(Efeesoon 5:6-18)
“Sababii waan kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo warra isaa fi hin abboomamne irratti ni dhufa; humtinuu dubbii hundee hin qabneen isin hin gowwoomsin. Hidhata namoota akkasii kanaa hin ta’ina; isin dur dukkanaa’oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu, egaa akka ijoollee ifaatti jiraadha; wantii ifa keessaa ba’uu, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti ni argama. Wanta gooftaatti tolu qoraa bira ga’aa; Hojii dukkanaa, isa wanti dhimma baasu keesaa hin baane, bakkeetti baasaa malee, ittii hin hirmaatinaa. Namoonni hojii akkasii hojjetan jiru. Waan isaan dhoksaatti hojjetan immoo dubbachuun iyyuu yeelloo dha. Wanti ifichi bakkeetti baasu hundinuu mul’ataa ni ta’a. Wanti bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha. Kanaaf, ‘Ati yaa isa raftuu dammaqi; Warra du’an keessaa ka’i, Kiristoos siif ni ibsa’ jedhameera. Egaa attamitti akka deddeebitan aleela ilaalladhaa; akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedha; kanaaf jaalallii gooftaa maala akka ta’ee hubadhaa malee, wallaalota hin ta’inaa! Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa; qooda kana Hafuura Qulqulluudhaan guutamaa.”
Jireenya Keenya Guutama Hafuura Qulqulluu Keessatti eeggachuuf maal gochuu qabna?
Ofii keenya dhiifne, fannoo keenya baannee, yaada hamminaa keenya dhiifnee, wangeela lallabuutti of kennuu qabna.
“Hafuura Qulqulluun guutamanii isa keessatti of eeggachuudhaaf,” wangeela lallabuu qabna. Hafuura Qulqulluun isa guutaman keessatti of eeggachuudhaaf, duraan dursinee eebba nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu kan fichisiisu fudhachuu qabna. Kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa Waaqayyo kenne amantiidhaan fudhachuu qabna. Amantii akkanaa qabaachuudhaan, eebba nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu argachuu dandeenya.
Warri kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan hafuuraan guutamuu ni barbaaduu? Eeyye ni barbaadu. Garuu namoonni tokko-tokko maaliif hin barbaadani? Sababiin isaa rakkina mataa isaanii tu yaada Waaqayyoo dursa, akkana jechuun, isaa wajjin deemuu hin danda’an jechuu dha. Jireenya Hafuuraan guutamne eeggachuudhaaf, sagalee Waaqayyoo barannee itti amanuu qabna. Duraan dursinee, Macaafa Qulqulluu keessaa jireenya amantii attamii akka qabaachuu qabnu barachuu nu barbaachiisa.
Namoonni tokko-tokko jireenya Hafuuraan guutame jiraachuu maaliif dadhabuu?
Tokkoffaa, sababa ofii isaanii dhiisuu hin dandeenyeef. Akka Macaafa Qulqulluutti namootni waa’ee ofii isaanii dhiisan malee gooftaa wajjin deemuu hin danda’an. Jireenya hafuuraan guutame jiraachuun humna fooniitiin sababa hin danda’amneef, namni kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu qaban ofii isaanii dhiisuu qabu. Warrumti kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qaban iyyuu, mootummaa Waaqayyoof warra fedhii guddaa qaban malee of dhiisuun itti ni ulfaata. Kanaafuu, jireenya guutamuu Hafuura Qulqulluu qabaachuudhaaf, wangeela bishaanii fi Hafuuraa tajaajiluu qabna. Yoo akkas ta’e qofa namni ofii isaa dhiisee hojjetaa qajeelaa ta’uu danda’a.
Maatewos 16:24-26 keessatti akkana ni jedha, “Ergasii Yesuus bartoota isaatiin, ‘Namni tokko illee ana duukaa bu’uu yoo barbaade, waa’ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa isa anaaf jedhee baatu, of irra kaa’atee ana duukaa haa bu’u. Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade isa duraa ni fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kenne immoo, isa ni argata. Namni biyya lafaa guutummaatti buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu’aan isaa maali ree? Yookis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?’”
Namoonni lammaffaa dhalatan tokko-tokko jireenya guutama Hafuura Qulqulluu keessa deddeebi’uu kan dadhabaniif sababa fedha foonii isaanii hin ganneefi. Namoonni keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu qaban iyyuu, yeroo fedha foonii of irraa kutan qofa Hafuura Qulqulluu duukaa bu’uu danda’u. Gooftaa duukaa bu’uudhaaf kallattii baayyeedhaan fedha foonii of irraa kutuu qabna. Gooftaan, “Namni ana duukaa bu’u fannoo isaa baadhatee ana duukaa haa bu’u” jedhe.
