(1 Yohannis 1:1-10)
“Waa’ee isa jalqabaa jalqabee turee, sagalee jireenyaa sana isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaanis isa argineerra, ilaallees harka keenyaanis isa qaqqabneerra. Jireenyichi mul’ifameera; nuyi isa argineerra isaafis dhugaa ni baana jireenya barabaraa isa abbaa bira ture nuttis mul’ifame kana isinitti ni himna; isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti ni himna; tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin ilma isaa Yesuus Kiristoosii wajjinis. Kana hundumaas gammachuu keenya guutuu akka ta’uuf isiniif caafna. Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuti dhageenyee isinitti himnus isuma kana. Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine hin sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu akka inni ifa keessa jiru nutis ifa keessa yoo deddeebine nuti walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna; dhiigni ilma Isaa Yesuus immoo cubbuuttii nu qulleessa. Cubbuu hin qabnu yoo jenne of sossobna dhugaanis nu keessa hin jiru; cubbuu keenya yoo isatti himane inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya nuuf ni dhiisa; jal’ina keenya undumaattiis nu qulleessa. Nuyi cubbuu hin goonu yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.”
Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa yaadaa qabaachuudhaaf wanti dursee barbaadamu maalii?
Duraan dursinee wangeela bishaanii fi hafuuraa barree fudhannee amantiidhaan cubbuu keenya hundumaattii qullaa’uu qabna.
Hafuura qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu yoo barbaadde, duraandursitee cubbuun xinnoo ishee illee akka ati Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya hin goone akka godhu beekuu qabda. ‘Namni attamitti cubbuu xinnoo isheellee dhaba?’ jettee yaadda ta’a Gooftaa wajjin walitti dhufeenya sirrii ta’e qabaachuu ni barbaaddaa? Yoo akkas ta’e laphee kee keessa dukkanni hin jiraatu; kanaafuu gooftaa wajjin walitti dhufeenya uumuu yoo barbaadde wangeela isa cubbuu keettii si qulleessutti amanuu qabda.
Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa isa dhugaa qabaachuu yoo barbaadde, dursa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amantee cubbuu keetti qullaa’uu si barbaachisa. Wangeela bishaanii fi hafuuratti hin amantu yoo ta’e garaa kee keessaa cubbuu waan qabduuf Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa nan qaba jettee hin yaadin. Hafuura qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuun kan danda’amu, wangeela bishaanii fi hafuuratti amantee cubbuu kee hundattii qullaa’uu qabda.
Cubbuu hundumaattii qulleeffamuun kan danda’amu karaa wangeela dhugaa bishaanii fi hafuuraa qofa. Wangeela bareedaa bishaanii fi hafuuraatti yommuu amantu, Waaqayyo cubbuu kee hundumaattii si qulleessa. Hafuura Qulqulluu dhaan gooftaa wajjin tokkummaa dhugaa qabaachuu ni barbaaddaa? Kanaafuu, cubbuu kee hubadhuutii wangeela dhugaatti amani cubbuu keetti ni furamta. Kanaan booda gooftaa wajjin tokkummaa ni qabaatta.
Gooftaa wajjin tokkummaa qabaachuu yoo barbaade, laga Yordaanositti cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga inni fannoo irratti dhangalaase irratti amanuu qabda. Namni dhugaadhaan gooftichaa wajjin tokkummaa qabaachuu yoo barbaade, Hafuurri Qulqulluun immoo maal akka ta’e beekuun barbaachisaa dha. Hafuurri Qulqulluun tokko. Kanaafuu, inni warra wangeela bareedaatti amanan qofaa keessa jiraata.
Kottaa mee dhuga ba’umsa nama Yohaannisiin cuuphamuu Yesuusii fi fannifamuu isaatti amanuu isaatiin raawwatee cubbuu isaattii qullaa’e kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhate tokkoo ilaalla.
“Namootni addaa-addaa biyya lafaa keessa jiraatan hundi isaanii yaada garaagaraa qabu. Anis isaan keessaa tokko. Ani nama harka qalleessa, haati koo waldaa waan dhaqxuuf ishee dhuma argeen anis gara waldaa dhaqeen Waaqayyotti amane. Abbaan koo nama jiraachuu Waaqayyootti hin amanne waan ta’eef yeroo hundumaa amantii kootti na ceepha’a ture, garuu maatiin keenya warri kaan waldaa ni dhaqu. Waldaa dhaquun jireenya koo isa guddaa ture.
