• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-6] Hafuurri Qulqulluun akka si keessa jiraatu amani (Maatewos 25:1-12)

(Maatewos 25:1-12)
“Yesuus yemmus, Mootummaan Waaqayyoo durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba’an fakkaata. Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afchaalota turan. Warri gowwootni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhatne. Warri afchaalotni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan. Dhirsi misirroo dhufuu turraan hundumti isaanii muganii rafan. Halkan walakkaa immoo sagaleen guddisee, dhirsi misirroo ‘kunooti! Isa simuudhaaf ba’aa!’ jedhutu dhaga’ame. Yemmus durboonni sun hundinuu ka’anii ibsaa tottolfatan, warri gowwootni warra afchaalotaan ibsaan keenya dhaamuuf jedha cuunfaa ejersaa keessan irraa waa nuuf kennaa jedhan, warri afchaalotni deebisanii warra gurguran bira dhaqaa malee innoo nuufis isiniifis hin ga’u jedhani. Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo hin dhufe. Warri qophaa’an isaa wajjin mana cidhichaatti in galan, balbal’s in cufame. Durboota sana keessaa warri hafan immoo dhufanii,’ Yaa gooftaa yaa gooftaa nuuf bani jedhaniin; ‘Inni immoo deebisee ani isiniin hin beeku isaaniin jedhaan.’”
 
 
Hafuurri Qulqulluun gara eenyuun dhaqaa?
Gara warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanani dhiifama cubbuu isaanii argatanii dhaqa.
 
 
Durboonni  warri keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu qabanitti fakkeefaman warra kamii?
 
Kutaa kanaa oliitti, durboota abshaalota shanii fi durboota gowwaa shan argina. Warri gowwootaa shanan warra abshaalotaa kadhatan. Garuu isaan, “Warra gurguran bira dhaqaa malee innoo nuufis isiniifis hin ga’u” jedhan. Haaluma kanaan, warri gowwootni dhadha ejersaa bitachuuf yemmuu dhaqan, warri abshaalonni immoo bakka cidhaa dhaqani. Egaa attamitti dhadhaa ejjersaa gooftichaaf qopheessuu dandeenya? Wanti nuyi gochuu qabnu dhiifama cubbuu isa biraa fudhachuu dha.
Namoota keessatti amantii gosa lama argina. Inni tokko amantii dhiifama cubbuu ti. Kun gara Afuura Qulqulluu fudhachuutti nama geessa. Inni kaan immoo dhiifamni cubbuu kennamus kennamuu baatus calluma jedhanii amantii ofii dhugaa ba’uu dha.
Warri dhuga ba’umsa amantii qofa hordofan wangeelatti immoo baayyee dadhaboo ta’anii jiru. Warri gowwoonni yeroo warra kaan irraa dhadhaa ejersaa bitachuu dhaqan warra Hafuura Qulqulluu barbaacha waldaa-gara waldaatti, manaa-gara manaatti jooranii dha. Warri akkanaa kun utuu firdiin hin dhufin dura wangeela bareedaa irraa amantii akka qabaachuu malan warra dagatanii dha. Fedha ho’aa qaban Waaqayyotti agarsiisanii Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaadu malee amantii sirrii ta’e hin qabaatani. Dhuga ba’umsa diyaaqunii yaalii ofii isaatiin Hafuura Qulqulluu fudhachuuf yaalii godhe tokko mee haa ilaallu. Dhuga ba’umsi kun immoo si gargaara jedheen yaada.
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf waan hundumaa hojjedheera. Yoon amantii kootti jabaadhe, akka an Hafuura Qulqulluu fudhadhu waan an baradheef iddoo kadhannaan jiru hundumaa nan dhaqan ture. Iddoon dhaqaa ture keessa manni tokko meeshaa faarfannaa elektirooniksii qaba ture. Lubni saganticha geggeessus namoota tokko-tokkoon waamee harka adda isaanii irra kaa’ee afaan haaraa ni dubbata. Meeshaa sagalee guddisu qabatee namoota gidduu deddeebi’aa sagalee isaa guddisee, “Ibidda fudhadha-Ibidda fudhadha, Ibidda- fudhadhaa” jechaa harka isaa mataa nama hundumaa irra ni kaa’a, namoonni tokko tokkos of wallaalanii ni kufu turan. Akka kun Hafuura Qulqulluu nama hin fudhachiisne nan shakkaan ture, garuu saganticha irraa mormii hin qabun ture. Kana hundumaa keessaa yaaliin Hafuura Qulqulluu fudhachuuf godhe hin milkoofne.
