(Isaayaas 28:13-14)
“Kanaafuu dubbiin Waaqayyoo inni isaan raajichaan, abboommii abboommii irratti, abboommii abboommii irratti; seerata seerata irratti, seerata seerata irratti, asii xinnoo achii xinnoo, nutti ni dabala jedhan sun ammas, isaanitti ni dubbatama; yommus isaan dugdaan adeemanii kufanii ni caccabu, kiyyoodhaan qabamaniis, booji’amanii ni adeemu. Kanaafuu dubbii isin warri ga’iiftuun warri Yerussaalem keessa jiraattanis, dubbii Waaqayyoo dhaga’aa.”
Dogoggorsa Macaafa Qulqulluu Qabatee Adeemu
Macaafni Qulqulluu jecha dogoggorsa “attamitti hiikaa?”
Macaafni Qulqulluu jecha “dogoggorsa” jedhu nama utuu Yesuusitti amanee jiruu laphee isaa keessaa cubbuu qabuun jedha.
Barreesittooni kitaabilee nama dogoggorsuu hedduu tu jiru, addumaan biyyoolessa guddachaa jiran keessatti. Gaazeexaa kan qopheessan fakaatanii, dhoksaa addaaddaa waan bakkee baasan fakkaatanii ittiin horii argatu. Soba jechuun waan dhugaa fakkaatee garuu dhugaa hin taanee dha. Jecha biraatiin wanti bakkeen isaa isa keessaa hin fakkaanee dha.
Jechi, “Barsiisa Sobaa” fi “Dogongora” waldaa kiristaanaa keessatti baayyee itti fayadamama.
Haa ta’u iyyuu malee jechoota lamaan kana, Barsiisa Sobaa fi Dogongorsa kan gargar baasee bu’uura Macaafa Qulqulluutiin ibsamee hin jiru.
Sababa kanaaf jecha, Barsiisa Sobaa fi Dogongorsa jedhamu gargar baasee ibsuun ga’ee koo ta’a jedheen yaada. Barsiisi Sobaa jireenya namaa keessattis maal akka inni fakkaatu ibsuun yaalii godha. Namni Waaqayyotti amanee jiru tokko waa’ee barsiisa sobaa si’a tokko jireenya isaa keessatti yaaduu hin hafu.
Tiitoo 3:10-11 barsiisi sobaa maal akka ta’e yeroo ibsu nama akka yaada isaatti cabsate, nama waan hundumaa irraa jal’ate, nama cubbuu hojjetu, nama ofii isaatiin ofii isaatti faradu dha jedha. Sobduu jechuun nama utuu Yesuusitti amanee jiruu cubbamaadha ofiin jedhuu dha. Kanaafuu, namni cubbuuttii hin qullaa’in Waaqayyo duratti soba hojjeta.
Yesuus karaa cuuphaa isaa cubbuu hundumaa nu irraa kaaseera. Garuu barsiisonni sobduun fayyina cubbamootaa irraa kaachisuudhaan ofii isaaniis gurmuu warra hin fayyinetti of ramadanii ofittis warra kaanittis ni faradu.
Ati barsiisota sobduu kana keessa jirtaa? Jireenya qajeelummaa jiraachuu ni feena yoo taane kana itti yaaduu nu barbaachisa.
Utuu dhuma Yesuusitti amantee jirtuu, akka cubbamaatti ofii keetti faradee jirta yoo taate, wangeela fayyina guutuu qabuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanne jechuu dha. Kanaafuu, cubbuu keettii bilisa ta’uudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu si barbaachisa.
Waaqayyoon duratti yakkamaa of gochuu jechuun hin fayyine ykn an ijoollee Waaqayyoo miti jechuu dha. Warri, yaa gooftaa, “ani cubbamaa dha” ofiin jedhan amantii isaanii sirreeffachuu malu.
Utuu Yesuus cubbuu keettii si fayyisee jiruu, ani hin fayyine ykn ani cubbamaa dha ofiin jechuu dandeessaa? Utuu Yesuus karaa cuuphaa isaa tii cubbuu kee si irraa fuudhee jiruu at immoo attamitti kennaa tola kana dagattee cubbamaa dha ofiin jettaa?
Namoonni akkanaa kun fedha isaanitiin cubbamaa of godhanii Waaqayyottii adda of baasaniiru. Cubbuu barsiisa sobaattii birmadduu ba’uuf wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna.
Namni tokko Yesuusitti lammaffaa hin dhalanne taanaan dogoggorfamaa dha.
Sababiin isaa Waaqayyo cubbuu biyya lafaa isa kan keetis dabalatee si irraa kaaseera, garuu eebba Waaqayyoo kana yoo callisne sobduu taana. Waaqayyo qulqulluu dha, kanaafuu yoo cubbuu of keessaa qabaanne utuu hin jaallatin sobduu taana. Nama qajeelaa ta’uu ni feena yoo taane, wangeela bishaanii fi Hafuuraa cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu qabna.
Ka’umsa Barsiisa Sobaa Macaafa Qulqulluu keessatti
Madaalliin luba tokkoo maalii?
Lammaffaa dhalachuu dha.
Kottaa mee 1 Mootota 12:25-26 ni ilaalla. “Yommus Yerobi’aam mootichi biyya gaara isa kan Efreem irratti sheekemitti masaraa ijaaree, achi keessa in taa’e; achiis ka’ee dhaqee Pheeni’elin ni ijaare. Yerobi’aam yaada isaa keessatti, Amma mootummaan sanyii Daawititti deebi’uu isaa ti.” Yerobi’aam nama Solomoon jalatti hojjetuu ture. Gara booddanaa keessa yeroo Solomoon cubbuutti kufe. Yeroobi’aam immoo mooticha irratti ka’ee ture, erga Solomoon du’ee saba Israa’eel gosa 10 irratti mootii mo’e.
Yaadni Yeroobi’aam qabuu yeroo Israa’el irratti mo’uu saba sana gara mana Qulqullummaa isa Yihudaa jiru irraa deebisu ture.
Akka kun bakka ga’uuf immoo yaada tokko kaasee fide. Innis jabbii warqee hojjetee Beetelii fi Daan irra kaa’ee akka namoonni jabbii tolfaman sana waaqeffatan gochuu dha. 1 Mootota 12:28, “Erga irratti mari’atee booddee, jabboota lama warqee irraa tolchisiise.” Tokko Beetel irra kaa’ee, tokko immoo Daan irra kaa’ee akka namoonni isaaniin waaqeffatan ajaje. Luboonnis sirna Waaqeffannaa sana akka geggeessaanif ni ajaje.
“Erguma kun ta’ee iyyuu, Yeroobi’aam mootichi gosma arge keessaa luboota ta’uu warra barbaadan addaan baasee Waaqayyolii tolfamaa isaatiif luboota godhate malee hojii isaa isa hamaa irraa hin deebine” (1 Mootota 13:33). Kun jalqaba barsiisaa sobaa ti.
Bara ammaattis Barsiisonni sobduun nama fedha qabu eenyuun iyyuu akka isaan hojii lubummaa hojjetaniif ni muudu. Namni Seeminaarii Macaafa Qulqulluu irraa eebbifamee ba’e, utuu lammaffaa hin dhalatin, tajaajilaa, lallaba, Ergamaa Wangeelaa ta’ee ramadamuu danda’a.
Namni lammaffaa hin dhalatin attamitti tajaajilaa ta’uu danda’aa? Waldaan nama lammaffaa hin dhalatin hojii lubummaa yoo itti laatte ofiidhuma isheetii barsiisaa sobaa oomishaa jirti jechuu dha.
Kottaa mee akkaataa jalqabbii barsiisaa sobaa ni ilaalla. Tokkoffaa irratti yoo ilaalle, Yeroobi’aam si’asa isaa baballifachuuf jecha warqee jabbii bakka Waaqayyoon buufateera. Lammaffaa, namuma luba ta’uuf fedha qabu luba godhe. Karaa kan biraa nama hin leenji’in luba godhe. Bara ammaattis kun godhamaa jiraa.
Seenaa barsiisa sobaa yoo ilaalle bara Yeroobi’aamii eegalee akkanni baballatee dha. Haa ta’uu iyyuu malee namni bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa hin dhalanne luba ta’uu hin qaban.
Nama Seeminaarii Macaafa Qulqulluu galu qofaatu Tajaajilaa ykn Lallabaa ta’uu qabaa? Utuu Waaqayyo biraa hin mirkaneeffatin isaaf hojjechuun ni dandaa’amaa? Waawuu. Warri Waaqayyoof hojjetan warra isaan mirkaneefaman qofa ta’uu qabu. Warri Waaqayyoon mirkaneeffaman warra bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatanii dha.
Akka 1 Mootota 12:25-26 fi 13tti cubbuun Yeroobi’aam hojjete dheekkamsa Waaqayyoo kaaseera. Kana beekuu qabna, namni kana hin hubbanne ta’e gara Macaafa Qulqulluutti deebi’ee ilaaluu qaba.
Tajaajila kee keessatti Jabbii Warqee bakka Waaqayyoon buufteetta yoo taate of ilaaluu qabdaa? Warri at tajaajiltu gara wangeela bishaanii fi Hafuuraatti akka deebi’aniif barsiifteettaa?
Akka Yesuus dhukuba keettii si fayyisu warra tajaajiltu barsiiftettaa? Qabeenyaattis akka guddachuu danda’an barsiifteettaa? Warra lammaffaa hin dhalatin lubummaatti dibsiiftee utuu jirtuu waldaan kee akka waan waldaa dhugaa taateetti falmaa jirtaa? Yoo akkas taate at ammas cubbuu Yeroobi’aam irra deebitee dheekkamsa Waaqayyoo ofii kee irratti kaasaa jirta jechuu dha.
Barsiisoonni Sobduun Jabbii Warqee akka Waaqayyootti Waaqeffatu
Bara si’anaattis, jabbii warqee kan Waaqeffatan namoota hedduutu jiru. I Mootaa 3:3-5 akkana jedha. “Solomoon iddowwan ol ka’aa irratti aarsaa dhi’eessuuf ixaana aarsuu irraa kan hafe karaa kan biraa akka seerata abbaa isaa Daawwit deddeebi’uudhaan Waaqayyoon jaallachuu isaa agarsiiseera. Mandarri Gibi’oon iddoo baayyee ol ka’aa waan ta’eef Solomoon mootichi aarsaa dhi’eessuudhaaf dhaqee iddoo aarsaa sana irratti qalma gubamu kuma tokko ni dhi’eesse. Waaqayyo, achitti halkan abjuudhaan Solomoon mootichi mul’atee waanuma akkanaa siif kennuu barbaaddaa? Ana kadhadhu ittiin jedheen.”
Maqaa, “Qalma Solomoon kuma tokkoo tiin” nama gowwoomsanii ni fuudhu. Warri akkanaa kun horii isaanitiin of ni jaju. Warri jabbii warqee Waaqeffatan kun immoo waldicha ijaaruuf horii guddaatu irraa fuudhama. Sababa waldaan isaanii xiqqateef osoo hin taanee sababa horii irraa funaanuu barbaadaniifi.