Haa ta’u iyyuu malee yeroo dargaggummaa kootti jireenya abbaa koo isa micciiramaa yeroon ilaalu, yaadni hedduun kan akka du’aa fi jireenyaa Waaqaa fi Sii’ol gara koo dhufuutti ka’e. Namootni baayyeen yoon Waaqatti amaneen mootummaa waaqaatti galee ijoollee isaa ta’a jedhanii yaadu, garuu kun isa hin mirkaneessu. Ani ijoollee isaa ta’uu kootiif waanan mirkaneeffadhe hin qabun ture. Akka ani baradhetti, yoo lafa irratti waan gaarii hojjette, mootummaa Waaqayyootti ni galta kan jedhu waan ta’eef ani egaa mootummaa Waaqayyootti galuuf jedheen rakkattoota nan gargaaran ture.
Garuu garaa koo gar tokkoon, akka an yakke nan beeka. Gar tokkoo garaa koottii akka ani cubbuu qabu nan beeka, nama kan biraatti nama gaarii fakkaadheera ta’a, garuu ani cubbuu akkan qabu beekamaa dha. Cubbuu kanattiis bilisa ba’uuf ammo waldaa dhaqee kadhachuu amaleeffadheera. ‘Adaraa mucaa kee isa dhugaa akkan ta’uuf na gargaari. Dhugaas akkan beeku godhi’ jedhee yeroon kadhadhu jabina haaraan argadha. Yeroon barsiisa dubbii isaatii dhaggeeffadhu, dubbii isaa hubachaa, argaas hin turre. Nama duwwaa, yakkamaa du’aa ta’uu kootiif baayyee nan dadhaban ture.
Barumsi ani baradhe, ‘Lammaffaa dhalachuu nan barbaada. Utuun lammaffaa dhaladheera ta’ee ani nama akkasii hin ta’un ture.’ Yaaduma koo kana keessaa immoo amma umuriin dargaggummaa kootii darbutti waldaa dhaqaan ture. Yoon baayyee dadhabee yaalii godhe iyyuu takkaa hin gammanneen ture. Hojii biraa barbaadufis yaalii gochaan ture. Lapheen koo yeroo hundumaa duwwaa waan tureef dhiphina guddaa keessan gale. Yeroo sana obboleessa koo irraan sagalee wangeelaa dhaga’aa ture.
“Egaa yaada garaa keessanii geeddaradha; inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa’utti gara waaqayyootti deebi’aa” (H. Ergamootaa 3:19). Kun dubbii wangeela bishaanii fi hafuuraa ti. Hanga yeroo sanaatti Yesuus fannoo irratti nuuf du’uu isaa malee waan biraa tokko iyyuu hin barre. Garuu wangeelli an ergasii dhaga’e Yesuus Yohaannis cuuphaatiin cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhatee sababii kanaaf immoo gara fannoo du’aa akka dhaqee dha.
Hangan waldaa dhaqaa ture hundumaatti akka nama ijoollee Waaqayyoo ta’eettan of ilaala sagalee isaa hubachuuf yaalii guddaan godhaa ture. Garuu hin hubatinan hafe, hanga gaafa sanaatti Yesuus cubbuu keenyaaf akka du’e qofaan dhaga’aa ture. Haa ta’u iyyuu malee ergan wangeela miidhagaa wangeela bishaanii fi hafuuraa baradhee itti amanee cubbuu inni na rakkisaa ture hundi isaa laphee koo irraa waan badeef nagaa nan argadhe.
Akka ani barachaa turetti dhimmee Waaqayyotti yoon amane sagantaa waldaas yeroo hundumaa yoon hordofe jireenya barabaraa in argatta kan jedhuu dha. Garuu Waaqayyo wangeela bishaanii fi hafuuraa gara kootti ergee cubbuu koottii na fayyise. Inni kennaa hafuura qulqulluu naaf kenneera. Utuun fayyisuu isaa hin fudhatin dura waa’ee hafuura qulqulluus waa’ee afaan haaraatiin dubbachuus hin beekun ture. Isa dura yoon waldaa dhaqee dhimmees Waaqayyoof hojjedhe eebba nan argadha jedheen yaadaa ture. Garuu cubbuun koo naaf dhiifamuu isaa yeroon wangeela bishaanii fi hafuuraa dhaga’en hubadhe.
Jireenya koo isa duraanii keessatti yoon Waaqayyo irraa amantii qabaadhe iyyuu beekumsa cubbuuttii na qulleessu hin argannen ture. Barbaachisummaa Hafuura Qulqulluu waanan hin beekneef jireenyi koo fakkeessaa ture. Haat a’u iyyuu malee karaa garbicha wangeela Waaqayyo kana Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’e dhaga’een amantii sirrii ta’e ergan qabaadhee booda kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu argadheera.
