(H. Ergamootaa 19:1-3)
“Aphoolos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee Efesoon dhufe. Achitti immoo bartoota gooftaa tokko argatee, ‘yeroo amantan Hafuura Qulqulluu fudhattaniittuu?’ Isaaniin jedhe. ‘Isaani immoo Hafuurri Qulqulluun akka jiru nuyi hin dhageenye jedhanii deebisan.’ Kana irratti Phaawulos, ‘yoos immoo isin maalitti cuuphamtan ree?’ Jedhee isaan immoo, ‘cuuphaa Yohannisitti jedhan.’”
Macaafni Qulqulluun, “Bara Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee hanga ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira, warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa ni fudhatu” maaliif jedha?
Sababiinsaa namoonni amantii wangeela miidhagaa dhugaaisa Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda Yohannisiin cuuphamee,du’ee fi du’aa ka’uu isaatiin irraa fuudhetti amanuudhaan mootummaa Waaqayyootti galu waan ta’ef.
Phaawulos wangeela attamii lallabe? Inni cuuphamuu fi fannifamuu Yesuusiin lallabe. H. Ergamootaa 19:1 akkana jedha, “Apholos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee, Efesoon dhufe. Achitti immoo bartoota gooftaa tokko argee, ‘yeroo Amantan Hafuura Qulqulluu fudhattaniittuu?’” jedhee gaafate Jarri Haa ta’u iyyuu malee, hiikkaa cuuphamuun Yesuusiin ala isatti warra amananii dha. Hafuura Qulqulluutti kan isaan geessu wangeela hin barre. Phaawulos kanaaf gaaffii, “Yeroo Amante Hafuura Qulqulluu fudhatteettaa?” inni jedhu bartoota Efesooniif gaaffii haaraa ture. Namoonni kan biraa immoo akkana jedhanii gaafatu, “Yesuusitti amanteettaa?” Phaawulos isuma kana bifa haaraatiin akka isaan wangeela dhugaatti amanii Hafuura Qulqulluu fudhataniif gaafate. Waamichi Phaawulos wangeela dhugaa, wangeela bishaanii fi dhiigaa labsuu dha. Phaawulos, Pheexiros fi Yohannis cuuphaa Yohannis Yesuusiin cuupheef dhugaa ba’eera.
Kottaa waa’ee wangeela cuuphaaf kan ergamoonni dhugaa ba’an ni ilaalla. Jalqabatti Phaawulos akkana jedhee dhugaa ba’a, “Kun matumaa hin ta’u! Nuyi warri cubbuu jalaa duunee, si’achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree? Yookis nuyi warri Kiristoos Yesuusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du’a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne ni wallaaltanii ree?” (Roomaa 6:2-3) fi “warri Kiristoositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kiristoosiin akka uffataatti uffattaniittu” (Galaatiyaa 3:27).
Ergamaan Pheexiros wangeela cuuphamuu Yesuusiin ergaa isaa 1ffaa 3:21 irratti dhugaa ba’eera, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltaniiti; cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos, yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf Waaqayyotti himatanii dha malee waan ittiin xurii dhaqna dhiqatan miti, inni du’aa ka’ee sun gara Waaqaatti ol bayee, gara mirga Waaqayyoo jira, ergamoonni Waaqayyoo, warra aboo qabu jedhaman sodaataman humnoonnis harka isaa jala jiru.”
Ergamaan Yohannisis wangeela miidhagaa kanaaf dhugaa ba’eera, “Eenyutu biyya lafaa mo’uu danda’aa? Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa nama amanuu duwwaatuu biyya lafaa mo’uu danda’a. Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana, inni Yesuus Kiristoos. Inni bishaan duwwaa dhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa ni ba’a, hafuurichi dhugaa dha, Dhugaa baatuu sadiitu jira. Isaan kunis; hafuuricha, bishaanichaa, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba’u” (Yohannis 5:5-8).
Wangeela dhugaa kanaaf Yohannis cuuphaan ga’ee guddaa hojjeteera. Macaafni Qulqulluun waa’ee ga’ee Yohannis cuuphaa Milkiyaas 3:1-3 fi Maatewos 11:10-11 irratti sirriitti ni kaa’a. Yohannis cuuphaan bakka bu’aan ilmaan namaa Eliyaas isa dhufuuf jiru jedhamee isa dhugaa ba’ameef akka ta’e dha. Bara Kakuu Moofaa keessatti aarsaan sababii cubbuutiif dhihatu erga cubbuu nama yakkicha hojjetee gara ofii isaatti fudhatee booda ni qalama ture. Bara Kakuu Haaraa keessatti immoo Yesuus Kiristoos cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate gatii kanaaf immoo fannoo irratti du’eera. Yesuus Yohannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu nama hunduma gara ofii isaatiitti fudhachuun ilmaan namaa fayyiseera.
