• All e-books and audiobooks on The New Life Mission website are free
  • Explore multilingual sermons in global languages
  • Two new revised editions in English have been released
  • Check out our website translated into 27 languages
Search

Sermons

Mata Duree 8: Hafuura Qulqulluu

[8-20] Warri Muuxannoo keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu qaban warri kaanis akka Hafuura Qulqulluu fudhataniif ni geggeessu (Yohannis 20:21-23)

(Yohannis 20:21-23)
“Yesuus ammas itti deebi’ee, ‘nagaan isiniif haa ta’u!’ isaaniin jedhe. Itti fufees, ‘abbaan akkuma ana erge, an immoo isin nan erga’ jedhee isaanitti dubbate. Kana jechaa, hafuura isaanitti baafatee, ‘Hafuura Qulqulluu fudhadhaa! Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera, cubbuu isaanitti kan isin hin hiiknee, cubbuu isaanitiin hidhamaniiru’ isaaniin jedhe.”
 
 
Waaqayyo qajeelotaaf aboo attamii kenneefii?
Wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin eenyuuf iyyuu dhiifama cubbuu akka kennaniif aboo kenneeraaf.
 
Yohannis boqonnaa 20 waa’ee du’aa ka’uu Yesuusiin dubbata. Gooftaan keenya du’aa ka’ee bartoota isaatiin, “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa.” Bartoonni Yesuus keessa namaa keessa buufachuu Hafuura Qulqulluu akka kennaatti fudhataniiru. Yesuus warra cuuphamuu fi dhiigni isaa akka cubbuu isaanii irraa dhiqe amananiif keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fi jireenya barabaraa kenneeraaf. Macaafni Qulqulluun cuuphamuun Yesuus fakkeenya fayyina cubbuu ilmaan namaa akka ta’e ni dubbata (1 Pheexiros 3:21).
 
 
Yesuus maaliif cuuphamee?
 
Yesuus maaliif Yohannisiin cuuphamee? Gaaffii kanaaf deebii ifaa ta’e kennuuf, Maatewos 3:15, “Waan qajeelaa ta’e hundumaa raawwachuun nuuf ni ta’a” isa jedhu ilaaluu qabna. Akkana jechuun Yesuus yeroo cuuphame cubbuu biyya lafaa hundumaa gara ofii isaatti akka dabarse agarsiisa. Cuuphaan isaa akkuma harka irra kaa’uu bara Kakuu Moofaa ture. Kaayyoon cuuphamuu Yesuus cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti dabarsuu dha.
“Qajeelummaa hundumaa” jechuun maal jechuu dha? Jechi “waan nuuf ta’uuf” jedhu maal agarsiisaa? “Qajeelummaa hundumaa” jechuun Yesuus cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuu ni danda’a jechuu dha. “Waan nuuf ta’uuf” jechuun immoo Waaqayyo duratti kan ta’uu fi sirrii kan ta’e jechuu dha.
Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda karaa cuuphaa isaatii gara ofii isaatti fudhatee warra isatti amanan qulleesseera. Yesuus sababa karaa cuuphaa firdii ofiisaatti fudhateef gara fannoo dhaqe. Kun wangeela dhiifamaa ti. Qajeelummaan Waaqayyoo araara cubbbuu ti.
Namoonni dhoksaa tajaajila cuuphaa Yesuus akka Maatewos 3:13-17 irratti barreeffamee jirutti ni hubatu utuu ta’e, dhiifama cubbuu argatanii Hafuura Qulqulluu ni fudhatu turan. Yesuus Tajaajila Uummataa erga kennuutti ka’ee ㅡ Cuuphamuu isaa, fannifamuu fi du’aa ka’uun ㅡ isaa fayyisuu Waaqayyo duraandursee qopheesse beeksisuudhaaf ture. Yesuus akkaata kanatti fayyisaa dhugaa ta’uun isaa beekame. Wangeelli cuuphaa fi dhiiga Yesuus isa nu fayyisee cubbuu keenyattii nu qulleessee dha.
Namoonni yeroo wangeela cuuphaa fi dhiiga Yesuusitti amanan qofa Hafuura Qulqulluu fudhachuu danda’u. Sababa cuuphaan Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa fuudheef, cubbuun keenya gara isaatti darbeera. Ilmaan namootaatiif fannoo irratti du’uun isaa du’a koo ti, du’aa ka’uun isaas du’aa ka’uu koo ti. Cuuphaa fi dhiigni, wangeela dhiifamaa cubbuu fi karaa ittiin Hafuura Qulqulluu fudhatanii dha.
Wangeela cuuphamuu Yesuusiin hubattee akka ati itti amantu nan abdadha. Egaa cubbuun kee si irraa ka’ee Hafuura Qulqulluu fudhata. Yesuus maaliif cuuphame? Cubbuu biyya lafaa irraa fuuchuuf ture. “Waan qajeelaa ta’e hundumaa raawwachuun nu irraa ni eegama” (Maatewos 3:15). Ameen, Haleeluyaa!
Bara ammaa kanatti, namoonni tokko-tokko afaan haaraatiin dubbachuun mallattoo Hafuura Qulqulluu fudhachuuti jedhu. Haa ta’u iyyuu malee, mallattoon Hafuura Qulqulluu fudhachuu amantii wangeela bareedaa isa laphee keenyatti qirixamee dha.
 
