• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-2] Dhuguma namni Yaalii ofii Isaatiin Hafuura Qulqulluu Bitachuu ni danda’aa? (H. Ergamootaa 8:14-24)

(H. Ergamootaa 8:14-24)
“Yemmus ergamoonni Yerussaalem jiran warri Samariyaa dubbii Waaqayyoo fudhachuu isaanii dhaga’anii Pheexirosii fi Yohannisiin erganiif. Isaan Samariyaatti gad bu’anii Hafuura Qulqulluu akka argataniif amantootaaf kadhatan. Maqaa gooftaa Yesuus qofaatti cuphamanii turan malee Hafuurri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irratti illee hin buune. Ergamoonni harka isaanii isaan irra kaa’an isaan immoo Hafuura Qulqulluu argatan. Simoon Yemmus harki ergamootaa nama irra kaa’amuudhaan hafuurrichi akka kenname arginaan horii ergamootaaf fide; harka koo kanan irra kaa’uu hundinuu Hafuura Qulqulluu haa argatuuf, humna akkasii anaafis immoo kennaa jedhe, Pheexiros garuu deebiseef, ‘Kennaa Waaqayyoo horii dhaan ni bitama jettee waan yaaddeef horiin kee sii wajjin haa badu; Yaadni garaa kee Waaqayyoon duratti qajeelaa Waan hin ta’iniif; ati dubbii kana keessaa hin qabdu; qoodas hin qabdu. Kanaafis hammina kanattii yaada garaa kee geeddaradhu, gooftichas kadhadhu. Hamaa yaaduu kee kana dhiifama siif godha ni ta’a. Yaadni hadhaa’aan akka si keessa guutee fi cubbuun akka si hidhate nan arga.’ Kana irratti Simoon deebise, ‘adaraa jecha isin anaan jettan keessaa, tokko illee ana irra akka hin geenyeef gooftaa naaf kadhadhaa jedhe.’”
 
 
Harka irra kaa’uudhaan namni Hafuura Qulqulluu kennuu ni danda’aa?
Lakki. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qaba.
 
Kutaa olii kana  irratti hundaa’uudhaan, “Namni tokko nama keessa buufachuu hafuura Qulqulluu yaalii ofii isaatiitiin fudhachuu isaa” fi hin fudhannee isaa irratti ergaa dabarsuu nan jaalladha. Ergamoonni waldaa jalqabaa humna Waaqayyo bira fudhatanii isumaanis iddoo hedduu ga’aniiru. Hojii ergamootaa keessatti hojii olaanaa hedduun hojjetamaniiru, isaan kana keessa harka irra kaa’uu ergamootaatiin Hafuurri Qulqulluun amantootaaf kennamuu dha. Macaafni Qulqulluun akkana jedha, “Utuu Yesuusitti amananii jiranii warri Hafuura Qulqulluu hin fudhanne yeroo ergamoonni harka isaanii irra kaa’anii kadhataniif Hafuura Qulqulluu dhaan ni guutamu turan.”
Harka irraa kaa’uu qofaan attamitti Hafuura Qulqulluu fudhatani? Yeroo sanatti macaafni qulqulluun barreeffame hin xumuramne ture, kanaafuu Waaqayyo akka ergamoonni hojii addaa hojjetan godheera. Inni ergamootaa wajjin ture hojii dinqii hedduu isaan keessaan hojjeteera. Waaqayyoofis ta’e ergamootaaf hojii Hafuura Qulqulluu humnaan mul’isanii Yesuus Kiristoos Waaqayyo fi fayyisaa akka ta’ee beeksisuun ni barbaachisa ture. Namoonni akka Yesuus ilma Waaqayyoo ta’e fi fayyisaa biyya lafaa akka ta’e ija isaaniitiin arganii akka itti amananiif Waaqayyo yeroo itti dinqii addaa-addaa hojjetu qaba. Waldaa ishee jalqabaa keessatti utuu Hafuurri Qulqulluun milikitaa fi dinqii addaaddaa hin hojjenne ta’e, Yesuus Kiristoos fayyisaa akka ta’e namni amanu hin argamu ture.
Haa ta’uu iyyuu malee, bara si’anaa kanatti dinqii mul’ataa fi mallattoo Hafuura Qulqulluu fudhachuun nuuf hin barbaachisu, sababiinisaa macaafni qulqulluun barreeffamee nuuf kaa’ameera waan ta’ef. Qooda isaa amantiidhaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu arganna. Jecha biraatiin, wangeela dhugaatti amanuu dha. Waaqayyo warra wangeela dhugaatti amananiif kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni kenna. Nama keessa buufachuun Hafuura Qulqulluu warra dhugaadhaan, sagalee isaa akka gooftaan gara biyya lafaa dhufuu isaatiin raawwatame fi cuuphamuu isaatti warra amananiif kennama.
Bara si’anaa kanatti, luboonni hedduun amantoonni mallattoo fi dinqii agarsiisan Hafuurri Qulqulluun keessa isaanii buufteera ni jedhau. Amantoonni akkaataa kanatti Hafuura Qulqulluu ni argatu jedhaniis ni barsiisu. Barsiisa sobaa kan akka afaan haaraatiin dubbachuun mallattoo Hafuura Qulqulluu qabaachuu dha jechuudhaan amantoota ni doggoggorsu. Luboonni akkanaa milikkita agarsiisuu isaanitiif nuyi ergamoota warra jalqabaa ti ofiin ni jedhu, akkataa kanatti amantii sobaa warra dhageettii isaaniitiin Waaqayyoon beekuu dhaaf yaalii godhan gara yaada isaaniitti ni arkisu.
Barsiisi sobaa akkana biyya lafaa keessatti baayyee baballateera, baayyeen isaaniis amantii sobaa ordofuudhaan yaada olaantummaa isaaniitiin hafuura hamaa ni fudhatu. Amantoonni doggogoran kun immoo harka irra kaa’uudhaan Hafuurri Qulqulluun ni kennamaaf jedhanii namoota karaa irraa kaachisu.
Haa ta’u iyyuu malee akkuma Simoon gowwoofame, isaan akkuma tolchituu isa kutaa Macaafa Qulqulluu dubbisa olii keessatti mullatee ti. Isaan sassataa fi of gammachiisuudhaan machaa’aniiru, hojiin isaaniis nama waliiwallaalchiseera. Barsiisi isaani Hafuura Qulqulluu fudhachuuf dhugaa irraa kaataniiru.
Bara ammaa kanatti, raajonni sobduun hojii Hafuura Qulqulluu fakkeessanii dinqii hojii Seexanaa agarsiisaa jiru. Amantoonni dhugaa dubbii Waaqayyoo isa beekumsa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu argamsiisutti hidhamuu qabu. Warri Phenxeqostee jedhaman muuxannoo Hafuura Qulqulluu warra Phenxeqosteetti xiyyeeffannoo kan kennan, yaada sobaa isaanii gatanii sagalee Waaqayyoo isa dhugaatti nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu namaaf kennutti amanuu qabu.
Bara sana keessa Simoon Samariyaa keessatti tolchituu beekamaa ture. Ergamoonni namoota Hafuura Qulqulluu fudhachiisuu isaanii erga argee booda, Hafuura Qulqulluu horiidhaan bitachuu barbaade. Namoonni amantii akkanaa qaban garboota seexanaa, warra hojii isaa adeemsisanii dha. Simoon Hafuura Qulqulluu ittiin jiraachuudhaaf osoo hin taanee ittiin hamaa gochuu ture. Amantiin akkanaa amantii Hafuura Qulqulluu argamsiisu miti.
Simoon aangoo foonii ittiin agarsiisuuf Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaade. Yaadaa isaa kanaaf karaa garbicha Waaqayyoo Pheexirosiin dheekkamameera. Simoon Yesuusitti amaneera yoo jedhame iyyuu, nama dhiifama cubbuu argatee Hafuura Qulqulluu barbaade hin turre. Jecha biraatiin, inni waan lafa irraa Waaqayyoof kennee Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaadeera.
Waan bakkeedhaan mullatuun Yesuusitti kan amane yoo fakkaate iyyuu, keessi yaada isaatii dubbii isaatti hin jiru. Ijaa isaa inni yaada hinnaaffaadhaan kan guutame ture. Pheexiros yaada isaa isa inni Hafuura Qulqulluu bitachuuf yaalii godheef ni dheekkame. Inni horii keetiin badi ittiin jedhe.
Bara ammaa kanatti raajonni sobduun hafuura hamaan kan guutaman milikkita seexanaa agarsiisanii akka wanta Hafuura Qulqulluu ta’etti dhiheessanii namoota ittiin gowwoomsu. Namoonni baayyeenis kanaan gowwoofamanii Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf ni kadhatu. Haa ta’uu iyyuu malee, eenyu iyyuu kadhannaa biyya lafaa akkanaatiin nama keesssa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin danda’u.
Carraa ta’ee namoonni dubbii Waaqayyoo tiin ala kennaa hafuuraatiin ni tajaajilla jedhan naannoo kee jiruu? Namoota akkanaa irraa of eeggachuu qabda. Isaan amantii sobaatiin nama quunnamu. Isaan hafuuraa hamaa baafnee iddoo isaa harka irra kaa’uu dhaan Hafuura Qulqulluu akka abbaan sun qabaatu ni goona jedhu. Garuu kana isaan qaban hafuura hamaa dha malee Hafuura Qulqulluu miti. Namoonni harka irra kaa’uudhaan Hafuura Qulqulluun ni kennama jedhan ofis gowwoomsanii warra isaanitti amananis ni raatessu.
Dhugaatti nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu warra dubbii bishaanii fi Hafuuratti amananiif kennama (1 Yohannis 5:3-7). Wangeellii bishaanii fi Hafuuraa Macaafa Qulqulluu keessatti sirriitti yoo barreeffame iyyuu, namoonni sababii sirriitti hin amanneef cubbuu of keessaa qabu waan ta’ef, aangoo olii akka abjuu, afaan haaraatiin dubbachuu, milikitaa fi seexanoota baasuudhaan Waaqayyoon baruu barbaadu. Sabaii kanaaf raajonni sobduu baayyeen namoota gowwoomsuudhaan amantii Kiristaanaa soba iraa dhaabaa jiru.
Pheexiros akkan jedhee ni dheekkame, “Kennaan Waaqayyoo horii dhaan ni bitama jettee waan yaaddeef horiin kee sii wajjin haa badu. Yaadni garaa kee Waaqayyoon duratti qajeelaa waan hin ta’iniif ati dubbii kana keessaa hin qabdu. Qoodas hin qabddu, kanaafis hammina kanattii yaada garaa kee geeddaradhu gooftichas kadhadhu, hamaa yaaduu kee kana dhiifamuu si godha ta’a, yaadni hadhaa’aan akka si keessa gooteef cubbuun akka si hidhate nan arga jedhe. Ati kan Seexanaa ti.” Tajaajiltoonni hedduun bara si’anaa akkas ta’uun isaa baayyee nama gaddisiisa. Baayyeen isaanis namoota kennaa ayyaanaa addaaddaatiin tajaajilla jedhanii dha. Isaan hoolota hojjetaniif irraa kaffaltii barbaadu. Egaa, wangeela dhugaa bishaanii fi hafuuraatti amanuudhaan nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhanne warra sobduu irraa fagaachuu qabna (Maatewos 3:15, 1 Pheexiros 3:21, Yohannis 1:29, 19:21-23).
 