Yeroon jalqaba ergaa fayyinaa dhaga’e hafuurri qulqulluun na keessa jiraachuu fi hin jiraannee isaa hin hubanne. Garuu sagalee Waaqayyoo ittuma fufee yommuun qoradhu amantii ani wangeela bishaanii fi afuura tiin dhaga’e na haaressee kennaa nama keessa buufachuu hafuuraa qulqulluu akkan argadhu ta’eera. Amma dhugaa dha, akka hafuurri qulqulluun na keessa jirus mirkaneeffadheera. Yeroo inni cubbuu koo n aaf dhiise nama hidhaa cubbuuttii hiikame tu ijoollee Waaqayyoo ta’ee kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu argata.
Yaaliin isa biratti guutuu ta’e afuura qulqulluu fudhachuuf godhes akka inni na in baasne hubadheera. Waaqayyo warra cubbuu isaanii beekanii furmaata isaa argamsiisuu dadhaban bira dhaqa. Inni warra dhimmanii isa quunnamuu barbaadan bira ni jiraata.
Gaarummaa fi amantiidhaan gara Waaqaatti na geessuu isaa fi Yesuus gad bu’ee wangeela bareedaa bishaanii fi hafuuraatiin akka na fayyise hubadheera. Inni bara baraan kan nu bira jiraatu Hafuura Qulqulluu nuuf ergeera.
Waaqayyo ijoollee isaa nu godhatee eebba nama keessa jiraachuu afuura qulqulluu waan nuuf kenneef guddiseen isa galateeffadha. Utuu gooftaan kana nuuf hin goone ta’ee silaa cubbuu keenyaaf hidhaa fi firdii bara baraatti galla turre.”
Haaluma kanaan du’a fannoo isaatti amanuu qofaan Hafuura Qulqulluu argachuun hin danda’amu. Akka Gooftaan Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu nama irraa kaase amanuudhaanis malee. Yeroo sanatti ani Yesuusitti amaneera, haa ta’u iyyuu malee akkan Hafuura Qulqulluu hin fudhanne kan godhu cubbuutu ana keessa jira. Garuu cubbamaan Hafuura Qulqulluu fudhachuu hindanda’u. Ammuma iyyuu immoo, namoonni utuu cubbuuttii hin fayyiin Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaadu.
Yoo Hafuura Qulqulluu fudhattee isaa wajjin tokkummaa qabaachuu barbaadde, wangeela bishaanii fi hafuuratti amantee fayyina argachuu qabda. Amma iyyuu ati cubbamaa dhaa? Egaa warra Hafuura Qulqulluu fudhatan irraa wangeela dhaga’uu ni dandeessa. Warri Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu fedhan wangeela bareedaa bishaanii fi hafuuraa ni amanatu.
Qulqulloota qofaatu karaa waldaa dubbii Hafuura Qulqulluu dhaga’a. Isaan wangeela bareedaa dhaga’uudhaan jireenya amanamummaa jiraachuu danda’u, garuu dhumni cubbamoota sii’oliin ta’a.
Kanaafuu waa’ee wangeelaa bishaanii fi Hafuuraa dhaga’uu qabda. Wangeelatti jiraachuun maaliif barbaachisee? Seera Waaqeffannaa amantii keessaa ba’anii amantii ofii dubbii Waaqayoo irratti ijaaruun barbaachisaa dha. Bartootni gooftaa wangeela bareedaa duukaa bu’aniiru bara ammaa kanattis warri Hafuura Qulqulluu qaban kana gochuu tu isaan irraa eegama. Wangeela, bishaanii fi Hafuura jechuun wangeela isa ergamootni jalqaba barsiisaa turanii dha. Kiristaanonni hundinuu Hafuura Qulqulluu qabaachuu isaan barbaachisa. erga Hafuura Qulqulluu fudhatanii booda ijoollee Waaqayyoo jedhamuu danda’u.
Warri wangeela bishaaniifi hafuuratti hin amanin jiran cubbuu qabaachuun isaanii beekamaa dha. Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa uumuu hin danda’an. Isaa wajjin tokkummaa uumuudhaaf duraan dursanii wangeela bishaanii fi hafuuratti amananii Waaqayyo biraa kennaa hafuuraa qabaachuu qaba.
Macaafni Qulqulluun waa’ee Hafuuraa Qulqulluu irra deddeebi’ee ni dubbata
Kennaan keessaa nama baafachuu Hafuura Qulqulluu du’aa ka’uu Yesuusiin booda kenname. Yeroon kun yeroo fayyinaa fi yeroo ayyaanaa irraa hafaa ti. Garuu wangeela bishaaniifi hafuuratti amanuu dadhabanii tokkummaa hafuura qulqulluu utuu hin argatin hafuun carraa gadhee dha.
