• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-19] Wangeela Bareedaa isa golgaa mana Qulqullummaa Tarsaase (Maatewos 27:45-54)

2021.05.03 95
(Maatewos 27:45-54)
“Guyyaa sa’aatii ja’aa hanga sa’aatii sagalitti dukkanni lafa hundumaa irra ture, gara sa’aatii salgaffaatti, Yesuus sagalee guddaadhaan, ‘Elii elii lamaa sabaktanii?’ jedhee waammate. Kunis, ‘Waaqayyo koo, Waaqayyo koo maaliif na dhiifte?’ jechuutti ni hiikama. Warra achi dhaabbatan keessaa kaan kana dhagaa’anii, ‘namni kun Eliyaasiin waammata’ jedhan. Achumaan immoo tokko isaan keessaa fiigee waan akka cumaa buqqee dhangaggaa’aa, isa daadhii wayinii dhangaggaa’aan guutame fuudhee uleetti kaa’ee, akka inni dhuguuf kenneef. Warri kaan garuu, turi! Eliyaas isa oolchuudhaaf yoo dhufe, mee ni ilaalla!’ jedhan Yesuus immoo, sagalee guddaadhaan, iyyee hafuura isaa kenne. Kunoo, golgaan mana qulqulluummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa’ee, lafti ni socho’e, kattawwanis ni dadayyaa’an, awwaaloonnis immoo banamanii, warri qulqullaa’oon dur du’an ni kaafaman. Isaanis, awwaalota keessaa ba’anii, du’aa ka’uu Yesuus boodde, Yerussaalem mandaraa qulqullaa’aatti lixanii namota baayyeetti mul’atan, angafni dhibbaa fi namoonni isaa wajjin, Yesuusiin eegaa turan, socho’a lafaa, waan yeroo sana ta’e, hundumaas yemmuu argan, guddaa sodaatanii, ‘namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture’ jedhan.”
 
 
Yeroo Yesuus hafuura isaa kenne golgaan mana qulqulluummaa maaliif tarsa’e?
Warra cuuphamuu fi du’uu isaati amananiif mootummaan Waaqayyoo banamuu isaa agarsiisa.
 
Dhugaa wangeela bareedaa kana hubachuudhaaf, akkaataa namoonni bara Kakuu Moofaa keessaa Waaqayyo duratti dhiifama cubbuu itti argachaa turan ilaaluu nu barbaachisa. Dhugaa kanatti fufee jiru beekuu fi itti amanuu qabna.
Akkaataa sirna aarsaa bara duriitti, akkuma bara Kakuu Moofaa Leewota boqonnaa 16 keessatti galmaa’ee jiru, angafni lubaa harka isaa mataa reettii irra kaa’ee cubbuu waggaa sana keessa sabni sun hojjete itti ni dabarsa. Itti fufee angafni luba saba Israa’eliin bakka bu’ee, dhiiga isaa fuudhee iddoo teessoo araaraatti ni facaasa. Kun cubbbuu saba Israa’el hundumaaf araara ni buusa. Warra harka irra kaa’uutti amananiif dhiignii fi dubbiin Waaqayyoo gara iddoo aarsaatti darba.
Luboonni tajaajila yeroo kennan kutaa dunkaanaa isa jalqabaa keessa galu. Garuu kutaa isa lammaffaa, iddoo qulqulluu qulqullootaa angafni lubaa waggaatti si’ a tokko sababii yakkaa fi irra daddarbaa saba Israa’eli fi cubbuu isaa fi kan maatii isaatiif dhiiga horii fudhate ni lixa (Ibroota 9:6-7). Angafni lubaa sun utuu dhiiga horii haarsaa cubbuuf qophaa’e irra harki kaa’amee gorra’amee hin fudhatin iddoo qulqulluu qulqullootaatti seenuu hin danda’u.
 