Yaadni fooni du’aa dha, yaada hafuuraa qabaachuun, garuu jireenya, nagaa dhas. Namoonni Hafuuraan deddeebi’uu barbaadan fedha foonii dhaabuu qabu. Namoota akka kanatti of wareegan qofaatu jireenya Hafuuraan guutame qabaachuu danda’a. Kun egaa dhugaa guutamuu Hafuura Qulqulluu ti.
Gooftaa moo biyya lafaa duukaa bu’uu barbaaddaa? Akkaataa filannoo keetti, jireenya guutama Hafuuraa ykn fedhii foon keetii ta’a. Yoo dhuguma Hafuura Qulqulluutti jiraachuu barbaadde filannoon isaa kan kee ti. Waaqayyo cubbuu keenya hundaattii nu fayyisee, jireenya guutama Hafuura Qulqulluu nuuf kenne. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu filachuun garuu ga’ee kee ti. Jecha biraatiin, jireenyi guutama Hafuura Qulqulluu, wanta duraan dursa namaaf murtaa’e osoo hin taane, waan amma namni filachuu danda’u dha. Jireenyi guutama Hafuura Qulqulluu, amantii warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan irratti hundaa’a.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuudhaaf fedha qabaachuu qabna
Jireenya guutama Hafuuraa Qulqulluu jiraachuudhaaf fedha qabna yoo ta’e, Waaqayyotti ni tola. Innis nu gargaaraa nu jaallatas. Garuu hin barbaaddu yoo taane, jireenya guutama Hafuuraa Qulqulluutti cituu keenya ta’a.
Kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fedhii ofiin osoo hin taane wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu dhaan. Garuu erga Hafuura Qulqulluun guutamanii booda isa keessatti of eeganii jiraachuun fedha ofii irratti hundaa’a.
Kanaafuu, jireenya Hafuura Qulqullun keessatti of eegdee jiraachuu yoo feete, of qortee gargaarsa Waaqayyo barbaaduu tu si irra jira. Kanaafuu, kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu keessatti turuu yoo ni feeta ta’e, Waaqayyo fedha kana eebbisee nuuf guuta. Garuu kaayyoo kana fiixaan baafachuudhaaf, fedha foonii keenya ganuu qabna.
Lammaffaa, jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuudhaaf, fannoo ofii keenyaa baachuu qabna. Haala ulfaataa attamii keessatti iyyuu, fedha Waaqayyootiin deddeebinee jiraachuu qabna. Kun jireenya nama qajeelaa guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraatuu dha.
Sadaffaa, gooftaan akkana jedha, “Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade isa duraa ni fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kenne immoo, isa ni argata. Namni biyya lafaa guutummaatti buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu’aan isaa maali ree? Yookis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” Kan jechuun kara biraa gooftaan jireenya keenyaaf kan ta’uu dha jechuu dha. Dhugaatti isa duukaa yoo buune, foonni keenyas lubbuun keenyas ni dagaaga, garuu yoo isa duukaa bu’uu dhiifne fedha ofii keenyaa raawwanna taane, foonni keenyas lubbuun keenyas ni iyyooma.
Jireenya guutama Hafuuraa maaliif dhabnaa? Sababiin isaa sababa yaada keenyaa, jechuunis fedha foonii keenya ganuu dhiifneef. Yeroo nuyi Yesuusiin duukaa buunu, Hafuurri yaada garaa keenyaa ni jabeessa waan ta’eef, humna jabaatiin nu guuta.
Efesoon 5:11-13 irratti akkana ni jedha, “Hojii dukkanaa, isa wantii dhimma baasuu keessaa hin baane, bakkeetti baasa malee, itti hin hirmaatinaa! Nuyi namoonni hojii akkasii keessa qaban, waan isaan dhoksaatti hojjetan immoo, dubbachuun isaa iyyuu yeelloo dha. Wantii ifichi bakkeetti baasu hundinuu, mul’ataa ni ta’a.” Kiristaanonni wantoota ija hojii hafuuraa hin qabne hojii dukkanaa wajjin tokkummaa qabaachuun isaan irra hin jiru. Hojii dukkanaa isa ija hojii hafuuraa hin taane wajjin tokkummaa yoo qabaanne, Waaqayyo akka saaxilu nutti ni dubbata. Hojii dukkanaattii bilisa ta’uu qabna, hojii warra dukkana keessa adeemani aasa’uun nama iyyuu ni yeellaasisa. Garuu wanti hundinuu ifa keessatti ni saaxilama.
