• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-10] Hafuuraan Deddeebi’i! (Galaatiyaa 5:16-26, 6:6-18)

(Galaatiyaa 5:16-26, 6:6-18)
“Ani garuu, hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha fooni hin raawwatina! nan jedha. Fedhi foonii hafuuraan ni morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin ni mormu. Hafuurrichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan, hojiin foonii mul’ataa dha. Isaanis halalummmaa, xuraa’ummaa, jireenya gad dhiisii, Waaqayyolii tolfamaa waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummmaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatuus. Akkuman kanaan duraa isinitti himee ture, warra wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isnitti nan hima. Iji hojii Hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, garramummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa dha, of dhowwuudhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru. Warra kan kiristoos Yesuus ta’an immoo, yaada foonii, hawwaa isaa, fedha isaas fannisaniiru. Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, Hafuura kanaa duukaa bu’uu keenya. Egaa kottaa, of dhiibduu, walitti naqxuu, walitti inaaftuu, ta’uu ni dhiifna.”
“Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru wanta gaarii ofii isaatii qabu, barsiisaa isaa wajjin haa hirmaatu. Waaqayyo kan itti ga’iisan miti, hin gowwoomina! Namni immoo waanuma facaase ni galfata, namni akka yaada foon isaatiitti facaasuu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa ni galfata. Akka yaada Hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuura irraa jireenya barabaraa ni galfatta. Yeroo isaatti humna osoo hin dhabin galfachuuf waan jirtuuf, ammas kottaa wanta gaarii ta’e gochuutti hin laafnu! Egaa akkuma fucha argannetti kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo, warra amantii keessa jiraaniif, gaarii ni hojjenna! Kunoo, amma fidala gurguddaadhaan harka kootiin isiniif caafuu koo tii ilaala; Wanta namummaa nama irratti, alaan mul’atu agarsiisuu warri barbaadan akka isin dhaqna qabattaniif isin ni dirqisiisu. Isaan fannoo Kiristoosiif akka hin ari’aatamne duwwaadhaaf kan ni godhu. Warri seera dhqna qabaa duuka bu’an iyyuu, seera hin eegan; haa ta’uu iyyuu malee, isaan waan namummaa keessan irratti mul’atu kanaan of jajuu duwwaadhaaf dhaqna qabachuu keessan barbaadu. An garuu fannoo gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos isa ittiin biyya lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta’u. Uumama haaraa ta’u tu lakkaa’ama malee, dhaqna qabachuu yookis utuu hin qabatin hafuun waan tokkotti hin lakkaa’amu. Nagaan fi haraarri warra akka karaa haaraa kanatti deddeebi’ani irraa, Israa’el Waaqayyo irraas haa jiraatu! Egaa ani godaanisa mada isa Yesuus qaba ture namummaa koo irraa waan an qabuuf si’achi namni tokko iyyuu ana hin rakkisin; Ayyanni gooftaa keenyaa Yesuus gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos Hafuura keessani wajjin haa ta’u, yaa obbolotaa. Ameen.”
 
 
Hafuuraan deddeebi’uudhaaf maal gochuu qabnaa?
Wangeela bareedaatti jiraachuu fi lallabuu qabna.
 
Ergamaan Phaawulos erga gara warra Galaatiyaa keessatti waa’ee Hafuura Qulqulluu barreesseera. Galaatiyaa 5:13-14 irratti akkana ni jedha, “Obboloota koo, isin birmadumaadhaaf waamamtani’oo, jaalalan waliif ergamaa malee, birmdummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennina! Guutummaan seeraa dubbii tokkicha isa, ‘nama akka ofii keetiitti jaalladhu jedhuun’ ni xumurama.”
Gabaabaatti, ergaan kun kan inni nutti dubbatu, erga fayyinee cubbuuttii bilisa baanee, birmadummaa keenya immoo waan gadhee ittiin hojjechuu osoo hin taane, wangeela bareedaan walii-walii keenya tajaajiluu akka qabnuu dha. Erga Waaqayyo nu fayyisee cubbuu keenyattii bilisa nu baase, wangeela warra kaaniif labsuuf ga’oo ta’uu keenya agarsiisa. Phaawulosiis akkan jedheera, “Isin garuu yoo wal ciniintan yoo wal nyaattaan akka wal hin fixnetti of eeggadhaa” (Galaatiyaa 5:15).
 