Muuxannoo kana booda, tulluu irra dhaqee muka jalatti nan kadhadhan ture. Akkasumas olqa dhagaatti galeen kadhachuuttis nan ka’ e; haa ta’u iyyuu malee yaaliin koo tokko iyyuu hin milkoofne. Itti fufee halkan 40f soomeen kadhadhe, garuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeenye. Utuman kanaan jiruu gaaf tokkoo leenjii tokkoo irratti nan affeerame. Leenjiin kun torban keessaa guyyaa tokko ta’ee hanga torban torbaatti kan turu ture.
Leenjiin kun waa’ee jaalala Waaqayyoo, waa’ee du’aa fi du’aa ka’uu Yesuus, waa’ee harka irra kaa’uu, waa’ee ija hojii Hafuura Qulqulluu fi waa’ee guddina Hafuuraa ture. Gara dhuma sagantichaatti lubni saganticha geggeessaa ture harka isaa mataa koo irra kaa’ee akka an Hafuura Qulqulluu fudhadhuuf naaf ni kadhate, akka inni na ajajes nan godhe. Yeroo kanatti gammadeen waaqa dhungachuun na qabee ittuma fufeen, “la-la-la-la” jechuuttan ka’e. Utuun irra deddeebi’ee “la-la-la-la” jedhuu, afaan haaraatiin dubbachuuttan ka’e. Namoonni hedduun afaan haaraatiin kadhachuu kootiif guddaa naaf gammadan. Garuu yeroon mana qofaa koo taa’u nan sodaadhan ture. Kanaafuu, sagantaa leenjii kanaaf fedhii kootiin tajaajila kennuuttan ka’e. Tajaajila kana ittuma fufee kennuun qaba jedheen yaade. Iddoo hedduu dhaquuttan ka’e. Harka koo dhukkubsataa irra kaa’ee yeroon kadhadhu ni fayyu turan. Fuula koo duratti mul’ata argeen kana immoo raajii isaa nan dubbadha jedheen yaade. Raajii an dubadhes sirrii ta’e. Yeroo sanaa eegalee bakka baayyeettan affeeramuutti ka’e. Garuu hanga yeroo kanaatti iyyuu nan sodadhan ture. Utuun kanaan jiru sagalee, “olii-gad hin jooriin, qooda kannaa maatii keetti deebi’ii wangeela fayyinaa lallabi” kan jedhun dhaga’e. Namoonni immoo yoon kennaa kanaan hojjechuu baadhe si irraa fudhatama naan jedhu. Karaa tokko ittiin hojjechuu yoon sodaadhe iyyuu hin dhiifne.
Guyyaa tokko, dubartiin amantii shamanism tokko Yesuusitti amanuuf akka isheen fedha qabdu dhaga’een hiriyoota koo wajjin ishee daawwachuu nan dhaqe. Akka gara ishee dhaqnus dursinee isheetti hin dubbanne. Garuu dubartittiin gadi baatee nu eegaa waan turteef yeroo nuyi achii geenyu, “amantii shamanism warra lixaa fi warra ba’aa gidduu garaagarummaan hin jiru. Isin Yesuus warra shamanism dha. Inni kan keenyaa sodaataa dhaa, inni kan keessanii garuu cimaa dhaa, gara keenya hin dhufinaa’’ nuun jette. Wanti dubartittiin warra shamanism jettu kun mataa koo na rukute. Wanti ani godhu kun isa kan warra shamanism irraa garaagarummaa hin qabu jechuu dhaa jedheen yaade. Laphee koo keessa cubbuun waan jiruuf wanti an hanga ammaatti hojjedhe Hafuura Qulqulluu akka inni naaf hin argamsiifne nan hubadhe.
Dhuga ba’umsa kana irraa yeroo waa barru, waa’een Hafuura Qulqulluu fudhachuu yaada keenya garas akka ta’e ilaalla. Sababiin amantiin akkanaa wangeela Waaqayyoo irratti kan hundaa’e miti, jireenyi akkanaas dibata Hafuura Qulqulluu namaa hin argamsiisu.
Macaafa Qulqulluu keessatti ifni hojii waldaa yeroo ta’u, dhadhaan ejersaa immoo Hafuura Qulqulluu agarsiisa. Namni tokko callu ma jedhee waldaa Waaqayyoo kan hin taane keessatti warri waaqeffatan kun gowwummaa isa Hafuura Qulqulluu nama hin argachiisne keessa jiru.