Waaqayyo fayyina ilmaan namaa bakkaan ga’uuf wantoota gurguddaa lamaa hojjetee isaas raawwateera. Inni tokkoffaan Yesuus Mariyaam durba irraa foon fudhata nama foonii ta’uu isaa tii fi Cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee sababii kanaaf immoo fannifamuu isaa ti. Inni lammaffaan immoo Yohannis cuuphaan Elsaabeet irra dhalatee biyya lafaatti ergamuu isaa ti. Ilmaan namaa cubbuu isaanittii fayyisuudhaaf Waaqayyo wantoota gurguddaa kana hojjeteera. Hojiin kun lamaan wanta ilmaan namaa fayyisuudhaaf Sadan tokkummaa Waaqayyootiin akeekamee dha. Waaqayyo Yohannis cuuphaan dhalachuu Yesuusiin ji’a ja’a dursee erge, furmaata cubbuu ilmaan namaaf immoo Yesuusiin gara biyya lafaatti ergeera.
Yesuus Yohannis cuuphaa tiif Maatewos 11:9 irratti akkana jedhee dhugaa ba’eera. “Egaa maaliif baatan? Raajjii ilaaluudhaafii? Eeyyee, isiniinan jedha raajii irra iyyuu kan caaluu dha.” Itti dabalees, yeroo Yohannis cuuphaan Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu biyya lafaa itti dabarse, borumtaa isaa immoo akkana jedhe, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” (Yohannis 1:29).
Macaafni Qulqulluun waa’ee Yohannis isa Yesuusiin cuuphee galmee guddaa qaba, waa’ee isaa beekumsa caala aragachuuf ni dhimmina. Yohannis cuuphaan Yesuusiin dura gara biyya lafaa dhufe. Ga’een isaa kaayyoo Waaqayyoo wangeela miidhagaa bakkaan ga’uu dha. Macaafni Qulqulluun Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda ofitti fudhate jedha, kara biraa immoo Yohaannis cuuphaan fedha Waaqayyo guutuudhaaf cubbuu biyya lafaa gara Yesuustti dabarse ni jedha.
Yohannis sababa Yesuusiin cuupheef Yohannis cuuphaa jedhame. Yohannisiin cuuphamuun Yesuus hiikkaa maalii qabaata? Jechi “cuuphaa” jedhu “dhiqamuu” jechaa dha. Sababii cubbuun biyya lafaa karaa cuuphaa gara Yesuusitti darbeef, cubbuun dhiqamee sokkeera. Cuuphamuun Yesuus, hiikkaa horii aarsaa cubbuutiif dhihate irra harka kaa’uu bara Kakuu Moofaa qaba. Hiikkaan hafuuraa cuuphamuu Yesuus, “itti dabarsuu,” “dhiqamuu” ykn “hawwalamuu” dha. Cuuphamuun Yesuus hojii fayyisuu dhiifama cubbuu namoota biyya lafaa ti.
Cuuphamuun Yesuus horii aarsaa sababa cubbuutiif dhihate irra harka kaa’uudhaan cubbuu itti dabarsuu bara Kakuu Moofaa wajjin hiikka tokko qaba. Jecha biraatiin, cubbuun saba Israa’el guyyaa gaafa araara waggaatti horii aarsaaf dhihate irra harka kaa’uu angafa lubaatiin dhiifama cubbuu argachaa ture. Aarsaan bara Kakuu Moofaa cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uu Yesuusii wajjin hiikka tokko qaba.
Waaqayyo cubbuu saba Israa’eliin guyyaa irraa fuudhu guyyaa araaraa kaa’eera. Guyyaa kurnaffaa ji’a torbaffaatti, angafii lubaa araara buusuudhaaf horii aarsaaf dhihate irra harka isaa kaa’uudhaan cubbuu saba Israa’el hunda itti dabarsa. Kun sirna aarsaa Waaqayyo kaa’ee dha. Cubbuu cubbamaa tokko gara horii aarsaaf dhihatetti dabarsuudhaaf, bara Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyo sirna harka irra kaa’uu dhaabe.
“Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyatti jiru sana irra kaa’ee, yakka irradaddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el hundumaa beeksiisee mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee, korbeesicha nama hojii kanaaf qophaa’ee jiruutti kenna; Lafa onaa keessatti gad akka dhiisu ni godha. Namichi sun korbeessicha lafa onaa keessatti gad ni dhiisa; Korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti ni geessa” (Lewwoota 16:21-22).
Bara Kakuu Moofaa keessatti, cubbamaan harka isaa mataa horii aarsaaf dhiheeffate irra kaa’ee cubbuu isaa itti dabarfatee dhiifama cubbuu argata. Guyyaa araaraatti immoo, angafni lubaa, akka bakka bu’aa saba Israa’elitti, harka isaa mataa horii aarsaaf dhihate irra kaa’ee cubbuu saba Israa’eliin itti dabarsa. Egaa horiin sun sababa cubbuu irra kaa’ame sanaaf ni qalama.
Kun egaa hiikkaa cuuphaa afaan Giriikiin qabu (Baptisma jechuunis, “dhiqamuu, hawwaalamuu, itti dabarsuu”) kunis bara Kakuu Haaraa keessatti cuuphaa Yesuus Yohannis harka fudhate agarsiisa. Akkuma bara Kakuu Moofaa keessatti angafni lubaa mataa horii aarsaaf dhihatee irra harka isaa kaa’uu dhaan cubbuu saba Israa’eliin itti dabarsaa ture, Yohannis cuuphaan immoo cubbuu biyya lafaa hunda gara Yesuusitti dabarse. Yesuus cubbuu keenyaaf araara buusuudhaaf jedhe fannifameera. Kun hiikka wangeela dhugaa ti.
Aaron angfni Lubaa saba Israa’eliin bakka bu’ee, aarsaa araara isaaniif akkuma dhiheessaa ture, Yohannis toora sanyii Aaroni irraan, biyya lafaa bakka bu’ee Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu biyya lafaa hunda gara isaatti dabarseera. Waaqayyo jaalala isaa isa dinqisiisaa karaa Macaafa Qulqulluu kan mul’ise faarfannaa 50:4-5 keessatti akkana jedha, “Inni saba isaatiif firdii kennuu dhaaf, bantiwwan waaqa warra gara olii jiran, lafas ittiin ni waama, warra anaaf of kennan, warra aarsaa irratti ana wajjin kakuutti galan, walitti anaaf qaba ni jedha.” Ameen, haleeluyaa.
Akka seenaa waldaa Kiristaanaa kaa’uun, ayyanni dhaloota gooftaa jalqaba jaarraa jalqabaa lamaani keessatti hin kabajamne. Amantoonni waldaan jalqabaa, ergamoota Yesuusii wajjin Amajjii gaafa 6 “Ayyaanaa cuuphamuu Yesuus” isa Yohannisiin laga Yordaanositti cuuphame sana ayyaaneffachaa turan. Cuuphaa Yesuus irra maaliif xiyyeeffannoo guddaa akkanaa itti kennaa turan? Kun sababa amala Ergamoota warra jalqabaa tureef. Nan abdadha cuuphaa Yesuusii fi cuuphamuu amantootaa akka walii hin wallaalle.
Cuuphaan amantoota cuuphaa isa Yesuus Yohannis irra fudhatettii garagarummaa qaba. Kanaafuu nuyi warri bara kanaas Hafuura Qulqulluun fudhachuu yoo barbaanne akka bartoota Yesuus bara duratti amantii qabaachuu qabna. Cuuphamuu Yesuus isa inni Yohannis irra fudhate fi dhiiga fannoo isaatti amanuudhaan kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni dandeenya.
Waldaa isa jalqabaa keessatti cuphaan akka sirna hafuuraatti fudhatamee barsiisame yoo ta’e, sababa cuuphamuu Yesuus irraa amantii cimaa qabanneef ture, ammas Yohannisiin cuuphamuun Yesuus fayyina keenyaaf baayyee barbaachisaa ta’uu isaa beekuu qabna. Cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uun Yesuus fayyina keenyaaf akka ta’e yeroo amannu Hafuurri Qulqulluun nu keessa buufachuu akka jalqabu sirriitti beekuu qabna. Cuuphamuun du’aa fi du’aa ka’uun Yesuus wangeela dhugaa keessatti hiikkaa gaarii qaba. Kara biraas, amantii sirrii ta’eef beekumsa guutuu qabaachuu qabna, innis fannifamuun Yesuus sababa cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatitti fudhateef akka ta’e dha.
