• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-9] Cuuphamuu Yesuus isa Qulqulluu nu godhe (Efesoon 2:14-22)

2021.05.02 116
(Efesoon 2:14-22)
“Kiristoos nagaa keenya, inni keenyaan diinummaa isa giddu ture diigee, warra Yihudoota hin ta’in Yihudota, lamaanu tokko godheera, inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii namummaa haara isatti argamu tokko akka uumuuf abboommotaa fi toora seera sana namoota irraa kaasee, fannoo irratti du’uudhaan gosa lamaanu akka dhaqna tokkootti Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse. Inni dhufee isin warra fagoo turanitti isin warra dhihoo turtanittis misiraachoo nagaa lallabe, Nuyi lamaanuu Hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa biraa geenyu qabna. Egaa isin si’achi warra Waaqayyoof qulqull’aanii wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyootis malee orma, nama biyya didaas miti; Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, Kiristoos Yesuus immoo ofii isaatii dhagaa golee qajeelchuu dha. Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee mana qulqullummaa Waaqayyoo ta’uu dhaaf gooftaatti ni guddata, isinis immoo isumaan mana isa Waaqayyo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan.”
 
 
Waaqayyottii kan gargar nama baasuu maalii dha?
Cubbuu isaa.
 
 
Mucayyoo sababa iyyumaaf guddisa galte 
 
Erga lolli Kooriyaa xumuramee jaarraan walakkaa darbeera. Garuu uummata Kooriyaa keessatti madaa guddaa kaa’ee darbe. Galgala lola Kooriyaatti, ijoollee hedduun biyya biraatti galan. Mootummoonni gamtaa’an akka isaan gara Kooriyaatti deebi’aniif dirqisiisanii gargaarsas kennan iyyuu, erga loltoonni deemanii ijoollee baayyeen warra malee hafaniiru.
Loltoonni mootummoota gamtaa’anii haadhotii manaa fi ijoollee isaanii achumatti dhiisanii biyya isaaniitti deebi’aniiru. Haadholiin ijoollota kana akka abboota hin qabnetti biyya biraatti galchaniiru. Ijoollonni guddiftuu argatan kun guddaa ni gammadu.
Ijoollonni kun yeroo guddatanii of baran akka biyya Koriyaa jedhamu tokko sababa warra hin qabneef dhufan ni barru. ‘Warroon koo maaliif na gatan jedhanii ni gaafatu.’ Sababa na jibbaniif biyya kanatti na erganii? Sammuu dargagummaa isaanitiin, wanta yeroo ijoollummaa isaanii isaan irra ga’e hin hubatan.
Ijoollonni kun maatii isaanii arguu fedhaa, jaalallii fi jibbii isaan maatii isaanii irraa qaban akka nama mootora deemsaa yaabbateetti fiigee gara sammuu isaanii dhaqa. Maatiin koo maal fakkaatu laataa? Attamitti na gatani? Sababa na jibbaniifii? Lakkii kanaaf sababii biraa jiraachuu danda’a. Akka carraa immoo garmalee walhubatanii jibbii guddaan itti dhagaa’amuu dandaa’a. Yeroo biraa immoo waa’ee eenyuu iyyuu akka hin gaafanne ni murteessu. Utuu waa’ee isaa waan tokko hin beekin, yeroon sokkee ijoollonni sun dargaggoota ta’u. Booddee fuudhanii, ijoollee godhatanii maatii ofii isaani ni dhaabbatu.