Warri gowwootaa qajeelummaa mataa isaanii hojiidhaan agarsiisuu barbaadu. Isaan hawwii guddaadhaan Waaqayyoof hojjechuu barbaadu. Waaqayyoof hinaafanii CM 20 ni hojjennaaf yoo jedhan, guyyaa tokkotti immoo CM 1 hojjetuuf yoo ta’e waan hinaafaniif s ana guyyaa 20 qofatti fixuuf jechuu dha. Amantii isaanii booda kan jiru dhageettii isaanii hojii irra oolchuuf ganama, halkan, soomaa fi kadhataan of kakaasanii ni hojjetu. Jarri kun dhageettii isaanii isa dhuma hin qabne kanaan qabamanii Waaqayyoof hojjetu.
Dhageettiin isaanii kun maqaa Yesuusiin kan ho’ee dha. Kanas bakkaan ga’achuuf cimanii waldaa ni hirmaatu garuu quufa amantii waan hin qabneef tabjaaja’anii amma iyyuu waan tokko ni barbaadu. Sababii kana godhaniif immoo amantiin isaanii kun sochii qaamaa irratti kan hundaa’ee waan ta’eef, akkasitti immoo waan argatan hin qaban waan ta’eef seenaan isaanii kun akka hin badneef baayyee of eeggatu. Amantii akkanaatiin Hafuura Qulqulluu fudhachuus hin danda’ani. Fedhii isaanitiin gubachuun kun amantii miti waan ta’eef Hafuura Qulqulluu isaaniif hin argamsiisu.
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf Waaqayyoon duratti amantii guutuu qabaachuu nama barbaachisa. Yoo akkas ta’e qofa Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandeenya. Amantiin Hafuura Qulqulluu argachuuf ga’aa nu godhu amantii attamii tii? Amantii isa akka Yesuus laga Yordaanositti cuuphamee, cubbuu keenya nu irraa fuudhee, sababaii kanaaf du’a fannoo du’ettii qabu tu Hafuura Qulqulluu namaa argamsiisa.
Waaqayyo ilmaan namaa akka “sanyii hamootaa” (Isaiah 1:4) taane nutti dubbata. Kana fudhachuu qabna. Namni cubbuu gosa 12 fudhatee dhalata (Maarqos 7:21-23). Namni gaafa dhalatee eegalee hanga gaafa du’uutti cubbuu ni hojjeta.
Yohaannis.1:6-7 irratti barreeffamee kan jiru yoo ilaalle, “Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas Yohannis jedhama. Inni kun dhugaa ba’uudhaaf dhufe; namootni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa’ee ifichaa dhugaa ba’e.” Yohaannis Yesuusiin cuuphuudhaan cubbuu biyya lafaa itti dabarseera, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” (Yohaannis 1:29) jedhe. Cuuphuu Yesuus isa cubbuu keenya nu irraa kaasiseef galanni haa ta’u. Utuu dhuga ba’umsii Yohannisii fi cuuphamuun Yesuus hin jiru ta’ee, silaa maaliif akka Yesuus nuuf du’ee iyyuu hin beeknu turre. Sila akkaataa Hafuura Qulqulluu itti fudhatanis hin beekin hafna turre. Garuu dhuga ba’umsa Yohannisiif galanni haa ta’u, akka Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaase barre Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandeenyeerra.
Amantii kanaan, misirroota dhirsa isaanii eeggataa jiran ni taana. Nuyi durboota warra guutummaa Hafuura Qulqulluu fudhachuuf eeggataa jirruu taana.
Garaa kee guutuudhaan wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanteettaa? Yesuus Yohannis cuuphaan cuuphamuu isaatiin akka cubbuu kee si irraa kaase amanteettaa? Macaafni Qulqulluun, “Egaa amantiin dhaga’uu irraan ni dhufa, wanti dhaga’uun ta’u immoo dubbii Kiristoosiin ni beekama” (Roomaa 10:17). Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf Yesuus Yohannis cuuphaan cuuphamuu isaatii fi sababii kanaaf fannoo irratti akka du’e amanuu barbaachisa. Hafuurri Qulqulluun kan nu keessa buufatu Yeroo nuyi akka Yesuus fooniin gara biyya lafaa dhufe, Yohannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee gara fannoo akka dhaqe yeroo amannuu dha.