Eenyutu gochaa isaanii isa nama yeellasisu kana dubbachuu danda’a? Egaa obboleessonni, obboleettoonni fi garboonni Waaqayyoo hundinuu bakkeetti hin saaxilan yoo ta’e, ati gama keetiin ati saaxiluu qabda. Wanti hundinu ifa keessatti ni mul’ata jedhameera. Hojiin keenya inni hamaan akka bakkeetti hin baanetti, jallina keenya irraa deebi’uu qabna, Hafuura Qulqulluun geggeeffamne ofii keenyaan hojii dukkanaa bakkeetti saaxiluu qabna.
Biyya lafaa kana keessatti, wanti bakkeetti ba’u hundinuu sagalee Waaqayyootiin dheekkamamuu qabu, wanti bakkeetti ba’u kun immoo ifa keessatti ilaalamuu qaba. Nuyi sababa jireenya qulqullina guutuu ta’ettii fagoo jiraannuuf, utuu hin beekin cubbuu hedduu hojjenna. Haa ta’u iyyuu malee, ifa dubbii Waaqayyoo yeroo of irratti qabsiisnu, cubbuu keenya ilaallee hubannee irraa deebi’uu dandeenya. Haala kanaatiin galata dhuma hin qabne Waaqayyoof dhiheessuu dandeenya.
Sababa Yesuus cubbuu fi jallina keenya hunda nu irraa fuudheef, laga Yordaanositti yeroo cuuphame qajeelummaan Waaqayyoo hundi waan raawwateef, qajeelummaa Waaqayyootiin waan hamaa hunda saaxiluu dandeenya. Cubbuun biiliiyoona hedduu ilmaan nama lafa irratti hojjete hundi isaa gara Yesuusitti darbeera. Inni hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa kaasee, fannoo irratti du’ee du’aa ka’ee dha. Yesuus cubbuu ilmaan nama hunda “Raawwatameera” (Yohaannis 19:30) jedhee dubbachuun isaa fayyina ilmaan namaa mirkaneesseera. Hojii gooftaan Yesuus nuuf hojjetetti amanuudhaan amantii keenyaan qulqulloofneerra. Sababa cubbuun keenya nuuf dhiifameef, gara ifaatti dhufnee qajeelummaa Waaqayyoon duukaa bu’uu dandeenya.
Waaqayyo akka baricha fayyifnuuf nutti dubbateera
Phaawulos, yoo jireenya Hafuuraan guutame jiraachuu barbaanne baricha akka fayyisuu qabnu dubbateera. Efesoon 5:16-17 keessatti, “Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname osoo hin dabarsin itti hojjedhaa! Kanaafuu jaalalli gooftaa maal akka ta’e hubadhaa malee, wallaalota hin ta’inaa” jedhe. Jireenya hafuuraan guutame jiraachuudhaaf, baricha fayyisuu fi gowwoota ta’uu akka hin qabne ni dubbata. Fedha gooftaa hubannee isas raawwachuun nu irraa eegama. Wanta caalaa dhimma baasu beekuu qabna: Jireenya fooni moo jireenya Waaqayyo?
Erga lammaffaa dhalannee booda, Hafuurri Qulqulluun nu keessa buufata. Kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu yoo qabaanne, gooftaan keenya mootii dha jechuu dandeenya. Inni qofti fayyisaa keenya waan ta’eef Waaqayyo guutuu akka ta’e simachuu qabna. Gooftaan keenya isa duwwaa dha. Inni gooftaa isa na uumee, na fayyisee fi na eebbisee dha. Inni jireenya, du’a, eebbaa fi abarsa koo irratti gooftaa jireenya kootii ti. Akka inni gooftaa fi Waaqayyo ta’e simannee bara keenya hundaatti isaaf abboomamuu qabna.
Kottaa Filiphisiiyus 2:5-11 ni ilaalla, “Yaada garaa isa Kiristoos Yesuus qabaachaa ture qabaadha, inni bifa Waaqayyummaatiin utuu jiru, ulfina Waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, wanta tokkotti hin gallee of godhe; bifa garbummaa ni fudhate; fakkaatti namummaatiin ni dhalate, waan hundumaanis nama ta’e argame; inni gad of deebisee, amma du’aatti, amma fannifamee du’uutti iyyuu abboomamaa ta’e; kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caaluu kenneeraaf. Kunis warri banti waaqa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesuusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe, arrabni hundinus, ulfina Waaqayyo abbaa tiif, Yesuus Kiristoos gooftaa akka ta’e beeksiisuuf jiru.”
