• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-13] Hojii fi kennaa Hafuura Qulqulluu (Yohannis 16:5-11)

2021.05.02 135
(Yohannis 16:5-11)
“Amma garuu gara isa na ergee nan dhaqa, isin keessaas tokko illee, eessa dhaqxa jedhee ana hin gaafatu. Waan an kana jedheef immoo, garaan keessan baayyee gaddeera, dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya, yoon adeemuu dhaa baadhe, inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu, an yoon dhaqe garuu isa isiniif nan erga, inni yeroo dhufu waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummaa, waa’ee firdiis biyya lafaa ni hubachiisa. Isaan waan anatti hin amanneef cubbuu isaanii ni argisiisa. Ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo ni agarsiisa. Isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu isaatiin firdii ni agarsiisa.”
 
 
Hojiin Hafuura Qulqulluu maali?
Waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummaa fi waa’ee firdii biyya lafaa hubachiisuu dha.
 
Seera Uumamaa 1:2 keessatti akkanatti barreeffamee jira, “Lafti bifa hin qabu, onaas ture, callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture. Hafuurri Waaqayyoos bishaan irra ni socho’a ture.” Kutaa kana keessatti hafuurri Waaqayyoo laphee nama wallaalamii fi cubbamaa keessaa osoo hin taanee laphee nama wangeela bareedaatti amanuu keessa akka inni buufatu argina. Namoonni hedduun yaada wallaalummaa isaaniitiin, amantii isaanii isa barsiisa sobaa irratti hundaa’en yaada isaanii cimsachuudhaaf, Hafuurri Qulqulluun laphee nama cubbamaa keessa iyyuu ni jiraata jedhu garuu, Hafuurri Qulqulluun laphee nama wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qofa keessa buufata.
Hafuurri gammachuu barsiisa sobaatiin argamu hafuura dhugaa miti. Hojiin Seexanaa amantoota gad dhiisii ta’anii barsiisa sobaaf karaa ta’an irratti kan hundaa’u ta’ee, namoonni barsiisa sobaa irratti hundaa’an salphaatti itti kufu. Garuu Hafuurri Qulqulluun qaama qabeessa fi kan yaadaa fi dhageettii qabu fi kan hin murtoofnee dha. Hojii uumuu jalqabaa keessatti Waaqayyo abbaa fi Yesuus Kiristoos ilmicha wajjin hojjeteera. Amma immoo Hafuurri Qulqulluun biyya lafaa kana keessatti maal akka inni hojjetu ilaalla.
 
 
Hafuurri Qulqulluun waa’ee cubbuu biyya lafaa ni hubachiisa
 
Hojiin Hafuurri Qulqulluu jalqaba hojjetu maalii? Inni waa’ee cubbuutiif biyya lafaatti cubbuu agarsiisa. Warri inni firdii itti agarsiisu warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti hin amannee dha. Inni cubbamoota hundumaa, warra wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin fudhatinitti cubbuu ni garsiisa.
 
 
Inni biyya lafaatti qajeelumma Waaqayyoo ni agarsiisa
 
Hojiin Hafuura Qulqulluu inni lammmaffaa maalii? Inni hojii Yesuusiin dhiifama cubbuu argameef qajeelummaa Waaqayyo ni agarsiisa. Yohannis 16:10 akkana jedha, “Ani gara abbaa dhaquu kootiin, isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo ni agarsiisa.” Macaafni Qulqulluun waa’ee qajeelummaa maal akka inni jedhu beekuun ni barbaachisa. Akkana jechuun Yesuus Kiristoos laga Yordaanositti Yohaannisiin cuuphamee, cubbuu biyya lafaa hunda gara isaatti dabarsuu dhaan warra isatti amanan hundaaf amantii dhaan qajeelaa gochuu isaati. Kun wangeela bareedaa Waaqayyo nuuf kennee dha. Namni wangeela kanatti amane ayyaana Waaqayyootiin fayya. Yesuus Yohannis cuuphaan cuuphamee cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatti fudhatee gooftaa jireenya keenyaa ta’eera.
Hafuurri Qulqulluun akka namoonni Yohannisiin cuuphamuu Yesuusii fi fannoo isaatti amananii akka isaan dhiifama cubbuu argataniif ni gargaara. Hojii sadan tokkummaa Waaqayyoo akka inni guutuu ta’e beekuu qabda. Hafuurri Qulqulluun wangeela bareedaatiif hojjete, akka namoonni jaalala Waaqayyoo hubatan ni godha. Akkasumas wangeelli bishaanii fi Hafuuraa akka inni wangeela dhugaa ta’e ni mirkaneessa.
 
