(Tiitoo 3:1-8)
“Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo ta’uu isaan yaadachiisi. “Isaan maqaa nama tokkoo illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta’anii nama hundumaatti gara laafummaa haa argisiisan; Nuyis takka wallaalota, warra hin abboomamne, warra karaa irraa goran, garba-kajjeellaa fi hawwa garaagaraa isa foon gammachiisuu, warra guyyoota keenya hamminaa fi hinaaffaadhaan, dabarsine, namoota biratti jibamne, walii keenyas jibbaa turree dha. Garuu garramummaan fi jaalalli Waaqayyoo fayyisaan keenya ittiin nama jaallate yeroo isaatti ni mul’ate; Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in akka araara isaatiitti, dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis, nu fayyise. Hafuurichis isa inni karaa Yesuus Kiristoos fayyisaa keenya arjummaadhaan nu irratti dhangalaasee dha; Waaqayyo ayyaana Kiristoosiin qajeeltotatti lakkaa’amnee, abdiidhaan jireenya barabaraa akka argannuuf kana nuuf godhe.
Dubbiin kun amanamaa dha; warri Waaqayyotti amanan hojii gaariitti qabamuudhaaf akka dhimmaniif, dubbii kana cimsitee akka qabdu nan barbaada, dubiin kun namaaf ba’eessa, dhimmas ni baasaaf.”
Attamitti guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuu dandeenyaa?
Fedha Waaqayyoo hubannee akka isaattis wangeela lallabuudhaan.
Warri Yesuusitti amananii kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu qabu. Kiristaanotaaf, jireenyi guutama Hafuura Qulqulluu wanta Waaqayyo irraa barbaaduu dha. Ajaja isaa hordofuu qabna. Egaa attamitti jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu dandeenyaa? Waa’ee kanaa ilaalchisee wanta ergamaan Phaawulos dubbate irratti xiyyeeffachuu qabna.
Guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuudhaaf maal tu nu irraa barbaadamaa?
“Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo ta’uu isaan yaadachiisi” (Tiitoo 3:1). Duraan dursa Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo akka taanu nutti dubbata. Inni yoo seera biyya lafaa cabsine, jireenya guutama Hafuura Qulqulluu geggeeffachuu akka hin dandeenye nutti dubbata. Haa ta’u iyyuu malee yoo isaan dhugaa irraa kaatan abbomamuufii hin dandeenyu. Garuu seerri isaan tumatan amantii keenyaan hin mormu yoo ta’e, wangeela nagaadhaan labsuudhaaf isaaniif abboomamuun gaarii dha.
Nuyi warra kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhanne keessa jirra. Seera biyya yoo cabsne, attamitti jireenya guutama Hafuura Qulqulluutti jiraachuu dandeenyaa? Kanaaf, jireenya guutama Hafuura Qulqulluutti jiraachuudhaaf, seera biyya lafaa kabajuu qabna. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluutti warri jiraatan, sirna hawwasaaf ajajamuu qabu. Yeroo seera biyya lafaatiif ajajamnu qofa Waaqayyo wajjin deemuu dandeenya.
Kotta mee nu keessaa namni tokko utuu waldaa dhaqaa jiruu yakka tokko hojjete jenne. Namni kun gammachuudhaan Waaqayyoof ni hojjeta jennee ni amannaa? Uummata keessatti seera kennameen ala utuu hojjetuu attamittiin Waaqayyoon tajaajiluu danda’aa? Yeroo Hafuura Qulqulluun deddeebinu seera biyyaa irratti ka’uu hin qabnu. Seera cabsuudhaan gaarummaan dhufu hin jiru. Seeraaf ajajamuu dhaan nageenya eeguun ni danda’ama. Yeroo wangeela lallabnu seera lafa irratti uumanni baafate cabsuun hin qabnu. Guutama Hafuura Qulqulluutti jiraachuudhaaf, seerota uummataaf abboomamuun qulqullootaa ogummaa dha.
Laphee cabaa qabaachuu qabna
“Isaan maqaa nama tokkoo illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta’anii nama hundumaatti gara laafummaa haa argisiisan.” Guutama Hafuura Qulqulluu qabaachuudhaaf, eenyutti illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, hubattoota fi garraamota ta’uu qabna.
Laphee warra lammaffaa dhalatanii keessa, gad of deebisuu, of-qabuu fi garramummaa tu jira. Kun sababa Hafuurri Waaqayyoo nu keessa buufateef ta’a. Wal-loluun keenya dhuga ba’umsa wangeelaaf guffannaa akka hin keenye Phaawulos ni dubbata. Seerrii uummataa yeroo inni wangeelaan mormu nuyis ittiin mormuu ni dandeenya. Yeroo inni akkas hin taane immoo nagaadhaan jiraachuu qabna. Egaa warri kaan ille, jireenya keenya ilaalanii, “Yoo bineensa bosonaa fakkaate iyyuu, akka gugee naga qabeessa. Amantiin Kiristaanummaa isaa nama nagaa fi nama waa yaadu danda’u isa godheera” nuun jedhan gochuun barbaachisaa dha.