 
Hafuura Qulqulluun guutamuudhaaf Hafuuraan deddeebi’i
 
Galaatiyaa 5:16 irratti Phaawulos akkana ni jedha: “Ani garuu, hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha fooni hin raawwatina! nan jedha.” Akkasumas lakkoobsa 22-26 irrattis akkana ni jedha, “Iji hojii Hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, garramummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa dha, of dhowwuudhas. Egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru. Warra kan kiristoos Yesuus ta’an immoo, yaada foonii, hawwaa isaa, fedha isaas fannisaniiru. Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, Hafuura kanaa duukaa bu’uu keenya. Egaa kottaa, of dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaafuu, ta’uu ni dhiifna.” Iddoo kanatti Phaawulos ija hojii Hafuura qabaachuudhaaf Hafuura Qulqulluun deddeebi’uu barbaachisaa akka ta’e dubbata. Hafuurri Qulqulluun akka nuyi hafuuraan deddeebinu nu irraa barbaada. Garuu fooniin ni jiraanna.
Foonni ilmaan namaa ija hojii Hafuura osoo hin qabaatin dhalateera. Yoo hafuuraan deddeebi’uuf yaalii goone iyyuu, uumamni keenya hin jijjiiramu. Sababii kanaaf kan nuyi warra wangeela miidhagaatti amanan qofaatu kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaan hafuuraan deddeebi’ee ija hojii hafuuraa qabaachuu danda’u jennuuf.
Macaafni Qulqulluu akka nuyi Hafuuraan deddeebinu yemmuu nutti dubbatu, akkana jechuun akka warri kaan dhiifama cubbuu argataniif wangeela bareedaa lallabaa jechuudha. Wangeela bareedaa kanaaf ni jiraanna yoo taane, ija hojii Hafuura Qulqulluu ni qabaanna. Jecha biraatiin, kun uumama namaa jijjiiruu miti. Wangeela bareedaa kanaan yeroo deddeebinu, ija hojii Hafuura Qulqulluu ni qabaanna, isaanis jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, amanamummaa, hubannaa fi of qabuu dha. Hojiin Hafuura akka warri kaan cubbuu isaaniittii fayyanii jireenya barabaraa argataniif hojjechuu dha.
 
 
Fedhiin foonii faallaa hojii hafuuraa ti
 
Phaawulos akkana ni jedha, “Fedhi foonii hafuuraan ni morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin ni mormu waan ta’eef waan yaadde hojjechuu hin dandeessu” (Galaatiyaa 5:17). Nuyi warri fayyine iyyuu sababa ija hojii fooni fi ija hojii hafuuraas of keessaa qabnuuf lamaan isaani waliin mormaa nu keessa jiraatu. Firiin isaa inni tokko guutummaan guutuutti utuu laphee keenya hin guutiin hafa.
Hafuurri akka nuyi wangeela miidhagaa lallabnuudhaan gooftaaf hojjennu nu kakaasa. Akka nuyi hojii Hafuuraa keessa dhimminee qooda qabaannu godha. Akka warri kaan dhiifama cubbuu argataniif wangeela miidhagaa isa kan Waaqayyoo akka lallabnuuf nu gargaara.
Garuu kara biraa immoo, yaadni keenya fedhii foonii waan waliin makuuf, hafuuraan deemu ni dadhabna. Kun egaa waldhabiinsa barabaraa Hafuuraa fi Foon namaa giduu jiruu dha. Foonni namaa yeroo dhumu hojii isaa ni dhaaba. Foonni yeroo hundumaa Hafuuraan morma. Isaan waliin mormu waan ta’eef waan yaadne hunda hojjechuu hin dandeenyu.
Hafuuraan geggeeffamuu keessa maalu jira? Maaltu Waaqayyoon gammachiisaa? Wangeela bareedaa lallabuu fi itti jiraachuun hafuuraan deddeebi’uu akka ta’e Waaqayyo dubbateera. Warra kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qabaniif Waaqayyo laphee isaan ittiin deddeebi’an ni kennaaf. Abboommiin Waaqayyo akka nuyi ija hafuuraa qabaannuuf nuuf kenne, akka nuyi wangeela bareedaa lallabnuuf akeekkachiisa fi ajaja nuuf kennamee dha. Hafuuraan deddeebi’uu jechuun Waaqayyoon gammachiisuu jechuu dha.
Hafuuraan deddeebi’uudhaaf, duraan dursinee kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu qabna. Kennaa keessa namaa buufachuu Hafuuraa Qulqulluu fudhachuuf garaa keenya guutuudhaan, duraandursinee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna. Yoo wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amannu taane, kennaa keessa namaa buufachuu Hafuuraa Qulqulluu fudhachuuf fudhachuu ta’e fayyinas ta’e hafuuraan deddeebi’uu hin dandeenyu.
Hafuurri fedhii wangeela bareedaa lallabuudhaan Waaqayyoof hojjechuu fi hulfina Waaqayyoo nama keessa kaa’a. Fedhiin akkanaas Waaqayyoof of kennanii wangeela biyya lafaatti lallabuu keessaa ba’a. Karaa biraa immoo fedhiin akkanaa wangeela bareedaa lallabuudhaaf aarsaa kamiin iyyuu fudhachuudhaaf of qopheessuu keessaa dhufa. Warri wangeela bareedaa fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan hafuuraan deddeebi’anii wangeelaaf of kennuu danda’u. Kun dhaala hafuura olii ti.
Warri kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan yoo fedhiin foon isaan keessa jiraate iyyuu, hafuuraaf abboomamanii isaan deddeebi’uu danda’uu. Phaawulos, “Hafuuraan deddeebi’a” jedha. Kana jechuun wangeela bareedaa fi wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa Yesuus biyya lafaa ittiin fayyisuudhaaf nuuf kenne lallabaa jechuu dha.
Yeroo tokko-tokko utuu hafuuraan deddeebinu, fooniinis immoo ni deddeebina. Fedhiin Hafuuraa fi fedhiin foonii jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa wal lolu; garuu warri kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan Hafuuraan deddeebi’uu ni danda’u. Haala akkanaa qofaatiin eebba Waaqayyo keessa jiraachuu dandeenya. Warri kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatanii ija godhachuu immoo jibban, dhumni isaanii firdii foonii ta’a. Ijii isaanii badii fi gadisiisaa ta’a. Sababii kanaaf hafuuraan deddeebi’uu qabna.
“Hafuuraan deddeebi’aa,” kan jedhu dhageenyeerra, garuu muraasni keenya immoo, “Utuun Hafuuraan hin guutamin attamittan kana gochuu danda’a” jedhu. Kaan immoo kennaa nama keessaa buufachuu Hafuura Qulqulluu qabaachuu koo kallattiidhaan Waaqayyo yoo natti dubbaten hubadha jedhu. Garuu kun hubannoo gar malee ti. Hafuurri fedhii wangeela bareedaa fi wangeela bishaanii fi Hafuuraa nama keessa kaa’a.
Akkka inni nu keessa jiru yeroo nuyi hubannu ni dhufa, amma garuu sababa fooniin deddeebinuuf nutti hin dhagaa’amu ta’a. Tokko-tokko inni nu keessa rafa jedhu. Warri akkanaa kun warra hafuura isaa fudhatanii fooniin deddeebi’anii dha.
Warri akkanaa kun warra fedha fooniin deddeebi’anii dha, garuu sababa kanaaf guyyaa booddee ni dhiphatu. Warrumti hafuuraan guutamanii akka fedha foonitti deddeebi’anii kun sirna uumamaa tii jedhan jiru. Warri amma foon isaanitti of kennan guyyaa booddees akkuma kana ta’u.
Gooftaan akka fedha Hafuuratti akka jiraannu nutti dubbata. Akkana jechuun immoo wangeela bareedaa labsuu jechuu dha. Kunis wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraa labsuu jechuu dha. Wangeelatti gammadanii isa keessa jiraachuun hafuuratti jiraachuu dha. Akka dubbii hafuuraa isa barattanitti deddeebi’a jechuun maal jechuu dhaa? Hafuuraan deddeebi’aa jirtaa?
 
