(Iyyaasuu 4:23)
“Waaqayyo gooftaan keessan amma nuyi ceenutti galaana diimaa fuula keenya duraa akkuma gogse, akkasuma immoo amma isin ceetanitti Yordaanosiin fuula keessan duraa ni gogsa.”
Wantii laga Yordaanositti ta’ee maal nama barsiisaa?
Yesuus Kiristoos du’a isa sababa cubbuutiif dhufe akka balleessee fi ilmaan namootaa irra firdiin akka dhufu nu barsiisa.
Waa’ee wangeela bareedaa isa akka nuyi kenna keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu akka nuyi fudhannu godhu dubbachuu nan jaalladha. Du’a Musee booda, Waaqayyo akka Iyyaasuun saba sana geggeessu godhe. Bakka bu’aa seera bara Kakuu Moofaa ture. Utuu Museen du’uu baate, Yordaanosiin ce’ee saba sana biyya Kana’aanitti geggeesseera ta’e silaa dhimma Iyyaasuun bakka bu’uuf hin qabu ture. Haa ta’uu iyyuu malee, Museen fuullee Kanaaniin ga’ee obbafate.
Gooftaan keenya Musee fi Iyyaasuu nuuf kenne
Museeen, bakka bu’aan seera bara Kakuu Moofaa, saba Israa’eliin biyya Kana’aanitti hin geessine. Seera sanaan biyya Kana’aanitti saba sana utuu geesse ta’e, sila faallaa fayyisuu Waaqayyoo ta’a ture. Namni seericha danda’ee eegu waan hin jirreef namni tokko iyyuu seericha eegee kan fayyu hin jiru. Sababiinsa seerri cubbuu agarsiisuuf kenname waan ta’eef (Roomaa 3:20).
Sababii Waaqayyo seera kenneef namni seerichaan geggeeffamee hubannoo cubbuu akka qabaatu, seerris barsiisaa cubbamootaa ta’ee gara Kiristoositti qajeelchee cubbamaan sun amantiidhaan tolaa akka ta’uufi (Roomaa 3:24). Hojiin seeraa inni guddaan gara Kiristoositti nama qajeelchuu waan ta’eef Kiristoos gara biyya lafaa dhufe. Wanti Waaqayyo Iyyaasuu abboome akka laga Yordaanosiin ce’anii Kana’aaniitti galanii dha.
Erga Museen du’ee Waaqayyo sabni sun geggeessaa haaraatiin Kana’aanitti akka galuu ni godhe. Waaqayyo geggeesitoota saba Israa’eliin akkana jedhe, “Iddoo buufata keessa adeemaatii namootaan, ‘Guyyaa sadii gidduutti biyya Waaqayyo gooftaan keessan akka isin qabattaniif isiniif kennu sana dhaquudhaaf laga Yordaanos kana ni ceetuutii ka’aatii galaa qopheeffadha’” (Iyyaasuu 1:11).
Karaa Musee galuun akka dadhabame erga hubatamee booda Waaqayyo Iyyaasuun akka Kana’aanitti galuuf ni abboome. Waaqayyo akkana jedhee Iyyaasuu abboomee, “Ati immoo luboota sanduqaa Kakuu sana baatan, ‘Qarqara bishaan Yordaanos yommuu geessan, bishaanichatti lixaatii keessa dhaabadha jedhe. Kana irratti iyyaasuun Israa’elootaan, ‘as dhihaadhaatii dubbii Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga’a. Waaqayyo inni jiraataan, isin gidduu akka jiru, inni dhugumaan, Kan’aanota, Heetota, Hiiwwota, Pheriizota, Girgashota, Amoorota, Yibusootas fuula keessan duraa ofee akka baasu ni beektu’” (Iyyaasuu 3:8-10).
