• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 5: Cubbuu Himachuu Seera Qabeessaa

[5-1] Karaa Sirrii Ta’een Attamitti Akka Cubbuu Himatan (1 Yohaannis 1:9)

2021.05.02 107
(1 Yohaannis 1:9)
“Cubuu keenya yoo isatti himanne inni amanaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya nuuf ni dhiisa. Jal’ina keenya hundumaattis nu qulleessa.”
 
 
Wangeelli Dhiigaa Gar Tokkoo Wangeelaa Ti
 
Wangeela Dhiigaa Qofaan mootummaa Waaqayyootti galuun ni danda’amaa?
Lakki. Guutummaa wangeelaa, wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qabna.
 
1 Yohaannis 1:9 warra qajeelota ilaallata. Cubbamaan hin fayyine tokko kutaa kana irratti hundaa’ee jal’ina isaa himatee cubbuu isaattii qullaa’uuf yaalii yoo godhee fayyina bira ga’uu hin danda’u. Waan ani jedhu ni hubattaa? Kutaan kun cubbamoota warra lammaffaa hin dhalanne hin ilaallatu.
Namoonni lammaffaa hin dhalanne ergaa Yohaannis isa tokkoffaa kana irratti hundaa’uudhaan, cubbuu isaanii himatanii dhiifama akka argatan kan abdatan hedduu dha.
Namni lammaffaa hin dhalanne tokko cubbuu isaa himatee fayyuu ni danda’aa? Utuu fagoo hin deemin dubbii kana hubachuu qabna.
Ergaa Yohaannis isa 1ffaa kana utuu hin dubbisin dura, Ergamaan Yohaannis nama qajeelaa immoo nama cubbamaa akka ta’e beekuu qabna. Mee waan tokkon isin gaafadha. Ergamaan Yohaannis nama wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanee lammaffaa dhalatee qajeelaa ta’ee dha moo nama cubbamaa dha.
Ergamaan Yohaannis nama cubbamaa dha yoo jette, amantiin kee Macaafa qulqulluu irratti hin hundoofne. Ergamaan Yohaannis nama Yesuusitti amanee lammaffaa akka dhalate yoo ta’e, amantiin isaa isa kan isaa wajjin tokko jech dha. Atis amantii isa kan akka Yohaannisiin qabaachuu qabda.
Ammas gaaffii kan biraan si gaaffadha. Ergamaan Yohaannis ergaa isaa kana qajeelotaa fi moo cubbamootaaf barreessee? Ergamaan Yohaannis ergaa isaa qajeelotaaf barreesse.
Kanaafuu, cubbamoonni warri lammaffaa hin dhalatin, 1 Yohaannis 1:8-9 dubbisanii akka kutichaatti hojii irra oolfatu yoo ta’e, dogoggora. Qajeelota ta’uu yoo barbaadan, cubbuu isaanii Waaqayyotti himachuufi wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu barbaachisa. Yeroo sanatti Waaqayyo cubbuu kee si irraa ni dhiqa.
Amantiin ergamaa Yohaannis kana fakkaata. Boqonnaa shan keessatti “bishaan, dhiigaa fi Hafuuratti” akka amane dubbata. Yesuus Kiristoos isa bishaan, dhiigaa fi Hafuuraan dhufetti ni amantaa? Akka Yesuus dhiigaan dhufe qofa amanta immoo akka inni bishaan, dhiigaa fi Hafuuraan dhufetti amantaa?
