firdiin itti muramuu qaba sababiinsaa gatiin cubbuu du’a waan ta’eef. Bara Kakuu Moofaa keessatti, namni tokko eebba jireenya haaraa utuu Waaqayyo biraa hin argatin dura, aarsaa dhiifama cubbuu dhi’eessuu qaba/di.
Haa ta’uu iyyuu malee, cuuphamuun Yesuus inni dunkaana qulqullaa’aa irraa fo’aa bifa waaqaan bakka bu’e sun cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera. Yesuus cubbuu keenya hunda gara ofii isaatiitti ol fudhatee, warra wangeela dhiifama cubbuutti amanan hunda fayyisseera. Inni mootii moototaa fi qulqulluu Waaqayyoo dha.
Jaalatamoo kiristaanotaa, cuuphamuun Yesuus fayyisuu isaa, isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee dha. Yesuus, Waaqani dhugaa, foon uffatee (fo’aa dhiilgee); cuuphaa isaa (fo’aa bifa waaqaa) cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhate; fannifamee iddoo keenya firdii ni baate (fo’aa bildiima). Egaa cuuphamuun Yesuus shakkii tokko malee akka inni fayyisaa biyya lafaa ta’e nu barsiisa.
Halluu addaaddaa balballi dunkaana qulqullaa’aa irraa hojjetamanis ilaaluu dandeenya.
Uccuu balbalaa fo’a bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa fi fo’aa quncee talbaa tiin hodhuun, fayyisuu Waaqayyoo agarsiisu. Cubbuu nuyi hojjenne utuu gargar hin baasin hunda isaattii nu fayyiseera. Fayyina araara cubbuuf isaan kun bayyee barbaachisoo dha.
Wantoota balbala dunkaana qulqullaa’aa irraa hojjetaman irraa yeroo ilaallu, Yesuus Kiristoos kaayyoodhaan ala akka nu hin fayyifne ilaalla. Inni, eeggannaadhaan Waaqayyoof akeeka gad fageenyaan abboomamee, ni cuuphame, ni fannifame, du’aa ka’ee fayyina ilmaan namaa raawwatee guutuu godhe. Halluu bifta waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa, meeshaalee fayyisuu wangeelaa kanaan, Yesuus warra isatti amanan ni fayyisa.
 
 
Harkeen Dhagaa Boorrajjii Kakuu Moofaa Gaaddidduu Cuuphaa Kakuu Haaraa ti
 
Luboonni iddoo qulqullaa’aa utuu hin dhaqin dura maaliif harkaa fi miilla isaanii dhiqachuu qabu?
Sababiinsaa cubbuu tokko malee Waaqyyoon dura dhaabachuudhaaf.
 
