(Isaayaas 9:6-7)
“Mucaan nuuf dhalateera, Ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, ‘gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa barabaraa, angafa nagaa’ ni jedhama. Guddinni mootummaa isaa fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu. Inni teessoo Daawwittii fi mootummaa isaa irratti ni mo’a, isa ni ijaaras, firdii dhaaf qajeelummaadhaan ammaa-hamma barabaraatti isa ni eega. Hinnaffaan Waaqayyoo gooftaan Maccaa kana ni godha.”
Hafuurri Qulqulluun akka inni amantoota
keessa jiraatu kan godhu maali?
Wangeela miidhagaa bishaanii fi Hafuuraa
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf, wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna. Gooftaan, dinqii, gorsaa, Waaqayyo-jabaa jedhameera. Gooftaan karaa gara Waaqa ittiin dhaqan akka ta’e ofii isaa beeksiiseera. Yesuus Kiristoos wangeela miidhagaa nama hundumaaf kenne.
Haa ta’uu iyyuu malee, namoonni dukkana cubbuu keessa jiran hedduu dha. Isaan dukkanicha harkaa ba’uuf baayyee tattaafatu haa ta’uu malee, wangeela miidhagaa sababa hin barreef cubbuu jalaa miliquu hin danda’an. Ijaa isaa barsiisa sobaatiin goganii jiru. Garuu faallaa isaa immoo, warra wangeela dhugaa barbaadan, wangeela miidhagaa quunnamanii bara isaanii isa hafee eebbaa Waaqayyootiin jiraachuu danda’u. Namoonni cubbuu isaanittii akka hiikamaniif Waaqayyo wangeela miidhagaa kana akkan barsiisuuf eebbaa addaa akka inni naaf banne hubadheera.
Kanaafuu, eebba isaatiin yoo ta’ee malee cubbuuttii furamuun hin argamu. Gooftaa quunnamne Hafuura Qulqulluu yoo fudhanne, warra eebbifaman ni taana. Garuu kan nama gaddisisuu, namoonni hedduun eebbii amantii wangeela bareedaa keessaan akka ta’e hin hubatin jiru.
Eebbi Waaqayyoo wangeela dhugaa isa karaa Yesuus Kiristoos, tokkichi ilma Waaqayyo nuuf kenname irraa kan madduu dha. Cubbuu biyya lafaattii kan nu fayyisee nu eebbise tokkichaa Yesuus Kiristoosii dha. Cubbuu keenyaaf kan nu gargaaru ykn kan nu irraa haqu eessa iyyuu hin jiru. Eenyutu cubbuu isaattii of gargaaree du’a barabaraattii of oolchuu danda’aa?
Waaqayyo akkana nuun jedha, “Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du’aa ti” (Fakkeenya 16:25). Namoonni amantii ofii isaanii dhaabbatanii gara du’aa fi badiisaatti ofii isaanii oofaa jiru. Amantii hedduun qajeelummaa qabaniin of ni jaju cubbuu isaaniittii fayyuufis karaa ofii isaanii ni lallabu, garuu karaan fayyina karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa gooftaan nuuf kenne qofa. Fayyisaan Yesuus Kiristoos isa cubbuu keenyattii nu fayyisee qofa dha.
Yohannis 14:6 irratti gooftaan, “Karaan dhugaan, jireenyis ana” jedhe. Inni warra karaa du’aa irra jiraniif foon isaa fi dhiiga isaa kenna. Inni karaa jireenya dhugaa akka ta’e of beeksiseera. Waaqayyo warri wangeela bareedaa isa Yesuus dubbateetti hin amanne, mootummaa isaatti hin galu jedha.
Dhiifama cubbuu keenya argannee mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf Wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa akka inni fayyisaa ta’ee mul’isutti amanuu qabna.
Al tokko Israa’el durii keessatti!
“Bara Ahaaz ilmi Yotaam Uziyaa mootii Yihudaa turetti, Resiin mootiin Sooriyaa fi Pheqaan ilmi Reemaaliyaa mootiin Israa’el, Yersusaalemin loluudhaaf itti ni duulan; garuu mandarattii qabachuu hin dandeenye” (Isaayaas 7:1).
Israa’el duriinsaa saba tokko ture. Garuu, Israa’el Kaabaa fi Kibbatti gargar qoodame. Manni qulqullummaa Waaqayyo kibba, Yihudaa, iddoo Rehobiyaam ilmi Solomoon irratti mo’aa irra ture. Booddana immoo Yerobi’aam, hojjettoota Solomoon keessaa inni tokko immoo kaabaa irratti biyya tokko ni dhaabe, Israa’elis bakka lamatti hirame. Yeroo sanaa eegalee, Waaqayyoon amanachuun namootaas gad mujujaa adeeme. Gad mujujaa adeemuun amantii kun amantii sobaa bara ammaattiif burqaa ta’eera. Yerobi’aam egaa nama barsiisa sobaa uumee dha. Inni mootummaa isaa eeggachuudhaaf jedhee, seera Waaqayyoo fooyyesse waan ta’eef abbaa barsiisa sobaa jalqaba uumee ta’eera. Inni saba Israa’eliif amantii addaaddaa kaaba irratti uumuu irra iyyuu darbee Yihudaa warra kaabaa weeraruuf abbaleera. Gara waggaa 200 erga darbee iyyuu, diinummaan saba kana lamaan gidduu jiru hin jijjiiramne.
Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo karaa Isaayaas ni dubbate, “Warri Sooriyaa fi warri Efreem ilma Remaaliyaa wajjin sitti koratanii, kottaa dhaqne biyya Yihudaa qabannee rakkifnee ni hirmaanna! Ilma Xaabe’elis isa irratti ni moosifna ni jedhu, ani Waaqayyoo gooftaan garuu, ‘wanti kun hin ta’u. Fixaanis hin ba’u. Mataan Sooriyaa Damasqoo akkuma ta’ee Damasqoo immoo Resiin; waggoota jaatamii shanan kana keessatti Efreem ni caccaba, saba ta’uun isaas ni hafa. Mataan Efreem Samaariyaa akkuma ta’e, mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti. Yoo amanuu dhaa baattan, jabaattanii dhaabachuu hin dandeessan jedhe’ nan jedha” (Isaayaas 7:5-9).
Yeroo sanatti, karaa Isaayaasiin Mootii Ahaazitti dubbate, garuu mootichi isa irraa amantii hin qabu ture. Ahaaz loltoota Sooriyaa illee of irraa ittisuu hin danda’uu jedhee dhiphate, akka Sooriyaa fi Israa’el waliin ta’anii isa weeraruuf qophaa’an yommuu dhaga’e immoo sodaate ni rooqome. Garuu garbichii Waaqayyoo Isaayaas, dhufee akkana jedhee itti dubbate, “wagga jaatamii shanii asitti, kaabni Israa’el ni caba. Mareen hamaa mootota lamaanii kun iddoo hin ga’u.”