Beekumni fi garraamummaan nama hawwii foonii qabu keessaa hin jiru. Garuu karaa Hafuura Qulqulluu isa nu keessa buufatee fi karaa gooftaa isa cubbuu keenyattii nu fayyisee, warra kaaniif garraamota ta’uu dandeenya. Nama yakka nu irratti hojjeteef “dhiifama gochuun” gaarummaanis isa ilaaluun “garraamummaa” dha. Nama tokkoo jibbaa “garraamummaa” dhugaa itti agarsiisuu hin dandeenyu. Warri lammaffaa dhalatan garaa isaanii keessaa garraamummaa fi garaa dhiifama tu jira.
Yeroo namoonni waan hamaa godhanis ija garraamummaan ilaaluun barbaachisaa dha. Hanga isaan lallaba wangeelaaf gufuu hin ta’initti, nama hundumaaf gaarii ta’uu qabna. Garuu yoo isaan dhuga ba’umsaa irratti hamaa hojjetan, ifa garramummaa keenyaa gara ifa dhugaa dubbachuutti deebisuu qabna. Garramummaan dhugaa Waaqayyoo qofaa keessatti argama, garuu warri kanaan morman, warri sagalee Waaqayyoo arrabsan, garraamummaan ilaalamuuf kan malan miti.
Waaqayyo warra isaan mormaniif dhiifama hin godhu, gatii isaanis ni kaffallaaf. “Ani warra si eebbisan nan eebbisa warra si abaaran immoo nan abaara” (Seera Uumamaa 12:3). Warri dhugaa wangeelaatiin morman karaa eebbaa hin argatan. Badiisa isaanitti ajajamu kana of irraa ittisuu hin danda’an, hanga dhaloota ijoollee isaani sadiittis abbarsi kun akka itti fufuuf Waaqayyo dubbateera.
Maaliif garaa laafne obsinaafii? Akkuma erga gara Tiitoo keessatti barreeffame jiru, “Nuyis takka wallaalota, warra hin abboomamne, warra karaa irraa goran, garba-kajjeellaa fi hawwa garaagaraa isa foon gammachiisuu, warra guyyoota keenya hamminaa fi hinaaffaadhaan, dabarsine, namoota biratti jibamne, walii keenyas jibbaa turree dha” (Tiitoo 3:3). Nuyis utuu lammafffaa hin dhalatin dura akkuma isaanii turre. Kanaafuu isaaniif obsuun keenya barbaachisaa dha.
Tiitoo 3:4-8 akkana ni jedha, “Garuu garramummaan fi jaalalli Waaqayyoo fayyisaan keenya ittiin nama jaallate yeroo isaatti ni mul’ate; Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in akka araara isaatiitti, dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis, nu fayyise. Hafuurichis isa inni karaa Yesuus Kiristoos fayyisaa keenya arjummaadhaan nu irratti dhangalaasee dha; Waaqayyo ayyaana Kiristoosiin qajeeltotatti lakkaa’amnee, abdiidhaan jireenya barabaraa akka argannuuf kana nuuf godhe. Dubbiin kun amanamaa dha. Warri Waaqayyotti amanan hojii gaariitti qabamuudhaaf akka dhimmaniif, dubbii kana cimsitee akka qabdu nan barbaada, dubiin Kun namaaf ba’eessa, dhimmas ni baasaaf.”
Akkataa Macaafa Qulqulluutti, sababa hojii gaarii hojjenneef Waaqayyo nu fayyisa miti. Inni sababa nu jaallate nuuf gadduuf eebba lammaffaa dhalachuu nuuf kenne. Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee, du’ee du’aa nuuf ka’ee cubbuu keenya nu irraa fuudheera. Yesuus du’aa ka’ee gara mirga Waaqayyo abbaa taa’ee jira. Warra du’an keessaa ka’uudhaan, biyya lafaa irratti hojii fayyina hunda bakkaan ga’eera.
Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos Hafuura Qulqulluudhaan nu eebbiseera. Cubbuu hundumaaf dhiifama argamsiisuuf jecha Yesuus Yohannisiin cuuphamee sababii isaaf fannoo irratti du’e. Kanaan nu fayyinee qajeelota taane.
Macaafni Qulqulluunis akkana ni jedha, “Akkaata abdii jireenya barabaraatti nuyi dhaaltota jireenya barbaraa ta’uu qabna.” Akkana jechuun, akkaataa dhaaltota mootummaa Waaqayyootti, qabeenyaa fi ulfina isaa dhaala. Gara eebba jireenya akkanaa dhaquudhaaf, jireenya guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuun nu irraa eegama. Dhiifama cubbuu argannee wangeela lallabuudhaaf, wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna.
Kanaafuu dhiifama cubbuu keenyaa argachuudhaaf, bu’aa warra kaaniif hojjechuun barbaachisaa dha, seerota biyya lafaa eeguudhaan warra Waaqayyoon barbaaddataniif wangeela lallabuun nu irra jira. Warra hamaa nu irratti hojjetan iyyuu lallaba wangeelaa duraa akka isaan gufuu hin keenyeef dhiifama gochuufii qabna. “Kun gaarii dha warra kaaniifis bu’aa dha.” Guutama Hafuura Qulqulluu ni barbaanna yoo taane, wanta Phaawulos dubbate yaadachuun ni barbaachiisa. Kun wanta addaa yoo sitti fakkaachuudhaa baate iyyuu, garuu sagalee barbaachisa dha.
