• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-1] Hafuurri Qulqulluun Abdii Sagalee Waaqayyoo Keessatti hojjeta (H. Ergamootaa 1:4-8)

(H. Ergamootaa 1:4-8)
“Isaanii wajjin utuu jirus “Abdii abbaan koo isiniif kenne isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee Yerussaalemii hin ba’inaa!” jedhee isaan abboome. Itti dabalees, “Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu guyyaa baayyee utuu hin turin Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu” jedhe. Yeroo walitti qabamanitti ergamoonni, “Yaa gooftaa, si’a kana Israa’eliif mootummaa deebiftaafii ree?” jedhanii gaafatan Inni immoo, “Yeroo ykn bara abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne. Isin garuu Hafuurri Qulqulluun yemmuu isin irra bu’u, humna ni godhatu; Yerussaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga baatuu koo ni taatu isaaniin jedhe.’”
 
 
Hafuurri Qulqulluun nama keessa buufachuun isaa kennaa Waaqayyooti immoo yaalii namni gama isaa tiin godhuu dha?
Hafuurri Qulqulluun kennaa Waaqayyo warra dhiifama cubbuu fudhataniif kennamuu fi abdiin Waaqayyoo raawwatamuu isaa kan mul’isuu dha.
 
Waan akka Hafuura Qulqulluutti boba’u tokko karaa kadhannaa fudhachuutti muuxannoo nan qaba. Garuu boba’aan sun yeroo baayyeef hin turre, sababa kuufama cubbuutiif battaluma sanatti du’eera. Amma garuu waa’ee dhugaa Hafuura Qulqulluu isa barabaraan nu bira jiraatu, karaa hafuura sobaa isa cubbuudhaan guutamee osoo hin taane, karaa wangeela dhugaa sitti agarsiisuu nan jaalladha. Karaa kitaaba kana waa’ee Hafuura Qulqulluu kan an si barsiisuu wanta ati karaa kadhannaa bartee argatte osoo hin ta’in, karaa amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraa irratti hundaa’ee dha.
Karaa kitaaba kanaa gara buufata [1]Hafuura Qulqulluu tti si geessuu nan jaalladha. Ergaan siif dabarsu kana Hafuurri Qulqulluun akka inni siif jabeessu ati iyyuu ni hubatta. Yeroo kanatti nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuun keenya fedha Waaqayyoo isa barabaraati. Karaa kitaaba kanaa waa’ee nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu barattee ni fudhatta. Yoo kitaabni kun siin hin ga’u ta’e, kitaabileen an kanaan dura maxxansee akka dubbistuuf sin gorsa. Karaa kitaabilee kana Waaqayyo duratti amantii muda hin qabne ni qabaatta.
 
[1] Hafuurri Qulqulluun laphee nama bishaanii fi Hafuurattii lammaffaa dhalatee dhiifama cubbuu argatee keessa ni buufata. Inni altakkaa gara isa qullaa’ee dhufee, barabaraan isa bira ni jiraata, amma namni sun wangeela irra jiruutti raawwatee isa keessa hin deemu. Inni qulqullootaaf mirkanaa’iinsa kennaafii, akka Macaafa Qulqulluutti gara Waaqayyoon beekuutti nama ni geessa, biyya lafaa kana keessatti qoramsaaf fi dhibee uumamu akka mo’ataniif ni jabeessa, akka isaan ija hafuuraa baayyisanii qabaataniis ni godha. Waaqayyo karaa Hafuura Qulqulluu dhaqna qulqullootaa keessa buufatee akka mana qulqullummaatti ni kabaja (H. Ergamootaa 2:38-39, Yohannis 14:16, 16:8-10, 1 Qorontos 3:16, 6:19, Galaatiyaa 5:22-23).
 