 
Warri kennaa Hafuuraa tajaajilla jedhan karaa harka irra kaa’u hojjetu!
 
Amantii akkasii irra of eeggachuu qabna. Bara ammaa kanatti namoonni hedduun warra humna Hafuuraa Qulqulluutiin hojjetan harka isaanii nu irra kaa’anii yoo nuuf kadhatan kennaa hafuurichaa ni fudhanna jedhanii ni yaadu. Isaanis macaafni qulqulluun harka irra kaa’uu ergamootaan Hafuurri Qulqulluun kennamaa ture erga jedhe, ammas akkasuma ni ta’a jedhanii ni yaadu. Fakkeesitoonni harka irra kaa’uudhaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni kennina jedhanii amanu. Hojii namoota akkanaa irraa fagaachuu qabna.
Haa ta’uu iyyuu malee, amantiin isaanii amantii ergamoota waldaa jalqabaattii baayyee adda akka ta’e hubachuu qabna. Rakkoon kiristaanota bara si’anaa inni guddaan wangeela bishaanii fi hafuuraatti amanuu dhiisuu dha. Isaan Waaqayyotti amannee jira jedhu, garuu isuma iyyuu hin fudhanne, ofii isaaniis warra kaanis doggogorsaa jiru. Cubbamoonni Hafuura Qulqulluu fudhachuus akka warri kaan fudhatan gochuus hin dandaa’an. Namni tokko hafuurri cubbamoota irra ni buufata yoo jedhe, hafuurri sun Hafuura Qulqulluu hin ta’u; hafuura hamaatu Hafuura Qulqulluu fakkaatee irra buufata male.
Ergamoonni bara waldaa jalqabaa Yesuus Kiristoos fayyisaa akka ta’e cubbuu ilmaan namaa hunda Yohannis cuuphaan cuuphamuu isaatiin gara ofii isaatiitti fudhatee du’a fannoo isaatiin namoota irra akka ba’aa kaasee ni amanu turani. Isaan nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhataniiru, sababiinsaa isaan wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraatti ni amanu waan ta’aniif. Akkasumas wangeela bishaanii fi Hafuuraa warra kaanitti labsuudhaan akka isaan nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu argataniif gargaaraniiru.
Garuu bara si’anaa kanatti, kiristaanonni baayyeen dogoggorsaa amantii sobaa keessa bu’aniiru. Tajaajilaan cubbuu isaattii hin fayyine tokko cubbamaa akka isaatii irra harka isaa kaa’ee Hafuura Qulqulluu itti dabarsuu ni danda’aa? Kun wanta hiikka qabu miti. Isaan namoota warra yoo cubbuu qabaanne iyyuu Hafuura Qulqulluu of keessa qabna jedhanii yaadanii dha. Namni tokkoo duuka buutota isaa akka eegduu gaaritti yoo isa fudhate iyyuu, nama keessa fuufachuu Hafuura Qulqulluutiif karaa ta’uu hin danda’an.
Namoonni hedduun garuu amantii jallaa akkanaa keessa jiru. Kun egaa sababii raajonni sobduun namoota bayyee gara sii’olitti oofaa jiraniif ta’a. Warri amantii akkanaa barsiisan raajota sobduu akka ta’an hubachuun keenya barbaachisaa dha. Egaa namoonni akkanaa warra Seexanaan qabamanii dha.
Namni tokko utuu cubbuun laphee isaa keessa jiruu, Hafuurri Qulqulluun keessa buufachuu ni danda’aa? Deebiin isaa waa’wuu ta’a. Egaa nama garaa isaa keessaa cubbuu qabuu namni kan biraa akka inni Hafuura Qulqulluu qabaatu gochuu ni danda’aa? Ammas deebiin isaa waa’wuu ta’a. Egaa bara si’anaa keessatti namoonni kennaa ayyaanaatiin dinqii fi mallattoo addaaddaa ni agarsiifna jedhan utuu cubbuu of keessaa qabanii attamitti warri kaan akka Hafuura Qulqulluu argatan gochuu danda’uu? Hafuurri hamaan akka kanatti hojjeta. Hafuurri Qulqulluun garaa cubbamoota keessa akka itti taa’u hin qabu. Hafuurri Qulqulluun warra wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuratti amanan qofa keessa taa’a. Hafuurri si irra dhufee jiru Hafuura Qulqulluu akka ta’e ni amantaa?
Yohannis 3:5 akkana ni jedha, “Eenyu iyyuu bishaanii fi Hafuurattii yoo dhalachuudhaa baate mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u.” Nama keessa buufachuun Hafuura Qulqulluu amantii wangeela bishaanii Hafuuraa irraa argama. Doggoggorri kiristaanummaa bara ammaa cubbamoonni Tajaajiltootaa harka irra kaa’anii Hafuura Qulqulluu warra kaaniif ni dabarsu jechuu dha. Kun doggoggora guddaa dha. Hojjettoonni fi amantoonni bara kana Hafuurri Qulqulluun karaa harka irra kaa’uun akka kennamu ni amanu.
 