 
Namni kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu hin fudhanne Hafuuraan deddeebi’uu ni danda’uu?
 
Warri lammaffaa hin dhalanne hafuuraan deddeebi’uun maala akka ta’e galuufii hin danda’u. Kanaafuu, namoonni baayyeen Hafuura Qulqulluu akka fedha isaaniitti fudhachuu barbaadu. Fedhii hafuuraan guutamuun akka hafuuraan guutamuutti lakka’u.
Fakkeenyaaf, waaqeeffannaaf mana kadhannaa keessatti walitti qabamni yeroo ta’u, inni kadhannaan tajaajilus warri hordofanis maqaa gooftaatiin ni iyyu. Tokko-tokko immoo akka nama hafuuraan guutameetti afaan haaraatiin ni kadhatu, guru hundi isaanii waan jedhan iyyuu hin beekan. Gidduutti immoo akka hafuura qulqulluun guutamanii gammadaniitti lafatti ni kufu. Yeroo namoonni wacan wanti hundinuu olii-gad ta’ee, yaa “Gooftaa! Yaa Gooftaa!” jechuutti ni ka’u. Harka walitti rukkutaa, imimmaan dhangalaasaa, maqaa gooftaa ni waamu. Egaa wanta akkanaatiin “hafuuraan guutuu dha” jedhu.
Tajaajilaan sun iddoo irratti lallaban ni rukuta, namoonni immoo “Gooftaa! Yaa Gooftaa!” jechuudhaan ni iyyu. Baayyeen isaan wanta akkanaa jaallatu, tokko tokko immoo, laga Edeen keessatti muka isa gaarii fi hamaa beeksiisu agarre jedhan mul’ata isaanii isa xurraa’aa sanaan biyya balleessu. Kanas akka wanta Hafuura Qulqulluu fudhataniitti ilallani ittiin hojjetu. Hojiin isaaniis dubbii Waaqayyoo fi Hafuura Qulqulluu irraa kan fagaatee dha.
“Hafuuraan Deddeebi’i.” Kun wanta Waaqayyo warra lammaffaa dhalatanitti dubbatuu dha. Phaawulos ija hojii Hafuura Qulqulluu fi ija hojii foonii wal bira qaba. “Iji hojii Hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa dha, of dhowwuudhas. Egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru” (Galaatiyaa 5:22-23).
“Hafuuraan Deddeebi’uu” jechuun akka namoonni cubbuu isaanittii fayyaniif wangeela miidhagaa lallabuu dha. Yoo kana goone, ija hojii Hafuuraa ni qabaanna. Iji hojii hafuuraas, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, garramummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa, of dhowwuudhas, kana immoo yoo wangeela bareedaatti jiraanne qofaa dha. Namni tokko wangeela miidhagaa lallabee yoo isaaf hojjete, jireenya Hafuura Qulqulluu fudhachuu danda’a.
Ija hojii hafuuraa keessaa, “gaarummaa” jechuun hojii gaarii ta’e hojjechuu jechuu dha. Akkasumas jaalala jechuu dha. Wangeela bareedaaf jaalala hojjiechuu fi bu’aa warra kaaniif hojjechuun gaarmmaa dha. Hunduma irra caala kan ija Waaqayyoo duratti gaarii ta’uu wangeela bareedaa lallabuu dha.
“Gaarummaa” jechuun namaaf garaa laafuu jechuu dha. Inni warra kaaniif garaa laafu, obsaan wangeela warra kaaniif hira. Inni Hafuuraan deddeebi’uu nama hojii Waaqayyootti gammaduu dha, hojii isaas nama hojjechuutti gammaduu dha, warra kaan jaallatuu fi waan hundumaas amanamummaadhaan kan hojjetuu dha. Waan hundumaa yoo ta’ee iyyuu, dirqama tokkoo malee kan raawwatuu dha. Inni nama hubataa fi of qabeessa ta’a. Ija hojii Hafuuras ni qabaata. Namni hafuura Qulqulluu of keessaa qabu, ija hojii hafuuraa ni qabaata. Namni yoo akkana godhe qofa, ija hojii hafuuraa qabaachuu danda’u.
Yoo hafuuraan deddeebite ija hojii hafuuraa Qulqulluu qabaachuu ni dandeessa. Garuu yoo hafuuraan deddeebi’uu dhaa baatee fedha fooniitiin deddeebi’uun kee waan oolu miti. “Hafuurrichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan, hojiin foonii mul’ataa dha’ Isaanis halalummmaa, xuraa’ummaa, jireenya gad dhiisii, Waaqayyolii tolfamaa waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummmaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, ajjeechaan, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatuus; akkuman kanaan duraa isinitti himee ture, warra wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isnitti nan hima” (Galaatiyaa 5:19-21).
 