Karaa kufaatii irraa bilisa ta’een Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf wangeela dhugaa inni cuuphamuu fi fannifamuu Yesuusitti amanuu dha. Cuuphamuun Yesuus cubbuu biyya lafaa al takkaa qulqulleesseera. Cuuphaa inni cuuphame akka namni altakka kennaa Hafuura Qulqulluu fudhatuuf nama gargaara. Aangoo cuuphamuu Yesuusiin keessa jiru sababa namoonni hedduun hin hubanneef, cuuphaan isaa akkuma sirna ayyaanaa salphaatti lakkaa’u.
Cuuphamuun Yesuus dhaqna wangeela dhugaa isa akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa fuudhee sababii isaa tiif dhiiga fannoo dhangalaase dha. Namni wangeela dhugaa kanatti amanuu miseensa waldaa ta’ee, gammachuu nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhata. Hafuurri Qulqulluun kennaa Waaqayyo warra dhiifama cubbuu isa biraa fudhateef kennuu dha.
Cuuphamuu isaatiin, Yesuus “Hoola Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu ta’e” (Yohannis 1:29). Yohannis 1:6-7 akkana ni jedha, “Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas Yohannis jedhama. Namni kun dhugaadhaaf dhugaa ba’uu dhufe, namoonni hundinuu dhugaa isaatti akka amananiif waa’ee ifichaa dhugaa ba’uu dhufe.” Yesuus Kiristoos isa cubbuu keenya hunda nu irraa kaase akka inni fayyisaa keenya ta’etti amanuudhaaf, dhuga ba’umsa Yohannis cuuphaa akka Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee jirutti fudhachuu qabna. Akka kanaatti dubbii dhugaatiin akka inni fayyisaa keenya ta’etti amanuu dandeenya. Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf, dhuga ba’umsaa isaa amantiidhaan fudhachuu qabna. Kanaafuu, wangeela miidhagaa dhugaa kana guutuu gochuudhaaf, Yohannisiin cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga fannoo isaa fudhachuu qabna.
Maatewos 11:12 keessatti akkaataa kanaatti barreeffamee jira, “Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee kaa’ee hamaa ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira, warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa ni fudhatu.” Macaafa Qulqulluu keessatti kutaan kun kutaa baayyee hiikkaan isaa ulfaatuu dha. Haa ta’uu iyyuu malee, yaada “Yeroo Yohannis cuuphaattii eegalee” kan jedhutti xiyyeeffannoo kennuu qabna. Innis tajaajilli Yohannis cuuphaan kennu tajaajila Yesuus kennuu wajjin akka inni walqabtee jiru agarsiisa.
Yesuus akka nuyi amantii guutuudhaan, akka nama janna tokkotti mootummaa Waaqayyootti akka nuyi gallu barbaada. Guyya hundumaa cubbuu hojjenna, namoota salphaatti kufnu yoo taane iyyuu inni immoo akka nuyi mootummaa Waaqayyootti galluuf nuu hayyameera. Kutaan kun egaa akka nuyi amantii wangeela bareedaa Yohannisiin cuuphamuu Yesuusii fi du’a fannoo isaatiin mootummaa Waaqayyootti akka nuyi gallu nutti dubbatuudha. Jechaa biraatiin, namni amantii cuuphaa fi du’a fannoo Yesuusiin gara waaqa ni dhaqa jechaa dha.
Cuuphaan Yesuus cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera, egaa amantii nuyi dubbii kana irraa qabnu kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu nuuf mirkaneessa. Egaa wangeela kana olloota keenyatti, firoota keenyaa fi nama hundumaatti lallabuu qabna. Wangeelli fayyina namaa mirkaneessu, wangeela isa cubbuun keenya karaa cuuphamuu Yesuusiin gara isaatti akka darbe isa dubbatu wangeela miidhagaa dha. Kanatti amanuudhaan eebba keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni arganna.
Cuuphamuun Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee, dhiigni fannoo isaatii immoo gatii cubbuu keenyaa ta’e. Warra kanatti hin amanin jiraniif wangeela kana itti himuu qabna. Kana gochuu keenyaan gara wangeela bareedaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti dhufuu danda’u. Kana akka ati itti amantu nan barbaada. Amantii cuuphamuu fi fannifamuu Yesuus qofaadhaan dhiifama cubbuu argatnii keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuun danda’ama.
Namni hundinuu mucaa Waaqayyoo isa Hafuurri Qulqulluun keessa buufatu, obbolootaa fi obboleettoota ta’uu ni danda’a. Akkuma Phaawulosfaa amantii wangeela bareedaa qabaachuu qabda. Wangeela gaarii kana waan inni nuuf kenneef guddifne isa ni galateeffanna. Ameen.