Warqee jabbii hojjechuudhaaf amantoota irraa warri horii sassaaban barsiisota sobaa ti. Nuyi warri Waaqayyotti amannee jirru gowwoonfamuu hin qabnu. Horii keessan warri warqee jabbii tolchanii Waaqeffachiisaniif yoo laattan, luboota sobduu warra akka Yerobi’aam kaa’atetuu nyaata malee Hojii Waaqayyoof hin oolu. Barsiisa sobaa akkanaa keessa bu’uu hin qabnu.
Aarsaa kuma tokko isa Solomoon dhi’eessetti Waaqayyo maaliif gammadee? Sababiinsaa Solomoon cubbuu isaa hubatee akka dubbii Waaqayyotti amantiidhaan waan dhi’eesseef. Inni aarsaa kuma tokko kan dhi’eesseef galtaa Waaqayyoof ture. Solomoon aarsaa kuma tokko galtaa fayyina Waaqayyo inni wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin kennuufiif ture.
Egaa barsiisni sobaa maal akka ta’e hubannee luboota warra soba dhugaa fakkaatuun hojjetan irraa of eeggachuu qabna.
Utuu Lammaffaa Hin Dhalatin Warri Tajaajilan Barsiisota Sobaa ti
Barsiisonni sobaa Waa’ee lammaffaa dhalchuu maal jedhuu?
Isaan mul’ata, abjuu fi muuxannoon hojii Hafuuraatiin dhalanne jedhu.
Warri akkanaa kun ofi isaanitiyyuu osoo lammaffaa hin dhalatin akkaataa lammaffaa dhalachuu warra kaan barsiisu. Isaan hundi isaanii sobduu dha. Isaan waa’ee bishaanii fi Hafuuraattii dubbii dhugaan osoo hin dhalatin warra kaan barsiisuuf ka’anii dha. Kun waan nama suukkanneessuu dha.
Luboonni sobduun wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa dhiisanii soba barsiisuu jaallatu. Namoonni guyyaa-guyyaatti cubbuu isaaniittii akka miiccachuu qaban barsiisu malee akka Waaqayyo fayyina barabaraa kennu hin dubbatan.
Isaan “Dhaqaa tulluu gubbaatti ol ba’aa tii soomaa kadhadhaa, hojii Waaqayyootti of kennaa, ganamaan ka’aa kadhadhaa, abboomamaa, horii ijaarsaa mana sagadaaf kennaa, cubbuu keessaniifis eeggannaa godhaa” jedhanii akka namni ofii isaatiin cubbuu irraa of eeggate fayyu barsiisu.
Nama muuxxannoo lammaffaa dhalachuu nan qaba jedhu tokko akkana jedhee dhugaa ni ba’a. Namichichi yeroo dubbatu, Yesuus hirribaa keessaa na dammaqsee maqaa kootiin na waame jedha. Kun lammaffaa dhalachuu kootiif ragaa dha jedha. Garuu kun dhugaa dhaa? Yesuus akkana hin jenne.
Yohannis 3, “Eenyu iyyuu bishaanii fi Hafuurattii yoo dhalachuu dhaa baate mootummaa Waaqayyoo ijaan arguu iyyuu hin danda’u” jedha. Dubbiin Waaqayyoo warra lammaffaa dhalatan qofaatuu luboota ta’uu danda’a jedha. Warri mul’ata, abjuu fi muuxannoon hojii Hafuuraatiin dhalanne jedhan sobdoota.
Namoonni bara kana, qooda dubbii Waaqayyootiin lammaffaa dhalachuu barsiisaa hundee waldaa isaaniitti hidhamu jaallatu. Warri dubbii bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalchuu callisan dubbii waliin makaa, soba dhugaa fakkaatuun amantoota ni doggogoorsu.
Haaressitootaa Waldaa Kiristaanaa fi Kiristaanummaa Bara Kanaa
Wangeelli dhugaa wangeela sobaa tiin makamuun isaa yoomii eegalee ti?
Bara Mootiin Roomaa Qoosxenxinoos Miilaan irratti bara 313KB yaa’ii geggeesse irratti.
Garteen Amantii kiristaanaa addaaddaa yeroo kam dhalatanii? Garteen Amantii kiristaanaa addaaddaa kan akka warra Piresbiiterii, Metoodistii, Baaptistiin, Luuteraaniin, Holinesiin, Guutuun wangeelaa yoom dhaabbatanii? Haaromsii waldaa waggaa 500 dura geggeefame booddee dha.
Kiristaanonni bara durii warra yeroo Yesuus biyya lafaa irra ture jiraatanii dha. “Kiristaanota” jechuun warra Kiristoosiin duukaa bu’anii dha.
Kiristaanonni jalqabaa ergamootaa fi bartoota Yesuusii. Ergamoonni fi abbootiin amantii hanga waggaa 313tti wangeela dhugaa hordofaa turan. Haa ta’u iyyuu malee Bara Mootiin Roomaa Qoosxenxinoos Miilaan irratti bara 313DKB yaa’ii geggeesse dubbii dhugaa fi sobaa waliin makee booda, waggaa kuma tokkoof bara dhukkanaa ta’e.
Booddana, jaarraa 16ffaa keessa, Maartiin Luuter labsii, “Namni Qajeelaan amantiidhaan jiraataa” jedhe. Ergasii immoo bara 1500∼bara 1600 keessa, Yohannis Kalviin, Yohannsi Nooks waldaa kaatoolikiittii foxxoqanii sochii kaasan. Kun egaa firii haaromsa waldaa kiristaanaa ti.
Akeekni haaromsa sanaa waldaa kaatoolikiittii foxoquu qofa ture. Warri waldaa haaressanii iyyuu Sirna amantii Kaatoolikii hin kaadne turan.
Kaayyoon isaanii wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalchuu utuu hin taane acuuccaa fi malaan maltummaa waldaa kaatoolikii yeroo sanaa jalaa ba’uu ture. Waldaan kaatoolikii immoo Pirtestaantii jettee isaan waamte. Akkana jechuunis mormituu jechuu dha.
Waldaan kaatoolikii yeroo sanaa, namoonni fira isaanii warra du’an oolchuuf horii guddaadhaan kaarnii akka bitaniif gochaa turan. Luuter akka waldaan Kaatoolikii karaa irraa kaattee jirtu hin hubanne. Inni waldaan Kaatoliikii Ijaarsaa waldaa guddaa Kaatediraalii Qulqulluu Peexiros ijaaruuf kaarnii kana akka hin gurgurre dhaabsiuu ture.
Sababa kanaaf waldaan Pirotestaantii jabana kanaa keessaa hafiin tajaajila waldaa Kaatoliikii ni argamu: Isaanis, kan akka sirna cuuphaa mucolii, luba ykn nama duratti cubbuu himachuu, seera qulleessuu, nama seeraan mana barumsaa seeminaaritti barate qofa hojjechiisuu, kabajaa fi hulfinaa waldaa fi luboota. Isaan kun egaa Wantoota waldaa kaatolikii irraa fudhatamanii dha.
Ka’umsa haaromsa bara 1500 yeroo ilaallu, umuriin waldoota Pirotestaantii waggoota 500 qofa dha. Barri kun waggaa 503 ta’a. Luuter waggaa 500 dura waldaa isaa tiin akka morme hin hubattu ta’a. Haa ta’uu iyyuu malee duuka buutonni baayyeen isaanii dargaggoota waan ta’aniif dhimma seeraa hin qaban. Amantiin kiristaanaa hanga ammaatti iyyuu haara’aa jira. Ittuma fufees haara’uu qaba.
Wanti nuyi dagachuu hin qabne tokko jira. Innis mootummaa Waaqayyootti kan galuu qaban warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalatan qofaa dha. Kottaa kana haa lallabnu! Wangeela gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallaba jirraa? Kan hin goone yoo ta’e ati hojjetaa gooftichaa hin taatu. Waaqayyo wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa lammaffaa nama dhalachiisutti akka nuyi amannu barbaada. Gooftaan Yesuus Yohannis 3 irratti Niqoodemosiin barsiiseera.
Macaafni Qulqulluun waa’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofa dubbata immoo waa’ee tajaajila hawwaasummaa fi jireenya qulqullinaa dubbataa? Eeyyee, inni booddanaas baayyee barbaachiisa dha. Haa ta’uu iyyuu malee erga wangeela bisaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalatanii booda ta’uu qaba. Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu akka nuyi wangeelaatti amannee fayyinuu dha.
Barsiisa Barsiisota Sobduu
Barsiisaa sobduun nama attamii ti?
Nama utuu Yesuusitti amanee jiruu cubbuutti hin qulloofnee ofiin jedhu.
Barsiisi amantii sobaa biyya lafaa keessatti yoomi eegalee babal’atee?
Sabni Israa’el hanga bara Yeroobi’aam keessa mootummaa lamatti hiramaniitti akka 1 Mootota boqonnaa 12-13 Waaqa tokko waaqeffachaa turan. Bara sanaa eegalee barsiisi sobaa babal’achuutti ka’e. Bara kana keessas barsiisaa sobaa hedduutu jiran.
Macaafni Qulqulluu Isaayaas 28 fi Titus 3:10-11 irratti akka barreeffamee jirutti, waa’ee barsiisaa sobaa ni dubbata. Barsiisa sobaa jechuun Yesuusitti amananii utuu jiranii warra cubbuuttii hinqulloofne ofiin jedhan dha. Namni akkanatti yaadu hundinuu dogoggoraa dha.
Isaayaas 28:9-10 keessatti akka barreeffamee jirutti, “Inni eenyuun barsiisuu yaalaa? Ergaa isaas eenyuuf ibsaa? Ijoollota harma gadi dhiisan, warra reefuu harma gu’an barsiisa. Inni maaliif akkasumaan nutti loqodaa? “Abboommii abboommii irratti, Abboommii abboommii irratti, seerrata seerrata irratti, seerrata seerrata irratti, asii xinnoo, achii xinnoo nutti ni dabala?” jedha.
Barsiisonni sobaa, abboommii irratti, abboommii dabalu. Kun maal jechuu dhaa? Akkana jechuun warri Kiristoosiin amanuudhaan lammaffaa dhalanneerra jedhan irraa of eeggadhaa, jechuu dha. Waan fedhe iyyuu yoo dubbatan irraa of eeggadhaa jechuu dha. Akka isaan hin dhaggeeffanne, ni dogoggortuutii olii gad hin deeminaa jedhanii amantoota isaanii ni gorsu.