Dhiiga Yesuusitti amanuu qofaan mootummaa Waaqayyootti galuun ni dandaa’ama jette yaaddaa? Amantiin kee wangeela fannoo qofaa yoo ta’e, amantii hirruu ta;uu isaa ti. Amantiin kee fannoo qofa irratti yoo ta’e guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuudhaan deddeebita. Car’aa ati qabdu karaa kadhannaa qalbii diddiirrannaa cubbuu keettii miiccamuu dha.
Haa ta’u iyyuu malee dhiiga fannoo isaa qofaatti amantee guyyaa-guyyaan cubbuu himachuudhaan waan cubbuun kee si irraa ka’u fakkaataa? At nama amantii akkanaa qabdu yoo taate, cubbuun laphee kee irratti ni hafa, sababiinsaa dhiiga fannoo isaa qofaatti amantee guyyaa-guyyaan cubbuu himachuudhaan ittii qullaa’uun waan hin danda’amneef. Yoos wangeela bishaanii fi Hafuura hin beektu jechuu dha.
Ergamaan Yohaannis lammaffaa dhalateera sababiinsaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti waan amaneef. Haa ta’uu iyyuu malee ati immoo du’a fannoo isaa qofaatti amantee jirta. Wangeela fayyinaa ofii keetiif sirriitti hin hubanne yoo taate, attamitti warra kaanitti dubbachuu dandeessa. Utuu lammaffaa hin dhalatin cubbuu himachuu qofaan fayyina bira ga’uun hin danda’amu. Kun hin hojjetu.
Hammam dhimminee yoo kadhanne iyyuu amantii sirrii ta’e malee cubbuuttii qullaa’uun hin dandaa’amu. Waan cubbuuttii qulloofte yoo sitti fakkaate iyyuu kun hamilee fi dhageettii kee qofaa dha. Qalbii diddiirrattee yeroo kadhatu guyyaa sanaaf yaadni kee ni haara’a ta’a. Haa ta’u iyyuu malee haala kanaan cubbuu keettii fayyuun hin dandeessu.
Cubbamoonni dhiifama cubbuu argachuuf jechaa ni kadhatu. Bara dheeraaf Yesuusitti amanani yoo jiraatan iyyuu karaa fayyinaa bira hin ga’iin jiru. Isaan wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekan. Yesuusitti amantee utuu jirtuu lammaffaa hin dhalanne taanaan at warra akkanaa keessa jirta jechuu dha. Guyyaa-guyyaattan qalbii diddiirradheen fayya yoo jette deemaa jirta yoo taate, dhugumaan siin jedha, kun fayyinaan sin ga’u. Akka ergamaa Yohaannis wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu fi dhageettii kee amanachuu itti fufta yoo taate murteeffadhu. Inni tokko dhugaa qulqullaa’aa dha inni tokko immoo dhugaa qabatamaa hin taanee dha.
Wangeelli dhugaan Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin cubbuu hundumaa gara ofii isaatti fudhatee sababii kanaaf firdii fannoo baatee warra isatti amanan fayyisuu isaanii ti. Namni cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusitti amane fayyina barabaraa ni argata. Haaluma kanaan namni cubbuu himachuudhaan fayyinaan argadha jedhee yaadu cubbuu isaatiin hafa. Cubbuu kee hunda isaa beektee himattee ni fixxaa? Cubbuu isa hin himmanettii immoo attamitti fayyita ree? Qalbii diddiirrachuun furmaata cubbuu guyyaa-guyyaati jettee ni yaaddaa? Lakki.
 