Harkeen dhiqannaa sun dhagaa boorrajjii irraa hojjetama. Dhagaan boorrajjii sun firdii gooftaan nuuf jedhee fudhate agarsiisa. Dhiqannaan bishaanii sun immoo dubbii wangeelaa isa cubbuun keenya ittiin nu irraa ka’e agarsiisa.
Kun egaa cubbuuttiii qullaa’uun akka raawwatame agarsiisa. Cubbuun ilmaan namaa hundi amantii dubbii cuuphamuu Yesuusiin ni qullaa’a.
Aarsaan gubamuuf dhi’aatu firdii agarsiisa. Bishaanni Yesuus, inni bifa waaqaa, wangeela araara cubbuu, jecha biraatiin, Yesuus Yohaannisiin cuuphamuu agarsiisa (Maatewos 3:15, 1 Yohaannis 5:5-10). Kun dubbii dhuga ba’umsa fayyisuu wangeela araaraati.
1Yohaannis 5, keessatti akkanatti barreeffamee jira, “Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu kunis amantii keenya. Dhuga baatuu sadiitu lafa irra jira: Isaanis, Hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u.” Inni namni ilma Waaqayyootti amanu dhuga ba’umsa Hafuuricha, bishaanichaa fi dhiigicha akka of keessaa qabu nutti dubbata.
Waaqayyo amantii wangeela araaraatiin qulqulloofne dunkaana qulqullaa’aa sanatti akka nuyi gallu barbaada. Amma egaa amantii dhaan dubbii Waaqayyootti jiraannee, isaan eebbifamnee, jireenya qajeelaa jiraachuu ni dandeenya. Saba Waaqayyoo ta’uu jechuun amantii wangeela araaraatiin fayyanii dunkaana qulqullaa’aatti galuu dha.
Bara ammaa kanatti namoonni baayyeen utuu waa’ee fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa balbala dunkaana qulqullaa’aa sana hin beekin iyyuu amanuun ga’aa dha ni jedhu. Garuu wantoota kana utuu hin beekin namni Yesuusitti amanu amantiin isaa/she dhugaa ta’uu hin danda’uu sababiin isaa cubbuun laphee isaa/shee keessatti waan hafuuf. Namni akkanaa laphee isaa/shee keessatti cubbuun ni hafa sababiin dubbii dhugaa lammaffaa dhalachuu isa wangeela araaraa karaa cuuphaa, dhiigaa fi Hafuuratti waan hin amanneef.
Namni tokko nama kan biraa inni hin beekne akka inni madaaluuf yoo gaafatame, nama isa dhaggeeffatu kana gammachiisuu dhaaf, akkana ni jedha/tti, “Eeyyee, nama kanatti nan amana. Garuu isa hin quunnamne, haa ta’uu iyyuu malee; itti nan amana.” Inni dhaggeeffatu sun kanatti ni gammada jettee ni yaaddaa? Akka yaada namaatti atis waan akkana ni goota ta’a, garuu Waaqayyo amantii akkanaatiin akka isa quunnamnu nu irraa hin barbaadu.
Waaqayyo akka nuyi wangeela dhiifama cubbuu, fayyisuu Yesuus, fo’aa bifa waaqa (cuuphaa isaa), fo’aa dhiilgee (Waaqummaa isaa); fo’aa bildiima (Dhiiga isaa) tiin nu fayyise hubannee akka itti amannu nu irraa eega. Utuu isatti hin amanin dura akkaataa inni ittiin cubbuuttii nu fayyisu beekuu qabna.
Yeroo Yesuusitti amannu, akkaataa inni karaa bishaanii, (cuuphaa isaa), dhiiga isaa (du’a isaa) fi Hafuurichaa (Waaqummaa isaatti) nu fayyisetti amanuu qabna.
Dhugaatti yeroo hubannu, muuxannoo amantii dhugaa ni qabaanna. Dhugaa kana utuu hin beekin amantiin keenya guutuu hin ta’u. Amantiin dhugaa dhuga ba’umsa fayyisuu Yesuus irratti hundaa’a, wangeela araaraa fi Yesuus fayyisaa dhugaa ilmaan namaa akka ta’ee amanuu dha.
Amantiin Yesuusitti qoosu maal fakkaata? Mee haa ilaallu.
 
 
Amantii Yesuusitti Qoosu
 
Amantiin baayyee barbaachisu maal inni?
Beekumsa sirrii waa’ee Cuuphamuu Yesuus
 
Hubannoo malee Yesuusitti amanuun isatti qoosuu akka ta’e hubachuu qabda. Yoo, “Amanuun cimaa dha, Garuu inni Waaqayyoo dha, ilma Waaqayyoottis, waanuma fedheefuu itti amanuun qaba” jettee ni yaadda ta’e, Yesuusitti qoosaa jirta jechuu dha. Dhugaatti lammaffaa dhalachuu yoo feete, cuuphamuu, dhiigaa fi wangeela araara cubbuutti amanuu qabda.
Wangeela araara cubbuu tiin ala Yesuusitti amanuun isa itti hin amanne caalaatti rakkisaa dha. Waa’ee dhiiga isaa qofa lallabuun utuu dhugaa hunda hin beekin akkasumaan hojjechuu dha.
Yesuus namni tokko illee naannoo lallaba kaayyoo hin qabnee akkasumaan akka jooru hin barbaadu, yookaan yaada amansiisaa utuu hin argatin akka namni itti amanuu hin barbaadu. Inni wangeela araara cubbuu hubannee akka isatti amannuu barbaada.
Yeroo Yesuusitti amannu, wangeelli araara cubbuu, cuuphaa fi dhiiga Yesuus akka ta’e beekuu tu nu irra jira. Yeroo Yesuusitti amannu, wangeelli araara cubbuu karaa sagalee isaatii akka inni cubbuu keenya nu irraa dhiqe amanuu qabna.
Akkasumas waa’ee balbala dunkaana qulqullaa’aa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa maaliif akka ta’ee beekuu qabna. Yoo akkas ta’e, amantii dhugaa qabaannee barabaraan jiraanna.
 