Hafuura qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu ni barbaaddaa? Sababa cubbuu keetiif kennaa Hafuura Qulqulluu argachuu dadhabdeettaa? Egaa waa’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa Waaqayyo kennetti amani. Wangeela kanatti yoo amante, Hafuurri Qulqulluun si keessa buufatee sii wajjin adeema. Hafuurri Qulqulluun nama wangeela bishaaniifi Hafuuratti amane keessa ni buufata. Hafuurri Qulqulluun fedha isaa qajeelotatti ni ibsa. Tajaajilli Phawuloos Hafuura Qulqulluun geggeeffamee kennu wangeela miidhagaa labsuudhaaf ture.
Nama Hafuura Qulqulluu fudhate isa Isa hin fudhannettii maaliin gargar baafattaa? Mallattoon isaas maalii? Mallattoon isaa wangeela bishaaniifi Hafuuratti amanuu dha. Wangeela kanatti amaneera yoo ta’e namni sun kennaa keessa namaa baafachuu Hafuura Qulqulluu qaba jechuu dha.
Hafuurri Qulqulluun nama wangeela bareedaatti hin amanne keessa hin buufatu. Hafuurri Qulqulluun nama karaa Yohaannisiin cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga fannoo isaatii dhiifama cubbuu argatan keessa ni buufata. Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu ni barbaaddaa?
Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuudhaaf wangeela attamii hordofuu akka qabdu beektaa? Wangeelli miidhagaan cuuphamuu Yesuusii fi du’a isaa irraa amantii qabaachuu keessaan arganna. Wangeela bishaaniifi Hafuuraattis hin amanne taanaan Hafuurri Qulqulluun si keessa hin jiraatu. Hafuurri Qulqulluun si keessa jiraachuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu tu si irraa barbaadama.
Hafuurri qulqulluun laphee nama cubbamaa keessa hin jiraatu. Hafuurri qulqulluu yoo barbaadde, wangeela bareedaatti amantee dhiifama cubbuu argachuu si barbaachisa. Hafuura qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu yoo barbaadde, wangeela bishaanii fi Hafuuraa amanamummaan lallabuu qabda. Hafuura qulqulluun geggeeffamuu yoo barbaadde, wangeela bareedaa jaallattee bakka adeemtu hundumaatti isa labsuun si irraa eegama. Hafuurri qulqulluun warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanani wajjin jira.
Kennaan keessa namaa buufachuu Hafuura qulqulluu qajeelota warra isatti amanan qofaaf kennama. Qajeelota warra wangeela miidhagaatti amanan qofaatu Hafuura Qulqulluu fudhachuu danda’a. Wangeelli bareedaan Hafuurra Qulqulluu mirkaneessuu cuuphamuu fi dhiiga Yesuusiin kan labsuu dha (Yohaannis 5:3-7).
Pheexiroos wangeela miidhagaatti amanuudhaan akkana jedhe, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltaniiti; cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos, yaada garaa namaa hinceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti himataniidha malee,waan ittiin xurii dhaqnaa dhiqatan miti’’ (1 Pheexiros. 3:21). Macaafa Qulqulluu keessatti “bishaanni” cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa.
Warri Hafuura Qulqulluu fudhatan warra wangeela bareedaan fayyina cubbuu isaaniittii qullaa’anii dha. Warri wangeela miidhagaatti amanan warra geggeessaa Hafuura Qulqulluutiin Waaqayyoon waaqeffachuu dandaa’anii dha (Yohaannis. 4:23). Hafuurri Qulqulluun akka qajeelonni Hafuuraan jiraataniif ni gargaara. Warri kennaa keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu qaban barabaraan gooftaa galateeffatu. Hafuurri Qulqulluun akka nuti ijoollee Waaqayyoo taane abdii nuuf kenna. Hafuura qulqulluu fi wangeela bishaanii fi hafuuraatiin bara baraan ni jiraanna.
Hafuurri qulqulluun warra of gowwoomsanii wajjin tokkummaa hin qabaatu
Hafuurri Qulqulluun cubbamootaan akkana jedhee, “Cubbuu hin qabnu yoo jenne ofii keenya ni gowwoomsina, dhugaanis nu keessa hin jiru” (1 Yohannis 1:8). Hafuurri qulqulluun warra of gowwoomsan keessa hin jiraatu. Hafuurri qulqulluun akkana jedhee cubbamoota ni hubachiisa “barabaraan cubbuu keetii fayyuuf, wangeela miidhagaa cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti maaliif hin amannee?”
Kiristaana wangeelaaf bishaaniin ala Hafuura Qulqulluu fudhadhee lammaffaa dhaladheera jedhee ture tokko mee haa ilaallu. Namni kun amma wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanee, Hafuura Qulqulluus fudhateera. Egaa Hafuurri Qulqulluun eenyuun keessa akka buufatu sirriitti beekuun barbaachisaa dha.