Sagantaa TV naannoo irratti ijoollota kana arguu baayyeen jaalladha. Sagantaa kana irratti gabaasaan TV kanaa dubartii guddifachaan guddattee amma biyya Jaarmaanii jirtu gaaffii godheefii ture. Dubartiin kun yeroo sanatti waggoota diddammaaffaa keessa taatee ti’ooloojii barachaa turte. Jalqabatti, akka guddifachaan guddatte eenyu iyyuu akka beeku waan hin barbaanneef gabaasaa TV sana quunnamuu hin barbaanne. Gabaasaan TV sun garuu gaaffiif deebiin kun akka namni biyya isaatii hin baanee gargaara waan ta’ef hin sodaatiin jedhe amansiise. Dubartittiinis itti waliigalte.
Gaafilee gabaasaa dhiheesseef keessaa, “Yoo amma warra kee warra si dhale agartee maaltu sitti dhaaa’amaa? Wanti ati baayyee jaallattu maali?” Dubartittiinis akkanatti deebiste, “Maaliif akka isaan guddifachaatti na kennan hin beeku. Na jibbani immoo jedheen gaafadha.” Haatii dubartii kana TV irratti argitee buufata tamsaasa TV sana quunnamte akka mucaa ishee arguu barbaaddu itti himte. Kun akkataa isaan lamaan itti wal arganii dha.
Haatii dubartittii sun ganamaan kaatee mucaa ishee quunnamuuf buufata xiyyaaraa dhaqaxe. Yeroo dubartittiin xiyyaaricha keessaa baate haati ishee achuma dhaabbatee boo’uutti kaate.
Namoonni kun lamaan takkaa fuulaan wal hin argine. Haati dubartiitti yeroo jalqabaatiif intala ishee guddoo kana TV irratti argite. Isaan yoo afaan addaddaan aasa’an iyyuu, yaada garaa isaanitiin walitti aasa’anii yaada isaanii wal jijjiiraniiru. Fuula walii yeroo qaqqaban haati immoo balleessaa isheetiif dhiifamaa akka argattuuf ni boossi turte. Wanti isheen gochuu dandeessuu irra deddeebitee boo’uu qofaa dha.
Haati intalaa ishee fudhattee galtee walii wajjinis ni nyaatu turan. Intalli afaan Jarmaanii aasoofti, haatii immoo Kooriyaa qofa asooft waan ta’eef isaan jechaan walii wajjin aasa’uu hin dandaa’an. Kamifiyyuu haa ta’uu haatii fi intalli waliin asa’anii wal hubataniiru. Haasaan isaanii baayyeen isaa karaa jechootaa utuu hin taane, nyaaraan, wal qabuu, ijaa fi yaada garaatiin ture.
Utuu biyya Jarmaanitti hin deebi’iin dura, dubartittiin haati ishee akka ishee jaallattu barteetti. Gabaasni gaafii fi deebii kan biraas isa kanaa wajjin tokko akka ture gabaafameera. “Maaliif akka haati koo guddifachaatti na laatte qoruun hin barbaachisu. Haati koo amma iyyuu iyyeetti dha. Sooreyyiin biyya kana konkolaataa biyya alaa ooffatu garuu, haati koo amma iyyuu harka qalleettii dha.” Maaliif akka haati koo guddifachaatti na laatte ishee gaafadhee deebiisaa hin arganne yoon ta’ee iyyuu hiyyuma jala na oolchuuf akka isheen kana goote hubadheera jette. Sababan ishee gaafachuu dhiiseef kanumaaf, amma shakkii fi jibbiin dura qabaachaa ture badeera jette.
 