 
Walitti dhufeenya dhiifama cubbuu isa dhugaa fi harka irra kaa’uu
 
“Harka irra kaa’uu” jechuun karaa ittiin wanti tokko gara waan biraatti darbuu dha. Akka kanatti yaadi: Meeshaa sagalee guddisuun yeroo dubbannu, sagaleen shiboo keessa darbee sagalicha guddisuudhaan akka namni biraa dhaga’u ni godha. Fakkeenyuma kanaan bara Kakuu Moofaa keessatti, cubbamaan yeroo harka isaa horii aarsaa cubbuuf dhihatu irra kaa’u, cubbuun nama sanaa gara aarsichaatti darbee dhiifamni cubbuu kennamaaf. Haaluma kanaan garboonni Waaqayyoo harka irra kaa’uudhaan humna Waaqayyoo nama kan biraatti ni dabarsu. “Harka irra kaa’uu” n egaa hiikkaan isaa “itti dabarsuu,” jechaa dha.
Namoonni kenna hafuuraa addaaddaan ni tajaajilu jedhaman harka irra kaa’uudhaan Hafuura Qulqulluu utuu hin taane hafuura hamaa namatti dabarsu. Namni hafuura hamaa of keessaa qabuu harka irra kaa’uudhaan hafuuricha akka inni dabarsuu beekuu qabda. Namni seexana qabu yeroo inni harka isaa mataa nama kan biraa irra kaa’uu, seexanni isa keessa jiru gara nama isa harki irra kaa’ametti ni darba sababiinsa seexanni nama cubbamaa keessan hojii isaa waan hojjetuuf. Sababii kanaaf, namni nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaaduu wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qaba. Namni cubbuu qabu yoo inni Yesuus irraa amantii qaba ofiin jedhu iyyuu seexana tu isa geggeessa, yoo isaan dhiifama cubbuu fudhachuu irraa kufan.
Namni tokko nama seexana qabu irraa harka irra kaa’uu yoo fudhate, seexanni isatti galee innis tajaajila dogoggooraa kennuutti ka’a. Harka irra kaa’uudhaan akka seexanni nama keessa buufatu beekuu qabda, nama keessa buufachuun Hafuura Qulqulluu kara nama wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuratti amanu qofa dha.
Harka irra kaa’uun karaa Waaqayyo waan tokko gara waan tokkootti dabarsuuf kaa’e dha. Garuu seexanni harka irra kaa’uudhaan akka namni hafuura hamaa fudhatu ni godha. Namanni bara amma kanaa Hafuura Qulqulluu bitachuudhaaf yaalii godhan immoo rakkoo isa caalu keessa jiru.
 
 
Kiristaanonni hedduun waa’ee nama Keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu gara malee hubatu
 
Attamittiin akka Hafuura Qulqulluu fudhatan namoonni yeroo gaafataman karaa soomaa fi kadhannaa qalbii diddiirrannaa ti jedhu. Kun egaa dhugaa miti. Hafuurri Qulqulluun yeroo kadhanna addaa Waaqayyoon kadhatan ni dhufaa? Lakki. Hafuurri Qulqulluun nama wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanu keessa buufta.
Waaqayyo dhugaa waan ta’ef, seera namni ittiin Hafuura Qulqulluu fudhatu kaa’eera. Hafuurri Qulqulluun nama hin fayyine keessa ni buufataa? Deebiin isaa lakki kan jedhu ta’a. Eenyu iyyuu harka irra kaa’uudhaan Hafuura Qulqulluu hin fudhatu. Namni tokko kadhannaa haaromsa (revival) yeroo dheeraaf kadhatee, dhimmee humna Hafuura Qulqulluus yoo kadhate homaa kenna Hafuuraa argachuu hin danda’u. Namni hin fayyine (cubbamaan) hafuura qulqulluu fudhachuu hin danda’u. Cubbamaan tokko kennaa Hafuura Qulqulluu fudhachuu kan danda’uu yeroo wangeela dhiifama cubbuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu dha.
Namni wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekne kennaa Hafuuraa Qulqulluu fudhachuu hin danda’u. Bara ammaa kanatti wangeellii bishaanii fi Hafuuraa karaa hog-barruu kiristaanotaa, karaa walga’ii sagantaa, karaa interneetii, karaa kitaabolee elektirooniksi guutummaa biyya lafaatti darbaa jira. Kanaafuu eenyu iyyuu wangeela dhugaa kan barbaadu hundinuu itti amanee Hafuura Qulqulluu fudhachuu danda’a. Kennaa Hafuura Qulqulluu hanga ammaatti hin fudhanne yoo taate, akka wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabdu sirriitti beekuutu si irra jira.
 
 
Fakkeenya Amantii isa Guddaa!
 
