(Roomaa 8:28-30)
“Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha. Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo`ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay`eedhaaf angafa ta`uuf jiru, akka ta`aniif yaadaan isaan qabe. Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga`eera”
Waaqayyo namoota yaroo keenya filateeraa?
Lakki. Inni hunduma keenya Kiristoosiin filateera.
Barsiisi amantii kiristaanaa yaaxina filannoo murtee duraa dursaa fi akkaataa filannoo Waaqayyoo irratti hundaa’ee kennamu namoota hedduu warra Yesuusitti amanuu barbaadan dogoggorseera. Yaaxinaan (theory) kun namoota baayyee wal’aalchiseera.
Barsiisi dogoggoraan, Waaqayyo namoota jaallatu filatee isa jibbe immoo firdiif kaa’eera jedha. Akkana jechuun warri wangeela bishaaniitti amananii lammaffaa dhalatan mootummaa Waaqayyoo isa barabaraatti yeroo galan warri hin filatamne immoo firdii sii’oliin dhaqu jechuu dha.
Waaqayyo namoota yaroo keenya qofa filate yoo ta’e, “Ani fayyinaaf filatameera immoo hin filatamne?” jennee gaaffanna jechuu dha. Hin filatamne yoo taane Yesuusitti amanuun keenya gatii hin qabu jechuu dha. Yaaxinaan (theory) kun akka namni filatamee fi hin filatamnee isaa dhimmee yaadu godha.
Yoo kanatti amanna taane attamitti shakkiittii bilisa taanee Waaqayyotti amannaa? Attamittis akka Waaqayyo dhuguma nu filate beekuu dandeenya? Inni warra filame qofaaf Waaqayyoo dha, “Waaqayyo kan Yihudootaa qofaa dhaa? Warra Yihudoota hin taaneefis Waaqayyoo dha mitii ree? Eyyee inni nama hundumaaf Waaqayyoo dha” (Roomaa 3:29).
Namoonni hedduun yaaxina filannoo duraandursaa fi akkaataa filannoo Waaqayyoo sababa gar malee hubataniif Utuma Yesuusii irraa amantii qabanii ni badna jedhanii yaadu.
Efesoon 1:3-5 akkana jedha, “Waaqayyo fi abbaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos isa karaa Kiristoos eebba Hafuuraa hundumaan waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta’u; Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa’aan warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf jaalalaan karaa Kiristoos nu fo’ateera, Waaqayyo karaa Kiristoos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf akka fedha isaa isa gaairitti yaadaan nuuf qabeera.”
Kanaafuu yaaxina filannoo duraandursaa fi akkaataa filannoo Waaqayyoo irra deebinee ilaaluu nu barbaachisa. Hunduma dura waa’ee filannoo duraandursaa fi akkaataa filannoo Waaqayyoo fi waa’ee wangeela fayyinaa bishaanii fi Hafuuraa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu hubachuu qabna.
Ergaan gara warra Roomaa maal jedhaa? Ogeeyyiin ti’ooloojii tokko-tokko waan bu’uura hin qabne irratti hudaa’anii yaada “filannoo dhaangaa hin qabne” jedhamu fidaniiru. Egaa ti’ooloojiin Waaqayyoo dhaa? Ti’ooloojiin Waaqayyo miti.
Utuu lafti hin uumamin, Waaqayyo ilmaan namaa hundumaa karaa Yesuus Kiristoosiin fo’ateera. Yesuus haal-duree tokko malee nama jaallata. Waaqayyoon waaqa nama wal-caalchisu hin godhin. Warri akka dubbii Waaqayyoo isa barreeffame jiru dhiisee akka yaada isaatiitti Waaqayyoon amanatu, akka nama hin amanneetti lakkaa’ama.
Akkaataa Filannoo Bara Kakuu Moofaa
Waaqayyo namoota yaraa akeeka isaatiin fo’ate jechuun sirrii dhaa?
Lakki. Waaqayyo keenya Waaqa dhiphaa akkanaa miti. Waaqayyo namoota muraasa osoo hin taane Kiristoosiin nama hundumaa filateera.
Seera Uumamaa 25:21-26 keessatti, waa’ee ijoollee Isaaq, Esaawuu fi Yaaqoobiin ilaalla. Utuu Ijoolleen kun lamaan garaa haadha isaanii keessa jiranii Waaqayyo Yaaqoobiin filateera.
Warri kutaa kana garmlee hiikkatan Waaqayyo namoota yaraa akeeka isaatiin fo’ate jedhanii ittiin bu’uureffatu. Kun immoo yaada waaqa tolfamaa kiristaanummaa keessa galchuu dha.
Waaqayyo “namoota muraasa akeeka isaatiin fo’ate” kan jedhutti yoo amanne, Kiristoosiin osoo hin taane waaqa tolfamaa waaqeffanna jechuu dha. Waaqayyo waaqa carraa miti. Waaqa carraatti amanna yoo taane, akeeka Waaqayyo nuuf qabu dhiifne kiyyoo diinaa harka buuna.
Namni fedha Waaqayyootiif hin abboomamu yoo ta’e, akka bineensa baduuf ka’ee ti. Nuyi Amantoonni sababa bineensota hin taaneef, amantoota dhugaa warra Macaafa Qulqulluu isa barreeffamee jirutti warra amanan ta’uu qabna. Akka Macaafa Qulqulluutti namni hin yaadne harka Seexanaatti ofiisaa kennuu isaa ti.
Amantii dhugaa qabaachuudhaaf, dhugaa Macaafaa hubannee lammaffaa dhalachuu nu barbaachisa.
Yaaxinaan Kalviin fayyina waan murtaa’aa irra kaa’a. Akkana jechuun immoo jaalalli Yesuusii fi ayyaanni isaa nama hin ilaallanne qaba jechuu dha. Kun dhugaa ta’uu ni danda’aa?
Macaafni Qulqulluun, “Namni hundinuu akka fayyu barbaada” (1 Xiimotewos 2:4) jedha. Eebbi Waaqayyoo namoota muraasaaf jira utuu ta’ee, silaa Amantoonni waldaa ni dhiisu turan. Namni Waaqayyo dhiphaa akkanaatti amanee ta’u ni argamaa?
Waaqayyo keenya Waaqa dhiphaa akkanaa akka hin taane ni beekna. Inni Waaqayyo dhugaa, jaalala fi qajeelaa dha. Karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa Yesuusitti amannee cubbuu keenyatti fayyuu qabna. Yesuus Waaqayyo warra bishaanii fi Hafuuratti lammaffaa dhalatanii dha.
Bu’uura barsiisa Kalviinotaatiin, nama 10 keessaa namoonni yaroon filatamanii namoonni kaani moo hin filatamani. Kun dhugaa barabaraa ti.
Waaqayyo gar tokko jaallate isa kaan immoo jibba jechuun yaada amansiisaa miti. Mee amma Waaqayyo nu gidduu jira haa jennu. Fakkeenyaaf utuu Waaqayyo warra karaa mirga taa’an filatee warra karaa bitaa taa’an immoo firdiittan geessa jedhee yaadee hojjeta ta’e silaa namni, akka Waaqayyootti isa simachuu ni dandaa’aa?
Warri sii’olitti gad darbataman immoo hin iyyatanii? Silaa uumamni hundinuu. “Maali, Waaqayyo attam jal’aa hojjeta?” jedhanii ni hiyyu turan Kanaafuu Waaqayyo Kiristoosiin nama hundumaa osoo filatee jiruu, namoota muraasa akeekee fo’ate jechuun dogoggora dha.
Kanaafuu namni maqaa Kiristoosiin waamu hundinuu filatamaa dha. Egaa Waaqayyo eenyuun waamee? Inni qajeelota utuu hin taane cubbamoota waamee jira. Waaqayyo warra qajeelota of godhan akka itti waamu hin qabu.
Eebbi fayyina Waaqayyo cubbamoota warra sii’oliin deemaa jiraniifi. Filannoo jechuun waamicha Waaqayyo cubbamoota fayyisuuf waamuu dha.
Waaqayyo Qajeelaa Dha
Waaqayyo dhuguma namoota yaraa filatee jaal’ataa?
Lakkii, Waaqayyo waaqa dhiphaa miti. Inni Qajeelaa dha.
Waaqayyo qajeelaa dha. Waaqayyo namoota muraasa filatee jaallata miti. Inni cubbamoota hunda karaa Kiristoosiin waama. Karaa fayyisuu dhiifama cubbuu Yesuus Kiristoosiin ala namni attamitti Waaqayyoon beekaa? Waaqayyoon waaqa hir’uu gochuu haa dhiifnu.
Efesoon 1:3-5 akkana jedha. “Waaqayyoo fi abbaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos isa karaa Kiristoos eebba Hafuuraa hundumaan waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta’u. Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa’aan warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf jaalalaan karaa Kiristoos nu fo’ateera. Waaqayyo karaa Kiristoos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf akka fedha isaa isa gaaritti yaadaan nuuf qabeera.”
Waaqayyoo namoota muraasa akeekee filate kan jedhuu Kalviin yaada Macaafa Qulqulluu wajjin walii hin gallee dha. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo utuu hundee lafaa hin kaa’in dura nu filate” jedha.
Waaqayyo namni hundinuu Kiristoosiin akka lammaffaa dhalatutti filateera. Cubbamoon Yesuusiin lammaffaa dhalatanii fayyan ijoollee Waaqayyoo ta’u. Namni hundinuu karaa Kiristoosiin akka fayyuuf gooree galmee isaatii keessa jira.
Ogeeyyonni ti’ooloojii warri Waaqayyo namoota muraasa akeekee filate jedhan kiyyoo dhukkana barsiisa amansiisa hin qabne keessa bu’anii jiru. Warri akkana jedhan kun Waaqayyoo namoota muraasa akeekee filate jedhan warra kaan filatee warra kaan immoo jibbe jedhu. Namoonni hedduun barsiisa hafuurota haxaarotaatiin dogoggorfamnii kiyyoo diinaa keessa bu’aniiru.
Akka Waaqayyo karaa Kiristoosiin nama hundumaa fayyisu, dhiifamni cubbuu nama isatti amanu hundaaf akka ta’ee amananii lammafffaa kan dhalatan jireenya barabaraa argatanii Waaqayyo irraa amantii qabaachuu danda’u.
Seenaa Yaaqoobii fi Esaawuu Keesssatti Akkaataa Filannoo Waaqayyoo
Waaqayyo eenyuun filatee? Warra fo’aman qofaa dhaa?
Lakki. Waaqayyo Kiristoosiin nama hundumaa filate. Kanaaf, namni Yesuusitti amanee karaa cuuphamuu isaatii cubbuuttii qul’aan hundinuu warra filatamanii dha.
Seera Uumamaa 25:19-28 Eesaawuu fi Yaaqoob garaa Ribqaa keessatti, akka wal-lolan dubbata. Seera Uumamaa 25:23 irratti Waaqayyo akkana jedha, “Waaqayyos isheedhaan gadamessa kee keessa saba lamatu jira, gosoonni lamaan si irraa dhalatanis gargar ni hiramu; Gosa isa tokkotu isa kaan irra jabaata; Isa angafaatu isa quxusuudhaaf ergama jedhe.”