Erga Museen obbaafate booda, Waaqayyo Iyyaasuun geggeessaa saba Israa’el akka ta’uuf dibee akka inni saba sana fuudhee biyya Kana’aanitti galuuf ni abboome. Maqaan, “Iyyaasuu” jedhu “fayyisaa” innis “Yesuus” ykn “Hose’aa” wajjin hiikka walfakkaatu qaba. Garbichi Waaqayyo Iyyaasuun, luboonni akka isaan saanduqa kakuu baatanii laga Yordaanosiin ce’aniif isaan abboome. Luboonni yeroo saanduqa kakuu sana baatani qarqara bishaanichaatti yommuu lixan (bishaanichi yeroo midhaan sassaabamu keessa ni guuta waan ta’eef yeroo isaan ce’uuf jedhan sanas irra yaa’ee jira) yeroo isaan itti lixuuf jedhan bishaanichi yaa’uu dhiise ni dhaabbate; inni gararraadhaa gad yaa’a jiru hamma mandaraa Adaam isa Zaaretaanitti dhi’oo jirutti ol fagaatee ni tuulame. Bishaanichi inni gad darbe gara galaana Arabaayi isa “galaana soogiddaa” jedhamutti yaa’u immoo raawwatee irraa ni cite; sabni sun garuu fuullee Yeriikootiin ni ce’an (Iyyaasuu 3:15-16).
Haala kanaan, Waaqayyo du’a isa karaa cubbuu dhufe firdii fide kana ilmaan namootaa irraa akka kaase nu baarsiisa. Jecha biraatiin, Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee Yohannis cuuphaan laga Yordaanositti yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hunda gara ofii isaatiitti fudhatee fannoo irratti nuuf du’uu isaatiin nu fayyise. Inni cubbuu isaaniitti namoota fayyisee akka isaan biyya Kana’aan, jechuunis gara Mootummaa Waqaayyootti akka gallu godheera.
Lagi Yordaanos bakka ilmaan namaa itti qullaa’uu dha
Seeenaan laga Yordaanosiin ce’uu Kakuu Moofaas ta’ee Kakuu Haaraa keessatti abaarsaa fi firdii isa cubbuun fidettii furamuu wajjin akka walqabate jiru agarsiisa.
Lagni Yordaanos akka laga du’aatti ni ilaalama, haalli isaa laga galaana du’atti lakkaa’ama. Jechi, Yordaanos jedhamu, “bishaan gara du’aatti gadi yaa’uu,” ykn umnaan gad qabamee kan gad yaa’uu” jechuu dha. Kun seenaa cubbuu ilmaan nama wajjin walfakkaata. Bishaan kana keessatti Yesuus cuuphamee cubbuu isa ilmaan namaa irra yaa’ee hin cinne sana gara ofii isaatiitti fudhatee fannoo irratti du’ee iddoo keenya firdii nuuf baatee biyya lafaa irraa cubbuu fuudhe.
Nuyi, sanyiin Addaamii fi Ewwaan gara kamitti deemaa jirra? Uumamni hundinuu sababa cubbuudhaan uumameef, cubbuu ni hojjeta, gatiin cubbuu immoo du’a. Seenaa ilmaan namaa keessatti, uumamni hundinuu gaafa dhalatee eegalee gara badiisaatti deemaa jira. Cubbuu isaanii dhokfachuuf yoo yaalii godhan iyyuu, sababa dhokfatanii ba’uu hin dandeenyeef dhuma irratti gara firdii ni dhaqu.
Haa ta’u iyyuu malee Waaqayyo cubbuu fi firdii kuteera. Waaqayyo akka Iyyaasuun saba Israa’eliin Yordaanosiin ceesisee biyya Kana’aanitti akkanni geessu godhe. Iyyaasuudhaaf kun waamicha Waaqayyoo ti. Kun egaa cubbuuttii fayyanii mootummaa Waaqayyootti galuun gatii cubbuun barbaaduu du’an qofa akka ta’u nu hubachiisa.
Bara Kakuu Moofaa keessatti bishaanni Yordaanos yeroo luboonni saanduqa kakuu baatanii lixan akkanni goge argina. Bishaanni sun goguunisaa akka Sabni Israa’el bishaanicha ce’u godhe. Kun wangeela bishaanii fi Hafuuraan cubbuun gogee jireenyatti darbuu keenya agarsiisa. Yesuus Kiristoos wangeela bishaanii fi Hafuuraan humni cubbuu akka gogee kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu akka fudhanne nu agarsiisa.