Phaawulos, “Yaadi garaa isaati isin keessa haa bulu” ni jedha. Innis yaada garaa isa Kiristoos Yesuus qabaachaa ture qabaadhaa jechuu dha. “Yaada garaa” jechuun isa kan Yesuus, isa uumaa fi Waaqayyo keenya ta’e fedha abbaatiin gara biyya lafaa dhufee dha. Inni gara biyya lafaa dhufuun isaa Yohannisiin cuuphamuudhaan cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatitti fudhachuudhaaf. Yeroo fannoo irratti du’e, cubbuun biyya lafaa isaan ka’e. Du’aa ka’uun isaa moo fayyina keenya mirkaneessa.
Sababii Yesuus Kiristoos, Uumaan, gara biyya lafaa dhufeef cubbuu keenyattii nu fayyisuudhaaf. Inni jaalala isaa karaa fannoo fi cuuphamuu isaatii mul’iseera. Uumamni hundinuuu Yesuusiin dura jilbeenfatee utuu waan hundumaa caaluu, jaalala isaatiin gadi of deebisee cubbuu keenya waan nu irraa haqeef isa dinqisiifachuu qaba. Sababii kanaaf uumamni hundinuu gochaa isaa dinqisiifachuu qabu. Inni gooftaa uumama hundumaa qofa osoo hin taane, inni qajeelummaa keenya isa dhumaa ti.
Nuyi warri Waaqayyotti amannee fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhannee, akka inni gooftaa keenya ta’ee fi cubbuu keenya hundumaatti nu fayyiseef galanni haa ta’u. Gooftaan ofii keenya osoo hin taane Yesuus Kiristoos isa nu uumee cubbuu keenyattii nu fayyise akka ta’e beekuu qabna. Akkasumas inni gooftaa jireenya keenyaa akka ta’e fi jireenya haaraatti nu eebbisee waan hundumaa nuuf hojjete irraa amantii qabaachuun keenya barbaachiisaa dha.
Namoonni tokko-tokko erguma lammaffaa dhalatanii booda warri gooftummaa jireenya isaanii hin jijjiirre jiru. Namoonni kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qaban baayyee dha, garuu of irratti gooftaa ta’uu isaanii hin jijjiiran. Jireenya Hafuura Qulqulluun guutame keessa jiraachuu jechuun Waaqayyoon duukaa bu’uu dha. Jireenyi akkanaa guyyaa tokkoon argama utuu hin taane, Yeroo Yesuus gooftaa jireenyaa, uumaa fi fayyisaa keenya akka ta’e fi waan hundumaa irratti gooftaa akka ta’e amannu dha. Yesuus gooftaa fayyisaa cubbuu fi isa jireenya barabaraa mootummaa waaqaa nuuf kenne, Waaqayyo gooftaa tajaajiluuf isa amanuu qabna.
Sammuu keenya keessatti dhugaa baachuu qabna. Namoonni hedduun akka waan mataa isaanii ta’aniitti jiraatu. Akkaataa kanatti gooftummaa ofii isaanii-ofii isaanii irratti ni diriirsu. Egaa yeroon kun yeroo nuyi gooftummaa ofii keenyaa itti jijjiirruu dha. Amma warra Waaqayyoon beekan taaneerra waan taaneef gooftaan nuuf barbaachiisu Yesuusii dha.
Hundi keenya garaa keenya keessaa cubbuu waan qabnuuf dogoggora hojjenneef firdii dhaquun namootaa hin hafu. Garuu amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin Waaqayyoon ni argina. Waaqayyo waan nu jaallateef gara biyya lafaa dhufee Yohannis cuuphaan cuuphamee cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhatee, fannoo irratti du’uu isaatiin akka fayyisaa dhugaa ta’e mirkaneesseera. Egaa karaa amantii Waaqayyo irraa qabnuun, cubbuu keenya irraa oolleerra. Jecha biraatiin, kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu arganneerra jechuu dha.
Macaafni Qulqulluun akkana ni jedha, “Namni Hafuura Kiristoos of keessaa hin qabne, inni kan Kiristoos miti” (Roomaa 8:9). Yeroo fayyina isaa fudhanne, kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluus fudhannee ijoollee Waaqayyoo taaneerra. Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo keenya waan ta’eef akka inni nu geggeessutti qajeelummaan deddeebi’uu qabna. Akka kanatti jiraachuudhaaf, isa ofii keenyaan ofii keenya irratti gooftaa taanee jirru dhiifnee Kiristoosiin of irratti moosiifna. Nuyi erga Yesuusiin quunnamnee booda fayyineerra waan ta’eef isa of irratti moosisuun ogummaa guddaa dha.