Biyya lafaa kana irraa maaliif akkan jiraadhu yeroon yaadutti ka’ee Hafuurri Qulqulluun na guutuutti ka’e. Yeroon taa’ee of ilaalu ykn yeroon waa’ee ofii kootii yaadu, biyya isa hamaa kana keessatti Waaqayyoon rakkisuufan taa’a jedheen yaada. Ani jiraachuu kootiin Waaqayyoon qoruu hin barbaanne, sababiinsaa akka inni jiru uumamaan waanan beekuuf. Garuu ‘Dhuguma inni jiraa?’ jedheen of gaafadhe Yoo wanti fedhe na sodaachise iyyuu, Waaqayyo akka uumaa ta’e nan amana.
Warri Waaqayyoon jibban gowwoota; waan tokko tokkoon kan na caalan yoo fakkaatan iyyuu, isaan waanuma yaada garaa isaanii kan raawwatanii dha. Garuu ilaalcha kootti immoo gowwoota ni fakkaatu. Ani du’a booda iyyuu sababan jireenya eeggadhuuf Waaqayyoof ulfina kennuu tu natti tola. Warra akka koo dadhabaa ta’aniif mootummaan Waaqayyoo banamuufiin attam nama dinqisiisa? Gaaffiin kun waa’ee jannata waaqa irraa akka an baayyisee yaadu na godheera.
Warri koo warra waldaa dhaqan waan tuffataniif, waldaa dhaquu koo ija gaariitiin hin ilaalan turan. Garuu isheen waldaa ni dhiifti jedhanii waan yaadaa turaniif hanga an mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa walakkeeffadhutti na hin ittifne. Kanaafuu, waldoota baayyee dhaqaa tureen, yeroon Kolleejjii gale immoo waldaa naannoo koo jiruttan hirmaachuutti ka’e.
Sababa ani waldaa sana filadheef sababa isheen wangeela irratti xiyyeeffannoo guddaa laattuufi. Lubni waldaa sanaa nama haara’uumsa hafuuraa qabuu fi dubbii Waaqayyoo irratti hundaa’u ture. Barumsa kootti yoon dhiibame iyyuu, jireenya amantii koo sababa an cimee itti adeemuuf nan qaba.
Sababiin isaas yeroo namootni hiriyoota koo warra an waldaa wajjin dhaqu ceepha’an, an immoo waldaa kootiif falmaa mootummaa Waaqayyoo nan eeggadhan ture. Kana immoo Wangeelli ni mirkaneessa. Isaan cubbamootni mootummaa Waaqayyootti hin galan jedhu garuu waldaan biraas cubbuudhaan kan guutamanii dha. Anis utuun waldaa hin dhaqin dura, namoota waldaa dhaqaniin cubbamoota jedhee waanan yaaduuf, baayyee ceephoo guddaa hin qabun ture.
Garuu inni sochii hafuuraa jedhamu, isan dura beekee ture irraa garaagarummaa qaba. Isaan utuu sirriitti Yesuusitti amananiiru ta’ee, silaa cubbuu kan hin qabne taana jedhu. Warra cubbuu hin qabne, qofaa tu mootummaa Waaqayyootti gala. Yesuus fannoo irratti qajeelummaa waan fideef, nuyi cubbuu hin qabnu jedhu. An kanatti jalqaba hin amannen ture, garuu yeroon itti yaadu baayyee natti dhaga’ameera. Ani nama dargaggeessa, yoon gara waaqaa dhaquu barbaade cubbuu koottii qullaa’uun qaba jedheen yaada, sababiin isaa Waaqayyo cubbuu waan jibbuuf.
Waldaan kun amantii waldaa an itti Waaqeffachaa turettii gargari. Garuu mootummaa Waaqayyootti namoota filataman qofaatu itti gala. Namootni waldaa kana keessatti amanan, amantii sirrii qabu jedheen yaada. Sababa waldaan dhiigaa fi foon Yesuus irratti xiyyeeffattee jirtuuf, torban torbaniin irbaata qulqulluu nuuf ni laatti. Tajaajilli kun sagalee Waaqayyoo irratti waan hundaa’eef anis nan hubadhan ture, garuu hiikkaa tajaajila kanaa namoonni akka isaan hin beekne gara booddeetti hubadheera.