 
Qajeelonni hundinuu namootaaf cubbuu isaanii akka dhiisaniif Gooftaan kenneeraaf
 
Gooftaan, bartoonni namootaaf cubbuu isaanii akka dhiisaniif akkana jedhee aboo kenneeraaf, “Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru” (Yohannis 20:23). Akkana jechuun yeroo bartoonni wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallaban, warri dubbichatti amanan hundi dhiifama cubbuu argatu jechuu dha. Garuu akkasumattiin nama hin amanne ykn akkasumattiin nama barbaadaniif dhiifama cubbuu kennu jechuu miti.
Bartoonni Yesuus karaa lallaba wangeela bishaanii fi Hafuuraa nama hundumaaf dhiifama cubbuu kennuuf aboo argataniiru. Kanaafuu waan isaan lallaban yoo dhageenye dhiifama cubbuu qabna jechuu dha. Lallaba wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin dhiifama cubbuu argattee akka qullooftu beekuu qabda. Akkaataa kana qofaan dhiifama cubbuu fi Hafuura Qulqulluu argatta. Yesuus humna lallaba wangeela bishaanii fi Hafuuraatiin namoota hundumaa cubbuu isaaniittii fayyisuuf aboo nuuf kenneera.
 
 
Humna biyya lafaa bulchu
 
Bara darbe keessa, iddoon jiraachaa turre, otobisii karaa hin hojjetamne irra adeemuutti fayyadamaa turre. Iddoo lafa tabbaa fi rakkina qabutti namoonni irraa bu’anii ni dhiibu. Yeroo tokko, Piresiidaantiin Koriyaa Burqisiisaa Humnaa eebbisuuf utuu deemanii rakkinicha argan. Akka inni dhufu dhaga’anii karaa haranii bukkee-bukkee isaa immoo abaaboo bubuusanii isa simachuuf qophaa’an. Guyyichi geenyaan Piresidaantichi yeroo dhufu moteersaayikiloonni bukke-bukkee konkolaataa isaa arra ni deemu turan. Namoonni alaabaa qabatanii weeddisaa isa simatan. Walga’iicha irratti Piresidaantichi, “Karaan kun haa hojjetamu” jedhe. Sababii kanaaf guyyaa yaraa booda karaan sun aspaaltii ta’e.
Iddoo kanatti egaa maaltu ta’ee? Daandiin sun dubbii salphaa Piresidaantichi dubbatuun hojjetame. Piresidaantichi aboo ajajuu amma kana ga’uu qaba ture. Haa ta’uu iyyuu malee aboo gooftaan Yesuus karaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa nuuf kenne kana caalaa humna qabeessa. Wangeelli kun cubbuu keenya hundumaattii nu furuuf aangoo akka qabu amanuun si irra jira.
 