Haa ta’u malee, amantiin isaanii sirrii ta’uu isaa erga amanatanii, warra amantiin isaanii dubbii Waaqayyooittii adda ittiin jedhaniin maaliif mormu hin dandeenye? Baayyee kan nama gaddisiisuu dha. Akkasumaattiin, nuyi amantii dhugaa dha ofiin jedhu malee, warra soba jedhaniin immoo soba isaanii dubbii ittiin sobaa ta’uu isaanii mirkaneessan hin qaban. Kiristaanoonni dhugaa dubbii ittiin barsiisaa sobaa mo’atan guutummaatti ni qabaatu.
Bara ammaa kanatti warri dubbii amansiisaa osoo hin qabaatiin, calluma jedhanii warra lammaffaa dhalataniin sobduu dha jedhu. Namni wangeela dhugaatti amanee jiruu attamitti sobduu ta’aa?
Warri sobduu dha jedhaman wangeela bishaanii fi Hafuuraa ni lallabu yoo ta’an, amantoota dhugaa ta’u. Warri amantii sirrii dha ofiin jedhanis yoo wangeela bishaanii fi Hafuuraa ni lallabu ta’an, amantoota dhugaa ta’u.
Barsiisa sirrii fi barsiisaa sobaa kan ittiin gargar baafamu wangeelli bishaanii fi hafuuraa lallabamuu isaa fi amantiidhaan akka cubbuuttii bilisa ta’an barsiisuu dhaan beekama. Dubbii Waaqayyootti amanaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin namni lammaffaa dhalate attamitti sobduu ta’a?
Cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga fannoo Yesuusitti amanuudhaan namni cubbuu isaattii ni qullaa’a jechuu tu sobaa? Wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu dhiisuu tu immoo barsiisa dhugaa ta’aa?
Gartee amantii hedduu tu jiru kanneen barsiisaa Macaafa Qulqulluu irratti utuu hin hundaa’in amantoota dhugaa dha ofiin jedhan. Isaan kun akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasuuf cuuphame (bishaan) ganuudhaan dhiiga (fannoo) qofa amanu.
Waldaa Kaatooliikii fi waldoota Pirootestaantii gidduu garagarummaa maalitu jira? Akkuma pirootestaantonni, waldaa Kaatooliikiin morman, nuyi immoo kiristaanota jaamummaatti adeemaa jiranii fi luboota sobduu t bara kanatiin mormu qabna. Yoo wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuratti ni amanna taane, sobdootaan mormuun nu hin rakkisu.
Barsiisota sobaa akka hin taaneef maal gochuu qabnaa?
Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalachuu qabna.
Macaafni Qulqulluun wangeela bishaanii fi Hafuuraa innis cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuus qofaan fayyinni guutuu akka argamu nutti dubbata. Wanti Gooftaan Niqoodemosiin jedhe Yohannis 3:1-12 irratti galmaa’ee jira.
Barsiisoonni sobaa, duuka buutoonni isaanii amantii isaaniitiin ala waan biraa tokko illee akka hin hubanne cimsanii barsiisu. Yeroo hundumaa kadhannaa cimaan waan gaarii hojjechuudhaan fayyina isaanii akka fiixaan baafatan barsiisu. Kun egaa akka nama qaro dhabeessa fiigsisuu fakkaata.
Akka fedhe iyyuu cimsitee yoo kadhatte iyyuu wangeela bishaanii fi Hafuuraan lammaffaa dhalachuudhaa baannaan gatii hin qabu. Yeroo nuyi, warri wangeela bishaanii fi Hafuuratti namni amanu qajeelaa dha jennu barsiisonni sobduu immoo luqisee Macaafa Qulqulluu keessaa Roomaa 3:10 irratti “Namni Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru” jedhanii nama garmalee hubachiisu. Kutaa kanaan amantoota dhugaatti taappeellaa sobaa maxxansu.
Isaan garuu barsiisaa sobaa ti. Luqisni kutaa kanaa akkuma nuyi yaadnuutti salphaa miti. Barsiisoonni sobaa Macaafa Qulqulluu hundaa hin dubbisan. Ergamaan Phaawulos namni qajeelaan tokko iyyuu lafa irra hin jiru jedha. Ergamaan Phaawulos namni qajeelaan tokko iyyuu lafa irra hin jiru kan jedhu namni Kiristoosiin amanatee cubbuun isaa hin dhiifamneef jechuu isaati malee nama amanetu qajeelaa miti jechuu isaa miti. Warri amantii sirri ta’e qaban yoom iyyuu qajeelota.
Boqonnaa sana guutummaa isaa yoo dubbifne dhugaa fayyina guutummaa isaa arguu ni dandeenya. Barsiisoonni sobaa duuka buutoonni isaanii barsiisa kan isaaniittii adda ta’e kamiin iyyuu akka hin dhaggeeffanne barbaadu. Iddoo kan isaanii males eenyuu wajjin iyyuu akka hin waaqeffanne barbaadu. Kanaafuu amantoonni isaanii iddoo wangeelli dhugaa, wangeelli bishaanii fi Hafuuraa itti lallabamu akka dhaqaniif hin hayyamaniif.
Isaan wangeela dhugaaf gurra isaanii waan cuqqaaliif lammaffaa dhalchuu hin danda’an. Isaan barsiisota sobduu warra ijoollee sii’oliin kaasanii dha. Isaan akkanaatti Waaqayyo itti farada. Barsiisonni sobaa gara Waaqayyootti yoo deebi’an ni fayyu.
Barsiisoonni sobaa eenyufayi? Warra al tokko wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin fayyanii dha immoo, warra Yesuusiitti amanneerra ofiin jedhanii bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalchuu dadhabanii dhaa?
Tiitoo 3:11 akkuma jedhu, warra Yesuusitti amanneerra ofiin jechaa cubbuu qabna waan ta’eef “nutti faradamuu” qaba ofiin jedhanii dha.
Isaan duuka buutota isaaniitiin bakka kadhannaa sochiin hafuuraa, bakka wangeelli bishaanii fi Hafuuraa itti lallabamu hin dhaqinaa, baayyee rakkisaa dhaa ittiin jedhu. Namni amantii “dhugaa” qabu attamiitti amantii kan biraa sodaataa? Isaan sababa dhugaa of keessaa hin qabneef sodaatu malee. Isaan, “Abboommiin abboommii irratti, seerrati seerrata irratti dhufuu qaba” jedhu. Barsiisi warra sobduu kana fakkaata.
Luboonni sobaa kitaabolee addaaddaa irraa jecha falasotaa, baruullee addaaddaa irraa fudhatanii yaada isaanii wajjin walitti makanii dubbii sobaa bareechanii namootaaf ni dhi’eessu.
Duuka buutonni isaanii dubbii bu’uura Macaafa Qulqulluu callisanii akka isaan falaasummaa biyya lafaa irratti ijaaramaniif hojjetu. Waldootiin dhugaa saba Waaqayyoo dubbii Macaafaa irratti akka isaan ijaaramaniif barsiisuu. Namoonni kan waldaa dhufaniif dubbii biyya lafaa barachuuf miti. Namni dubbii Waaqayyoo isa biyya lafaa keessatti hin argamne gara waldaa dhufu. Dubbii Yesuusiin dhaga’uu dhufu.
Namoonni akka cubbamootaatti gara waldaa dhufu, garuu akka waldaatti qulqulloota ofiin jedhu. Egaa tajaajiltoonni sobaa maal barsiisuu? Amantoonni isaanii bakka dhugaan haara’omsaa jiru akka hin dhaqne barsiisu. Duuka buutonni isaanii akka isaan lammaffaa hin dhalanne barbaadu.
Kun baayyee gowuummaa dha. Duuka buutota isaanii yoo gowwomsan iyyuu Waaqayyoon gowwoomsuu hin danda’an.
Luboonni sobduun duuka buutonni isaanii akka isaan lammaffaa dhalatan gochuu ni danda’uu?
Lakki. Warra lammaffaa dhalate qofaatu akka warri kaan lammaffaa dhalataniif gargaaruu danda’u.
Yaa barsiisota sobduu, utuu dhuguma garbicha Waaqayyoo isa dhugaa taate, silaa hafuurri siif hin mirkaneessu turee? Gara booddeetti deebi’uu qabdu. Miseensota keessan dubbii dhugaa wangeela, lammaffaa dhalachuu irraa hin ittisinaa.
Barsiisonni sobduu amantoota isaanii ti’ooloojii qofa barsiisu. Baayyee nama gaddisiisa. Luboonni/Paasteroonni sobduun wantoota dubbii Waaqayyoon alaa barsiisuuf gaarii dha. Isaan yaada isaanii qofa barsiisu. Kanaafuu warri dubbii Waaqayyoon ala barsiisan sobduu dha (Yohannis 10:13).
Keessi garaa isaanii fi bakkeen Luboota sobduu dubbii Waaqayyottii ala. Namoonni tokko-tokko hiikkaa waldaa Kiristaanaa akka qajeelfama sobaa isaanitti kaa’atu. Garuu isaan keessaa warri kaan immoo gartee amantii kamiin keessa iyyuu miti, sababiinsaa dubbii Waaqayyoo irratti waan hin hundoofneef.
Barsiisonni sobaa ofii isaaniitiiyyuu utuu hin fayyin waa’ee fayyinaa barsiisu. Isaan cubbuu Yeroobi’aamiin hojjechaatti jiru. Namni karaa cubbuutti qullaa’uu beekee ittiis hin qulloofne, hojii Waaqayyoo hojjechuuf yaalii gochuun isaa waan hin dandaa’amnee dha. Namni akkanaa karaa irra akka hin jirre beekee irraa deebi’uu qabu.
Kanaafuu, eenyu iyyuu utuu wangeela lallabuu cubbamaa dha ofiin jedhu cubbuu isaattii akka fayye amanaa hin jiru waan ta’eef namni sun cubbamaa dha. Inni wangeela fayyina Yesuus Kiristoosiin waan hin beekneef barsiisaa sobaa ti.
Muka ija isaatiin beekuu ni dandeenya. Namni cuuphaa fi fannoo Yesuusiin akka fayye hin amanne nama qajeelaa miti. “Mukiti gaariin ija gaarii ni godhata, mukti hamaanis ija hamaa ni godhata” (Maatewos 7:17).
Luboonni Sobduun Lallaba Isaanii Keessatti Maal Lallabu?
Luboonni sobduun lallaba isaanii keessatti maalfaa lallabuu?
Ti’oloojii gogaa fi yaada namaa.
Luboonni waan hundumaattii of eeggatu. Maaliif akkana of eeggatu? Of eeggachuun isaanii sababa dhugaa lammaffaa dhalachuu hin qabneenneef sobni isaanii akka bakkee hin baaneefi.
Barsiisonni sobduun iddoo baayyee dhaa yaada biyya lafaa walittifidanii barsiisu. Utuu dhugaa wangeelaa hin beekin waan barsiisaniif namoota ni dogoggorsu.
“Abboommii abboommii irratti, Abboommii abboommii irratti, seerrata seerrata irratti, seerrata seerrata irratti, asii xinnoo, achii xinnoo nutti ni dabala?” (Isaayaas 28:13).