 
Namoonni kan isan Waaqayyottii gargar ba’aniif sababa cubbuu garaa isaanii ti
 
Maaliif Waaqayyottii gargar baane, maalifis isatti dhihachuu dadhabnee? Dubartittiin guddifachaatti kennamte sun akka haati ishee rakkina jalaa isee oolchuuf ta’e hubatteetti. Waaqayyos akkuma kana jechuu ni dandeenyaa? Waaqayyoo akka bifa isaatiitti nu uume. Maaltu isattii gargar nu baase? Deebiin isaa Seexanii nama qoree akka inni cubbutti kufu godhee cubbuun immoo namaa fi Waaqayyoon gargar baase.
Jalqabatti Waaqayyo nama akka bifa isaatti uumeera, uumama harka isattii hundas inni ni jaallata. Namni meeshaa jaalala Waaqayyooti waan ta’eef uumama kamiin caalaa kabajamaa dha. Haa ta’uu iyyuu malee, ergamaan inni kufee maqaan isaas Seexana kan jedhame namaa fi Waaqayyoon gargar baaseera. Seexanni akka namni hojii Waaqayyootti hin amanne qore akka isaan muka isa hamaa fi gaarii beeksisu nyaatu ni godhe.
Namni egaa sababii cubbuu tiif Waaqayyoottii gargar ba’eera. Namni Waaqayyoof abbomamuu dide. Namni muka isa ija jireenya barabaraa kennu dhiisee muka isa Waaqayyo ittise isa gaarii fi hamaa beeksisu nyaate. Firiin isaa Waaqayyoottii gargar ba’uu ta’e.
Namni inni meeshaa jaalala Waaqayyoo ture, amma immoo abbomamuu diduudhaan oftuulummaa isaatiin Waaqayyoottii gargar ba’e. Sababa cubbuun laphee isaa keessa buufateef, namni Waaqayyottii ni foxxoqe. Ergasii booddee, namni Waaqayyottii foxoqee akkana jedhaa guungumuutti ka’e, “Waaqayyoo nu uumee maaliif nu gate? Inni maaliif akka nuyi cubbuu hojjennu godhee? Erga dadhabaa godhee nu uumee maaliif immoo sii’olitti nu ergaa? Dura nu uumuun isaa ni bade.” Nuyis utuu lammaffaa hin dhalatin dura gaaffii, jaalala fi jibba ni qabanna turre.
Dubartii guddifachaan guddatte kana yeroon sagantaa TV irratti arge, walittidhufeenyi dubartii kana fi haadha ishee gidduu jiru walittidhufeenya nuyi fi Waaqayyo gidduu jiru wajjin tokko dha. Walittidhufeenyi Waaqayyo fi nu gidduu jiru rakkina guddaatiin, walhubannaa dhabuudhaan, abaarsaaan ykn cubbuudhaan, ykn haala kamiin iyyuu cituu hin dandana’u. Walittidhufeenyi Waaqayyo fi nu gidduu jaalala irratti kan hundaa’e yoo ta’e iyyuu, wal hubannaa dhabuun ammuma iyyuu uumamuu danda’a.
Akkuma haati sun mucaa ishee sana jibbaaf hin ergine, Waaqayyo kan inni ofii isaa namattii adda of baase jibbaaf osoo hin taanee sababa cubbuu tiif. Waaqayyos nama jibbuuf namnis Waaqayyoon jibbuuf sababa tokko iyyuu hin qabu. Nuyi wal ni jaallanna. Wanti Waaqayyo fi nama gargar baase sababa namni gowwoomsaa Seexanaatiin cubbuu hojjete qofaa dha.
 