 
Aboo dhugaa dhiifama cubbuu kennu
 
“Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru.” Bartoonni Yesuus wangeela cubbuu hundumaa nama irraa kaasu lallaban. Isaan, “Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda cuuphaa fi dhiiga isaatiin balleesseera. Wanti nama dhiphisu tokko iyyuu hin jiru. Gara fuula duraatti akka ati cubbuu gootu yoo beekame iyyuu, Yesuus cubbuu kee guyyaa-guyyaa cuuphaa isaatiin si irra fuudhee dhiiga fannoo isaatiin si irraa qulqulleesseera. Yesuus si fayyiseera. Kanaafuu itti amanuu qabda!”
Cubbamoonni wangeela bishaanii fi Hafuura bartoonni Yesuus lallabanitti amanuudhaan dhiifama argatu. Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuura bartoonni isaa labsaniin aboo dhiifama cubbuu kennuu akka argatan godheera. Sababa bartoonni Yesuus wangeela bishaanii fi Hafuura biyya lafaatti labsaniif warri itti amanan dhiifama cubbuu argachuu danda’u. Yesuus bartoota isaa tiif kennaa kana aboo dhiifama cubbuu gochuu wajjiin kenneeraaf.
Macaafa ani dura maxxansiise namoonni baayyeen dubbisanii cubbuu isaaniittii fayyaniiru. Warri kaanis fannifamuun Yesuus sababa cuuphamuu isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii isaatti fudhateef akka ta’e hubataniiru, “Inni garuu balleessaa keenyaaf ni waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee ni caccabsame” (Isaayaas 53:5).
Du’aa ka’uu isaa booda gooftaan bartoota isaatiin akkana jedhe, “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa. Cubbuu isaanii kan isin dhiifataniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru” (Yohannis 20:22-23). Yesuus akka isaan namootaaf cubbuu isaanii dhiisaniif aboo kenneef.
Utuu dhugaa kana hin argatin dura tabjii, qullummaa fi cubbbuudhaan marfamnee turre. Haa ta’uu iyyuu malee, amma immoo cuuphamuu fi dhiiga Yesuus irraa amantii waan qabaanneef namoota warra kaaniitti wangeela warra labsan iyyuu taaneerra. Gooftaan keenya nagaa bartoota isaatiif kenneera. Gooftaan nagaa fi eebba Hafuura Qulqulluu nuufis kenneera. Nagaa fi eebba Hafuura Qulqulluu gooftaa biraa fudhachuudhaaf, cuuphamuu fi dhiiga fannoo Yesuusitti amannee dhiifama cubbuu argachuu nu barbaachisa.
Wanti cubbuu keenyattii bilisa nu godhu amantii nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa qabnuu dha. Kun amantii hafuuraa isa eebba olii nuuf dhangalaasisuu dha. Garuu amantiin yaada namaa irratti hundaa’ee badiisa fida. Wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa amantii qabaachuudhaan fayyina argannee Hafuura Qulqulluu fudhachuu qabna. Amantii akkanaa qabaachuudhaaf, yaada biyya lafaa kana dhiifnee wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu qabna.
Amantii Hafuura Qulqulluu fudhachuutti nama geessu argachuudhaaf, Yesuus akka nuuf cuuphamee nuuf fannifame amanuu qabna. Sababa wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amannuuf Waaqayyo dhiifama cubbuu, kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu nuuf kenna. Gooftaan bartoota isaatiif kennaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fi warra wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amananiif akka isaan dhiifama cubbuu isaaniif kennaniif aboo laateeraaf.
Nuyis wangeela kanatti amanuudhaan Hafuura Qulqulluu arganneerra. Wangeelli bishaanii fi Hafuuraa warri kaanis hojii akkanaa keessaa akka qooda qabaataniif ni gargaara. Yeroo ollaa keenyaa fi biyya lafaatti wangeela lallabnu warra dubbicha fudhataniif Hafuurri Qulqulluun ni kennamaaf. Wangeela nuyi lallabneen warri kaan Hafuura Qulqulluu hin fudhanne taanaan wangeelli keenya dhugaa miti jechuu dha. Karaa biraa, wangeelli keenya warra kaan gara Hafuura Qulqulluu fudhachuutti ni geessa yoo ta’e wangeelli keenya wangeela dhugaa dha jechuu dha.
Wangeela akkanaa qabaachuu keenyaaf attam warra eebbifamnee fi warra galata qaban haa taanuu! Wangeelli anii fi ati lallabnu guddaa ol ka’aa dha. Garuu namoonni wangeela akkanaa qaban baayyee muraasa. Kanaafuu wangeelicha biyya lafaatti lallabuu qabna. Akka namoonni Hafuura Qulqulluu fudhataniif isaaniin gargaaruu nu barbaachisa.
 
 
Warri Seexanaan gowoomsaman wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin fudhatan
 