 
Akkuma bara Kakuu Moofaa keessatti dubbatame Yesuus Kiristoos nuuf aarsaa ta’e
 
Bara Kakuu Haaraatti, namni cuuphamuu fi du’a fannoo Yesuusitti amanuu mootummaa Waaqayyootti akka galuu danda’u nutti dubbatameera. Egaa golgaan mana qulqulluummaa olii hamma gadiitti yeroo kam iddoo lamatti tarsa’e? Erga Yesuus Yohannisiin cuuphamee booda battala inni fannoo iratti du’ee dha.
Kanaaf sababiin kennamu maalii? Yesuus akka hoolaatti aarsaa ta’ee gara biyya lafaa dhufe, cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti dabarsuudhaaf Yohannisiin cuuphamee sababii kanaaf gara du’a fannoo dhaqe. Golgaan mana qulqulluummaa tarsa’uun isaa mallattoo cubbuun namaa fi Waaqayyoon gargar baasee cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusiin cituu isaa agarsiisa.
Yesuus ofii isaatii gatii cubbuu, du’aan kaffalee garaagarummaa kana balleesseera. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuudhaaf cuuphamee fannifame. Golgaan mana qulqullummaa sababii kanaaf bakka lamatti tarsa’e. Akkuma luboonni harka irra kaa’uutti amananii dunkaana qulqullaa’aa lixan, nuyis cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanuudhaan mootummaa Waaqayyootti ni galla, galata isaa.
Yesuus yeroo fannifame, sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhee ni iyyee, “Yesuus sagalee guddaadhaan, ‘Elii elii lamaa sabaktanii?’ jedhee waammate Kunis, ‘Waaqayyo koo, Waaqayyo koo maaliif na dhiifte?’” (Maatewos 27:46) jechuu dha Yeroo hafuura isaa kennettis akkana jedhe, “Fiixaan ba’eera!” (John 19:30) Abbaan isaa yeroo xiqqoof fannoo irratti Yesuus ni dhiise sababiinsaa Yesuus yeroo cuuphamee eegalee cubbuu biyya lafaa baatee gara du’aa waan dhaqeef.
Inni fayyina ilmaan namootaatiif du’e. Sababii cuuphaa fi du’a fannoo isaatiif namni isatti amanu hundinuu jireenya barabaraa argata. Cubbamoota taanee dhalannee du’aaf waan eegamnuuf Yesuus cubbuu keenya gara ofii isaatti dabarsuudhaaf cuuphamee fannifame.
Banaan mootummaa Waaqayyoo hanga Yesuus qulleessutti cufamaa ture. Yeroo Yesuus cuuphamee fannoo irratti du’e warri wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanan akka itti galaniif golgaan mana qulqullummaa olii hanga gadiitti ni tarsa’e.
Wangeela bareedaa kanatti amantii qabaachuu koo tiif Waaqayyoon guddaa nan galateeffadha. Amantii wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuus kanaan mootummaa Waaqayyootti galuu danda’eera. Humna, dandeettii fi yaalii mataa kootiin fayyina argachuu hin danda’u.
Eebbi mootummaa Waaqayyootti nama galchu salphaadhumatti kadhannaa, kennaa horii ykn waaqeffannaa dhaan miti. Namni cuuphaa fi dhiiga fannoo Yesuusitti amanuu qofaan fayyuu danda’a. Yesuus balbala mootummaa Waaqayyoo ti. Mootummaa Waaqayyootti galuuf wangeela bareedaa irraa amantii qabaachuu nu barbaachisa. Warra Yesuusitti amaneef amantiin kan biraa bukkeetti hin barbaachisu. Mootummaa Waaqayyootti galuun sababa Waaqayyoof tajaajila addaa-addaa kenninu, kadhannaa, yaalii fi hojii gaariitiin miti. Mootummaa Waaqayyootti galuuf cuuphamuu fi fannoo Yesusitti amanuu qofaadhaani.
Bishaan (Laga Yordaanositti cuuphamuu Yesuus) fi dhiiga isaa (Fannoon) isaa gara mootummaa Waaqayyootti si geessu. Utuu Yesuusitti amanee jiruu namni laphee isaa keessaa cubbuu qabu qullaa’uudhaaf waan tokko isa barbaachisa: Innis wangeela bishaanii fi Hafuuraa ti. “Dhugicha ni hubattu, dhugichis birmaduu isin baasa” (Yohannis 8:32).
Guyyaa sassaabamuu keenyaa sirriitti yoo wallaalle iyyuu Yesuus ni beeka. Inni waa’ee amala cubbuu keenyaa gaarii godhee waan beekuuf, cubbuu keenya hunda karaa cuuphaa fi fannoo isaatii waggaa kuma lama dura nu irraa axaa’ee balleesseera.
 