Teessoo laphee keenyaa Yesuusiif kennuu Qabna
Gooftaa ofii keenyaa taanee jiraachuu yaada keesssa galfannee jirra yoo taane, Goofticha duukaa bu’uu hin dandeenyu. Waaqayyo akka isaaf hojjennu yeroo nu ajaju, gooftaa ofii keenyaa miti yoo taane battaluma sanatti “Haa ta’u” ni jenna. Yoo akkana ta’uu dhaa baate garuu, “Maaliifan kana godhaa?” jennee of gaafanna. Namni gooftaa ofii isaatii ta’ee jiru, wanta gooftaan isa ajaju raawwachuu hin barbaadu waan ta’eef, “Wanta ani gochuufii barbaadu akka adaraatti na kadhachuu qaba” jedhu. Namoota akkanaatiif, ajaji Waaqayyoo ofumaa dubbii isa rakkisu ta’a.
Haa ta’u iyyuu malee, Hafuura Qulqulluun guutamuudhaaf, abboommii isaa eeguu qabna. Beellada qalamuudhaaf oofaman ta’uu dhiifnee fedha guutuudhaan Waaqayyoon duukaa bu’uu qabna. Waaqayyo fayyisaa keenya, isa karaa qajeelummaa irra nu geggeessaa jiru duukaa bu’u qabna. Waaqayyo gooftaa isa fayyinaan nu eebbisee dha. Akka gooftaatti isaaf abbomamne seerota isaa yoo eegne, Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamna. Mana kee fi gooftummaa fi waan hundumaa gooftaatti yoo laatte, eebbaa guddaa fi nageenya guddaa ni argatta.
Fakkii nama utuu inni markaba oofaa jiruu bubbee cimaan isatti ka’ee, Yesuus immoo booddee namichaatiin dhaabbatee jiru argiteetta ta’a. Rakkina qabnu sirreeffataa, hojii gooftaa ni hojjenna yoo ta’e, gooftaan nu qabaa fi nu geggeessaa jira jechuu dha. Kan jireenya keenya eegu Waaqayyo gooftaa dha. Inni nu fayyiseera. Inni Seexanattii nu fayyisee barabaraan nu irratti mo’uu dhaan mo’icha nuuf ni kenna.
Sababa inni gooftaa keenya nuuf ta’eef, inni nu ilaalee nu eebbisuu danda’a. Garuu akka gooftaatti isa simachaa hin jirru yoo taane, shooraa (role) nu keessatti xaphachuu hin danda’u. Inni Waaqayyo dhaqna qaba waan ta’eef humnaan nu qabee akka nuyi fedhii isaa raawwannu hin godhu. Inni Waaqayyo isa waan hundumaa danda’u waan ta’eef, yoo nuyi fedhii guutuudhaan isaaf abboomamnee isaaf hojjenne malee, akka itti waan gaarii nuuf godhu hin qabu.
Waan hundumaa isatti gataa
Waan hundumaa isatti gataatii dhiisaa akka inni isin keessatti gooftummaa isaa hojjetuuf. Gooftummaa isaa of keessatti simadhuu tii isaaf hojjedhu. Nuyi namoota guutuu waan hin taaneef, waan hundumaa isatti gannee itti gaafatamummaa isaatti dhiisuu qabna. Waa’ee mana keenyaa, jireenya keenyaa fi waan hundumaa yeroo nuyi isatti gannee dhiifnu, ogummaa hundumaa isa biraa fudhannee, akka fedha isaatti jiraannee, rakkina hundumaa amantii fi humna inni nuuf kenneen keessa darbuu dandeenya.
Rakkoon keenya waa’ee warra nu irratti gooftaa ta’anii ti, garuu yoo Yesuusiin Waaqayyo isa hundumaa danda’u duukaa buune, inni nu irratti gooftaa ta’ee, waa’ee keenyaaf itti gaafatama fudhachuu danda’a. Akkaataa kanatti guutama Hafuura Qulqulluu fudhannee gammachuu fi nagaa Yesuusiin keessa jiru akka jirutti itti jiraachuu dandeenya. Akka kiristaana amanamaatti isa duratti jilbeenfannee akka gooftaa keenyaatti isa simachuu dandeenya.