Ajaja ajajaan yeroo dubbatan, “Yaa obboleessa kun afaan Gk tiin akkana jedha, afaan Ibrootaa tiin immoo akkana jechuu dha” jedhanii dubbatu. Yaada akkana-akkanaatu jira. Akkasumas amantii sirriitti gargar baafamee ibsame attamii iyyuu hin fudhatinaa jedhanii ni akeekachiisu. Martiin Luuteer akkan jedhe, Yohannis Kalviin akkana jedhe, Yohannis Noksi akkanaa jedhe jechuu malee waan biraa hin beekan.
Isaan akkanaa kun waan dubbatanis ta’ee waan itti amanan hin beekan. Namni amantii dhugaa qabu amantii isaa sirriitti ibsachuu ni danda’a. Amantoonni dhugaa warra lammaffaa dhalatanii fi warra lammaffaa hin dhalanne gargar baasanii ni beeku. Nuyi garuu amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa qabnu sirriitti ni barsiifna.
Garuu barsiisonni sobduu dukkana keessa jiru. Amantiin isaanii akka simbira halkanii ti. Simbirri halkanii guyyaa holqa keessa dhokkattee ooltee halkan akkuma olii gadi fiiddu, barsiisonni sobaa dubbii qabatamaa hin taaneen olii gad jooraa jiru. Dhugaan maal akka ta’e hin beekan. Luboonni sobaa yeroo sii’olitti gad darbataman, dhumni warri isaan duukaa bu’anis isuma kan isaanii wajjin tokko ta’a. Sababa barsiisa sobaa duukaa bu’aniif, namoonni baayyeen guyyaa booddee sii’oliin dhaqu.
Tajaajiltoonni keessan warra lammaffaa dhalatanii dhaa? Dubbii dhugaa akka inni caafamee jirutti barsiisaa jiruu? Yoo akkas gochaa jiru ta’e baayyee gaarii dha, yoo akkas miti ta’e garuu siinis badiisi waan si eeggatuuf damaqxee keessaa ba’uu qabda. Wangeela bishaanii fi hafuuraatti amantee lammaffaa dhalchuun sirra jira.
Sobdoonni wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin jaallatan. Isaan junuunfatanii, “Yesuus cubbuu kee si irraa fuudheera. Yesuus cubbuu keenya ar’as miiccaa jira, ittuma fufees ni miicca jedhu.” Kun attamitti dhugaa ta’aa? Isaan qajeelota ofiin jechaa karaa cubbuu irra immoo jiraatu. Isaan altokko qajeelaa albiraa immoo cubbamaa dha ofiin jedhu.
Barsiisi isaanii barsiisa sobaa dha. Gowwoomsaa dha. Namni amma qajeelaa, takka turee immoo cubbamaa ofiin jedhu raajii sobduu dha. Namni Yesuusitti nan amana jechaa ofitti faradu, nama of xureessuu dha.
Abaarsi Waaqayyoo Warra barsiisaa Sobaa duukaa bu’an irra Jira
Barsiisoonni sobduun maal irratti xiyyeeffatu?
Hojii dhaan fayyuu.
Barsiisonni sobduun yaada dhaabbataa hin qaban. Sababa kanaaf duuka buutota isaanii gara lammaffaa dhalachuutti hin geessan. Faallaa isaa dubbii amansiisaa hin taane kana namni hin beekneen lammaffaa dhalattaniittu jedhanii karaa hin taane irra nama buusu. Baayyee isaan karaa wallaalchisaa irra adeemu.
Yesuus wangeela Yohannis 3 keessatti, “Eenyu iyyuu Bishaanii fi Hafuurattii yoo dhalachuu dhaa baate mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” jedhe. Haa ta’uu iyyuu malee bara ammaa kanatti warri waa’ee lammaffaa dhalchuu dubbatan warra kaan biratti sobduutti lakkaa’amaa jiru.
Luboonni sobduun sababa sobaan gad of deebisaniif qajeelota ofiin jechuu hin dandaa’an. Duuka buutonni isaanii akka isaani konferaansii haaromsa eebba bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu iddoo kamitti iyyuu akka hin hirmaanne ni ittisu. Yoo lammaffaa dhalchuu barte sobduu taata ittiin jedhu. Waldaa keenya keessaas ni ari’atamta. Yoo nu wajjin turuu barbaadde, cubbamoota taatee nu wajjin turuu qabda, Waaqayyos yeroo isaatti qajeelaa si godha. Egaa isaan akkana jedhu. Lammaffaa dhalchuu fi dhiisuun dhimma keessan miti ittiin jedhu.
Barsiisonni sobduun duuka buutota isaanitiin, “Nu bira turuu qabdu, garuu lammaffaa dhalchuun dhimma mataa keessani ti. Kanaafuu yaalii mataa keessanii gochuu ni dandeessu. Akkuma amma jirtutti turaa, Waaqayyoon dura deddeebi’aa, yeroo Waaqayyo jedhutti immoo dhugaa hundumaa ni bartu. Isaan booda waan ta’u hin beeknu. Kun waldaa ishee dhugaa waan taateef nu bira turuu qabdu” jedhu. Egaa kun dhugaa sitti ni fakkaataa?
Luboonni sobduun dubbii kallattii hedduu irraa fuunananii waan hin taane barsiisu. Kun isaaniif dhugaa tokkicha. Dubbii dhugaa Macaafa Qulqulluu bishaanii fi Hafuura irraa lammaffaa dhalachuu hin beekan.
Barsiisonni sobduun dubbii Waaqayyoo dhiisanii yaada mataa isaanii barsiisu. Sagalee Waaqayyoo akka yaada keenyaatti hiikuu hin qabnu. Sababa namni akka yaada Waaqayyoo dhiisee akka yaada ofii isaatitti hiikuuf beektonni ti’ooloojii addaaddaa ka’anii garteen waldaa addaaddaas dhaabbatee jira.
Sababa garteen dhaabbata amantii sobaa fi ti’ooloji’aniin baayyataniif kitaabolee sobaa hedduu tu jiru. Sobdoonni ti’ooloji’anotaa, kitaabolee sobaa addaddaa irraa walitti sassabbatanii barsiisu. Garuu luboonni dhugaa Macaafa Qulqulluu qofa irratti hundaa’u.
Luboonni sobaa karaa jallaatiin duuka buutota isaanii irraa horii funaanu. Nyaatanii yoo dhugan iyyuu sababa lammaffaa hin dhalanneef dhumni isaanii sii’oliin ta’a. Kun firdii dhumaa Waaaqayyo isaaniif qopheessee dha.
Jalqabatti Waaqayyo isaaniin jabeessee ture. Garuu sababa eebba lammaffaa dhalachuu keessaa argamu hin amanneef sii’ol afaan banee isaan eegaa jira.
Waaqayyo sobdootatti ni farada. Sobdoonni akkaataa sirrii hin taaneen dhimmanii Waaqayyotti amanu. Itti fufanii immoo akka yaada isaaniitti waan lallabaniif lammaffaa dhalchuu hin danda’an.
Barsiisonni sobaa hojii gaaritiin fayyuu barbaadu. Eenyu iyyuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa lammaffaa dhalachuu kan hin barsiifne hundinuu sobduu dha.
Iddoo beekamtii hin qabnetti duuka buutota isaanii geggeessaa jiru. Guyyaa 40, kadhannaa halkanii fi guyyaa, guyyaa 100 tokkoof kadhannaa ganamaa geggeeffachuu, soomanii kadhachuu, ijaarsa waldaaf horii kennuu, aarsaa kumaan lakkaa’amu kennuu konferaansiif horii kennuu, warra caalmaa kenne giraafiin agarsiisuu fi kkf gochuu jaallatu. Egaan hojii isaanii arguudhaan akka isaan sobdoota ta’an ni beekama.
Abaarsi Waaqayyoo duuka buutoota isaanii irras jira. Tajaajiltoonni utuu lammaffaa hin dhalatin barsiisaniif warri isaan duukaa bu’an hundi ni badu.
Barsiisonni Sobaa Yaada Duuka Buutota Isaanii Ilaalaa Adeemu
Barsiisonni Sobaa Maaliif yaada duuka buutota isaanii dubbisaa adeemu?
Sababa lammaffaa hin dhalannee fi hafuura waan hin qabaanneef yaada of tuullummaa tiin waan adeemaniifi.
Luboonni sobaa guyyaa hundumaa ni boo’u. Diyaaqunoota, jaarsolii, lallabotaa tolaa isaan gammachiisaa adeemu. Kun akkaataa guyyaa guyyaatti isaanii ittiin argatanii dha.
Guyyaa hundumaa of-tuulummaadhaan deemu. “Qulqullaa’aa fi araara qabeessaa...” Isaan sababa hin fayyineef guyyaa hundumaa yaada of tuultotaatiin adeemu.
Lallabaan tokko akkana jedhe, “hafuuraan tajaajiluun abaarsa.” Akkana jechuun utuu hin fayyin tajaajiluun abaarsa jechuu dha. Ati warra akkanaa keessa jirta yoo taate bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu qabda.
Namni Yesuusitti amanee lammaffaa immoo hin dhalatin jiru sobduu dha. Kanaafuu warri akkasii kun gara wangeela bishaanii fi Hafuuraatti deebi’anii lammaffaa dhalachuu isaan barbaachisa. Warra wangeela bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatan qofaatu warra kaanitti wangeela lallabuu danda’u.
Sobdoonni Nageenya Qofaaf Boo’u
Luboonni sobduun duuka buutoota isaanii maaliif garaa ciibsaa adeemuu jaallatuu?
Utuu cubbamoota taanee jirruu iyyuu yoo nagaa arganne mootummaa Waaqayyootti ni galla jedhanii waan amananiif.
Isaayaas 28:14-15, “Kanaaf isin warri ga’iiftoonni, wrri Yerussaaleem keessa jiraattan, saba bulchitan dubbii Waaqayyoo dhaga’a! Isin du’aa wajjin waliif kakanneerra, iddoo lafa jalaa wajjin waliif galleerra, dha’ichi sodaachisaan yummuu dhufu, nu sobatti waan kooluu galleef gowwmmaa jalas waan linneef inni nu bira hin ga’u ni jettu.”
Iddoo kanatti yakkamaan eenyuu dhaa? Yaada dogoggoraa isaanitiin warra wangeela lallabanii dha. Lallabaan attamii iyyuu sirriitti wangeela hiikee barsiisuu qaba. Garuu luboonni sobduun akkuma isaaniitti fakkaatetti wangeela lallabu. Yakkamaa ta’uu jechuun egaa kana.
“Du’aa wajjin kakuu galleerra, sii’olii wajjinis waliigalleerra. Kanaafuu jarri Kun lamaan yeroo dhufan nutti hin bu’an” jedhu.
Barsiisonni sobduun abaarsi nutti hin dhufu jedhu. Kanaafuu akka namoonni hin gaddine itti dubbatu. Garuu badiisaa fi sii’ol tu isaan eeggata. Kanaafuu sobdoota akkasii irraa of eeggachuu qabna.