Cubbamoonni kutaa kana gar malee hiikkachuudhaan Waaqayyo namoota filate qaba jechuudhaan akka namni filamee fi hin filamnee isaa shakku godhu. Akka Waaqayyo isaan file yoo amanatan immoo bishaanii fi Hafuurattii dhalachuus ni dhiisu.
Yaadni namoota muraasa akeekee filate jedhu namoota Yesuusiitti amanan hedduu gara booddee deebiseera. Waaqayyo akka qajeelaa ta’es ni wallaalchisa.
Ogeeyyiin ti’ooloojii hedduun yaada ofii isaanii barsiisuudhaan akka namni bakka fayyinaa ala jooran gochaa jiru.
Yaaqoobii fi Esaawuu keessaa Waaqayyo eenyuun filatee? Inni Yaaqboobiin karaa Kiristoosiin filate. Roomaa 9:10-11 keessatti, isaan lamaan iyyuu utuu garaa haadha isaanii keessaa ba’anii hamaa fi gaarii utuu gochuu hin barin Waaqayyo Yaaqoobiin filate jedha.
Waaqayyo Yaaqoobiin filachuun isaa nama gargar baasuuf osoo hin taanee Waaqayyo hojii namaatiin akka nama hin fille agarsiisudhaaf. Macaafni Qulqulluun Waaqayyoo karaa Kiristoosiin akka cubbamoota fayyisuu dhufe dubbata.
Namni hundinuu sanyii Addaam waan ta’eef cubbamoota ta’anii dhalataniiru. Daawwit garaa haadha isaa keessatti iyyuu cubbamaa akka ta’e dubbata. “Kunoo haati Koo isheen garaatti Na baatte iyyuu cubbamtuu turte, ani yakka ta’ee nan dhaladhe” (Faarfannaa 51:5).
Namni sababa warra isaa irraa foon cubbamaa irraa dhalatuuf cubbamaa ta’a. Kanaaf namni biyya lafaa kana irratti dhalatu hundinuu cubbamaa dha.
Mucaan lafa irratti yakka hojjechuu hin shaakalle iyyuu sababa sanyii nama cubbamaa irraa dhalatuuf cubbamaa ta’a. Inni yaada hamaa, ejja, Alalummaa, ajjeechaa, garaa keessaa qabu. Ijoolleen cubbuu warra isaaniitiin dhalatu. Namni utuu garaa haadha isaa keessaa hin ba’in iyyuu cubbamaa dha.
Waaqayyo sababii armaan gadiitiif yakkamaatti nu lakkaa’a. Namni uumamaa Waaqayyoo ti, haa ta’uu iyyuu malee inni cubbuu keenyattii nu fayyisee ijoollee isaa nu godhachuu barbaada. Akka Addaam cubbuu hojjetuufis sababii kanaaf dhiise.
Sababii kanaaf yeroo namni cubbamaa ta’u, Waaqayyo Yesuusiin gara biyya lafaatti ergee tokkichi ilmi isaa cuuphamuu cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee akka du’u godheera.
Akeekni Waaqayyo karaa cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusiin ilmaan nama hunda fayyisuu dha. Kiristoosiin akka ilmaan namaa fayyisu Waaqayyo waan akeekeef Addaamiin akka cubbuu hin hojjenneef hin eegne.
Cubbamoonni barsiisa kanatti amanan, “Mee Yaaqoobii fi Esaawuun ilaalla. Inni calluma jedhee isa tokko jaallatee isa kaan immoo jibbe.” Waaqayyoo namoota muraasa akeekee filate osoo hin taane Yeuusiin nama hundumaa file. Macaafa Qulqulluu isa barreeffamee jiru ilaaluu qabna. Roomaa 9:10-12 akkana ni jedha, “Kana duwwaas miti, Ribqaan ilmaan lakkuu nama tokkoof innis abaabilii keenya Isiyaaqiif ni ulfoofte; Ijoolleen sun utuu hin dhalatin, isaan keessaas tokko illee gaarii yookis hammaa osoo hin godhin, akeekni fo’annaa Waaqayyoo dhaabbataa akka ta’uuf akka waamicha isaatitti malee akka gochaa namaatti akka hin taane beeksisuudhaaf inni angafni isa quxusuudhaaf ni hojjeta jedhamee haadha isaatti himamee ture.”
Waaqayyo karaa Yesuusiin Yaaqoobiin fileera. Yaaqoob nama cubbamaa nama qajeelummaa hojii isaa hin manannee dha. Efeesoon 1:4 Waaqayyo Kiristoosiin nu filate jedha.
Waaqayyo eenyuun waamee? Inni Yaaqoobiin sababiinsaa Waaqayyo namni kun nama jal’aa fi cubbamaa akka ta’ee fi akka inni ayyaana isaas amanatu waan beekuuf. Inni maqaa isaa Yaaqoob maqaa ilma isaa Yesuus isa wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin nama fayyisee moggaase. Waaqayyo Yaaqoobiin fayyisuu isaatiin eebbisee.
Waaqayyo cubbamoota karaa Yesuusiin fayyisee qajeelota godhe. Kun akeeka Waaqayyoo ti.
Soba waa’ee warra Waaqayyo Namoota muraasa akeekee filateera jedhanii
Waaqayyo maaliif Yaaqoobiin?
Sababiinsa Yaaqoob nama jal’aa akka ta’ee waan of beekuufi.
Waa’ee Waaqayyo namoota muraasa akeekee filate jedhame ilaalchisee kitaaba tokkon dubbisee turee. Dargaggoon tokko abjuu qaba ture. Abjuu isaatiin dubartiin maanguddoo tokko itti dhi’attee iddoo tokko kottu jennaan duukaa dhaqe. Achumaan Waaqayyo si filateera ittiin jette.
Dargaggeessichi utuun Waaqayyotti hin amananiin attamitti Waaqayyo na filate? jedhee gaafate; isheenis yoo ati amanamummaa dhabde iyyuu Waaqayyo akeekee si filateera ittiin jette.
Kun egaa dhugaa miti. Waaqayyo attamittiin saba tokko waamee isa kaan immoo jibbaa? Waaqayyo Kiristoosiin nama hundumaa waameera.
Yaaxinni ti’ooloojii Yesuusiin ala adeemu sobaa dha. Wanti akkanaa dhugaa miti. Garuu ogeeyyonni ti’ooloojii baayyeen Waaqayyo namoota muraasa keenya filate jedhu. Kun egaa dhugaa miti. Waaqayyo Kiristoos keessatti nama hundumaa fayyisuu barbaada. Namni wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin Yesuusitti hin amanne hundinuu hin fayyan.
Waaqayyo namni hundinuu Kiristoosiin akka fayyuuf duraandursee filateera. Waaqayyo karaa Yesuusiin biyya lafaa cubbuu isaattii fayyisuuf akeekeera. Kun dhugaa Macaafa Qulqulluu ti.
Kiristoosiin kan filataman qajeelota ta’u. Garuu ogeeyyiin ti’ooloojii tokko-tokko Waaqayyo nama muraasa filateera jedhu. Fakkeenyaaf monokseen amantii warra Buddhisimii warra Waaqayyo dhiise keessa jiru jedhu. Waaqayyo garuu isaaniinis fileera.
Waaqayyo Kiristoosiin ala akka carraa namoota muraasa qofa filateera utuu ta’e, silaa wangeela lallabuu nu hin barbaachisu. Waaqayyo Yesuusiin ala nama fayyisuuf akeekeera yoo ta’e, silaa namni Yesuusiin dhimma barbaaduuf hin qabaatu ture. Egaa dubbiin jaalala isaa, dhugaa fi fayyisuun isaa attamitti fiixa ba’aa?
Fayyisuu Waaqayyo labsuu malee kaayyoon wangeelli lallabamuuf jiraa? Yaadni Waaqayyo namoota yaraa akka carraa filatee Yesuusiin ala iyyuu ni fayyisa jedhu dhugaa fakkaataa?
Sababii Waaqayyo Eesaawuun filatee Yaaqoobiin jibbeef Yaaqoob akka Yesuusiin amanatu, Esaawuu immoo akka hin amanne waan beekuufii.
Biyya lafaa kana irra cubbamoonni hedduun Yesuusitti amanan baayyee dha. Isaan kana keessaa warri kaan akka Esaawuu warri kaan immoo akka Yaaqoobii dha.
Waaqayyo maaliif Yaaqoobiin filatee? Yaaqoobi cubbamaa fi akka nama dhimma baasu akka hin taane Waaqayyo ni beeka. Inni nama cubbamaa ta’uu isaa hubatee ayyaana Waaqayyo barbaadu ture. Waaqayyo kanaaf Yaaqobiin fayyise.
Haa ta’u iyyuu malee Esaawuu nama ofii isaa amanatu fi dheebuu ayyaana Waaqayyo hin qabnee dha. Waaqayyo kanaaf Yaaqoobiin jaallatee Eesaawwuun jibbe. Kun sagalee dhugaa dha.
Waaqayyo Kiristoos keessatti nama hundumaa fayyinaaf filateera. Wanti namoonni gochuu qaban Yesuusitti amanuu qofaa dha. Yeroo kanatti dhugaa fi qajeelummaan Waaqayyoo laphee isaanii keessa ni buufata. Nuyi cubbamoonni Yesuusitti amanuun ala waan biraa waan goonu hin qabnu. Fayyina karaa Yesuus kennamu qofaatti amanuu qabna.
Yaada Dogoggorsaa Qulqul’inni Suuta-suutaan Argama jedhu
Namni suuta-suuta qajeelaa ta’a jechuun dhugaa dhaa?
Lakki. Akkas miti. Waaqayyo fayyina karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin altakkaa barabaraan nu qulleesseera.
Seexanni suuta-suuta cubbuuttii qullooftu jechuudhaan akka namni fayyina bira hin geenyeef dogoggorsee kaa’a. Suuta-suuta qullaa’uu jechuun cubbamaan Yesuusitti erga amanee booda turee qullaa’a jechuu dha.
Yaadni kun kana fakkaata. Cubbamooni Yesuus Kiristoos cubbuu dhaalaa qofaatti nu fayyise jedhu. Cubbuun hojii kadhannaa qalbii diddiirrannaa ittii hiikamaa suuta-suuta qullaa’u jedhu.
Bu’uurri yaada kanaa namni suuta cubbuuttii qullaa’a isa jedhuu dha. Yaadni kun namni Yesuusitti amanee suuta-suuta immoo qullaa’a isa jedhuu dha. Yaadni bara dheeraaf kiristaanota dogoggorsee akka isaan fayyina isaanii hin mirkanneeffanne godheera. Sababa kanaaf waldaa kiristaanaa keessatti qulqullinaan wal caaluun argame.
