• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-16] Ergama warra Hafuura Qulqulluu fudhatan hundaa (Isaayaas 61:1-11)

(Isaayaas 61:1-11)
“Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misiraachoo warra gadadamootti akka an himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabee akka an fayyisuuf, warra booji’amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanitti hiikamuu akka an labsuuf inni na ergeera. Waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame, guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu akka an labsuuf, warra gaddan hundumaas akka an jajjabeessuuf na ergeera. Warri xiyoon keessaa gadduu irra jiran qooda daaraa mataatti firfirfatan, uffata miidhaginaa mataa irra akka buufatan, qooda gaddan, dhiphatan akka gammadan, qooda hafuura gaddaas, gammachuudhaan akka faarfatan gochuudhaaf na ergeera. Isaan, ‘Qilxuu qajeelinaa, isa Waaqayyo ulfina isaa ittiin agarsiisuudhaaf dhaabe jedhamanii ni waamamu. Isa dur diigamee ture deebisanii ni ijaaru. Isa dur onaa tures ni haaressu; mandaroota warra dhaloota baayyee duraan diigamanii turanii deebisanii ni tottolchu. Ormi bushaa’ee keessan isiniif ni tiksa, ilmaan ormaas qotiisa isiniif ni qotu, wayinis isaaniif ni dhaabu, isin garuu luboota Waaqayyo ni taatu, ‘Warra Waaqayyo keenyaaf hojjetanis’ ni jedhamu; badhaadhummaa saba warra kaani ni nyaattu, ulfina isaanis fudhattanii ittiin of ni jajjuu, qooda yeelloo baachaa turtan, amma immoo biyya keessan keessatti ulfina dachaa lama ni argattu, ga’aa keessanittis ni gammaddu; biyya keessan keessatti deebitanii, gammachuu ni argattu, barabaraanis kan keessan ni ta’a. Ani Waaqayyo, ‘firdii qajeelaa nan jaalladha, saammichaa fi jallina garuu nan jibba. An amanamummaa kootiin, saba kootiif gatii hojii isaanii nan kennaa, isaaniifis kakuu barabaraa nan gala. Sanyiin isaanii saba lafa irraa keessatti beekamaa ni ta’a, ijoolleen isaanis namoota gidduutti beekamoo ni ta’u; namni isaan argu hundinuu isaan sanyii isa an Waaqayoo eebbise ta’uu isaanii ni beeksiisa’ jedha. Ani Waaqayyootti guddisee nan gammadaa, lubbuun koos Waaqayyo kooti ni ililchiti; akkuma dhirsi missirroo akka lubaatti shaashii maratuu, akkuma missirroonis mi’a miidhaginaa naqattuttis, akkasuma inni uffataa fayyina anatti uffiseera, qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera. Akkuma sanyi biqilchu iddoon dhaabaas wanta isa keessatti facaafame magarsuu akkasuma Waaqayyo gooftaan, qajeelummaaniifi galannii afaan saba lafa irraa keessaa akka dhagaa’amu ni godha.”
 
 
Ergamni warra Hafuura Qulqulluu fudhatanii maalii?
Namoota biyya lafaa hundumaatti wangeela lallabuu dha.
 
Namni Hafuura Qulqulluu fudhate maal gochuu qabaa? Nama hundumaatti wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsuu qaba. Waaqayyo wangeela bareedaa lammaffaa dhalachuu wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsuu warra kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatanitti adaraa kenneerra. Warri dhiifama cubbuu argatan Hafuura Qulqulluus ni argatu. Egaa Waaqayyo maaliif kennaa Hafuura Qulqulluu isaaniif kenna jettee yaaddaa?
Wabii isa dhumaa mirkaneessuuf jedhee Waaqayyo ijoollee isaa isaan godhatee kennaa Hafuura Ququlluu kenneeraaf. Akkasumas akka isaan Seexana mo’ataniif humna isaaniif kenneera. Warri dhiifama cubbuu fi kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu argatan akka isaan hojii kanaan gadiitti caqafaman hojjetan ni godha:
 
 
Warra gadadamoon akka isaan wangeela ga’an ni godha
 
Wangeelli warra iyyeeyyiif ergamu kun wangeela maaliitii? Innis wangeela bishaanii fi Hafuuraa ti. Warri Hafuura Qulqulluu fudhatan Waaqayyo akka wangeela bareedaa labsan irraa barbaada. Warri Hafuura Qulqulluu fudhatan, sababa abdii waaqa irraa qabaataniif waan lafa irraatti hin quufani.
Waaqayyo iyyeessota cubbuu isaaniittii isaan fayyisuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraa kenneera. Itti fufees, akka isaan biyya barabaraa argataniif kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu isaaniif kenne. Qajeelonni wangeela bishaanii fi Hafuuraa iyyeesotaaf akka labsaniif Waaqayyo abboomeera. Gooftaa Yesuusii fi Waaqayyo abbaatti amanuu warra kaaniif akka labsaniif isaan amansiiseera. Sababii Waaqayyo Hafuura Qulqulluu nuuf kenneef akka nuyi wangeela fayyina biyya lafaatti ballinaan labsinuufi.
 