Barsiisonni sobaa bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuun nun hin barbaachisu jedhu. Kun dhugaa dhaa? Raawwatee dhugaa miti. Utuu lammaffaa hin dhalatin mootummaa Waaqayyootti galuun hin dandaa’amu.
Mootummaa Waaqayyootti galuu dhiisuun sirrii dhaa? Gaaffiin kun sii’olitti gubachuun sirrii dhaa gaafii wajjin tokko. Gaaffii lamaaniifuu Deebiin kennamu ‘lakkii’ kan jedhuu dha. Kanaafuu kottaa hundi keenya wangeela bishaanii fi hafuurattii lammaffaa dhalachuutti amannee mootummaa Waaqayyootti haa gallu.
Luboonni sobduun, Yesuusitti amannnaan yoo cubbamoota taane iyyuu sii’olitti hin gallu jedhu.
Utuu cubbamaa nama sirriitti hin amanne taatee jirtuu Yesuus sii yaadaa? Cubbamaan hin fayyine mootummaa Waaqayyootti galuu ni danda’aa? Macaafni Qulqulluun Yesuusitti amantee yoo cubbamaa taate iyyuu, mootummaa Waaqayyootti ni galta jedhaa?
Barsiisonni sobduun nuyi du’aa wajjin waan waliigalleef inni nutti hin bu’u jedhu. Amanaan tokko cubbuuttii hin qulloofne yoo ta’e iyyuu itti hin faradama jedhu. Dhuguma guyyaa booddee akka kanatti ni ta’a jettee ni yaaddaa?
Barsiisonni sobduun duuti firdiin isinitti hin dhufu jedhanii duuka buutota isaanii sobaan jajjabeessu. Waldaa isaanii keessattis warruma lammaffaa dhalachuun isaanii hin mirkanoofne luba, diyaaqunoota. Lallaboota godhanii muudu. Haa ta’u iyyuu malee sab aba wangeela bishaanii fi Hafuuratti hin amanneef badiinsatu isaan eeggata; wanti isaan beekanii itti amanuu qaban wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraa ti.
Amanaan tokko utuu sirriitti amanee cubbuu isaatti hin fayyin mootummaa Waaqayyootti galuu ni danda’aa? Cubbamaan akkanaa mootummaa Waaqayyootti galuu ni danda’aa? Macaafni Qulqulluun cubbamaan mootummaa Waaqayyootti galuu ni danda’a jedhaa? Lakki. Namni qajeelaan cubbamaa ta’uu ni danda’aa? Lakki. Barsiisi akkanaa luboota sobduu irraa madda.
Macaafni Qulqulluun, “Gatiin cubbuu du’a” (Roomaa 6:23) jedha. Kun seera Waaqayyoo ti. Haa ta’u iyyuu malee warri bishaanii fi Hafuurattii dhalatan waaqa irratti ni simatamu.
“Du’a wajjin kakuu galleerra, sii’olii wajjinis waliigalleerra, soba iddoo itti kooluu gallu godhanneerra, yeroo dheekkamsi dhufus nutti hin bu’u” jedhanii luboonni sobduun duuka buutota isaanii dogoggorsu. Isaan akka fedhe yoo cubbuu hojjenne iyyuu mootummaa Waaqayyootti ni galla jedhanii yaadu. Isaan dubbii dhugaa fakkaatu keessa waan of dhokkasaniif gargaarsa Waaqayyoo hin qaban. Isaan dubbii barsiisan qofa amanatu. Dubbii Waaqayyoo caalaatti dubbii ofii isaanii waan amanataniif sii’oltu isaan eeggata. Warra akkanaa kun baayyachuun isaanii baayyee nama gaddisiisa.
Paasteroonni/luboonni Sobduun Horiidhaaf Hojjetu
Akeeki luboota sobduu maalii?
Duuka buutota isaanii irraa horii argachuu dha.
Barsiisoonni sobaa fi luboonni sobaa madda galii isaaniitiif hojii hafuuraa hojjetu. Isaan hinaaftoota. Namni kun gara waldaa yoo dhufe hammaam kenna jedhanii dursanii tilmaamu. Kurnoo qarshi meeqa akka kennu ni tilmaamu. Kun akkuma warqee jabbii waaqeffachuu wajjin tokko. Yaa Waaqayyo, milkaa’ee akkan an horii argadhuuf na gargaari jedhu. Luboonni sobduun akkanaatti yaadani kadhatu.
“Yoo Yesuusitti amante, horii baayyee ni argatta, yoo dhabduu turte amma mucaa ni argatta, hojii keettis ni milkoofta” jedhu.
Namoonni hedduun luboota fi raajota sobaa akkanaatiin ni gowwoofamu, horii dhaaf jedhanii waan hojjetaniif guyyaa booddee ni badu. Kun attam jal’aa dha! Namni barsiisaa sobaa akkanaatiin qabamee jiru, warra isa gowwoomsan kanaaf ammam akka horii buusuuf beekuu isa barbaachisa. Danuu gowwuma isaa kana keessaa immoo sababa isaaniif hojjetuuf baayyee gammadu.
Barsiisonni sobaa karaa ittiin nama gowwoomsan sirriitti ni beeku. Duuka buutonni isaanii kadhannaa ganamaa fi kadhannaa tulluu irraatti, kurnaffaa baasuutti, aarsaaf galatoo kennisiisuutti cimoo dha. Sababa hedduutiin horii nama irraa ni fuudhu.
Duuka buutonni isaanii baayyee cimanii hojjetu, garuu sababa wangeela bishaanii fi Hafuuraa baranii cubbuu isaanitti hin qulloofneef cubbuu du’attii hin hiikamne. Keessa-keesssaa nuyihoo deebii kadhannaa keenyaa hin arganne jedhanii guungummii ni kaasu. Namni eenyu iyyuu bishaanii fi Hafuurattii hin dhalanne taanaan cubbamaa dha.
Gaddisiisoo Barsiisota Sobaa fi Duuka Buutota Isaanii
Biyya lafaa kana keessaa hunduma irra caalaa kan nama gaddisiisu eenyuu dhaa?
Warra utuu lammaffaa hin dhalatin tajaajilanii dha.
“Isin gaddisiisoon barsiisota sobaa! Mee dura fayyina keessaniif hojjedhaa!” Mallattoon olaanaa luboota sobaa jabbii Yeroobi’aam isa warqee irraa tolfame waaqeffachuu dha. Bara Kakuu Moofaa keessatti barsiisoonni sobaa dursanii kan isaan hojjetan, mana qulqullummaa dhagaadhaan ijaaranii jabbii warqee irraa tolchanii keessa kaa’uu dha (1 Mootota 12:25-33).
Bara ammaa kanattis waldootiin hedduun mana dhagaa gatijabeessaan ijaaruuf jecha horii hedduu duuka buutota isaanii irraa fuudhu. Akka baankii irraa sababa kanaaf horii liqeeffatanis ni dubbatu. Dhaggeettii saba isaan duukaa bu’aa jiruu jajjabeessanii qodaa buusii jala qabu. Yeroo kanatti horiin, warqeen qubaa, saa’atiin warqee qodaa buusii sana ni guuta. Barsiisoonni sobaa akka kanatti ni hojjetu. Waldoota sobaa keessatti baayyeen isaanii akka kanatti ni hojjetu.
Waan bakkeen mul’atuun waan dubbii Hafuuraatiif dhimman fakkaata, garuu keessi isaanii horii irratti kan ijaaramee dha. Waldoota warra horii qofaaf hojjetan irraa of eeggadhaa. Adaraa gara waldoota warra sorreessootaaf kabaji addaa kennamuu hin dhaqina. Tokkoon-tokkoon namaa ammam akka kenne himuun dogoggora yoo ta’e iyyuu isaan immoo caalaa akka namoonni kennaniif ni hojjetu.
Barsiisoonni sobaa jecha duuka bootota isaanii harkisu itti dubbatu.
“Yesuusiif yoo amante horii hedduu argata.”
“Hojii Waaqayyoo hojjechuuf of kennaa. Akkuma caalaa Waaqayyoof hojjettan, horiis argattu” ittiin jedhu.
“Jaarsolii taatee yoo hojjete caala ni eebbifamta.”
Kanaaf iyyuu duuka buutoonni isaanii jaarsolii ta’uuf wal saamu. Kennaan horii hin jiru yoo ta’e, eenyu tu maanguddoo ta’ee hojjechuu barbaada? Kanaafuu jaarsoliin hundi isaanii horiis dabalanii ni kennu.
Kanafuu, barsiisa gartee isaanii akka hordofan ilaalamani, uummaticha keessatti ammam akka kabaja qabanii fi ammam akka horii waldaaf kennan shallagamanii filatamu. Kun dhugaa ni ta’aa? Kun dhugaa dha.
Barsiisoonni sobduun waa’ee horii yaadu. Yaadni isaanii waldaa gurguddaa ijaaruu dha. Erga horii argatanii duuka buutonni isaanii guyyaa booddee yoo badanis dhimma hin qaban.
Barsiisoonni sobaa buddeenaaf hojjetu. Amantoota waldaa isaanii maqaa kabajaa isaan ittiin keessaa ba’uu hin dandeenyeen qabu. Akkasumattiin maqaa baasuuf (Isqeel 13:17-19). Kunis caala lubbuu isaanii waldaatti gudunfani horii irraa guuruuf haala mijeessuufii. Barsiisonni sobaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin labsani. Isaan sooruma ofii isaaniitiif hojjetu.
Namni yeroo xiqqoo waldaa keessa hojjte iyyuu tajaajilaa ni ta’a. Waa’ee dooktirinii waldaa isaanii hubatee horii gaarii qaba yoo ta’e, maanguddummaattis ni filama. Kun egaa fakkeenya cubbuu Yeroobi’aam isa bakka Waaqayyoon jabbii tolfamaa buuse, isa nama yeellaasisuu dha.
Barsiisonni sobaa jabbii warqee waaqeffatu. Akka namni lammaffaa dhalatee jireenya baraabaraa argatuuf hin hojjetan. Isaan amantoota isaaniitiin, eebba lafa irraa ni argatuu kennaa jechuudhaan nama gowwoomsanii horii irraa fuuchuudhaaf taa’u. Isaan horii argannaan waa’ee jireenya baraabaraaf waan yaadan hin qaban.
Lallabni Barsiisota Sobaa Dubbii Amansiisaa Hin Qabu
Barsiisonni sobduun sababa waan amansiisaa hin qabaanneef, “akkas ta’uu danda’a” jechuu jaallatu. Dubbii Waaqayyoo irraa amantii hin qaban. Akkaataan amantii isaanii dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaa’e miti. “Akkana ta’uu danda’a….” Waan nama amansiisu ifatti dubbachuu hin dandaa’an. Isaan soba malee dhugaa tokko illee waan barsiisan hin qaban.
