(Roomaa 8:16-25)
“Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin waliigalee, ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa ni ba’a. Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan ni taana, waan kana hundumaas Waaqayyo biraa ni arganna, nuyi Kiristoosii wajjin erga dhiphannee, isa wajjin ulfaachuuf, waan Kiristoos argatuu hundumaas ni arganna. Dhiphinni keenya si’anaa kun, ulfina isa nuuf mul’ifamuuf jiruu wajjin wal bukkee qabamee, ilaalamuu akka hin dandeenyetti nan lakkaa’a. Uumamni hundinuu, mul’achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru. Uumamni wanta gatii hin qabne, akka ta’u godhameera; inni illee ofii isaatii akkas ta’uu hin barbaanne, garuu isuma isa uumetu, akkas isa godhe, haa ta’uu iyyuu malee akkas ta’uun isaa, abdii qaba ture. Uumamni, garbummaa isa wanta badu, isa godhe jalaa luba ni ba’a; Luba ba’uun kun, gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabanitti ni geessa; Uumamni hundinuu, amma amaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu ni beekna. Uumama sana duwwaatu aada miti, nuyi warri Hafuura Waaqayyoo akka qabdiitti argannee iyyuu, ilmummaatti guddifamuu, namummaan keenya inni fooniis, furamu dhimminee yeroo eegannuutti garaa keenatti ni aadna; Nuyi abdiidhaan fayyine, abdiin ijaaan argamu immoo, abdii miti, namni waan ijaan argu, ni abdataaree? Wanta ijaan hin arginee yoo abdanne garuu obsaan ni eegganna.”
Qajeelonni maaliif Hafuura Qulqulluu abdatuu?
Sababiin isaa, nuyi kirstaanonni warri lammaffaa dhalanne waaqa haaraa fi lafa haaraatti ni galla warri lammaffaa hin dhalanne biyya lafaa kanaa wajjin yoo badan iyyuu.
Barri ammaa abdii hin qabu
Biyya lafaa kana keessa dhuguma abdiin qabatamaa jiraa? Lakki, hin jiru. Addiin qabatamaa Yesuusii wajjin malee hin jiru. Yeroon ammaa kun yeroo dukkanaa fi yeroo abdii malee ti. Wanti hundinuu guyyaa-guyyaatti ariitiidhaan ni jijjiirama, namoonni jijjiirama kana keessa galanii jiraachuu ni barbaadu. Dhugaa hafuuraas ta’ee dhimma hafuuraas hin barbaadani. Ijaa isaa hir’ina of irraa fageessanii hojjetaa guutuu biyya lafaa kanaa ta’uu barbaadu.
Hojiin haaraa ba’ee hojiin moofaa immoo du’aa deema. Kanaafuu biyyi lafaa kun jijjiirama guddaa keessa jira. Haala kanaan kan ka’e namoonni baayyee kowumaa fi yaaddoodhaan kan guutamanii dha. Irraa-jalaan abdii isaan biyya lafaa irraa qabanis gad dhumaa ni deema. Sababa kun ta’uuf immoo sababa waa’ee gara fuula duraatiif abdii qabatamaa tokko hin qabaanneefi. Egaa biyya lafaa akkanaa keessa jirra.
Hafuura Qulqulluudhaan Jireenya barabaraa abdachuu qabna
Attamitti abdii qabatamaa argannaa? Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuudhaan abdii qabatamaa ni arganna. Abdiin warra Hafuura Qulqulluu qabanii kan biyya lafaa osoo hin taane kan waaqa irraa ti. Ergamaan Phaawulos waa’ee abdii isa waaqa irraa dubbata. Nuyi warri Hafuura Qulqulluu fudhanne, waan waaqa irraa tiif abdii qabna. Sababiin isaa Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee Yohannisiin cuuphamuudhaan cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fannoo irratti du’uu isaatiin warra isaatti amanan hunda mootummaa waaqaatti waan galchuufi. Gooftaan warra wangeela araaraatti amananiif abdii waaqa irraa kennaaf.
Roomaa 8:19-21 akkana ni jedha, “Dhiphinni keenya si’anaa kun, ulfina isa nuuf mul’ifamuuf jiruu wajjin wal bukkee qabamee, ilaalamuu akka hin dandeenyetti nan lakkaa’a. Uumamni hundinuu, mul’achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru.” Uumamni hundinuu abdii hidhaa du’aattii hiikamuu qabu.