 
Warra garaan isaanii cabee akka fayyifnuuf nu ergeera
 
Waaqayyo attamitti sammuu keenya fayyisaa? Inni laphee keenya isa cabe wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin fayyiseera. Namoonni baayyeen laphee cabaatiin jiru. Isaaniif jireenyi gatii hin qabu, qajeelummaan isaaniis moofaa abaarsaa ti. Isaan warra gad of deebisanii jiraatanii fi sababa cubbuu isaaniif lapheen isaanii cabee dha. Kanaafuu waa’ee jireenyaaf yeroo baayyee shakkii dhaan ni madaa’u. Namni hundinuu nageenya, gammachuu fi qabeenya horatee foonii fi lubbuuttis guutuu ta’ee jiraachuu barbaada, garuu kun salphaatti hin ta’u akkuma saamtuun qabeenyaa namoota hundaa irraa fudhattu.
Haaluma kanaan, warri cubbuu isaaniitiin jiran qajeelummaa isaanii hattuun akkuma jalaa saamtee harka duwwaa hambistu sababa cubbuu isaaniitiifis dhuma irratti sii’oliin dhaqu. Sababii kanaaf kan Waaqayyo warra garaan isaanii cabeen akka wangeela geenyu kan nutti dubbatu. Waaqayyo sagalee maaliitiin isaan fayyisaa? Inni dubbii wangeela bishaanii fi Hafuuraan kana godheera. Inni warra garaan isaanii cabee fayyisee, jireenya barabaraa isaaniif kenna.
 
 
Inni warra hidhamanitti hiikamuu ni labsa
 
Inni warra hidhaa keessa jiraniif birmadummaa ni kenna. Kun maal jechuu dhaa? Akkana jechuun lubbuu nama hundumaa cubbuu biyya lafaattii ni fayyisa jechuu dha. Inni ergama kana warra Hafuura Qulqulluu fudhatanitti ni kenna, isaanis warra kaan biliisa ni baasu.
Namni foonii fi lubbuu qaba. Foonii fi lubbuun isaa kun abaarsa cubbuu fi seeraan hidhamee jira. Inni Waaqayyotti amanus amanuu baatus, cubbuutti hidhamee jiraachuu irraan kan hafe waan godhu hin qabu. Cubbuudhaan waan uumameef, cubbuuttii bilisa ta’uu hin danda’u. Kanaafuu, carraa inni qabu bara isaa guutuu cubbuutti jiraachuu dha. Akka kanatti jiraatee dhuma irratti immoo bada.
Sababii kanaaf inni jireenya of irraa fageessuu hin dandeenye kanaan dadhabbii hundumaa keessa taa’a. Waaqayyo warra hidhaa akkanaa keessa jiranitti Hafuura Qulqulluu ergee, warra cubbuudhaan bara isaanii guutuu qabamanii jiranitti wangeela bareedaa ergee cubbuu isaanii hundumaatti bilisa isaan baasa.
 