 
Inni biyya lafaatti firdii agarsiisa
 
Hojiin Hafuura Qulqulluu inni sadaffaa maalii? Hojii seexanaa diiguu dha. Seexanni yaada namaatti akkana jedhee ni asaasa, “Yesuusitti amanuu ni dandeessa, garuu kiristaanummaa akkuma amantii biyya lafaa keessaa tokkootti lakkaa’i.” Seexannii akka namni wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuratti hin amanneef gufannaa kaa’ee akka namni dhiifama cubbuu hin arganne godha. Sababiinisaa Seexanni kiristaanummaa akka amantii tarree biyya lafaatti akka namni hubatu godha waan ta’eef namoonni kiristaanumma nama gaarii tokko ittiin ta’anitti ni lakkaa’u. Haa ta’u iyyuu malee, akeeki Yesuusitti amanuu lammaffaa dhalatanii nama qajeelaa ta’uu dha.
Amanatii sobaa qabaachuu hin qabdu. Amantii dogoggooraa qabaatte hamma fedhe yoo Yesuusitti amante iyyuu hin fayyitu. Yoo amantii dogoggooraa qabaatte, sababa soba Seexanaatiif Yesuusiin beekuus arguus hin dandeessu. Hafuurri Qulqulluun warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin fayyaniif wabii dha. Warri amantii qabna utuu ofiin jedhanii laphee isaanii irraa cubbuu qaban akkasumaani.
Hafuurri Qulqulluun wangeela bareedaaf dhugaa ba’a. Yesuus Kiristoos cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatiitti fudhatee gatii cubbuu keenyaaf nuuf du’uudhaaf gara fannoo dhaqe. Hafuurri Qulqulluun kana dhugaa ni ba’a. Hafuurri Qulqulluun namni hundinuu wangeela dhugaan Yesuusitti amanee akka dhiifama cubbuu argatu ni gorsa. Haa ta’u iyyuu malee, Hafuurri Qulqulluun warra wangeela dhugaatti hin amanne, akka isaan firdii keessa jiran itti ni agarsiisa.
 