Kiristaanonni baayyeen akka gaafa guyyaa Phenxeqostee tti bartoota Yesuus irratti gad bu’eetti Hafuura Qulqulluu fudhachuuf yaalii godhu. Tooftaa kanatti fayyadamuudhaan namoonni baayyeen horii argataniiru. Hafuurri Qulqulluun yaalii namaatiin akka waan argamuutti ni fakkeessu. Mul’ataa qabaachuu, dinqii hojjechuu, sagalee Yesuusiin qabaachuu, Afaan haaraatiin dubbachuu, dhukubsataa fayyisuu, seexanoota baasuu ni barbaadu. Garuu cubbuun laphee isaanii keessa waan jiruuf to’annoo hafuura hamaa jala jiru (Efesoon 2:1-2). Ammuma iyyuu namoonni hedduun hafuura amaa jala akka jiran utuu hin beekiin jiraachaatti jiru. Kan Seexanii namoota baayyee gowwoomsee akka isaan of wallalanii dinqii gochuuf tooftaa hundatti gargaaraman gochaa jira.
Yesuus, “hanga abdii abbaan koo isiniif keenne argatanitti Yerussaalemii hin ba’inaa” (H. Ergamootaa 1:4) jedhee ergamoota isaa abboomeera. Hojii Ergamootaa keessatti Hafuurri Qulqulluun karaa “muuxannoo,” “kadhannaa” ykn “kadhannaa qalbii diddiirrannaa,” osoo hin taane “abdii Waaqayyoo utuu eeggachaa jiranii” ti. Kana irraa wanti nuyi bar’uu Hafuurri Qulqulluun kadhannaa abdii kutannaa tiin nama keessa akka inni hin buufannee dha. Inni kenna Waaqayyoo, isa karaa amantii guutuu wangeela bareedaa, wangeela bishaanii fi hafuuraatiin Waaqayyo abbaa fi Yesuus Kiristoos ilmaan namootaaf kennee dha. Hafuurri Qulqulluun dhugaatti nama keessa kan buufatu wangeela gooftaan kennetti amanuu irraa kan ka’ee dha. Hafuurri Qulqulluun nama keesa akka buufatuuf, Waaqayyoo wangeela dhugaa bishaanii Hafuuraa nuuf kenneera (1 Yohannis 3:3-5).
Gaaleen “abdii Hafuura Qulqulluu” jedhu Kakuu Haaraa keessatti yeroo hedduu caqafameera. Pheexiros lallaba isaa keessatti akkana jedheera, (E. Ergamootaa 2:38-39) guyyaa Hafuuraan chuuphamuu Phenxeqostee, “Waaqayyo warra wangeela dhugaatti amananiif akka Hafuura Qulqulluu kennuu abdachiiseera.”
Nama keessa jiraachuun Hafuura Qulqulluu warra dhiifama cubbuu fudhataniif kennama, inni abdiin Waaqayyo raawwatamuu isaas ni agarsiisa. Kakuu Haaraa keessatti abdiin Hafuura Qulqulluu abdii Waaqayyo fi nama gidduutti ta’e osoo hin taanee, abdii Waaqayyo biraa kennamee dha. Kanaafuu, Hafuurri Qulqulluun hojii ergamootaa keessaa yoo ilaalle kadhannaadhaan wanta argame tokko akka hin taane dha    (H. Ergamootaa 8:19-20).
Hafuurri Qulqulluun wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa gooftaan kennetti warra amanan keessa ni buufata. Yesuus bartoota isaa tiif abdii Hafuura Qulqulluu waan kenneef isaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni argatu. “Yohannis bishaaniin isin cuuphee garuu guyyoota baay’ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan ni cuuphamtu”      (H. Ergamootaa 1:5). Kanaafuu, barattoonni raawwii abdii Waaqayyoo eeggachaa turan.
Macaafa Qulqulluu keessatti amantii warra Hafuura Qulqulluun irra buufatee yeroo ilaallu, yaalii isaaniin osoo hin taane fedha Waaqayyootiin akka argatan hubanna. Hojii ergamootaa keessatti Hafuurri Qulqulluun jireenya bartootaa keessa kan buufate yaalii namaan ykn dandeettii Hafuuraa waan qabaataniif hin turre.
Hojii ergamootaa keessatti akkuma barreeffamee jiru, Hafuurri Qulqulluun dafee gara bartootaa dhufeera. Akkuma Yesuus “utuu guyyoota baay’ee hin turin” jedhetti raawwateera. Kun waldaa isa jalqabaa keessatti eebba isa duraa ti. Caaffattoota Qulqullaa’oo keessatti akkuma barreeffamee jiru abdiin Waaqayyoo karaa soomaa fi kadhataa ykn aarsaa of gochuun osoo hin taane, karaa Yesuus irraa amantii qabaachuu ture. Erga Yesuus ol ba’ee booda, dhiifama cubbuu fi nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu walfaana argataniiru.
 