Mallattoo namoota warra hafuura sobaa fudhatan yoo qorree ilaalle, hafuura hamaa sirriitti ni argina. “Hafuura Qulqulluu fudhachuuf walga’ii sochii kadhannaa” keessatti warra dhimmanii Hafuura Qulqulluu barbaadan tu hirmaata. Walga’ii akkanaa keessatti namoota harka isaanii walitti rukutan, namootni kadhannaa qalbii diddiirrannaa dhiheessaa iyyaa fi soomaa hirmaata. Geggeessaan sagantichaas hanga isaan kana godhanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeenye cimsee itti dubbata. Kanaafuu, namoonni iyyanii, “yaa gooftaa” jedhanii dhimmanii ni kadhatu.
Warri sobaan dhimmanii kadhatan kun kennaa Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni danda’uu? Lakki. Walga’ii akkanaa keessatti namoota iyyan, kan kufan fi roqomaa sagalee keessummaa ta’e dhageessisan ni argita. Tokko-tokko duddaan kufanii lafa gangaltanii iyyani afaan haaraa utuu isaan dubbatanii argina. Kaan immoo hanga kadhannaan sun raawwatuuti mata ni raasa yeroo sanatti hundi isaani dhageettii dhaan guutamuutti ni ka’u. Tokko tokko immoo asii fi achi adeemanii raafamanii afaan haaraan dubbatu. Namoonni baayyeen akkana ta’uun Hafuura Qulqulluu fudhachuu dha jedhu. Egaa yeroo seexanii hojii akkanaa hojjetu maaltu ta’aa? Kun hojii Hafuura Qulqulluu ti? Raawwatee miti.
 
 
Seexnii Kiristaanota gowwoomsaa jira
 
Bara kanatti kiristaanonni hedduun jireenya amantii isa seexanii barbaadu geggeeffachaa jiru. Seexanii tajaajilaan humna qabuu harka nama irra kaa’ee yoo kadhate Hafuura Qulqulluun nama ni guuta jedhee nama ni gowwoomsa. Amantoonni baayyeen kana akka barsiisa seeraa ta’etti ni fudhatu. Seexanii yoo namni of wallaalee dhimmee kadhate hafuura qulqulluu ni argata jedhee namoota gowwoomsa. Inni namoota amantii akkanaa qaban iddoo baayyeetti baayifataa jira.
Kana namoonni hedduun hin hubatan, wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa barbaaduufis yaalii hin godhan. Wanta seexanii sammuu nama keessa dhaabuuf yaalu akkanaa wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraatti gargaaramnee balleessuu qabna. Hafuurri Qulqulluun wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraatti nama amanutu argata. Kantti amanuu qabda.
 
 
Hubannoo gar malee Waa’ee Hafuura Qulqulluu Kiristaanonni qaban
 
Duraandursee, amantii duuka buutota kaarismaatikii kiristaanumma keessatti dogoggora guddaa tu jira. Laphee isaanii keessaa utuu cubbuu qabanii Hafuura Qulqulluu ni fudhanna jedhanii yaalu. Isaan dogoggoraan utuu cubbuu of keessaa qabnu iyyuu nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni fudhanna jedhani ni amanu. Haa ta’uu iyyuu malee utuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amaniin guutama Hafuura Qulqulluu fudhachuun hin dandaa’amu.
Lammaffaa, of tuulummaan namaa kennaa Hafuura Qulqulluu ni danqa jedhama. Akkana jechuun namni tokko yoo of tuulluu baate Hafuura Qulqulluu ni fudhata jechuu dhaa? Biyya lafaa kana keessaa sadarkaa xiqoollee ta’a malee namni of tuulummaa hin qabne jiraa? Namni of tuulaan nama Waaqayyo biraa dhiifama hin arganne, jechuun nama yaada isaa dubbii Waaqayyootti dabaluu jechuu dha. Namoonni hedduun wangeela dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa callisanii tooftaa ofii isaanitiin Hafuura Qulqulluu fudhanna jedhanii ni yaadu. Haa ta’uu iyyuu malee guutamuun Hafuura Qulqulluu nama wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu qofaaf kennama.
Sadaffaa, Hafuurrii qulqulluun nama dhimmee Waaqayyoon duratti qalbii diddiirratuuf kennama ni jedhama. Kanaaf yeroo Hafuura Qulqulluu fudhachuuf jedhan dhimmanii qalbii diddiirratu. Haa ta’uu malee, Hafuurri Qulqulluun salphaa dhumatti qalbii diddiirrannaa akkanaatiin nama keessa buufata jechuun hin danda’amu. Kiristaanonni baayyeen isaan keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni dharr’au, garuu sababa garaa isaanii keessaa cubbuu qabaniif Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin danda’an. Namoonni fedhii xuraa’aa akkanaa of keessaa qaban salphaatti hafuura hamaa harka bu’u.
Afuraffaa, yeroo namni cimsee kadhatu Waaqayyo kennaa Hafuura Qulqulluu namaaf kenna isa jedhamuu dha. Garuu kun kadhannaadhaan hin argamu. Akka kanatti yaaduun yaada dogoggoraa dha.
Shanaffaan, Hafuura Qulqulluu qabaachuun humna hafuuraa qabaachuutti isa hiikamuu dha. Afaan haaraatiin dubbachuun akka mallattoo nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluutti fudhatama. Garuu Hafuurri Qulqulluun sababa namni tokko afaan haaraa dubbateef ykn immoo maqaa Yesuusiin seexanoota baaseef nama keessa hin buufatu. Cubbuun kan Seexanaa ti. Namni tokko utuu cubbuu of keessaa qabuu sagalee haaraa tokkoo dhageesisee attamitti kennaa nama keessa buufachuu Hafuura fudhachuu danda’a? Kun gowwoomsa seexani xabatuu dha.
Wangeela bishaanii fi Hafuuraa Yesuus nuuf kennu wangeela dhugaa isa gara kannaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuutti nama geessuu dha. Karaa tooftaa biraatiin Hafuura Qulqulluu fi dhiifama cubbuu argadheera jettee ni yaadda yoo ta’e, ati guddaa dogoggorteetta. Egaa hubannoo kana argattee karaa dogoggoraa irraa gara amantii dhugaa Hafuuraatti akka ati deebitu nan abdadha.
Bara ammaa kanatti namoonni baayyeen Hafuura amaa qabu yoo jenne raajeffachuu hin ta’u. Amantoonni biyya lafaa kana keessa jiran ciqilee seexanaa jala jiru sababiinsaa isaan kadhannaa sochii Hafuuraatiin ykn tooftaa harka irra kaa’uudhaan Hafuura Qulqulluu fudhachuu waan barbaadaniif. Isaan egaa Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf gara itti gaafatamaa kadhannaa mandaraa, angafa diyaaquunii, namoota sochii hafuuraa qabu jedhan ykn gara luboota dhaqu. Harka irra kaa’umsa isaaniitiin akka Hafuura Qulqulluu fudhatan abdatanii dhuma dhaqu. Haa ta’u malee akka fedhe iyyuu Yesuusiin yoo amanan amantii akkanaatiin eenyu iyyuu kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin danda’u. Jecha biraatiin eenyu kan Hafuura Qulqulluu maddisiisu tokkicha Waaqayyo ta’uu isaa ti.
Akkuma Simoon, bara ammaa kanatti namoonni hedduun Hafuura Qulqulluu bitachuu barbaadu. Isaan wangeela osoo hin taane wantoota biyya lafaatti amanuudhaan Hafuura Qulqulluu ni arganna jedhu. Sammuun amantoonni baayyee kanatti hidhamee jira. Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf madaalii inni nama irraa barbaadu jira. Karaa dhugaa ittiin namoonni Hafuura Qulqulluu fudhatan, karaa amantii dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofaa dha (H. Ergamootaa 2:38).
Karaa harka irra kaa’uu tiin Hafuura Qulqulluu fudhachuun bara waldaa isa jalqabaatti yeroo gabaabaa qofaaf ture. Yeroo sanatti kennaan keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu yeroo namoonni wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu eegalanii dha. Kanaafuu, Hafuurri Qulqulluun karaa dubbii Waaqayyoo kan inni hojjetu irraan kan hafe, hojiin kan biraa hundinuu kan Seexanaa ti. Hafuurri hamaan hojjetaa Seexanaa ti, inni immoo namni Yesuus qofatti amanuudhaan Hafuura Qulqulluu hin argatu jedhu. Seexanni namni Yesuusitti amanee harka irra kaa’uudhaan Hafuura Qulqulluu argata jedhu. Seexanni gowwoomsaa akkanaatiin bulchiinsa isaa baballifata.
Mallattoo namoota seexana of keessaa qaban ni argina. Jalqabatti, namoota seexana qaban yeroo ilaallu akka isaan muuxannoo sochii qaban, abjuu fi akka isaan kufan ni argina. Yeroo kanatti arrabi isaanii lama ta’e, fedha isaaniin ala dubbii hin beekamne ni asa’u. Afaan hin beeknes dubbachuutti ka’u.
Tolchituu fi kiristaanonnii harka irra kaa’umsaan hafuura hamaa fudhatan muuxannoo walfakkaatu qabu. Namni kaarimaatik tokko sagalee isaa ol fudhatee, “Ibiddaan, Ibiddaan, Ibiddaan,” jedhu amantoonni akka gammaduu ta’anii of wallaalu. Namni harki akka isa irra kaa’amuuf barbaadu immoo gara fuula duraa akka dhufuuf ni affeerama. Of wallaalanii miilla raasuudhaan afaan haaraa dubbachuutti ni ka’a. Mallatooleen akkanaa Hafuura Qulqulluu fakkaatanii hojii hafuura hamaa adeemsisu.
Namoonni Hafuura hamaadhaan qabaman, qaalluu fi warri hafuuraan deemaa turan, mallattoo kiristaanota warra harka irra kaa’uumsaan Hafuura fudhanne jedhani wajjin tokko. Haa ta’uu iyyuu malee namoonni kana gara malee ni hubatu. Namoonni akkanaa kun wallaalummaa guddaa keessa bu’u, sababiinsaa mallattoo akkana yeroo agarsiisan Hafuura Qulqulluu fudhanne jedhanii waan yaadaniif.
 