 
Hubannoo amantii waa’ee fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa Yesuus irraa osoo hin qabaatiin lammaffaa dhalachuu hin dandeenyu
 
Iddoo qulqulluutti utuu hin seenin duraa luboonni maal godhu?
Harkaa fi miilla isaanii harkee sibiila boorajjitti dhiqatu.
 
Gooftaan keenya Yesuus nu fayyiseera. Wantii nuyi goonu isa Waaqayyo gutuumaan guutuutti nu fayyiseef isa galateeffachuu dha. Dunkaana qulqullaa’a sana ilaaluu qabna. Inni sagalee araaraa karaa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa dunkaana qulqullaa’aatiin nu fayyise. Kanaaf Waaqayyoon ulfeessuu qabna.
Cubbamoonni iddoo qulqulluutti osoo hin taane iddoo firdii ulfaataatti galu. Iddoo firdiitti malee attamittiin cubbamoonni iddoo qulqulluutti galu? Kun takkaa hin dandaa’amu. Namoonni akkanaa iddoo dhorkamaatti ni galu yoo ta’e, asittis achittis ni du’u. Firdii ulfaataa dha. Cubbamoonni iddoo qulqullaa’aatti galanii jiraachuu hin dandaa’an.
Waaqayyo dhoksaa balbala dunkaana qalqullaa’aa keessaan nu fayyiseera. Fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa fi fo’aa bifa quncee talbaa tiin, inni nu fayyiseera. Inni dhooksa kanaan waa’ee fayyina nutti dubbateera.
Nuyi karaa kanaan fayyineeraa? Yoo dhoksaa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee, bildiimaa hin amannu taane, wangeela araaraa argannee ittiin fayyuu hin dandeenyu. Halluun waaqaa Waaqayyoon bakka hin bu’u; inni cuuphaa Yesuusiin malee kan biraa bakka hin bu’u. Kan cubbuu keenya nu irraa fuudhe cuuphamuu Yesuus.
Aarsaa dhiifama cubbuu, fo’aa bifa waaqaa kanaan malee ol galuun ni danda’u. Haa ta’uu iyyuu malee, iddoo qulqulluu bakka Waaqayyo taa’uutti seenuu hin dandaa’an.
Kanaafuu, utuu dunkaana qulqullaa’aa tti ol hin galin dura, fo’aa bifa waaqaa (cuuphaa isaa), fo’aa dhiilgee (Waaqummaa isaa fi ilma Waaqayummaa isaa); fo’aa bildiimaa (Dhiiga fannoo isaa) tiin akka nu fayyise amanuu qabna. Egaa yeroo amannu, Waaqayyoon duratti fudhatama argannee golgaa iddoo qulqulluu qulqulootaa tti galla.
Tokkotokko oobdii bakkee dunkaanaatti galanii akka waan isa keessatti galaniitti lakkaa’atu. Garuu kun fayyina miti. Fayyuu dhaaf ammam deemuu qabna? Iddoo qulqulluu qulqullootaatti galuu qabna.
Iddoo qulqulluu qulqullootaatti galuu dhaaf, sibiila boorrajjii irratti dhiqachuu qabna. Sibiilli boorrajjii sun cuuphaa Yesuusiin bakka bu’ee akka namni iddoo qulqulluu qulqullootaatti galuuf qopheessa.
Bara Kakuu Moofaa keessatti luboonni utuu hin seenin dura dhiqachuu qabu, Kakuu Haaraa keessatti immoo Yesuus miilla bartoota isaa dhiqee, kun immoo bara isaani guututti cubbuu isaanii irraa miiccuu isaa agarsiisa.
Seerri Waaqayyoo, “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a, kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” (Roomaa 6:23). Waaqayyo cubbuu tokko utuu gargar hin baasin firdii itti kenna, garuu Waaqayyo firdii cubbuu kana Yesuusitti dabarsee iddoo keenya firdii itti kenne. Kun fayyisuu, jaalala Waaqayyoo ti. Fayyina argachuun kan dandaa’amu, yeroo wangeela araaraa isa cuuphaa, dhiigaa, du’a isaa fi du’aa ka’uu isaatti amannu qofaa dha.
 