Na’amaan abbaa duulaa
Na’amaan abbaan duulaa Mootoota isa 2ffa boqonnaa 5 irratti abbaa duulaa mootii Sooriyaa nama kabajamaa biyya isaa harka diinotaa oolche ture. Inni dhukkuba lamxii isa du’atti nama geessu qaba ture. Garuu dhukkuba isaa kanattii akka fayyu sagalee misiraachoo dhaga’e. Innis Israa’elitti nama Waaqayyoo bira yoo dhaqe akka fayyuu danda’u dhaga’e. Ergaa kana kan itti dubbate mucaa durbaa xiqqoo tokko turte. Isheenis akkana jette, Gaaf tokkoo xomboorettiin giiftii isheetiin, “Gooftaan koo gara raajicha isa Samariyaa jiruu haa dhaqu! Raajichi dhukuba lamxii isaattii isa ni fayyisa ture” (2 Mootota 5:3).
Inni sagalee kana dhaga’ee Israa’eliin dhaqe. Yeroo fuullee mana Elsaa’iin bira ga’e, Elsaa’i nama itti ergee waamsisee akkana ittiin jedhe, “Dhaqi laga Yordaanositti si’a torba dhiqadhu, foon kee deebi’ee ni margaa atis ni qullooftaa” jedheen. (2 Mootota 5:10). Inni ergaa fayyisuu kana fudhatee abdiidhaan biyya isaatti deebi’uuf murteeffate. Garuu sababa fedhii naa’oo isaatiif Elsaa’iif abboomamee, dafee dhaqee, laga Yordaanositti si’a torba dhiqaate. Achiitti, dhaqni isaa ni margeef, gogaan isaas akka gogaa dargageessaatti deebi’ee ni bareede.
Haaluma kanaan, cubbuu keenyattii fayyuudhaaf yaada ofii keenyaa dhiifnee, dubbii Macaafa Qulqulluu isa barreeffamee jiru fudhachuu qabna. Yoo akkana ta’e eebba bareedaa ni fudhanna. Namni fayyuu barbaadu hundi dubbii Waaqayyoof abboomamee guutummaa isaatti amanuu qaba.
Macaafni Qulqulluun cubbuun biyya lafaa hundinuu wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusiin akka irra dhiqamee sokke agarsiisa. Akka Na’amaan isa abboomamuu dideetti yaaduu hin qabnu. Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin ala cubbuu keenyattii fayyuu hin dandeenyu. Kanaafuu cubbuu keenyattii fayyuudhaaf, Wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna. Akkuma Na’amaan laga Yordaanositti si’a torba dhaqna isaa dhiqatee lamxii isaattii fayye, nuyis wangeela cuuphaa fi fannoo fi du’aa ka’uu Yesuusiitti amannee cubbuu keenya hundaattii qullaa’uu dandeenya. Wangeela bareedaa kanatti akkuma jirutti amanuu qabna.
Dinqiin Yordaanositti ta’e, sanyii Addaamii eegalee kan hojjetu yeroo ta’u burqaa cubbuu fi firdii ilmaan namaa irraa kan muruu dha. Namni hundinuu sababa cubbuu Addaamii fi Ewwaaniif jannata Heden keessaa ari’atamee ba’e. Haa ta’u iyyuu malee, dinqiin laga Yordaanositti ta’e, wangeela bareedaa isa ilmaan namaa hunda gara Jannata Hedeen isa namni keessaa ba’eetti kan deebisuu dha.
Wanta Laga Yordaanositti ta’e
Macaafni Qulqulluun wangeela bareedaa isa Yesuus cubbuu biyya lafaa laga Yordaanositti gara ofii isaa tti fudhate ni agarsiisa. “Amma ana ittisuu dhiisi, waan qajeela hunda raawwachuun waan nu irraa eegamuuf” (Maatewos 3:15). Macaafni Qulqulluun yeroo Yesuus laga Yordaanositti cuuphame cubbuun hundinuu gara isaatti akka darbe ni ibsa. Jecha biraatiin, cuuphamuun Yesuus cubbuu isaa ilmaan namaa hidhe hunda kuteera jechuu dha. Kun akkaataa itti Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhee fayyina keenyaaf fannoo irratti du’ee dhiiga isaa nuuf dhangalaasee dha.