 
Hundinuu qabaachuu qaba
 
Amantiin eebbifamaa maalii dhaa? Amantiin eebbifamaa isa karaa dhiifama cubbuu akka namni kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu argamsiisuu dha. Haa ta’u iyyuu malee, amantoonni hedduun utuma bara dheeraaf amantii irra turanii dhiifama cubbuu bira hin ga’iin jiran biyya lafaa keessaa baayyee argina. Aammuma bara dheeraa amantiitti jiraatan, cubbuus ofitti baay’isu. Rakkoon guddaan akka isaan dhiifama cubbuu hin arganne godhu, afaan haaraa dubbachuu fi wantoota kana fakkaatan jireenya isaanii keessatti yommu argan akka ragaa fayyinaatti lakkaa’atu. Cubbuu isaaniitif akka firdiin itti dhufu ni dagatu.
Namoonni biyya lafaa kanaa hedduun isaanii hojii Hafuura Qulqulluu fi hojii hojii Seexanaa gargar hin baafatani. Hojiin Seexanaa nama gara of wallaaluu fi amantii sobaa isa badiisa namatti fidutti oofuu dha. Seexanni akkaataa kanaan nama Waaqayyo irraa garagalchee milkaa’uf yaalii godhuu dha. Seexanni akka namni amantii wallaalchisaatti kufee isaaf garba ta’u gochuuf hojjeta. Seexanni akka namni dinqii fi mallattoon olii amantii wangeela dhugaa fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu caalaatti gati qabeessa akka ta’etti akka namni yaadu godha.
Haa ta’u iyyuu malee, Hafuurri Qulqulluun akka namni biyya Waaqa irraa karaa sagalee Waaqayyoo argu ni godha. Karaa Hafuura Qulqulluu akka Waaqayyo nama uume jaallatuu fi fayyisuu barbaadu akka isaan beekanii itti amananiif ni gargaara. Akeeki inni cubbamootaaf qabu karaa amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraa namni fayyee jaalala isaatti jiraataniif affeeruu dha.
1 Pheexiros 3:21 akkana ni jedha, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin ammaa ittiin ooltaniiti.” Akkasumas Pheexiros 1:23 akkana ni jedha, “Isin sanyii baduttii utuu hin taane, sanyi hin banne sagalee Waaqayyoo isa jiraataattii, haaraa taatanii dhalattaniittu.”
Hafuurri Qulqulluun waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummaa, fi waa’ee firdii dhugaadhaan nama hubachiisee akka namni itti amanee fayyuu ni godha. Hafuurri Qulqulluun akka namni firdii Waaqayyoo hubatee wangeela bishaanii fi Hafuuraa fi dhiiga fannoo Yesuusiin cubbuu isaattii fayyu godha. Hafuurri Qulqulluun akka inni nama keessa jiraatee amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin akka nama jabeessu nama barsiisa.
Hanga ammaatti hojii Hafuura Qulqulluu ilaalleerra. Namni biyya lafaa hundinuu kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qabaachuu fi jaalala Waaqayyoo beekuu kan danda’u, yeroo wangeela bareedaa Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanu qofaa dha.
 
 
Namummaa Hafuura Qulqulluu
 
Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo isa waan hundumaa danda’uu dha. Inni amala ofii isaatii kan akka, dandeettii yaadaa, miira fi fedhii qaba. Sababa Hafuurri Qulqulluun dandeettii yaadaa qabuuf, yaada Waaqayyoo (1 Qorontos 2:10) fi laphee namootaa gad fageessee qoree bira ga’uu danda’a.
Sababa Hafuurri Qulqulluun miira ofii isaatii qabuuf, inni warra sagalee Waaqayyootti amananitti ni gammada, garuu warra itti hin amannetti baayyisee ni gadda. Akkasumas qajeelonni karaa Hafuura Qulqulluu jaalala Waaqayyoo akka isaan hubatan ni godha.
Hafuurri Qulqulluun isa “jajjabeessaa” jedhamee dha. Kana jechuun Hafuurri Qulqulluun qajeelota rakkina isaanii keessatti cimsee isaan ni gargaara, diina isaanii loluudhaan mo’icha isaaniif kenna. Inni akkuma keenya dandeettii yaadaa, miira fi fedhii qaba, warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan keessas ni buufata.
 
 
Hojiin Hafuura Qulqulluu akka armaan gadii ta’a
 
Hafuurri Qulqulluun dhugaa dhiifama cubbuu keessa jiru nama hubachiisee laphee amantootaa keessa jiraata. Hojiin isaa dhiifama cubbuu Yesuus karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa fi dhiiga isaatii ilmaan namootaaf kenne barsiisuu dha (1 Yohannis 5:6-8). Akkasumas garbootaa fi qulqulloota isaa rakkina isaanii keessatti jajjabeessee akka isaan dhaabbatan ni godha. Yeroo isaan waan kadhatan wallaalan bakka isaanii bu’ee isaaniif ni kadhata (Roomaa 8:26). Inni qajeelota waldaa Waaqayyoo keessa jiraniif boqonnaa kennaafii gara irraa hafaa sagalee isaatiitti isaan ni geessa (Faarfanna 23).
 
