Oromo 5
Choose your preferred file format and safely download to your mobile device, PC, or tablet to read and listen to the sermon collections anytime, anywhere. All eBooks and AudioBooks are completely free.
Wangeelli bishaaniifi Hafuuraa Qajeelummaa Waaqayyoo ti!
Dubbiin kitaaba kana keessaa dheebuu garaa namaa kan baasuu dha. Kiristaanonni bara kanaa rakkoo cubbuu guyyaa-guyyaatti nama mudatuuf furmaata sirrii ta’e otoo hin argatin deddeebi’aa jiru. Qajeelummaan Waaqayyoo maal akka ta’e beekta? Gaaffii kana of-gaafattee qajeelummaan Waaqayyoo akka hubattu nan abdadha.
Qajeelummaan Waaqayyoo wangeela bishaaniifi Hafuuraa keessatti mul’ifame. Haa ta’u iyyuu malee, namoota amala waaqeffannaan dessssddeebi’an jalaa akka callee gati-jabeessaa nama jalaa bade ija isaanii duraa dhokatee jira. Haaluma kanaan, sababa kanaaf namoonni hedduun qajeelummaa Waaqayyoo dhiisanii qajeelummaa mataa isaaniitti hirkatu. Kanaafuu, barsiisni hundee amantii amaleeffata waldaa kiristaanaa amantoota gara qajeelummaa Waaqayyootti fiduu hin dandeenye.
Barsiisni filannoo duraan-dursaa, kiristaanni tokko al-takkaa qajeelaa fi cubbamaa dha kan jedhuu fi qullaa’ummaan suuta-suutaa hojii gaarii keessaan kan dhufuu dha kan jedhamu barsiisa waldaa kiristaanaa keessatti amaleeffatamee dha. Haa ta’u iyyuu malee kiristaanonni hedduun gara qajeelummaa Waaqayyootti deebi’anii amantii dhugaa irra akka jiran mirkaneeffachuu isaan barbaachisa.
Kitaabni,“Gooftaa keenya isa Qajeelummaa Waaqayyoo ta’e” jedhu kun hubannoo guddaa namaa kennee gara nagaa Waaqayyootti nama geessa. Barreessaan kitaaba kanaa akka ati qajeelummaa Waaqayyoo gonfamtee jireenya argattuu dha. Eebbi Waaqayyoo yeroo hunduma si duukaa haa ta’u!
Although the Covid-19 pandemic has ended, there are still difficulties in sending or receiving our printed books by mail due to various difficult international situations. When the international situation improves and mailing normalizes, we will resume mailing printed books.