 
Hafuurri Qulqulluun waaqa irraa akkatasaa bartoota Yesuus irra bu’e!
 
“Ayyaanni guyyaa shantamaffaa yemmuu ga’e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan” (H. Ergamootaa 2:1). Baratoonni Yesuus walitti qabamanii abdii ergamuu Hafuura Qulqulluu waliin eeggachaa turan. Hafuurri Qulqulluunis akkasumaatti isaani irratti gad bu’eera.
“Dingatas uursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhagaa’amee manicha isaan keessa jiran keessa guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul’atan, gargar tamsaa’aniis wanti akka arraba ibiddaa kun tokkoon-tokkoon isaanii irra taa’an. Yemmus hundumti isaanii Hafuura Qulqulluudhaan guutaman, akka Hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kenneetti, hafaan garaagaraan dubbachuu jalqaban” (H. Ergamootaa 2:2-4).
Hafuurri Qulqulluun “dingata (akka tasaa) waaqa irraa” gad bu’e. Jechi “dingata” jedhu akka inni fedhii namaatiin hin taanee agarsiisa. Akkasumas gaaleen “waaqa irraa” jedhus Hafuurri Qulqulluun eessaa akka dhufe agarsiisa, karaa biraas Hafuurri Qulqulluun fedhii namaa tiin nama keessa buufata isa jedhu mul’inatti ni morma. Gaaleen “waaqa irraa” jedhu Hafuurri Qulqulluun kadhannaatiin gara namaa dhufaa inni jedhu gowwoomsaa akka ta’e sirriitti ni kaa’a.
Jecha biraatiin, Hafuurri Qulqulluun dingata waaqa irraa gad bu’e jechuun karaa biyya lafaa akkas jechuunis afaan haaraa dubbachuu ykn aarsa of gochuudhaan akka inni hin dhufne agarsiisa. Bartoonni Yesuus jalqabatti wangeela dhugaa nama hundumaatti lallabuudhaaf afaan haaraa dubbachaa turan. Kun afaanota addaaddaa Yihudoota keessatti dubbatamuun deggarsa Hafuura Qulqulluu tiin wangeela akka isaan lallabaniif ture. Sab-lammoonni hedduun namoonni sunis bartoonni afaan isaaniitiin dubbachuun isaanii akkanni keessummaa ta’ee hubataniiru.
“Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul’atan, gargar tamsaa’aniis wanti akka arraba ibiddaa kun tokkoon-tokkoon isaanii irra taa’an. Yemmus hundumti isaanii Hafuura Qulqulluudhaan guutaman” (H. Ergamootaa 2:3-4). Iddoo kanatti gaaleen Hafuurri Qulqulluun “tokkoon-tokkoon isaanii irra bu’an” jedhu irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun keenya barbaachisaa dha. Bartoonni wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu dhaan iddoo tokkotti waliin ta’anii dhufaatii Hafuura Qulqulluu eeggachaa turan.
Kiristaanonni baayyeen Hafuurri Qulqulluun kadhaannaa keessa akka qilleensaatti dhufa jechuudhaan dogongora keessa bu’anii jiru. Dogogorri akkanaa waa’ee Hafuura Qulqulluu callisuu fi waan godhan walaaluu irraa akka burqu hubatamaa dha. Hafuurri Qulqulluun gara namaa yeroo dhufu sagalee akkanaa ni dhageesisaa? Lakki, inni kana hin godhu.
Sagaleen namoonni dhagaa’an kun sagalee Seexanaa isa lubbuu namaa nyaatuu dha. Inni sagalee akkanaa yeroo yaada wallaalamii isaa tiin hojjetu sagalee akkanaa ni dhageesisa, Hafuura Qulqulluu fakkeessuudhaan sagalee warabamee ni dhageesisa, dinqii sobaas ni hojjeta. Namoonnis dogoggoraan akka mallattoo dhufaatii Hafuura Qulqulluutti ni lakkaa’atu. Namoonnis Hafuurri Qulqulluun sagalee qilleensa “Suihhh~” jedhuun mul’ata jedhanii ni yaadu. Isaan hafuura hamaan warra gowwoofamanii dha. Hafuurri Qulqulluun hojii ergamootaa keessatti galmaa’ee jiruu karaa amantii wangeela dhugaa qofa kan argamee dha.
 