 
Seexanni Kiristaanota warra abdii sobaa dubbatan keessatti hojjeta
 
Seexanni namoota warra hafuura hamaa qaban akka isaan kadhannaa raajii of keessaa qabu kadhataniif ni gargaara. Isaan akkana jechaa raajii ni dubbatu, “ati geggeessaa gati jabeessa ni taata. Hoolonni kumaa ol ta’an fuula kee duratti dheedicha ni argatu. Gara fuula duraatti Waaqayyo si leenjisa si gidduudhaas geggeessaa gati jabeessa ni kaasa.” Warra kaaniin immoo akkana jedhanii ni gowwoomsu, “Ati garbicha Waaqayyoo isa amanamaa ni taata. Ati garbichaa Waaqayyoo isa kabajamaa ni taata,” jedhanii akka namnii isaan duukaa bu’ee seexanaaf garba ta’u ni kakaasu.
Abdii sobaa warra dubbatan waa’ee carraa warra kaanis ni dubbatu. “Gara fuula duratti bishaan irraa of eeggadhu.” “Horii baayyee ni argatta.” “Kara ba’aa namni beekamaan tokko dhufee si gargaara.” Kun fakkeenyota isaan namaan jedhanii dha. Nama seexanaan guutame keessaa mallattoon jalqabaa raajii sobaa dubbachuu dha.
Egasii immoo afaan haaraa kan ofuma isaanii iyyu hiikkaa isaa hin beekne ni dubbatu. Ollachuudhaan bifa namummaa isaanii iyyuu gad ni lakkisu. Yeroo nama hafuuraa isaanii ykn geggeessaa isaani argitu, nama sirrii dha jettee dubbachuu ni dandeessaa? Isaan nama baayyee isaaniif hangafa ta’uutti iyyuu tuffiidhaan ni dubbatu.
Haa ta’u iyyuu malee, namni Hafuura Qulqulluu of keessaa qabu isa simachuudhaan dhugaa wangeelaatiin Yesuus karaa wangeela bishaanii fi hafuraa; fannoo fi du’a isaatiin akka cubbuu isaa irraa kaase ni amanna. Warri akkanaa akka namni wangeela bishaanii baree itti amanu ni gargaaru, akka isaan kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fi dhiifama cubbuu argataniifis ni gargaaru. Isaan qajeelummaan jiraachuuf yaalii guddaa ni godhu, adeemsa sirrii ta’e adeemuudhaan gara eebba Waaqayyootti nama ni geessu. Akka isaan biyya lafaa gara Waaqayyootti deebisaniif inni sammuu isaanii lafa fi Waaqa irratti warra muda hin qabne godhee isaan dhaabeera.
Dhaqni qajeelotaa warra dhiifama cubbuu argatan fi dhaqni warra dhiifama cubbuu osoo hin argatan badanii garaagarummaa qaba. Qaamni dhugaa dhiifama cubbuu argate keessa Hafuura Qulqulluu ni buufata. Itti dabalees, qajeelonni namota warra haala rakkisaa keessa jiranii fi warra hin fayyin jiraniif baayyisanii ni yaadu, aarsaa of godhaniis ni gargaaru ni kadhatuufis.
Karaa biraatiin, dhaqni nama Seexana qabuu akka badu ni hubanna. Seexanni isaaniin to’atee mare fedha isaa keessa isa kaa’ata, sababiinsaa ollachuu fi afaan haaraatiin dubbachuun akka wanta kennaa Hafuura Qulqulluutti waan lakka’ataniif. Haa ta’uu iyyuu malee, kun raawwatee kenna Hafuura Qulqulluu miti.
Tajaajiltoonni maqaa Waaqayyootiin raajii dubbachuu isaaniif hojii aangoo fi afaan haaraatiin dubbachuu isaaniitiif of jajan hedduutu jiru. Garuu isaan kun laphee isaanii keessaa cubbuu waan qabaniif gochaan isaanii kun gochaa seexanaa akka ta’e ni beekama. Kanaafuu isaan harka nama irra kaa’uudhaan erga Seexanaa malee Hafuura Qulqulluu dabarsuu hin danda’an. Akkasumas seexanii gowwoomsituu waan ta’eef dinqii isaan hojjetan yeroo gabaabaa gidduutti deebi’ee bada.
Kanaafuu hojii Hafuura Qulqulluu fi hojii Seexanaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Hafuurri Qulqulluun jireenya namaa keessatti waan qabatamaa kan hin hojjenne osoo hin taanee ykn hojii dinqisiisaa kan hojjenne osoo hin taane, Hafuurri Qulqulluun akka aduun ganamaa ba’ee guddachaa adeemuu jireenya namaa qajeelaa keessatti guddachaa adeema.
 