Garbichi Waaqayyoo Mootiin Ahaaz akka milikkita Waaqayyo biraa barbaaduuf itti dubbate. Inni “baayyee gad fagoo yookis baayyee ol fagoo iyyuu yoo ta’e iyyuu, ana Waaqayyoo gooftaa kee biraa milikkita kadhadhu” jedhe. (Isaayaas 7:11). Yommus Isaayaas, “Yaa sanyi Daawwit mee dhaga’a! Inni isin nama dadhabsiiftan, isinitti xinnaan Waaqayoo koos immoo dadhabsiiftuu ree? Kanaafis Waaqayyo ofii isaatti milikkita isiniif ni kenna, kunoo, durbiin ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas, ‘Amaanu’el jettee ni moggafti’” (Isaayaas 7:13-14). Amaanu’el jechuunis Waaqayyo nuu wajjin jira jechuu dha.
Diinni Waaqayyoo eenyuu dhaa?
Diinni namaa cubbuu dha, hundeen cubbuu immoo Seexana. Egaa fayyisaan cubbuu keenya eenyuu dhaa? Fayyisaan Yesuus ilma Waaqayyoo malee kan biraa hin jiru. Foonni namaa dadhabaadhaa waan ta’eef ofiin cubbuu gochuu hin dand’u ture. Inni aangoo Seexanaa jalaan cubbuu hojjete. Ammumma iyyuu namoonni mana qaalluu kan dhaqan jiru, akka qaalluun sobduu sun gorsettis immoo jiraachuuf yaalii ni godhu. Kun aangoo Seexanaa jala jiraachuu isaaniitiif ragaa dha.
Waaqayyo durbi ni ulfoofti ilmas ni deessi, maqaa isaas Amaanu’el jedhamee ni moggaafama, jechuudhaan Isaayaasiif ragaa fayyinaa kenne. Yesuus foon namaa uffatee fakkeenya keenyaan ergamee acuuccaa Seexanaa jalaa nu baasuun isaa akeeka Waaqayyo ti. Bu’uura raajii dubbatame sanaan, Yesuus Mariyaam durba irraa dhalatee gara biyya lafaa dhufe.
Utuu Yesuus gara biyya lafaa hin dhufne ta’ee sila hanga ammaatti iyyuu mootummaa Seexanaa jala jirra ture. Garuu Yesuus gara biyya lafaa dhufee Yohannis cuuphaadhaan cuuphamee, fannoo irratti du’ee cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf wangeela bareedaa nuuf kenneera. Kanaafuu, namoonni hedduun wangeela bareedaa kanatti amananii, dhiifama cubbuu argatanii ijoollee Waaqayyoo ta’aniiru.
Bara ammaattiyyuu, warri macaafa Qulqulluu qoratan Yesuus Kiristoos Waaqayyo immoo namaa kan jedhuu irratti falmii hedduu kaasanii jiru. Ijbbaachiiftoonni beektonni ti’ooloogii (conservative theologians) “Yesuus Waaqayyo dha” jedhu, garuu beektonni ti’ooloogii haaraa ka’aa jiran immoo Yesuus ilma Yooseef seera dhabeessa jedhanii falmu. Kun attam nama gaddisiisa.
Beektonni ti’ooloogii haaraa bara kanaa, akka Yesuus bishaan gubbaa adeeme ni shakku. Isaan, “Yesuus dayessa gubbaa gaara xiqqoo irra adeeme, bartoonni isaa immoo fagootti isa ilaalanii akka wanta inni bishaan gubbaa adeemetti yaadan” jedhu. Bara ammaa kana keessa namoonni mana barumsaa Ti’ooloogii Haaraa (New Theology) tti baratanii dookteerummaa ogummaa hafuuraa (doctors of divinity) fudhachaa jiran beektota gurguddoo miti. Baayyeen isaanii Macaafa Qulqulluu keessatti wantoota hubachuu danda’an qofa amanuu jaallatu.
Fakeenya kan biraa kennuudhaaf, Yesuus qorxummii lamaa fi buddeenaa shaniin namoota 5000 nyaachiseera. Garuu waa’ee dinqii kana ni shakku. Isaan akka armaan gadiitti hiikkaa isaa itti kennu. “Namoonni beelan du’uuf jedhan Yesuusiin duukaa ni bu’u turan. Kanaaf Yesuus bartoonni isaa nyaata jiru irratti akka namoota walitti qabanii teesisaniif ni gaafate. Achi keessaa inni quxusuun nyaata isaa fedhiidhaan ni kenne; warri angafaas midhaan isaanii ni kennan. Erga nyaatni sun walitti qabamee nyaatamee booda, gundoon kudha lama irraa hafe.” Beektonni Ti’ooloogii akkanaa kun, sagalee Waaqayyoo akka yaada isaanii isa murtaa’aa sanatti hiikkachuu barbaadu.
Dhugaa Waaqayyootti amanuu jechuun wangeela miidhagaa inni nuuf kennetti amanuu dha. Amantii jechuun wanta akka yaada ofiitti ni ta’a jedhanii tokkotti amanuu jechuu miti. Yoo hubannes yoo hubachuudhaa baannes, akkuma inni barreeffamee jirutti fudhannee itti amanuu qabna.
Yesuus akka Ilma Namaatti gara keenya dhufe jechuun cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf gara keenya dhufe jechuudha. Yesuus, Waaqayyo, nu fayyisuudhaaf gara keenya dhufe. Isaayaas Yesuus akka Ilma Namaatti Maariyaam durba irra akka dhalatu raajii dubbateera.
Seera Uumamaa 3:15 irratti, gooftaan bofichaan akkana jedhe, “Sii fi dubartittii gidduu diinummaa nan kaa’a, Inni mataa kee ni burqusa, ati immoo koomee isa ni hiddita.” Kun akka Waaqayyo Yesuusiin erguuf akeeke, innis akka fayyisaa cubbuu nama hundumaa ta’ee mul’atu agarsiisa.
Macaafa Qulqulluu keessatti, “Ammas immoo mo’ichii kee meeree, yaa du’aa? Arfiin kees meeree yaa du’aa? Arfiin du’atti nama oofuu cubbuu dha; cubbuu kan humna godhachiisu seera” (1 Qorontos 15:55-56) jedhamee caafamee fiixaan ba’eera. Hundeen du’aa cubbuu dha. Yeroo namni cubbuu hojjete, du’aaf garba ta’e. Garuu, gooftaan abdii kana kenne, “Sanyiin dubartittii mataa kee ni burqusa.” Akkana jechuun Yesuus hundee cubbuu isa Seexanni kaa’ee ni balleessa jechuu dha.