 
Wangeela Ogummaa, isa golgaa mana qulqullummaa tarsaasetti amanuu qabna
 
Yesuus ilmaan namootaa cubbuu isaanittii isaan fayyisuudhaaf durba irraa dhalate. Waggaa 30ffaa isaatti laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudheera. Cubbuun ilmaan namaa hundi Yesuusiin haqameera. Cuuphaa fi fannoon Yesuus barabaraan banaa fayyina mootummaa Waaqayyoo ti. Yesuus cuuphamee fannifamuu isaatti kan amanu gaaffii tokko malee mootummaa Waaqayyotti gala.
Golgaan mana qulqulluummaa yeroo Yesuus fannoo irratti hafuura isaa kenne tarsa’ee ture. Attamitti golgaan mana qulqulluummaa sun olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa’ee? Sababii fayyinni ilmaan nama hojii wangeela bareedaa isaa tiin bakka ga’eef.
Bara Kakuu Moofaa keessatti, waa’ee dunkaanaa barreerra. Iddoon aarsaa fi iddoon dhiqannaa achi keessa ture. Iddoo dhiqannaatti aansee, dunkaanatu jira, itti fufee immoo golgaa kutaa saanduqa kakuu, iddoo Waaqayyo itti mul’atu sana aguuguu tu jira. Golgaan sun fo’aan isaa cimaa kan ta’ee fi xiyyoon isaa fardi hafur itti hidhame yoo harkifame iyyuu kan hin cinne ture. Mootichi Solomoon dunkaanicha yoo bakka buuse iyyuu bu’uurri bifa isaatii hin jijjiiramne waan ta’eef golgaan sun amma yeroo sanaatti iyyuu iddoo qulqulluu qulqullootaa dhoksaa ture. Haa ta’u iyyuu malee, yeroo Yesuus dhiige golgaan mana qulqulluummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa’e. Kun egaa wangeellii cuuphamuu fi fannifamuun Yesuus attam akka inni guutuu ta’e agarsiisa.
Waaqayyo nama hundumaa wangeela miidhagaatiin isaan hammatee dhiifama cubbuu fi jireenya barabaraatiin isaan eebbiseera. Yesuus gatii cubbuu yeroo cuuphamee fi yeroo du’ee kaffale. “Macaafni Qulqulluun, gatiin cubbuu du’a jedha” (Roomaa 6:23). Akkuma bara Kakuu Moofaa, namni mana qulqullummaa Waaqayyootti dhiigaan araara cubbuu fudhatee lixu, bara Kakuu Haaraa keessattis dhiiga Yesuusiin qabannee mootummaa Waaqayyootti galla. Kun egaa dhugaa dha. Dubbiin, “gatiin cubbuu du’a” jedhu wangeelli miidhagaan attam akka guutuu ta’e agarsiisa.
Karaan gara Waaqaatti geessu wangeela miidhagaatti amanuu dha. Golgaan mana qulqullummaa bakka lamatti qoodamuun isaa saaqamuu mootummaa Waaqayyoo agarsiisa. Gara hubannootti dhufnee, wangeelatti yeroo amannu, “Ohoo, Gooftaan cubbuu koo ana irraa kaaseera. Ohoo, “Yesuus fannoo irratti gatii cubbuu kaffaleera!” jennu, mootummaan waaqaa nuuf banama. Mootummaan waaqa warra karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa Yesuusiin amanataniif banamaa dha. Dhiigni Yesuus cubbamoota cubbuu isaanittii yeroo fayyisu, cuuphamuun isaa immoo karaa inni cubbuu ilmaan namaa gara ofii isaatti fudhatee dha.