Sababa kanaaf yeroo tokko keessatti cubbuuttii ni qulloofna jedhanii ni yaadu. Sababa kanaaf utuu lubbuun jiranis ta’e du’a isaanii booda sababa cubbuu isaaniittii hin fayyineef firdii barbaraatuu isaan eeggata.
Dubbii dhugaa Macaafa Qulqulluu keessaa haa dubbifannu. Roomaa 8:30 akkana jedha, “Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera, warra waamee immoo qajeelota isaan godheera, warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga’eera.”
Lakkoobsa 29 irratti, Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo’ate, fakkaattii ilma isaa isa obbolota baayyeedhaaf angafa ta’uuf jiru, akka ta’aaniif yaadaan isaan qabe. Gara jalqabaa yeroo ilaallu qajeelota ta’uuf gulantaan waan kaa’ame fakkaata. Haa ta’uu iyyuu malee sagaleen Waaqayyo altakkaa yeroo hundumaaf kennama jedha.
“Warra waamee immoo qajeelota isaan godheera.” Yesuus nama isatti amanu cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin altakkaa qajeelota godha malee suuta suutaan miti.
Kanaafuu, namni amanee fayyina argatee mucaa Waaqayyoo isa ulfina qabeessaa ta’a. Kan nama fayyisee ulfina qabeessa ijoollee Waaqayyoo nama godhu ayyaana isaa ti.
Kun waan Waaqayyo nutti dubbatu dha. Garuu namoonni tokkotokko Roomaa 8:30 akka sadarkaa guddina qulqul’inaatti akka ilaallu dubbatu. Qulqullinni gulantaa qaba jedhu. Haala kanaan guddaa gowwoosamu. Akkana jechuun namni suuta-suuta jijjiirama jechuu mitii? Kun akkaataa amantii isaanii ti.
Waaqayyo gara fuula duratti qajeelummaa nuuf kenna osoo hin taane yeroo isatti amanu barabaraan qajeelummaa nuuf kenna. Himni waa’ee yeroo gara fuula duraa ibsuuf dubbatamu fi waa’ee yeroo darbee ibsuuf dubbatamu garaagarummaa qaba.
Macaafa Qulqulluutti amanuu qabna. Akka Macaafa qulqulluu isa barreeffame jirutti namni amanu altakkaa mucaa Waaqayyoo ta’a jedha. Kun barsiisa qulqul’inaattii adda.
Qulqullinni suuta-suuta argama inni jedhu Yesuus cubbuu keenya isa dhaalaa qofaattii nu fayyisa kan jedhu of keessaa qaba. Kun immoo qajeelaa ta’uuf yeroo hundumaa Waaqayyo duratti cubbuu himachuu akka qabnu nutti dubbata.
Namoonni baayyeen seena kanatti waan amananiif isaan cubbuu isaaniin baduun isaanii waan hin oollee dha. Sababa kanaaf yaadni qulqullinni suuta-suuta jedhan dubbii Macaafaatii ala.
Macaafni Qulqulluun namni amantiidhaan cubbuu isaattii fayyee ijoollee Waaqayyoo ta’a jedha. Akkuma mucaan dhalattee gara biyya lafaatti baatu, namni gaafa amanu ijoollee Waaqayyoo ta’ee battaluma sanattis fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu ta’a. Yaadni suuta-suutaa qullaa’iinni dhufa jedhan soba irraa madda.
Akkaataa Guutummaa Cubbuu Ofiittii Fayyan
Guutummaa cubbuu keenyatti qullaa’uudhaaf maal gochuu qabnaa?
Fayyisuu wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qabna.
Roomaa 8:1-2 akkana ni jedha, “Egaa amma firdiin warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii jiraataniitti faradama tokko illee hin jiru; Seerri Hafuuraa inni karaa Kiristoos Yesuus nama jiraachisu seera cubbuu isa du’atti nama geessuu jalaa si baaseera.” Kutaa kana keessan Waaqayyoo cubbuu fi du’attii nu fayyisee qajeelota akka nu godhe nutti dubbata.
Macaafni Qulqulluun Ibroota 9:12 irratti waa’ee guutummaa fayyinaa nutti dubbata. “Kiristoos aarsaadhaaf dhiiga re’ootaa fi dhiiga jibootaa baatee utuu hin ta’in dhiiga ofii isaa dhangalaasuu isaatiin al takkaa barabaraan garaa iddoo isaa hundumaa irraa caalaa Qulqulluutti ol galee nuufis furee barabaraa argate.” Akkana jechuun warri Yesuusitti amanan fayyanii jireenya waaqa irraatti galu jechuu dha.
Yesuus Kiristoos keessatti wangeela fayyina bishaanii fi Hafuuraa isa dhageenya dhugaa ba’aa jirra. Warri Yesuus cubbuu isa dhaalaa qofaatti nu fayyisa jedhan garuu hin fayyani. Isaan cubbuu isa erga gara Yesuusitti amana booda hojjetan qalbii diddiirrachuudhaan ittii qulloofna jedhu.
Amantiin dogoggoraa isaan qabatan kun gara badiisaatti isaan geessa. Yaadni dogoggoraa isaanii guyyaa-guyyaatti gara qalbii diddiirrachuutti isaan geesseera. Kun amantii dhugaa isa gara fayyinaatti isaan geessu miti.
Utuu Yesuusitti amananii barbaraan fayyaniiru ta’e, silaa qajeelota ijoollee Waaqayyoo ta’u turan. Fayyinni dhugaa qajeelota nama godhee barabaraan gara ijoollee Waaqayyoo ta’uutti nama dabarsa.
Amantoonni biyya lafaa kana irra jiran cubbuu isaaniittii yoo fayyani iyyuu hanga gaafa du’aniitti foonni isaanii cubbuutti adda hin ba’u. Haa ta’u iyyuu malee lapheen isaanii qajeelummaa Waaqayyootiin cuuphamaniiru. Dhugaa kana irraa kaachuu hin qabnu.
Macaafni Qulqulluun yeroo wangeelaatti amannu qulloofne qajeelota akka taanu nutti dubbata.
Kottaa Ibroota 10:9-14 akka dhugaa wangeelaatti haa ilaallu. “Itti dabalees immoo kunoo an jaalala kee raawwchuudhaaf dhufeera. Kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf isa duraa iddoodhaa fuudhee akka jaalala Waaqayyoo sanatti dhaqin Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti al tokkicha aarsaa ta’ee dhi’eefamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulloofneerra. Lubni guyyaa-guyyaan dhaabbatee hojii lubummaa isaa ni hojjeta. Aarsaa isa cubbuu namootaa irraa fuudhuun matumaa hin dandeenye sanas deddeebi’ee ni dhi’eesse. Kiristoos garuu al takkaa aarsaa dhi’eessee barabaraan gara mirga Waaqayyoo taa’e; Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti ni eeggata. Altokkicha aarsaa dhi’eessuudhaan warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaa akka fiixaan ba’an godheera.”
“Jaalala isaa kanaan dhaqni Yesuus Kiristoos yeroo hundumaaf akka ta’uutti al tokkicha aarsaa ta’ee dhi’eefamuudhaan qulqulloofneerra” Sirna seer-luugaa keessatti yeroo wanti tokko guutuun guututti itti raawwatamuun barreeffame malee gochima gara fuula duraatiin miti.
Cubbuu ofiittii qullaa’uudhaaf fayyina wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuu barbaachisa.
Yesuus Fayyina Yeroo Hundumaaf Ta’uu Al Takkaa Kenne
Namni Yeroo hundumaa maaliif gammadaa? (1 Tasaloniiqqee 5:16)
Sababa Waaqayyo cubbuu isaa barabaraan irraa fuudheef isa duratti gadi jedhee waan isa galateeffachuu qabuufii.
Fayyisuu Waaqayyo barabaraan kennutti yoo amanne, altakkaa barabaraan qajeelaa taana. Macaafni Qulqulluun akkana jedha, “Yeroo hundumaa gammadaa, utuu wal-irraa hin kutin kadhadhaa, waan hundumaaf isa galateeffadha” (1 Tasaloniiqqee 5:16-18) jedha.
Yeroo hundumaa gammadaa. Namni attamitti yeroo hundumaa gammadaa? Namni dhiifama cubbuu barabaraan argate yeroo hundumaa gammadu danda’a. Inni cubbuuttii akka qullaa’e beekeera. Namni akkanaa isa duratti gadi jedhee isa galateeffachaa yeroo hundumaa utuu hin dhaabin gammadu danda’a.
“Warri seera irra daddarbuun isaanii dhiifameef warri cubbuun isaanii akka deebi’ee hin argamne godheef haa gammadan” (Roomaa 4:7). Akkana jechuun utuu namni sun cubbuu of keessaa qabuu haguugama jechuu miti. Laphee isaatu cubbuuttii qullaa’a jechuu dha. Yesuus altakkaa cubbuuttii nama qulleessa jechuu dha.
Waa’een jireenya barabaraa Kakuu Haaraa keessatti sirriitti caqafameera. Yesuus yeroo cuuphame, “Waan qajeelaa raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma ana ittisuu dhiisi” (Maatewos 3:15) ittiin jedhe.
Akkuma bara Kakuu Moofaa keessa reettii ykn hoolaan harki irra kaa’ame cubbuu nama harka irra kaa’e sanaa gara ofii isaatti fudhatu, Yesuus cubbuu biyya lafaa hundumaa gara ofii isaatti fudhatee akkaataa quubsaa fi sirrii ta’een irraa fuudheera.
Yesuus, “Waan qajeelaa ta’e hunda raawwachuun waan nuuf ta’uuf” jedhe. Yesuus cuuphamuu isaatiin karaa sirrii fi qajeelaa ta’en cubbuu ilmaan namaa irraa fuudhee nu fayyiseera.
Maatewos 3:15 keessatti, Yesuus cubbuu biyya lafaa akka irraa fuudhe barreeffamee jira. Waaqayyo qajeelaa fi guutuu dha. Dubbii fayyinaa kana hubachuuf yaalii gochuu hin qabnu. Dubbicha akka sagalee fayyinaatti itti amannee fudhachuu qabna. “Namni irra daddarbaan isaa dhiifameef cubbuun isaas deebi’ee akka hin argamne godhameef haa gammadu” (Faarfannaa 32:1).
Yesuus laga Yordaanositti cuuphamee cubbuu yaada garaa fi cubbuu hojii namaa hunda gara ofii isaatiitti fudhateera. Biyya lafaa isa hamminaan guute kana keessatti firdii cubbuu nuyi hojjenne hunda gara ofii isaatti waan fudhate. Sababa kanaafis du’a fannoo du’e.
Namni fayyina kanatti amanu hundi cubbuu isaattii fayyee barabaraan kan muda hin qabne ta’a. Yesuus sababa barabaraan jiraatuuf, namni fayyisuu Kiristoositti amanu hundi qajeelaa ta’a.