 
Hojiin foonii mul’ataa dha
 
Hojiin foonii mul’ataa dha. Hojiin foonii inni jalqabaa “ejja” akkana jechhuunis saal quunamtii ga’eelaan alaa jechuu dha. Inni lammaffaan, “halalummaa” dha. Inni sadaffaan “xuraa’ummaa” dha. Inni arfaffaan “jireenya gad dhisii” dha. Inni ja’affaan “Waaqayyolii tolfamaa waaqessuu” dha. Inni torbaffaan “jibba.” Namni hafuuraa hin deddeebine, ofittummaa waan qabaatuuf yeroo hundumaa namaa wajjin qoccolloo uuma oola. Inni saddeettaffaan, “qoccolloo” dha. Kana jechuun nama kan biraa wajjin lola uumuu dha. Warri kaan immoo, “Hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummmaa” dha. Kun ija hojii foonii isa mul’atuu dha. Kun hundinuu amala nama fooniin deddeebi’uu dha.
Inni kurnaffaan, “yaadaan gargar ba’uu” dha. Namni akka fooni isaa qofaatti deddeebi’uu hojii waldaa hojjechuun isaaf hin danda’amu waan ta’eef gara dhumaatti fedhii isaatiin waldaa ni dhiisa. Inni kudhatokkoffaan, “barsiisaan gargar cabuu” dha. Namni fooniin deddeebi’uu fedha isaa hin guutamu. Fedhiin isaa kun immoo kan Waaqayyottii gargar ba’e waan ta’eef, wangeela bareedaatti jiraachuu hin danda’u. Barsiisa sobaa jechuun dhugaa wangeelaatti adda ba’uu jechuu dha. Eenyu iyyuu amantii wangeela bareedaa fi Hafuura Qulqulluu kan fudhatuuf Waaqayyottii adda ba’uuf miti. “Weennoo, ajjeechaan, machii, albaadhummaa, wanti kana fakkaatuus” ija hojii foonii ti. Warri hojii fooniitiin deddeebi’an hanga dhumaatti wantoota akkanaa godhu. Kanaaf Waaqayyo, “hafuuraan deddeebi’aa” nuun jedha. Nuyi warri hafuurattii dhalanne hafuuraan deddeebi’uun nu barbaachiisa.
Warri lammaffaa hin dhalatin garaan isaanii fedha fooniin kan guutee dha. Kanaaf, halalumaa, xuraa’ummaa, jireenya gad dhiisii, Waaqayyolii tolfamaa waaqessuu keessatti hirmaatu. Tajaajiltoonni warri lammaffaa hin dhalanne, horii hedduu argachuudhaaf jedhanii hojii qoricha namatti gochuu keessa galu. Warri horii gurguddaa kennan waldaa keessatti itti gaafatamummaa guddaa irra kaa’amu. Warri fooniin deddeebi’an warra kaan ni jibbu. Kun hundinuu hojii foonii ti. Of tuulummaa isaaniitiin waldaa gargar baasanii waldaa kan biraa ijaaru, “qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, inaaffaan’’ garaa warra lammaffaa hin dhalanne keessa jiru. Nuyi qulqulloonni yoo akka fedha fooniitti ni deddeebina taane akkuma isaanii taane jechuu dha.
 