Sababa biyya lafaa keessa jiraannuuf, seerota biyya lafaa cabsinee namootaa wajjin qocolluu ni kaafna yoo taane Hafuurri Qulqulluu nu keessa jiraachuu hin danda’uu. Kanaafuu, seera uummata biyya lafaaf yoo abboomamne malee sagalee Waaaqayyo wajjin waldhabdee uuma. Seerrota uummata biyya lafaaf abbomamuu qabna. Yoo amantii qabaanne iyyuu, Hafuurri Qulqulluu akka nu keessa jiraatuuf, seerota uummata biyya lafaaf ajajamuu qabna. Hojii gaarii akka hojjennuuf, seerota uummataaf abboomamnee hiriyoota keenyaa wajjin nageenya uumuu qabna.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu ni dandeessaa?
Efeesoon 5:8-11 akkana ni jedha, “Isin dur dukkanaa’oo turtan, amma garuu karaa gooftaa ifataniittu. Egaa akka ijoollee ifaatti jiraaadha; wantii ifa keessaa ba’uu, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti ni argama. Wanta gooftaatti tolu qora bira ga’aa; Hojii dukkanaa bakkeetti baasaa malee, ittii hin hirmaatina.” Ergaan kun akka ijoollee ifaatti deddeebinee, ija hojii Hafuuraa akka qabaannu nutti dubbata.
Efeesoon 5:12-13 akkana ni jedha, “Wanta isaan dhoksaatti hojjetan immoo dubbachuun iyyuu yeelloo dha. Wanti ifichi bakkeetti baasu hundinuu mul’ataa ni ta’a, wantii bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha.” Phaawulos wantii bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha ni jedha. Namni qajeelaan qajeelummaan hin jiraatu yoo ta’e yookaan Waaqayo tu bakkeetti baasa yookaan immoo ofii dhuma isaatiin of saaxila. Namni tokko utuu hojii hamaa hojjetuu yoo qabamee, ifaan adabama jechuu dhaa? Erga dogoggora isaa fudhatee booddee, Waaqayyoon argee lapheen isaa ni ifa. “Wanti ifichi bakkeetti baasu hundinuu mul’ataa ni ta’a, wantii bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha.” Ifatti ba’uun gaarii dha. Egaa dogoggora keenya simannee gara Waaqayyotti deebi’uu dandeenya.
Dhugumaan jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu yoo barbaanne, gaarummaa laphee keenya keessaa qabaachuu qabna. Namni tokko laphee isaa keessaa cubbuu hin qabu yoo ta’e, namni sun laphee isaa keessaa gaarummaa hin qabu jechuu miti. Gaarummaa fi garraamummaan jiraachuu qabna. Namoota warra wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin dhaga’in jiranitti ogummaa fi kadhannaadhaan wangeela yoo ittiin geenye, karaa gaarii ta’e irra hubatanii dhiifama cubbuu argachuu danda’u. Warra kaan miidhuu hin qabnu. Nuyi kan nyaannus, kan dhugnus, kan boqonnus wangeelaaf jiraachuu fi warra kaan tajaajiluuf ta’uu qaba.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuudhaaf, waa’ee barbaachisummaa yeroo ilaallee, akka nama ogeessaatti wangeela miidhagaa tajaajiluu qabna. Yeroo biyya lafaa jaallannu, gowwoomsaa dukkanaatiin qabamnee hojii gooftaa ni callisna ta’a. Kanaafuu ija keenya gooftaa irra malee waan yaadne irra hin kaa’annu. Fayyina gooftaan nuuf kennetti yeroo amannu, yeroo hundumaa of eeggachuu qabna. Namni ogummaa Hafuuraa qabu, utuu dukkanni lafa irratti hin dhufin, biyya lafaatti wangeela lallaba.
Fedha Gooftaa hubadhu
Wanta gooftaa gammachiisu beekuu qabna. Karaa waldaa fi dubbii isaatii wanta inni hojjetu beekuun barbaachisaa dha. Wanta Waaqayyoon gammachiisu beeknee, fedhii isaa ilaaluu qabna.
Namoonni warri dhiifama cubbuu argatan, warra lammaffaa dhalatanii kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatanii dha. Warri keessa isaanitii Hafuura Qulqulluu qaban isaan dhuguma qulqulluu ijoollee Waaqayyoo ti. Isaan guutama Hafuura Qulqulluutti jiraachuu qabu. Kun itti gaafatamummaa qulqullootaa ti. Fedhii warra kaanittii adda taane, humna fi aangoo keenya ofii keenya irratti fixuu hin qabnu. Haala baraa duukaa buunee hojii Waaqayyoof gufuu ta’uu hin qabnu.
Yoo qulqulloofnee jaalala Waaqayyootiin lammaffaa dhalannee, hojii isaa itti fufne hojjechuudhaaf, nama gaarii ta’uu qabna. Isatti amanuudhaan ijoollee Waaqayyoo yoo taane, nama gaarii ta’uun kan nu irraa eegamuu dha.