Yesuus gara biyya lafaa kana dhufee, cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhachuudhaaf cuuphamee, firdii cubbuuf immoo gara fannoo du’aa dhaqe. Inni warra wangeela dhugaatti amanan cubbuu isaanii hundumaattii isaan fayyiseera. Yeroo Addaamii fi Ewwaan cubbuu hojjetan, Waaqayyo immoo ilmaan namaa hunda aangoo Seexanaa jalaa akka isaan baasu abdachiise. Biyya lafaa isa jabanaa kana keessatti, diinni Waaqayyoo warra wangeela bareedaatti hin amannee dha.
Yesuus maaliif biyya lafaa kana keessatti dhalate?
Waaqayyo cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhe seeraa fi wangeela bareedaa nuuf kenneera. Seera jalatti namni cubbamaa waan ta’eef fuula Waaqayyoo durattis yakkamaa ta’ee argama. Kanaafuu, akka namni cubbuu isaa hubatuuf Waaqayyo seera kenneera. Yeroo namni cubbuu fi seeraaf garba ta’u, gooftaan keenya qajeelummaa seerrii barbaadu guutuuf gara biyya lafaa dhufe.
Yesuus seera jalatti dhalate. Inni bara seeraa keessatti dhalates. Sababa namoonni seera barbaadaniif cubbuu isaanii ittiin baranii dhiifama isaas barbaaddachuudhaaf. Namoonni uffannaa isaanii miiccatan akka inni xurii qabuu yoo arganii dha. Haaluma kanaan, cubbuu of siriitti beekuudhaaf, seera Waaqayyoo beekuun barbaachisaa dha. Seerri hin jiru taanaan, hubannoon cubbuu hin jiraatu, Yesuusis dhimma gara biyya lafaa dhufuuf hin qabu ture.
Seera Waaqayyoo ni beekta yoo taate, carraa isa quunnamuu ni qabaatta. Seera isaa beekne yoo taane waa’ee cubbuu keenyaas barreerra jechaa dha. Erga cubbuu keenya hubannee qofa Yesuus Kiristoos wangeela miidhagaa sana nu hubachiisa. Waaqayyo seera isaa nuuf hin laanne utuu ta’e, cubbamoonnis firdiinis hin jiraatu ture. Kanaafuu Waaqayyoo seera nuuf ergee cubbuu keenyaa akka barru erga godhee booda cubbuu keenyattii kan nu fayyisu wangeela bareedaa sana immoo nuuf erge.
Seerri Uumaaa fi uumama gidduu jiru fayyisuu seera Waaqayyoo ti. Kun seera jaalalaa ti. Waaqayyo namichaan, “Muka isa gaarii fi hamaa beeksisu sanattii garuu hin nyaattu” (Uumama 2:17). Seerri Waaqayyo nuuf kenne, kun immoo hundee fayyisuu jaalala Waaqayyoo ti. Seerri fayyinaa dhiifama cubbuu irratti kan hundaa’ee dha. Waaqayyo uumaa akka ta’ee fi wanti hundinuu fedha isaatiin akka dhufe dubbata. Kun Waaqayyo jiraataa muda hin qabne waan ta’ee fi namni wangeela bareedaatiin fayyuudhaaf seera fayyinaatti akka amanuu qabu dubbata.
Waaqayyoo ofiisaattiis gaarummaa isaattis guutuudha. Jaalalli Waaqayyo biyya lafaatiif qabuu akka inni tokkicha ilma isaa furee cubbuuf aarsaa godhu taasise. Utuu Waaqayyo cubbuu keenyattii nu fayyisuu jedhee wangeela bareedaa nuuf hin ergine ta’e, namni isa irratti guungumaa hafa ture. Waaqayyo isa nuyi of balleessinettii nu fayyisuudhaaf jedhe seera isaa nuuf kenneera. Sababii seeraatiif, cubbuu keenya kallattiidhaan ilaallee hubanne wangeela bareedaa keessan Yesuusitti amanuu jalqabne. Yeroo nuyi dubbii Waaqayyoo irratti fincillu, seera isaa duratti yakkamoota taanee waan mul’annuuf Waaqayyoon dura jilbeeffanne araara isaa kadhanna.
Yesuus dubartii irraa dhalatee cubbuu ilmaan namootaa fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Yesuus akeeka Waaqayyo nuuf qabu raawwachuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Kanaafuu wangeela miidhagaa inni nuuf kennetti ni amanna. Isaaf galanni haa ta’u.
Kaan akkana jedhani ni komatu, “Waaqayyo maaliif nama salphaatti kufu na godhee cubbuu koof immoo dhiphadhaa?” Garuu Waaqayyo akka nuyi rakkannu hin barbaadu. Garuu wangeela Yesuusiin ni shakkina yoo taane ni dhiphanna. Waaqayyo dhiphinaa fi Wangeela miidhagaa nu duraa kaa’ee akka ijoollee isaatti akka nuyi aangoo qabaannu barbaada. Kun egaa akeeka isaati.
Garuu seexanoonni akkana jedhu, “Lakki! Lakki! Waaqayyoo abbaa-irree dha! Dhaqi akka barbaadde jiraadhu. Maxxantuu hin ta’iin! Carraa kee ofiidhuma keetiin murteeffadhu!” Seexxanni amantii namni Waaqayyo irraa qabutti karaa cufaa oola. Warri akeeka fayyisuu Waaqayyoo dhiisanii kan biraa filatan isattii adda ba’aniiru. Yesuus gara biyya lafaa dhufee warra aangoo Seexanaa jala jiran cubbuu isaanittii fayyisuu dhaaf karaa ilma isaa labsii baase. Kanaafuu Waaqayyoottii gargar ba’uu hin qabnu.
Namni cubbamaa Sii’oliif qophaa’ee kan dhalatee dha
Biyya lafaa kana irra dhugaan hin jijjiiramne hin jiru. Garuu wangeelli miidhagaa Yesuus dhugaa hin jijjiiramne dha. Kanaafuu, namoonni dhugaa isa humna Seexanaa ol ta’e kana irratti hirkachuu ni danda’u. Ilmaan namaa cubbuu Addaamii fi Ewwaaniin dhaalaniiru waan ta’eef Kiristoosiin ala namni hundinuu ibidda sii’oliin dhaqa. Amma egaa aarsaa isaaf galanni haa ta’u, namni aangoo ijoollee Waaqayyoo ta’uudhaan eebbifamaniiru. “Warri dhiphina keessa turan si’achi dukkana keessa hin jiraatan” (Isaayaas 9:1). Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti ergee, warra wangeela miidhagaa isaatti amananii fayyan ulfeesseera.
“Sabni dukkana keessa jiraatuu ifa guddaa isaa ni arga, warra gaaddidduu du’aa jala jiraataniifis ifni ni ba’a” (Isaayaas 9:2). Bara ammaa kanatti, dubbiin kun dhugaa kara kee fi gara koo dhufeedha. Wangeela miidhagaa sanatti amanuudhaan, wanta lafa irratti argachuu hin dandeenye eebba jireenya barabaraa arganneerra. Yesuus Kiristoos warra wangela bareedaatti amanan cubbuu biyya lafaa hundaattii ilmaan namaa fayyisee, jireenya barabaraa fi mootummaa Waaqaa isaaniif kenneera.