 
Inni warra gaddan hunda ni jajjabeessa
 
Waaqayyo warra gaddan kanaaf maal godhaa? Waaqayyo warra cubbuu isaaniif gadda qaban hunda wangeela araara ergeefii isaan fayyisa. Inni Yesuus Kiristoosiin biyya lafaati ergee ilmaan namaa hunda cubbuu isaanittii isaan fayyisa. Cubbuu biyya lafaa kana namoota irraa fuudhee gara ofii isaatiitti dabarsuudhaaf, Yohannisiin cuuphamee sababii kanaaf immoo gara fannoo dhaqe. Waaqayyo haala kanaan cubbu keenyattii nu qulleesseera. Kanaafuu, Waaqayyo cubbuu biyya lafaa hundumaattii nu fayyiseera.
Gooftaan keenya warra gaddan hunda wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin isaan ni jajjabeessa. Kana gochuudhaan, warra amantiin isaanii jalaa hir’atee ni guutaaf. Inni warra Hafuura Qulqulluu fudhatan akka isaan wangeela bareedaa kana warra garaan isaanii cabe ittiin fayyisanii hidhaa cubbuuttii biliisa baasaniif isaan ni geggeessa.
Kaayyoon lafa kana irra jiraachuu keenyaa wangeela bareedaa lallabnee warra hidhaa cubbuutiin jiran hiiknee warra gaddan jajjabeessuu dha. Barri nuyi lafa kana irraa qabnu yoo xiqqate iyyuu, warra gatii hin qabne akka hin taane Waaqayyo nutti dubbateera. Waaqayyo dhiifama cubbuu qopheessee ilmaan nama akkaataa dinqiitiin eebbisuun isaa ragaa kanaa ti.
Gooftaan keenya warra gadadamaniif gonfoo ulfinaa kaa’eera. Akkana jechuun, cubbamoonni dhiifama cubbuu argataniiru cuuphaa fi fannoo Yesuus isa akka nuyi mootummaa Waaqayyootti gallu nu godheef galanni haa ta’u. Namni tokko dhiifama cubbuu isaa erga argate, sammuun isaa haara’ee eebba dinqisiisaa argateef galata dhiheessa. Gooftaan keenya ulfina isaatiin isaan gonfa. Inni cubbamoota warra ijoollee isaa ta’uu jaallatanii amananiif wangeela fayyinaa akka isaan labsaniif adaraa itti kenna. Warri wangeela bareedaa kana fudhatan yeroo hundumaa gammachuu malee gadda hin qaban.
Akkuma namni hundinuu dhalatee gaddaan du’u, gammachuu inni qabu yeroo xinnoo, sammuun isaa moo yeroo baayyee gaddaan kan guutee dha. Haa ta’u iyyuu malee Waaqayyo isaan quunnamee gammachuu fi abdiidhaan akka isaan lammaffaa dhalatan godheera. Haaluma kanaan warri wangeela bareedaatti amanan jireenya haaraa fi hojii haaraa ni qabaatu. Itti dabalees, wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsanii gadda hundumaa of irraa fageessuudhaan, gammachuun guutamanii wanta Waaqayyo barbaadu gochuu dandaa’aniru.
Warri Waaqayyo biraa dhiifama cubbuu argatan isaaf ulfina ni kennu. Akka qajeelonni wangeela bareedaa labsaniif itti dubbateera. Inni eenyuun akka ta’e, wangeela attamii akka inni kenneef, mootummaan isaa attam dinqisiisaa akka ta’e, akka labsaniif itti ni dubbata. Warra dhiifama argatan keessatti namoonni ulfina Waaqayyo ni argu. Utuu Hafuura Qulqulluu hin fudhatin, warri gadda qaban, amma ni gammadu, warri cubbuudhaan hidhaman hiikamaniiru, warri akka biyya lafaatti jiraachaa turan akka qajeelotaatti ni jiraatu. Kun hundinuu ulfina Waaqayyo ni mullisa. Waaqayyo akka warra ijaarsa cabee deebisanii ijaaraniitti, warra gadda durii ol kaasanitti, akka warra magaalaa diigamte deebisanii ijaaranitti qajeelonni dubbii barsiisa amantii akka ijaaraniif Waaqayyo ni dubbata.
Wangeelli bareedaa bishaanii fi Hafuuraa wangeela jalqaba ergamoonni waldaa ishee jalqabaa keessatti lallabanii dha. Yesuus gara waggaa kuma lama dura gara biyya lafaatti ergame. Wangeelli bareedaa bishaanii fi Hafuuraa hanga DhKB waggaa 300 biyya lafaa keessatti lallabamaa ture. Wangeelli qajeelota bara si’anaa kanaaf lallabamaa jiru, isuma kan ergamoota bara durii wajjin tokko. Haa ta’u iyyuu malee, baraa bulchiinsa Roomaa jaarraa 4ffaa keessa, bara kiristaanummaan biyya Roomaa keesstti amantii mootummaa ta’ee fudhatame, bilisummaan amantii kenname, wangeelli cuuphamuu Yesuus gad deebi’ee achumaan irraa jalaan ni bade. Kanaan booda kiristaanummaan akka amantii waaqeffanna biyya lafaatti ijaaramee, yeroo dhaa gara yerootti sooromuu irraan kan ka’e namoonni wangeela dhugaa irraa kaachuutti ka’an.