Nuyi warruma kanaan dura Yesuusitti amanan iyyuu gargaaraa jirra. Isaan utuudhuma Yesuusitti amananii jiranii iyyuu Hafuura Qulqulluu hin fudhatin jiru. Egaa isaan biraan wangeela keenya ga’uudhaan akka isaan Hafuura Qulqulluu fudhataniif gargaaraa jirra.
Namni tokko utuma Yesuusitti amanee jiruu Hafuura Qulqulluu hin fudhanne yoo ta’e, amantii isaa keessa rakkoon tokko jira jechuu dha. Warra Yesuusitti amanuu isaanitiin Hafuura Qulqulluu fudhatan qofaatuu amantii sirrii ta’e qabu. Kanaafuu amantii isaa akka Hafuurri Qulqulluu nama keessa jiraatu godhu sana jabeessani eeggachuun barbaachisaa dha. Wangeela bishaanii fi Hafuuraa beekuu qabna sababiinsaa wangeelli dhugaa akka nuyi Hafuura Qulqulluu fudhannu kan godhu isa qofa waan ta’eef.
Akka warrii kaan Hafuura Qulqulluu fudhataniif wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabuun keenya barbaachisaa dha. Haa ta’u iyyuu malee, warri wangeela lallaban rakkoo baayyeen akka isaan mudatu beekamaa dha. Kiristaanonni tokko-tokko yaalii yeroo dheeraa tiin akka Hafuura Qulqulluu argatan ni dubbatu. Shaakala tabjaajjessa Hafuura Qulqulluu fudhachuu wajjin walii hin galle keessa galaniiru. Egaa isaan kana wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraatiin isaan haaressuun aarsaa yeroo dheeraa gaafata.
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuun dirqama ta’uu isaa utuu namni hubatee silaa eenyu tu wangeela kanatti amanuu dhiisa? Utuu wangeelli dhugaa hin dhufin Seexanni dursee namoota dogoggorseera. Egaa warri akkanaa kun ammuma iyyuu wangeelatti amanneerra waan ta’eef wangeelli dhugaa yemmuu dhufu hin fudhannu jedhu. Kanaaf, wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin fudhatan.
Seexanni namoota bara kanaa dursee waan itti jaamseef wangeela bishaanii fi Hafuuraa hin fudhatani. Sababa kanaaf, Yesuusitti amanuun salphaa dha jedhu. Haa ta’u iyyuu malee, hubannoo wangeela dhugaatti dhufuun baayyee salphaa miti. Wangeelli dhugaa bishaanii fi Hafuuraa wangeela sobaatiin taaggolamaa jira.
Namni baayyeen, namoonni waldaa dhaqanii amantii Kiristaanaa dhugaa baanaan mootummaa Waaqayyootti ni galu jedhani ni yaadu. Namoonni baayyeenis kennaa keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu yaalii cimaadhaan, soomaa fi kadhannaatiin argama jedhanii ni yaadu. Haa ta’uu iyyu malee kun dhugaa irraa kan fagaatee dha. Isaan kun afaan haaraatiin dubbachuu fi dinqii tokko-tokko agarsiisuun mallattoo argannaa Hafuura Qulqulluu ti jedhu.
Isaan Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa akka isaan barbaachisu hin amanani. Haa ta’uu iyyu malee, Macaafni Qulqulluun Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf dhugaa dubbii Waaqayyo qofaan akka ta’e ni dubbata. Waaqayyo dhoksaa argannaa Hafuura Qulqulluu karaa dubbii isaatii ibseera.
 
 
Warra keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu barbaadan
 
Yeroo tokko hojjettoota keenya keessaa namoota muraasaa wajjin gara Taayiwaaniin nan dhaqe. Achitti namoonni kitaabolee waa’ee Hafuura Qulqulluu nu gaafatan. Ruusiyaa fi Jaapaanittis haaluma kanumatu nu mudate. Sababii namoonni kitaabolee waa’ee Hafuura Qulqulluu nu gaafataniif isaan waa’ee keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni barbaadu jechuu dha. Namoonni Yesuusiitti yeroo amanan akka Hafuura Qulqulluu fudhatan waan beekan hin qaban sababiin isaa wangeela bishaanii fi Hafuuraa waan hin beekneef.