 
Hojii Hafuura Qulqulluu Macaafa Qulqulluu keessatti
 
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan dhugaa laphee isaanii keessa jiru hubatanii itti amanuudhaan warra kaanitti akka isaan lallaban ni godha. “Caafatni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame, barsiisuuf balleessaa hubachiisuuf qajeelchuuf qajeelummaattis leenjisuudhaaf dhimma ni baasa” (2 Ximotewos 3:16).
“Macaafa Waaqayyoo keessaa barbaadaattii dubbisaa: Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achii keessaa kan isa dhabus hin jiru. Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera, hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera” (Isaayaas 34:16).
“Caalaa dhumaatti immoo raajiin caaffata Qulqullaa’aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane, beekuun isin irra jira, raajii dubbachuun takkaa jaalala namatiin hin taane, garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeefamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” (2 Pheexiros 1:20-21).
Hafuurri Qulqulluun garboonni Gooftaa akka isaan sagalee Waaqayyoo barreessaniif isaan geggeessee akka dubbifannu godheera. Inni namoota wangeela bishaanii fi Hafuuraa wajjin wal barsiisee akka nuyi biyya lafaatti isa lallabnuuf nu geggeessa. Kanaafuu, qajeelonni jireenya isaaniitiin yoo baayyee rakkatan iyyuu, inni isaan ni simata, humna Hafuura Qulqulluuf galanni haa ta’u.
 
 
Kennaa fi ija hojii Hafuura Qulqulluu
 
Kennaa Hafuura Qulqulluu jechuun dandeettii inni qulqulloonni isaa akka isaan dhugaa wangeela Waaqayyoo warra kaaniif labsaniif isaaniif kennuu dha. Qulqulloonnis kennaa Waaqayyo isaaniif kennuun Hojii Waaqayyootti of ni kennu, Hafuurri Qulqulluunis akka isaan Waaqayyoof ulfina kennan godha. “Karaa kennaan Hafuuraa adduma addaan nama keessaan mul’atu hundumaaf bu’aa akka ta’uuf kenname” (1 Qorontos 12:7).
Kaayyoon kennaa Hafuura Qulqulluu qulqulloonni akka isaan amantiidhaan fiigicha fuula isaanii dura jiru fiiganiif isaan qopheessuu dha (Efeesoon 4:11-12). Hafuurri Qulqulluun garboonnii fi qulqulloonni Waaqayyoo akka isaan wangeela babal’isaniif humna isaaniif kenna. Waldaan Waaqayyoo tokkummaa warra Kiristoos Yesuusiin qulqullaa’anii ti (1 Qorontos 1:2).
Tokkoon–tokkoon kiristaanaa warri kennaa Hafuura Qulqulluu fudhatan, Yesuus Kiristoos mataa waldaa waan ta’eef akkaataa hojii fi itti gaafatama isaanitti kennametti hojjechuu qabu. Hafuurri Qulqulluun akka qulqulloonni mootummaa Waaqayyoof hojjechuu danda’aniif hubannoo fi dandeettii hafuuraa isaaniif kenna. Ulfinni wangeela inni nuuf kennee akka mul’atuuf waan hundumaa ni hojjeta. Kanaaf inni akkana ni jedha, “Egaa yoo nyaattan yookis yoo dhugdan yookis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedha” (1 Qorontos10:31).
 