 
Amantiin Pheexiros (1 Phe. 3:21) Hafuurri Qulqulluun warra barbaadaniif jira
 
Wantoonni Hojii Ergamootaa 2 keessatti godhaman cucculusuudhaan, Waaqayyo Hafuurri Qulqulluun warra duraan dursee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan irratti akka gad bu’e hubachiisuu akka barbaadu ifaa dha. Garuu namoonni hedduun “Pheenxeqosxee” n sagalee nama wallaalchisu tokko keessan akka dhufutti ni yaadu.
Sababii kanaaf namoonni baayyeen waaqeffannaa sochii hafuuraa bara si’anaa keessatti kadhanna wacaa qabu, soomii fi harka irra kaa’uudhaan argama jedhanii ni amanu. Seexana qabaachuun, of wallaalanii kufuun, yeroo dheeraaf abjuu arguun, of qabuu dadhabanii roqomuun hojii Hafuura Qulqulluu miti.
Hafuurri Qulqulluun qaama yaadu waan ta’ef yaada namaa gatii hin dhabsiisu. Inni nama waan hamaatiin hin qabu, inni Waaqa beekumsa, dhageettii fi fedhii qabuu dha. Inni yeroo namoonni wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan gara isaanii dhaqa (H. Ergamootaa 2:38).
Pheexiros akka raajichii Yo’el dubbatetti bartoota irratti akka gad bu’eetti ni ibsa. Innis raawwii abdii Waaqayyoo isa inni warra dhiifama cubbuu argataniif nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu abdachiisee dha. Jecha biraatiin, nama keessa jiraachuun Hafuura Qulqulluu Yesuus Yohannisiin akka cuuphamee fi cubbuu biyya lafaa irra haquuf akka fannifamee dhiifama cubbuu isaani akka argatan warra amananiif kennama. Lallabi Pheexiros raajii Yo’el Yesuus maaliif akka cuuphamee fi maaliif akka isatti amanuu akka qabnu sirriitti nu agarsiisa. Dhugaa kana beekuun gara Hafuura Qulqulluu fudhachuutti nama ni geessa.
Wangeela dhugaa isa Pheexiros lallabetti ni amantaa? (1 Pheexiros 3:21) moo wangeela gaarii kana wajjin kan walii hin gallee kan itti amantee jirtu kan biraa qabdaa? Akeeka Waaqayyoon ala gochaa keetiin Hafuura Qulqulluu fudhatee beektaa? Namnoonni Waaqayyotti amananii cubbuun isaanii akka irraa miicamus amanuudhaan kadhannaa qalbii diddiirrannaa yoo godhatani iyyuu utuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amaniin Hafuura Qulqulluu argachuu hin dandaa’an.
Utuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekin nama bira buufachuu Hafuura Qulqulluu eeggachaatti jirtaa? Hiikkaa cuuphaa Yesuus fi hiikkaa fannoo isaa isa Hafuurri Qulqulluun akka inni si keessa jiraatu godhu sirriitti hubatteettaa? Hafuurri Qulqulluun kan si keessa buufatu yeroo wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amantu qofa akka ta’e hubachuu qabda. Nama keessa buufachuun Hafuura Qulqulluu kan argamu wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraatti yeroo amanan qofa dha. Waaqayyo wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa akka Hafuurrii Qulqulluun nu keessa jiraatu godhu sana waan nuuf kenneef isa ni galateeffanna.