Wanti biyya lafaa kana irraa hundinuu hir’uu waan ta’eef aadaa mul’achuu ijoollee Waaqayyoo ni eeggatu. Jireenya barbaraa argachuuf, garbummaa cubbuu jalaa ba’uu barbaadu. Barabaraan jiraachuudhaaf guyyaa itti badiinsa irraa baraaraman eeggachaatti jiru.
Guyyaa uumamni lafa irraa itti haara’u tokko ni dhufa. Abaaboon biyya lafaa isa ammaa kanatti yoo gogee bade iyyuu, biyya isa haaraatti immoo lalisee ni jiraata. Namoonni kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu of keessaa qabanis biyya isaa haaraa kana ni argu.
Yesuus Kiristoos akka lammaffaa deebi’ee dhufee, warra kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu of keessaa qaban du’aa kaasee, qaama hin badnetti jijjiiree, jireenya barabaraa akka kennuuf dubbateera. Barabaraan isa bira akka jiratanis abdii kenneeraaf. Uumamni hundinuu guyyaa sana eeggachaatti jiru. Isaan bara sanatti barabaraan nu warra ijoollee Waaqayyoo taane wajjinis ni jiraatu.
iyyi lafaa kun abdiidhaan ni ilaalama
Abjuun kun warra qajeelotaaf yoom dhugaa ta’a? Yeroo gooftaan keenya dhufu dhugaa ta’a. Biyya lafaa kana irra yeroo jiruutti abdiidhaan biyya isa haaraa ni ilaalla. Guyyaa sanatti beelli, rukuttaan, sochiin lafaa, lollii iddoo baayyeetti akka ta’u Yesuus dubbateera (Maatewos 24:7). Haa ta’uu iyyuu malee kanaan dhuma ta’a jechuu miti. Guyya dhuma biyya lafaa kanaatti, Gooftaan keenya deebi’ee ni dhufa, wanti lafa irraa hundinuu ni haara’a, nuyis dhaqna Hafuuraa isa hin duune ni uffanna. Akkana jechuun mukeetiin horiin manaa fi bineensii bosonaas jireenya barabaraa ni argatu jechuu dha. Kanatti amanuudhaan biyya isaa haaraa amantiidhaan ni ilaalla.
Biyya lafaa kanatti, warrumtii kennaa Hafuura Qulqulluu fudhannes, fayyina dhaqna keenyaa akka ijoollee Waaqayyootti eeggachaa, uumama undumaa wajjin of keessatti ni aadna. Biyya isaa haaraa abdiidhaan ni eegganna sababiinsaa gooftaan yeroo deebi’ee dhufu ijoollee isaa nu godhatee badiisa waan nu oolchuuf.
Biyyi lafaa kun yoo kan badu ta’e iyyuu, biyya isaa haaraa keessatti wanti hundinuu ni haara’a. Kana beekuudhaan amantiidhaan ni jiraanna. Biyyi inni haaraa iddoo gammachuu, dinqisiisaa, akkuma dubbifne kan nama ajaa’ibsiisuu dha. Biyya kana keessa waggaa kumaaf akka keessa jiraannu ni abdanna. Akka ijoollee Waaqayyottis barabaraanis ni jiraanna. Abdii kanaan jiraachuu qabna.
Biyya lafaa kana irraa abdii qabdaa? Lakki. Namoonni biyya lafaa carraadhaan malee abdiidhaan deemaa hin jirani. Garuu gooftaan keenya abdii Waaqa irraa qajeelotaaf kenneera. “Nuyi abdiidhaan fayyine, abdiin ijaaan argamu immoo, abdii miti; namni waan ijaan argu, ni abdattaaree? Wanta ijaan hin arginee yoo abdanne garuu obsaan ni eegganna.” Akkana jechuun sababa fayyinee jirruuf, hanga Yesuus dhufutti obsaan eeggachuu qabna jechuudha.