Yesuusitti kan amanan namoonni hedduun utuu Hafuura Qulqulluu hin fudhatin akka waan qabaataniitti kan dubbatan immoo jiru. Haa ta’u iyyuu malee, namoonni Hafuura Qulqulluu barabaraan kan isaanii wajjin jiraatu fudhatan baayyee muraasa. Namoonni utuu dhuma Yesuus irraa amantii qabanii Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf kan hawwaniif sababa kanaafi.
Kiristaanota biyya lafaa keessaa, namoonni baayyeen muuxannoo Hafuura Qulqulluu qabna kan jedhanii yaadan jiru. Tokko-tokko Yesuus abjuudhaan natti mul’ate jedhu, warri kaan immoo, sababa an seexanoota baasuutti muuxannoo qabaadheef an muuxannoo Hafuura Qulqulluu nan qaba jedhu. Amantiin muuxannoo namaa irraatti hundaa’ee baayyee tu jira. Haa ta’uu iyyuu malee Hafuura Qulqulluu fudhachuu kan danda’an warra wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanan qofaa dha.
Amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraan attamitti akka Hafuura Qulqulluu fudhatan kan ibsu kitaaba tokko iyyuu biyya lafaa kana irraa dhabuu kootti baayyeen raajeeffadhe. Namoonni hedduun waa’ee muuxannoo Hafuura Qulqulluu qaban ni dubbatu, garuu kitaaboleen waa’ee keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu maaliif dhabame? Kitaabolee akkanaa biyya lafaa irraa argachuun isaa baayyee ni shakkama.
Warri utuu Hafuura Qulqulluu hin fudhatin fudhanneerra ofiin jedhanii qoccolan, Yesuusiin iyyuu qaamaan argineerra, mootummaa Waaqayyoo fi sii’oliin iyyuu maal akka inni fakkaatu argineerra jedhu. Isaan kun Yesuus, “Utuu yeroon hin ga’in dhuftan. Biyya lafaa keessaa hojii baayyee dhiiftanii waan dhuftaniif dafaa iddoo keessanitti deebi’aa” nuun jedhe jedhu. Muuxannoo akkanaa qabaachuun hin dandaa’amu. Haa ta’u iyyuu malee Yesuus inni isaan argineerra jedhan sun Yesuus isa dhugaa ti. Utuu cubbuu qabanii attamitti Yesuus isaan quunnamaa? Yesuus cubbamoota keessa ni buufataa?
Bara ammaa kanatti kiristaanonni hedduun Yesuus irraa amantii yoo qabaatan iyyuu Hafuurri Qulqulluu isaan keessa akka hin jiraanne hubatameera. Kanaafuu, nuyi warri Hafuura Qulqulluun keessa keenya jiru akka namoonni Hafuura Qulqulluu fudhataniif wangeela bishaanii fi Hafuuraa ittiin ga’uu qabna. Nama hundumaaf Hafuura Qulqulluun waan barbaachiisuuf wangeela kana namootaan ga’uun nu irra jira. Eenyu iyyuu utuu wangeela kanatti hin amanin Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin danda’u. Karaa wangeela dhugaa bishaanii fi Hafuuraa tiin qofa Waaqayyo kennaa Hafuura Qulqulluu namaaf kenna.
Waaqayyo wangeela bishaanii fi Hafuuraa kana waan nuuf kenneef guddaa isa galateeffachuu qabna. Yeroon kitaaba kana barreessee gammachuu Hafuura Qulqulluu mi’eeffadheera. Yeroo kitaabni kun maxxanfamu, namoonni hedduun amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa qabaataniin keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni fudhatu. Phaawulos, “Yeroo amantan Hafuura Qulqulluu fudhattaniittuu?” (H. Ergamootaa 19:2) jedhe warra bartummaatti dabalamuuf jedhan gaafate.
Nuyi hundi keenya Hafuura Qulqulluu fudhachuu nu barbaachisa. Kiristaanonni addunyaa kana irra jiran hundi bara tabjaajjaa’aa kana keessa Hafuura Qulqulluu fudhachuu barbaadu. Karaa Macaafa Qulqulluutiin akkaataa Hafuurri na geggeessutti karaa namoonni Hafuura Qulqulluu fudhachuu dandaa’an lallabaan jira. Jireenya quubsaa jiraachuudhaaf, dhugaa keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu of keessaa qabaachuu nu barbaachisa. Laphee kee guutuudhaan Hafuura Qulqulluu fudhachuuf kun yeroo isa dhumaa waan ta’eef.
Akka namni hundinuu Hafuura Qulqulluu fudhataniif wangeela lallabuuf waanan dirqama qabu natti fakkaata sababaiinsaa Yesuus Kiristoos wangeela bishaanii fi Hafuuraa natti kennee kennaa Hafuuraa Qulqulluutiinis waan na gonfeef.
 