 
Kennaa Hafuuraa garaagaraa
 
Kennaa Hafuura Qulqulluu gosa 12 tu jira. Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti arginu, kennaan kun bifaa garaagaraatiin namootaa garaagaraatiif kennama. Kennaan kun Roomaa 12:6-8, 1 Qorontos 12:8-10, fi Efeesoon 4:11 irratti tarreeffamee kaa’ameera. Warri armaan gaditti caqafaman, kennaa gosa sagal 1 Qorontos 12 irratti dubbatamanii dha.
1) Kennaa beekumsaa: Kun akka nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraa hubannee isa lallabnuuf beekumsa Hafuuraa nuuf kenna waan ta’eef kaane wangeela dhugaa haa lallabnu.
2) Kennaa ogummaa: Rakkoo addaaddaa jireenya qajeelotaa mudatu akka dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee jirutti furmaata kennuu dha.
3) Kennaa amantii: Hafuurri Qulqulluu akka qulqulloonni amantii fi ija jabummaadhaan dinqii cubbuu fi Seexanattii namoota fayyisuu ni kenna. Qajeelonni dhiifama cubbuu argatan humna amantiitiin hafuura isaanii isa ol gad ta’e fayyisuu danda’u.
4) Kennaa fayyisuu: Hafuurri Qulqulluun karaa amantii dubbii Waaqayyoo kennaa qajeelota fayyisuu ni kenna.
5) Dinqii gochuu: Kennaan dinqii karaa amantii dubbii Waaqayyoo qulqulloonni hojjetanii dha. Dinqiin wanta toora uumamaa fi beekumsa namaa garas ta’e karaa amantii humna oliitiin hojjetamuu dha.
6) Kennaa raajii: Bara ammaa kana keessatti, warra sagalee Waaqayyoo akka inni barreeffamee jirutti amananii abboomaamaa jiran qofaatu raajii dubbachuu danda’a. Raajiin sagalee Waaqayyoo isa barreeffamee jiru irratti hin hundoofne raajii dhugaa miti. Garboonni Waaqayyoo, warri kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan, dubbii Waaqayyoo lallabanii karaa waldaa kiristaanaa, dhaqna Waaqayyoo, namoota ni cimsuu, ni jabeessus. Hafuurri Qulqulluun kennaa kana garbootaa fi qulqulloota Waaqayyoof kenna.
7) Hafuurota gargar baasuu: Kennaan kun namni tokko cubbuu qabaachuuf fi cubbuun isaa akka isaa dhiifame ittiin beekamuu dha. Kennaa kana yoo qabaachuudhuu baanne, Seexanaan salphaatti dogoggoruu dandeenya. Sababa biyyi lafaa kun seexanaan to’atamuuf wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa Waaqayyo nuuf kennetti amanuudhaan kennaa kana yoo qabaanne qofa rakkina, ba’aa fi hammina isaa mo’achuu dandeenya. Qajeelonni wangeela dhugaatti amanuudhaan kennaa kana ni fudhatu. Inni egaa bu’uura kanaan namni tokko akka cubbuu qabuu fi akka cubbu hin qabne gargar baasee beekuu danda’a.
8) Afaan haaraatiin dubbachuu: Macaafni Qulqulluun waa’ee afaan haaraatiin dubbachuu nutti ni dubbata: “haa ta’u iyyuu malee waldaa Kiristaanaa keessatti afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuu irraa warra kaan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiika qabu shan duwwaa dubbachuu nan jaalladha” (1 Qorontos 14:19). Qulqulloonni dubbii hin beekne dubbachuu caalaa dhugaa sagalee Waaqayyoo hubachuun akka isaan barbaachisu ilaalla. Kanaafuu afaan haaraan dubbachuu irraa akka of qusannu nutti ni dubbata.
9) Kennaa afaan haaraa hiikuu: Kennaan kun ergamoonni waldaa jalqabaa keessatti akka isaan wangeela lallabaniif kan isaaniif kennamee dha. Bara ammaa kanatti Hafuurri Qulqulluun karaa tajaajila hiikkaa afaanota addaaddaatiin ergaa wangeelaa babal’isaa jira. Utuu namni afaan ittiin lallabuu beekuu hiikuun barbaachisaa miti. Haa ta’u iyyuu malee yeroo wal hubannaan loqodaa dhabamu, Waaqayyo hiiktuu afaanotaa ni kaasa. Waaqayyo gammachuu toora hin qabneen hojii isaa hin hojjetu. Hafuurri Qulqulluun karaa wangeela bareedaa ni hojjeta akkasumas qulqulloonni isaa akka isaan Macaafa Qulqulluu afaanota addaaddaatti hiikaniif isaan ni hubachiisa.
 