Socho’uun lafaa fi awwaalli babbaqaqee banamuun isaa yeroo Yesuus fannoo irratti hafuura isaa kennee dha. Yeroo dhiigni isaa dhangala’ee lafatti gad lola’ee dha. Yeroo Yesuus fannoo irratti du’e, cubbuun nama hundaa ni qullaa’e, wangeelli bareedaan guutuu ta’ee, amantoonni hundinuu mootummaa Waaqayyootti galuuf kan ga’an ta’an. Kun egaa dhugaa jalqabaa lammaffaa dhalachuu ti.
Akka Yesuus nama ta’e ganuuf beektonni hedduun bakka baayyeeti qorannoo godhaniiru. Garuu yaada isaanii kanatti fufuu hin dandeenye. Isaan keessaa kaan wangeela cuuphaa fi Dhiiga isaa fudhatanii kan fayyan ta’aniiru. Ragaan waa’ee Yesuusiif jiru kan nama gansiisu akka hin taane hubachuutti ka’an. Wangeela bareedaa innis, dhalachuu isaa, cuuphamuu isaa, du’aa ka’uu isaa, ol ba’uu isaa fi lammaaffaa deebi’ee dhufuu isaa, yeroo hubatan akka fayyisaa lubbuu isaanitti ni amanan.
Cuuphamuu Yesuus nuyi hin argine. Wanta waggaa 2,000 dura ture arguu hin dandeenyu. Haa ta’u iyyuu malee, karaa caaffata yeroo sanaa wangeela bareedaa quunnamuu dandeenya. Yeuus cuuphaa fi fannoo isaatiin keenyan namaa fi Waaqayyo gidduu jiru diigee golgaa mootummaa Waaqayyoo bakka lamatti asii gad tarsaaseera.
Namni eenyu iyyuu kan guutummaa wangeela bareedaatti amanu hundinu, mootummaa Waaqayyootti galuu ni danda’a. Cuuphamuu fi fannoon Yesuus, inni wangeela bareedaa jedhame banaa mootummaa Waaqayyoo akka ta’e ni amantaa?
Ani cubbamaa nama akka Yesuus fayyisaa ta’e amane garuu wangeela bareedaa hin barren ture. Haa ta’u iyuu malee gaaf tokko, jaalala Yesuus isa daangaa haalaan hin murtoofne Macaafa Qulqulluu keessaa nan dubbise. Akka inni naaf cuuphamee, naaf du’ee du’aa naaf ka’e nan hubadhe. Yesuus laga Yordaanositti cuuphamuu isaatiin nu fayyisee, gatii cubbuu keenyaaf fannoo baateera. Wangeela bareedaa kanatti amanuudhaan mootummaa Waaqayyootti ni galla.
Kun eegaa seenaa guddaa Qajeelummaa Waaqayyoo ilmaan namaatiif godhe agarsiisa. Tajaajilli kun hundinuu, Dhalachuun isaa, cuuphamuun isaa, du’uun isaa fi du’aa ka’uun isaa ilmaan namaa cubbuu isaattii fayyisuu dhaaf. Utuu Waaqayyo ilma isaa ergee wangeela bareedaan nu oolchee mootummaa Waaqayyootti nu hin galchine ta’e sila du’a keenya booda gara sii’oliin dhaqna turre.
Jaallatamoo obbolootaa, yeroo Yesuus fannoo iratti du’e, battala loltuun cinaacha isaa eeboodhaan waraanetti dhiigni fi bishaanni dhaqna isaa keessaa yaa’e. Kun macaafa keessatti barreeffamee jira. Kun wangeela cuuphaa fi dhiiga isaa dhugaa ba’a.
Wangeelli cuuphaa fi dhiigni fannoo isaa akka inni cubbuu kee hundumaattii bilisa si godhu ni amantaa? Cuuphamuun Yesuus ta’umsa waan salphaa tokkootti ilaalaa jirta moo, hojii fayyinaa gooftaan sii hojjetetti ilaaltaa? Kanatti yoo amante, adaraa qalbii diddiirradhu. Egaa wangeela cuuphaa fi dhiigaa akka dhugaa Waaqayyoo ta’e hubachuu nu barbaachisa.
 