Egaa amma ija jabummaadhaan fuula Waaqayyoo dura dhaabbannee, “Yaa gooftaa galata kee. Ani tokkicha ilma kee Yesuusitti amaneen anis mucaa kee ta’e. Yaa abbaa si haa galatu. Akka ilma keetti waan ana fudhatteef galatoomi. Kun gochaa ofii keetii osoo hin taane, wangeela fayyina bishaanii fi Hafuuraa Yesuusitti amanuu koo tiin ta’e. At cubbuu biyya lafaa hundattii ana fayyisteetta. Akka ati, “Waan qajeelaa hunda raawwachuun nuuf ni ta’a jette” (Maatewos 3:15) hubadheera.
Cubbuu kee hunda gara Yesuusitti dabarfattettaa? Inni cubbuu kee hunda si irraa fuudheeraa; Macaafni Qulqulluun Yessuus cuuphamuu fi du’a isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuuchuuisaatiif galata isaa galmeessee jira.
Walitti Dhufeenya Cuuphamuu Yesuusii Fi Fayyinaa
Walitti dhufeenyi cuuphamuu Yesuus fi fayyina gidduu jiru maalii?
Cuuphamuun Yesuus fakkeenya harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa keessa dubbatame dha.
Kottaa mee nama waldaa keessa taa’ee, “Yaa Waaqayyo cubbuu an torban darbe keessa hojjedhe anaaf dhiisi. Guyyoota sadan darban keessa cubbuunn hojjedhe anaaf dhiisi. Cubbuun har’a hojjedhe naaf dhiisi. Yesuusitti nan amana” jedhee kadhatu tokko maal akka inni fakkaatu haa yaadnu.
Nama kana yeroo ilaallu kadhannaa guyyaa-guyyaatiin dhiifama argata. Xinnoo takka turee immoo cubbuu gochuun isaa hin oolu. Ammas deebi’ee akka cubbamaatti dhi’atee kadhata.
Yesuus hoolaa Waaqayyoo ta’ee cubbuu ilmaan namaa hunda yeroo cuuphamee gara ofii isaatiitti fudhatee fannoo isaatiin fayyina raawwateera. Fayyuudhaaf namni itti amanuu qaba.
Yesuus yeroo cuuphame cubbuu ilmaan namaa hunda gara ofiisaatti fudhatee qajeelummaa Waaqayyoo raawwateera. Cubbuun nama hundumaa irraa ka’eera. Namni dhugaa kanatti amanu hundinuu ni fayya. Akkuma Maatewos 3:13-17 irratti caafamee jiru, “nuuf” inni jedhu, Yesuus Yohannis cuuphaan cuuphamee fayyisaa biyya lafaa akka ta’e agarsiisa.
Wangeelli dhugaan Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda altakkaa irraa fuudheera jedha. Garuu barsiisonnii sobduun guyyaa-guyyaatti qalbii diiddiirrannee fayyina jedhu. Egaa isa kamiin ha amannu? Barbaraan alatakkaa fayyina immoo guyyaa-guyyaatti cubbuu himannee fayyinaa?
Yesuus altakkaa barabaraan nu fayyisuun isaa ifaa dha. Fayyiinni dhugaan wangeela bishaanii fi Hafuuratti amananii barabaraan fayyuu dha. Warri guyyaa-guyyaatti fayyina jedhan cal’isanii baduuf jiru.
Fayyinni dhugaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuudhaan altakkaa barabaraan fayyuu dha. Wanti nuyi gochuu qabnu wangeela dhugaa kanatti amannee isa galateeffachuu dha.
Warri dogoggora amantii keessa jiran Yesuus cubbuu isa dhaloota qofaatti nu fayyisa, isa hojii immoo guyyaa-guyyaatti himanne fayyina, suuta-suutas ni qulloofna jedhu. Kun Raawwatee soba.
Cuuphaa fi dhiigni Yesuus altakkaa cubbuu ni balleessa. Kun dhuga dha. Yesuus Yohannisiin cuuphamee cubbuu keenya gara ofii isaatti dabarsee nuuf du’ee nu fayyisuutuu isa irra ture.
Cubbuu himachaa ooluun qajeelummaa Waaqayyoo hin agarsiisu. Seerri Waaqayyoo gatiin cubbuu du’a jedha. Waaqayyo qajeelaa fi qulqulluu dha.
Warri cubbuu hojjetanii “Yaa Waaqayyoo nan balleesse naaf dhisikaa” jedhan qajeelummaa Waaqayyoo hin barre. Dhiifama cubbuu kadhachuun isaanii yaada garaa isaanii quubsuuf malee qajeelummaa Waaqayyoo isaan hin argachiisu. Guyyaa guyyaatti cubbuu himatanii yaada garaa ofii qabaneessuun sirrii dha. Karaan fayyinaan nama ga’u cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu qofa. Garaa keenya guutuudhaan itti amanuu qabna. Yoo akkas ta’e qofa firdii Waaqayyoo jala ba’uu dandeenya.
Kottaa ammas waa’ee cubbuuttii fayyuu bal’ifnee ni ilaalla. Ibroota 9:22, “Dhuguma iyyuu akka seerichaatti wanti hundinuu dhiigaan ni qulleeffama jechuun dhuguma; dhiiga utuu hin dhangalaasin, immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru.”
Akka seera Waaqayyootti, cubbuun dhiigaan qullaa’uu qaba, utuu dhiigni hin dhangala’in immoo dhiifamni cubbuu hin jiru. Kun seera Waaqayyoo ti; gatii cubbuu osoo hin kaffalamin dhiifamni immoo hin jiru.
Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha. Yesuus cubbuu keenyatti nu fayyisuuf jecha cuuphamee nuuf du’eera. Inni cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee du’a fannoo isaatiin moo gatii isaa kaffale. Inni gatii cubbuu keenyaa nuuf baaseera. Galanni Isaaf haa ta’u.
Fayyinni si’a takkaa kennama immoo guyyaa-guyyaadhaan?
Si’a tokko yeroo hundumaaf. Yesuus cubbuu hundumaa cuuphaa isaatiin irraa kaaseera.
Maatewos 3:15 irratti, Yesuus akkaataa seera qabeessaan cuuphamee cubbuu ilmaan nama hunda irraa fuudhee fannoo irratti du’eera jedha.
Guyyaa-guyyaatti cubbuu ofii himatanii fayyuuf yaalii gochuun guyyaa guyyaatti akka inni nuuf du’uuf isa waamuu jechuu wajjin tokko. Seera Waaqayyoo hubachuu qabna. Cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jecha Yesuus guyyaa-guyyaatti nuuf du’uu hin qabu.
Utuu Yesuus irraa amantii qabanii akka waan cubbuu qabanitti warri kadhatan Waaqayyo ni jibba. “Kun cubbuu gowwummaa dha. Isaan akkanaa akka an lammaffaa ilma koo fannoof dabarsee kennu barbaadu. Fayyisuu Yesuusitti amanaa cubbuuttii hin qulloofne immoo ofiin jedhu. Egaa an seera kootiin qabeen sii’olitti isaan darbadha. Mucaa ofii keetii akka inni lammafaa du’u ni feetaa? Amma at hojii cubbuu keetif akka an ilma koo lammaffaa fannisuu barbaadaa jirta. An cubbuu biyya lafaatiif altakkaa ilma koo dabarsee kenneera. Kanaaf itti amantee dhiifama argachuun utuu si irra jiruu guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuudhaan fayyina kan biraa barbaadu keetiin ana hin aarsin.”
Warri cubbuu isaanitiin jiran gara waldaa bakka wangeelli dhugaa itti lallabamu dhaqanii fayyina argachuu qabu.
Amma egaa garaa kee guutuudhaan amantee fayyuudhaaf yeroo argtteetta. Ni amantaa ree? Egaa itti amaniitii jireenya barabaraa fudhadhu.
Firii Amantii Hojii irratti Hundaa’e
Kiristaanonni hedduun yeroo hundumaa amanamummaadhaan maaliif jiraachuu dadhabuu?
Sababa gochaa hojii isaanii qofa irratti hundaa’aniif.
Cubbamoonni warri Yesuus irraa utuu amantii qabanii cubbuu isaaniin jiran iyyuu waggoota 3-5 ifuu danda’u. Jalqabatti baayyee waan dhimman fakkaatu, garuu sababa amantii fayyinaan isaan ga’u hin qabaanneef karaatti hafu. Karaa gochaa hojii keetii Yesuusitti amante yoo taate hojiin kee karaatti hafa.
Jaamonni arguu hin danda’an. Yaada biraa amanatan utii jiranii waan Yesuusitti amanan isaanitti fakkaata. Yeroo dogogora isaaniif gaddanii bo’an waan dhiifama argatan itti fakkaata. Araarrii dhugaan dhageettii miira miti.
Fedhii isaanii jalqabaa konferaansii hafuuraa himaatanii argatu, garuu hawwii isaanii bakkaan ga’uu hin dandaa’an. Dhiifama cubbuu biras ga’uu hin dandaa’an. Utuu amantii sirrii ta’e qabaatanii dhiifama cubbuu argatanii silaa attam ifu turan!
Dhiifamni yaada ofii irratti hundaa’ee waan baduuf karatti nama hambisa. Sochiin miiraa yeroodhaaf bulluqee bada, sababiinsaa dhugaa wangeelaa waan hin qabaanneef.
Barsiisoonni seeraa fi fariisonni wangeela bobaa jala kaa’atanii kadhannaa gooftaa, Dhugaa ba’uu amantii ergamootaa jechaan qayyabatanii yeroo hundumaa kadhachuudhaan fayyinaatti galla jedhu. Isaan kun waldaa keessatti iddoo guddaa waan qabaatan yoo isaanitti fakkaate iyyuu guyyaa booddeetti ni badu. Waan bakkeen mul’atuun qullaa’ota fakkaatu, garuu keessi namummaa isaanii cubbuun kan guutee dha. Kun ega firii amantii sobaa isa dubbii Waaqayyoo irratti hin hundoofneef dha.
Amantiidhaan Qajeelota Taana
Dhiifamni cubbuu biyya lafaa raawwateeraa?
Eeyyee. Cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin irraa fuudhame.
Ibroota 10:16-18 akkan jedha. “Inni duraan dursee guyyoonni sun yeroo ga’an, Kakuu ani isaaniif kakadhu, seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a. Yaada isaanii keessattis isa nan caafa isa jedhuu dha jedha Gooftichi jedhee dhugaa ba’eef; Itti dabalees Waaqayyo ani cubbuu isaanii jallina isaanis deebi’ee hin yaadadhu jedheera jedhe; Isaan kanaaf dhiifamuun erga ergamee immoo aarsaan sababa cubbuutiif dhihatu ni hafa.”
Egaa amma cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga isaatiin cubbuuttii waan fayyineef nuyi warra angoo cubbuu jalaa baanee dha. Jalqaba kana yommuu dhageessu haaraa sitti ta’u danda, haa ta’u iyyuu malee Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaa’ee dha. Kun sagalee namaa ti; Sagaleen Waaqayyoo waan hundumaa shallaguu fi miijanuuf nama gargaara.