Fooni ijoollee Waaqayyoos yoo guutuu hin ta’an ta’ee iyyuu Waaqayyoon ni gammachiisa; waa’ee fedha Waaqayyoo fi waa’ee waan gaarii ta’ee ni yaadu. Warri lammaffaa dhalatan iyyuu warra kaan irratti hamaa kan hojjetan yeroo ofii isaaniitiif qofaa jiraatanii dha. “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa, qooda kanaa Hafuura Qulqulluudhaan guutamaa” (Efeesoon 5:18) jechuun kajeellaa fooniitiin rakkachuu irra waan gaarii hojjechuu qabna jechuu dha.
Phaawulos Efeesoon 5:19-21 irratti akkana ni jedha, “Qooqa garagaraatiin faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis, wal harkaa fuudhaa, yeroo hundumaa, waan hundumaafuu, maqaa gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoosiin Waaqayyo abbaa dhaaf galata galcha; Kiristoosiin safeeffachuudhaan waliif abboomamaa.” Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu ni jiraanna yoo ta’e, wangeela fayyinaatti amannee isa lallabuudhaan waan Waaqayyoo nuuf hojjete mul’isuu qabna.
Yeroo isa kadhannu hundaatti Waaqayyo nu eebbisa, eebba, faarfannaa fi galanni isaa immoo sagalee tokkoon akka isatti dhiyaannuuf macaafa faarfannaa keessatti galmaa’ee jira. Isa galateeffachuu, isa jajachuu fi isa dinqisiifachuu qabna. Warra amananii hin fayyin jirani fi walii-walii keenyaaf yeroo kadhannu, eebba guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuu dandeenya. Keessa garaa keenyaatiin isa nu fayyise Yesuusiin galateeffachuu fi ulfeessuun nu irraa eegama. Yaada garaa akkanaatiin, dogoggora keenya simannee, sababa inni nu qulleessee fi isaaf abbomamuu keenyaaf galata isaa mul’isuu nu irraa eegama. Guutama hafuuraa keessa jiraachuu jechuun hiikaan isaa kana.
Bara keenya isa hafeen wangeela dhugaa lallabuu qabna
Ulfina wangeela bareedaatiif hojii gaarii karoorsinee isa duukaas bu’uu qabna. Waldaa Waaqayyootti hidhamuudhaan, akka inni nama hundumaa fayyisuuf waliiwajjin kadhachuun ni barbaachiisa. Namoonni baayyeen Waaqayyoon barbaadan iyyuu sababa wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin beekneef lammaffaa kan hin dhalatin jiru. Yaa Waaqayyo, “ati isaan sanaas fayyisi jechuu qabna.” Kajeellaa foonii duukaa bu’uu dhiifnee, lubbuu isa bade fayyisuudhaaf horii keenyaanis wangeela lallabuu qabna. Lubbuu warra kaanii oolchuudhaaf mootummaa Waaqayyoo baballisuuf jiraachuun hojii gaarii dha.
Egaa hojii akkanaa hojjechuu jechuun jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu dha. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jechuun afaan haaraatiin dubbatanii dinqii hojjechuu caalaa waan Waaqayyoon gammachiisu hojjechuu dha. Fayyina Waaqayyo kennetti amanuu, faarfannaa fi walaloodhaan isa galateeffachuu dha. Garaa guutuudhaan isa galateeffachuu fi jajachuun, akka meeshaa Waaqayyoo isa qajeelaatti dhaqna keenya hundumaan isa galateeffachuun fedha Waaqayyoo ti. Ajaja isaa duukaa bu’uu jechuun jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu jechuu dha.
Jireenya guutama Hafuura jiraachuudhaaf, walii-walii keenyaaf abboomamuu qabna. Yoo namni tokko gorsa nuuf kenne, wanta inni gorse sana fudhachuu qabna. Bu’uuruma kanaan, yeroo ani gorsa kennuuf, yoo ana wajjin walii hin galu ta’e iyyuu, na dhaggeeffachuutuu irraa eegama. Haaluma kanaan, walii-walii keenyaaf ajajamaa hojii Waaqayyoo hojjechuudhaan jireenya guutama Hafuuraa ni jiraanna.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuun Yesuus Kiristoosiin ulfeessuu dha
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuun abboommii Yesuus Kiristoosiin eeguu dha. Efeesoon 6:10-13 dubbifne maal akka inni jedhu haa hubannu. “Kana achi gooftaatti humna isaa isa aangoo qabeessattis jabaadha. Axxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyo gutummaatti hidhadha. Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wallaansoo walqabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana’aa keessa jiru kana seeratan, macca hafuurota hammina warra akka xiyyaa bobaa’a adeemanii wajjin wallaansoo wal qabna. Kanaafis, guyyaa hamaa kanatti mormitanii ittiin qabuu, mi’a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi’a lola isa kan Waaqayyoo fudhadha.”
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu jechuun maal jechuu dhaa? Akkana jechuun amantiittii jabaatanii humna isaatti cimuu dha. Fedha keenyaan utuu hin taane, akka fedha Hafuura Qulqulluu isa nu keessa jiruutti jiraachuu dha. Karaa biraa immoo jireenya kadhannaa qabuu jiraachuu jechuu dha. Kadhannaa dhaan, dandeettii fi eebba Waaqayyo nuuf kennuun jireenya hafuuraa jiraachuu ni dandeenya. Jireenyi akkanaa immoo meeshaa Waaqayyoo hidhachuu dha. Dadhaboota waan taaneef utuu dhuma isaa wajjin deemnuu iyyuu, yoo dubbii isaatti qabamne malee guutama Hafuura Qulqulluu fudhannee isaaf hojjechuu, isaaf abboomamuun hin dandeenyu.