Barsiisonni sobaa waa’ee bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalachuu hin beekan. Isaan namoota baayyeef karaa badiisaa ta’aniiru.
Barsiisonni Sobduun gahee Raajota Sobduu Xabatu
Wanti Hafuura Qulqulluu ar’absuutti nama geessu maalii?
Yesuus cuuphamuu isaa fi du’a fannoo isaatiin akka inni cubbuu keenya nu irraa kaase amanuu dhiisuu dha.
Maatewos boqonnaa 7 waa’ee namoota utuu Yesuusitti amanani sii’olitti darbatamanii dubbata. Barsiisoonni sobduun guyyaa booddee Waaqayyo duratti ni guungumu. Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti galmaa’ee jiru, “Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayyeen yaa gooftaa yaa gooftaa nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjnneerra miti anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti matumaa ani isin hin beeku isin yaa warra hamaa hoojettanii ija koo duraa badaa jedheen mul’inatti isaanitti hima jedhe!” (Maatewos 7:22-23).
Akka Yesuus cubbuu isaanii irraa miicces ta’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanan.
Seeraan ala waa hojjetu. Kun maal jechuu dhaa? Akkana jechuun utuu ofiiyyuu hin fayyin warra kaanitti waa’ee Yesuusiin dubbatu jechuu dha. Kun cubbuu maalii qaba jettanii yaadu dandeessu garuu kun Waaqayyoon duratti cubbuu guddaa dha.
Namni cubbamaan yeroo lallabu sababa ofii isaatii lammaaffaa hin dhalanneef akka warri kaan lammaffaa dhalataniif deggarsa gochuufii hin dandaa’an. Barsiisoonni sobduun gara adeemanitti cubbuu orsiisu. Seera ala waa hojjechuun cubbuu dha.
Barsiisonni sobaa Waaqayyoottis ta’ee dubbii wangeelaa isa barreeffamee jirutti hin amanan. Isaan saba isaan duukaa bu’u irraa horii funaannachuuf taa’u. Warra akkanaa kun amantoota sobaa ti. Utuma ofii iyyuu lammaffaa hin dhalatin warra kaan wangeela barsiisuu barbaadu. Kana gochuu isaanitiin waan seeraan alaa hojjetu.
Barsiisonni Sobduun Faallaa Qajeelotaa ti
Warra lammaffaa dhalatee fi warra lammaffaa hin dhalatin attamitti gargar baafamu?
Qoruudhaan gargar baasuun ni dandaa’ama.
Tajaajiltoota sobduu warra yakka isaanitti hin fayyine kanattii of eeggadhaa. Horii keessan itti hin kenninaa. Horii itti dadhabdanii hojjettan isaaniif hin dabarsina.
Dubbii Hafuuratti warra isin hin gargaarre lallaboota sobduu kanaaf maaliif horii keessan baaftuu? Hojii waldaaf horii kee kennuu yoo barbaadde, hanga wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin cubbuun kee si irraa hiikamuutti turi.
Akkuma namni hojii ogummaa nama irraa akkeessu, jireenyi namaas akkeessaa qaba. Fakkeenyuma kanaan garteen amantii akkeessaa dhiifama cubbuu hin agarsifne jira. Akkeessaa gartee amantii attamitti beekuu? Akkeessaa jechuun waan bakkeen mul’atuun wanta dhugaa fakkaatee keessii isaa garuu kan biraa kan ta’ee dha.
Ofii keetii murteeffachuu qabda. Lallabaan dhugaa eenyuu dhaa? Isa kamtu barsiisaa sobaa ti. Amantiin dhugaa maalii? Amantiin dhugaa humna Yesuusii fi aangoo isaatti amana. Namni amantii akkanaa qabu cubbuu isaatti ni qullaa’a. Barsiisonni sobaa garuu cubbuu isaanitiin hafu.
Namni hundinuu barsiisa sobaa keessa jiru jechuu dhaa? Ta’uu isaa ti. Haa ta’u iyyuu malee gara wangeelaatti deebi’uu qabna. Namni utuu Yesuusitti amanee jiruu lammaffaa hin dhalatin amantii sirrii irra hin jiru. Warri lammaffaa dhalatan karaa dhugaa irra akka jiran beekamaa dha. Warri lammaffaa hindhalatin karaa dogoggoraa irra akka jiran beekamaa dha. Amantiin dogoggoraa nama utuu Yesuusitti amanee jiruu cubbamaa dha jedhuu dha.
Barsiisonni sobaa qajeelota akkeessu. Karaan cubbuuttii qullaa’an karaa amantii qofa utuu ta’ee jiruu, isaan immoo hojii dhaal cubbuu isaaniitti qullaa’uu barsiisu. Akka cubbamoota ta’anis ni dubbatu. Utuuma kanaan jiranii mootummaa Waaqayyootti ni galla jedhu. Akka waan qajeelota ta’anii godhatu, garuu kottaa akkeessaa isa nama dogoggorsu irraa haa deebinu.
Firdiin Waaqayyoo Barsiisotaa Sobaa Irratti Ni Dhufa
Wangeelli dhugaan maaliif jijjiirame?
Sababa Barsiisonni yaada namaa isa dogoggooraa dubbii dhugaa wangeelaatiin makaniifi.
“Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa aango qabeessi Israa’elm ega ani warra ana jibban of irraan kuta diinota koo irrattis ijaa nan ba’a; Ani si irratti harka koo ol nan fudhadha. Akka nama sibiila qulleessuutti sin qulleessa; xurii kee hundumaa si keessaa nan baasa. Ani abboota firdii kee akka duratti warra gorsituus akka yeroo jalqabaatti siif nan deebisa. Kana booddee ati mandara qajeelummaan keessa jiruu fi mandara amantummaa ni jedhamta jedhe; Warri ishee keessa jiran gad ba’anii gara qajeelummaatti yoo deebi’an xinnoo firdii qajeelaa dhaan ni furamti. Warri irra-daddarbanii fi warri cubbuu hojjetan garuu walii wajjin ni caccabu; Warri Waaqayyo irraa deebi’anis ni badu. Qilxuu jalatti hirreeffatanii itti gammadan sanaaf yeella’uuf jirtu. Iddoo dhaaba isa fo’atan sanaafis salapachuuf jirtu. Isin akka qilxuu baalli isaa arca’ee akka iddoo dhaabbaa bishaan hin qabnees ni taatu. Namni jabaan akka offaa caccabaa ni ta’a; Hojiin isaas akka barbadaa ibiddaa ti; Lachuus waliiwajjin ni boba’u kan isa dhaamsus hin jiru” (Isaayaas 1:24-31).
Waaqayyo yoo namatti amanne akka qaanoofnu nutti dubbata. Ammas warri waldaa Waaqayyoo dhiisanii waldaa ofii isaani filatan ni qaana’u, kun immoo akka muka bishaan dhabee gogee ta’uu isaaniiti.
Hojjettoonni warri dubbii Waaqayyoo dhiisanii dubbii namaa amanatan firdii ibiddaatiif kaa’amanii jiru. Isaan sii’olitti gubachuudhaaf jiru. Lallaboonni sobduu hundi isaanii fuula Waaqayyoo duraa baduuf jiru.
Waldaan dubbii hafuuraa hin qabne irratti hundaa’an jireenya hin qaban. Waldaan dubbii Waaqayyoo wangeela bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalchuu dhugaadhaan amantee hin barsiifne garuu jireenya hin qabdu.
Muki bishaan malee dhaabbate ija hin godhatu. Boolli bishaan hin qabne boolla bishaaniiti jechuun hin dandaa’amu.
“Inni cimaan akka muka talbaa, hojiin isaas akka qaanqee ti, lamaan isaanii iyyuu ni badu, kan isaaniin dhaamsus hin jiru.” Warri hafuura hin qabne warra kaan biratti cimoo yoo fakkaatan iyyuu, garuu fuula Waaqayyoo duratti akka qaanqee ibiddaa guyyaa booddee sii’olitti darbatamu.
Gooftaan, “Yaa eegdu, lafti kun bari’uuf hammamtu hafa?” (Isaayaas 21:11). Qajeelonni wangeela ifa keessatti wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsu.
Waaqayyo ifa, Seexanni immoo dukkana. Waaqayyo gara qajeelummaatti nama geessa, Seexanni immoo gara dukkana falaasummaa ti’ooloojii namaatti nama oofa.
Bara raajicha Isaayaas keessa, amantiin saba Israa’el dukkanaa’aa ture. Dubbii Waaqayyoo fi falasumaa ti’ooloojii namaa waliin makaa turan. Sababa kanaaf Waaqayyo isaan balleesse.
“Waaqa tolfamaa kee faggeessi. Ani warra firdii kennan nan fida, warra si gorsaniis dursee nan kaasa.” Aarsaan Waaqayyo duratti hin fudhatamne akka waaqa tolfamaa ti, innis yaada namaa fi dhugaa Waaqayyoo waliin makuu dha.
Waaqayyo aarsaa waliin makamaa hin fudhatu. Wanti nama duratti gaarii fakkaatu, yaadni namaa yaada Waaqayyoo wajjin walii hin galle yoo ta’e aarsaa xuraa’aa ta’a.
Waaqayyo waa’ee barsiisa dogoggoraa, waa’ee lallaboota sobaa fi yakkamootaa saba Israa’elitti dubbateera.
Seera ba’uu ykn seera lakkoofsaa yoo ilaalle, Waaqayyo gara jalqabaatti isaanitti hin dheekkamne ture. Waaqayyo jalqabatti saba sanaaf eebba kenne. Garuu erga Iyyaasuun du’ee sabni Israa’el ni booji’ame.
Haa ta’u iyyuu malee, isaan karaa isaanii filachuu ittuma fufan. Yeroo sanatti, akka sabni Israa’el Baabiloonitti booji’amu raajjichi Ermiyaas hubachiiseera.
Ermiyaasiis akka sabni sun Baabiloonitti booji’amu itti dubbateera. Kun egaa haqa qajeelonni warri bishaanii fi Hafuurattii dhalatan, warra karaa irra hin jirretti dubbatanii dha.
Waaqayyo Barsiisota Sobaa Ni Adaba
Waaqayyo maaliif barsiisota sobaa adabaa?
Sababa isaan Waaqa tolfamaa waaqessaniif.
Hojjettoonni Waaqayyoo maaliif saba Israa’eliin dheekkamaa ture? Sababa isaan sirna aarsaa jijjiiranii, nama luba ta’uun malee luba godhan guyyaa aarsaa Waaqayyoo kaa’es waan jijjiiraniif.
Guyyaa araaraa ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaa irraa kaasanii ji’a saddeettaffaa guyyaa shanaffaa irra kaa’atan. Isaan egaa akka lammaffaa hin dhalanneef karaa ofitti cufaniiru.
Waaqayyo lallaboota sobaa akeekkachiiseera. Warri bakka Waaqayyoo jabbii warqee tolchanii itti waaqesiisan luboota sobduu dha.