Bara ammaa kanattis akkuma seenaa durboota kudhanii amantoota gosa lama tu jiru. Ati egaa gosa warra kamii tii? Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amantee Hafuura Qulqulluu fudhachuu qabda. Utuma waldaa keessa jirtuu ganaa Hafuura Qulqulluu fudhachuuf eeggataa jirtaa? Karaa sirrii ta’een akkaataa Hafuura Qulqulluu itti fudhattu beekuu qabda.
Amantii attamiitiin Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandeenyaa? Karaa amantii warra Shamanism fudhachuu ni dandeenyaa? Of wallaaluudhaan Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni dandeenyaa? Amantii sobaatiin Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni dandeenyaa? Yeroo hundaa kadhachuudhaan dhiifama cubbuu argachuun ni dandaa’amaa? Macaafni Qulqulluun yeroo Yesuus cuuphame Hafuurri Qulqulluun akka gugeetti dhufee irra bu’e jedha. Inni cubbuu keenya hundumaa nuuf baachuuf jecha cuuphamee gatii cubbuu keenyaaf immoo gara fannoo dhaqe.
Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf jedhee Yohannisiin cuuphame gatii cubbuu isa ofitti fudhateef du’a fannoo du’ee dhiifama cubbuu keenyaas isumaan arganneerra. Kun egaa dhugaa dha. Yesuus sababa cubbuu keenyaa du’ee du’aa ka’e. Dhiifama cubbuu argachuuf, akka Yesuus cuuphamee fi du’a fannoo du’e amanu barbaachisa. Warri cuuphamuu Yesuusitti amanuudhaan cubbuu isaaniittii qullaa’an akkuma guyyaa Yesuus cuuphame (Maatewos 3:13-15) Hafuurri Qulqulluun akka gugeetti dhufee isaan irra ni buufata.
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf, cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusitti amanuun murteessaa dha. Hafuurri Qulqulluun nama dhiifama cubbuu qabu irra nagaadhaan akka gugeetti dhufee irra ni buufata. Warri Hafuura Qulqulluu qabanis, amantiidhaan dhiifama cubbuu sababa argataniif akka Hafuura Qulqulluu argatan beekuu qabu. Hafuurri Qulqulluun warra garaa isaanii guutuudhaan dhiifama cubbuu akka qaban amanan irra buufata.
Yesuus Kiristoos buddeenaa fi wayiniidhaan dhufe (Maatewos 26:26-28, Yohannis 6:53-56). Yesuus battala bishaan keessa cuuphamee ba’een, sagaleen waaqa irraa “Kun ilma koo, isa ani itti gammaduu dha” (Maatewos 3:17).
Sadan Waaqummaatti amanuun salphaa dha. Waaqayyo abbaa Yesuus yeroo ta’u, Yesuus immoo ilma Waaqayyoo ti. Hafuurri Qulqulluunis Waaqayyoo dha. Sadan Waaqummaan Waaqayyo tokkoo dha.
Fannoo qofaatti amanuudhaan Hafuura Qulqulluu fudhachuun, ykn hojii gaariitiin of qulleessuun akka hin dandaa’amne beekuu qabda. Akka Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya nu irraa kaasee fannoo irratti nuuf du’e amanuudhaan Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni dandeessa. Dhugichi nama hundumaaf ifaa dha. Dhiifama cubbuu fudhatanii Hafuura Qulqulluu argachuun salphaa dha.
Waaqayyo dubbii salphaa dhaan namatti dubbata. Dandeettii yaada namaa nama walabaa tokko iyyuu (IQ) 110 hanga 120 ti. Wangeelli nama kamiifiyyuu ifaa dha. Ijoollee waggaa 4 ykn 5 f iyyuu taanaan salphaatti ni galaaf. Utuu Waaqayyo akkaataa hubachuun isaa nama rakkisuun namatti ni dubbata ta’e, silaa dandeenye ni hubannaa? Waaqayyo qajeelummaa isaa tiin dhiifama cubbuu fi Hafuura Qulqulluu warra itti amananiif kenne.
Harka irra kaa’uu yookaan kadhannaa qalbii diddiirrannaatiin Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeenyu. Hafuurri Qulqulluun sababa soomne kadhannee fi yookaan kadhachaa bulleef nuuf hin kennamu. Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf amantii attamii nu barbaachisaa? Amantii isa akka Yesuus gara biyya lafaa dhufee, cubbuu keenya nu irraa kaasuuf cuuphamee, du’ee du’aa ka’e qabuu dha.
 
 
Dhuguma kanatti amanuu qabnaa?