Humna hafuuraatti guddachuudhaaf sagalee Waaqayyootti amanuun baayyee barbaachisaa dha. Yoo dhuma amantii qabaanne iyyuu, meeshaa Waaqayyoo hidhannee, “akkuma dubbii Waaqayyootti ni raawwata” jennee amanuu qabna. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu jechuunis isa kana.
Isin keessaa namni jireenya akkanaa jiraachuudhaaf rakkina qabu jiraa? Egaa dubbii macaafaa yaadatee meeshaa Waaqayyoo haa hidhatu. Waaqayyo meeshaa isa kan isaatii akka hidhannu nutti ni dubbata. Dubbicha laphee kee keessa gad fageesitee kaa’uudhaan, meeshaa Waaqayyoo hidhachuun maal akka ta’e hubachuu ni dandeessa. Haala naannoo fi namootaa utuu hin ilaaliin meeshaa dubbii Waaqayyoo hidhachuun ni dandaa’ama. Haala kanaan jireenya guutama Hafuura Qulqulluu keessa ni jiraanna.
Amantii kana eessaa argannaa? Mul’ata 3:22 akkana ni jedha, “Namni gurra dhaga’u qabuu isa Hafuurri qulqulluun waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhaga’uu kan jedhu dha.” Wanta Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu dhaga’uun nu irra jira. Jecha biraatiin, warra Waaqayyoof hojjetan malee sagalee Waaqayyoo ykn jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu hin dandeenyu. Hafuurri Qulqulluun karaa maalii dubbataa? Waaqayyo qulqullootatti ni dubbata, karaa garboota isaa waldaa keessa jiranii immoo biyya lafaatti ni dubbata.
Kana jechuun immoo wanti Waaqayyo karaa waldaa isaatii dubbatu sagalee isaa irratti kan hundaa’e dha. Wanta waldaan barsiisu amantii akkanaatiin fudhachuun ni barbaadama. Hafuurri Qulqulluun lallabicha keessa hin jiru yoo ta’e, yaada ofii isaatii barsiisuun isaa kan hin oollee dha. Lallabaan Hafuua Qulqulluun guutamee to’annoo hafuuraa jala waan jiruuf sagalee Waaqayyoo sirriitti dubbata. Yoo akkana ta’uu baatee dubbii hundee hin qabne ni lallaba ta’e, Hafuurri Qulqulluun raawwate isa ni dhiisa, sababiinisaa namichii ofii isaatiin waan guutamee jiruuf.
Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoo dha. Aangoon tajaajiltoota Waaqayyoo baayyee guddaa dha, sababiin isaa Waaqayyo waan isa keessa buufatuuf. Kakuu Haaraa keessatti, Yesuus Kiristoos Pheexirosiin, “Ani immoo bantuu mootummaa Waaqayyoo siifan kenna” (Maatewos 16:19) ittiin jedhe. Banaan mootummaa Waaqayyoo kun immoo wangeela bishaanii fi Hafuuraa ti. Jecha biraatiin, wangeelli kun banaa mootummaa Waaqayyoo ittiin galamuu dha. Waaqayyo aboo dubbii isaa lallabuu Pheexiros qofaatti osoo hin taane tajaajiltoota, qulqulloota isaa, warra lammaffaa dhalatanii kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan hundumaatti kenneera.
Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu jiraachuu dhaaf, meeshaa Waaqayyoo guutummaatti hidhachuu qabna. Yoo amantii hin qabnu taane, barsiisa waldaan kennutti xiyyeeffannee, tajaajiltoota isaa dhaga’uu qabna. Lallabii guyyaa sana kenname kan dhimma hin baafne yoo sitti fakkaate iyyuu, kallattiidhaan jireenya kee kan hin xuqne yoo illee ta’e, dhaggeeffattee gara jireenya keetti geessuu wayya. Sagalee Waaqayyoo keessaa kan jireenya keetiif ta’u guyyaa-guyyaatti barbaadi. Isaaniin qabadhus. Akkaata kanaatti nama amantii taata. Bu’uura kanan jireenya Hafuura Qulqulluun jiraattee, Waaqayyo wajjin adeemuudhan hafuurota warra biyya lafaa isa dukkanaa’aa kana seerratan mo’achuu dandeessa.
Seerota biyya lafaatiiif abboomamaa jechaa karaa biraa humnoota warra biyya lafaa isa dukkanaa’aa kana seerratan ni mo’atta yeroon jedhu tarii gar malee akka hin hubanne. Bara mootummaa Roomaa keessa, mootummaan Roomaa ani Waaqayyoo dha ofiin jedhee ture, seerri isaanii kunis isuma kana mirkaneessa ture. Kun egaa waan Kiristaanonni gochuu danda’an miti sababiin isaa dubbii Waaqayyoon waan mormuuf. Kiristaanonni bara sanaa Mootummaa Roomaa isa akka Waaqayyootti waaqeffamuu barbaadde sanaan mormuu ala filannoo kan biraa hin qaban turan.