Inni warra abdii hin qabneef wangeela ifaa dhangalaaseef
Namni akkuma urrii yeroodhaaf lafa irra jiraatee kan baduu dha. Jireenyi isaa akka abaaboo fi margaa ti. Margii akka haala Waaqayyoo mijeesseetti yeroo gababaadhaaf jiraatee kan baduu dha. Wanti jireenya keenya keessa jiru hundinuu akkuma marga sanaa kan hiikkaa hin qabnee dha. Waaqayyoo garuu lubbuu keenya isa mudukeef wangeela bareedaa ergee qajeelota nu taasisee ijoollee Waaqayyoo nu godheera. Kun attam ayyaana dinqisiisaa dha! Jireenyi keenya inni hiikkaa dhabe furmaata argatee jireenya eebba barabaraa argatee ijoollee Waaqayyoo ta’eera.
Kun dhuga ba’umsa nama wangeela bareedaa ayyaana Waaqayyoo fayyee eebba argatee dha.
“Ani maatii Waaqayyotti hin amannee gidduuttan dhaladhe. Kanaafuu, haati koo fi maatiin koo lafa irratti jireenya qananii qabu akka jiraatanii yeroo hundumaa ganama ganama bishaan xuwwee tokkoo fuula ishee duratti geesseen waaqota waaqaa fi lafaa kadhachaan ture. Erga an guddachaa adeemee immoo, maaliif akkan lafa kana irraa jiraadhuu iyyuu wallaaleen yaaduutti ka’e, kun immoo du’uus jiraadhuus akkan gatii hin qabnetti akkan yaadu na godhe. Gatii ani qabu sababan hin beekneef qofaa koon jiraachaa ture.
Jireenyi akkanaa baayyee waan na dadhabsiiseef dafeen gaa’ela qabadhe. Jireenya gaa’elaa koo baayyee gaarii ture. Wantan hawuu hin qabun ture, kanaafis jireenya qabbanaa’aan jiraachaa ture. Achuuman yeroon mucaa godhee jaalalli maal akka ta’e natti qilleensa’uutti ka’e. Yaada ofittummaa koo dhiisuuttan ka’e, warra baayyee natti siqan irra fagaachuus nan sodaadhe.
Kanaafuu, Waaqayyoon barbaaddachuuttan ka’e. Ani nama dadhabaa waanan tureef, warran jaaladhu kana wajjin demuuf iyyuu gargaarsa guutuu na barbaachisa ture. Waldaas ordofuuttan ka’e, garuu amantiin koo isa kan haadha kootii isa isheen bishaan xuwwee tokko duratti kadhattuttii garagarummaa qaba kadhannaan koo sodaa fi abdii ifaa hin taane irra ture.
Yeroo tokko waldaa naannoo kootii keessaatti walga’ii xiqqoo tokko keessatti utuun kadhadhuu, imimmaanni ija koo keessaa gad roobuutti ka’e. Natti hin tolle waan ta’eef dhaabuudhaafan yaalii godhe, garuu imimmaanni koo didee ittuma fufee dhangala’e. Namoonni na bukkee turan harka isaanii ana irra kaa’anii Hafuura Qulqulluu fudhachuu kootiif baga gammadde nan jedhan. Garuu ani waanan godhuun wallale. Ani Waaqayyo wajjin waan an sirriitti wal-hinbariin tureef amantiin koo dimimmisaa’aa waan tureef humni kun kan Hafuura Qulqulluuti jedhee hin fudhanne.
Waldaan keessatti hirmaachaa ture waldaa warra sochii Phenxeqostee Kaarismaatikiiti waan ta’eef, namoonii hundumti isaanii hafaan haaraatiin ni kadhatu turan. Lubni akka ani Hafuura Qulqulluu fudhadhe dhaga’e tokko gara iddoo kadhannaatti na waamsise. Lubichi naannoo waldaatti namoota baayyee affeeree turee, aangoo dhukkubsataa fayyisuu qaba jedhamee beekamee jira waan ta’ef. Garuu dhukkubi inni nan fayyisa jedhu sun hopitaala keessattis salphaatti akkanni fayyifamu hubadheera, kanaaf akka inni itti Hafuura Qulqulluu fudhate baruu nan jaalladhan ture. Haa ta’uu iyyuu malee, akkuma inni dhukkubsataa fayyisuuf yaalii gochuu eegaleen; bartoonnii mana barumsaa ol-aanaa jiran qormaata biyyoolessaa darbuu fi hin darbinee isaanii iyyuu nan hima jedhee ol of qabuutti ka’e. Namoonni baayyeen humni isa keessaa kun kan Waaqayyooti se’anii ni galateeffatu turan.
Garuu ani isa hin hubannen ture. Humni lubichi ittiin hojjetu sun Hafuura Qulqulluu wajjin walitti hidhatee jiraachuu isaa fi namoonni meeqa akka qormaata biyyoolessaa darban akka inni himuu fi hin himnee isaas waan an hubadhe hin qabu. Akka namni dhukkubichattii fayyuu fi bartoonni meeqa qormaata biyyoolessaa akka darban himuun barbaachisummaan isaas natti hin dhagaa’amne. Kanaafuu dinqii inni hojjetu kun kan Hafuura Qulqulluu ta’uun isaa nan hin amansiisne.
Humni fi jaalalli ana keessa jiru isa kan isaatitti adda ture. Sababii kanaaf, saganticha hirmaachuus namoota hojii lubichaatti amananis of irraa fageessuuttan ka’e. Yeroo sana eegalee waldaa nageenyaan kadhatun hirmaachuutti ka’e, sababiinsaa an kam irra iyyuu sagalee Waaqayyoo waan jaalladhuuf. Kara seera Waaqayyoo akka an qajeelaa hin taanee hubadheera. Bu’uurri sodaa kootii Waaqayyoo dha waan ta’eef akka an Hafuura isaa duratti hin jibbamneef, fuula isaa duratti kabaja hin barbaadu.
Isaayaas 59:1-2, akkanatti barreeffamee jira, “Kunoo harki Waaqayyoo gabaabatee isin fayyisuu hin dadhabne gurri isaas duudee iyya keessan dhaga’uu hin dhabne. Yakki keessan isiniifii Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin ittiise akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniif Waaqayyo fuula isaa isin irraa ni deebise.” Kun haala ani keessa jiru wajjin kan wal fudhatuu ture. Cubbuu baayyee sababa an qabuuf Hafuura Qulqulluu fudhadhee ijoollee isaa nan ta’a jedhee waanan yaadu hin qabun ture waan an ta’eef.