Nan amana Hafuurri Qulqulluun laphee amantootaaf toloota keessa akka buufatuuf Waaqayyos kadhannaa isaanii akka dhaga’u. Kanaafuu, akka Hafuurri Qulqulluun ana keessa jirus nan beeka. Akka Waaqayyo naa wajjin jiruu fi wangeela ani itti amanus hin shakkun ture. Yeroon rakkina keessa bu’us akka Waaqayyo bukkee koo jirutti yaadeen itti haasa’a. Dhoksaa koo yeroon itti himadhus naaf dhaga’a jedheen yaada. Kanaafuu guddaan isa amanachaan isattis hirkadha.
Warra afaan haaraatiin kadhachuudhaaf soomii fi kadhaannaa hafuuraa barbaadan eenyummaan isaanii hin hubatamne kanatti nan kolfan ture. Dhadhabbii isaanii yeroon ilaalu, ‘Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf yaalii hiikkaa hin qabnetti maalii dadhabu? Hafuurri Qulqulluun yeroo isaan cubbuu itti qullaa’an isaan keessa buufata male akka isaan itti yaalan kanatti miti. Kanaafuu jarri cubbuuttii hin fayyine ta’a jedhe. Kanaaf, yaalii isaanii kanaan Hafuurri Qulqulluun isaan irra hin buune. Baayyees, isaaniif yaadneerra.’ Jarri gowoota jedheen yaada. Yeroo gara amantii isa kan kootiitti deebi’ee ilaalu, wangeelli inni an itti amane kan warra kaanii irra akka caaluu fi kan warra kaanii soba akka ta’e nan hubadhe.
Of-jajuun koo ol ka’ee bantii waaqaa irra ga’e. Waggaa10f amantii dhuunfaa kootiin geggeeffachaa ture. Garuu utuman kanaan jiruu sammuu koo keessatti gaaffii cimaan ka’e. ‘Sababa fannoo Kiristoosiif akkan cubbuu hin qabne baradheera. Garuu kun Kiristaana kan ta’e undumaaf immoo?’ jedhee yaaduuttan ka’e. Gaaffii kana maaliif akka ani gaafadhuuf hin beeku. Gaaffileen kun yaadaa fi sammuu kootti dhufan malee nama kan biraa hin mariisifne. Egaa kun amantii dhuunfaa waan ta’eef namni kan biraa karaa fincila kaasu miti. Gaaffii akkanaa nama gaafachuunis adhaggummaa fakkaachuu danda’a.
Garuu gaaffilee kana ofiidhuma kootiin yaaduutti ka’e. Yeroon kolleejjii ture waa’ee amantii irrattan waa hojjechuu jalqabe ture. Ergasii eegalee amantii kootti hin quufne. “Ani qajeelaadhan ofiin jedhaa? Yesuus dhuguma cubbuu koo hundumaattii na qulleesseeraa?” Haala tabjajjii kana keessatti waa’ee fannoo irratti yaada addaa-addaa kaasuuttan ka’e. Garuu yeroon caalchisee gad of qabu rakkinni koo ni guddate, waldaa hirmaachuus nan dadhabe. Garee kadhannaa hirmaachuuttan ka’e.
Yeroo tabjajjiifi dukkana kana keessaan gara dhugaa beekuuttan dhufe. Waa’ee wangeela bishaanii fi hafuuraa yommuun dhaga’e ifa guddaa tokko tu naaf ta’e. Jijjiiramni ani jireenya koo keessatti uume guddaa natti dhaga’amee na boossise. Garuu wangeela kana yeroon hubadhu, amantiin koo kanaan duraa akka inni rakkina qabu nan bare.
Akka amantii koo kanaan duraatti cubbuun koo gara Yesuusitti hin darbine ture. Akka yaada koo kanaan duraatti Yesuus akkasumatti cubbuu koo ana irraa fuudheera waan ta’eef, an nama cubbuu hin qabnen ture, garuu immoo kun dhugaa ta’uu hin danda’u. Yesuus gara biyya lafaa dhufee cuuphamuun isaa maaliifii? Hoolaa, gad-deebi’aa akka ta’ee of mul’isuufii? Akka nama ta’e mirkaneessuufii? Yookaan immoo waa’ee du’a isaatii dubbachuufii? Ani, waa’ee barbaachisummaa cuuphaa isaatii takkaa abjoodhee hin beeku. Dhugaan cuuphaa isaa keessa jiru garuu, Yesuus Yohaannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu hunda gara ofii isaatti dabarsuu dha.
‘Ohoo! Yesuus cubbuu keenya baatee hoolaa Waaqayyoo ta’uun isaa kanaafii!’ Amma wanti hundinuu natti dhaga’amuutti ka’e. ‘Yesuus sababa cubbuu kootiif fannoo irratti du’e. Garaa kootti sababni ani cubbuuttii qullaa’eef kanaafii!’ Yeroon wangeela, bishaaniifi hafuuraan cuuphamuu Yesuus (dhiiga fannoo isaa fi hafuura waaqummaa Yesuus) baradhe cubbuun ani laphee koo keessaa qaba jedhee yaadu garaa koo keessaa ka’eera.