 
Namni hundinuu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu isaa barbaachisa
 
Bartoonni Yesuus akkaataa isaan warra kaan kennaa Hafuura Qulqulluu fudhachiisan Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee jira. Warri hin amanne iyyuu Hafuura Qulqulluu fudhachuuf akkuma bartootaattii amanuu isaan barbaachisa. Ormoonni warri hin amanne amantii isa ergamoonni qabaachaa turan amantii wangeela bishaanii fi Hafuuraa qabaachuu qabu. Warri hin amannes taanaan Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraa irraa amantii qabaachuu barbaachisa. Qorneelewos namni ormaa kennaa Hafuura Qulqulluu akka argatuuf jireenyi isaa wangeela bishaanii fi Hafuuraan waan haara’uu qabuuf Waaqayyo Pheexirosiin gara isaatti ergeera.
Warri Yihudota keessaa amanan warra ormoota keessaa amanan irratti Hafuurri Qulqulluu gad bu’uu isaa yommuu argan ni dinqisiifatan. Pheexiros wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabaa turee gara Yerussalemitti yeroo deebi’ee, warra dhaqna qabatan isa ceephaa’an. “Ati immoo mana warra dhaqna hin qabatiinii dhaqxee isaanii wajjin nyaatte iyyuu mitii?” (H. Ergamootaa 11:3) Pheexiros garuu jalqabaa kaasee waan ture hundumaa isaaniif ibse.
Pheexiros wantoota armaan gadii isaaniif ibseera, H. Ergamootaa 11:5-17. “Mandaraa Yoophee keessatti kadhata godhachaa utuun jiruu, of wallaaleen mul’ata arge kunoo, wanti akka baallee uffata guddaa, mataa arfaniin hidhamee, waaqa irra gad buufame, dhufee ana bukkee bu’e; Hubadhee yeroon ilaalees bineensa lafa irraa miilla afur qaban, bineensota wal nyaatan, kan munyuuqan, qilleensan irra kan balali’anis isa keessatti nan arge. Sagaleen, ka’ii Pheexiros, ‘qaliitii, nyaadhu!’ naan jedhuun immoo dhaga’e. Ani immoo deebisee, “Matumaa kun hin ta’u, yaa gooftaa, wanti ciiggaasisaan xuraa’aatti lakkaa’amu takkaa afaan koo lixee hin beeku” nan jedheen. Sagalichi, waaqa irraa immoo deebisee, Waaqayyo kan qulqulleesse ati xuraa’aatti hin ilaaliin!” jedhe. Kun si’a sadii ta’e. Kana booddee, akkuma jirutti deebi’ee gara waaqaatti ol fuudhame. Yommusuma jarri sadii warri Qiisaariyaadhaa gara kootti ergaman, mana ani ture sana dhufan. Hafuurri Qulqulluun, garaagarummaa tokko illee utuu hin argisiisiin isaanii wajjin, akkan dhaquu natti hime. Obboloonni ja’a, as na bira jiranis, ana wajjin dhaqanii, hundumti keenyas mana Qorneelewosiitti galle. Qorneelewos immoo ergamaa Waaqayyoo mana isaa keessatti akka arge ergamichi, Yoopheetti nama ergi, Simoon isa Pheexiros jedhamu waamsisi, inni dubbii atii fi warri manaa kee hundinuu ittiin fayyitan sitti hin himaa” akka ittiin jedhe nutti hime. Yeroo ani dubbachuu jalqabetti, Hafuurri Qulqulluun, akkuma jalqaba nu irratti bu’etti, isaan irra bu’e. Yommus isa gooftaan, “Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu Hafuura Qulqulluuudhaan ni cuuphamtu” jedhe nan yaadadhe. Egaa isaan akkuma keenya gooftaa Yesuus Kiristoositti yeroo amanan, Waaqayyo kennaa Hafuuraa isa nuuf kenne, isaan kanaafis erga kennee, ‘an eenyuun ta’eetan Waaqayyoon dhowuu dandeenyaaree’ jedhe.”
Pheexiros mana namicha dhaqna hin qabatinii dhaqee wajjinis nyaachuu isaa qofa osoo hin taane, wangeelaa fi haala geggeessaa Hafuura Qulqulluu isaanitti dubbate. Yeroo waa’ee kanaa dhaga’an cal-jedhanii Waaqayyoon isa qalbii diddiirrannaa maatii Qorneelewos fi firoota isaa hundumaaf kenne galateeffatan.
 
 
Hafuura Qulqulluu fudhachuuf Barsiisa ergamootaa
 
Ergamni ergamootaa inni guddaa maalii?
Akka namoonni fayyanii Hafuura Qulqulluu akka fudhataniif wangeela bishaanii fi Hafuuraa labsuu dha.
 