Sababa fayyineef, lubbuu keenya keessaa kennaa nama keessa jiraachuu Hafuura Qulqulluu qabna. Kanaafuu warri dhiifama cubbuu argatan qooda cubbuu, Hafuura Qulqulluu garaa isaanii keessaa qabaatu. Waa’een dhaqna keenyaa attami? Dhaqni keenya bifa hin badne uffatee barabaraan jiraachuuf du’a ka’a. Yesuus yommuu dhufu Waaqayyo wajjin barabaraan jiraanna. Warri lammaffaa dhalatan abdii akkanaa qabu, foonni fi lubbuun keenya guutuu ta’a. Foonni keenya waan guutuu ta’uuf dhukkubni isaa hin jiru. Dhaqni keenya inni lafa irraa dadhabaa waan ta’eef, biyya lafaa kanatti muda malee jiraachuu hin dandeenyu. Guyyaa booddeetti garuu muda malee taana. Mee dhufaati gooftaa isa lammaffaa haa eeggannu. Warri kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu qaban abdii akkanaa of keessaa qabu.
Abdiin tolootaa biyya isa waaqa irraa qofa osoo hin taane biyya lafaa kanattis ni dhugoomsama. Dhiphina isa guddaa booda gooftaan lammaffaa deebi’ee akka dhufuMacaafni Qulqulluun ni ibsa. Inni dhugumaan ni dhufa. Yeroo jalqaba dhufe, cubbamootaaf jedhee cuuphamee, qajeelota nu gochuuf fannoo irratti du’ee, dhuma irratti du’aa ka’ee ol ba’e. Amma egaa yeroo inni lammaffaa dhufu dhihateera.
Yeroo sanatti inni qulqulloota warra Yesuusitti amanee kennaa nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhatanii cubbuutti bilisa ta’an, hundumaa irribaa ni kaasa. Inni dhaqna waaqa irraa isa hin badne isa dukkubsachuu fi dadhabuu hin dandeenye ni kennnaaf. Akkasumas qilleensa keessatti isa simachuudhaan gara iddoo haaraatti ni darbu.
Isa booddee, gooftaa keenya biratti walitti ni qabamna, isa wajjin jiraannee, sababa isa tajaajilleef waggaa kuma tokkoof isaa wajjin ni moona. Kun immoo warra gara waaqaatti ol ba’aniif shaakala jireenya haaraa ni ta’a. Kun eebba Waaqa irraa isa dhugaa ti. Yeroo sanatti, wanti hirratan hundinuu ni guutamu, wanti baduu gara isa baduu hin dandeenyeetti ni darba. Dubbiin, “Ka’uun warra du’aniis akkasuma ta’uuf jira, wanta badutu awwaalama, wanta hin badnetuu kaafama” (1 Qorontos 15:42), yeroo Yesuus dhufu karaa isaa hojii irra oola.
Kottaa nuyi warri kennaa keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhanne abdii akkanaa ni qabaanna. Yoo wantii hundinuu dadhabaa ta’ee duune iyyuu kun dhuma jireenyaa akka hin taane yaadachuu qabna. Akka gooftaan keenya waan hundumaa haaressu haa abdannu. Akka inni wanta hunda haaressus ni abdanna. Abdii kanaan wangeela dhugaa lallabuutti haa jabaannu.
Nuyi warra fayyan waan taaneef, kennaa keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni qabaanna. Sababa kanaaf, Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu, dhufaatii gooftaa ni eeggata. Abdii amantiin akka jiraannuuf inni bakka keenya bu’ee akka hin gaddinetti Waaqayyo abbaa nuuf ni kadhata.
Abdii Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuu qabna
Iddoon qajeelotaa eessaa? Iddoo [5]Bar- kumee isa gooftan yeroo deebi’ee dhufee biyya lafaa itti haaressee ijaaruu fi mootummaa waaqa irraa ti. Kanaafuu, guyyicha obsaan eeggachuu nu barbaachisa. Yeroo biyyi lafaa kun badu gooftaan dhaqna keenyaa guutuu ni godha. Ulfina borii kan abdiidhaan ni eegganna.
|
[5] Yeroo gooftaan akka abdachiisuu isaatti lammaffaa gara biyya lafaa kana dhufu, inni waaqa irraa gad bu’ee, warra Kiristoosiin amanatanii du’an du’aa ni kaasa. Itti fufee qulqulloota hundumaa warra jiranii fi warra ka’an gara dhaqna hin badnee fi hin duunetti jijjiiree, qulqulloota hundumaa qilleensa irratti duumessa keessaan isaan ni simata. (1 Tasalooniiqee 4:16-17, 1 Qorontos 15:51-53).