Lola seexanaa mo’achuudhaaf, sagalee Waaqayyootti qabamnee jiraachuu qabna. Akka dubbii Waaqayyootti yoo jiraanne, eebba isaa fudhannee, seexanoota mo’achuu dandeenya. Yoo fayyine iyyuu, sagalee Waaqayyootti qabamnee yoo jiraanne malee, lola Seexanaa mo’achuu hin dandeenyu. “Seexanni amajaajiin keessan akka leenca yeroo beela’u aadaa naanna’uutti, nama liqimsuu barbaadee ni naanna’a” (1 Pheexiros 5:8). Namni sagalee Waaqayyootti qabamee hin jiraanne salphaatti seexanaan mo’ama.
GooftaanYesuus iyyuu dubbii Macaafa Qulqulluu isa barreeffameen Seexana mo’ate. “Caaffata qulqullaa’aa keessatti namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’uu hundumaan malee kan jedhu caafameera” (Maatewos 4:4). Dubbii caafamee jiru irraa amantii qabaachuudhaan, seexana mo’e. Kan keenya immoo maal fakkaataa? Nuyi ogummaan waan nutti hirratuuf, namoota Yesuusiif taanu miti. Kanaafuu, sagalee Waaqayyoo irraa amantii qabaannee, jabaannee itti jiraachuu qabna.
“Sagalechi illee sirrii dhaa garuu guutummaa isaatti hin amannu” jechuu hin qabnu. Dubbichatti illee qabamnee jiraachuu qabna. “Akkuma barreeffamee jirutti, yeroonni itti hojii irra ooluu ni dhufa” jechuu qabna. Kun amantii sirrii isa ittiin meeshaa lolaa isa kan Waaqayyoo ittiin baannu dha. Namoonni warri, “Wanti hundinuu akka Waaqayyo jedhetti hojii irraa oola” jedhan ni eebbifamu. Namni tokkoo dubbii Waaqayyootti qabamee yoo itti hirkate, wanti hundinuu akka sagalee isaatiitti ni ta’aaf. Seexanni nu qoruuf yoo yaalii godhe iyyuu, “Ani sagalee Waaqayyootti nan amana. Sagaleen isaa deebii sirrii dha” jennee yoo itti amanne, inni nu baqate sokka. Kun karaa sirri ittiin Seexana mo’atanii dha.
Sagalee Waaqayyootti haa qabamnu
“Kanaafis, guyyaa hamaa kanatti mormitanii ittiin qabuu, mi’a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi’a lola isa kan Waaqayyoo fudhadha; Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaa dhaan mudhii keessan jabeeffadha, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadha; Akka nama kophhee kaa’ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa’a; Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadha. Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba’aa adeeman, ni dhaamsitu. Fayyina akka gonfoo sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, Hafuura Qulqulluu biraa fudhadha” (Efeesoon 6:13-17).
Kutaa kana keessatti, “Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadha,” kan jedhu sun, dubbiin Waaqayyoo, sabbata ittiin mudhii hidhataniitti akka lakkaa’ame ilaalla. Akkana jechuun sammuun keenya dubbii Waaqayyootti hidhamuu qaba jechuu dha. Dhugaa dubbii isaatii duukaa yoo buunee sammuun keenya akka yaada Waaqayyootti hidhamu nutti dubbata. Akkuma sabbati mudhiitti hidhatamu, jireenya keenya guutummaa isaa sagalee Waaqayyootti hidhamuu qaba. Yeroo yaadni keenya yaada Waaqayyootti hidhamu, “Wantii hundinuu gara gaaritti ni deebi’a. Nan amana wanti hundinuu akka sagalee isaatiitti ni raawwatama” jechuutti ni kaana.
Itti fufnee, maddaa qajeelotaa uffachuu qabna. Gaachana wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa Waaqayyoo ittiin nu fayyisee of irra kaa’uu qabna. Dhugaadhaan mudhii keenya hidhannee, qajeelummaa uffachuu qabna. Gonfoo sibiilaa mataa irra kaa’achuu nu barbaachisa. Uffannaa dhiifama cubbuu uffachuu qabna. Garaa keenya guutuudhaan sagalee Waaqayyootti amanuu qabna. Sagalee fayyinaa isa nagaa namaaf kennu lallabuu qabna.
Erga dubbii isaa ol kaafne, mudhii keenya wangeela nagaatiin hidhannee, wangeela fayyinaa isa nama hundumaaf nagaa kennu labsuuf adeemuun nu irraa eegama. Cubbuu keenya hundumaatti yoo fayyine, arrabni keenya gara dhugicha dubbachuutti ni dhufna. Yeroo yakkinuu fi hamaan jireenya keenya mudatus, gara dhugaa sagalee isaatiitti fiignee araaraa barabaraa Waaqayyoo kenneen of irraa miiccanna. Inni kana karaa cuuphaa fi du’a fannoo isaatii godheera. Waaqayyoon galateeffachaa jireenya ulfina Waaqayyoo ni jiraanna. Warra cubbuu isaaniittii hin fayyin jiranitti wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa nama hundumaaf nagaa kennu labsuu qabna.
Hunduma irra kan caalu, gaachana amantiitiin waan hamaatiin mormuu qabna. Yeroo seexanni lola kaasu, harka tokkoon gaachana amantiitiin of irraa ittifne harka biraan immoo dubbii dhugaa qabachuu qabna.