 
Kiristaanota Seexana Qaban
 
Namoonni Hafuura Qulqulluu fudhachuuf utuu yaalii godhanii attamitti Seexana qabaatu?
Sababiinisaa karaa harka irra kaa’uu raajii sobduutiin hafuura seexanaa waan fudhataniif.
 
Kan nama naasisu, utuu amantoota ta’anii kan foonni fi lubbuun isaanii badu sababa karaa harka irra kaa’uu raajii sobduutiin hafuura seexanaa fudhataniif. Warra akkanaa kun Waaqayyottii ga’ee hin qaban sababiinsaa amantiin isaanii dubbii Waaqayyoo irratti waan hin hundoofneef. Isaan akka hojiin isaanii nama kuffisaa jiru iyyuu hin beekan. Humna isaanii kana maaliif kiristaanota keessan hojjechuu jaallatuu? Humni isaan jedhan kun yoo ittiin hin hojjetan ta’e waan dhafee jalaa baduuf. Kanaafuu isaan baayyee itti dhimmanii ni hojjetu.
Kanaafuu maqaa Yesuusiin dinqii fi milikkita agarsiisuuf kadhaannaa gar-gar kutuu hin qaban. Isaan keessaa namni, “Ani kennaa wangeela lallabuu qaba jedhu” utuu hin gar-gar hin kutin lallabuu qaba sababiinsaa yoo ni dhaabu ta’e barsiisii sobaa isaanii waan jalaa baduuf. Namoonni kennaa afaan haaraa, fayyisuu, dubbii raajii, ykn jecha biraatiin kennaa Seexanni isaaniif kennu amanamoo hin ta’an yoo ta’e, seexanni yommusuma dhukkuba itti fida. Akkuma carra himtuu ykn qaalluun hojjii seexanaa callisan dhukkubaan kan rukkutaman ta’u. Sababii kanaaf kennaa seexanaa erga fudhatanii booda yoo gadadaman iyyuu ittiin hojjechuuf ni dirgisiifamu.
Yeroo tokko keessa nama Yesuusiin amanu tokko akka waan Waaqayyo biraa humna argateetti kan of lakkaa’u tokko ture. Namni kun namoota baayyee jajjabeessaa akka namni Hafuura Qulqulluu fudhatuuf kadhaannaa haaromsaa geggeessaa harka irra kaa’uudhaan Seexana kan baasuu hojii aangoo fi fayyisuu kan hojjetuu fi afaan haaraa kan dubbatu ture. Inni meeshaa hinnaaffaa hojii dinqii isaatiin kan deggaru ture. Amantoonni kumaatamatti lakkaa’aman isa duukaa bu’aa turan. Garuu gaafa Yesuusiin ganuutti ka’e, “Yesuus Kiristoos kufaa dha. Inni ilma Waaqayyoo miti.” Inni Yesuus Kiristoosiin arrabsaa ittuma fufee immoo ani Waaqayyoo dha ofiin jechuutti ka’e. Gara dhumaatti inni Yesuusiin laphee isaa keessaa ni baleesse, akkasuma laphee kiristaanota keessaas ni balleesse.
Namoonni jibba wangeela bishaanii fi Hafuuraa qaban Seexanatu isaaniin geggeessa. Isaan jalqabumaa kaasee yaada dogoggoora qabu turan sababiinsaa humna ergamootaa qabna sababa ofiin jedhaniif harka irra kaa’umsaan akka nama afaan haaraa dubbachiisuuf dandeettii qabaniitti, hafuurota hamoota akka waan baasaniitti of ni lakkaa’u. Akka hafuurri Qulqulluun isaan keessa jiruutti cimsanii ofis ni amanu.
Hafuura Qulqulluu fudhachuun tooftaa qaba innis qalbii diddiirratanii kadhachuu dha jedhu. Haa ta’u iyyuu malee akkaataa kanaan Hafuura Qulqulluu fudhachuun dubbii Macaafa Qulqulluu irratti kan deeggarame miti. Utuma kun ta’ee jiru, namni yoo afaan haaraa fi sagalee raajii dubbachuun isaanii mallattoo Hafuura Qulqulluu qabaachuu dha jedhu. Sababii namoonni hedduun waa’ee nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu hin beekineef, tooftaa raajoonni sobduun kennaa Hafuura Qulqulluu fudhachuuf baafatani irra bu’anii ni adeemu. Kun tooftaa raajonni sobduun kiristaanota hafuura seexanaan guutanii irratti mo’anii dha. Tooftaan kun hundi kiyyoo diinni kaa’uu dha.
Barsiisa raajota sobduutiin namoonni hedduun hafuura seexanaan qabamanii jiru. Amantoonni jireenya amantii isaanii guyyaa guyyaa ni geggeeffatu, garuu namoonni Seexanaan geggeeffaman hundi isaanii fakkeesitoota. Dandeettii isaan agarsiisuu danda’an maalii? Humna fayyisuu fakkaatu qabu, afaan haaraan dubbachuu ni danda’u, harka irra kaa’uudhaan seexana namatti ni galchu. Harka irra kaa’uun karaa waan tokko gara waan biraatti ittiin darbu yeroo ta’u Mootummaa seexanaatti kun baayyinaan itti gargaaramu.
 
 
Hafuurronni hamoonni kara sassata namoota ni hojjetu!
 