 
Cubbuu kee hundumaattii qullaa’uu ni feetaa?
 
Akkuma idaa keenyattii biliisa ta’uu barbaannu, wangeela cuuphamuu Yesuusii fi dhiiga isaatti amannee cubbuu keenya hundaattii qullaa’uu qabna. Cubbuu amantii dhabuu hojjechuu hin qabnu. Nuyi kallattiidhaan cubbuu keenya gooftaatti hin dabarfanne yoo ta’e iyyuu Yohannis cuuphaan bakka keenya bu’ee yeroo Yesuusiin cuuphe cubbuu keenya gara isaatti dabarseera.
Yeroo Yesuus fannoo irratti du’e qulqulloonni Yerussaalemii awwaala keessaa ni ka’an, guyyaa sadii booddee immoo inni du’aa ka’ee Galiilaa dhaqe. Wanti dinqisiisaan kun utuu ta’ee jiruu, namoonni itti amanuu didan.
Gooftaan mootummaa Waaqaa isa qajeelonni warri dhiifama cubbuu fudhatan nuuf kenneera. Nuyi ayyaana Waaqayyootiin fayyinaa fi lammaaffaa dhalachuu arganneerra. Wangeelli kun kitaaba biyya lafaa miti. Yeroo Yesuus cuuphame, cubbuun biyya lafaa hundinuu gara isaatti darbeera. Yesuus cubbuu tokko iyyuu hin qabu garuu, sababa cubbuu keenya ofii isaatti fudhateef fannoo irratti nuuf du’e malee.
Yeroo Yesuus hafuura isaa kenne, socho’i lafaa ta’ee dhagaanis ni babbaqaqe. Angafni dhibbaa fi namoonni isa duukaa reeffa Yesuusiin eeguuf turan, sochii lafaa fi waan ta’ee hundumaa hubatanii guddaa na’anii akkana jedhanii dhugaa ni ba’an, “Kun dhuguma ilma Waaqayyoo ti” (Maatewos 27:54).
Yoseef namni biyya Armaatiyaa reeffa Yesuusiin uccuu qulqullaa’aan fuudhee dhaqee awwaale. Angafni lubaa fi fariisonni hamma guyyaa saditti akka awwaalli isaa eegamu ni ajaajan.
Haa ta’uu iyyuu malee, Yesuus du’aa ka’ee warra wangeela bareedaatti amananiif jireenya haaraa kenne. Akkuma du’aa ka’een bakka itti utuu hin fannifamin dura abdii kenne, Galiilaa dhaqee bartoota isaatti mul’ate. Wanti hundinu jechuunis, dhalachuun isaa, cuuphamuun isaa, du’aa ka’uun isaa, ol ba’uun isaa fi lammaaffaa deebi’ee dhufuun isaa warra wangeela bareedaatti amanan fayyisuudhaaf. Anis dhuga baatuu isa Yesuus jiraataa ilma Waaqayyoo fi fayyisaa koo akka ta’e dhugaa ba’uu dha.
 
 
Wangeelli dhugaa eenyuun lallabamaa?
 