 
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf maaliif dhiifama cubbuu nu barbaachise? Miseensa mootummaa Waaqayyoo ta’uuf Hafuura isaa nu barbaachisa. Kanaafuu, Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf, fayyisuu, cuuphamuu isaa fi nuuf du’uu isaatiin dhiifama cubbuu akka qabnu beekuu qabna.
Warra dhiifama cubbuu qabaniif Waaqayyo maaliif Hafuura Qulqulluu kenna? Sababiin isaa akka saba isaa ta’an mallatteessuudhaafi. Warra akka sagalee isaatiitti isatti amanan, qabisiisaaf Hafuura Qulqulluutiin mallatteessa.
Namoonni hedduun amantii dogoggoraa keessa jiru. Cuuphamuu Yesuusitti amananii dhiifama cubbuu argachuun salphaa dha. Nu warra Hafuura Qulqulluu fudhateef salphaa dha. Isaan garuu dhugicha hubachuu irra karaa bira Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaadu, fakkeenyaaf sobanii kufanii of wallaalu. Sanyi seexanni facase kanaan raata’anii akka isaaf kufaa jiranis hin hubatan.
Hafuurri Qulqulluun warra wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amananii dhiifama cubbuu argatan keessa ni buufata. Warra wangeela fayyinaa kanaan fayyan qofaa tu, “cubbuun ana keessa hin jiru” jechuu danda’u. Warri fayyina cubbuu karaa wangeela dhugaa hin fudhatin, ani cubbamaa dha ofiin jedhu sababiinsaa akka gooftaan cubbuu isaanii irraa kaase kan labsu wangeela dhugaa bira waan hin geenyeef. Haaluma kanaan Waaqayyo warra wangeela dhugaatiin isatti amananii dhiifama cubbuu argataniif qabsiisa jireenya barabaraaf Hafuura isaa kennaaf jechuu dha.
Cuuphaa fi dhiigni Yesuus akka cubbuu biyya lafaa irraa kaase eenyutu dhugaa ba’e. Yesuus ofii isaa, bartoota fi Hafuurri Qulqulluu dhugaa ba’u. Cubbuu biyya lafaa irraa kaasuuf kan akeeke eenyuu dhaa? Qulqulluu Waaqayyo abbaa. Akeeka kana eenyutu bakkaan ga’e? Yesuus Kiristoos. Nama amanee fayyetti immoo kan mallattoo itti godhee mirkaneessu eenyuu? Hafuura Qulqulluu dha.
Waaqayyo karaa cuuphaa fi dhiiga isaatii ilmaan namaa fayyisuuf akeekeera. Kanaafuu, dhuma irratti sadan tokkummaan fayyina keenya ni mirkaneessa.
Maatewos 3:17 akka kanatti barreeffamee jira, “Kun ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammaduu dha.” Warri Hafuura Qulqulluu of keessaa qaban saba Waaqayyoo ti. Yesuus duraandursee iyyuu Waaqayyoo dha. Waaqayyo abbaan akkana jedha, “Dhiifama cubbuu keetii argachuu yoo barbaadde, akka cubbuun kee karaa Yesuus, tokkicha ilma kootii si irraa ka’e amanii, Hafuura Qulqulluu fudhadhuu ti mucaa koo ta’i.” Warri dhiifama cubbuu qaban ijoollee Waaqayyoo ta’aniiru. Isaan ijollee, dhiiraa fi durbaa Waaqayyoo ti. Warri dhiifama cubbuu argatanii fayyanni immoo qabsiisa Hafuura Qulqulluutiin mallatteefaniiru. Isaan Hafuura Qulqulluu of keessaa qabu. Yeroo cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amannu qofa dhiifama cubbuu arganna.
Namoonni duwwaa of godhanii wangeela fayyinaatti amanuu irraa, akka waan cubbuun dhaalaa callifameetti ni lakkaa’u, kara biraa immoo, dhiifama kadhannaa dheeraa, qalbii diddiirrannaatiin dhifama cubbuu hojii argachuuf yaalii godhu. Yoo akkasitti ni hubbanna taane wangeela yeroo dubbifannu ni tabjaajofna. Kanaaf, amantiin isaanii isa kan ergamootaattii adda ta’a.