 
Hafuurri Kiristaanota warra lammaffaa dhalatan akka isaan ija Hafuuraa godhatan gargaara
 
Warri lammaffaa dhalatan wangeela bareedaa lallabuudhaaf jiraachuu qabu. Akkuma qofaa ofii gooftaa ordofuun ulfaatu, wangeela miidhagaa taajajiluuf waldaa Waaqayyo wajjin walitti hidhachuun barbaachisaa dha. Hafuura tokkummaa wangeela bareedaatiin waliiwajjin kadhachuudhaan, humna tokkoon jabaachuu barbaachisa. Warri hafuuraan deddeebi’an wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsuudhaaf taa’u. Jecha biraatiin fooniin deddeebi’uu jechuun faayidaa dhuunfaa ofii qofaaf deddeebi’uu yeroo ta’u hafuuraan deddeebi’uu jechuun immoo fayyina lubbuu warra kaaniif hojjechuu dha. Namoonni lammaffaa dhalatan hedduun isaanii kana ni godhu. Isaan gaarummaa warra kaaniitiif jiraatu.
Biyya lafaa kana irraa wangeela bareedaa kan hin dhaga’in hedduutu jiru. Saba Afrikaa fi Esiyaa ni jaallanna. Akkasumas namoota Awuroopaa fi Ameerikaa fi biyyolessa bishaan gidduu qophaa jiraatan ni jaallanna. Kanaafuu wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraa isaanitti barsiisuun gaarii dha.
Hafuuraan deddeebi’uu qabna. Kanaaf seerri nuun mormu hin jiru. “Iji hojii Hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa dha, of dhowwuudhas. Egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru” (Galaatiyaa 5:22-23). Seerri nuun mormu jiraa? Lakki. Seerri Hafuuraa nuyi abbomamuufii qabnu isa kana. Phaawulos akka nuyi hafuuraan deddeebinu barbaada. Akkuma gooftaan keenya jireenya isaa cubbamootaaf kenne, nuyi immoo warra kaaniin wangeela ga’uu qabna. Akka namoonni cubbuu isaaniittii fayyan gochuun hojii hafuuraa ti. Kanaafuu Hafuuraan deddeebi’uu qabna.
Galaatiyaa 5:24-26 akkana ni jedha, “Warra kan Kiristoos Yesuus ta’an immoo, yaada foonii, hawwaa isaa, fedha isaas fannisaniiru. Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, Hafuura kanaa duukaa bu’uu keenya. Egaa kottaa, of dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaatuu, ta’uu ni dhiifna.” Kiristoos keessa jirra yoo taane, lubboota hin fayyinetti wangeela lallabuu qabna. Hojii Hafuuraa hojjennee isaa wajjinis adeemuu qabna. Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo nuuf kenne, garaa keenya keessatti akka nuyi Kiristoositti jiraannuuf nu gargaara. Hafuurri Qulqulluun gooftaa jaalalaa ti. Waaqayyo konkolaataa jaalali isaa ittiin deemu nu godhateera.
Phawulos akkana ni jedha, “Warra kan Kiristoos Yesuus ta’an immoo, yaada foonii, hawwaa isaa, fedha isaas fannisaniiru” (Galaatiyaa 5:24). Inni warri lammaffaa dhalatan isaa wajjin du’uun isaani ti jedheera. Warri dhuguma lammaffaa dhalatan isa wajjin du’aniiru jedha. Kana hunda hin hubannu garuu akka Kiristoos fannoo irratti nuuf du’ee yeroo amannu isaa wajjin du’uu keenya jechuu dha. Karaa biraatiin Yesuus Kiristoos fannoo irratti nuuf du’e jechuun, nuyi isaa wajjin duune jechuudha. Duuti isaa du’a keenya yeroo ta’u, du’aa ka’uun isaa immoo waabii du’aa ka’uu keenyaa ti. Amantii keenyaan Yesuus Kiristoosii wajjin duuneerra. Amantii qabaachuu qabna. Amantiin keenya akka nuyi Hafuuraan deddeebinu godha.
Waaqayyo akka nuyi Hafuuraan deddeebinu nu godha. Kanaafuu, nuyi warri dhiifama cubbuu arganne hafuuraan deddeebi’uu qabna. Warri Hafuura Qulqulluu fudhatan galateeffachaa warra badanii jiranitti wangeela fayyinaa lallabuu qabu. Namni tokko lammaffaa dhalatee dhiifama yoo argate iyyuu, yoo fooniin deddeebi’a ta’e waldaa Waaqayyoottii adda ba’ee utuu hin tajaajiliin hafuu danda’a. Anii fi ati hanga gaafaa dhufaattii gooftaatti wangeela bishaanii fi Hafuuratti jiraannee isa labsuu qabna.
 