Waaqayyo warra waaqa tolfamaa waaqessan qofaatti hin dubbanne. Har’as akka nuyi waaqa tolfamaaa hin waaqessineef nutti ni dubbata. Yeroo baayyee cubbuu ni hojjenna, haa ta’u iyyuu malee sababa ayyaana Waaqayyoo tiif yakki keenya firdii du’aa hin arganne. Haa ta’u iyyuu malee, waaqa tolfamaa bakka Waaqayyoon buusuun cubbuu hin dhiifamnee dha. Sirna aarsaa Waaqayyo kaa’e jijjiiruunis waaqa tolfamaa waaqessuu wajjin tokko.
Kun cubbuu guddaa attamiiti! Baayyee cubbuu olaanaa dha. Namni tokko jabbii warqee hojjetee bakka Waaqayyoo buusuun akkam yakka olaanaa dha! Kun cubbuu Yeroobi’aam isa firdiitti isa geessee dha.
Akkuma bara Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyo dheekkame, inni cubbamoota warra isaan mormanitti ni dheekkama. Waaqayyo saba Israa’el warra waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa deebi’uu didan dheekkameera.
Barsiisoonni Sobaa Aarsaa Seera Hin Taane Dhi’eessu
Utuu Waaqayyoon hin tajaajiliin dura maal gochuu qabnaa?
Cubbuun keenya hundi nu irraa ka’uu qaba.
Mootonni fi luboonni sobduun bara Isiraa’el faallaa Waaqayyoo fi sirna aarsaa inni kaa’een hojjetaa turan. Yeroobi’aam luba isa Waaqayyo hin keenye kaa’atee ittiin hojjechaa ture.
Akka seera kennameetti kan luba ta’ee dunkaana keessaa hojjechuuf kaa’ame mana Leewwii ala fuudhee luba godhe. Waaqayyo garuu manni Leewwiin qofti akka luboota ta’an kaa’e. Kun seera Waaqayyoo isa dhaabbataa ture. Haa ta’u iyyuu malee Yeroobi’aam mana Leewwotaattii ala luboota warra jabbii warqeetti nama sagachiisaan muude. Kun dheekkamsa Waaqayyootti akka nama geessee beekamaa dha.
Bara ammaatti iyyuu, namoonni utuu lammaffaa hin dhalatin hojjettoota, tajaajiltoota, diyaaqunoota addaaddaa ta’anii kan tajaajila kennaa jiran hedduu dha. Kun immoo hojii seera Waaqayyootiin alaa waan ta’eef dheekkamsa namtti fida. Waaqayyo aarsaa seeraan alaatti ni gammadaa? Barsiisa sobaa irra warri jiran jabbii warqee waaqeffachuu dhiisanii gara wangeela dhugaatti deebi’anii lammaffaa dhalachuu isaan barbaachisa.
Isaayaas 1:10-17 akkana jedha, “Isin warri akka bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhaga’a. Isin warri akka saba Gomooraa gorsa Waaqayyo keenyaa dhaggeeffadha. Waaqayyo baayyinni qalma aarsaa keessani isa gubamu maal anaaf godhaa? Ani aarsaa korbeessa hoolaa fi mooro horii coccoomaa quufeera; Akkasumas immoo dhiiga tuntunoo dhiiga ilmoo hoolaa fi dhiiga ilmoo reettiitti ani hin gammadu; Isin ana duratti yemmuu dhi’aattan, oobdii koo dhidhiittan eenyu tu isin irraa fedhaa? Kennaa waa’ee hin baafne deebitanii hin fidinaa. Ani aarsaa ixaana keessanii ciiga’eera, baatii haaraa, sanbataa fi walga’ii keessan jallinaaf walitti qabamuu keessanis an obsuu hin danda’u. Ayyaanni baatii haaraa keessaniif ayyaana keessan warra beekamoo ani nan jibbe; Isaan ba’aa anatti ta’aaniiru, ani isaan baachuu dadhabeera, yummuu isin harka keessan gara kootti balliftanii kadhattan an immoo gara keessan hin ilaalu. Harka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baayyittan iyyuu an isiniif hin dhaga’u. Dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa; Gaarii gochuu baraa! Firdii qajeelaa duukaa bu’aa; Warra nama miidhaan ifadhaatii qajeelchaa; Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa! Haadha iyyeessaaf falmaa!”
Kutaa kana xiyyeeffannee yoo ilaalle, geggeesitoonni saba Israa’el warra kadhannaa qaban turan. Haa ta’uu iyyuu malee, aarsaa seeraan alaa waan Waaqayyoof dhi’eessaniif badiisatu isaanitti dhufe.
Kana yeroo ilaallu, isaan seera Waaqayyoos ta’e dubbii Waaqayyoo callisanii hojjechaa akka turan hubanna. Geggeesitoonni sun kadhannaatti warra of kennan waan turaniif aarsaa lakkoofsa hin qabne dhi’eessaa turan. Macaafni Qulqulluun garuu dunkaana Waaqayyoo keessaa dhiigni akka bishaaniitti yaa’a jedha.
Yakka isaan hojjetan Waaqayyo yeroo ilaalu, cubbuun isaanii kun cubbuu Gamooraa wajjin tokko akka ta’e ni dubbata. Inni aarsaa cubbuu fuula isaa duratti akka dhi’eessan ni arga ture. Kanaafuu inni aarsicha dhi’eessuun utuu hafee gaarii akka ta’e dubbateera. Inni aarsaa cubbuu isaanii hin feene.
Akkuma warqee jabbiitiif aarsaa dhi’eessan, Waaqayyo cubbuu isaanii hin dhiisuuf. Raawwatee isaanii obsuus hin danda’u. Akka seera aarsaatti akka dhi’eessaniif isaanitti dubbatee ture. Yoo akkas ta’uu dhaa baate dhiisuu tu caalaa filatamaa ture.
Aarsaan isaanii akka seeraatti Waaqayyoof hin dhi’eessine, luboonnis faallaa fedha Waaqayyoo hojjetaniiru. Utuu cubbuu ofiittii hin qullaa’iin Waaqayyoof hojjechuun cubbuu ulfaataa dha.
Barsiisonni Sobduun Akka Barsiisota Mana Barumsaa ti
Barsiisonni sobduun maal barsiisuu?
Waa’ee lammaffaa dhalachuu utuu hin taanee waa’’ee adeemsa jireenyaa barsiisu.
Barsiisonni sobduun waan bakkeedhaan mul’atu ilaalu. Yeroo iddoo lallabaatti baa’anii dubbachuu eegalan akkaataa dhaabbannaa isaanitiin namni meeqa akka booji’ame ilaalcha keessa galchu. Akkaataan dubbii isaanii tooraan kan qophaa’ee dha. Lallaba isaanis nama dheekkamuudhaan fixu. Kun lallaba attamii ta’aa? Lallabni isaanii fi barumsa mana barumsaatti kennamu garaagarummaa maalii qabaa?
Waldaan Waaqayyoo bakka namoonni lammaffaa dhalatan waliiwajjin Waaqayyoon itti waaqeffatanii dha. Waldaa akkanaa qofaatuu waldaa ishee dhugaa ti. Waldaan Waaqayyoo karaa namni ittiin humna isaatiin Waaqayyoon duratti ga’a ta’u hin barsiistu. Waldaan isheen dhugaa akkaataa namni itti wangeela bishaanii fi hafuuraatiin lammaffaa itti dhalatan barsifti. Cubbuun kee ammam cimaa iyyuu haa ta’u, Waaqayyo cubbuu kee si irraa ni kaasa.
Barsiisonni sobaa duuka buutota isaaniitiin, “kan hin godhinaa, sana moo godha” jechuudhaan ba’aa humna isaanii olii irra kaa’u, ofii isaaniitii moo quba isaanii iyyuu itti hin buusan.
Lubni sobaa mucaa isaatiif mi’a xabaa gati jabeessa ni bita, biyya alaattis barsiisaaf ni erga. Attamitti lubni tokko waan kana danda’aa? Horichas eessaa argataa? Horii kana hundumaa qaba erga ta’e, maaliif wangeela ittiin hin lallabne? Lallabaan tokko konkolaataa gati jabeessaa ooffachuu qabaa? Konkolaata gati jabeessaan deemuu ni danda’aa? Mana dhagaa cicimaatiin magaalaa gugurguddaa keessatti horii eessaa fuudhee ittiin ijaaraa? Duuka buutonni isaanii iyyuu bituufii ni danda’uu, attamittiin konkolaataa gati jabeesse akkanaa argachuu danda’ee? Barsiisota sobaa hojii isaanii ilaalee beekuu dandeenya.
Tajaajiltoonni sobduun horii guddaa gaafatu. Waldaan tokko-tokko lallaboota isaaniitiif hanga $10,000 ni kaffalu. Kun egaa waan seeraan kaffalamu qofa dha. Kan biraa immoo barnootaaf, kitaaboleef, nama ijoollee isaanii eeguuf, do’annoof kkf moo dabalanii kaffaluuf.
Kanuma keesaa iyyuu xinnoo tu nuu kaffalame jedhanii ni guungumu. Ji’aan amma $10,000 tti utuu argatanii horii kan biraa dabalataaf ni gaafatu. Qarshiin $10,000 horii xiqqoo dhaa? Tajaajilaan dhugaa tokko wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabuun isaa ni ga’a.
Lallabaan dhugaa Waaqayyo biraa jajjabinaa fi nagaa ni argata. Tajaajiltoonni sobduun garuu horii barbaachaaf waan hojjetaniif nagaa hin qaban. Lallaboonni akkanaa warqee jabbii waaqeffatu.
Waldaan Waaqayyoo al tokko-tokko Tsiyoon jedhama. Waldaan akka Tsiyoon miidhagdu hin jirtu. Waldaan Waaqayyoo bakka wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa itti lallabamuu dha.
Isaayaas 1:21 akkana ni jedha, “Mandarri isheen amanamtuun attamitti ejjituu taatee? Dur firdiin ishee keessa guutee ture; qajeelummaanis ishee keessatti ni argama ture; amma garuu warra nama ajjeessan tu keessa guutee.” Isaayyaas waldaan Waaqayyo, “iddoo hojiin qajeelaa guutee dha” jedhee ni dubbata.
Waaqayyo qajeelaa dha. Nuyi sababa hirruu taaneef sababa nama cubbuuttii dhalannee sanyi Addaam taaneef Yesuus Kiristoos wangeela bishaanii fi Hafuuraa tiin cubbuu keenya nu irraa miiccuuf gara biyya lafaa dhufe. Kun qajeelummaa Waaqayyoo agarsiisa.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, namni yeroo hirrina isaa hubatu Waaqayyoon duraatti aarsaa dhi’eessa. “Yakka akkas-akkasii hojjedheera. Ani doggoggora hedduun qaba.” Haala kanaan guyyaa araaraatti dhiifama cubbuun isaanii ni argatu.
Fakkeenyuma kanaan, bara Kakuu Haaraa keessatti, Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee cuuphamuudhaan cubbuu ilmaan namaa irraa fuudheera.