Erga malakanni torban dheekkamsa isaatii cubbamoota warra hafan irratti erga dhangala’ee booda waan hundumaa ni haaressa. Lafa isa haara’e irratti mootummaa isaa diriirsee warra du’aa ka’uu isa tokkoffaa keessatti qooda qabaatanii wajjin waggaa kuma tokkoof ni mo’a (Mul’ata 20:4-5). Waggaa kuma tokko booda, warra du’an hundumaa irratti firdii kennee galaana ibiddaatti gad isaan darbata (Mul’ata 20:11-15). Itti fufee, saba isaa magaala waaqa irraatti waliitti isaan qabee Yerussaalem ishee haara keessa barbaraan jiraatu (Mul’ata 21:1-4).
|
Kennaa keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluutiin, Phaawulos abdii nuyi qabaachaatti jirru innis qabaachaa ture. Nuyis abdii dhuma tokkoon mootummaa bar kumee fi mootummaa waaqaa obsaan eegganna. Warri lammaffaa hin dhalatin biyya lafaa wajjin ni badu, garuu nuyi kiristaanonni warri lammaffaa dhalannee waaqa haaraa fi lafa haaraatti ni galla. Abdiin kun dhugaa ni ta’a. Dhaqni keenya guutuu ta’ee waggaa kuma tokkoof biyya haaraatti Kiristoosii wajjin ni moona. Guyyaa sana eeggachaa, sodaa malee biyyicha keessa ni jiraanna.
Obsinee haa eeggannu. Jireenyi keenya yoo mudhuke iyyuu sababa Kiristoositti amanneef abdiin keenya dhugaa ni ta’a. Warra abdii hin qabne ammuma iyyuu du’aniiru. Kanaaf abdii qabaadhuutii sagalee Waaqayyoon mul’ata kee jabeeffadhu.
Akkuma dhiifamni cubbuu keenyaa dhugaa ta’e, geeddaramnii dhaqna keenyaa dhugaa ni ta’a, uumamnis jireenya ni argatu. Abdiin keenyas dhugaa dha. Waan itti amantetti abdii qabaadhu. Warri abdii qaban bareedinaa fi gammachuu ni qabaatu. Namoonni yeroo abdii hin qabaanne hin gammadan. Warri mul’ata hin qabne gammachuu hin qabani. Sababa abdii waggaa kumaa fi mootummaa Waaqaa, waaqa haaraa fi lafa haaraa eeggannuuf jireenya keenya gammachuudhaan geggeeffachuu ni dandeenya.
Qajeelonni abdii kana gammachuu Hafuura Qulqulluutiin labsuu qabu. Wangeelli keenya biyya lafaa keessatti akka labsamu ni abdanna. Amantii dhaabbataa yoo qabaatte, biyyi lafaa baayyee guddaa itti hin ta’u. Jalqabni keenya baayyee xinnoo yoo fakkaate iyyuu, abdii qabaannaan wangeela biyya lafaatti lallabuu ni dandeenya. Akkuma Phaawulos jedhe, itti amanuu qbna.
Warri abdii qaban wangeela lallabuuttis cimoo dha. Biyya lafaa isa abdii hin qabne kanatti abdiidhaan wangeela ittiin ga’uu ni dandeenya. Warra mudukan, warra abdii hin qabnetti, warra gadadamoo fi gad of deebisanitti wangeela bareedaa lallabuu qabna. Wangeela mootummaa Waaqayyoo warra dukkana cubbuu keessa jiraniin ga’uudhaan warra wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin dhaga’iin jiraniin ga’uu qabna. Akka isaan abdii dubbii Waaqayyoo qabaataniin isaan jajjabeessuu fi abdiin kunis akka tasaa akka raawwatamuuf jiru hubachiisuu qabna.
Garboonni fi qulqulloonni warri lammaffaa dhalatan, abdii keessan mootummaa waaqaa isa dhufu irra kaa’achuudhaan hanga handhaara lafaatti wangeela lallabaa. Waa’een kufaatii biyya lafaa kana utuu hinsodaatin, amantii barabaraan jireenya isa ammaa booda jireenyi akka jiru hubannee hubachiisuu qabna. Dhugumaan gooftaan akka jireenya isaanii kennu dhugoomsachuu qabu.