Amantiin dhugaa fi wangeelli bara sanaa maaliif jijjiirame? Erga kiristaanummaan biyya Roomaa keesstti amantii mootummaa ta’ee fudhatamee booda, kiristaanonni daangaa tokko malee akkuma lammii warra Roomaatti mirga argatanii jiraachuutti ka’aniiru. Kiristaanonni beekamtoota warra Roomaa fuudhanii tajaajila mootummaa keessa galuutti ka’an. Sababii carraa kanaatiif, amantiin isaanii amantii du’aa ka’uu irraa gara amantii salphaa biyya lafaatti deebi’e. Yeroo sanaa eegalee, wangeellii bishaanii fi Hafuuraa ni bade kiristaanummaan biyya lafaa wajjin walfudhate ijaaramuutti ka’e.
Namoonni cubbuu isaaniittii akka fayyaniif wangeela dhugaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa bade kana fayyina ilmaan namaatiif bara isa dhumaa Yesuus dhufuuf jedhu kana keessa akka labsinu Waaqayyo nutti dubbateera. Waaqayyo wangeela bishaanii fi Hafuuraa isa bara ergamoota jalqabaa lallabamaa turee deebisnee akka haareessinu nutti dubbata. Wangeelli bara ergamootaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa fi wangeela fannoo Yesuusi dha. Inni warra magaala diigamte deebisanii ijaaran nu godheera. Wangeela bishaanii fi Hafuuraa barree warra muka wayiniitti soqnu nu godheera.
Waaqayyoo ergama karaa ergamoota warra jalqabaa hojjetaa ture ammas nuun hojjetaa jira. Innis wangeela bishaanii fi Hafuuraa, wangeela jalqabaa kana akka labsinu nu godheera. “Hafuurri Waaqayyo GOOFTAA ana irra jira, sagalee misiraachoo warra gadadamootti akka an himuuf, GOOFTAAN na dibeera.” Waaqayyo warri Hafuura Qulqulluu fudhatan wangeela Hafuuraa isa fayyisu akka labsan godheera.
Waaqayyo gadda nu irraa kaasee, gonfoo gammachuun nu gonfee uffannaa galataan nu ibsee nu jabeesseera. Warri Hafuura Qulqulluu qaban sanyii wangeelaa warra kaanitti facaasaa jiru. Warri wangeela kana dhagaa’aniis dhiifama cubbuu fudhatanii ittuma fufaniis Hafuura Qulqulluu ni argatu.
Hojjettoota Waaqayyoo taaneerra. Anii fi ati ulfina mootummaa Waaqayyoon eebbifamneerra. Warri Hafuura Qulqulluu hin fudhanne, jaamummaa isaaniitiif wangeela bareedaa fudhachuu hin dandaa’an. Tarii akka warri kaan amanan gochuu ni danda’u ta’a, garuu amantii dhugaatti geessanii Hafuura Qulqulluu fudhachiisuu hin danda’an.
Waaqayyo karaa warra Hafuura Qulqulluu fudhatanii wantoota itti fufamanii caqafaman ni hojjeta. Inni akka isaan wangeela miidhagaa warra gadadamoo fi warra garaan isaanii cabetti wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallaban ni godha. Warra hidhaa cubbuutti qabamanii jiraniif birmadummaa fayyinaa fi jajjabina, warra gaddanitti wangeela bishaanii fi Hafuuraa akka labsan godheera. Warra sababa dhadhabbii isaaniitiif cubbuu keessaa ba’uu dadhabaniif furmaata isaa akka barsiisan godhee, gammachuu fi nageenya kenneefii akka isaan mootummaa Waaqayyootti galan ni godha.
Itti fufee, nuyi warri Hafuurri Qulqulluun akka nu keessa jiraatu ta’e, akka isaan wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallaban ni taasifamu. Yesuus Kiristoos nu warri dhiifama cubbuu argannee kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhanne, cubbamoonni hundinuu akka fayyinuuf wangeela akka labsuu qabnu nutti ni dubbata. Gooftaan warra kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatan akka isaan akeeka isaa bakkaan ga’aniif jabina isaaniif ni kenna. Warri Qajeelonni hundinuu akka isaan hojii gooftaa hojjetan taasifamaniiru. Nuyi hojjettoota isaa, warra iddoo wayinii jechuunis waldaa isaa eeguuf kaa’amnee dha. Nuyi hundi keenya garboota isaa ti. Waaqayyo eebba dinqisiisaa kana nuuf kenneerra.
Yeroo foon keenya ilaallu, dadhaboota akka taane ni hubanna, garuu Waaqayyo waan nu keessa jiraatuuf, amantiidhaan garboota isaa taaneerra. Waaqayyo hojii gurguddaa nu keessaan hojjetee gooftummaa isaa mul’isaa jira.
Waaqayyo magaala diigamte keessatti maasaraa wangeelaa isa cabe deddeebisaa jira. Inni gaddaa akka kaasu, magaala diigamte akka ijaaru nutti dubbateera. Wangeela haaromsaa ammas biyya lafaatti akka lallabamu ni abdanna.
Kun egaa garuu fedhii koo miti. Nan amana sababa Waaqayyo dubbateef akka inni ta’u. Gooftaan warri Hafuura Qulqulluu fudhatan akka isaan wangeela bareedaa biyya lafatti labsan godheera. Inni ilma isaa gara biyya lafaatti ergee wangeela hojjetee, ammas akeeka isaa kara warra Hafuura Qulqulluu fudhatanii itti ni fufa. Warri wangeela bareedaatti amanan ulfina Waaqayyo ni argu. Haleeluyaa!