 
Qalbii Diddiirrannaa Dhugaa fi Kaayyoo Cubbuu Himachuu
 
Cubbuu himachuu fi hojii gaariin hirina maalii qabaa?
Bara keenya guutuu yoo cubbuu keenya himanne iyyuu, cubbuu himachuu fi hojii gaaritiin fayyina bira ga’uu hin dandeenyu.
 
Qalbii diddiirrannaa jechuun amantii dogoggoraa irraa gara amantii dhugaa fi qajeelaa ta’etti deebi’uu yeroo ta’uu karaa biraa dogoggora ofii hubatanii gara ifa wangeela fayyinaatti deebi’uu dha.
Egaa amma at nama sirriitti hin amanne yoo taate, akka armaan gadiitti cubbuu kee himadhu. “Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaa sii’oliif maluu dha. Haa ta’uu iyyuu malee ani cubbuu koottii fayyuu nan barbaada. Adaraa egaa na fayyisi. Ani lammaffaa hin dhalanne waan an ta’eef akka an sii’olitti hidhamee jiru nan beeka.” Kun amantii sirrii dha.
Warri lammaffaa dhalatan immoo attamitti cubbuu haa himatanii? “Yaa Waaqayyo, ani yaada foonii koo duukaa bu’ee cubbuu hojjedheera. Nan amana Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin akka inni cubbuu koo ana irraa fuudhe, utuu hin taane ta’ee immoo silaa nan du’an ture. Waaqayyo at bishaanii fi Hafuuraan waan ana fayyifteef sin galateeffadha.” Akkaataa cubbamoonni fi warri lammaffaa dhalatan cubbuu itti himatan garaagarummaa qaba.
Nuyi akkuma Yohaannisiin amantii dhugaa qabaachuu qabna. Utuu lammaffaa hin dhalatin akka warra lammaffaa dhalatee fayyitee cubbuu yoo himatte fayyuu hin dandeessu.
Cubbamoonni warri lammaffaa hindhalanne kadhannaa fi cubbuu himachuu keessa dhi’achuu dhiisanii gara dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti dhufuu qabu. Amantii ergamaa Yohaannis hubatanii fayyina bira qabu.
Cubbamoonni firdii sababa cubbuutiif dhufu salphaatti lakkaa’u. Waaqayyo duratti cubbuun hunduma irra caalaa ulfaatu, wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu dhiisuu dha.
Warri lammaffaa hin dhalanne qooda, “Yaa Waaqayyo cubbuu koo ana irraa dhiqi,” jechuu “Yaa Gooftaa, an cubbamaa hibidda sii’olitti darbatamuuf qophaa’e ta’uu koo hubadhee fayyinaaf si amaneeraatii naaf dhiisi” jechuu qabu. Cubbamaan akka Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti dabarsee fi sababa kanaaf immoo fannoo irratti akka du’e amanu hundinuu fayyina dhugaa ni argata. Cubbamaan tokko akkaataa kanatti qalbii diddiirratee amanu fayyina lammaffaa dhalachuu ni argata.
Cubbamaan tokko wanti inni gochuu qabu akka lammaffaa hin dhalanne amanee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qaba. Yeroo kanatti fayyina barabaraa keessa gala. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin fayyinni keenya bakkaan ga’ama. “Fayyinni Yesuus Kiristoosiin malee, maqaan kan biraa ittiin fayyan ol Waaqa irra lafa jalattis hin kennamne” (H. Ergamoota 4:12). Waaqayyo nama cuuphamuu fi du’a ilma isaatiitti amanuu hunda cubbuu isaanittii ni fayyisa.
Waaqayyo hojii Kiristoosiin cubbuu namni gaafa dhalatee eegalee hanga gaafa du’a isaatiitti hojjetu hunda altakkaa irraa kaasa. Fayyuudhaaf wangeela dhugaatti amanuu qabna. Karaan cubbuu ofiittii qullaa’an akkaataa kana dha. Yeroo wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraatti amannu Waaqayyo cubbuu keenya altakkaa bara hundumaaf nu irraa kaasa.
Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irraa fuudhee iddoo keenya fannoo du’aa baatee, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyoo Abbaa taa’e. Kun dhugaa barabaraa ti.
Akkaataa armaan fufee jirutti cubbuu keenya haa himannu. “Yaa gooftaa ani humna kootiin cubbuu of irraa kutuu waan an hin dandeenyeef an hamman du’utti cubbamaa dha. Garaa haadha kootii keessatti iyyuu an cubbamaan ture, cubbuun koo natti farachiisa. Egaa firdii kana ooluuf Yesuus isa karaa bishaanii, dhiigaa fi Hafuuraan dhufee fayyisaa koo ta’etti amanuun barbaada.”
Wangeela Maatewos boqonnaa sadii irratti akkuma caqafame Yesuus cuuphamuu isaatiin dhalachuu keenyaa eegalee hanga gaafa du’a keenyatti cubbuu nu goonu, cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhateera. “Dhugicha ni hubattu dhugichis birmaduu isin baasa” (Yohaannis 8:32).
Yesuus utuu cubbuu keenya isa dhaloota qofa nu irraa fuudhee isa kan hojii immoo himachuudhaan furmaata isaa akka barbaannuuf utuu nuuf dhiiseera ta’e sila rakkoo hulfaataa keessa ni buuna. Haa ta’u iyyuu malee Yesuus cuuphaa fi fannoo isaatiin cubbuu keenya hundattii nu fayyiseera. Kanaafuu maaliif dhiphannaa? Yeroo cuuphaa fi dhiiga isaatti amannee Waaqayyoon itti galateeffannu, Hafuurrii laphee keenya keessa guuta.
Yesuusitti ni amantaa? Akka Hafuurri si keessa buufatu ni amantaa? Cubbuun kee hundi isaa yeroo Yesuus cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara isaatti dabarsee kan kees isuma kan biyya lafaa dhuukaa itti darbeera. Fannoo irrattis iddoo keenya fannoo baatee firdii keenya gara ofii isaatti fudhate. Kun wangeela dhugaa dha.
 
 
Akkaataa Qajeelonni Cubbuu Himatan
 
Qajeelonni attamitti dhugaadhaan cubbuu isaanii himatu?
Guyyaa-guyyaan akka cubbuu hojjetan himachaa Yesuus waggaa 2000 dura cubbuu isaanii hunda akka irra fuudhe immoo amanatu.
 