Filiphisiiyus 3:3 irratti jireenya Hafuura Qulqulluu jiraachuudhaaf amantii attamii akka qabaachuu qabnu ilaalchisee maal akka inni jedhu haa ilaallu. “Nuyi garuu dhaqna qabaa isa dhugaa arganneerra, isa kan foonii hin amanannu.” Iddoo kanatti “Dhaqna qabaa” jechuun, hafuuraan Waaqayyoof sagaduu, isa kan foonii amanachuu dhiisanii, Kiristoos Yesuusitti gammaduu jechuu dha.
Dhaqna qabamuu jechuun cubbuu laphee of irraa kutanii, gara Yesuus isa nuuf jedhee Yohannisiin cuuphameetti dabarsuu dha. Warri Hafuuraan geggeeffaman, hafuuraaf abbaa gatii ta’aniiru. Isaan Waaqayyoof ni hojjetu, Yesuus Kiristoos irraas gammachuu qabaachuudhaan akkana ni jedhu, “Yesuus jireenya ulfina qabeessatti na geesseera. Inni qajeelaa na godhee na eebbiseera. Ayyaana ani ittiin isa tajaajilu hunda naaf kenneera.” Akkaataa kanaatti jiraachuu ni barbaanna. Kun jireenya guutama Hafuura Qulqulluu ti. Phaawulos akkana jedhe, “Egaa yoo nyaattan yookis yoo dhugdan yookis waanuma gootan, hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa” (1 Qorontos 10:31).
Filiphisiiyus akkana ni jedha 3:13-14, “Obboloota koo, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa’u, haa ta’uu iyyuu malee waan tokko nan yaada, wanta ana booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha. Akeeka sana bira ga’ee, gonfoo warra mo’anii argachuuf nan kaadha; gonfoon warra mo’anii kunis waamicha, isa Waaqayyo karaa Kiristoos Yesuus itti ol nu waamee dha.” Waaaqayyo wantoota nu booddeetti darban dhiifnee, isa fuula keenya dura jiraniitti akka hiixannu barbaada. Kaayyoo keenya irratti xiyyeeffachuu qabna. Kaayyoon kunis isatti amaanuudhaan jaalala Yesuus Kiristoositti qabamnee isaaf hojjechuu dha.
Nama guutuu ta’uu irraa baayyee waan fagaannee jiruuf, hawwii foonii waan qabnuuf kufuun kan nuuf ta’uu dha. Haa ta’u iyyuu malee gara Waaqayyoo ilaallee, amantii qabaachuudhaan, hirrinaa fi irra-daddarbaa keenya bakkeetti baasuu ni dandeenya. Yesuus Kiristoos Yohannisiin cuuphamee fannoo irratti yeroo du’ee, cubbuun keenya gara isaatti darbeera. Du’aa ka’uu isaatiin fayyisaa keenya yeroo ta’u, amantii keenya irratti galata haaraa isaa qabna. Kanaafuu wantoota nu booddeetti hafan gannee, isa fuula keenya duraa bira ga’uu dhaaf, kaayyoo keenya irratti xiyyeeffachuu qabna.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu eeggachuuf
Gara fuula duraatti adeemaa waan wayyuuf immoo caalaa itti yaadaa ni deemna. Wantoonni nu irratti ba’aan, altakkaa of irraa kutuun keenya murteessaa dha. Sababa dadhabbii keenyaatiif waan baayee bakkaan hin geenyu yoo ta’e, garuu warri kun homaa miti sababiinsaa isaa wantoota fuula dura keenyaatu murteessa waan ta’eef. Inni gara fuula duraa murteessa waan ta’eef, gooftummaa keenya amantiidhaan gara Yesuusitti dabarsinee isumaan geggeeffamuu qabna. Gara fuula duraatti attamitti akka deddeebinu akka inni murteessuuf isaaf dhiifnee waan isa gammachiisu hojjechuu qabna.
Akka barattoonni jiraatanitti jiraachuu qabna
Jireenya guutuu Hafuura Qulqulluutti deddeebi’uu kan dandeenyu yoo amantii dhiifama cubbuutti cimoo taane qofa. Kun baayyee barbaachisaa dha. Mee 2 Ximotewos 2:1-10 haa ilaallu. “Ati immoo ilma koo! Ayyaana isa Kiristoos Yesuus nuuf kennetti jabaadhu! Dhuga baatota baayyee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra barsiisuuf ta’aniitti adaraa kenni! Akka loltuu Kiristoos Yesuuusitti, dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu. Namni loltuu ta’ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf, hojii warra kaanitti lixuu ni dhiisa; namni dorgommeetti jiru, akka seera isaatti yoo dorgome malee, gonfoo mo’ichaa hin argatu. Qottuun hojii isaatti dadhabu, duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun ni ta’aaf, wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi. Gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif haa kennu. Yesuus Kiristoos isa warra du’an keessaa kaafame, isa sanyi Daawwit keessaa dhalate, akka an wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu; sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhameen dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu. Kanafis, warri fo’aman fayyina isa karaa Kiristoos Yesuus dhuguu ulfina barabaraa wajjin, akka argatanitti, isaaniif jedhee, waan hundumaa obsaan nan baadha.”