Ani Waaqayyoon waan an sodaadheef yeroo hundumaa kadhannaa qalbii diddiirrannaa nan kadhadhan ture. Kan akka an godhuuf namni natti dubbates hin turre, garuu ani Waaqayyoon duratti kabajamee dhaabbachuu waan an barbaaduuf male. Nama cubbamaa waan an ta’eef, baayyee dhimmeen kadhannaa qalbii diddiirrannaa kadhachaa ture. Kadhannaan kun hundi cubbuu koo ana irraa dhiquu hin dandeenye. Wanti ani isaatti agarsiisaa ture waan fedha kootii waan ta’eef amma iyyuu cubbuun ana keessa ture. Yeroo sanaa eegalee, Waaqayyoon komachuuttan ka’e. Ani fuula isaa duratti guutuu ta’ee jiraachuun barbaadaa ture, garuu karaa gaarii ta’e irratti guutuu waan an hin ta’iniif, cubbuu fi komee hedduutu na guutee jira.
Bara amanti wallaalchisaa akkana keessatti, abbaan koo madaa qaba ture. Utuu hin obbaffatin dura guyyoota afurtama hospitaala kutaa baqasaa keessa ciisaa ture. Garu si’a tokko illee hin kadhannefan ture. Ani nama cubbamaa dha waan ta’eef yoon kadhadheef madaan abbaa kootii kun ittuma bal’ata jedheen yaada ture waan ta’ef. Amanti dhabuu kootiif baayyeen laafe, Waaqayyoon duukkaa bu’uu immoo nan jaalladhan ture, garuu hin dandeenye, kanaafuu komeen koo ittuman fufe hamma gaafan isattii gargaluutti. Jireenyi amantii kootii akka kanatti badduu ba’ee ture. Utuun isatti amaneera ta’e silaa Hafuura Qulqulluu fudhee nagaa nan argadhan ture, garuu kun egaa amma waa’ee isaa miti. Yeroo sanaa eegalee jireenyi koo baayyee hiikkaa dhabe, sodaa fi gaddaanan jiraachaa ture.
Garuu Waaqayyo immoo na hin ganne. Akka an amantoota warra karaa dubbii isaatii Hafuura Qulqulluu fudhatan quunnamu na godhe. Namni sun Yesuus Yohannisiin cuphamuudhaan akka inni cubbuu keenya nu irraa fuudhee, sababii isaaf immoo fannoo irratti akka du’e na hubachiise. Kanaafuu, cubbuun biyyi lafa hundi, isa kan kootis dabalatee, ka’eera. Yeroon kana dhaga’ee hubachuutti ka’e, cubbuu koo hundattii akka an qulleeffamun hubadhe. Waaqayyo akkan dhiifama cubbuu argadhuuf utuu inni na gargaaruu, eebba Hafuura Qulqulluu fi nagaas naa kennuus isaa nan barre. Inni hubannaadhaan na geggeessee, wanta hamaa fi gaarii akkan addaa baafadhuuf hubannoo naaf kenne, qoramsa biyya lafaa akkan mo’adhuufis humna naaf kenne. Inni kadhannaa koo naaf deebisee jireenya qajeelaas akka an jiraadhu ni godhe. Waaqayyo Hafuura Qulqulluu waan anaaf kenneef dhugumaan guddiseen isa galateeffadha.”
Tokkoon-tokkoon keenya ayyaana Waaqayyootiin eebbifamnee Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandeenyeera. Wangeela miidhagaa kana nuuf kennuu isaatiin guddaa Waaqayyoon nan galateeffadha. Waaqayyo qajeelotaaf gammachuu akkanaa kenne. Garaan qajeelotaa gammadaa dha. Waaqayyo qajeelotaaf gammachuu barabaraa kenneera. Gati jabeessi fayyisuu Waaqayyoo, jaalalli fi ayyaanni isaa attam dinqii dha, isaaf galanni haa ta’u. Waaqayyo wangeela bareedaa tiin nagaa barabaraa nuuf kenne. Kennaan akkana wanta namni horiidhaan bitatu miti. Akka nuyi qajeelaa fi nama sirrii taanuuf Waaqayyo wangeela miidhagaa fi Hafuura Qulqulluu nuuf kenne. Wangeelli bareedaa isa akka nuyi eebbifamnu nu godhedha. Qajeelonni gammachuu eebba jireenyaa akka qabaataniif Gooftaan wangeela bareedaa nuuf kenne.
Luqaas keessatti akkuma galmaa’ee jiru, Mariyaam akkana jette, “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru… Ani garbittiin gooftaa kunoo, akka ati dubbatee anaaf haa ta’u” (Luqaas 1:37-38). Mariyaam battala sagalee Waaqayyoo isa miidhagaa ergamaan isaa dubbatetti amante eegaltee, Yesuus garaa ishee keessatti ulfeffame. Haaluma kanaan, amantii isaaniitiin, qajeelonni garaa isaanii keessatti wangeela bareedaa ulfaa’u.
“Bara warra Miidiyaanitti akkuma goote ammas waanjoo ulfaataadhaa fi loloosoo isaa gatiitti isaanii irra ni cabsitta, ulee warra isaan cunqursanis ni hurreessta” (Isaiah 9:4). Hojiin Seexanaa gidiraa, dhukkuba, acuuccaa kan kaasuu dha, kanaaf nuyi isa mo’achuu hin dandeenyu. Garuu Waaqayyo waan nu jaallatuuf Seexana lolee nuuf mo’eera.
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiitti isaa irra jira. Maqaan isaa gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abbaa barabaraa, angafa nagaa ni jedhama. Guddinni mootummaa isaa tiif guuddiinnii nagaa isaatii dhuma hin qabu, ’inni teessoo Daawwitiif mootummaa isaa irratti ni mo’a, isa inni ijaares firdii dhaaf qajeelummaadhaan ammaa hamma barabaraatti isa ni eega. Inaaffaan Waaqayyoo gooftaa maccaa kana ni godha” (Isaayaas 9:6-7).
Waaqayyo wangeela bareedaa Yesuus fideen ijoollee isa nu taasifateera. Inni akka abdii kennetti, Seexana mo’atee harka isaa jalaa nu baase.
Gooftaan aangoo isaa hundumaan gara biyya lafaa dhufee dhukkana cubbuu nu irraa kaaseera. Kanaafuu, gooftichaan ati dinqii dha jennee ni waamna. Inni hojii dinqisiisaa hedduu nuuf hojjeteera. Waaqayyo akka ilma namaatti gara biyya lafaa dhufuun isaa dhoksaa guddaa dha. “Kottaa mee walii wajjin dhugaa ni baafna. Cubbuun keessan akka boraatii bofaa yoo diimate iyyuu, akka cabbii ni addaata, diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu akka jirbii ni addaattu” (Isaayaas 1:18).