Ergamoonni dhuguma wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabaniiruu? Jalqaba akka Pheexiros wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanee mirkaneeffachuu qabna. Macaafa Qulqulluu keessatti, Pheexiros akkana jedhe, “Cuuphaan fakkeenya isa isin amma ittii ooltanii dha” (1 Pheexiros 3:21). Ergamaan Pheexiros akka Yesuus cuuphaa fi dhiiga fannoo isaatiin akka cubbuu keenyattii nu fayyisee dhuguma amaneera. Akkasumas yeroo cuuphame (Maatewos 3:15), cubbuun hundi gara isaatti akka darbee fi sababii kanaafis Yesuus akka gara du’aa dhaqee, booda immoo du’aa ka’e beekamaa dha.
Bara ammaa kanattis kan akka Pheexirosiin amantii qaban jiru. Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallaban hundi warra wangeela isa Pheexiros lallabaa ture lallabanii dha. Dhugaan kun keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu argachiisuuf ga’aa dha.
Akkuma yeroo Pheexiros wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabe namoonni baayyeen Hafuura Qulqulluu fudhatan, ammas yeroo nuyi wangeela dhugaa sana lallabnu utuu namoonni Hafuura Qulqulluu fudhatanii ni argina. Namoonni dubbii ifa hin taaneen Yesuusiin akka gooftaatti amanatan Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin danda’an, Hafuura Qulqulluu fudhachuun kan dandaa’amu wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amanuu dhaani.
Pheexiros jalqabatti warri dhaqna hin qabanne akka raammoo lafa irra yaa’uutti ilaalaa ture. Akka seeraatti, utuu Yesuus cuuphamee, fannoo irratti du’ee du’aa hin ka’in dura, akka bineensa xuraa’aatti lakkaa’amaa turan. Haa ta’u iyyuu malee, oromoonni warri dhaqna hin qabanne kun wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuudhaan keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu danda’aniiru. Kanaafuu sagaleen Pheexirositti akkana jedhu ni dubbatame, “Waaqayyo kan qulqulleesse ati xuraa’aatti hin ilaaliin!” (H. Ergamootaa 10:15).
Nuyi ormoonni Hafuura Qulqulluu fudhachuu hin dandeenyu turre, garuu wangeela bishaanii fi Hafuuratti amanuudhaan keessaa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu iyyuu ni qabaanna. Namootuma fedhii isaaniitiin guutamanitti iyyuu wangeela yoo obsaan lallabne gara dhugaa wangeelaatti dhufanii Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni danda’u. Wangeela bishaanii fi dhiiga Yesuusiin amanatanii akka cubbuu isaaniitti qullaa’an utuu isaan dhugaa ba’an ni argina. Haala kanaatiin keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu ni fudhatu.
Kaayyoon lallaba keenyaa dhugaa kana namoota hubachiisuu qofa osoo hin taane akka isaan Hafuura Qulqulluu fudhataniif isaan qajeelchuu dha. Warri wangeela nuyi lallabnutti amanan dhiifama cubbuu argachuun isaanii dhugaa qabatamaa tokko. Akkasumas yeroo barbaachisaa ta’etti keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhachuu isaanii ti. Kaayyoon keenya wangeela namootatti lallabuu qofa osoo hin taane akka isaan keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhataniif.
Wangeela bishaanii fi Hafuuraa haala kana keessatti namoota warra dhaggeeffachuu barbaadanitti lallabuu qabna. Wangeeluma namootatti lallabnee dhiisuu yoo ta’e waan hojjenne balleessuu dha. Wangeelli kun gara keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluutti akka nama geessuu hubachuun keenya murteessaa dha. Kana sammuu keenya keessa kaa’annee yeroo lallabnu, akka ibiddi bosona gogaa qabatee biyya lafaa waliin ga’uu, ibiddi hafuura qulqulluu nama hundumaa waliin ga’a.
Lallabaan tokko wangeelli kun biyya lafaa gara Hafuura Qulqulluu fudhachuutti akka nama geessu yeroo amanu, tajaajilli kun akka namni Yesuusitti amanuu qofaaf hubachiisuu qofa akka hin taanee fi akka isaan keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhataniif gargaaruu dha. Kanaafuu yeroo ammaa kanatti wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabuu qabna.
Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf namni wangeela keenya gurra isaatiin dhaggeeffatee garaa isaatiin itti amanuu tu irraa eegama. Wangeelli nuyi lallabnu jireenya namootaa irratti jijjiirama guddaa akka fidu beekamaa dha. Humni wangeelaa aboo fi eebba Waaqayyoo ti.
Pheexiros lallabaa Yihudootaa, Phaawulos immoo kan ormootaa ti. Pheexiros yeroo mana gubbaa irratti kadhate bantiin waaqaa banamee wanti guddaa akka waraqata maramaa fakkaatu tokko golee arfan irraa mataa isaa irraatti utuu bu’uu arge. Wanticha keessa bineensota akka Macaafa Qulqulluutti nyaataaf dhorkaman hundinuu keessatti galmaa’anii jiru.
Pheexiros takkaa waan xuraa’aa hin nyaanne. Haa ta’uu iyyuu malee Waaqayyo akka inni qalee nyaatuuf abboome. Kanaaf Pheexiros tabjaajja’ee akkana jedhe, “Matumaa kun hin ta’u, yaa gooftaa! Wanti ciiggaasisaan xuraa’aatti lakkaa’amu takkaa afaan koo hin lixne” jedhe. Garuu sagaleen waaqa irraa, “Waaqayyo kan qulqulleesse ati xuraa’aatti hin ilaaliin” jedhe. Kun maal agarsiisaa? Yesuus cubbuu biyya lafaa hunda cuuphaa isaatiin akka irraa kaase nama hundumaaf akka du’e agarsiisa.