“Guyyaa sana booddee, an seera koo laphee isaanii fi sammuu keessatti nan caafa.” Erga fayyitee booda maaltu sitti dhagaa’amaa? Yeroo fayyitu sababa cubbuuttii hiikamtuuf ni haaroofta. Nama qajeelaa waan taatuuf jireenya ifaa jiraatta.
Ibroota 10:17 akkana jedha, “Itti dabalees Waaqayyo ani cubbuu isaanii jallina isaanis deebi’ee hin yaadadhu jedheera jedhe.” Inni cubbuu fi irra-daddarba isaaniittii akka isaan fayyisu isaanitti dubbate. Maaliifii? Kun sababa Yesuus karaa “sirrii ta’een” cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuudheef; Ergasii booddee gara du’a fannoo dhaqe.
Sababa gatii cubbuu keenyaa nuu kaffaleef waa’ee isaa yoo yaadanne iyyuu cubbamaa ta’uun keenya nutti hin dhagaa’amu. Gatii cubbuu keenyaaf waan duunu hin qabnu, sababiin isaa inni dhiiga fannoo isaatiin sababa nu irraa kaaseef.
Ibroota 10:18 akkana jedha, “Isaan kanaaf dhiifamni erga argame immoo aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu ni hafa.” Kana jechuun inni cubbuu biyya lafaa irraa haxaa’eera jechuu dha. Warri Yesuusittii lammaffaa dhalatan aarsaa cubbuu inni fannoo irratti godheen fayyu.
“Yaa Waaqayyo naaf dhiisi. Utuun Yesuusiitti amanee jiruu jireenya gadadootti jiraachuun koo sababa an hanga ammaatti fayyina bira hin geenyeefi. Ani kiristaana, garuu sammuun koo cubbuutti kan hidhamee dha.” Akka kanaatti kadhachuu hin qabnu.
Cubbamoonni utuu hin beekin cubbuu hojjetu. Isaan dhugaa seera Waaqayyoo waan hin beekneef, cubbuus hin beekan. Isaan cubbuun Waaqayyo duratti maal akka isaan godhu hin beekan. Macaafni Qulqulluun Yesuusitti amanuu dhiisuun cubbuudha jedha.
Yohannis 16:9 Amantii dhabuun cubbuudha jedha. “Isaan waan anatti hin amanneef cubbuu isaanii ni argisiisa” jedha. Waaqayyotti amanuudhiisuun cubbuu guddaa dha. Yohannis 16:10 waa’ee qajeelummaa dubbata. “Ani gara abbaa dhaqu kootiin isinis ana arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo ni argisiisa.” Jecha biraatiin Yesuus biyya lafaa waan fayyiseef ammas irra deebi’ee cuuphamee du’ee waan fayyisu akka hin qabne agarsiisa.
Inni warra isatti amananii fayyan qulqulleessee qajeelota isaan godheera. Fayyinni inni kennu cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin guutuu ta’a. Cubbamaa fayyisuudhaaf karaan kan biraa hin jiru.
“Ol Waaqa irras ta’ee lafa jala maqaa ittiin fayyan Yesuus Kiristoos malee kan biraa hin jiru” (H. Ergamootaa 4:12). Yesuus gara biyya lafaa dhufee, Yohannis cuuphaan cuuphamee fannoo irratti du’ee cubbamoota fayyiseera. Kana garaa kee guutuudhaan yoo amante ni fayyita. Yesuus bishaanii fi Hafuuraan nu fayyise.
Yesuus cubbuu hundumaa bishaanii fi Hafuuraan dhiqeera. Nuyi amantiidhaan fayyineera. Karaa wangeela dhugaa kanaa Yesuusitti yoo amanne, altakkaa barabaraan qajeelota taana. Cuuphaa fi dhiigni Yesuus fayyinaaf dhugaa bu’uuraa ti.
Kutaa Cubbamoonni Akka Kadhannaatti Itti Fayyadaman
Cubbuu keenya himannee fayyina moo fayyinee jirraa?
Waaqayyo altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti nu fayyiseera.
1 Yohannis 1:9 akkana jedha, “Cubbuu keenya yoo himanne inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya nuuf ni dhiisa jal’ina keenya hundumaattis nu qulleessa.”
Cubbuu himachuu qofatu nu irraa eegama yoo ta’ee baayyee irraa kaatnee jirra. Yaada kanaan ogeeyyiin ti’ooloojii tokko-tokko immoo dubbii kana irratti hundaa’anii barsiisa haaraa baafatu. Namni yeroo cubbuu isaa himatu hunda dhiifama argata jedhu. Kun attamitti ta’aa? Yesuus yeroo hundumaa yeroo isin cubbuu keessan himattan isiniif dhiifama hin jenne.
Cubbuu keenyattii fayyineerra moo yeroo-yeroo cubbuu keenya himannee fayyinaa? Isa kamiin amantaa? Warri barsiisa sobaa kana duukaa bu’an, yeroodhuma cubbuu keenya himannu fayyina arganna jedhu; sababiin isaa dubbii fayyinaa waan bira hin geenyeef. Amantoonni yeroo hundumaa cubbuu isaanii himatanii fayyu j echuun hiika hin qabu.
Sababii kanaaf, dubbii fayyina isaa hubannee, sobaa fi dhugaa gargar baafachuu qabna.
Cubbamoonni 1 Yohannis 1:9 garmalee hubatanii jiru. Waa’ee guyyaa-guyyaatti cubbuu himatanii fayyuu dogoggoraniiru. Kottaa mee barsiisicha sirriitti ni hubanna. “Cubbuu keenya yoo hubanne inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya nuuf ni dhiisa jal’ina keenya hundumaattis nu fayyisa.” Amma dhuguma Yesuus cubbuu dhaalaa qofattii nu fayyisee isa kan hojii immoo yeroo himannu fayyina keenya bakkaan ga’annaa? Waa’ee dadhabbii fooni keenyaa gara-malee hubataa jirra.
Yeroo wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin hubannee itti amannu dubbii kana qixaan ni hubanna. Cubbuun keenya hundinuu karaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin barabaraan nu irraa ka’eera.
Akka Hafuura Qulqulluutti amanuu fi yaada dogoggoraa irratti hundaa’anii amanuun garaagarummaa qaba. Warri akka yaada mataa isaaniitti amanan guyyaa-guyyaatti cubbuu keenya himannee fayyina yeroo jedhan warri wangeela bishaanii fi Hafuuraa irratti hundaa’anii amanan immoo cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga fannoo isaatiin cubbuun isaanii barabaraan akka irraa fuudhame amanu.
Warri guyyaa-guyyaatti cubbuu himannee fayyina jedhan akkaataa fayyisuu Yesuusitti waan hin amanneef cubbuu guddaa keessa jiru.
Cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin altakkaa fayyitee jirtaa? Warri dhuga wangeelaatiin hin fayyin hojii isaaniitiin fayyina bira ga’uuf yaalii godhu. Kun kara biraa cubbuu meeqa akka hojjetu beekuu ti waan si geessuu qabuuf kan immoo beekuun waan hin dandaa’amneef rakkina guddaa keessaa bu’aa jiru.
Cubbuu isaanii isa gara fuula duraa himachuuf yaalii ni godhu. Kun immoo Yesuus irraa amantii dhabuu dha. Sabni akkanaa waa’ee fayyisuu Yesuusiin waan beekan hin qaban. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa fuudhee du’a fannoo isaatiin immoo firdii keenya nuuf baate altakkaa barabaraan nu fayyiseera. Fayyuudhaaf waan biraa dhiifnee isatti amanuu nu barbaachisa.
Fayyuudhaaf cubbuu kee isa gara fuula duraa iyyuu kadhachuu qabda erga ta’e ati warra wangeela fayyinaatti hin amaniin jiran warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanne wajjin garaagarummaa hin qabdu. Cubamaan tokko cubbuu isa himatee fayyina isaa bakkaan gaa’achuu hin danda’u.
Kanaafuu, amanamummaadhaan yoo cubbuu kee himatte, “Ani cubbamaa hin fayyinee dha” jettee, wangeela bishaanii fi Hafuuratti amante, Waaqayyo fayyina barabaraa siif kenna.
Qooda wangeela fayyinaatti amanuu cubbuu himachuu keessa guganna yoo taane, yeroo Yesuus lammaffaa deebi’ee dhufu firdii barabaraa keessa buuna.
Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanne ni badu. Cubbuu himachuu qofaatti amananii jiru waan ta’eef firdii jalaa ba’uu hin dandaa’an. Kanaafuu, guyyaa firdii hin eegina. Wangeela fayyinaa bishaanii fi Hafuuraatti amani.
Sirriitti Cubbuu Himachuu fi Amantii
Attamitti sirriitti cubbuu himatuu?
Akka cubbamaa ta’an hubatanii wangeela dhugaatti amanuu baannaan akka firdii sii’oliin dhaqan hubachuu dha.
Waaqayyo altakkaa barabaraan nu fayyiseera. Fakkeenya jireenya nama tokkoon isinitti dubbadhaa? Kottaa basaasaan Kooriyaa Kaabaa gara Kibbaa dhufe jenna. Attam akka sooressa taane ilaalee, akka gowwoomsames beekee irra deebi’uufis murteeffatee harka kenne.
Burumtaa isaa gara buufata Poolisii dhaqee, “Ani basaasaa Kooriyaa Kaabaa ti ykn ani nama gara Kooriyaa Kibbaa dhufeen dhoksaatti nama ajjeesuufan dhufe garuu kana irraa deebi’een harka kennuu barbaada. Dhuguma ani lammaffaa gaadduu hin ta’u” jedha.
Kun qalbii diddiirrannaa sirrii dhaa? Utuu dhugaatti cubbuu isaa himachuu barbaade, “An basaastuu dha” jechuutu irra ture. Jechi kun waan hundumaa agrsiisa: Inni nama gadhee waan ta’eef itti faradamuu qaba. Jecha salphaa sanaan, waa’een ergama isaa utuu yaaada keessa hin galfamin, dhiifama ni argata ture.
Akkuma kana, namni cubbamaa, “an nama cubbamaa hin fayyinee dha. Ani nama firdiif qophaa’ee dha. Adaraa naaf dhiisi” jedhe Yesuusiin quunname fayyina ni argata. Yesuus cuuphamee dhiiga fannoo isaatiin fayyina nuuf kenneera.
Mul’ati Yohannis 2:17 akkana jedha, “Namni gurra qabu, isa Hafuurri Qulqulluun waldoota Kiristaanaatiin jedhu haa dhaga’u; Isa mo’uuf maanna dhokataa sana keessaa nan kennaaf, dhagaa calaqisaa maqaan haaraan irratti caafame tokkos nan kennaaf.” Macaafni Qulqulluun nama wangeela dhugaa fudhatetu maqaa Yesuusiin beeka jedha. Warra altakkaa barabaraaf fayyantu dhoksaa fayyinaa bira ga’a.