Seexanni namoota akka Simoon fakkaataniin hojii isaa hojjeta. Namoonni akkanaa amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraan ala kara harka irra kaa’uu Hafuura Qulqulluu ni fudhanna jedhu. Bara ammaa kanatti namoonni hedduun seexanaan gowwoomfamaa jiru, qalbi diddiirrannee, soomnee, aarsaa of goonee ykn harka wal irra keenyee Hafuura Qulqulluu fudhanna jedhu. Haa ta’uu iyyuu malee, hafuura hamaa qabuu, abaaramoo dhas.
Kiristaanummaa bara si’anaa keessatti Seexanni “harka irra kaa’uu isa jedhamuun” lubbuu nama hundumaa keessatti hojii seexanaa deggaramaa jira. Namoonni tolchiticha Simooniin fakkaatan Waaqayyoon duratti raajota sobduu dha. Amantoonni Yesuus iyyuu taanaan, cubbuu laphee keessa qabu yoo ta’e, seexanootaan qabamuu danda’u. Namoonni akkanaa kun Seexanaan geggeefamanii akkaataa hojii dinqii hojjetan ni beeku. Seexanni mootummaa isaa baballifachuuf jecha akka namni harka wali irra kaa’ee hafuura hamaa walitti dabarsee biyya lafaa waliin ga’uu ga’uuf haala mimmijeeffatee hojjechaa jira. Bara ammaa kanatti [2]Sochiin Kaarismaatikii Phenxeqostee biyya lafaa keessatti akka seeraa qabeessa dhaabbata amantii kiristaanatti fudhatameera.
Biyyi lafaa kun irraa-jalaan badaa jira. Bara isa dhumaa kanatti lammaffaa dhalachuu yoo barbaanne, tooftaa fi kaayyoo seexanni ittiin hojjetuu beekuun keenya barbaachisaa dha. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan cubbuu keenyaattii barabaraan fayyinee Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu qabna. Akkataa Hafuurri Waaqayyoo gara keenya ittiin dhufu sirriitti hubannee gara dhugaatti deebi’uu qabna.
 
[2] Jaarra 20ff keessatti Kiristaanummaan kara lixaa haala qabeenyaa lafaa irraa fi dhumiinsa uummataan bayyee laafee ture Sababii kanaaf yeroo sanatti waldootiin waan babbadaniif, kiristaanoni hedduun gooftaatti dhihatanii isaa wajjin adeemuu hin dandeenye. Warri kaan immoo guddina waan dhabaniif ykn guddinni isaanii baayyee xiqoo waan ta’eef gargar ba’aniiru, warri kaan immoo amantii isaanii jaalala Kiristoos keessatti hiikkachuudhaaf ni sodaatu turan.
Sochiin Kaarismaatikii Phenxeqostee inni jedhamu haala kana keessatti ka’e. Warri baayyee dhimmanii sochii kana keessa galan afaan haaraa dubbachuu, raajii himuu, dinqii fi mallattoo addaaddaa agarsiisaa ta’insa phenxeqostee isa jalqabaa ni raajeffatu turan. Fedhii isaanii isa guddaa keessatti, akka Hafuurri Qulqulluun isaan keessatti mo’eetti of ni amantu turan, haa ta’u iyyuu malee barsiisii fi gochaan isaanii Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaa’ee hin ture.
Biyyoota guddachaa jiran keessatti, sochiin hojii isaanii kun gar malee baballateera. Geggeesitoonni isaanii amantii ho’aa akkanaatiin qabeenyii fi dinagdeen ni argama jedhanii amantoota biyya guddachaa jiru harkisaniiru. Sochii isaanittii foxxoqe kana akka Phenxeqostee isa haaraa isa jedhamee dhaabbate Sochii Amantii Bara Haaraa wajjin hirmaannaa tokko akka qabaniitti gabaasameera.
 
Akkuma Waaqayyo, “sabni koo karaa ittiin na beeku waan dhabeef balleeffame” (Hose’a 4:6), jedhu bara ammaa kana keessatti namoonni dhugaa barbaadani iyyuu sababa callisuu isaaniitiin dogoggorsaa kaarismaatiikootaan badaniiru. Warri Kaarismaatiikota jedhaman illee iddoo onaa irra yoo dhaabbatan namoonni achi ni dhaqu. Kun maaliif ta’aa? kaarismaatiikonni humna waliin rukutamaatiin namoota wallaalchisanii waldaa isaanii babballifatu, harka irra kaa’uudhaan akka isaan seexana duukaa bu’an godhu. Kennaan isaanii inni guddaan harka irra kaa’uudhaan yeroo isaan seexana namatti dabarsan battaluma sanaa eegalee namoonni sun jireenya waaqeffanna dogoggooraa cimsanii geggeeffatu.
Wanti kaarismaatiikoota adda godhu kan biroo immoo ijaarsa waldaaf horii guddaa waan kennaniif utuu hin beekin amantoota sobduu ta’u. Kaarismaatiikonni humna seexanaan geggeeffamanii wangeela sobaa iddoo baayyeettiin ga’aniiru, garuu isaan akka sii’oliin dhaqaa jiran hin beekani. Namoonni human seexanaa dhimmanii barbaaduu isaaniif ragaa fayyinaatti ni lakka’atu, shakki tokko malee gara waaqaatti ol baana jedhu. Haa ta’uu iyyuu malee isaan cubbuudhaan waan guutamaniif akka dhuman kan beekamee dha.
Gaaffilee armaan gadii yoo gaafataman, “Osoo dhuma Waaqayyo irraa amantii qabaatanii, laphee kee keessaa cubbuu qabdaa?” yoo jedhan isaan cubbamoota ofiin jechuun isaanii beekamaa dha. Isaan namni laphee isaa irraa cubbuuttii bilisa ni ta’a jedhanii hin yaadan.
Namoonni osoo cubbuu qabna jedhanii mootummaa Waaqayyootti ni galla jedhanii ni yaadu sababiinsaa isaan maqaa Yesuusitti amanuu qofa akka mallattoo fayyinaatti waan lakka’ataniif.
Abdiin keessummaa kun maalii! Amantii isaaniitiif humna olii akka ragaatti kaa’atu. Muuxannoo afaan haaraatiin dubbachuu, mul’ata arguu, dhukkubsataa fayyisuu isaaniitiin kun hojii Hafuura Qulqulluuti jedhanii cimsanii ni amanu. Isaan egaa muuxannoo kanaan Hafuura Qulqulluu akka argatan fi akka fayyanitti of amanatu.
Sababii namoonni dubbii fayyinaa ga’aatti hin barreef, fayyuu isaaniif ragaa sirrii ta’e hin qaban, dandeettii mullataas hin qaban. Kanaafuu namoonni fayyuu isaaniiftiif ragaa mul’ataa barbaadu, dhuma irrattis hojii seexanaatii ni raawwatu. Sababiinsaa jarreen kun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu caalaa karaa kadhannaa qalbii diddiirrannaa ykn aarsaa of gochuudhaan deebii Waaqayyoo barbaadu, kanaaf ijaa Hafuura Qulqulluu hafuurota Seexanaatti.
Seexanni gurra namootatti asaasuudhaan, “ati cubbuu hojjetteetta mitii?” jedhee booddee ofitti dabaluudhaan ni xumura. Nama ani beeku dhiifama cubbuu fi kennaa Hafuura Qulqulluu kan fudhate tokko ture. Kun amantii inni garramummaa fi of hin beekne keessa utuu lammaffaa hin dhalatin muuxate ture. Namichi sun afaan haaraatiin ni dubbata, dinqii baayyees godheera. Egaa iyyee halkan guutuu qalbii diddiirratee, Yesuus irraa amantiin qaba yoo ofiin jedhe iyyuu, cubbuunisaa gara firdiitti isa geessa. Kun yeroo asaasii Seexanaa jalqabuu dha. “Ati cubbuu hojjetteetta, kanaafuu jiraachuu irra du’uu siif wayya ittiin jedha.” Seexanni gara isaa dhufee akkana jedhe isa ni adheessa, cubbuu isaa itti yaadachiisuudhaan isa dhiphisa. Seexanni gara abbaan sun ofitti muree firdii keessa of buusuutti nama geessa. Haa ta’u iyyuu malee, wanti inni gochuu danda’uu cubbuu isaa himachuu qofa. Egaa hanga wangeela dhugaa dhaga’ee itti amanuutti ofii isaa bilisoomsuu hin danda’u.
Namoonni wangeela dhugaa, wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanne meeshaa seexanaa ni ta’a. Namni dhiifama cubbuu hin araganne hojii Seexanaa danda’ee ni morma jettee ni yaada? Namni wangeela bishaanii fi Hafuuraatti qabamee hin jirraanne, firdii Seexanaa harka bu’a. Wangeelli bishaanii fi Hafuura Seexanaa baasuudhaaf meeshaa barbaachisaa dha. Kanaafuu namni Yesuusitti nan amana jedhu hundinuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qaba, akkasumas nama hundumaatti labsuun irraa eegama. Namni kana dhaga’u abboomamee itti amanuu qaba.
 