 
Namni Lammaffaa dhalachuu Barbaadu eenyu iyyuu dhugaa Macaafa Qulqulluu, Wangeela Araara cubbuu Tuffachuu hin qabu
 
Akka nuyi goonuuf Wanti Nuuf kaa’ame maali?
Dubbii Waaqayyoo isa Barreeffameetti amanuu dha.
 
Ani namoota warra kaan hin tuffadhu. Namni tokko yeroo wanta ani hin beekne tokko haasa’u, ani gara laafinaan akka namni sun naa ibsuuf nan gaafadha. Garuu waa’ee akkaataa dunkaanaa yeroon gaafadhu namni naa deebisu hin argadhu.
Egaa maal gochuun danda’a? Gara maacaafaatti deebi’uun qaba. Macaafa Qulqulluu keessatti, waa’ee dunkaanaa eessatti barreeffamee jira? Bal’inaan seera ba’uu keessatti argama. Namni tokko macaafa kana sirriitti yoo dubbisee, waa’ee kanaaf sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jiru ni hubata.
Jaallatamoo obboloota koo amantii ofirraabaasaan fayyuu hin dandeenyu. Ofiirraabaasa Waldaa ordofuudhaan fayyuu hin dandeenyu. Yesuus Niqoodemositti waan inni dubbatee dhageenyeerra. “Dhuguma dhuguman sitti hima eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaa baate, mootummaa Waaqayyotti galuu hin danda’u…. Ati barsiisaa Israa’el kan taate, kana hin beektuu?” (Yohaannis 3:5, 10)
Namni Yesuustti amanu hundinuu, fo’aa bifa waaqaa (Yeroo Yesuus cuuphame cubbuun biyya lafaa hundi gara isaatti akka darbe), fo’aa bildiimaa (cubbuu keenyaaf du’uu Yesuus) fo’aa dhiilgee (Waaqummaa, ilmaa Waaqayummaa isaa fi Yesuus fayyisaa ta’uu isaa) amanuu qaba.
Yesuus Kiristoos fayyisaa cubbamoota biyya lafaa akka ta’e amanuu qabna. Amantii kana malee, lammaffaa dhalachuus iddoo qulqullaa’aa mootummaa Waaqayyottis galuu hin dandeenyu. Biyya lafaa kana keessatti isaan malee namni amanamummaatti jiraachuu danda’u hin jiru.
Namni tokko Yesuusitti amanuudhaan lammaffaa dhalachuun hin salphatuu? —Eeyyee.— “♫Ati fayyiteetta. Anis fayyeera. Nuyi hundi keenya fayyineera.♫” Attam gaarii dha! Garuu namoonni bayyeen ‘lammaffaa dhalachuu’ ala akkasumattiin Yesuusitti kan amanan jiru.
Dhugaa macaafa qulqulluu beeknee Yesuus irraa amantii qabaachuu qabna. Wangeela araaraa macaafa qulqulluu keessaa hubannee iddoo qulqullaa’aa dunkaanaa keessa galuuf hiikkaa fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaatti amanuu qabna. Amantii keessa dunkaanaatiin, yeroo Yesuus lammaffaa deebi’ee dhufutti, mootummaa isaatti gallee ni gammanna. Akkaataa sirrii ta’een Yesuusitti amanuu qabna.
 
 
Wangeelli Jalqabaa Fo’aa Bifaa Waaqatiin Qulqullina ni Uumaa
 
Fayyuu dhaaf Fannoo Yesuus biratti wanti baayyee barbaachisu maali?
Cuuphaa Yesuus
 