Amma garuu ani qajeelaa nan ta’ee, Hafuurri Qulqulluus ana keessa buufateera. Amantiin waa’ee fannoo irratti qabu qofti fayyinaan ana hin ga’u ture. Akkaataa cubbuun kee gara Yesuusitti darbee hin beektu yoo ta’e, dhiifama cubbuu argattee, Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeessu. Kanaaf an gooftaa nan galateeffadha. Karaa wangeela bareedaa kana dhiifama cubbuu argadheera.
Yaalii ofii kootii malee, karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa dhifama argadheen keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu barabaraan argadheera. Egaa, amma ija jabummaadhaan akka ani cubbuuttii qullaa’ee mootummaa Waaqayyoo keessa jiru nan beeka. Waaqayyo baasii tokko malee carraa olaanaa kana akkan argadhuuf isa godhe Waaqayyoon nan galateeffadha. Haleeluyaa!
Warri Hafuura Qulqulluu qaban Waaqayyoon duratti cubbuu hin qabani. Akka fedhe iyyuu yoo amantii qabaatte, wangeela fayyinaa isa gooftaan kennetti yoo amante malee fayyuu hin dandeessu. Yoo akkas ta’e malee namni of gowoomsa. Namoonni akkanaa Waaqayyoon arguu hin danda’an. Namni Waaqayyo wajjin walittidhufeenya qabaachuu yoo barbaade, ofii isaa gowoomsuu dhiisee cubbuu isaa himatee qullaa’uu qaba. Fayyinaan kan nama ga’u wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofa. Warri wangeela kanatti amanan Hafuura Qulqulluu fudhachuuf ga’aa ta’u.
Hafuurri Qulqulluun cubbamootaan maal jedha? Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanee dhiifame cubbuu keenyaa akka argannuuf nu qajeelcha. Utuu cubbuu qabduu, hin qabu yoo jette, Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeessu. Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanne ofii isaanii fi Waaqayyoon ni gowoomsu. Cubbamoonni fayyanni Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf, wangeela bishaanii fi Hafuuraa isaan barbaachisa. Haala akkana qofaan firdii Waaqayyoo jalaa ba’uun danda’ama.
Qajeelonni cubbuu isaanii himachuudhaan Hafuura Qulqulluu Wajjin tokkummaa qabaachuu ni danda’u
Warra wangeela bishaanii fi Hafuuratti amananii Hafuura Qulqulluu qabanittan dubbachuu jaalladha. Kottaa waan Waaqayyoo qajeelotatti dubbatu ni ilaalla. 1 Yohannis 1:9 akkana jedha, “Cubbuu keenya yoo himanne inni qajeelaa fi amanamaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf ni dhiisa, jal’lina keenya hundumaattis nu qulleessa.” Akkana jechuun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan cubbuu keenyattii akka qullaa’uu dandeenyu nu hubachiisa. Qajeelonni cubbuu isaanii Waaqayyotti ni himatu. Akkaata kanaatiin Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa uumuu ni danda’ama. Qajeelonni cubbuu isaanii himachaa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanu.
Yeroo fagoo dura, Waaqayyo wangeela bareedaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee, qajeelota cubbuu isaaniittii fayyiseera. Cubbuu isaaniitti fayyuuf wangeela kanatti amanuu isaan barbaachisa. Gooftaan wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin cubbuu keenya hunda nu irraa kaaseera. Qajeelotni wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin garaa isaanii ni qulleeffatu.
Gooftaan keenya qajeelota cuuphaa fi dhiiga isaatiin ilmaan namaa fayyisuun isaa tureera. Kanaafuu warri amanan cubbuu isaanii hundumaattii fayyaniiru. Haa ta’u iyyuu malee, qajeelonni fuula Waaqayyo duratti cubbuu isaanii himachuu qabu. Cubbuu isaanii hundumaattii qullaa’uudhaaf cubbuu isaanii himatanii, wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin of qulleessuun isaan irraa ni eegama. Akkaataa kanatti jireenya isaanii Hafuura Qulqulluun haareffachuu qabu. Warri dhugaa dhaan gooftaa barbaaddatan wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabaachuu ni danda’u.
Hafuura Qulqulluu wajjin attamitti tokkummaa dhugaa qabaachuu dandeenyaa?
Namoonni baayyeen Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa gaarii qabaachuu barbaadu. Garuu utuu dhuma amantii qabanii akkaataa itti fedhii isaanii bakkaan ga’an hin beekani. Namni hundinuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan cubbuu isaanittii hiikamanii Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa jalqabuu ni danda’u.