Namoonni tokko tokko Hafuurri Qulqulluun, “karaa kadhannaa” dhufa jedhu. Garuu kun akka Macaafa Qulqulluutti sirrii miti. Kun dhugaa yoo fakkaate iyyuu, Macaafni Qulqulluun immoo, yeroo Yesuus cuuphamee bishaan keessaa ba’e Hafuurri Qulqulluun akka gugeetti dhufee irra buufate jedha. Kun kan inni nutti agarsiisu, Hafuura Qulqulluu fudhachuu yoo barbaanne cuuphamuu Yesuus, du’a fannoo, du’aa akka ka’ee, fayyisaa keenyaas akka ta’e amanuu akka qabnuu dha.
Yeroo nuyi dhugaa kanatti amannee Hafuura Qulqulluu fudhannu Waaqayyoo maal nuun jedhaa? “Eyyee ati mucaa koo ti. Inni kun mucaa koo isa ani itti gammaduu dha” nuun jedha. Warra gooftaatti amanee dhiifama cubbuu argachuuf jiraaniifis Waaqayyo akkanuma jedha. Kun abdii Waaqayyo ijoollee isaa nu godhachuuf hojjetuu dha.
Garuu namoonni Hafuura Qulqulluu fudhachuun kara biraa jira jedhu. Hafuurri Qulqulluu boo’anii iyyanii kadhachuudhaan dhufa jettee ni yaadda? Hojiin Waaqayyoo raawwate fedha isaatti kan hidhame waan ta’eef inni Hafuura isaa warra dhiifama cubbuu argataniif kenna. Inni, “Akkan ilmi koo cuuphamee, cubbuu kee gara ofii isaatti fudhee, iddoo kee akka firdii baatu godheera. Ilma koo fayyisaa godhee sii ergeera. Yoo ati ilma koo ti amantee dhiifama cubbuu argate, Hafuura Qulqulluu koon sii erga” jedha.
Waaqayyo abbaan keenya akka fedha isaatti hojjeta. Namni tokko alkan hanga sombi isa tarsa’uutti iyyuu yoo kadhate Waaqayyo akkanatti garaa laafee Hafuura isaa hin kennuuf. Faallaa isaa, “ati dhugaan sitti dubbadhu amma iyyuu hin dhageenye jedha. Sababa ati dhugaa dubbii kootii hin amanneef Hafuurri Qulqulluun si irra ittifameera” jedha.
Biyya lafaa kanatti, murtiin ilmaan namaa ni jijjiirama, garuu sirni Waaqayyo dhiifama cubbuu tiif kaa’e achuma jira. Karaa dogoggoraa irra yoo buune, salphaatti gara dhugaatti deebi’uu dadhabna. Macaafni Qulqulluun Yesuus warra hin abboomamneef dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisuu dha jedha (1 Pheexiros 2:8).
Warri Yesuusitti ni amanna jedhanii cuuphamuu isaatiin akka inni cubbuu isaanii gara ofii isaatiitti irraa fuudhe hin amanne amantii walakkaa waan ta’eef isaan akkanaa fayyuu hin dandaa’ani. Kanaafuu, amantii guutuu qabaannee, fayyina argachuudhaaf, akka Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin cubbuu biyya lafaa fayyise amanuu qabna. Fayyina jechuunis dhiifama cubbuu argachuu jechuu dha.
Mee jireenya Yesuus yeroo inni lafa irra ture haa ilaallu. Yesuus nama ta’ee gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara isaatti dabarse. Firdii sii’oliin nu oolchuuf immoo fannoo irratti nuuf du’eera. Warri dhugaa kanatti amanan Hafuura Qulqulluu akka kennaatti fudhatu.
Kanaafuu, Hafuura Ququlluu fudhachuuf karaa dhugaatti amanuu qabna. Wanti barbaadamu dhugaatti amanuu dha. Yoo kana goone, Yesuus si eegaa, si eebbisa. Warri laphee isaanii duwwaa of godhanii dhiifama cubbuu argatanii dhugichatti amananii Hafuura Qulqulluu ni fudhatu. Isaan warra kaaniinis karaa dhugaa irra geggeessuu danda’u.
Akka Yesuus cuuphaa fi dhiiga isaatiin nu fayyise amanuu qabna. Kanatti amanuu qofaan, eebba dhiifama cubbuu argannee, jireenya barabaraa fi kennaa keessa nama buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandeenya. Yesuus gooftaa dhiifama cubbuu isa karaa cuuphaa fi dhiiga isaatii cubbuu keenya nu irraa kaasee dha. Yesuus warra dubbii dhugaatti amanan qulleessee Hafuura Qulqulluu kennaaf. Amantii dhugaatiin Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni dandeessa.