1 Yohaannis 1:9 akkana jedha. “Cubbuu keenya yoo himanne inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef jal’ina keenya hundumaatti nu qulleessa.” Akkana jechuun namni wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanu, “Yaa gooftaa, ani cubbuu gochuus danda’ee hin dhiisu, karaa biraa immoo himdhees itti fayyuu hin danda’u. Gatiin cubbuu du’a waan ta’eef, karaa cuuphaa fi du’a Yesuusiin ala itti fayyuu hin danda’u. Akka na cubbuu hojjedhu dhugaa na ba’a, garuu Yesuus Kiristoos waggoota 2000 dura laga Yordaanositti cuuphamuu isaa tiin akka na irraa kaase nan amana” jedhee ni kadhata. Akkaataa kanatti ni kadhatu yoo ta’e, cubbuu inni itti rakkatu altakkaa irraa ni ka’a.
Warri lammaffaa dhalatan cubbuu isaanii qofa himatu. Isaan cubbuu isaanii hunda akka Yesuus isaan irraa fuudhe ni mirkaneeffatu. Yesuus waggaa 2000 dura cubbamootaaf du’eera, dadhabbii attamii yoo qabatan iyyuu inni cubbuu isaanii irraa miicceera.
Kutaa nuyi ar’a dubbifannu qajeelotaaf kan ta’uu dha. Haa ta’uu iyyuu malee, karaa malee itti fayyadamuu hin qabu. Kutaa kana yeroo baayyee namoonni gar-malee ni hiikkata. Bara dheeraaf kiristaanota hedduu keessatti waldhabdee uumeera.
Jechi, “Dooktorri abdii hin qabne dhukkubsataan isaa ajjeessa” kan jedhu jira. Dooktorri abdii hin qabne waan humna isaa olii yeroo hojjetu, dhukkubsataan isaa ajjeesuudhaan raawwata.
Namni tokko hojii tokkotti utuu hin ba’in dura sirriitti baratee muuxannoon qabaachuus akka qabu beekameera. Dubbii amantiis kana fakkaata. Sagaleen Waaqayyoo akka barreeffamee kennameetti barsiifamee namoonnis akka dubbichaatti amanuutu isaan irra jira.
Barsiisonni wangeela saba isaanii dogoggorsanii yoo barsiisan yookaan Amantoonni hiika sirrii hin taane yoo baratan, firiin isaa firdii sii’oliin dhaqu dha. Kanaafuu wangeela kan barsiisu warra lammaffaa dhalatan qofa ta’uu qabu. Qorichi gaariin iyyuu gar-malee yoo fudhatan dhukkubsataa sana akkuma ajjeessuu danada’u, wangeel`is gar-malee yoo barsiifame warra dhaga’an ajjeessuu danda’a. Inni akka ibidda dhaqna nama keessa galee ti. Akkuma ijoolleen ibidda yeroo harkaan qabdu gubattu, dubbiin Waaqayyoos akkaataa malee itti gargaaramnaan firdiitti isaan geessa.
Cubbuu himachuu isa kan qajeelotaa fi isa kan cubbamootaa gargar baafnee hubachuu qabna. 1 Yohaannis 1:9 kan qajeelotaa ti. Namni qajeelaan Waaqayyo duratti yeroo cubbuu isaa himatu, inni cubbuu isaatti battaluma sanatti ni qullaa’aa sababiinsaa Yesuus waggaa 2000 dura cubbuu isaa waan irraa fuudheef.
Namoonni guyyaa-guyyaan cubbuu keenya himanne fayyina jedhanii kadhatan karaa cubbuu irra jiru. Namni lammaffaa hin dhalanne cubbuu isaa himachuudhaan fayyina isaa bakkaan ga’uu ni danda’aa?
Waaqayyo qajeelaa dha. Inni tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti ergee, akka inni cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee nama cuuphaa isaa fi du’a isaatti amanu hundinuu akka fayyuu godheera. Kanaafuu namni qajeelaan yeroo cubbuu himatu, Waaqayyo immoo ilmi koo waggaa 2000 dura cubbuu kee siir’aa fuudheera ittiin jedha. Namni sun cubbuu foon isaatii yoo qabaate iyyuu sababa amantii isaatiif cubbuu hin qabdu ittiin jedha.