Namni kana hin beekne yoo qalbii didiirrate iyyuu hin fayyu. Qalbii diddiirrachuu jechuun guyyaa-guyyaatti cubbuu himachuu jechuu miti. Namni tokko waggaa 10 kiristaanummaatti jiraatee amma kana hunduma isaa guyyaa-guyyaatti cubbuu himatee fayyina isaa bakkaan gaa’achuuf hojjeta taanaan inni amma iyyuu cubbamaa dha. Inni hanga ammaatti iyyuu mucaa Waaqayyoo hin taane jechuu dha.
Fayyuudhaaf akka cubbamaa ta’e himatee fayyisuu Yesuusitti amanuu qaba. Kun amantii dhugaa dha.
1 Yohannis 1:9 tarreeffama Cubbuu Nama Tokko Miti
Guyyaa guyyaatti cubbuu himanna moo altakkaa himannaa?
Yeroo tokko qofa.
Hattuu fi ajjeessaan tokko cubbuu isaa himatee fayyuu ni dandaa’a? Cubbamaan cubbuu isaa himatee fayyuu hin danda’u. Namni wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanee fayyina dhugaa argata. Amantoonni karaa irraa kaachifaman akkaata armaan gadiitti cubbuu himatu.
“Yaa Waaqayyo, ammas namaa wajjin wal-loleerra. Nan yakke. Nama tokkos gowwoomseera. Waan tokkos hateera.”
Akkana jedhee yeroo kadhatu Waaqayyo immoo, “Cal jedhe, Cubbamaa nana! Maal godhu ree?” jechuu irraa kan hafee waan biraa hin fakkaatu.
“Amma ana dhaggeeffadhu. Cubbuu keenya akka himannu nu barsiifteetta. Araaran si kadhadha.”
Waaqayyo kadhannaa akkanaa dhaga’uu hin barbaadu. Inni kadhannaa warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan qofa dhaga’a: Isaanis warra cubbamaa ta’uu isaanii of simatanii, wangeela lammaffaa dhalachuutti amanaanii dha.
Awugustiin yeroo harma haadha isaa hodhuu eegalee kadhachaa akka turee dubbateera. Kadhannaan akkanaa gara mootummaa Waaqayyootti akka isa geessu waan dhaga’eef ture. Kun nama gaddisiisa. Cubbuu himachuun mootummaa Waaqayyyootti nama hin galchu.
Waaqayyo, “Cal jedhii cubbuu kee natti himi. Cubbuu qabda yoo taatee waa’ee isaa dubbachuu dhiisi. Hanga ammaatti amantiin koo dogoggoraa dha, gara waldaa ishee dhugaa ishee wangeela dhugaa barsiistu dhaqi. Wangeela dhugaatti sirriitti amanii fayyina barabaraa fudhadha. Yoo kana hin gootu ta’e guyyaa booddee sittan farada.”
Kadhannaa qalbii diddiirrannaa kadhatanii fayyuuf yaalii gochuun karaa dogoggoraa dha.
1 Yohannis 1:9 irratti kan barreeffame, cubbuu keenya himannee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannee fayyina akka argannuu dha.
“Ija Koo Duraa Badaa”
Seeraan ala hojjechuu jechuun maal jechuu dhaa?
Cubbuuttii hin qullaa’u jechaa Yesuusitti amanuu dha.
Cubbamoonni Kiristaanota warra karaa malee amananii Waaqayyo dura of dhaabuuf yaalii godhanii dha. “Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayyeen yaa gooftaa-yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurata hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayyee hojjenneerra miti anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti matumaa an isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjetanii, ija koo duraa badaa!” (Matthew 7:22-23).
Namni amantii dogoggoraa qabu tokko yeroo du’ee Waaqayyoon duraa dhaabbatu, “Attam jirta yaa gooftaa? Akka an lafa irra taa’ee si ilaaluu caalaatti ati baayyee miidhagaa dha. Galatoomi. At na fayyifteetta. Yoon cubbuu qabaadhee iyyuu akka waan an cubbuu hin qabnetti akka at na ilaalte amaneera. Mootummaa Waaqayyootti akka an galu waan ana abdachiifteef dhufeera. Amma iddoo abaaboon mimmiidhagaa jiru nan dhaqa. Nagaatti, achumatti wal ni argina” Jedhee Waaqayyoon duratti dubbata haa jennu.
Yeroo inni gara abaaboo dhaquuf jedhu, Yesuus dhaabadhu ittiin jedha. “Turi! Akka at cubbuu hin qabneen ilaala. At cubbamaa dhaa?”
“Dhuguma iyyuu an cubbuu nan qaba. Garuu sitti hin amanne?”
“Utuma anatti amantee jirtuu cubbuu qabdaa?”
“Eeyyee, ani cubbuu qaba” ittiin jedha.
“Maayinni? Cubbuu qabdaa? Macaafa jireenyaa mee anatti fidi. Akkasumsa Macaafa hojii natti fidi. Maqaa isaa ilaala. Maqaan isaa Macaafa isa kam keessa jiraa?”
Maqaan isaa akka galmee isa warra hojiidhaan fayyanii keessa jira.
“Amma cubbuu lafa irratti hojjete himadhu.”
Namichi kana gochuuf hin yaalle, Waaqayyotu humnaan afaan isaa banee akka inni cubbuu isaa himatu gochaa jira malee.
“Eeyyee, ani cubbuu kana- sana hojjedhheera”
Waan godhu waan wallaaleef afaan isaa walitti qabachuu hin dandeenye.
“Haa ta’u, kun ga’a dha! Wanti inni himate sii’olitti isa geessuuf ga’a dha. Kanaaf baayyee ga’aa dhaa, Iddoo ibiddaa sanatti ergaa.”
Iddoo abaaboon dagaagetti hin ergamne, iddoo ididdichaa fi firdiitti ergame malee. Iddoo sii’olitti dhaqee ilkaan qara.
“Ani maqaa keetti amaneera, maqaa keetiin raajii dubadheera, maqaa keetiin lallabeera, si tajaajiluuf jedhee mana koo gurgureera, ijoollee abbaa fi haadha hin qabne hedduu gargaareera, maqaa keetiin jabaadhee hojjedheera, kadhachaa buleera, dhukkubsataan wallaneera…Kanaaf mootummaa Waaqayyoo galuun naaf ni ta’a.”
Ilkaan qaruu fi wawwachuu malee kan biraa kan isa eeggatu hin jiru. Yeroo sii’oliin ga’u, warra wangeela dhugaatti amananii hin fayyine achitti ni arga. Warri wangeela fayyina inni kenne irraa kaatan Isa duraa ni badu.
Cubbuun Amantoota Sobaa Galmee Warra Hojiidhaan Fayyanii Keessa Jira
Cubbuun namoota biyya lafaa eessatti galmaa’ee jiraa?
Garaa isaanii fi Galmee warra Hojii dhaan fayyanii keessa.
Yesuusitti amannus amanuu baatus warri garaa isaanii keessa cubbuu qaban Waaqayyo ni ballessa. Inni cubbuu xiqqoo ishee iyyuu laphee namaa keessatti yoo arge, guyyaa booddee sii’olitti firdii isa dhumaa itti kenna. Amantoonni cubbuu isaaniitiin jiran hanga ammaatti akka hin fayyine hubatanii cubbuu isaanii himatanii cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti yoo amanan ni fayyu.
Cubbuun cubbamootaa laphee isaanii keessatti galmaa’ee jira. Warri wangeela bishaanii fi Hafuurattii dhalatan cubbuu isaanii yaadachuu danda’u, garuu laphee isaaniitti cubbuun hin jiru. Isaan qajeelota.
Garuu warri lammaffaa hin dhalanne cubbuu badiisatti isaan geessu qabu. Kanaafuu isaan Waaqayyo duratti cubbamoota. Yeroo isaan jilbeenfatanii kadhatan akka isaan Waaqayyoon hin argine godha. Isaan kun kana-sanaaf Waaqayyoon kadhatu, garuu cubbuudhaan jiru. Cubbuu himachuudhaan fixu malee dhiifama hin argatan, akkasumaan cubbuu isaa waggaa 10, yookaan 11 yookaan 20 dura hojjetan himatu.
Kadhannaa isaanii keessatti yeroo hundumaa cubbuu himachuu qabu. Maaliif akkas kadhatu? Isaan kana gochuu hin barbaadan, yeroo isaan kadachuudhaaf jedhan, Waaqayyo duratti yakkamoo akka ta’an itti dhagaa’ama. Kanaaf utuu gara kadhannaa keessa hin seeniin dhimmanii dhiifama cubbuu kadhachuu keessa galu.
Waaqayyo cubbuu isaanii qalama sibiilaatiin laphee isaanii keessatti barreesseera. Sababa kanaaf yeroodhuma gara fuula Waaqayyoo duratti kadhachuudhaaf dhi’atanitti cubbuun isaanii itti dhagaa’ama. Kanaafuu warri gar tokkoo wangeelaatti amanan cubbuun laphee isaanii keessatti hafuuf dhumni jireenya isaanii badiisa ta’a.
Ermiyaas 17:1, akkuma barreeffamee jiru, “Cubbuun saba Yihudaa biirii sibilaatin arfii dhagaa Almaaziitiinis gabatee garaa isaanii fi gaanfa iddowwan aarsaa isaanii irratti caafamee jira.”
Yihudaan gosa amanamaa saba Israa’eli. Yihudaan nama hundumaa akka bakka bu’u Macaafni Qulqulluun ni dubbata, kanaafuu Yihudaa jechuun nama hundumaa jechuu dha.
Cubbuun saba Israa’el qalama sibiilaatiin arfii dhagaa Almaaziin barreeffame. Dhagaan Almaazii sibiila biyya lafaa keessaa dhagaa baayyee gati jabeessa. Cubbuun keenya qalama sibiila Almaaziitiin laphee keenya keessatti barreeffame.
Altakkaa erga qirixamee hin haqamani. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti yoo amanne malee nu irraa hin ka’u.
Yaada ofiitti fayyuun, barsiisa hundee amantii qabaachuun, waldaatti qabamanii deddeebi’uun yoo cubbuu ofiitti fayyan malee gatii hin qabu.
Akkuma cuuphaa Yesuusiin ala cubbuun keenya nu irraa ka’uu hin dandeenye, cubbamoonni, “Yaa Gooftaa, an cubbamaa dha” jechaa Waaqayyoon kadhatu. Cubbuuttii hin fayyine garuu Waaqayyo wajjin immoo walitti dhufeenya qabaachuu barbaadu, waldaa keessattis itti gaafataman guddaa ni qabaatu, ti’ooloojii fi barsiisa hundee amantiis ni qoratu.
Kanaafuu, kadhannaadhaaf gara tulluuttis ol ni ba’u, afaanota haaraatiinis ni dubbatu, mul’atas ni argu, kun hundinuu immoo gatii hin qabu. Cubbuun laphee keessatti hafeera yoo ta’e, nagaa qabaach uu hin dandeessu.