Haaluma kanaan, karaan qajeelonni Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu danda’an kara wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qofa. Tokkummaan qajeelotaa fi Hafuura Qulqulluu wangeela dhugaatiin ala iddoo hin ga’u. Tokkummaan Hafuura Qulqulluu attamitti dandaa’amaa? Karaa wangeela dhugaa qofa.
Namni bara isaa guutuu cubbamaa akka ta’ee Waaqayyo ni dubbata
1 Yohannis 1:10 irratti akkana jedha, “Cubbuu hin qabnu yoo jenne, isa sobduu gochuu keenya, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.” Waaqayyoon duratti namni cubbuu hin goone hin jiru. Wangeelli, “Haa ta’uu iyyuu malee, namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne, lafa irra hin jiru” (Lallaba 7:20) ni jedha. Waaqayyoon duratti eenyu iyyuu cubbamaa dha. Eenyu iyyuu cubbuu hin qabu yoo jedhe, sobduu dha. Namni gaafa dhalatee eegalee hanga gaafa du’uutti cubbuu ni qabaata waan ta’eef Yesuus Yohannisiin cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe. Cubbuu hin qabnu yoo jenne, Waaqayyo akka fayyisaa keenya ta’e amanuu nu hin barbaachisu ture.
Gooftaan warra cubbuu hin qabnu ofiin jedhaniin, “Dubbiin koo isin keessa hin jiru” jedha. Namni wangeela bishaanii fi Hafuuratti hin amannu yoo ta’e, kan badiisaaf maluu dha. Namni tokko Waaqayyoon duratti ani cubbuu hin qabu yoo jedhe, namni sun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanne jechuu dha.
Waaqayyo wangeela dinqisiisaa nama hundumaaf kenneera. Kanaafuu, fayyuudhaaf cubbuu keenya himannee, wangeela kanaan qullaa’uu qabna. Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuudhaaf wangeela bareedaa kanaan gonfamuu qabna. Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraa nu barbaachisa, warri wangeelicha qaban immoo Waaqayyoo wajjin tokkummaa ni qabaatu.
Namni cubbuu Addaamii fi Ewwaan irraa dhaaleen cubbamaa, Waaqayyo irraa fagaate ta’e. Garuu utuma kun ta’ee jiru, Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabaachuu ni dandeenya. Kana gochuuf immoo wangeela bishaanii fi Hafuuraan Gooftaatti amannee cubbuu keenyattii qullaa’uu nu barbaachisa.
Warri wangeela bareedaatti amananii cubbuu isaaniittii fayyan Hafuura Qulqulluun guutamuu ni danda’u. Qajeelonni sababa Hafuura Qulqulluu fudhataniif Waaqayyo wajjin tokkummaa qabaachuu danda’u. Kanaafuu warri sababa cubbuu isaaniitiif Waaqayyottii citan, gara wangeela bishaanii fi Hafuuraatti deebi’anii fayyuu ni danda’u. Ergasii booda tokkummaa dhugaa Hafuura Qulqulluu wajjin ni qabaatu.
Keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu karaa amantii wangeela bareedaa argama. Keessa namaa buufachuun Hafuura Qulqulluu karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa qofa akka argamu beekuu nu barbaachisa. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuun karaa gara Waaqaa ittiin dhaqanii dha. Waaqayyoo keenyan nuyi fi Waaqayyoon giduu cubbuu dhalootaa fi cubbuu hojiitiin uumame karaa amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraa diigamee cubbbuun keenyattii bilisa taanee karaa Hafuura Qulqulluu isa wajjin deebinee tokkummaa uumuu dandeenya.
Ammas irra deebinee Waaqayyo wajjin tokkummaa uumuu qabna. Tokkummaan Hafuura Qulqulluu wajjinii, karaa amantii wangeela bareedaa iddoon ga’uu dandeenya. Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa nuyi qabnu kan dhugaa ta’uu, yeroo nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraan dhiifama cubbuu akka argannee amannuu dha. Warri dhiifama cubbuu hin qabaanne, Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu hin dandaa’an. Karaa biraatiin eenyu iyyuu yoo wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amane male. Utuu Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu hin danda’uu.
Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuun yoo sitti ulfaate, akka wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amantee dhiifama cubbuu hin argatin jirtu beeku qabda. Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaachuu ni barbaaddaa? Egaa wangeela cuuphamuu Yesuusii fi fannoo isaatti amani. Ergasii booda dhiifama cubbuu argattee, Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni dandeessa. Wangeelli bareedaa kun akka ati Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa qabaattuuf si gargaara.