Egaa fayyina gonfoo sibiilaa kaa’achuu qabna. Dubbii fayyinaa isa, “Karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa cubbuu koo hundumaatti fayyeera. Waaqayyo cubbuu koo akkaataa kanatti naa dhiiseera” jedhu fudhachuu qabna. Dhugaa ofii keenyaan raawwachuu qabna. Seexanaa mo’achuudhaaf sagalee Waaqayyoo, gonfoo sibiila fayyinaa, billaa Hafuura Qulqulluu akka meeshaa lolaatti qabachuu qabna.
Yoo seexanni nu lole, billaa keenya luqifannee rukutuu qabna. “Waaqayyo akkana jedheera! Anis dubbii isaatti amaneera!” Amantii sagalee Waaqayyootiin Seexana galagalchuu dandeenya. Sagalee Waaqayyootti amanuudhaan billaa Hafuuraa keenya yoo itti luqifanne, Seexanni “Wayyoo-wayyoo! Attama miidha inni!” jechaa nu baqatee sokka. Lola Seexanaa kamiin iyyuu amantii dubbii Waaqayyoo irraa qabnu qofaadhaan mo’anna.
“Foonni koo guutuu miti, garuu an nama Waaqayyo bira fayyina argadhe dha. An dubbii Waaqayyootti qabameen amantiidhaanan jiraadha” jechuudhaan dhuga ba’umsa jireenyaa qabaachuu qabna. Yoo amantii akkanaa qabaaanne, yeroo inni nu loluuf dhufu hunda billaa dhugaa dubbii isaatiitiin ni ari’anna. Yoo sagalee biyya lafaattiin mormine iyyuu Seexanni ammaa-ammaa jireenya nama keessa hin galtu. Kanaafuu, “Kun waan Waaqayyo dubbatee dha” jenne Seexana loluu qabna. Seexanni abboo dubbii Waaqayyoo tiin deebi’uu qaba.
Jireenya guutama Hafuuraa yoo jiraachuu barbaanne, waldaan, qulqulloonni fi garboonni isaa hundinuu, wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabuutti akka qabamaniif kadhachuu qabna. “Me ka’een dhoksaa wangeelaa ija jabummaadhaan lallaba,” jennee yoo kadhannee, kaayyoo tajaajila wangeelaaf ni jiraanna. Kun jireenya guutama Hafuura Qulqulluuti. Jireenyi guutama Hafuura Qulqulluu qulqulloota hundumaaf barbaachisaa dha. Yoo dhuguma qulqulloota amanamoo taane, jireenya guutama Hafuura Qulqulluu ni jiraanna. Akkuma dhiifamni cubbuu lubbuu nama hundumaaf barbaachisu, Jireenyi guutama Hafuuraas qulqulloota hundumaaf baayyee barbaachisaa dha. Kun sirna hojii Waaqayyoo ti.
Warri cubbuu isaaniitti fayyanii akkaataa jireenya amanamummaa immoo wallaalan akkaata jireenya guutama Hafuura Qulqulluu barachuu qabu. Kun wanta Waaqayyo barbaaduu dha. Qulqulloonni jireenya guutama Hafuura Qulqulluu, isa fedha Waaqayyoo ta’e sana beekuu qabu. Jireenya guutama Hafuura Qulqulluu akka qulqulloonni hojii gaariitiin akka isaan wangeela lallabaniif isaan qopheessa. Isaan wangeela lallabuu, Waaqayyoon kadhachuu, dubbii isaatti qabamanii jiraachuu ni jaallatu. Gonfoo sibiila fayyinaa, gaachana qajeelotaa qabannee, “Ani yeroo hundumaa qajeelaa dha” jennee seexana baasuu qabna.
Qulqulloonni jireenya guutama Hafuura Qulqulluu fudhatan, hafuuraan deddeebi’anii humna Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni danda’u. Isaan kadhaannaa amantiitiin eebba Waaqayyootiin hojii isa ni hojjetu. Hamma seexana mo’atanii Waaqayyoon dura dhaabbachuu danda’aniitti hafuuraan deddeebi’uu qabu. Warri meeshaa lolaa isa kan Waaqayyoo fudhatan warra lammaffaa dhalatanii guutama Hafuura Qulqulluutiin jiraatan qofaa dha.
“Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wallaansoo walqabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana’aa keessa jiru kana seeratan, macca hafuurota hammina wajjin wallaansoo wal qabna malee” (Efeesoon 6:12). Lolli warra lammaffaa dhalatanii lola foonii fi dhiigaa miti. Lolli warra kennaa guutama Hafuura Qulqulluu qabanii macca hafuurota hamoota, warra amantii keenyaan morman akka nuyi wangeelaaf hin hojjennee kan jeeqanii wajjini male.
Wangeela gooftaaf yeroo lola hafuuraa loluuf baanu, gonfoo fayyina sibiilaa fi mi’a hafuura qabachuu qabna. Lola kana keessatti yoo nuyi wayyaa biraa uffanne, ni madoofna. Kanaafuu meeshaale loliisa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuu qabna. Billaa, gaachanaa fi gonfoo sibiila nu barbaachisa. Lola kana mo’achuudhaaf, shaakala wallaansoo nu barbaachisa ta’a. Kanaaf, gaachana, sabbata mudhii, kophee wangeelaa miillatti kaa’achuu qabna. Billaa Hafuuraa fi gaachana fudhannee diina keenya mo’achuu dandeenya. Kun jireenya guutama Hafuura Qulqulluu ti.