 
Waaqayyo kara Kiristoosiin ofitti nu qabeera
 
“Amma garuu Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan isin warri dur fagaattanii turtan dhiiga Kiristoosiin dhiheeffamtaniittu. Kiristoos nagaa keenya, inni keenyaan diinummaa isa giddu turee diigee, warra Yihudota hin ta’in Yihudota, lamaanu tokko godheera; inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii namummaa haara isatti argamu tokko akka uumuuf abboommotaa fi toora seera sana namoota irraa kaase” (Efesoon 2:13-15). Gooftaan Yohannis cuuphaan cuuphamee abboommii seeraan kaa’amee diigee cubbuu biyya lafaa fuudhee gara ofii isaatitti dabarse. Inni gatii cubbuu keenya isa ofii isaatti fudhatee immoo firdii du’a fannootiin kaffalee nama isa isatti amanuu qulqulluu godhe gara ofii isaatiiti deebise. Egaa Waaqayyo warra isaan qulqullaa’an kana ofitti qabeera.
Bishaan lafa kanattii adda baaftanii ilaaltanii beektuu? Fagoo miti, Kooriyaa keessa magaalaa bishaan bukkee ‘Inchon’ jedhamu keessatti walga’ii hafuuraa tokko hirmaadhee yeroon ture keessa bishaanni ujummoo waan hin hojjenneef, ‘Namni bishaan malee jiraachuu hin danda’u’ jedheen yaade.
Utuu Waaqayyo ji’a tokkoof bishaan lafa irraa gogsee silaa namni dheebotee, ajaa’ee yeroo gabaabaa gidduutti ni dhuma ture. Gatii bishaanni Waaqayyo nuuf kenne kun qabu hubachuu qabna. Akkuma jireenya ilmaan namaaf baayyee barbachisaa ta’e, Yohannisiin cuuphamuun Yesuusis fayyina keenyaaf baayyee barbaachisaa dha.
Utuu Yesuus gara biyya lafaa kanaa dhufee Yohannisiin hin cuuphamne ta’e, attamitti amantoonni isatti amanan iyyuu dhiifama cubbuu argachuu danda’uu? Utuu Yesuus Yohannisiin hin cuuphamne nuuf hin dune ta’e akkuma namni lafaa irraa bishaan malee jiraachuu hin dandeenye namni lafa irraa hundinuu cubbuu isaanitiin du’u turan.
Utuu Yesuus gara biyya lafaa kana dhufee Yohannisiin hin cuuphamne ta’e silaa attamitti amantonni dhiifama cubbuu fudhachuu danda’uu? Akkuma namni bishaan malee jiraachuu hin dandeenye, utuu Yesuus Yohannisiin hin cuuphamne ta’e namni biyya lafaa hundinuu cubbuu isaatiin ni bada ture. Itti dabalees, Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf cuuphamuun isaa nuuf murteessaa dha.
Pheexiros ergamaan gooftaa keenyaa, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltaniiti, cuuphaan waan ittiin karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos yaada garaa namaa hin ceephaane argachuudhaaf Waaqayyootti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhaqna dhiqatan miti” (1 Peter 3:21). Yaadni Pheexiros jedhu Yesuus Yohannisiin cuuphamee dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin cubbuu keenyatti nu qulleesse. Kanaafuu, Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irra fuudhe jechuun wangeela dhugaa dha.
Kottaa ammas waa’ee harkee sibiila boorrajjii Seera Ba’uu 30:17-21 keessatti barreeffamee jiru ni ilaalla. “Itti fufees Waaqayyo Museedhaan, waciititti dhiqannaa sibiila boorajjii irraa, jaliitii isaas sibiila boorajjii irrra tolchi. Dunkaana itti walga’anii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabi, bishaan itti naqi. Aaron fi ilmaan isaa bishaanichaan harka isaanii fi miilla isaanii haa dhiqatan! Yeroo dunkaana itti walga’an sana lixan, yeroo hojii lubummaa isaanii hojjechuudhaaf, aarsaa Waaqayyoof dhiheessanis, ibiddaan gubbuudhaaf iddoo aarsaatti dhihatan, akka hin duuneef bishaanichaan haa dhiqatan. Akka hin duuneef harka isaanii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kun Aaronii fi sanyi isaatii fi dhaloota hundumaa keessatti seera dhaabbataa isaaniif haa ta’u” jedhe.
Dunkaana qulqullaa’aa keessa iddoo walga’ii fi iddoo aarsaa gidduu harkee sibiila boorrajjii kan bishaan qabutu jira. Harkee kun dunkaanicha keessa utuu hin jiru ta’e, aarsaa luboonni dhiheessan sun xuraa’aa ta’a ture.
Utuu bishaanni dhiqannaa hin ture ta’ee silaa, dhiigni fi xuriin luboota guyyaa guyyaatti aarsaa hedduu harka isaanii irra kaa’anii dhiheessanii qalaa oolan attam xuraa’u turan? Waciitiin dhiqannaa sun dunkaanicha keessa utuu hin kaa’amne ta’e, luboonni sun baayyee xuraa’u turan jechuu dha.
Waaqayyo harkee dhiqnnaa sana achi keessisiisuun isaa akka isaan qullaa’anii isatti siquu danda’aniif. Cubbamoonni sababa yakka hojjetan sanaaf horii aarsaa cubbuutiif dhihatu irra harka isaanii kaa’anii cubbuu isaanii yeroo itti dabarsan luboonni immoo iddoo isaanii bu’anii Waaqayyo duratti dhihssuuf turan. Waaqayyo harkee dhiqnnaa sana achi keessisiisuun isaa luboonni sun akka hin duuneef qullaa’anii iddoo qulqullootaa akka seenaniif ture. Luboonniyyuu dhiiga horii sana utuu ofi irra hin dhiqin iddoo qulqullootaa seenuu hin danda’an turan. Egaa harkeen dhiqnnaa kaa’ame sun luboonni ittiin dhiqatanii erga qullaa’anii boodaa aarsaa dhiheessanii akka Waaqayyotti siquu danda’aniif ture.
 