Garuu waggaa haaraa keessatti, namoonni baayyeen boo’anii, “Waggaa darbe keessa cubbuun hojjedhe naaf dhiisi. Waggaa haaraa kanatti eebba kee naaf kenii” jedhanii ni kadhatu. Namoonni akkanaa kun hafuurota sobaa tiin warra deddeebi’anii dha.
Egaa dhugaan lammaffaa dhalachuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa maali? Yesuus Kiristoos waggaa 2000 dura gara biyya lafaa dhufee cubbuu ilmaan namaa barbaraan kaaseera. Inni cubbuu biyya lafaa bishaanii fi dhiigaan kaaseera. Egaa guyyaa-guyyaatti dhiifama cubbuu kadhannee fayyina keenya bakkaan ga’uuf yaaluun soba dhugaa fakkaatu dha.
“Mandarri isheen amanamtuun attamitti ejjituu taatee? Dur firdiin ishee keessa guutee ture.” Namni utuu Yesuusitti amanee jiruu cubbamaa ofiin jedhu, humna qulleessuu Waaqayyoo waan ganeef sobduu dha.
Luboonni Sobduun Wangeela Lammaffaa Dhalachuu Bishaanii fi Hafuuraa Hin Lallaban
Waaqayyo kadhannaa Cubbamootaa ni dhaga’aa?
Lakki. Sababiin isaas cubbuun isaanii aqayyootti waan gargar isaan baaseef.
Waaqayyo keenya nama isatti amanu hundumaa dhiifama cubbuutiif gara ofii isaatiitti isa waamee jira. Amananii dhiifama cubbuu argachaa karaa biraa immoo cubbuun qaba jechuun Yesuus naaf hin dhiifne jechuu waan ta’eef yaadni akkanaa Yesuusiin deebisanii ajjeesuu dha. Cuuphamuu fi duutii fannoo Yesuus cubbuu hundumaa nama irraa kaaseera.
1 Pheexiros 3:21 irratti, cuuphamuun Yesuus fakkeenya fayyisuu Kiristoosii. Yesuus Kiristoos du’a isaatiin cubbuu ilmaan namaa al takkaa irraa fuudheera. Inni altakkaa cubbuu ilmaan namaa du’a isaatiin irraa fuudhee, guyyaa sadaffaatti du’a ka’uu isaatiin qajeelummaa raawwata. Amma inni mirga Waaqayyoo abbaa taa’ee jira.
Yesuus Kiristoos altakkaa du’ee barabaraan cubbuu keenyattii nu fayyiseera. Waggaa 30 ffaa isaatti Yohannis cuuphaan cuuphame. Cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee altakkaa du’eera. Akkana jechuun firdiin yeroo hundumaa akka jiru hin agarsiisuu ree?
Barsiisonni sobduun nuyi amma iyyuu cubbamoota yeroo ofiin jedhan, karaa biraa akka Yesuus lammaffaa dhufee isaaniif du’u gaafachuu isaanii ti. Yeroo dhiifama cubbuu kadhatan hundas inni kana gochuu hin qabu.
Warri wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanan barabaraan cubbuuttii fayyanii qajeelota ta’aniiru. Namni bishaanii fi Hafuuraattii dhalachuudhaan qajeelummaa argatu eebba Waaqayyoo isa barabaraa keessa ni gala. Namni qajeelummaa Waaqayyoo barbaadu hundi eebbifamaa dha.
Isaayaas 1:18-20 mee haa dubbifannu. “Kottaa mee walii wajjin dhugaa ni baafnaa. Cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii ni addaattu; dhiimaa biluus yoo isin godhe iyyuu akka jirbii iddamaa adii ni taatu. Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu ni nyaattu. Diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin ni nyaata.”
Waaqayyo yoo wangeela dhugaa bishaanii fi hafuuraatti amanne jireenya barabaraa akka argannu, garuu Cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii ni addaattu; dhiimaa biluus yoo isin godhe iyyuu akka jirbii iddamaa adii ni taatu.
Waaqayyo, “Kottaa mee wal ilaalla. Waliin dubbanna. Isin ga’a mitii? Isin jalloota mitii? Garmalee of ni jaallattu mitii? Abboommotatti jiraachuu hin dandeessanii? Wanta seerri jedhu hin gootanii? Ni beektu garuu dandeessanii akka isin hojii irra hin oolchine nan beeka. Kanaafuu, gara koo kottaa. Cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii ni addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu akka jirbii iddamaa adii ni taatu.” Akkana jechuun Waaqayyo cubbamoota fayyisee qajeelota godha.
Yeroo Waaqayyo Addaamii fi Ewwaniin uume cubbuun hin turre. Garuu Seexanni dhufee keessa gale. Akka isaan Waaqayyoof hin abboomamneef isaan qoree, nama hundumaa cubbamoota godhe. Seexanii akka namni kufu godheera. Jalqabatti Addaamii fi Ewwaan cubbuu hin qaban turan. Garuu deebi’anii cubbamoota ta’an. Amma Waaqayyo akka fayyinuuf nu waamaa jira. Isaan jannata Hedeen keessatti Waaqayyo wajjin turan. Kottaa egaa waliiwajjin dhugaa ni baafnaa. Kottaa waliiwajjinis ni dubbannaa!
“Biyya lafaa kana keessatti ammam cubbuu hojjettee? Amma gaafa duutuuttis ammam cubbuu hojjettaa?”
“Yaa Waaqayyo. Cubbuu gochuu dhiisuun hin dandaa’amu. Amma fedhe yaalii goonu iyyuu qulqullaa’uu hin dandeenyu.”
“Haa ta’u egaa, hanga ammaatti ammam cubbuu hojjettee jirtaa”
“Egaa yaa Waaqayyo, ani waan hundumaa yaadachuu hin danda’u, barru koo keessatti wanti yaraan akka hafee nan beeka. Waan yeroo sana ni yaadattaa? Waan an dubbadhe hundumaa ni beekta…”
Egaa Waaqayyo akkana jedha, “Ittuma fufii natti dubbadhu. Kana qofaa dhaa? Kanneen kana bira kan jiru beektaa? Haa ta’u iyyuu malee, cubbuu ati yaadattu, cubbuu ati hirraanfatte, cubbuu ati gara fuula duraatti gootu iyyuu, barabaraan si irraa kaaseera. Cubbuu isa kan keetii qofa osoo hin taane, cubbuu ijoollee keetii, kan sanyii keetii hundumaa si irraa kaaseera. Ani Waaqayyo qulqulluu dha. Cubbuu kee hundumaattii si qulleesseera.”
Waaqayyo cubbuu ilmaan namaa, Addaamii eegalee hanga nama dhumaa yeroo gooftaan lammaffaa dhufu dhalatuu irraa kaaseera, inni Alfaa fi Omeegaa dha, isa jalqabaa fi isa dhumaa ti.
“Ani fayyisaa Waaqa hundumaa danda’uu dha.”
“Ani Yaaiwwee, Waaqa araaraa ti.”
“Warri araara argachuu malaaniif araara nan godhaaf, warra gara laafamuun maluufiif garaa nan laafa.”
Araara isaa ni kadhannaa yoo taane, isatti firoomnee araara isaa ni fudhanna. Waaqayyo abbaan keenya nu eebbisuu barbaada. Nuyi hundi keenya qajeelota akka taanu barbaada. Jaalala fi araara isaatiin, qajeelota akka taanu barbaada.
Erga lammaffaa dhalannee booda Waaqayyo maal akka hojjennu barbaadaa?
Biyya lafaa hundumaatti akka nuyi wangeela lallabnu barbaada.
Inni akka cabbii Addaachuu keenya barbaada. Yesuus karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatii cubbuu ilmaan namaa barabaraa irraa kaaseera. Waldaan cubbuu ilmaan namaatiif furmaata isaa himuu hin dandeenye waldaa Waaqayyoo miti.
Namoonni gara lubootaa dhufanii, “Ani cubbuu hin qabu. Maal gochuun qabaa? Yeroo baayyee irra deddeebi’ee qalbii diddiirradheera, garuu cubbuun koo ana irraa hin kaane. Kanaa caalaa adeemuu hin danda’u. Akka kanattis amantii koo itti fufuu hin danda’u.” Rakkina hafuuraa kanaaf luboonni furmaata hin kennan taanaan, inni soba dha. Inni, “dhimma kee ti. Soomiitii yeroo dheeraaf kadhadhu. Guyyaa 40f soomuuf yaalii godhi.”
Luboonnis sobduun yookaan geggeesitoonni of eeggannoo jireenyaa, wangeela bishaanii fi Hafuuraa warri hin beekne cubbuudhaan kan guutamanii dha. Akka jireenyi isaanii guyyaa booddeetti badu ykn sii’oliin dhaqu illee hin beekan.
Geggeessitoonni akkanaa fuula Waaqayyoo duratti qajeelota miti. Isaan sobdootaa fi dogoggorsitoota. Waan bakkeen mul’atuun waan Yesuusitti amanan fakkaata, haa ta’u iyyuu malee jireenyi isaanii cubbuudhaan kan guutee dha. Isaan cubbuu isaaniittii hin qulloofne. Wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa isa cubbuu nama irraa kaasu hin beekan. Isaaniin gowwoofamuu hin qabnu.
Titoo 3:10-11 akkana jedha, “Nama barumsichaan mormee akka yaada isaatti cabsatu immoo, al tokko, al lamas erga gorsitee booddee dhiisi! Namni akkasii, waan hundumaa irraa jallate, cubbuu hojjechuu isaa nama ofii isaatii ofiitti farade ta’uu isaa beeki.” Yesuusitti amanan malee sababa lammaffaa hin dhalanneef, akka cubbamootaatti ofitti faradu. Wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa cubbuu nama irraa kaasutti waan hin amanneef sii’ol akka isaan eeggatu beekamaa dha.
Kun kiristaanummaa keessatti barsiisa dogoggoraa dha. Namni Yesuusitti amaneera jechaa kara biraa immoo cubbuun qaba ofiin jedhu Yesuusiin fayyisaa cubbamootaa sobduu waan godheef abbaan sun ofii isaatii sobduu dha. Barsiisi sobaa Waaqayyoottii nama baasa. Waaqayyo qulqulluu dha. Isaan garuu yakkamota. Warri wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanan cubbuutti qullaa’aniiru. Namni utuu Yesuus cubbuu isaa irraa kaasee jiruu cubbuun qaba jedhu sobduu dha. Warra akkanaa irraa of eeggachuu qabna.
Egaa kottaa warra wangeela hin dhageenyetti wangeela dhugaa ni lallabna. Kottaa akka isaan lammaffaa dhalataniif isaan gargaarraa. Kottaa warra wangeela bishaanii fi Hafuuraan mormanis ni hubachiifnaa.
Wangeela bishaanii fi Hafuuraa biyya lafaatti lallabuu qabna. Ameen!