Akkuma Phaawulos Ximotewosiin jechaa ture, Hafuurri Qulqulluun akkana nuun jedha, “Ayyaana isa Kiristoos Yesuus nuuf kennetti jabaadhu. Dhuga baatota baayyee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra barsiisuuf ta’aniitti adaraa kenni.”
“Ayyaana isa Kiristoos Yesuus nuuf kennetti jabaadhu.” Ayyaana isaatti jabaachuu jechuun isatti amananii amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraatti cimuudhaan itti qabamanii jiraachuu jechuu dha. Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatti dabarsee, du’ee du’aa ka’uu isaatiin fayyisaa keenya ta’eera. Akkana jechuun ayyaana Waaqayootti jabaatanii isa galateeffachuu jechuu dha. Waaqayyo waan nu fayyiseef amantiidhaan fayyina fudhanneerra. Kun fayyina dhiifama cubbuu ti. Kun waa’ee aarsaa guyyaa, kadhannaa ganamaa fi galgalaa ykn ijaarsa waldaaf horii kennuu miti. Warroonni kun raawwatanii nu fayyisuu hin danda’an.
Dhiifama cubbuutiin fayyina arganne jechuun gochaa keenyaan ala Yesuus Kiristoos cuuphaa fi du’a fannoo isaa tiin irra-daddarba keenya hundumaa nu irraa axaa’eera jechuu dha. Du’aa ka’uu isaatiinis cubbuu keenya hundaattii nu fayyiseera. Luboonnis akkuma warra luba hin taanee amantiidhaan cubbuu isaaniittii ni fayyu. Namni Yesuusitti amanu hundinuu dhiifama cubbuu ni argata. Kanaaf, fayyisuu ayyaana isaa irra amantii qabaachuudhaan, dhiifama cubbuu arganneen amantii keenya jabeeffachuu dandeenya.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu yoo barbaanne, wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa amantii qabaachuu qabna. Hirrina of keessaa qabnu karaa baayyee hubachuu ni dadhabna. Sababii kanaaf amantiitti jabaachuu nu barbaachisa. Yeroo kufaatiin nutti dhuftu hundaatti, “Waaqayyo karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa na fayyiseera. Yesuus karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa na fayyiseera” jechuudhaan cimuu qabna. Wangeela kanatti amannee, qajeelaa taanee, guutama Hafuura Qulqulluutiin ni jabaanna. Cubbuu keenya hundaattii fayyinee, wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin jabaachuu qabna. Amantii keenyaan namoota eebbifamoo taaneerra.
Phaawulos akkana ni jedha, “Egaa yoo nyaattan yookis yoo dhugdan yookis waanuma gootan, hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa” (1 Qorontos 10:31). Kun baayyee barbaachisaa dha. Akkana jechuun Waaqayyotti of kennuu qabna jechuu dha. “Waan nyaattan ykn waan dhugdan hundatti” inni jedhu kanuma agarsiisa. Jabaannee isaaf hojjechuudhaaf nyaachuu fi dhuguu qabna. Fayyaa taanee wangeela lallabuudhaaf, nyaachuu fi dhuguu qabna.
“Namni loltuu ta’ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf, hojii warra kaanitti lixuu ni dhiisa; namni dorgommeetti jiru, akka seera isaatti yoo dorgome malee, gonfoo mo’ichaa hin argatu” (2 Ximotewos 2:4). Wangeela lallabuudhaaf guutama Hafuura Qulqulluudhaan deddeebi’uu qabna. Wangeela lallabuudhaaf jiraanna yoo taane, amanamummaadhaan ni jiraanna. Namoonni amanamummaa dhaan jiraatan hundi isaanii warra guutama Hafuura Qulqulluu qabanii dha. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluutiif dhiphachuun barbaachisaa dha. Waanuma itti rakkattee argatte iyyuu wangeela lallabuuf oolchuu qabda.
Jireenya Hafuuraan guutamee geggeeffachuu yoo barbaadde, gooftaatti of laattee, isa tajaajiluu, horii keetiin wangeela lallabuu, gaddaa fi gammachuu kee isaa wajjin hirmaachuu qabda. Kana gochuu yoo barbaadde, amantiitti jiraatte fedhii guddaatiin wangeela tajaajiluu qabda.