Lagni Yordaanos laga cuuphaa isa cubbuu keenya hunda nu irraa dhiqee dha. Sababa Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara ofii isaatiitti fudhatee fannoo irratti nuuf du’eef, “gatiin cubbuu du’a waan ta’eef” (Roomaa 6:23), seera Waaqayyoo guutuu ni dandeenya. Kun wangeela bareedaa isa gooftaan biyya lafaatiif kennee dha.
Cubbuun ilmaan namaa hundi Addaamii eegalee kan itti fufee nama hundumaa waliin ga’e, Yesuus lagaa Yordaanositti cuuphaa isaa fi fannoo irratti nuuf du’uu isaatiin dhaabbate. Cubbuun kam iyyuu lafa irratti hin hafne cuuphaa isaaf galanni haa ta’u. Kun eebbaa fi dinqii attamii ti. Nuyi, wangeela bareedaa kanatti amannee, cubbuu isa dhangala’aa adeemu kanattii fayyinee, cubbuu keenyattii qulloofnee sirna fayyisuu Waaqayyoo keessa galuu dandeenyeerra. Wangeelli cuuphamuu fi duuti fannoo Yesuus, wangeela nama hundumaa fayyisuu dha. Dhugumaan kanatti amanuu qabna. “Wanti amantiidhaan hin taanee hundinuu cubbuu dha” (Roomaa 14:23), jedha Waaqayyo. Haala kanaan, wangeela miidhagaa kanatti yoo amanne qofa eebbifamuu dandeenya.
Yeroo Yesuus cuuphamee akka inni cubbuu kee gara isaatti siif dabarse utuu amantee jirtuu amma iyyuu garaa kee irraa cubbuu qabdaa? Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudheera. Wanta macaafa keessatti barreeffamee jiru yaadachuu qabda. Wangeela cuuphaa Yesuusii fi du’a fannoo isaa qofaatu cubbuu keettii si fayyisee du’aa fi abaarsa jalaa si baasuu danda’a. Cuuphamuu jechuun, “dhiqamuu, bishaan keessa kaa’amuu, awwaalamuu, itti dabarsuu, itti darbuu” jechuu dha.
Ilmaan namaa hundinuu wangeela bareedaa Yesuus kennetti amanuudhaan dhiifama cubbuu ni argata. Yesuus kanaafii kan inni, ‘kara Waaqaa’ jedhameef. Isatti amanuudhaan biyya waaqa irraatti ni galla. Inni gooftaa keenya, inni kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu nuuf ni kenna. Cuuphaa fi fannoo isaatti amanuudhaan, firdii cubbuu jalaa ba’uu ni dandeenya.
Sababii luboonni saanduqa kakuu baatanii amantiidhaan lagichatti seenaniif abaarsi sokkee lagicha ni ce’an. Kun wanta Waaqayyo akeekee, karaa cuuphaa fi fannoo Yesuusiin bakkaan ga’amee dha. Kun wanta Wangeelli bareedaa fakkaatuu dha. Kun seera hafuura isa nuyi ittiin fayyinuu dha. Kan wangeela bareedaa kanatti amanu hundinuu laga Yordaanosiin ce’ee biyya Kana’aanitti galuu danda’a. Bishaanni lagichaa hundinuu ni goge jechuun cubbuun keenya hundi gara Yesuusitti darbee firdiin du’aa nu irra hin jiru jechuu dha. Kun wangeela isa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu nama argachiisuu dha.
Waaqayyo inni ilmaan namaa uume, dandeettiin yaaduu sammuu namaa gara qabxii 110-130 qofaa akka ta’e ni beeka. Kanaafuu waa’ee argannaa kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu waan namni yaaduu dadhabu ol hin goone. Wangeela bishaanii fi hafuuratti amanudhaan akka namni Hafuura Qulqulluu fudhatu godheera. Waaqayyo cubbuu isaanii hundumaa, karaa cuuphaa fi fannoo isaatii isaan irraa akka fuudhe hubachuu qabu. Atis wangeela bareedaa kanatti amanuudhaan hubannoo keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu argachuu dandeenya.