Warri cuuphamuu fi dhiiga Yesuusitti amanan wangeela bareedaa kana dhugaa ni ba’u. Karaa namoota wangeela kanaan cubbuu isaanii hundumaattii fayyanii wangeelichi biyya lafaatti ni lallabama. Yeroo namni tokko wangeelaan cubbuu isaattii fayyu, Hafuurri Qulqulluun jireenya isaa waan dhuunfatuuf jireenyi nama sanaa jijjiiramee waan fedha isaa osoo hin taane fedha hafuurichaaf hojjetaa amantiitti cima. Dubbiin Waaqayyoo inni lubbuu namaa fayyisu jireenya qajeelotaa jijjiiree isaan keessaan hojii isaa hojjeta. Deebi’ee akka inni Waaqayyoon galateeffatu godha. Dubbiin Waaqayyoo keessa isaa guutee akka inni guyyaa-guyyaatti haara’u godha. Dhuga ba’umsa kana arganii, “Inni dhuguma nama fayyina argatee dha. Inni dhuguma kiristaana dhugaa, mucaa Waaqayyoo ti” jedhu.
Seexanni iyyuu wangeela bareedaa keessa ni gala. Yeroo wangeelicha argu, “Nan qaana’e!” jedhee ni dubbata. “Dhugumaan cubbuun biyya lafaa keessa hin jiru. Namni tokko iyyuu kan amantii sirrii ta’e qabu laphee isaa keessaa cubbuu hin qabu.” Seexanni garuu jireenya namaa keessa galee hojii isaa bakkaan ga’achuuf yaalii godha. Hojiin Seexanaa akka namni eebba hafuuraa hin arganneef karaa dhiifama cubbuu irraa nama maqsuu dha.
Seexanni Yesuusiin loluu isaatiin guutummaatti kufeera. Garuu wangeela hir’uu waa’ee fannoo nama barsiisuudhaan sammuu namaa qabeera. Haa ta’u iyyuu malee Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti dabarsee, fannoo irratti du’uun immoo gatii cubbuu kaffalee, warra itti amanaan qulleessa. Haala kanaan warra wangeela kanatti amanan hunda fayyiseera.
Seexanni fayyisuu Waaqayyo ilmaan namaatiif qabu ittisuu hin danda’u. Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti dabarsee fannoo iratti gatii cubbuu baasuudhaan wangeela bareedaa guutuu godheera. Amma cubbuun biyya lafaa keessa hin jiru. Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda cuuphaa isaan kaasee fannoo isaatiin immoo ajjeesee fannoo irratti akkana jedhe, “Fiixaan ba’eera” (John 19:30). Seexanni warra wangeela bareedaatti amanan adheessuuf hidhatee ka’eera. Yesuus Seexana karaa dhalachuu, cuuphamuu, du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin mo’eera.
Laphee kee keessaa cubbuu qabdaa? Lakki. Nuyi kiristaanonni wangeela bareedaa irratti hundoofnee, “Nuti of keessaa cubbuu hin qabnu” jechuu danda’uu qabna. Namni wangeela bareedaa cuuphaa fi dhiiga isaatti amanu cubbuu tokko iyyuu qabaachuu hin danda’u.
Amma egaa wangeelli bareedaa laphee keenya keessatti qirixameera. Soda tokko malee Waaqayyoon dura dhaabbachuu dandeenya. Yesuus akka laga Yordaanositti cuuphamee, cubbuu kee akka si irraa fuudhee ni amantaa? Yoo akkas ta’e, ati qajeelummaa Waaqayyoo fudhatee gammachuun kee guutuu ni ta’a. Amantii wangeela bareedaatiin, cubbuu keenyatti qulloofneerra. Waaqayyoof haa galatu.
“Inni aboo dukkana jalaa nu baasee, gara mootummaa isaa isa jaallatamaatti nu dabarse, ilma isaa kanaan, furamuu dhiifamuu cubbuus arganneerra” (Qolosaayis 1:13-14). Haleeluyaa, Waaqayyoof haa galatu.
Yesuus karaa wangeela bareedaa balbala fayyinaa baneera. Akkuma golgaan mana qulqullummaa asii gadi tarsa’e, kan Waaqayyotti gargar nu baasu tarsaasuu dandeenya. Wangeelli bareedaa anaa fi siif kenname. Wangeela kanatti amanuudhaan mootummaa Waaqayyootti ni galla, wangeelli kun kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaafis dhugaa isa dhumaa ti.