Namoonni dogoggora tokko malee akka waan jiraatanitti of lakkaa’u. Haa ta’uu iyyuu malee, ammuma waan gaarii gochuuf yaalan ammuma kana hirrina isaanii argu. Namni hir’uu dha, cubbuu hojjechuu dhiisuu hin dandaa’an. Garuu, Yesuus karaa fo’aa bifa waaqaa, bildiimaa fi dhiilgee tiin wangeela araaraatiin, nu qulqulleessee iddoo qulqulluu Waaqayyootti nu galcha.
Utuu Waaqayyo karaa fo’aa bifa waaqaa, bildiimaa fi dhiilgee tiin nu hin fayyifne ta’ee, dandeettii keenyaan, iddoo qulqulluu Waaqayyootti galuu hin dandeenyu turre. Sababiin kanaa maali? Utuu namoonni humna isaaniitiin waan gaarii hojjetanii iddoo qulqulluutti ni galu ta’ee, silaa namni kanaaf ta’uu tokko illee hin argamu ture. Utuu wangeela dhugaa hin dhaga’in Yesuusitti amanu, cubbuu malee waan biraa dabalachuu hin danda’u.
Waaqayyoo akeeka cimaadhaan nu fayyise: fayyina fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaatti fi fo’aa quncee talbaa. Inni cubbuu keenya hundumaatti nu fayyiseera. Kanatti ni amantaa? —Eeyyee.— Dhugaa wangeela araaraa fi dhuga ba’umsa laphee kee keessaa qabdaa? —Eeyyee.—
Yeroo dhuga ba’umsa wangeelaa qabaattu qofa gabatee warqee, ‘QULQULLINA WAAQAYYOOF’ kan jedhu adda kee irraa qabaattee ‘luba mootichaa’ tti dabalamata (1 Pheexiros 2:9). Yeroo kana qofa ani garbicha Waaqayyoo ti jettee, akka luba mootichaatti dubbachuu dandeessa.
Marati mataa angafa lubaa baataa warqee ni qabaata, gabateen sunis funyoo dibata warqeetiin walitti ni hidhama. Maaliif haalluu waaqaa ta’e? Sababiinsaa Yesuus wangeela araaraatiin nu fayyisee cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee cuuphaa isaa tiin warra cubbuu hin qabne nu godhe. Cuuphaan bara Kakuu Haaraa keessaa harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa wajjin walqixxee dha.
Akka fedhe iyyuu damaqnee isatti yoo amanne gabatee warqee isa ‘QULQULLINA WAAQAYYOOF’ jedhu qabaachuu hin dandeenyu yoo dhoksaa dubbii fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa sana yoo hubanne malee.
Attamitti qajeelota taane? Maatewos 3:15 dubbiin, “Waan qajeelaa ta’ee hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf in ta’a” kan barreeffame jira. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hundaattii nu fayyise. Cuuphaa isaatiin, cubbuu keenya hunda nu irraa waan kaaseef nuyi amantoonni qajeelota taane.
Utuu cuuphamuun Yesuus hin taane ta’ee attamitti ani cubbuu hin qabu jetta? Akka fedhe Yesuusitti amannuudhaan waa’ee fannoo isaa yaadnee akka fedhe yoo sagalee keenya guddifnee akka fedhe yoo kadhanne iyyuu, cubbuun keenya nu irra hin dhiqamu. Lakki. Akka fedhe yoo qalbii diddiirrannee, kadhannes, cubbuun keenya mataa keenya irratti hafa.
‘QULQULLINA WAAQAYYOOF.’ Cuuphaa fi dhangala’uu dhiiga isaatiin cubbuun keenya akka inni gara Yesuusitti darbuuf Waaqayyo waan hayyamee fi sagaleen fayyinaa macaafa qulqulluu keessatti waan galmaa’ee jiruuf, attam cubbamaa fi dadhaboota yoo taane iyyuu, amantiidhaan qajeelota taanee jirra.
Kanaafuu, amma Waaqayyo dura dhaabbachuu dandeenya. Egaa akka qajeelummaatti jiraannee wangeela biyya lafaatti lallabuun nu irraa eegama. “♪Ani fayyeera. Atis fayyiteetta. Nuyi hundi keenya fayyineerra.♪” Akka akeeka araara Waaqayyootti fayyineerra.
Wangeelli araaraa laphee kee keessa yoo jiraate malee, akka fedhe yoo yaalte iyyuu fayyina argachuu hin dandeessu. Faarfannaa beekamaa biyya Kooriyaa waa’ee jaalala deebii hin qabne jedhu wajjin walfakkaata. “♫Ohoo, lapheen koo utuu itti hin yaadin bakkuma argutti bayyee ariitiidhaan na rukute. Ani jaalala deebii hin qabne keessan jira.♫” Lapheen koo ariitiidhaan na rukuta, garuu kan ishee miti. Jaalalli koo deebii hin qabu. Haaluma kanaan kiristaanonni baayyeen Waaqayyoof jaalala hin deebine qabu.
Namoonni akka waan fayyinni karaa garaagaraa saba garaagaraaf waan dhufu ni fakkeessu. “Karaa wangeela cuuphaa qofa attamitti ta’a?” jedhanii gaaffii ni kaasu. Garuu amantii cuuphaa Yesuusiin ala fayyina guutuu argachuun hin dandaa’amu. Karaa nuyi ittiin qajeelaa taanu karaa sana qofa, sababiinsaa, karaa sana qofa cubbuu hundinuu kan  qullaa’uu danda’u.
 