Akkaataa Macaafa Qulqulluutti kadhannaa fi qalbii diiddiirraannaatiin Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeenyu. Namoonni hedduun, Hafuura Qulqulluu fudhachuun karaa kadhaannaa addaa-ddaatiin jedhanii ni yaadu. Kun garuu salphaadhumatti soba. Hafuurri Qulqulluun karaa amantii wangeela bareedaa isa ijoollee Waaqayyoo nama godhuun kennama. Keessa nama buufachuun Hafuura Qulqulluu ijoollee Waaqayyoo ta’uuf ragaa dha. Waaqayyo warra wangeela bareedaatti amananiif Hafuura Qulqulluu kennee akka isaan ijoollee isaa ta’an mirkaneessa.
Namoonni Yesuusitti amananii wangeelatti immoo hin amanan taanaan, akka cubbuun isaanii irraa fuudhameef waan qabatamaa hin qaban. Kanaafuu, namni hundinuu cuuphamuu fi fannoo Yesuus isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe wangeela bareedaa akka ta’e amanuu qabu.
Akka Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe eenyutu dhugaa ba’ee? Yohannis cuuphaa dha. Inni Yohannisiin cuuphamee cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuun isaa akeeka Waaqayyoo abbaa keenyaa ti (Leewota 4:13-21, 16:1-30). Akeeka isaa eenyutu bakkaan ga’ee? Yesuusii dha. Akeeki isaa raawwatamuu isaa kan mirkaneessu eenyuu dhaa? Hafuura Qulqulluu dha. Waaqayyo sadan tokkummaa isaatiin karaa cuuphaa fi fannoo Yesuus dhiifama cubbuu nuuf kennee ijoollee isaa nu taasifateera. Hafuurri Qulqulluun nu keessa taa’ee Yeroo Yesuus akeeka fayyisuu abbaa raawwatu ilaalee nuuf mirkaneessa.
Wanti biyya lafaa kanaa wanta walxaxaa fi bayyee fokkisaa ta’uuf jedha jettee yaaddaa? Yaadni kee attam wallaallammii dha! Namni yaada ofii isaatii yoo dhiise malee wangeela bareedaatti amanuu hin danda’u. Barsiisi amantii bara si’anaa cubbuun dhaalaa gara Yesuusitti darbeera, garuu cubbuun hojii immoo kadhannaa fi qalbii diiddiirrannaa guyyaa-guyyaatiin dhiifama jedhu. Garuu kun dhugaa irraa kan fagaate, barsiisa sobaa dha. Yoo kanatti amanta ta’e Macaafni Qulqulluu jalqabaa eegalee hanga dhuma isaatti hubachuu hin dandeessu, yeroo dhaa gara yerootti Yesuusiin duukkaa bu’uu keessatti rakkinni guddaan si mudachaa adeema. Sababii kanaaf kan kiristaanonni wangeela addaaddaa fi Waaqa addaaddaatti amanaa jiraniif.
Namoonni tokko-tokko nama keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu ‘kadhannaa’ tiin fudhanne jedhu. Kun waan amansiisa fakkaata, garuu Macaafni Qulqulluun yeroo Yesuus cuuphamee bishaan keessaa ba’e, Hafuurri Qulqulluu akka gugeetti dhufee irra buufate jedha. Kun wangeela dhugaa dha, Hafuurri Qulqulluun nama wangeela kanatti amanu irra buufata.
Itti dabalees, Namoonni tokko-tokko kennaa Hafuura Qulqulluu kadhannaa qalbii diddiirrannaatiin fudhanne jedhu. Hafuurri Qulqulluu yeroo namni dhiifama cubbuu kadhatu dhufaa? Waaqayyo qajeelaa dha. Hafuurri Qulqulluun warra akkanaatti ni yeella’a. Akka fedhe iyyuu yoo kadhatan bifa kanaan Hafuurri Qulqulluun gara isaanii hin dhaqu. Inni gara warra bakkaan ga’amuu akeeka fayyisuu Waaqayyootti amananii dhaqa. Wanti ati beekuu qabdu iyyanii kadhachuu ykn boo’ichaan Hafuurri Qulqulluu gara kee dhufuu akka hin dandeenye dha. Hafuurri Qulqulluun yaada namaatti adda kan ta’e yaada dhaabbataa qaba.
Seenaan murtii uummata lafa irraa iyyuu kan jijjiiramu yeroo ta’u, wangeelli bareedaa fi seerri keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu raawwatee hin jijjiiramu. Yoo namoonni wangeela bareedaa hin hubatan ta’e, gara shaakala amantii isa dhugaatti dhufuu hin danda’ani. Sababii kanaaf namoonni baayyeen kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu utuu hin fudhatin hafu. Sababa wangeela bareedaan ala Yesuusiin amantee akka warra hin amanneetti lakkaa’amtee guyyaa booddee baduun kee attam nama gaddisiisaa? Sababii kanaaf Macaafni Qulqulluun wangeelli bareedaa warra kaaniif dhagaa gufannaa warra kaaniif immoo dhagaa dogoggorsaa ta’uuf.
Yoo gara dhoksaa Yohannisiin cuuphamuu Yesuusiin hubachuutti dhufte, dhiifama cubbuu argattee keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluunis ni guutamta. Inni cuuphaa, du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin cubbamoota hunda fayyiseera. Fayyisuun Yesuus kenne qajeelummaa fi tooftaa fayyinaa ti. Inni fayyisaa dhugaa nuuf ta’ee, keessa namaa buufachuu Hafuuraa mirkaneesseera.
Yoo itti amante qofa!
Bara Kakuu Moofaa keessatti, sababa luboonni saanduqa kakuu baatanii amantiidhaan laga Yordaanosiin seenaniif galaaniichi gogee lagicha ni ce’an. Bishaanni dhaabbatee lafa gogaa irra ce’uun isaanii dinqii guddaa dha. Bishaanni lafa gogaa ta’uu caalaa wanti nama shakkisiisu maal? Ta’umsi sun wabii fayyisuu Waaqayyoo isa karaa cuuphamuu fi fannoo Yesuusiin argame mirkaneessa. Lafti gogaan dhiifama cubbuu karaa cuuphamuu fi fannoo Yesuusiin argame agarsiisa. Cubbuun Addaam irraa ka’ee nama hundumaa wal’iin yeroo ga’u, abaarsi firdii hundinuu immoo cuuphamuu Yesuusiin raawwatee ilmaan namaa irraa dhume. Wanti nuyi gochuu qabnu itti amannee dhiifama cubbuu fudhannee keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu dha. Wangeela bareedaa isa Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu hundumaa axaa’ee baleessetti ni amantaa?
Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf akka cuuphame amanuu qabda. Akkasumas cuuphamuun Yesuus maal akka ta’e hubattee beektee itti amanuu qabda. Utuu luboonni laga Yordaanosiin hin seenne ta’e, sila sabni Israa’el akkataa gaaritti ce’ee biyya Kana’aanitti hin galu ture. Biyya Kana’aanitti galuuf tarkaanfiin inni jalqabaa laga Yordaanosiin ce’uu ture. Kanaafuu, Saanduqa Kakuu Waaqayyoo baannee yeroo lagicha ceenu, biyya abdachiifame Kana’aanitti galuu dandeenya. Kun kan inni nu barsiisu, wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuudhaan guutummaan guutuutti dhiifama cubbuu akka argannuu dha.
Macaafni Qulqulluun cuuphamuun Yesuus akka hojii Waaqayyoo ta’etti ni dubbata. Kunis hojii luboota bara Kakuu Moofaa wajjin ni ibsama. Akkuma luboonni Saanduqa Kakuu Waaqayyoo baatanii yeroo isaan laga Yordaanosiin ce’uuf galanichatti adeeman bishaanichi gogee dhaabbate, cubbuun warra wangeela bareedaatti amanani ni dhaabbata.
Kennaan keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu amantii wangeela bareedaa irratti hundaa’ee kennama. Cuuphamuu fi dhiigni fannoo Yesuus gara dhiifama cubbuu fi Hafuura Qulqulluu fudhachuutti si geessu. Wangeellii bareedaa cuuphaamuu fi dhiigni fannoo Yesuus keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf murteessaa dha.