 
Iji hojii Hafuura Qulqulluu maalfa’i?
 
Waa’ee iji hojii Hafuura Qulqulluu, Macaafni Qulqulluu akkana nuun jedha, “Iji hojii Hafuuraa immoo jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, of dhowwuudhas. Egaa seerrii isaan kanaan mormu hin jiru” (Galaatiyaa 5:22-23).
1) Jaalala: Qajeelotaaf jaalala dhugaa jechuun warri kaan akka isaan cubbuu isaanittii fayyaniif wangeela bishanii fi Hafuuraa ittiin ga’uu dha. Sababiin isaa qajeelonni wangeela bareedaa fudhatan kun jaalala Yesuusiin qabatee jira waan ta’eef, isaan wangeela bareedaa dhugaa jaalala qabatee jiru kana warra kaanitti ni labsu.
2) Gammachu: Kun sababa lammaffaa dhalanneef gammachuu afaaniin ibsamuun hin dandaa’amne laphee keenya isa gad fagoo keessaa burquu dha. Qajeelonni dhiifama cubbuu hundumaa argatan hundi gammachuu garaa keessaa ni qabaatu (Filiphisiiyus 4:4). Qajeelonni sababa gammachuu garaa keessaa qabaniif, gammachuu isaanii warra kaaniif hiruu danda’u.
3) Nagaa: Kun nageenya garaa keessaa qajeelonni wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu isaaniitiin argatanii dha. Hafuurri Qulqulluun akka qajeelonni wangeela nagaa lallaban ni godha. Namoonni wangeela bareedaa kana dhaga’an warri kaanis cubbuu biyya lafaa mo’atanii fayyina amantii ija jabummaa akka argataniif isaan hubachiisu. Qajeelonni warri Waaqayyo fi nama gidduutti nagaa buusan ijoollee Waaqayyo warri jedhaman (Maatewos 5:9) akka warri kaan dhiifama cubbuu argatan ni godhu (Fakkeenya 12:20). Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan qajeelummaan jiraatanii wangeela dhugaa lallabuudhaan warri kaan akka isaan nagaa argatan ni godha.
4) Obsa: Obsi garaa qajeelota warra wangeela dhugaatti amanuudhaan dhiifama cubbuu argatan keessaa taa’a. Kennaa kana tokkummaa Hafuura Qulqulluu wajjin qabnu cimsuudhaan ni arganna. Qajeelonni obsa guddaa laphee isaanii keessaa ni qabaatu.
5) Gaarummaa: Utuma cubbamoota taanee jirruu Waaqayyo wangeela cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuusiin cubbuu keenyattii nu fureera. Sababa Waaqayyo nu jaallatee cubbuu keenya nu irraa fuudhee ayyaana isaa nuuf kenneef nuyis warra kaan jaallannee araara itti agarsiisuu dandeenya. Qajeelonni laphee isaanii keessaa gaarummaa guutuu fi ija hojii wangeela bareedaa guutummaatti ni qabaatu.
6) Arjummaa: Arjummaa jechuun iddoo kanatti “namatti toluu” jechuu dha. Qajeelonni arjummaa fi amantii laphee keessaa ni qabaatu.
7) Amanamummaa: Amanamummaa Waaqayyo irraa amantii guutuu qabaachuu dha. Amanamummaan qulqullootaa Yesuusiif amanamaa ta’uu keessaa argama.
8) Garraamummaa: Akkana jechuun warra kaan sirriitti hubachuudhaan garraamummaa garaa keessaa burquun isaan ilaaluu dha. Qajeelonni laphee diina isaanii jaallachuu fi kadhatanii isaan oolchuu qabu.
9) Of-qabuu: Of-qabuun dandeettii of to’achuu, amala hin taanettii of qusachuu fi naamusa gaarii qabaachuu dha.
 