Wangeela bareedaatti jiraachuu qabna
Phaawulos akkana jedhe, “Wanta gaarii adaraa sitti kenname sana Hafuura Qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi” (2 Ximotewos 1:14). Wanti gaarii adaraa sitti kenname kun maalii? Innis wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa cubbuu keenyattii nu fayyisuu dha. Tiitoo 3:5 akkan jedha, “Inni dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis, nu fayyise.” Gooftaan keenya cubbuu nuyi biyya lafaa keessatti hojjenne hunda du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin nu irraa kaaseera. Wangeela bareedaatti itti fufnee jiraachuu qabna. Kanaaf, gaachana, sabbata mudhii, kophee wangeelaa miillatti kaa’annee ni deddeebina. Wangeela bishaanii Hafuuraatti amanuu qabna.
Akka kanatti erga hidhannee booda, lola seexana mo’achuu dandeenya. Akkaata kana yoo ta’e qofa injifannoo argannee warra kaaniif wangeela hiruu dandeenya. Amma mootummaa Waaqayyoo isa dhumaatti lolisa hafuuraa loluudhaan seexana diina keenya irraa meeshaa isaa fuunee harka duwwaa hambsna. Ammuma lollii baayyatu, mo’icha immoo argataa adeemna. Guddinaa fi babbal’inaa mootummaa Waaqayyoof yeroo hundumaa kadhachuu nu barbaachisa. Haaluma kanaan guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuu keenya itti ni fufna.
Dhiifama cubbuu arganne qofaatti quufuu osoo hin taane, jireenya guutama Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuun nu irraa ni barbaadama. Wangeelaafis ta’ee hojii gaarii hojjennuuf sagalee Waaqayyootti amanuu nu barbaachisa. Hafuura Qulqulluutiin geggeeffamnee dubbii Waaqayyotti amannee itti jiraachuudhaan, diina keenya seexana moonee irra ooluun nuuf ni ta’a.
Na hubatteettaa? Haala kana yoo ta’ee qofa Hafuura Qulqulluun isa guutamne keessa jiraachuu dandeenya. Nan abdadha akka atis wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsaa dubbii Waaqayyoo hordoftu. Kotta eggaa seexana harkaa nama baasuudhaan hojii fayyinaa ni hojjenna. Hanga gooftaan deebi’ee dhufuutti, guutama Hafuura Qulqulluu keessa ni jiraanna. Guutama Hafuura Qulqulluu fudhachuun abboommii gooftaan kenne isa lammaffaa dha. Galanni isaaf haa ta’u. Guutama Hafuura Qulqulluu sababa dhiifama cubbuu laphee keenyaa arganneef ta’a. Wangeela bishaaniifi hafuuraa malee, guutama Hafuura Qulqulluu fudhachuun hin danda’amu. Waaqayyoo isa guutama Hafuura Qulqulluun akka deddeebinu godheef galanni haa ta’u.
Akka kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qabduu ni amantaa? Nu warra dhiifama cubbuu arganneef kennaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni dhufa. Garuu warri dhiifama cubbuu hin arganneef kennaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu hin jiru. Warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amanneef ykn hin beekneef kennaan nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu hin jiru. Warri kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu hin fudhanne namoonni biyyi lafa hundii gara sii’olitti gad ni darbatamu.
Sababa laphee keenya keessaa cubbuu hin qabneef, kennaa nama keessa Hafuura Qulqulluu fudhanna. Sababa kennaa nama keessa Hafuura Qulqulluu fudhanneef immoo guutama Hafuura Qulqulluutti arganna. Nuyi warri kennaa nama keessa Hafuura Qulqulluu fudhanne, hafuura Qulqulluun guutamuudhaaf fedha hafuuraatiif ajajamuu qabna. Ammuma fedha hafuuraa eegnu amantiitti cimnee hidhannaa guutuu qabaannee diina keenya mo’anna. Garuu fedhaa hafuuraa irraa yoo kufne, meeshaan hafuuraa keenya nu irraa fudhatama.
Kottaa sagalee Hafuura Qulqulluutiin guddannee amantii keenyatti ni jabaanna. Yeroo sagalee Hafuura Qulqulluu dhageenyu, amantiin keenya ni guddata sababiin isaa, “Amantiin dhaga’uu irraa ni dhufa, wantii dhaga’uun ta’u immoo dubbii Kiristoosiin beekama” (Roomaa 10:17). Kanaafuu seexanni yoo fincile iyyuu, sagalee Waaqayyootiin of irraa gab ni goona. Seexanni warra wangeela bishaanii fi Hafuuraa tiin gaachana amantiitii fudhatanii lolan kuffisuu hin danda’u. Namoonni amanamoon amantii isaaniitiin seexana of irragad teessisu.
Kottaa amantiidhaan jireenya guutama Hafuura Qulqulluu haa jiraannu. Jireenyi guutama Hafuura Qulqulluu, wangeela bishaanii fi Hafuuraa amanamummaadhaan biyya lafatti lallabuu agarsiisa. Wanti akkanaa jireenya guutama Hafuura Qulqulluu ti.