 
Fayyinni fo’aa bifa waaqaa Yesuus nuuf kenne maalii?
 
Maaltu qajeelaa nu godha?
Wangeela fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa
 
Fayyinni kara wangeela fo’aa bifa waaqaa, dhiilgee fi bildiimaa waan Waaqayyoo biyya lafaatiif kennee dha. Kennaan kun akka nuyi dunkaana qulqullaa’aatti gallee nagaa argannuuf nu gargaara. Inni qajeelota nu godhee akka nuyi waldaa keessa jiraannuu fi karaa waldaas leenjii macaafa qulqulluu akka argannuuf nu gargaara.
Kadhannaaf yeroo Waaqayyoon duratti dhi’aannu, wangeelli jaalala isaatiin nu eebbisa. Kanaaf fayyinni keenya fayyina gati jabeessa ta’e. Yesuus mana amantii ‘dhagaa’ irratti akka ijaarrannuf nutti dubbate. Dhagaan kun wangeela cuuphamuu isaati. Kanaaf hundi keenya fayyinee, fayyinattis jiraannee, gara waaqaa dhaqne, barabaraan ijoollee Waaqayyoo ta’uu dhaan ni jiraanna.
Jaallatamoo firoota koo, sababii wangeela araaraaf, iddoo qulqullaa’aa dunkaanaatti amantii dhaan galla. Sababa cubbuun keenya karaa (cuuphamuu Yesuus) fi fannoo isaattiin nu irraa ka’eef, amantii wangeela cuuphamuu Yesuusiin ni fayyina.
Araarri irraa hafaa cubbuu keenyaa, cuuphamuu fi fannifamuun Yesuus cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqeera. Kana ni amantaa? Wangeelli dhugaa wangeela araaraa waaqa irraa isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee dha.
Wangeela araara baraabaraatti amanuudhaan lammaffaa dhalanneerra. Yesuus Wangeela araara baraabaraa isa cubbuu keenya hunda, isa gara fuula duraa iyyuu nu irraa kaase nuuf kenneera. Waaqayyoof galanni haa ta’u. Haaleluyaa!
Wangeelli bishaanii fi Hafuuraa (wangeela bishaanii fi dhiigaa) wangeela dhugaa isa raawwatamee fi isa Yesuus Kiristoos lallabee dha. Kitaabni kun dhoksaa wangeela Yesuus, wangeela bishaanii fi Hafuuraa mul’isuu dhaaf barreeffame.
Namoonni baayyeen utuu dhugaa hunda hin beekin Yesuusitti waan amananiif, nuyi warra makararsitootaa (fundamentalist) ykn warra ti’ooloojii kirsitaana addunyaa jabeessan (isa falaasumma tioloogii) ti jedhanii of ni jaju; amantii akkasii hordofuu isaaniitiiis of ni jaju. Haa ta’u iyyuu malee amantiindhugaa falaasummaa namaa irratti hin hundaa’u. isaan jireenya shakkii fi faajja’uu keessa jiru. walaalchistoota. Kanaafuu, gara wangeela dhugaatti deebinee amanuu qabna. Amma iyyuu booddeetti hin hafne.
Waa’ee wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraa irratti warra gaaffii qabaniif kitaaba isa lammaffaa keessatti gad fageenyaan nan ibsa.