Waaqayyo cubbuu keenya hundumaattii nu fayyisee araara barabaraa akka nuuf kennu abdachiiseera. Yesuus dinqii jabaa akkuma jedhame, hojii dinqii nuuf hojjeteera. “Maqaan isaa gorsaa dinqii, Waaqa jabaa” jedhameera. Waaqayyo akka gorsaa keenyaatti, wangeela miidhagaadhaan akeeka jireenyaa nuuf baase, cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaan akeekicha bakkaan ga’era.
Gowwummaan Waaqayyoo abshaalummaa namaa irraa ni caala. Yesuus Kiristoos Yohannis cuuphaan cuuphamee, fannoo irratti du’uun isaa ogummaa isaa ti. Fannoo irratti nuuf du’uun isaa hojii dhoksaa qabuu dha, garuu seera jaalalaa isaatiin cubbuu keenyattii nu fayyise. Seerrii jaalalaa geggeessaa Hafuura Qulqulluutiin wangeela dhugaa bishaanii fi dhiiga isaatiin isa inni nu fayyisee dha.
Isaayaas 53:10 irratti Waaqayyo akkana jedha, “Gooftaan isa ani dhiphise sana caccabsuun jaalala koo ta’e.” Yesuus jaalala Waaqayyoo tiif jedhee lubbuu isa fannoo irratti aarsaa godheera. Inni cubbuu biyya lafaa gara ilma isaa Yesuus Kiristoositti dabarse, inni iddoo keenya firdii fudhateera. Kun wangeela bareedaa isa cubbuu biyya lafaa altakkaa barabaraan kaasee dha. Kiristoos lubbuu isaa aarsaa godhee nuuf kenneera, gatii cubbuu keenyaa kaffalee eebba isaatiin nu fayyiseera.
Sirna aarsaa Waaqayyoo
Yesuus Yohannisiin cuuphamuu isaatin hammam cubbuu kaasee?
Cubbuu isa bara darbee, isa bara kanaa fi isa amma bara dhumaatti jiruu nu irraa kaaseera
Macaafni Qulqulluun cubbuu guyyaa-guyyaa tiif aarsaan akka ture dubbata. Cubbamaan sababii cubbuu isaatiif orii mudaa hin qabne irraa harka isaa kaa’ee cubbuu isaa itti dabarsuudhaan aarsaa dhiheessaa ture. Horii aarsaa sana gorra’ee dhiiga orichaa irraa fuudhee lubichatti ni kenna. Lubichis dhiiga orii sanaa fuudhee wallakkaa isaa iddoo aarsaa irratti naqee isa kaan immoo yaadannoodhaaf miilla iddoo aarsaa jalatti ni naqa.
Haala kanaan, dhiifamni cubbuu guyyaa-guyyaa kennamaa ture. Harka irra kaa’uun karaa cubbamaan cubbuu isaa gara orii aarsaaf dhihatetti dabarsuu dha. Warri akka sirna aarsaa kennametti dhiheessan dhiifama cubbuu ni argatu. Utuu Yesuus gara biyya lafaa hin dhufin dura karaa sirna aarsaadhaa dhiifamni cubbuu kennamaa ture.
Waaqayyo cubbuu saba Israa’el kan waggaa haquuf jechaa guyyaa araaraa kaa’era. Guyyaan araaraa waggaa sun ji’a torbaffaa guyyaa kurnaffaatti geggeeffama ture. Waaqayyo Aaron, angafaa lubaa isa cubbuu saba Israa’el hunda irraa fuudhee gara orii isa aarsaaf dhihatutti dabarsu ni kaa’e. Sirni aarsaa kun akka akeeka Waaqayyotti ni ta’a. Dhiifamni cubbuu kun Ogummaa isaaa fi jaalala inni ilmaan namootaaf qabuu dha. Kun egaa aangoo isaa ti.
“Gaanfii iddoo aarsaa gubamuu” inni jedhu “macaafota firdii” bakka bu’ee dhaabbata (Mullata 20:12), iddoo cubbuun ilmaan namaa itti galmaa’ee jiruudha. Angafni lubaa sun macaafa firdii irratti kan barreeffamee cubbuu haquudhaaf dhiiga horii isaa sababa cubbuuf qalame sana iddoo aarsaan gubamu itti dhihatutti naqa. Dhiigni jireenya foon qabeessa hunda qabatee jira. Aarsaan sun cubbuu saba israa’eliin haquudhaaf yeroo ta’u tuuntunoon gorraa’amu sun immoo gatii cubbuu isa fudhateti. Waaqayyoo gatii firdii cubbuu isaanii haarsaa isaan dhiheessan fudhateef. Kun ogummaa fi jaalala Waaqayyoo agarsiisa.
Yesuus Kiristoos akeeka Waaqayyoo raawwachuudhaaf aarsaa ta’ee gara biyya lafaa dhufe. Yesuus karaa aarsaa isaatii cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhate. Dubbiin abdii kun, sababii kanaaf, “Waaqayyo isa caccabsee; gaddisuun jaalala isaa akka ta’e” ni argina.
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiitti isaa irra jira. Maqaan isaa gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abbaa barabaraa, angafa nagaa ni jedhama. Guddinni mootummaa isaa tiif guuddiinnii nagaa isaatii dhuma hin qabu, ’inni teessoo Daawwitiif mootummaa isaa irratti ni mo’a, isa inni ijaares firdii dhaaf qajeelummaadhaan ammaa hamma barabaraatti isa ni eega. Inaaffaan Waaqayyoo gooftaa maccaa kana ni godha” (Isaayaas 9:6-7).
Dubbiin dhoksaa fi abdiin dinqisiisaa Yesuus raawwate akka fedha Waaqayyootti cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee warra isatti amananiif nagaa kennuu isaati. Abdiin Waaqayyoo jaalala isaa isa Waaqayyo ilmaan namaaf nagaa fiduuf akeekee dha. Kun wanta Waaqayyo akeekee hojjetee dha.
Maatewos 1:18 akkana jedha, “Dhalachuun Yesuus Kiristoos akka kanatti fufee jiru ture: Maariyaam haatii isaa Yooseefiif kadhimamtee turte, isheen Yooseefii wajjin utuu walbira hin ga’iin, hafuura Qulqulluudhaan ulfoofte argamte.” “Yesuus” jechuun fayyisaa, isa saba isaa cubbuu isaanittii isaan fayyisuu dha. “Kiristoos” jechuun immoo, mootii isa dibame jechuu dha. Yesuus cubbuu hin qabu, inni Mootii fi Fayyisaa keenya isa cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee durba irraa dhalatee dha.
“‘Isheen ilma ni deessi atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni ofii isaatIi saba isaa cubbuu isaaniittii isaan ni fayyisa jedhen.’ Kun hundinu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta’e” (Maatewos 1:21-22).
Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda ofitti fudhate
Maatewos 3:13-16 keessatti, “Yesuus Yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaa dhaa Yordaanositti isa bira dhufe. Yohannis garuu siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuudhaaf gara koo dhufataa jedhee jabeessee isa ittise. Yesuus garuu deebisee, Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf ammaa ana ittisuu dhiisi jedheen. Kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een kunoo baniwwan waaqaa hundinuu isaaf banaman; Achumaanis Hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa ni arge.”
Kutaa kana keessatti Yohannis ni mul’ata. Yesuus maaliif Yohannisiin cuuphamee? Yesuus akka akeeka Waaqayyootti cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatitti fudhachuudhaaf jedhee Yohannisiin cuuphame.
“Mootimmaan isaas gatiittii isaa irra jira” (Isaayaas 9:6). “Mootummaa” isaa jechuun akkuma aangoo lafa irraa, aangoo fi humna inni waaqa irraa qabu jechuu dha. Aangoon kun Yesuus qofaaf hojjeta. Yesuus cubbuu ilmaan namaa irraa fuuchuuf jedhe hojii dinqisiisaa hojjete. Hojiin isaa inni dinqisiisaanisa inni Yohannisiin cuuphamee dha. Yesuus jechuun maal jechuu dha, “Waan qajeelaa ta’e hunda hojjechuun waan nuuf ta’uuf” kan jedhu sun cubbuun biyya lafaa irraa ka’uun qajeelaa fi sirriidha jechuu dha.
Roomaa 1:17 akkana jedha, “Qajeelummaan Waaqayyoo karaa amantii mul’ata.” Qajeelummaan Waaqayyoo karaa wangeelaa mu’ata. Wangeellii bishaanii fi Hafuuraa Qajeelummaa Waaaqayyoo ni mul’isaa? Eeyyee! Wangeelli dhugaan Yesuus Kiristoos cuuphaa fi du’a fannoo isaatiin biyya lafaa irraa cubbuu kaasuu isaa kan mul’isuu dha. Wangeelli bishaanii fi Hafuuraa wangeela bareedaa isa qajeelummaa Waaqayyoo agarsiisuu dha. Yesuus attamitti cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe? Yesuus laga Yordaanositti yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa irraa fuudheera.
Afaan Giriikiitiin, “Qajeelummaa hundumaa” in jedhu “Yesuus cubbuu biyya lafaa karaa qajeelaa fi sirrii ta’een irraa kaasuu isaa agarsiisa. Kun immoo cubbuuttii biyya lafaa qulleessuun qajeelaa fi sirrii dha jechuu ta’a. Yesuus cubbuu biyya lafaa balleessuudhaaf Yohannisiin cuuphamuutu isa irra ture.
Waaqayyo cuuphamuun Yesuus nageenya ilmaan namootaaf raawwatee akka barbaachisu dubbateera. Yesuus utuu Yohannis cuuphaan cuuphamee sababii isaaf fannoo irratti hin dune ta’e silaa fayyisaa hin jedhamu ture. Yesuus akka horii aarsaa sababii cubbuuf dhihatutti tajaajila kenne.
Isaayaas 53:6 keessatti akkana ni jedha, “Nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa banne turre. Adduma addaanis kara karaa ni gorre; Waaqayyo garuu yakka hunda keenya isa irra ni kaa’e.” Yesuus fedha Waaqayyoo raawwachuudhaaf cubbuu biyya lafaa hunda ofiiisaatti fudhate. Egaa Yesuus sababii kanaaf foon namaa uffatee akka horii aarsaaf dhihatu itti gara biyya lafaa dhufee cubbuu keenya nu irraa kaasuudhaaf Yohannis cuuphaan cuuphameera.
Yesuus cubbuu ilmaan namaa hunda gara ofii isaatiitti fudhate sababii isaaf immoo du’a firdii baatee jaalala hin duuneen akeeka Waaqayyoo bakkaan ga’e. Yesuus cuuphamee yeroo bishaan keessaa ba’eetti Waaqayyo akkana jedhe, “Kun ilma koo isa jaallatamaa isa ani itti gammaduu dha” (Maatewos 3:17).
Mucaan nuuf dhalateera
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, Uumni mootummaa isaa gatiitti isaa irra jira, maqaan isaa gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abbaa barabaraa, angafa nagaa ni jedhama” (Isaayaas 9:6). Yesuus ilma Waaqayyooti. Yesuus Waaqayyo uumaa isa waan hundumaa uumee dha. Inni ilma Waaqayyo isa hundumaa danda’uu qofa miti, inni ummaa fi gooftaa nageenyaa ti. Yesuus Waaqayyo isa ilmaan namaa hundumaaf gammachuu kennee dha.
Yesuus Waaqayyo isa dhugaa dha. Inni cubbuu keenya hundumaa nu irraa kaasee, nu fayyisee, nagaa nuuf kenneera. Cubbuun biyya lafaa irra jiraa? Lakki, cubbuun biyya lafaa irraa hin jiru, Yesuus nu irraa kaaseera. Kan nuyi ija jabaannee akkana jennuuf amantii cuuphaamuu Yesuus fi du’a fannoo isaatii irraa qabnu keessan cubbuun nu irra hin jiru jechuu dha. Yesuus nama hin sobu. Yesuus gatii cubbuu keenyaa cuuphamuu fi du’a isaatiin kaffaleera. Kanaaf, namoota amantii akkanaa qaban hundumaaf akka isaan ijoollee Waaqayyoo ta’anii nagaa argatan fedha isaa ti. Inni barabaraan nagaa qabeeyyii qulqulloota ijoollee isaatii nu gudhateera. Waaqayyoof galannii fi ulfinni haa ta’u.
Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!
Yohannis 1:29 akkana ni jedha, “Borumtaa isaa Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee, ‘Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu jedhe!’” Yesuus karaa Yohannisiin cuuphamuu isaatii, cubbuu biyya lafaa erga irraa fuudhee booda, borumtaa isaa ammas deebi’ee gara Yohannisiin dhaqe. Yohannis cuphaan akkana jedhee waa’ee isaa dhugaa ba’e, “Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” Aammas Yohannis 1:35-36, “Borumtaa isaa, Yohannis bartoota isaa wajjin ni dhaabbata ture. Yesuus utuu deemaa jiruu argee, ‘Ilaa hoolaa Waaqayyoo!’” jedhe.
Yesuus Kiristoos Masihii isa akka hoolaa Waaqayyootti, akka kakuu bara Kakuu Moofaa keessatti kennametti gara biyya lafaa dhufe. Yesuus Kiristoos Masihiin akka Dinqii jabaa, gorsaa, Waaqayyo jabaa ta’ee inni dhufe kun cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee gara biyya lafaa dhufe. Mucaan dhalatee nuuf kennameera ni jedha. Inni karaa cuuphamuu isaatii cubbuu keenya hunda gara ofii isaatitti dabarse, fannoo irratti du’uudhaan gatii cubbuu keenyaa kaffalee, nagaa fi dhiifama cubbuu nuuf kenne angafa nagaa ta’eera. “Ilaa Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe!”