Cubbuun keenya Ermiyaas 17:1 irratti barreeffamee jira, gaanfa iddoo aarsaa irratti qirixamee jira. Waaqa irra Macaafa jireenyaa fi Macaafa hojii tu jira. Cubbuun cubbamootaa kitaaba isa kan warra hojiidhaan fayyanii keessatti galmaa’a. Waaqayyo kitaaba hojii fi laphee keenya irratti galmeessee seera isaatiin nutti agarsiisa.
Cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuun kana hundumaa irraa akka qulloofnu godha. Kun immoo fayyina nuuf ta’ee akka nuyi Macaafa jireenyaa keessatti galmoofnu nu godha.
Maqaan Kee Macaafa Jireenyaa Keessa Jiraa?
Eenyufayitu Macaafa Jireenyaa keessatti galmaa’ee jiraa?
Warra cubbuu hin qabne, warra cubbuun isaanii irraa miiccame.
Maqaan kee Macaafa Jireenyaa keessatti galmaa’uun isaa murteessaa dha. Maqaan kee achi keessatti hin galmoofne yoo ta’e, Yesuusitti amanuun hiika maalii qabaa? Dhugaadhumaatti fayyuudhaaf, wangeela bishaanii fi Hafuuraattii lammaffaa dhalachuun nu barbaachisa.
Yesuus gara biyya lafaa dhufee waggaa 30ffaa isaatti cuuphamee, cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo irratti du’eera. Akkuma Maatewos 3:15 irratti galmaa’ee jiru, Yesuus sababa cuuphameef du’a fannoo du’eera. Maqaan keenya Macaafa Jireenyaa keessatti akka galmaa’uuf dhugaa kanatti amanuu qabna.
Yeroo namni obbaafatee Waaqayyoon dura dhaabbatu, inni ergamoota isaatiin, “Namni kun maqaan isaa akka Macaafa jireenyaa keessa jiru ilaala” jedha.
“Eeyyee, isa Gooftaa.”
“Eeyyee, lafa irratti ana arguuf imimmaan kee baayyee dhangalaafteetta, egaa amma akka ati lammaffaa hin boonyeef ofii koo sitti mul’iseera” ittiin jedha.
Gatii dhadhabbii isaatii gonfoo qajeelummaatiin isaan gonfa.
“Yaa Gooftaa galatoomi. Barabaraan sin galateeffadha.”
“Ergamoonni gonfoo ulfinaa nama kana irra kaa’u.”
“Yaa Gooftaa ati akka ta’utti na fayyisfteetta. Gonfoon ulfinaa kun baayyee anatti guddata. Galatoomi. Fayyisuu keetti guddaa gammadeera. Ani si bira jiraachuu kootti quufeera.”
Gooftaan, “Mucaa koo isa 10,000ffaa gatiittii keessan irratti baadhaa” jedha.
“Ergamaan sunis tole Gooftaa” jedha.
“Adaraa gatiitti kootti kottu” ittiin jedha.
“Baayyee nama gammachiisa. Kana gochaan jiraa? Kottaa itti adeemnaa” ittiin jedha.
Ergamichii eeggannaadhaan ni hojjeta.
“Bashannana deemuu ni barbaadduu?” isaaniin jedha.
“Hoo, kun baayyee miidhagaa dha. Iddoon kun attam guddaa dha?
“Waggaa miiliiyoona hedduu yoon deeme iyyuu waliin ga’uu hin dandeenye.”
“Kun dhugaa dhaa? Amma sitti hulfaachaa akkan jiru nan beeka. Amma yoo na buuftehoo.”
“Homaa nutti hin ulfaatu.”
“Galatoomi, mootummaa Waaqayyoo keessa miilla kootiin deemuu barbaadeeni. Qajeelonni warri ana dura turan eessa jiruu?”
“Bakka kana jiru.”
“Kottaa achi dhaqna.”
Haleeluyyaa! Ergasii harka wal-qabatanii gammadaa walii-wajjin adeemu.
Egaa namni Yesuusitti nan amana utuu jedhu karaa fayyinaa irra h in buune cubbamaan yeroo du’ee Waaqayyo duratti dhihatu maal akka ta’u haa yaadnu. Akka yaada isaatti Yesuusitti amaneera, nama cubbamaattis of simateera.
Waaqayyo akkana jedha, “Maqaan nama kana Macaafa jireenyaa keessa akka jiru beekaa.”
“Yaa Gooftaa, Macaaficha keessa hin jiru.”
“Egaa mee Macaafa isa warra hojjiin fayyanii keessa ilaalaa.”
“Maqaan isaa fi cubbuun isaa achitti galmaa’ee jira.”
“Egaa nama kanaa fuudha iddoo gatiin boba’aa utuu itti hin kaffalin fudhatutti ergaa, barabaraan achi haa jiraatu.”
“Yaa Gooftaa, baayyee gaarii miti...”
Gaarii miti ni jedha. Utuun akkas cimee Yesuusiin amanatu maaliif sii’olitti gad ergamaa?
Sababa namni kun Seexanaan gowwoosamee gartokkee wangeelaatti amaneefii. Dhugaa fayyina wangeelaa kana gar malee yoo hubanne dhumni keenya firdii sii’oliin ta’a.
Namni kun Yesuusitti amaneera, garuu Seexanaan gowwomsamee akka nama hin fayyinee cubbamaatti of lakkaa’e. Utuu wangeela dhugaa dhaga’eera ta’e, silaa akka isa sobaa keessa ture ni hubata ture. Sababa sobni Seexanaa dhugaa wangeelaatti hidhateef fayyina isaa irraa ni mixiqe.
Mootummaa Waaqayyootti galuu yoo barbaadde, wangeela lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuratti amanuu si barbaachisa. Wangeela Maatewos 3:15 irra yoo ilaalle, “nuuf ni ta’a” jedhee Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhateera. Wangeela fayyinaa bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna.
Maqaa eenyuutu Macaafa Seeraa keessatti caafamee jiraa?
Namoota warra cubbuu laphee isaani irraa qaban.
Waan tokkotti amanus dhiiftee akka nama umamaan nama gaarii ta’e tokko taatee jiraachuu yoo barbaadde, hojiin kee sii’olitti si geessa. Sii’oliin keessa namoota uumamaan gaarii ta’an hedduutu jiru, garuu mootummaa Waaqayyoo keessa namoota dhugaa amantiif lolan warra lammaffaa dhalatan qofaatu galu.
Warri mootummaa Waaqayyoo keessa jiran warra yeroo amana Yesuus akka cubbuu isaanii irraa miicce amananii dha.
Mootummaa Waaqayyoo isa Waaqa irraa keessa Afaanii fi Gurra qofaatu jira jedhama. Sababa namoonni hedduun fayyisuu Yesuus Afaanii fi Gurra qofaan dhagaa’aniif, bu’aa qaamaa isa kaan Waaqayyo ibiddaatti naqeera jedhu.
Nama Yesuusitti amaneera ofiin jechaa karaa biraa immoo Waaqayyoon dura dhaabbatee, “An amma iyyuu cubbamaa dha ofiin jedhu tokko mee haa yaadnu. Namni kun namoonni nama qajeelaa dha anaan jedhu atis immoo akkasuma akkas akka naan jettu nan abdadha jedhee Waaqayyotti dubbata. Kun waan an baradhee fi waan an itti amanee dha jedha. Akkuma namoota hedduuttis amaneera. Amantiin kun immoo kan iddoo baayyeetti fudhatamee dha.”
Gooftaan immoo akkana jedhee ni deebiseef. “Nama utuu anatti amanuu cubbamaadhaa ofiin jedhu dhiisuufii hin danda’u. Ani cubbuu kee wangeela bishaanii fi Hafuuraan si irraa miicceera. Garuu ati itti amanuu didde. Ergamootaa! Nama kana ibiddaa sii’ol keessa geessaa” ittiin jedha.
Namni utuu Yesuusitti amanee jiruu akka nama cubbamaatti of ilaalu dhumni isaa badiisa ta’a. Wangeela dhugaatti amanii fayyina dhugaa fudhadhu. Yoo kana ta’uudhaa baate, ibidda sii’olitti darbatamta.
Utuu cubbuu qabduu hin qabu jechuun sobuu dha. Garaagaruummaa qajeelaa fi jallaa giddu jiru waan gurguuddaatu jiru. Akka ati fayyituuf si kadhachuun koo maaliif akka ta’e ni hubatta.
Garaagarummaa warra fayyina guutuutti amanee fi warra gar tokkoo isaatti amanee ni argita. Garaagarummaa guddaa qaba. Warri guutuu fayyinaatti amanan mootummaa Waaqayyootti galu, warri kaan immoo sii’olitti gad darbatamu.
Yesuusitti utuu amantee jirtuu akka nama cubbamaatti of lakkaa’aa jirtaa? Egaa wangeela bishaanii fi Hafuuraattii akka lammaffaa dhalachuu qabduu beekuu qabda. Waaqayyo warra cubbuu of keessaa qaban sii’olitti gad darbata. Warra guutummaa cubbuu isaaniitti wangeela dhugaan fayyan qofaatu mootummaa Waaqayyootti gala.
Egaa amma itti amani. Yoo ittan yaada jette, booddee bu’uu dandeessa. Dafii qophaa’i. Utuu sii’olitti hin kufin, wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amaniitii qullaa’i.
Gooftaa keenya Yesuusiif galanni haa ta’u! Nuun namoota jal’oota fuudhee qajeelota waan nu godheef haa galateeffamu. Halelluyaa!
Yesuus: Abukaatoo Qajeelummaa
Kadhannaa qalbii diddiirrannaa cubbuun keenya nu irraa ni haqamaa?
Lakki, akkasitti hin dandaa’amu. Kun karaa ittiin Seexannii nama dogoggorsu keessaa tokkoo dha.
1 Yohannis 2:1-2 akkana jedha. “Akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa. Namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabbatu abbaa biraa qabna. Innis Yesuus Kiristoos isa qajeelaa dha. Inni furee cubbuu keenyaa ti. Cubbuu keenya qofa miti cubbuu guutummaa biyya lafaa tiifis malee.”
Kana ni ilaaltaa? Nama utuu amanuu laphee isaa irraa cubbuu baatu. Utuu laphee kee irraa cubbuu qabduu, ani cubbuu hin qabu yoo jette, kun Waaqayyoon gowwoomsuu dha. Akkasumas matii ofii gowwoomsuu dha.
Haa ta’u malee utuu Yesuusiin hubattee, wanta inni cubbuu nama irraa kaasuuf hojjetes fudhatte, cubbuu kee hundumaatti bilisa ni baata. Yeros, “Yaa Gooftaa, an wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin sittii dhaladheera. Egaa an cubbuu hin qabu. Mudaa malee fuula kee dura dhaabbachuu danda’eera” jetta.
Yeros Gooftaan akka armaan gadiitti deebii kennaaf. “Eeyyee, at sirrii dha. Akkuma Abrhaam Waaqayyotti amanee qajeelaa ta’e, atis akka an cubbuu kee si irraa miicee waan amanteef qajeelaa taateetta.”