Hiikaan mul’ata kana Waaqayyoo nama hundumaa ormoota cubbuu warra xuraa’ootti lakkaa’aman hunda gara ofii isaatti fudhatee isaanis amantiidhaan qullaa’aanii ijoollee Waaqayyoo ta’uu akka dandaa’a n agarsiisa.
Pheexiros utuma Hafuura Qulqulluu fudhatee jiruu akka seera bara Kakuu Moofaatti yaadaa ture. Garuu Pheexiros qalbii diiddiirratee Yesuus cubbuu ormootaa iyyuu akka dhiqee balleesse hubateera. Pheexiros hiikkaa wangeela bareedaa gad fageenyaan ilaaluu eegale. Yeroo inni dubbii Waaqayyoo lallabetti warra isa dhaggeeffatan irratti Hafuurri Qulqulluun gad bu’e.
Lallaboonni bara ammaa akka isaan Hafuura Qulqulluu qabaniif hin qabaanne isaanii attamitti beekuun danda’amaa? Kun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amananii fi hin amannee isaaniitu murteessa. Yeroo lallabaa ta’e wangeela bareedaatti amaneera yoo ta’e keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu fudhateera jechuu dha. Hafuurri Qulqulluun lallabicha keessa jiru abbaa sana keessa ni buufata. Lallabichi fi dhaggeeffataan sun akka hiriyaa ijoolleetti waliiwajjin ni jiraatu. Jaalala Waaqayyo walii-walii isaanii keessatti ni argu. Lallabaan sun dhaggeffataan isaa utuu inni sirriitti mucaa Waaqayyoo ta’uu ni arga.
Yeroo wangeela lallabnu, battala amantoonni sun wangeela bishaanii fi Hafuuraatti amananitti utuu Hafuurri Qulqulluun isaan irra bu’uu ni argina. Kun muxannoo fayyinaattii adda miti. Sababii nuyi wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabnuuf kanaafi. Wangeelli nuyi lallabnu wangeela gara Hafuurra Qulqulluu fudhachuutti kan nama geessuu dha.
Warri keessa namaa buufachuu Hafuura Qulqulluu qaban ijoollee Waaqayyoo ti. Wangeelli bishaanii fi Hafuuraa yaada ykn ti’yoorii hundee amantii dhaabbattoota waldaa kiristaanaa osoo hin taane namni hundinuu amantii dhugaatti dhufee Hafuura Qulqulluu fedhatee ijoollee Waaqayyoo kan nama godhu dubbii Waaqayyoo ti. Kun attam eebba guddaa dha! Kun attam wangeela dinqii dha! Hojiin isaa attam dinqii dha! Warri wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallaban mootummaa Waaqayyoo ni ijaaru. Nuyi wangeelicha salphaatti ni lallabna, warri itti amanan garuu Hafuura Qulqulluu ni fudhatu.
Namoonni tokko-tokko Yesuusitti amanuu fi Hafuura Qulqulluu fudhachuun garaagarummaa qaba jedhu. Kanaafuu kiristaanonni biyya lafaa ganaa Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf dhimmanii kadhachaatti jiru. Haa ta’u iyyuu malee Macaafni Qulqulluun yeroo ergamoonni lallabaa turan warra itti amanan irratti Hafuurrii Qulqulluun gadi bu’eera jedha. Kiristaanonni biyya lafaa dhar’aa argannaa Hafuura Qulqulluu keessa jiru. Wangeelli nuyi lallabnu fedhii isaanii guddisee ni guuta. Sababii kanaaf wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabuuf itti gaafatama qabna. Nuyi dhaaltota ijoollee Waaqayyoo waan taaneef amanamummaan hojjechuu qabna.
Ergama keenya garaa keessa kaa’achuudhaan wangeela lallabnee akka isaan Hafuura Qulqulluu fudhatan gochuu qabna. Tajaajiltoonni utuu warra kaanitti wangeela hin himin dura waa’ee wangeela bishaanii fi Hafuuraa sirriitti beekuu isaan barbaachisa. Yoo akkas ta’e warrii dhagaa’anii itti amanan Hafuura Qulqulluu fudhachuu ni danda’u. Haala kanaatiin, jireenya barabaraa warra kaanitti dabarsuu dandeenya. Kaayyoon biraa immoo humna dukkanaa keessaa ba’anii akka isaan mootummmaa Waaqayyootti galaniifi. Tajaajiltoonni dhugaa namoota mootummaa dukkanaa keessaa baasanii gara mootummaa Ilma Waaqayyoo isa jireenya qabuutti dabarsu. Cubbamoota gara ijoollee Waaqayyootti dabarsuun hojii guddaa dha.
Namoonni hedduun karaa ittiin Hafuura Qulqulluu fudhatan waan hin beekneef yaalii ofii isaaniitiin fudhachuu barbaadu. Haa ta’u iyyuu malee, shaakalli akkanaa akka inni duwwaa nama godhu beekamaa dha. Cubbuuttii bilisoomnee Hafuura Qulqulluu fudhachuudhaaf amantii wangeela irratti hundaa’e nama barbaachisa.
Hafuura Qulqulluu attamitti fudhattee? Kadhannaa dhaani? Ykn harka irra kaa’uu dhaani? Lakki, kun karaa isaa miti. Hafuura Qulqulluu kan fudhannu yeroo wangeela bishaanii fi Hafuuratti amannuu dha. Akka namni hundinuu Hafuura Qulqulluu fudhatuuf kadhachuu fi wangeela lallabuu qabna.
Jechi, “Ergamaa” jedhamu, nama Waaqayyoon ergame jechuu dha. Hojiin ergamootaa maalii? Akka namoonni Hafuura Qulqulluu fudhataniif wangeela bishaanii fi Hafuuraa lallabuu dha. Hojii kana keessaa qooda fudhachuudhaaf nu wajjin hojjechuu ni barbaaddaa? Nuyi hundumti keenya keessa namaa jiraachuu Hafuura Qulqulluu fudhannee warra kaanitti wangeela lallabuu qabna. Haleeluyaa! Wangeela dhugaa isa gooftaan akka nuyi ittin Hafuura Qulqulluu fudhannu godheef galati haa ta’u.