Namoonni gatii cubbuu isaanii du’uu irraan kan hafe waan baasan hin qaban. Ilmaan namaa cubbuu hin murtoofne akka hojjetu ta’ee waan uumameef, gara firdii sii’oliin dhaquu malee carraa biraa akka hin qabaanne beekamaadha. Sababii kanaaf jireenyi isaanii gadadamaa dha, eenyuun isaanii iyyuu mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Yesuus Kiristoos inni Waaqayyo keenya ta’e, Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti yeroo cuuphamee, cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee sababii kanaaf immoo firdii du’aa fudhateera. Yeroo du’e fannnoo irra taa’ee, “ni raawwatame” (Yohannis 19:30) jedhe. Inni Yesuus akkana jedhee iyye kun du’a isaatiin cubbuu keenya akka nu irraa kaaseef ragaa dha; kanaaf, nama wangeela bareedaa kanatti amanu cubbuu isaatti guutummaan guutuutti ni qullaa’a.
“Ilaa! Hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe!” Cubbuun biyya lafaa iddoonni jiru beektaa? Dhaqna Yesuus Kiristoos irra mitii? Cubbuu fi irra daddarbaan jireenya keenya gadi qabe eessa jiraa? Isaan kun hundinuu gara Yesuusitti darbaniiru. Cubbuun keenya eessa jiraa? Inni nama isa cubbuu keenya nuuf baate Yesuus tokkicha ilma Waaqayyoo irra jira.
Cubbuun dhalootaa eegalee hanga du’atti!
Bara jireenya keenyaa hundaatti cubbuu hojjenneerra. Dhalachuu keenyaa eegalee hanga gaafa du’a keenyaatti cubbuu hunda hojjenneerra. Cubbuun erga waggaa 20 tii eegalee hojjetame eessa jiraa? Isaan hundii isaanii gara foon Yesuusitti darbaniiru. Cubbuu nuyi waggaa 21-41 tti hojjennes gara Yesuusitti darbeera. Namni hamma fedhe iyyuu haa jiraatu cubbuun isaa hundi gara Yesuusitti darbeera. Addaam nama jalqabaatii eegalee hanga nama isa dhuma dhalatuutti cubbuun hundinuu gara Yesuusitti darbeera. Cubbuun ijoollee keenyaa fi kan ijoollee ijoollee keenyaa hundii isaa gara Yesuusitti darbeera. Yeroo Yesuus cuuphame cubbuun hundinuu gara isaatti darbeera.
Cubbuun hanga ammaatti biyya lafaa keessa jiraa? Lakki. Hin jiru. Namoota wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan keessatti cubbuun hin jiraatu. Laphee kee keessaa cubbuu qabdaa? Lakki. Ameen! Wangeela bareedaa isa Yesuus jedhetti waan amanneef cubbuu keenya hundumaattii bilisa baaneera. Yesuus inni hundumaa danda’uu hojii dinqisiisaa akkanaa waan nuuf hojjeteef galanni isaaf haa ta’u.
Yesuus Kirisoos jireenya keenya isa bade nuuf deebiseera. Kanaaf akka gooftaa wajjin jiraannuuf wangeela bareedaatti ni amanna. Namoonni warri Waaqayyotti diina ta’an – warri dukkana malee filannoo biraa hin qabaanne iyyuu – wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraatti amannaan ni fayyu.
Wangeelli bareedaan Yesuus yeroo Yohannis cuuphaan cuuphame, cubbuu keenya hunda akka nu irraa fuudhee nuuf du’ee du’aa nuuf ka’e nu hubachiisa. Wangeela Yesuusitti amanuudhaan qulqulloota ijoollee Waaqayyoo taaneerra. Yesuus dhaqna isaa aarsaa sababa cubbuutiif dhihatu godhee dhiheesseera. Ilmi Waaqayyoo inni waan hundumaa danda’uu, biyya lafaa kana keessatti cubbuu tokko iyyuu hin hojjenne, cubbuu biyya lafaa irraa kaasee warra isatti amanan fayyiseera. Isaayaas 53:5 akkana ni jedha, “Inni garuu balleessaa keenyaaf waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee ni caccabsame.”
Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda, cubbuu dhaalaa fi cubbuu hojii yakka keenya hunda tokko illee osoo hin hambisiin nu irraa kaaseera. Inni gatii cubbuu keenyaa du’a isaatiin fannoo irratti kaffalee, cubbuu keenya hundumaattii nu fayyiseera. Yesuus karaa wangeela bareedaatiin cubbuu biyya lafaa irraa kaase. Karaa Yesuusiin jireenyaa haaraatti baanee jirra. Warri wangeela bareedaatti amanan hafuuraan hin du’an. Egaa amma sababa Yesuus gatii cubbuu keenyaa nuuf kaffaleef, jireenya haaraa qabna. Wangeela bareedaa Yesuus Kiristoositti amanuudhaan ijollee Waaqayyoo taanee jirra.
Yesuus Kiristoos akka ilma Waaqayyoo ta’e ni amantaa? Akka inni fayyisaa kee ta’es ni amantaa? Eeyye. Yesuus Kiristoos jireenya keenya. Karaa isaa jireenya haaraa arganneera. Sababa cubbuu fi yakka keenyaa tiif, nuyi cubbamoota sii’oliif kaa’amne turre. Garuu Yesuus karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatii gatii cubbuu keenya hunda kaffalee du’aa ka’uu isaatiin fayyina keenyaa bakkaan ga’eera. Inni garbummaa cubbuu, garbummaa humna du’aa fi hidhaa Seexanaattii nu fureera.
Waaqayyo gooftaan isa cubbuu keenyattii nu fayyisee karaa Yesuus Kiristoos tokkoon- tokkoon keenyaaf fayyisaa ta’ee dha. Ibroota 10:10-12, 14 fi 18 yeroo ilaallu, gooftaan waan qulqulleesseef si’achi dhiifama cubbuu waan barbaannu akka hin qabne ni dubbata. Yesuusitti amanuudhaan mootummaa Waaqayyootti ni galla. Cubbuu fi irra daddarba keenyaaf sii’oliif kan kaa’amne turre, garuu cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanuudhaan mootummaa Waaqayyootti gallee gammachuu jireenya baraabaraa argachuu dandeenyeerra.
“Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna” (Yohannis 10:11). Gooftaan cuuphamuu isaatiin gara biyya lafaa dhufee du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin cubbuu keenya hundumaatti nu fayyiseera. Namoota warra dhugaa kanatti amananii dhiifama cubbuu argataniif kennaa keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni kennaaf. Yaa gooftaa sii haa galatu. Wangeelli kee wangeela miidhagaa, isa Hafuura Qulqulluu nama keessa jiraachisuu dha. Haleeluyaa! Ani gooftaa nan galateeffadha.