Search

សៀវភៅបោះពុម្ព សៀវភៅជាសម្លេង
និងសៀវភៅអេឡិចត្រូនិកដែលឥតគិតថ្លៃ

ព្រះយេស៊ូវគ្រីស្ទ និងលោកយ៉ូហាន-បាទ្ទីស

Walitti Dhufeenya Tajaajila Yesuusiifi Tajaajila Yohaannis Cuuphaa Akka Wangeelota Afuran Keessatti Galmaa'ee Jiruutti
  • ISBN9788928209132
  • ទំព័រ356

អ័រម៉ូម៉ា 21

Walitti Dhufeenya Tajaajila Yesuusiifi Tajaajila Yohaannis Cuuphaa Akka Wangeelota Afuran Keessatti Galmaa'ee Jiruutti

Rev. Paul C. Jong

Gabatee Qabiyyee

Seensa 
1. Tajaajila Yohaannis Cuuphaa Beektee Itti Amanuu si barbaachisa (Maarqos1:1-2) 
2. Yohaannis Cuuphaan Hin Kufne (Maatewoos 11:1-14) 
3. Yohaannis Cuuphaa Isa Daandii Qajeelummaa Irra Dhufe (Maatewos 17:1-13) 
4. Tajaajila Yohaannis Cuuphaa Ilaali! (Luqaas 1:17-23) 
5. Kottaa Ulfina Waaqayyootti Haa Gammdnu (Yohaannis 1:1-14) 
6. Tajaajila Garboottan Waaqayyoo Lamaanii Barteetta? (Yohaannis 1:30-36) 
7. Yesuus Maaliif Cuuphamee? (Yohaannis 3:22-36) 
8. Wangeela Dhugaa fi Qajeelummaa Yesuus Hojjete Labsi (Maatewos 3:1-17) 
9. Hariiroo Hojii Yohaannis Cuuphaa fi Wangeela Araaraa (Maatewos 21:32) 
10. Yesuus Isa Cubbuu Keenya Nu Irraa Haquuf Dhufe (Maatewos 3:13-17) 
11. “Kunoo, ani ergamaa kiyya isa karaa sii kopheessu, si dura nan erga” (Maarqos 1:1-5) 
12. Yohaannisiin Hubachuudhaan Yesuusitti Haa amannu (Luqaas 1:1-17)
 
Macaafni Kakuu Haaraa wangeelota afuran, isaanis; wangeela Maatewos, wangeela Maarqos, wangeela Luqaas, wangeela Yohaannis. Wangeela afuran kun tajaajila Yohaannis cuuphaa tajaajila Yohaannis cuuphaatiin eegalu. Otoo tajaajila Yohaannis cuuphaa hin hubatin tajaajila Yesuus Kiristoosiin nan beeka jechuun hin dandaa'amu. Yoo akkas ta'e, "Tajaajilli Yohaannis cuuphaa wangeelota keessatti galmaa'ee jiru baayyee barbaachisaa dha?" jennee ofii keenya gaafachuu qabna.Yesuus Yohaannis ilaalchisee, "Yoo fudhattaniif Eliyaas inni ni dhufa jedhame isa kana" jedhee warra kaanitti dubbateera (Maatewos 11:14). Yohaannis cuuphaan hojii addaa lafa kana irratti hojjechuudhaaf Waaqayyo biraa kan ergamee dha. Yesuusis, Mootummaan Samii bara Yohaannis cuuphaatii jalqabee hanga ammaatti humnaan dhiibachaa jira; Namoonni dhiibatanis humnaan mootummaa sana argatu (Maatewos 11:12). Dhugaa nuti beekuu qabnu, Yohaannis cuuphaan lafa kana irratti akka dhalatee fi yeroo inni Yesuusiin cuuphee cubbuun biyya gara Yesuusitti darbuu isaa ti. Haala kanaan Yesuus cubbuu biyya lafaa gara mataa isaatti fudhate. Waaqayyo namni tajaajila Yohaannis cuuphaa kanaa fi tajaajila Yesuus kennetti amanu akka isaan dhiifama cubbuu argatan godhe. Wangeelli Maatewos 11: 12-14 dhugaa kana kan ibsuu dha. Wangeelli bishaaniifi Hafuuraa dhugaa ta'uu isaa hubanneerra? Dhugaa ta'uu isaa hubannee yoo fudhanne, tajaajilli Yohaannisiifi Yesuus guutuu ta'uu isaa ni hubanna. Namoonni tajaajila Yohaannis cuuphaa hin hubanne wangeela bishaaniifi hafuuraa hubatanii jireenya dhugaa argachuu hin danda'u. Namoonni hedduun tajaajila Yohaannis cuuphaa cal'isuu isaaniitiifi iyyuu akka waan waan tokko dhabaniitti illee lakkaa'atanii hin ilaalan, Namoonni Yesuusitti amanneerra ofiin jedhan tokko-tokko iyyuu tajaajila Yohaannis cuuphaa kan cal'isanii taa'an hedduu dha. Kanaaf tajaajila Yohaannis cuuphaan namoota hedduutti bitaa galee jira. Sababiinsaa bara dheeraadhaaf kiristaanonni hedduun utuu hin beekin tajaajila Yohaannis cal'isanii jiraachaa turan waam ta'eef.
ទាញយកសៀវភៅអេឡិចត្រូនិក
PDF EPUB

សៀវភៅដែលទាក់ទងនឹងចំណងជើងនេះ