 
Of dhiibduu, osoo hin taanee Hafuuraan Guutamuu
 
Phaawulso akkana jedha, “Egaa kottaa, of dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaatuu, ta’uu ni dhiifna.” Of dhiibduu jechuun maal jechuu dha? Innis fooniin deddeebi’uu dha. Biyya lafaa kana irra namoonni ofii isaanittiif jiraatan hedduu tu jiru. Namoonni hedduun horii walitti qabani, olaantummaadhaaf ni ga’u, miidhagina biyya lafaa ni hawwu. Kun amanamummaan qabu, yeroo dha gara Yerootti tortoranii badaa adeemu. Kanaafuu, warri fooniin deddeebi’an, of tuultuu ta’u. Namoonni yoo sooroman iyyuu, sooruma dhugaatti gammachuu fi nagaa ni argatuu? Firiin hojii foonii badiisa. Wanti biyyi lafaa kana irraa lubbuu keenya waan nu gargaaru hin qabu. Isaan foonuma namaa gammachiisuuf taa’u.
“Horii isaa kan asii fi achi bittimsu jira, kana keessaa immoo ittuma dabalamaafii ni deema; safara malee kan doqnoomu jira, kana keessaa immoo ni iyyooma” (Fakkeenya 11:24). Warri lammaffaa hin dhalatin horii baayyee qabaachuu barbaadu. Sababiin isaa biyyi lafaa isaaniif waan hundumaati waan ta’eef warra kaaniif iddoo hin qaban. Kanaaf ofii isaanii qofaaf eeggannaa gochuu barbaadu. Kanaafuu Macaafni, baayyee qusachuun gaarii dha garuu gara iyyumaatti geessa jedha. Namoonni akka fedha foonii isaaniitti deddeebi’uu barbaadu, garuu firiinsaa gidiraa ta’ee du’an xumurama. Firiin kana hundumaa of gowwoomsuu irraa madda.
 
 
Warra fedha Hafuuraa duukaa bu’uu barbaadan
 
Phaawulos jireenya hafuuraa jiraachuu barbaada. Akkasumas godheera. Akka ta’utti akka nuyi dubbii isaatti jiraannuufis nu barsiiseera. Galaatiyaa 6:6-10 irratti akkana jedheera, “Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru wanta gaarii ofii isaatii qabu, barsiisaa isaa wajjin haa hirmaatu. Waaqayyo kan itti ga’iisan miti, hin gowwoomina; Namni immoo waanuma facaase ni galfata, namni akka yaada foon isaatiitti facaasuu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa ni galfata. Akka yaada Hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuura irraa jireenya barabaraa ni galfatta. Yeroo isaatti humna osoo hin dhabin galfachuuf waan jirtuuf, ammas kottaa wanta gaarii ta’e gochuutti hin laafnu! Egaa akkuma fucha argannetti kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo, warra amantii keessa jiraaniif, gaarii ni hojjenna!”
Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru wanta gaarii ofii isaatii qabu, barsiisaa isaa wajjin haa hirmaatu. “Wanta gaarii” inni jedhu kun hafuuraan deddeebi’anii wangeela nagaa labsuudhaan warra kaan du’a oolchuu akka ta’e Phaawulos ni gorsa. Warri lammaffaa dhalatan warra barsiisanii fi warra hafuuraan deddeebi’an guunnaman sammuu tokkoon tajaajiluutuu irraa eegama.
“Warra isin barsiisanii wajjin wanta gaarii ta’e hirmaadhaa.” Wanta gaarii jechaan karaa hojii waldaa warra hin fayyin jiraniif wangeela hiruu dha. Phaawulos wanta hundumaa, yaada tokkoon, kadhannaa tokko keessatti illee yaada tokkoon akka hojjennu barbaada. Hojii gooftaa yaada tokkoon akka hojjennu barabaada.
Phaawulos akkana jedha, “Waaqayyo kan itti ga’isan miti’o, hin gowwoomina! Namni immoo waanuma facaase in galfata.” Akkana jechuun Waaqayyotti akka hin qoosne fi akka hin ga’isine nutti dubbata. Fakkeenyaaf dubbii Waaqayyoo salphaatti akka hin lakkoofne akka fedha ofiitti akka hin hiikkanne fi akka dubbii isaa irraa amantii hin dhabne nutti dubbata. Phaawulos akkan ni jedha, “namni waanuma facaase ni hammata.” Akkana jechuun hojii namni hojii foonii facaasu jallina hammata, namni hojii hafuuraa facaasu immoo jireenya barabaraa akka haammatu nu barsiisa.
Wangeela miidhagaa bishaanii fi hafuuraa yoo facaasne maal hammannaa? Fayyina barabaraa fi dhiifama cubbuu hammanna. Ija hojii hafuuraa hammaannee warra kaaniif wangeela fayyina hiruudhaan akka isaan eebba Waaqayyoo argatan gochuu dha.
Egaa namoonni ofii isaaniitiif jiraatan immoo attam ta’uu? Isaan hammina hammatanii dhuma irratti immoo du’a fudhatu. Erga du’anii booda wanti isaaniif hafu hin jiru. Namni harka isaa duwwaa dhalatee harka isaa duwwaas du’a.
Namni yoo hojii fayyinaa keessaa hirmaate ija hojii hafuuraa hammatee jireenya barabaraa argata. Garuu akka fedha foonitti namni deddeebi’u badiisa ni hammata. Abaarsa hammatee warra kaanittis abaarsa ni dabarsa. Kanaafuu, waa’ee amantiitti jiraachuu hunda kan beeku, akka fedha fooniitti akka hin deddeebine nu gorsa.
“Yeroo sanatti humna utuu hin dhabin waan galfachuuf jirruuf, ammas kottaa waan gaarii ta’e gochuutti hin laafnu.” Phaawulos garbicha Waaqayyo isa hafuuraan deddeebi’uu ture. Macaafa Qulqulluu keessatti akka inni hafuuraan deddeebi’u warri argan, namoonni tokko-tokko akka Hafuurri Qulqulluun Phaawulosiin, “gara bitaatti goriitti isa sanaa wajjin haa sa’i”, yookaan immoo, “nama sana dhiisi” jedhee itti dubbatuutti kan fudhatan jiru. Garuu kun dhugaa miti.
Inni wangeela fayyinaa warra kaanitti labsee akka isaan fayyan gochuudhaan hafuuraan deddeebi’aa ture. Phaawulos warra hafuuraan deddeebi’an quunnamuudhaan gooftaaf hojii guddaa hojjeteera. Kiristaanota keessaa namoonni akka fedha hafuuraa dhiisanii akka fedha foonitti deddeebi’an jiru. Isaan akkanaa kun Phaawulosiin hin simatan ittumaa iyyuu isa inni arrabasu. Phaawulos warra isaan mormanii fi warra bartoota Yesuus Kiristoosiin arrabsanii wajjin waan tokko iyyuu hin hirmaanne.
Yoo hafuuraan deddeebi’uu barbaadan, wangeelaan jiraachuu qabda. Warra dhaqna qabatan Phaawulosiin ni arrabsu. Galatiyaa 5:11 irratti akkana ni jedha, “Garuu obboloota koo, seerri dhaqna qabaa akka eegamuuf utuun lallabee, hamma amaatti maaliifan ari’atama ree? Yoos fannoon Kiristoos namootatti gufuu ta’uun isaa ni hafe ture.” Warri dhaqna qabatan warra dhaqna qabaan fayyinaaf barbaachisaa dha jedhanii waliin kurfaa’anii dha, “Namni lammaffaa dhalate iyyuu fayyuudhaaf dhaqna qabachuu qaba. Yoo dhaqna hin qabanne ta’e mucaa Waaqayyoo ta’uu hin danda’u” jedhu. Isaan maaliif Phaawulosin ari’atuu? Phaawulos garuu fayyinni fi eebbii barabaraa karaa amantii cuuphamuu fi dhiiga fannoo Yesuus akka ta’e barsiisa. Kun wanta inni lallabee dha.
Amantiin qajeelaa nama godhu dhugaa barachuu fi lallabuu keessaa argama. Phaawulos barbaachisummaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa dubbateera. Inni Hafuuraan deddeebi’anii jiraachuudhaan malee dhaqna qabaan akka nama fayyisuu hin dandeenye barsiiseera. Kun wanta inni lallabee dha. Garuu warri dhaqna qabatan immoo dhaqna qabaan fayyinaaf qabxii barbaachiisaa dha jedhu. Haa ta’uu iyyuu malee wangeela isa Waaqayyo biraa gad bu’ee malee kan biraa hin fayyisu.
Phaawulos hafuuraan deddeebi’eera waan ta’eef warri amantii Yihudootaa duukaa bu’an isa ari’ataniiru. “Wanta namummaa namaa irratti, alaan mul’atu agarsiisuu warri barbaadan akka isin dhaqna qabattaniif isin ni dirqisiisu; Isaan fannoo Kiristoosiif akka hin ari’aatamne duwwaadhaaf kan ni godhu. Warri seera dhqna qabaa duuka bu’an iyyuu, seera hin eegan; haa ta’uu iyyuu malee, isaan waan namummaa keessan irratti mul’atu kanaan of jajuu duwwaadhaaf dhaqna qabachuu keessan barbaadu. An garuu fannoo gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos isa ittiin biyya lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta’u. Uumama haaraa ta’u tu lakkaa’ama malee, dhaqna qabachuu yookiis utuu hin qabatin hafuun waan tokkotti hin lakkaa’amu” (Galaatiyaa 6:12-15). Akkasumsa Phaawulos warra dhaqna qabataniin akkana jedhe, “Wanta namummaa namaa irratti, alaan mul’atu agarsiisuu warri barbaadan akka isin dhaqna qabattaniif isin ni dirqisiisu; Isaan fannoo Kiristoosiif akka hin ari’aatamne duwwaadhaaf kan ni godhu.”
Phaawulos warra akka fedha fooniitti deddeebi’an ni ceepha’a. Warri akka fedha foonitti deddeebi’an kun duuka buutuu hedduu qabu. Garuu Phaawulos walittidhufeenya isaanii dhaabeera. Inni akkana jedheera, “An garuu fannoo gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoosiin malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta’u.” Yesuus Kiristoos Yohannisiin cuuphamee cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee, Phaawulosii fi warra Waaqayyo waame hundumaa fayyisuu dhaaf fannoo irratti du’eera. “Yesuus Kiristoosiin biyya lafaa ana irraa fannifame anis biyya lafaa jalaa fannifameera. Kiristoos keessatti, uumama haaraa ta’u malee, dhaqna qabachuu yookis utuu hin qabatin hafuun waan tokkotti hin lakkaa’amu.” Phaawulos inni biyya lafaa jalaa du’e kun Kiristoosiif immoo jiraataa dha.
Nuyi Kiristoos Yesuus keessatti du’aa dha. Garuu al tokkotokko kana ni irranfanna. Garuu kanatti amanuu qabna. Dhugaa kana irraa amantii hin qabnu yoo taane, atis maatiin kees fedha fooniitiin qabamanii waan jiraniif gooftaa duukaa bu’uudhaaf akka kufatan beekuu qabda. Foonni namaa dadhabaa waan ta’eef maatiin keenyas gooftaa duukaa nu buusuu hin dandaa’an. Gooftaa qofaatu na gargaare. Nuyi garuu biyya lafaa jalaa fannifamneerra. Egaa attamitti namni du’an nama biyya lafaa waan biyya lafaatiin gargaaruu danda’aa? Namoonni biyya lafaa kan irraa du’an waan biyya lafaa qabaachuu hin dandaa’an.
Yesuus du’aa ka’eera. Du’aa ka’uun isaa jireenya haaraatti akka lammaffaa dhalannuuf nu gargaara. Egaa nuyi hojii haaraa, maatii haaraa fi abdii haaraa warra qabnuu dha. Nuyi warra lammaffaa dhalannee dha. Nuyi warri loltoonni waaqa irraa wangeela lallabuudhaaf itti gaafatamummaa qabna. Phaawulos nama gargaaruudhaan akka nama ta’e dubbateera, kunis karaa foonii osoo hin taane tooftaa hafuuraa tiin. Inni biyya lafaa jalaa du’ee Kiristoosiin akka lammaffaa dhalate dubbateera. Kottaa nama akka isaatti amantii isaa dhugaa baanu akka taanuuf ni dhamaana.
Phaawulos Galaatiyaa 6:17-18 keessatti akkana jedheera, “Egaa ani godaanisa mada isa Yesuus qaba ture namummaa koo irraa waan an qabuuf si’achi namni tokko iyyuu ana hin rakkisin. Ayyanni gooftaa keenyaa Yesuus Yesuus Kiristoos Hafuura keessani wajjin haa ta’u, yaa obbolotaa. Ameen.” Phaawulos mallatoo Yesuusiin baateera. Inni gooftaa duukaa adeemuuf jedhe dukkuba isaatti xiyyeeffannoo hin laatne. Agartuun isaa dhumaa isa adeemellee hin barreessine. Ergaaleen Phaawulos yaraan isaa illee hidhattoota hojii isaatii warra akka Tiitoo siin hin barreeffamne. Yoo fooniin dadhabaa ta’e iyyuu, hafuuraan jabaatee akkana jedheera, “Namoommaan keenya inni bakkee yoo dhumaa adeeme iyyuu, inni keessaa immoo guyyaa-guyyaatti ni haara’a” (2 Qorontos 4:16).
Phaawulos akka nuyi nama hafuuraa taanee deddeebinuuf nu gorsa. Akkasumas, “Hafuuraan deddeebi’uu jechuun wangeelaaf jiraachuu dha” jedheera. Hafuuraan deddeebi’uu jechuun maal akka ta’e anii fi at beekuu qabna. Waan badu duukaa bu’uu irra, waan hin badne wangeela dugaa duukaa bu’uu wayya. Kotta bara keenya isa hafee amantii dhaan hafuuraan deddeebina.
Amma wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuu dhaan, Hafuurri dhugaan nu keessa ni jiraata. Akka wangeelaatti yoo kadhanne Waaqayyo battalatti kadhannaa keenyaaf deebii kenna. Ija hojii Hafuuraa qabaachuu jechuun warri kaan akka fayyaniif hafuuraan deddeebi’uu jechuu dha. Iji hojii Hafuuraa horachuu ni dandessa; isaanis kan akka, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, garramummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa dha, of dhowwuudhas; egaa yeroo kana gootu immoo wangeelaaf jiraachu dha. Wangeela bishaanii Hafuuraa lallabuudhaaf, obsinee akka warri kaanis fayyaniif garramummaan adeemuu dha.
Iji hojii Hafuuraa waan gaarii ta’e gochuudhaan akka warri kaan fayyaniif wangeela lallabuudhaan akka isaan kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qabaatan gochuu dha. Iji hojii Hafuuraa qabaachuu fi Hafuuraan deddeebi’uun kan gochuu dha.