 
Dhoksaan Seera malee jiraachuu biyya lafa keessatti hojjechaa jira!
 
Biyyi lafaa kun guutummaan isaa hojii Seexanaatiin golgamee jira. Wangeela isa gara Hafuura Qulqulluu fudhachuutti nama geessuu lallabuu yoo barbaachise, hubannoo dogoggoora waa’ee nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu haquu qabna.
Duraan dursinee, Hafuurri Qulqulluun harka nama irra kaa’uudhaan darba inni jedhamu yaada karaa irraa kaate ta’uu isaa sirriitti hubachuu qabna. Egaa, “Yaadni qalbii diddiirrachaa soomanii kadhachuu booda kallattiidhaan Yesuus irraa sagalee ni dhaga’u, harka irra kaa’anii kadhachuu afaan haaraatiin dubbachuun itti fufee dhufa inni jedhamu” yaada Seexanaa ta’uu isaa beekuu dha. Namni gowwoomsaa Seexanaattii bilisa kan ta’u wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qofaa dha. Cubbuu keenyattis karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu dhaan hiikamna.
Seexana “abbaa sobaa,” isa jedhame sana wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin mo’achuu qabna. Seexanni nama biyya lafaa hunda akka inni ofitti faradu gochuudhaan dhiphisaa jira, kanaafuu muuxannoon kun kan Seexanaa ta’uun isaa hubatamee gara wangeela dhugaatti deebi’uu qabna.
Bara ammaa kana keessatti, namoonni Simoon isa Samariyaa isa horiidhaan Hafuura Qulqulluu bitatee waldaa tajaajiluu barbaade sana fakkaatu. Kun egaa jaamaa tu jaamaa geggeessaa jira jechuu dha. Isaan karaa fayyinaa namatti himuu hin danda’an sababiinsaa isaa ofii isaanii ti iyyuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekan waan ta’eef. Kanaafuu qalbii diddiirrannaa, kadhannaa isaanii alkaniitiin, harka irra kaa’uudhaan akka namni buufata Seexanaa fudhatu ni godhu. Namoonni akkanaa kun Seexana of keessaa qabu, egaa isaan akkanaa gara Waaqayyootti deebisuun yoo barbaachise, wangeela guutuu bishaanii fi Hafuuraan ergaa Seexanaa dhiiguu dha. Namoonni tooftaa Seexanaa hin beekan yoo ta’e, rakkina dhuma hin qabne keessa bu’uu irra kan darbee filannoo biraa hin jiru.
Akkuma an jedhe, dinqii akka afaan Haaraatiin dubbachuu, harka irra kaa’anii raajii himuuf yaalii gochuun hafuura seexanaati. Jecha biraatiin, hojiin namoota kaarismaatikii seexanaan kan geggeeffamuu dha. Egaa isaaniin barsiisuu qabna. “Laphee kee keessaa cubbuu qabda yoo ta’e Seexanatu si keessa jira jechuu dha. Ofii kee keessaa utuma cubbuu qabdu, Hafuurri Qulqulluun na keessa jira jettee yoo yaadde, egaa ati gowwoonfamaa jirta.”
Amantiin ergamoota fi akka H. Ergamootaa 8 keessaatti namoonni harka irra kaa’uu fudhatan iddoo tokkotti qoodamu, sababiinsaa lamaan isaanii iyyuu Yesuus Kiristoosii fi wangeela bishaanii fi hafuuraa sirriitti waan beekaniif. Haa ta’uu iyyuu malee, amantoota bara si’anaa harka irra kaa’uudhaan Hafuura Qulqulluu nama guuta kan jedhu fi amantiin ergamootaa garaagarummaa qaba.
Kara harka irra kaa’uu nama dhiifama cubbuu qabu tokkoon Hafuurri Qulqulluun nama ni guutaa? Lakki. Hafuurrii Qulqulluun bishaan irra balali’a jedha (Uumama 1:2). Kanaafuu namni Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaadu tokko wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qaba. Waaqayyo nama wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin lammaaffaa dhalatuuf Hafuura Qulqulluu kennaa godhee ni kenna.
Namni tokko harka irra kaa’uudhaan Hafuurri Qulqulluun nama ni guuta yoo jedhe, wangeela bishaanii fi Hafuuraan mormuutti akka geessu yaadan qabuun ni barbaachiisa. Namni harka irra kaa’uu dhaan Hafuura Qulqulluu ni dabarsa jechuun Waaqayyoon qoruu dha, namoonni amantii akkanaa qabanis salphaatti kiyyoo seexanaatti ni kufu. Kun eegaa ta’uu hin qabu.
Yeroo nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannu cubbuun keenya hundi nu irraa haqama, Hafuurri Qulqulluunis kana dhugaa ni ba’a. Namni Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanu laphee isaa keessaa cubbuu hin qabu. Kun kan ta’uuf sababa abbaan sun cubbuu hin hojjenneef miti, sababa humna wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amaneef male. Wangeelli bishaanii fi Hafuuraa fi Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa ni ba’u. Namni Hafuura Waaqayyo utuu of keessaa hin qabaatiin Yesuus fayyisaa kooti hin jedhu.
Namooni hafuura seexanaan geggeeffaman waa’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekan, irratti marihachuufis yaalii hin godhan. Isaan wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekan, dhugaa adda baafachuus hin danda’an. Isaan salphaa dhumatti Hafuurri Qulqulluun harka irra kaa’uudhaan nama ni guuta jedhu. Haa ta’u iyyuu malee Hafuurri Qulqulluun salphaadhumatti harka irra kaa’uudhaan namatti hin darbu. Seexanni waldoota kiristaanaa fi biyya lafaa keessatti barsiisa sobaa isaatiin akka inni namoota baayyee dogoggoraa jiru hubachuun keenya barbaachiisaa dha. Kanaaf, kenna Hafuura Qulqulluu fudhachuu kan dandeenyu wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa amantii qabaachuu qofaan ta’a.