 
Hafuura Qulqulluun guutamuu
 
Firiin Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu maalii? Eebba akkanaa fudhachuun qulqulloonni waldaa Waaqayyoo wajjin tokkummaa uumuudhaan akka isaan akka bartoota Yesuusitti jiraataniif isaan gargaara. Hafuurri Qulqulluun qajeelonni meeshaa qajeelaa ta’anii fedha Yesuusiin akka isaan guutan ni godha. Fedhiin qajeelotaa gooftaadhaan waan to’atamuuf qabeenyaa fi kennaa isaanii hunda hojii gooftaaf oolchuu ni danda’u. Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan cubbuu biyya lafaa mo’atanii hiyyuma, mo’amuu fi sodaa osoo hin taanee, mo’icha, gammachuu fi amantummaa akka qabaataniif isaan geggeessa (Roomaa boqonnaa 7).
“Isin garuu Hafuurri Qulqulluun yommuu isin irra bu’u humna ni godhattu, Yerussaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samariyaatti, handhaara lafaattis dhuga baatuu koo ni taatu” (H. Ergamootaa 1:8). Guutamni Hafuuraa qajeelonni akka isaan wangeela lallaban ni godha.
Gooftaan warri guutama Hafuura Qulqulluu qaban akka isaan amantii jabaa qabaatan godha. Waaqayyo warra wangeela miidhagaa Yesuusitti amanan akka isaan ijoollee Waaqayyo ta’aniif mirga ni kennaaf (Yohannis 1:12). Qajeelonni amantiidhaan ijoollee Waaqayyo ta’uuf mirga argatan hundi wangeela bareedaa biyya lafatti lallabuu danda’u.
Qajeelonni karaa wangeela araaraa humna Seexana ittiin mo’atan ni qabaatu. Dhukkuba hafuuraa fayyisuufis aboo ni qabaatu (Maarqos 16:18), humna Seexanaa ni diigu (Luqaas 10:19), mootummaa Waaqayyoottiis ni galu (Mul’ata 22:14). Qajeelonni abdii dubbii Waaqayyoo qabatanii akka mootiitti aboo dhaan jiraachuu danda’u (2 Qorontos 6:17-18).
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan fedha foon isaanii fannisaniif humna ni kennaaf. Akka isaan wangeela dhugaa lallabaniifis isaan ni geggeessa (Galaatiyaa 5:6).
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan wangeela bishaanii fi Hafuuraa hubatanii itti amananii warra kaanittis akka lallabaniif isaan ni geggeessa (1 Ximotewos 4:13).
Hafuurri Qulqulluun guyyaa-guyyaatti qajeelonni akka isaan waldaa Waaqayyoo keessatti walitti qabaman ni godha (Ibroota 10:25).
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan cubbuu isaanii himatan godhee (1 Yohannis 1:9) laphee isaanii ifa dhugaa Hafuura Qulqulluutiif qopheessa (Efeesoon 5:13).
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan daandii sirrii ta’e irra adeemaniif jireenya isaanii ni geggeessa (Faarfannaa 23).
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni akka isaan dheebuu kennaa Hafuuraa hin dhabne ni godha (1 Tasaloniiqee 5:19).
Hafuurri Qulqulluun karaa wangeela dinqisiisaa hojii guddaa isaa ni hojjeta (Maarqos 16:17-18).
Hafuurri Qulqulluun qajeelonni waldaa Waaqayyoo wajjin tokkummaa uumanii akka ergamoota gooftaa warra jalqabaatti akka isaan jiraatan isaan ni geggeessa. Inni qajeelonni jireenya Hafuuraa jiraatanii wangeela bareedaa lallabaa akka isaan hafuuraan guutamaa adeeman ni godha. Kun hojii Hafuurri Qulqulluun karaa wangeela dinqisiisaa hojjetuu dha (1 Pheexiros 2:9).
Inni yeroo hundumaa laphee qulqullootaa keessatti hojii isaa ni hojjeta. Haleeluyaa!