 
Cuuphamuun Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda dhiqeera
 
Karaa laga Yordaanositti cuuphamuu Yesuusiin cubbuun biyya lafaa gara isaatti darbe. Bishaan keessa liccifamee cuuphamuun isaa du’a isaa agarsiisa, bishaan keessaa ol ba’uun isaa immoo dafee du’aa ka’uu isaa kan agarsiisuu dha. Jecha biraatiin Yesuus Yohannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe gatii cubbuu fudhate sanaaf immoo fannoo irratti du’uu isaati. Duuti fannoo isaa gatii cubbuu keenyaa yeroo ta’u du’aa ka’uun isaa immoo jireenya barabaraa nuuf kennuu isaa agarsiisa.
Yesuus Yohannisiin cuuphamee akka inni cubbuu keenya nu irraa kaase hin amanne taanaan lapheen keenya cubbuudhaan kan guutee ta’a. Egaa haala kanaatiin attamitti gara Waaqayyotti dhihachuu dandeenyaa? Wangeelli araara cubbuu barsiisa dhaabbanni amantii tokko kaa’ate osoo hin taane dhugaa Waaqayyoo isa barabaraa ti.
Beekumsa dubbii isaatiin ala amantiin keenya guutuu ta’uu hin danda’u, kara biraa akka Yesuus Yohannisiin cuuphame osoo beekne itti hin amanin biyya lafaa mo’achuu hin dandeenyu. Akkuma lubbu qabeessi hundinuu jiraachuuf bishaan barbaadu nuyis mootummaa isaatti galuudhaaf dhiifama cubbuu fi bishaaniin cuuphamuu Yesuus nu barbaachisa. Cubbuu keenya hundaattii nu fayyisuudhaaf Yesuus cuuphamee, fannoo irratti du’ee, du’aa ka’uutu irra ture jechuu dha. Kun egaa wangeela bishaanii fi hafuuraa isa nuyi garaa keenya guutuudhaan itti amanuu qabnuu dha.
Yesuus fannoo irratti yoo du’ee iyyuu, wanti adaba hamma kana ga’utti isa geessuu wanti tokko iyyuu hin turre. Inni cubbuu keenya nu irraa fuuchuuf gara biyya lafaa dhufe, waggaa 30ffaa isaatti cuuphamee, waggaa 33ffaa isaatti du’ee du’aa ka’uu isaatiin fayyisaa keenya nuuf ta’eera. Cubbuu attamii yoo qabanne iyyuu Waaqayyoo kara ilma isaatii ijoollee isaa nu taasifachuu fedheera. Cuuphamuun Yesuus egaa sababii kanaaf. Waaqayyoo haala kanaan dhiifama cubbuu fi kennaa Hafuura Qulqulluu si’a tokkicha nuuf kenneera.
“Eenyu illee bishaanii fi Hafuurattii yoo dhalachuudhaa baate mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” (Yohannis 3:3-5). Egaa Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya akka nu irraa kaase beekuu qabna. Kiristaanni lammaffaa dhalate tokko iyyuu, dhuga Yesuus nuuf hojjete cuuphamuu isaatiin akka cubbuu keenya nu irraa kaasee hin amanu taanaan lapheen isaa cubbuu dhaan ni faalama. Nuyi namoota foon uffannee jiruu waan taaneef, cubbuu keenyaan gara biyyootti deebi’uun keenya waan hafu miti. Egaa sababii kanaaf amantiidhaan jiraachuu qabna jenna, cuuphamuu isaa, du’aa fi du’aa ka’uu isaa irratti of kenninee qorachuus qabna. Amantiin akkanaa hanga nuyi mootummaa isa waaqa irratti galutti nu eega.
Yesuus cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf cuuphamee nuuf du’uu malee filannoo biraa hin qabu ture. Nuyis cubbuu keenyattii fayyuudhaaf, kan biraa wanti gochuu qabnu hin jiru wangeela bareedaa isaatti amanuu male.
Gooftaa isa wangeela bareedaa bishanii fi Hafuuraa nuuf kenne guddaa ni galateeffanna. Hunduma irra kan caalu wanti Waaqayyoo nuuf kenne tokkicha ilma isaa isa cuuphamuu isaa fi du’a isaatiin cubbuu keenyattii nu fayyisee dha.
Wanti Waaqayyotti dhihachuu nu dadhabsiisee cubbuu nuyi hojjennee dha. Yesuus Yohannisiin cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya hundumaa nu irra kaasee fannoo irratti nuuf du’uu isaatiin keenyan nuyi fi Waaqayyoon gidduu jiru diigeera. Tokkummaan nuyi Waaqayyo wajjin qabnu cuuphamuu fi diiga Yesuusiin deebi’ee ijaarame. Kennaa isaa kanaaf galanni isaaf haa ta’u. Jaalalli abbaa fooniyyuu guddaa dha, garuu jaalalii inni Waaqayyo abbaan keenya karaa Yesuusiin nuun cubbamoota fayyise immoo kamitti iyyuu hin qixxeeffamu.
Cuuphaa fi dhiiqni Yesuus walqixa barbaachisa dha. Utuu biyya lafaa irra bishaanni hin jiru ta’e, namni jiraachuu ni danda’aa? Haaluma kanaan cuuphamuu Yesuusiin ala namni cubbuu malee jiraachuu hin danda’u. Utuu Yesuus hin cuuphamne ta’ee fannoo irrattis hin dune ta’e, eenyu iyyuu dhiifama cubbuu hin argatu ture. Garuu Yesuus nuuf cuuphamee nuuf du’uu isaatiin cubbuu keenyattii qulloofneerra. Nuyi namoota dadhaboo fi kan kufnu yoo taane iyyuu Hafuura Qulqulluu fudhannee ittiin jiraachuuf karaa amantii carraa arganneerra.
Namoonni warri cuuphaa fi du’a Yesuusitti amanan Waaqayyotti dhihatanii isa kadhachuu fi isa galateeffachuu ni danda’u. Nuyi ijoollee Waaqayyoo waan taaneef isa galateeffachuu fi isa waaqeffachuu ni dandeenya. Kun ayyaanaa fi eebba Waaqayyoo ti. Wangeellii cuuphaa fi fannoon Yesuus dhugumaan wangeela dinqisiisaa dha. Wangeela bareedaa kanatti amanuudhaan fayyinaa fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandeenya.