(Yohannis 8:31-36)
“Yommus Yesuus Yihudoota warra isatti amananiin, ‘dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin baasa’ jedhe. Isaan immoo deebisaniifii, ‘nuyi sanyii Abrahaam, nuyi nama tokkoof iyyuu takkaa garba hin taane; attam ‘warra birmaduu ba’an ni taatu’ jettaa ree?’ jedhan. Kana irratti Yesuus, ‘Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni cubbuu hojjetu hundinuu garbicha cubbuu ti. Garbichi barumaan iyyuu, maatii gooftaa isaatti hin lakkaa’amu, ilmichi garuu, yoom iyyuu maatii abbaa isaatiitti ni lakkaa’ama. Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra biramaduu baatanii dha.”
Kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuuf maal gochuu qabnaa?
Wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraatti amannee amantiidhaan itti jiraachuu qabna.
Dhugaan maal akka ta’e beektaa? Yesuus gaaffii kanaaf deebii inni kenne, “Dhugaan ana” (Yohannis 14:6) jedha. Kanaafuu dhugaa beekuu jechuun Yesuusiin beekuu jechuu dha. Hafuurri Qulqulluun si keessa buufatee amantii at wangeela bareedaa irraa qabdu jajeera. Cuuphamuu fi fannoo irratti du’uun Yesuus namummeessaa (personification) wangeela bareedaa akka ta’e hubattee itti amanuu qabda.
Namoonni addunyaa bara si’anaa jecha ‘lammaffaa dhalachuu’ jedhu kana yeroo baayyee utuu isaan itti gargaaramanii argina. “Namoonni lammaffaa dhalachuu qabu. Siyaasi lammaffaa dhalachuu isa barbaachisa. Amantiin lammaaffaa dhalachuu qaba.” Gaalee (phrase) kana ‘fooyyai’nsa’ hojii isaanii mul’isuuf itti fayyadamu. Haa ta’u iyyuu malee, lammaffaa dhalachuu jechuun fooyyai’nsa qaama uumamaa miti. Lammaffaa dhalachuu jechuun wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraa dhaga’anii itti amanuudhaan kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu jechuu dha.
Dubbiin dhugaa akka nuyi lammaffaa dhalannu godhu warroota kami?
Namni maaliif lammaffaa dhalachuu qabaa? Namni hir’ataa waan ta’eef kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhatee lammaffaa dhalatee ijoollee Waaqayyoo ta’uu isa barbaachisa. Namootni hedduun utuu isaan Yesuusitti amananii ni argina garuu kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu utuu isaan qabanii hin arginu. Niqoodemos bulchaa Yihudootaa ture. Niqoodemos inni Yohannis boqonnaa 3 irratti caqafame, geggeessaa amantii Yihudootaa isa seera Waaqayyo biraa itti kenname eeguuf yaalii godhu dha. Haa ta’uu iyyuu malee, geggeessaa amantii isaanii ta’ee hojjechaa yoo ture iyyuu, waa’ee nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu hin hubbanne ture.
Kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf, wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraatti amanuu fi itti jiraachuu barbaachisa. Namni kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu dhugaa wangeela bareedaa bishaanii fi Hafuuraatti amanee fudhachuu ni danda’a. Yesuus akkana jedhe, “Waa’ee isa biyya lafaa isinitti himnaan, erga hin amantan ta’ee, waa’ee isa biyya waaqaa yoon isinitti hime immoo attamitti amantu ree?” (Yohannis 3:12).
Wangeelli bareedaa bishaanii fi Hafuuraa akka itti fufee jirutti kan ibsamee dha. Gooftaan biyya lafaatti dhalate, waggaa 30ffaatti Yohannisiin cuuphame, waggaa sadii booda fannoo irratti du’e, guyyaa sadii booda du’aa ka’ee cubbuu keenyattii nu fayyiseera. Namni akka inni Yohannisiin cuuphamee, fannoo irratti du’ee, warra du’an keessaa akka inni ka’e amanan ni fayyu. Wangeela bareedaa kanatti warri amanan dhiifama cubbuu fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni argatu.
Warri amma iyyuu cubbuu isaaniitiin jiran cuuphamuu fi fannifamuu Yesuusitti amanuudhaan dhiifama cubbuu argachuu isaan barbaachiisa. Namni cubbuu irraa of eegee Waaqayyoon duratti jiraachuu waan hin dandeenyeef Yesuusitti amanuudhaan fayyuu isa barbaachiisa. Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin dhiqee balleesseera. Cubbamoonni hundinu wangeela kanatti amanuudhaan ni fayyu. Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanan hundi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fi eebba isaa fudhachuu ni danda’u.
“Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol fuudhe ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun ni ta’a” (Yohannis 3:14). Bara Kakuu Moofaa keessatti, sabni Israa’el warri iddoo onaa keessatti cubbuu hojjetan bofti isaan hiddee du’aan dhumanii, warri kaan immoo bofa sibiila diimaa isa fannifame ilaalanii fayyaniiru.
Haaluma kanaan kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu arganneerra. Yesuus kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amananiif kenna. Seexanni garuu akka nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannee kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu hin fudhanneef danqaa ni kaa’a. Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin dhiifama cubbuu fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluutiin nu eebbiseera.
Atis wangeela bishaanii fi Hafuuraatti yoo amante kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni fudhatta. Wangeela bareedaa kana akka inni wangeela dhugaa ta’etti ni amantaa? Wangeela kana akka wangeela dhugaatti amantee kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu akka fudhattu ni amantaa?
Gooftaan dhugaa isa cubbuu keenyattii nu fayyisu akka beekuu qabnu nutti dubbateera. “Dugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin baasa” (Yohannis 8:32). Wangeela bareedaa isa nu fayyisee eebba namaa wajjin jiraachuu Hafuura Qulqulluun nu eebbisu barteettaa? Wangeela kana yoo simatte, dhugumaan kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ni argatta.