Namoonni hanga ammaatti iyyuu ofii isaaniif jiraatan jiru. Isaani keenyan dhaabanii, qabeenyaa waliitti qabanii gooftaa ofii isaanii godhachuu barbaadu. Haa ta’u iyyuu malee amma Waaqayyoof jiraachuun barbaachiisaa dha. Waaqayyoon qofa gooftaa jireenya keenyaa godhachuu qabna. Phaawulos akkana ni jedha, “Namni loltuu ta’ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf, hojii warra kaanitti lixuu ni dhiisa.” Jireenya loltuu gaarii jiraachuu jechuun, sirna hafuuraa duukaa bu’uu jechuu dha. Waaqayyo rakkina keenyaaf furmaata nuuf ni kenna, yoo isaaf jiraanne eegee nu geggeessa. Duraan dursinee mootummaa isaa fi qajeelummaa isaa akka barbaannu fedha (Maatewos 6:33).
Sagalee Waaqayyoo keessaa wanti sobaa hin jiru. Yoo isa duukaa buune, amanamummaa dubbii Waaqayyoo ni argina. Garuu dursa kan barbaadamu kennaa Hafuura Qulqulluu fudhachuu akka ta’e yaadachuu qabda. Kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu malee teessoo keenya Yesuusiif dhiisuu hin dandeenyu. Haa ta’u iyyuu malee, kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu yeroo qabaannu, teessuma laphee isaattii Waaqayyoof kenninee gammachuu fi nagaa isaa hirmaachuu danda’a.
Kennaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu kan inni dhugaa siif ta’u yoo ati wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraatti amantee dha. Guutama Hafuura Qulqulluu fudhattee eebba isaa keessa jiraachuu yoo barbaadde, akka mootummaa Waaqayyoof hojjennee, gaarummaa mootummaa isaatiif jiraachuu qabna. Yeros Hafuura Qulqulluun guutamtee, jireenya irraa hafaa jiraannee eebba mootummaa ijoollee Waaqayyoo fudhachuu dandeenya.
Namoonni gooftaatti amanuu dhaan fayyinaa fi dhiifama cubbuu argatanii kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatanii jireenya guutama Hafuura Qulqulluun akka deddeebi’uu qaban dubbadheen ture. Waa’ee jireenya Hafuura Qulqulluun guutamuu fi attamittiin akka eeggatan ibseera. Akkasumas teessoo yaada garaa keetii akka itti gooftaadhaaf kennanii isaaf hojjetanii fi attamitti akka jireenya Hafuura Qulqulluun guutame qabatan caqaseera.
Ammas immoo, kennaa nama keessa buufachuu hafuura Qulqulluu argachuu fi lammaffaa dhalachuun nama tokkoof guddina isa dhumaa akka hin taane dubbachuun barbaada. Ittuma fufee jireenya guutama Hafuura Qulqulluu keessatti deddeebi’uu qaba. Yoo akkanatti ni yaadna taane hafuurri fi lubbuun keenya akka inni eebbifamu kan bira ga’amee dha.
Jireenyi akkanaa altakkaa hin dhufu. Jireenyi akkanaa laphee keenya irratti guutummaan guutuutti gooftaa yeroo moosisnu dhufa. Waaqayyo nu fayyisee guutama Hafuura Qulqulluu isa ittiin gooftaaf hojjennu nuuf kenneera. Akkasumas hojii isaa hojjechuudhaan attamitti akka Hafuura Qulqulluu qabannu nu barsiiseera.
Waaqayyoof of kennitee isaaf jiraachuu qabda. Wangeela bareedaa labsuudhaan isaaf hojjechuu qabda. Yeroo kanatti Hafuura Qulqulluun guutamtee gammachuu argachuudhaan ayyaanni si keessaa ni yaa’a. Yeroo inni deebi’utti, ni eebbifamta, ija jabaattee gooftaa dura dhaabbatee gonfoo ulfina ni fudhatta. Anii fi ati jireenya guutama Hafuura Qulqulluu dinqisiifachuu qabna. Jireenya akkanaa jiraachuudhaaf dhimmuu qabna. Kun akkaataa itti guutama Hafuura Qulqulluu itti qabatanii dha.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluun deddeebi’uuf teessoo laphee keetii gooftaatti kenniteettaa? Laphee kee guutummaa isaa isa boojisiisuu qabda. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu qabaachuu qabda. Haala kana keessatti akka ati guutuu jireenya Hafuura Qulqulluu qabaattuuf inni si eebbisa.