Garuu nama utuu Yesuusiitti amanee jiruu cubbuu qabu maal akka jedhu haa ilaallu. “Sababa an Yesuusitti amaneef, yoon cubbuu qabaadhe iyyuu jireenya barabaraatti nan gala.”
Namni akkanaa abdii sobaatiin deddeebi’aa jira waan ta’ee sii’oliin dhaqa. Maaliifii? Sababa wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin barreefii.
Namni hanga biyya lafaa kana irra jirutti akka cubbuu qabu beekuutu isaaf ta’a. “Ani cubbamaa dha. Ani sii’oliinan dhaqa.” jechuu qaba. Cubbamaan kadhannaa qalbii diddiirrannaa fayyuu hin danda’u. Kanaa mannaa fayyuudhaaf akka cubbamaa ta’e dhugaa ba’ee wangeela fayyinaa wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qaba. Wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofaatuu nama fayyisa.
Yaadni Yesuus cubbuu dhaalaattii nu fayyise, cubbuu hojii immoo kadhannaa qalbii diddiirranaatiin fayyina jedhu dogoggoraa dha. Kun sii’olitti nama geessa. Namoonni hedduun wangeela sobaatiin qabamanii sii’oliif kan of qopheessaa jiran hedduu dha.
Wangeela sobaa keessatti akka kuftee jiru beektaa? Utuu gatiin cubbuu keetii siif kaffalamee jiruu, akka waan gatiin sira jiruutti of ilaalaa jirtaa? Waa’ee kanaa itti yaadu qabda. Utuu Yesuusitti amantee jirtuu akka cubbamaatti yoo of lakkaa’aa jirta ta’e, sirriitti isatti waan amantee jirtu sitti fakkaataa? Ati amanaa fi Cubbamaa dhaa ykn qulqllaa’aa fi cubbamaa dhaa?
Ofii keetii filachuu dandeessa. Yookaan cubbuun kee hundumaa siif dhiifamuu isaa yookaan immoo yeroo hundumaa qalbii diddiirrannaatiin fayyuu. Filannoon kee jireenya barabaraa yookan sii’olitti galuu kee murteessa. Lallaboota dhugaa hubachuu qabda.
Warri wangeelaatti hin amanne, guyyaa hundumaa hanga bari’utti dhiifama cubbuu kadhatu.
“Yaa Gooftaa ani yakkeera. Torban kana yakkeera,” jedhu. Cubbuu isaanii isa kanaan duraa yaadatanii dhiifama kadhachaa turu. Kun immoo wangeela bishaanii fi Hafuuraa ganuu dha.
Cubbuun keenya Waaqayyo biratti nuu kaffalameera. Ibroota 9:22 akkana jedha, “Utuu dhiigni hin dhangalaafamin, dhiifamni cubbuu hin jiru.” Utuu amantee jirtuu cubbamaa yoo of goote, akka Yesuus lammaffaa siif du’uuf gaafachaa jirta jechuu dha. Warri wangeela fayyinaatti hin amanne Yesuus isa jiraataa akka du’aa gochuu dha. Yesuus altakkaa barabaraan nu fayyifne jedhu.
Yesuusiin fayyuudhaaf, wangeelaa dhugaa bishaanii fi Hafuuratti amanuu nu barbaachisa. Kadhannaa dhibba, kuma, miliiyoona kadhattee cubbuu keettii fayyuu ni dandeessaa? Wangeelli dhugaan altakkaa nama fayyisa. Kanaafuu, qajeelonni mootummaa Waaqayyootti galanii barabaraan jiraatu.
♪Yesuus keessatti jireenya haaraan jiraadha; Inni moofaan darbee inni haaraan dhufeera; Inni moofaan sokkeera. Hoo, Yesuus jireenya koo ti; Yesuus keessatti jireenya haaraan jiraadha. ♪
Kiristoositti jireenya haaraa ni jiraatta. Miidhagdus, gadoomtus, gabaabbatus,dheerattus,furdattus, qallattus wangeela fayyinaa bishaanii fi Hafuuraa qabaannaan, mootummaa Waaqayyootti galta. Nama funyaan dheeraaf yookaan gabaadaa ta’uun kee murteessaa miti. Sababa guutuu hin taaneef, wangeela bishaanii fi Hafuuratti amannee fayyina dhugaa arganna. Warri dogoggora keessa jiran sii’oliif qophaa’aa jiru.
Galatoomii Gooftaa. An yeroo hundumaa gooftaa nan galateeffadha. Sababa wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanneef, guyyaa booddee Gooftaa biratti ni simatamna.
Sobni Gara Sii’olitti Nama Geessa
Guyyaa dhumaatti gonfoo qajeelummaa eenyutu fudhataa?
Warra soba mo’atanii dha.
Sobdoonni kadhannaa qalbii diddiirranaatiin mootummaa Waaqayyootti gal’a jedhu, garuu wangeelli bishaanii fi Hafuuraa immoo namni amantiidhaan dhiifama barabaraa argatee mootummaa Waaqayyootti gala jedha.
Isa kamtu dhugaa dhaa? Guyyaa-guyyaatti qalbii diddiirrachuu dhaa? Yookaan immoo Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya barabaraan akka nu irraa fuudhe amanu dha? Inni dhugaan akka Yesuus cuuphaa isaatiin cubbuu keenya bara hundumaaf akka nu irraa fuudhe amanuu dha.
Dubbii soba hafuuraa mo’achuu qabna. Namoonni hedduun sobatti amanaa jiru.
"Gara ergamaa waldaa Phergamoonitti, `Ergaan kun isa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarame qabu sana biraa dhufe` jedhii caafi Ergichi, "Ani iddoo ati jiraattu beeka, inni lafa teessoo Seexanaa ti. Ati garuu maqaa koo jabeessitee qabatte malee, bara Antiiphaas dhuga-baatuun koo amanamaan koos isin gidduutti iddoo Seexanni jiraatu sanatti ajjeefame iyyuu, anatti amanuu kee hin ganne” (Mul’ata 2:12-13).
“Namni gurra qabu isa hafuurri Qulqulluun waldoota Kiristaanaatiin jedhu haa dhaga’u! Isa mo’uuf mannaa dhokataa sana keessaa nan kennaaf. Dhagaa calaqisaa, maqaan haaraan irratti caaffame tokkos nan kennaaf. Maqichas, isa fudhatu sana irraa kan hafe namni tokko illee hin beeku” kan jedhu dha (Mul’ata 2:17).
Hafuuronni hamoonni dhugaa fakkaatanii akka namni hin fayyineef hojjetaa jiru. Waaqayyo warra dubbii wangeela bishaanii fi Hafuuratti hin amanne akkatti gargaaru hin qabu. Namni akkanaa dhumni isaa sii’oliin ta’a.
Tokkoon-tokkoon namaa fayyisuu Yesuusittii amanuu fi dhiisuu murteeffachuu qaba. Eenyu iyyuu miilla kee jalatti kufee akka ati qalbii diddiirrattuuf si hin kadhatu.
Cubbuu keettii fayyuu yoo barbaadde, wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qabda. Fayyisuu isaa kanatti ni quufta yoo ta’e itti amani. At nama cubbamaa sii’oliin dhaquuf jirtu ta’uu kee yoo barte, wangeela bishaanii fi Hafuuraa, cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuu qabda. Yeroo kanatti qajeelaa taata.
Cubbamaa ta’uu kee hin barre yoo taate, Yesuusitti amanuu si hin barbaachisuu jechuu dha. Nama cubbamaa ta’uu isaa hubatu qofaatu wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanee fayya. Yesuus fayyisaa cubbamootaa fi jajjabeessaa warra gaddanii ti. Inni uumaa waan hundumaa ti. Inni gooftaa jireenyaa ti.
Ani wangeela bishaanii fi Hafuuratti dhimmee nan amana. Attis itti amani. Yesuus fayyisaa, hiriyaa, abbaa, eegduu fi Waaqa kee ta’uu isaa ni hubatta. Cubbamaan tokko Yesuusitti amanee fayyina argata. Jireenyi kee sii’olitti akka hin galle ni feeta yoo ta’e, itti amanuu qabda. Waaqayyo akka nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannuuf nu hin kadhatu.
Jireenya waaqa irratti galuu ni barbaaddaa? Yoo akkas ta’e wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amani. Yesuus, “Ani karaa dha, dhugaa dha jireenyas. Anatti amani.” Sii’olitti gad darbatamuu ni barbaaddaa? Yoo akkas ta’e amanuu dhiisi. Sii’oliif iddoo sii qoheeseera.
Waaqayyo hin kadhatu. Daldaalaan tokko mi’yaa isaa gurgurachuuf jechaa utuu nama gargar hin baasiin maamilaa hunda simata, garuu Waaqayyo warri Kiristoosiin fayyan jireenya barabaraa tolaa kennaaf. Waaqayyo qajeelaa dha.
Akka dhumni biyya lafaa dhihate namoonni ni dubbatu. Sirrii dha, anis akkasumtti nan yaada. Kanaafuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu dhiisuun badiisa fida.
Wangeela fayyina lammaffaa dhalachuu bishaanii fi Hafuuraatti amani. Kottaa waliiwajjin jireenya waaqa irratti gala. Iddoo Yesuus jiru anaa wajjin dhaquu hin feexuu?
Ati nama qajeelaa dha moo nama jal’aa dhaa?
Namni qajeelaan nama laphee isaa keessaa cubbuu hin qabnee dha.
Roomaa 8:1-2. “Egaa ammaa firdiin warra Kiristoos Yesuusitti jiraataniitti faradama tokko illee hin jiru. Seerrii Hafuuraa inni karaa Kiristoos Yesuus nama jiraachisu, seera cubbuu isa du’atti nama geessuu jalaa si baaseera.”
Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera. Warra firdii du’aa jala jiran unda urrii baaseera.
Fayyisuun Waaqayyoo waan lama haammatee jira. Inni tokko seera yeroo ta’u inni kaan immoo jaalala. Seerri akka nuyi cubbuu qabnu nutti agarsiisa. Akkaataa seeraatti gatiin cubbuu du’a. Seeraan fayyuu hin dandeenyu. Inni cubbuu fi amala keenya nu barsiisa. Seerri akka nuyi cubbamaa taane akka beeknu godha.
Yesuus gatii cubbuu keenyaa kaffaluuf, gara biyya lafaa dhufee bakka keenya firdii fudhatee nu fayyiseera. Cubbuu keenyattii kan nu fayyisee jaalala Waaqayyoo dha.
Wantoota dhugaa hin ta’in mo’achuu qabna. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaffaa dhalachuun biyya lafaa akka mo’annuuf nu gargaara.
Yesuusitti amannee fayyineera. Dubbii isaatti amanuudhaan, qajeelummaa fayyinaa arganna. Garaa keetiin wangeela bishaanii fi Hafuuratti amani fayyina dhugaa ni argata.